MATA DUREE QOʼANNAA 12
Waaʼee Yihowaa Uumamarraa Caalaatti Baradhu
“Amalawwan isaa warri ijaan hin argamne, uumama addunyaatii jalqabee ifatti mulʼatu; sababiin isaas, . . . wantoota uumaman irraa ifatti hubachuun ni dandaʼama.”—ROM. 1:20.
FAARFANNAA 6 Samiin Ulfina Waaqayyoo Hima
QABIYYEEa
1. Karaan Iyyoob caalaatti Yihowaa beekuu itti dandaʼe inni tokko maalidha?
IYYOOB yeroo adda addaatti namoota garaa garaa wajjin haasaʼeera; wanti Yihowaa wajjin haasaʼe garuu baayʼee addadha. Yihowaan ogummaa isaa fi dandeettii tajaajiltoota isaa kunuunsuuf qaburratti amanannaa qabu akka guddifatu Iyyoobiin gargaaruuf, amaloota addaa uumamawwan isaa tokko tokko qaban caqaseera. Fakkeenyaaf, Waaqayyo bineeldotaaf wanta isaan barbaachisu akka isaaniif kennu isa yaadachiiseera; kanaafuu, Iyyoobiinis kunuunsuu ni dandaʼa jechuudha. (Iyo. 38:39-41; 39:1, 5, 13-16) Iyyoob uumama ilaaluudhaan waaʼee amaloota Waaqayyoo barumsa hedduu argateera.
2. Uumamawwan Yihowaa qorachuuf yeroo ramaduun rakkisaa nutti taʼuu kan dandaʼu maaliifi?
2 Nutis wantoota Waaqayyo uume qorachuudhaan waaʼee isaa caalaatti beekuu dandeenya. Yeroo tokko tokko garuu akkas gochuun rakkisaa nutti taʼuu dandaʼa. Kan jiraannu magaalaa keessa yoo taʼe uumamawwan hedduu guyyaa guyyaadhaan arguu dhiisuu dandeenya. Baadiyyaa keessa kan jiraannu yoo taʼellee uumama qorachuuf yeroo akka hin qabne nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Kanaafuu, uumama qorachuuf yeroo ramaduun keenyaa fi carraaqqii gochuun keenya kan nu fayyadu akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Yihowaa fi Yesuus barsiisuuf uumamatti kan fayyadaman akkamitti akka taʼee fi uumamarraa barumsa dabalataa argachuuf maal gochuu akka dandeenyu ilaalla.
UUMAMAAF XIYYEEFFANNAA KENNUU KAN QABNU MAALIIFI?
3. Yihowaan Addaam uumama ilaaluudhaan akka gammadu barbaadee akka ture wanti argisiisu maalidha?
3 Yihowaan Addaam uumamatti akka gammadu barbaadee ture. Yeroo isa uumetti jannata bareedduu taate keessa akka jiraatu godheera; jannata sana akka misoomsuu fi akka babalʼisus hojii isaaf kenneera. (Uma. 2:8, 9, 15) Addaam sanyiin dhaabe yeroo biqiluu fi abaaboon yeroo daraaru arguu isaatti hammam akka gammadu tilmaamuu dandeessa. Iddoo biqiltuu Eedan kunuunsuuf mirga argachuun isaa ulfina guddaadha! Yihowaan bineeldota garaa garaatiif maqaa akka baasus Addaamiif mirga kenneera. (Uma. 2:19, 20) Yihowaan ofuma isaatiin hunduma isaaniitiif maqaa baasuu ni dandaʼa ture; taʼus hojii kana Addaamiif kenneera. Addaam maqaa isaaniif baasuu isaa dura bineeldota sana of eeggannoodhaan qoratee amala addaa isaan qaban adda baafachuuf akka yaale hin shakkisiisu. Addaam hojii kanatti gammadee taʼuu qaba. Hojiin kun Abbaan isaa hammam ogeessa akka taʼe, akkasumas wantoonni inni uume kan nama hawwatanii fi mimmiidhagoo akka taʼan caalaatti hubachuuf carraa akka isaaf bane beekamaadha.
4. (a) Sababiin uumama qorachuuf nu kakaasu tokko maalidha? (b) Wantoota Yihowaan uume keessaa wanti caalaatti si ajaaʼibsiisu isa kami?
4 Sababiin uumama qorachuuf nu kakaasu tokko Yihowaan akkas akka goonu kan barbaadu taʼuu isaati. Yihowaan, “Ija keessan gara samiitti ol kaasaatii ilaalaa” jedhee nu affeereera. Achiis gaaffii, “Wantoota kana kan uume eenyu?” jedhu nuuf dhiheesseera. Deebiin isaa ifadha. (Isa. 40:26) Yihowaan samii qofa utuu hin taʼin, laftii fi galaannis uumamawwan ajaaʼibsiisoo barumsa irraa argachuu dandeenyuun akka guutaman godheera. (Far. 104:24, 25) Mee Waaqayyo akkamitti akka nu uume yaadi. Dandeettii uumamawwan babbareedoo dinqisiifachuu akka qabaannu godhee nu uume. Dandeettii ilaaluu, dhagaʼuu, tuttuquu, dhandhamuu fi fuunfachuu waan qabnuuf wantoota inni uume garaa garaatti gammaduu ni dandeenya.
5. Roomaa 1:20 irratti akka ibsametti, wantoota Yihowaan uume qorachuun keenya kan nu fayyadu akkamitti?
5 Kitaabni Qulqulluun sababii guddaa uumama qorachuuf nu kakaasuu qabu kan biraas ni ibsa. Waaʼee amaloota Yihowaa uumamarraa barachuu dandeenya. (Roomaa 1:20 dubbisi.) Fakkeenyaaf, waaʼee diizaayinii dinqisiisaa uumamarratti mulʼatuu yaadi. Waaqayyo ogeessa akka taʼe kan argisiisu mitii? Waaʼee nyaata garaa garaa soorannus yaadi. Ilmaan namootaatiif jaalala akka qabu ifatti kan argisiisu mitii? Wantoota Yihowaan uumerraa waaʼee amaloota isaa yeroo barannu caalaatti isa beekna, akkasumas isatti dhihaachuuf kakaana. Mee amma karaawwan Yihowaan ilmaan namootaa barsiisuuf uumamatti itti fayyadame muraasa haa ilaallu.
YIHOWAAN WAAʼEE ISAA NU BARSIISUUF UUMAMATTI FAYYADAMEERA
6. Simbirroota godaanan ilaaluudhaan maal barachuu dandeenya?
6 Yihowaan yeroo wantoonni garaa garaa itti taʼan murteesseera. Israaʼelonni waggaa waggaadhaan dhuma Guraandhalaa fi walakkeessa Caamsaa gidduutti allaattiiwwan awwaannisaa gara kallattii kaabaatti yeroo godaanan ni argu turan. Waaqayyo, “Allaattiin awwaannisaa illee waqtii ishii beekti” jedhee Israaʼelotatti himeera. (Er. 8:7) Yihowaan akkuma allaattiiwwan kanaaf waqtii isaanii murteesse, yeroo murtii isaa itti raawwachiisus murteesseera. Yeroo harʼaatti simbirroota godaanan yeroo arginu, Yihowaan ‘yeroo murteeffametti’ addunyaa hamaa kana akka balleessu amanuu akka dandeenyu yaadanna.—An. 2:3.
7. Akkaataa simbirri tokko itti balaliʼu ilaaluudhaan maal barachuu dandeenya? (Isaayyaas 40:31)
7 Yihowaan tajaajiltoota isaatiif humna ni kenna. Yihowaan tajaajiltoonni isaa yeroo akka dadhaban isaanitti dhagaʼamu ykn yeroo abdii kutatanitti, “akkuma risaatti qoochoodhaan” akka ol baʼaniif cimina akka isaaniif kennu karaa Isaayyaas waadaa galeera. (Isaayyaas 40:31 dubbisi.) Israaʼelonni yeroo baayʼee risaan gara samiitti ol baʼee carraaqqii tokko malee yeroo balaliʼu ni argu turan. Kana beekuun keenya Yihowaan akkuma allaattii kanaaf humna kenne, nuufis humna nu barbaachisu nuuf kennuu akka dandaʼu nu yaadachiisa! Allaattii samii keessa ol fagaatee balaliʼu yeroo argitu, Yihowaan cimina rakkina kee dandamachuuf si barbaachisu siif kennuu akka dandaʼu yaadadhu.
8. Iyyoob wantoota Yihowaan uumerratti yaaduun isaa kan isa fayyade akkamitti? Nutoo kanarraa maal baranna?
8 Yihowaarratti amantii qabaachuu qabna. Yihowaan amantii isarratti qabu akka guddifatu Iyyoobiin gargaareera. (Iyo. 32:2; 40:6-8) Yeroo Iyyoobiin haasofsiisaa turetti urjiilee, duumessaa fi bakakkaa dabalatee uumamawwan hedduu caqaseera. Gafarsaa fi farda dabalatee waaʼee bineeldota garaa garaas dubbateera. (Iyo. 38:32-35; 39:9, 19, 20) Wantoonni kun hundi Waaqayyo humna ajaaʼibsiisaa taʼe akka qabu qofa utuu hin taʼin, jaalallii isaa fi ogummaan isaa guddaa akka taʼes nuuf mirkaneessu. Iyyoob Yihowaa wajjin wantoota kanarratti erga mariʼatee booda amantiin isarratti qabu caalaatti cimeera. (Iyo. 42:1-6) Nutis uumama yeroo qorannu Yihowaan ogummaa gita hin qabne akka qabuu fi nu caalaa humna akka qabu yaadanna. Inni wanta qorumsa nutti taʼu hundumaa balleessuu ni dandaʼa, ni balleessas. Dhugaan kun amantii isarratti qabnu nuuf cimsa.
YESUUS WAAʼEE ABBAA ISAA BARSIISUUF UUMAMATTI FAYYADAMEERA
9-10. Aduu fi bokkaan waaʼee Yihowaa maal nu barsiisu?
9 Yesuus wantoota Yihowaan uume hundumaa akka gaariitti beeka. Yeroo Abbaan isaa wantoota hawaa keessa jiran uumetti “hojjetaa dandeettii qabu” taʼee isa wajjin hojjechuuf mirga argateera. (Fak. 8:30) Boodas, yeroo gara lafaa dhufetti barattoota isaa waaʼee Abbaa isaa barsiisuuf uumamatti fayyadameera. Mee wantoota inni barsiise muraasa haa ilaallu.
10 Yihowaan namoota hundumaatti jaalala argisiiseera. Yesuus lallaba isaa isa gaaraarratti ifa aduu fi bokkaa caqaseera; namoonni baayʼeen wantoota kanaaf xiyyeeffannaa hin kennan. Jireenyi akka itti fufu gochuuf garuu wantoonni kun lamaanuu barbaachisoodha. Yihowaan namoota isa hin tajaajille wantoota kana dhowwachuu ni dandaʼa ture. Inni garuu jaalalaan kakaʼee hundi keenyayyuu aduu fi bokkaa akka argannu godheera. (Mat. 5:43-45) Yesuus, Yihowaan namoota hundumaatti jaalala argisiisuu akka barbaadu barattoota isaa barsiisuuf fakkeenya kanatti fayyadameera. Yeroo aduun lixxu ykn yeroo bokkaan roobu jaalala Yihowaan namoota hundumaatti argisiiserratti xiinxaluu dandeessa. Fakkeenyi isaa kun namoota hundaaf lallabuudhaan jaalala akkasii argisiisuuf nu kakaasuu dandaʼa.
11. Simbirroota samii ilaaluudhaan jajjabina akkamii argachuu dandeenya?
11 Yihowaan wanta jireenyaaf nu barbaachisu nuuf kenna. Kana malees, Yesuus akkana jedhee barsiiseera: “Simbirroota samii hubadhaa ilaalaa; isaan sanyii hin facaasan yookiin hin haaman yookiin gootaraatti hin galchan; taʼus Abbaan keessan inni samii isaan soora.” Tarii yeroo Yesuus namoota walitti qabamanii turaniin, “Maarree isin isaan caalaa gatii guddaa hin qabdanii?” jedhee gaafatetti, namoonni sun simbirroonni yeroo balaliʼan ol jedhanii arguu ni dandaʼu taʼa. (Mat. 6:26) Yesuus karaa jaalalarratti hundaaʼe kanatti fayyadamuudhaan Yihowaan wanta jireenyaaf nu barbaachisu akka nuuf kennu akka hubannu nu gargaareera. (Mat. 6:31, 32) Yeroo ammaattis tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon barumsa uumamarraa argamurraa jajjabina argachaa jiru. Qajeelchituun dargaggeettii taatee fi Ispeen keessa jiraattu takka iddoo jireenyaa mijataa taʼe argachuu waan hin dandeenyeef baayʼee gadditee turte. Simbirroota midhaan funaananii fi goraa nyaatan yeroo argitu garuu ni jajjabaatte. “Simbirroota sana arguun koo Yihowaan akka isaan kunuunsuu fi anas akka kunuunsu na yaadachiiseera” jetteetti. Sana booda utuma baayʼee hin turin mana jireenyaa argatteetti.
12. Maatewos 10:29-31 irratti akka ibsametti, dimbiixiiwwanirraa waaʼee Yihowaa maal baranna?
12 Yihowaan dhuunfaatti iddoo guddaa nuuf kenna. Yesuus ergamoota isaa tajaajilaaf erguu isaa dura mormii isaan mudatu akka hin sodaanne isaan gargaareera. (Maatewos 10:29-31 dubbisi.) Simbira Israaʼel keessatti baayʼee beekamtu tokko akka fakkeenyaatti fayyadameera; simbirri kunis dimbiixiidha. Bara Yesuusitti simbirroonni kun gatii gad aanaadhaan gurguramu turan. Taʼus barattoota isaatiin, “Isaan keessaa ishiin tokko illee utuu Abbaan keessan hin beekin lafa irra hin buutu” jedheera. Itti fufuudhaanis, “Isin dimbiixiiwwan hedduu caalaa gatii guddaa qabdu” jedheera. Karaa kanaan Yesuus Yihowaan dhuunfaatti iddoo guddaa waan isaaniif kennuuf, sababa ariʼatama itti sodaatan akka hin qabne barattoota isaatiif mirkaneesseera. Barattoonni kun yommuu magaalotaa fi mandaroota keessatti lallabanitti dimbiixiiwwan yeroo argan wanta Yesuus dubbate kana akka yaadatan hin shakkisiisu. Yeroo simbira xinnoo tokko argitu hundumaatti, Yihowaan dhuunfaatti iddoo guddaa akka sii kennu yaadadhu; atis “dimbiixiiwwan hedduu caalaa gatii guddaa” qabda. Gargaarsa isaatiin ariʼatama ija jabinaan dandamachuu ni dandeessa.—Far. 118:6.
UUMAMARRAA WAAʼEE WAAQAYYOO CAALAATTI BARACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
13. Uumamarraa barachuuf maaltu nu gargaara?
13 Uumamarraa waaʼee Yihowaa barumsa dabalataa hedduu argachuu dandeenya. Akkamitti? Jalqaba, uumama ilaaluuf yeroo ramaduun nu barbaachisa. Itti aansuudhaanimmoo, waaʼee Yihowaa maal akka irraa barannu yaaduu qabna. Akkas gochuun garuu yeroo hunda nuuf salphachuu dhiisuu dandaʼa. Jeraaldiin ishiin Kaameruun keessa jiraattu, “Kanan guddadhe magaalaa keessatti waan taʼeef, uumama ilaaluun carraaqqii guddaa akka gaafatu nan hubadha” jetteetti. Jaarsi gumii Alfoonsoo jedhamus, “Wantoota Yihowaan uume ilaaluudhaan waaʼee isaa barumsan argadhurratti xiinxaluuf yeroo ramaduun akka na barbaachisu baradheera” jedheera.
14. Daawit uumama Waaqayyoorratti xiinxaluudhaan barumsa akkamii argate?
14 Daawit wantoota Waaqayyo uumerratti gadi fageenyaan yaada ture. Yihowaadhaan akkana jedheera: “Samiiwwan warra hojii quba keetii taʼan, addeessaa fi urjiilee warra ati tolchite yommuun ilaalu, akka isa yaadattuuf namni duʼu maali dha?” (Far. 8:3, 4) Eeyyee, Daawit halkan yeroo gara samii ilaalu hawaa isa baayʼee dinqisiisaa taʼe ajaaʼibsiifatee qofa hin dhiisu. Wanta urjiileen waaʼee Waaqayyoo isa barsiisanirrattis ni xiinxala ture. Akkas gochuu isaatiin Yihowaan hammam guddaa akka taʼe hubateera. Yeroo kan biraattimmoo, akkaataa qaamni isaa gadaamessa haadha isaa keessatti itti guddaterratti xiinxaleera. Wanta baayʼee ajaaʼibsiisaa taʼe kanarratti xiinxaluun isaa ogummaa Yihowaa caalaatti dinqisiifachuuf isa kakaaseera.—Far. 139:14-17.
15. Fakkeenyota uumamni waaʼee amaloota Yihowaa akka nu barsiisu argisiisan kenni. (Faarfannaa 148:7-10)
15 Atis akkuma Daawit fagoo utuu hin deemin uumamawwan irratti xiinxaluu dandeessu argachuu dandeessa. Naannoo kee yoo ilaalte wantoota amaloota Yihowaa caalaatti hubachuuf si gargaaran argachuu dandeessa. Fakkeenyaaf, yeroo aduu qaqqaammattu humna Yihowaan qabu hubachuu dandeessa. (Er. 31:35) Simbira mandhee ishii ijaaraa jirtu takka yeroo argitu ogummaa isaarratti yaadi. Buchullaa eegee ishii ciniinuuf yaaltu yeroo argitu Yihowaan Waaqa gammadaa taʼuu isaarratti yaadi. Haadha daaʼima ishii wajjin taphachaa jirtu yeroo argitummoo jaalala isaatiif Yihowaa galateeffadhu. Xinnaas taʼe guddaa, akkasumas wantoonni naannoo keenyatti argamanis taʼan nurraa fagaatanii jiran, uumamawwan Yihowaa hundi ulfina kan isaaf fidan waan taʼaniif, carraa waaʼee isaa itti barannu hedduu qabna.—Faarfannaa 148:7-10 dubbisi.
16. Maal gochuuf murteessuu qabna?
16 Waaqni keenya ogeessa, jaalala qabeessaa fi humna qabeessadha, wanti inni uume hundis miidhagaadha. Uumamawwan naannoo keenya jiran xiyyeeffannaadhaan yoo ilaalle waaʼee amaloota kanaas taʼe wantoota kan biroo hedduu barachuu dandeenya. Yeroo hunda uumamawwan naannoo keenya jiran ilaaluudhaan waaʼee Yihowaa maal akka nu barsiisan yaaduuf yeroo haa ramannu. Akkas yoo goone, Uumaa keenyatti caalaatti dhihaanna. (Yaq. 4:8) Mata duree itti aanurratti warri ijoolleen isaanii Yihowaatti akka dhihaatan gargaaruuf uumamatti fayyadamuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ilaalla.
FAARFANNAA 5 Hojii Waaqayyoo Isa Dinqisiisaa
a Wantoonni Yihowaan uume baayʼee dinqisiisoodha. Humna guddaa aduun maddisiisturraa kaasee hanga abaabootti hojiiwwan isaa hundi baayʼee nu ajaaʼibsiisu. Barumsi uumamarraa argannu eenyummaa Yihowaa beekuufis nu gargaara. Mata duree kana keessatti, uumama Yihowaa qorachuuf yeroo ramaduu kan qabnu maaliif akka taʼee fi akkas gochuun keenya Waaqa keenyatti caalaatti dhihaachuuf kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe ilaalla.