GAAFFII 3
Qajeelfamoonni Kun Eessaa Dhufan?
Bifa qabdu akkamitti qabaachuu dandeesse? Halluu ija kee, halluu rifeensaa fi halluu qaama kee kan murteessu maali dha? Hojjaa fi dhaabbii qabdu kanahoo? Abbaa kee ykn haadha tee fakkaachuu kan dandeesse akkamitti? Fiixeen quba kee gama tokkoon lallaafaa gama kaaniin immoo qeensa balaa irraa si eeguu dandaʼu akka qabaatu kan godhu maalidha?
Bara Chaarlis Daarwiin turetti gaaffiiwwan akkasiitiif deebiin hin argamne ture. Akkaataan dhaalli sanyii dhalootaa dhalootatti darbu Daarwiiniinillee ni ajaaʼiba ture. Taʼus, waaʼee jenetiksii fi akkaataa seeliin dhaala sanyii itti toʼatu hin beeku ture. Yeroo harʼaa garuu saayintistoonni waaʼee jenetiksii fi qajeelfamoota molekiyulii DNA isa baayʼee dinqisiisaa taʼe keessa jiranii waggoota hedduudhaaf qorachaa turaniiru. Gaaffiin kaʼu garuu, ‘Qajeelfamoonni kun eessaa dhufan?’ kan jedhudha.
Saayintistoonni hedduun maal jedhu? Saayintistoonni waaʼee uumamaa qoratanii fi warri kaan DNA fi qajeelfamoonni inni koodiidhaan dabarsu waggoota miliyoonaan lakkaaʼaman keessatti akka tasaa jijjiiramuudhaan argaman jedhu. Akkaataan molokiyuuliin kun itti ijaarame, odeeffannoon inni baatee deemuu fi akkaataan inni hojii isaa itti hojetu wixinee akka qabu hin argisiisu jedhu.17
Kitaabni Qulqulluun maal jedha? Kitaabni Qulqulluun akkaataan kutaaleen qaama keenyaa hundi itti ijaaramanii fi yeroon itti uumaman kitaaba fakkeenyaan ibsamee fi Waaqayyoorraa madde keessatti akka galmeeffame ibsa. Daawit Mootichi hafuura Qulqulluutiin geggeeffamee akkana jedheera: “Yeroon miciree turetti illee ijji kee na argeera; kutaawwan isaa keessaa tokkoon isaanii iyyuu tolfamuu isaanii dura, guyyoota isaan itti tolfaman ilaalchisee, hundi isaanii kitaaba kee keessatti barreeffamaniiru.”—Faarfannaa 139:16.
Ragaan jiru maal argisiisa? Jijjiiramni tirannaa sirriidha taanaan DNAn wantoota akka tasaa raawwatamaniin argamuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun dhugaadha taanaanimmoo, DNAn ragaa quubsaa Waaqayyoon kan gurmaaʼe taʼuu isaa mirkaneessu qabaachuu qaba.
Mee DNA karaa hubachuuf salphaa, garuummoo ajaaʼibsiisaa taʼeen haa ilaallu. Kana gochuuf keessa seelii haa qorannu. Amma garuu kan ilaallu seelii namaati. Mee godambaa seeliin namaa akkamitti akka hojjetu barsiisuuf ijaarame keessa seenaa akka jirtutti yaadi. Seeliin akka godaambaatti daawwachuuf jettu kun harka 13,000,000 akka guddatu godhameera. Kunis hamma istaadiyomii gara namoota 70,000 qabatuu gaʼa.
Godambaa sana yommuu seentu boca adda addaa dinqisiisoo taʼan akka qabu argita. Gidduu seelichaatti niwukilasii geengoo hamma gamoo darbii 20 dheeratutu argama. Achiis gara niwukilasichaatti deemta.
Balbala membireenii niwukilasichaatiin seentee wantoota naannoo keetti argaman ilaaluu jalqabda. Kutaa kana keessatti iddoo guddaa kan qabatan kiroomozomoota 46 dha. Kiroomozomoonni wal fakkaatan cimdiidhaan kan tarreeffaman yeroo taʼu, hojjaan cimdii tokkoo isa kaan irraa adda dha. Kiroomozomiin cimdiin si bira jiru garuu hanga gamoo abbaa darbii 12 dheerata (1). Kiroomozomiin hundi gidduun isaa waan dhooqeef jirma gurguddaa akka marʼimaaniitti wal qabatee jiru fakkaata. Achiis, wadaroo garaa garaa kiroomozomootatti naannaʼanii jiran argita. Itti siqaa yeroo deemtu wadaroon dalga jiru sun sarara asii gad sassararameen hihiramee argita. Isaan gidduummoo sarara gaggabaabaa dalga sararametu jira (2). Wantoonni kun kitaabota wal irra naqamanidhaa? Lakki; maraawwan walitti siqanii wal irra naqamantu alaan sitti muʼachaa jira. Tokko utuu keessaa harkistee ni diigama. Maraan kun maraa xixinnoo (3) sirnaan qindeeffame qabaachuun isaa si ajaaʼibsiiseera. Maraawwan kana keessammoo wanta wadaroo dheeraa fakkaatuu fi wantoota kanaaf ijoo taʼetu jira. Kun maalidha laata?
IJAARSA MOLEKIYULII DINQISIISAA TAʼE
Kutaa kiroomozomii kana wadarootti haa fakkeessinu. Furdinni wadaroo kanaa seentiimeetira 2.6 dha. Wadaroon kun maraa kan biraarratti jabinaan maramee (4) jira. Maraawwan kun akka hin diigamneef wanti utubee qabu jira. Barreeffamni iskiriinii irra jiru wadarichi akka gaariitti maramuu isaa ibsa. Wadaroo kiroomozomoota kana keessa jiran tokko tokkoon harkistee baasuudhaan walitti gudunfitee utuu diriirsitee, dheerinni isaa hanga walakkaa mudhii lafaa taʼa!a
Kitaabni saayinsii tokko haala wadaroon kun itti marame, “mahaandiisummaa baayʼee ajaaʼibsiisaa taʼe” jechuudhaan ibseera.18 Maarree mahaandiisiin wixinee ajaaʼibsiisaa taʼe akkasii hojjete hin jiru jedhanii yaaduun nama amansiisaa? Godambaan kun mana kuusaa guddaa meeshaaleen gurgurtaa miliyoonaan lakkaaʼaman keessa kaaʼaman utuu qabaatee fi meeshaaleen kun karaa salphaatti argatamuun utuu kaaʼamanii namni haala kanaan qopheesse hin jiru jettee yaaddaa? Matumaa. Taʼus, akkaataa kiroomozomiin itti qindaaʼe mana kuusaa kana ni caala.
Barreeffamni iskiriiniirra jiru wadaricha qabattee itti siqxee akka ilaaltu (5) si affeera. Taʼus, harkaan yommuu qaqqabdu wadaroo kaanirraa adda akka taʼe hubatta. Wadarichi foʼaa walitti foʼaman lamarraa hojjetame. Foʼaan sun dagaleewwan xixiqqoo walirraa fageenya qixxee qabaniin wal qabatee jira. Wadarichi yaabbannoo fakkaata, akka kortoo jajalʼaattis micciirameera (6). Amma molekiyulii DNA baayʼee dinqisiisaa taʼee fi iccitii jireenyaa qabate harkaan akka qabde hubatta.
Molekiyuliin DNA tokko wanta akka geengootti itti maramee isa deggeree jiruu wajjin kiroomozomii tokko uuma. Ejjennoon yaabbannoo sanaa keemikaalota cimdii taʼanidha (7). Hojiin isaanii maali dha? Kaayyoon wantoota kana hundaahoo maalidha? Barreeffamni iskiriiniirra jiru ibsa salphaa kenna.
KUUSAA ODEEFFANNOO AJAAʼIBSIISAA
Barreeffamni iskiriiniirra jiru akka argisiisutti DNA hubachuuf ejjennoowwan, jechuunis dagaleewwan yaabbannoo gidduutti argaman beekuu qabna. Yaabbannichi bakka lamatti akka hirametti yaadi. Utuboota lamaan gidduu ejjennoowwan cabanii hafan jiru. Ejjennoowwan caban kun gosa afur qabu. Saayintistoonni gosoota kana A, T, G fi C jechuudhaan moggaasaniiru. Saayintistoonni tartiibni qubeewwan kanaa odeeffannoo koodiidhaan akka dabarsu yommuu hubatan baayʼee dinqisiifamaniiru.
Tarii waaʼee ‘Moorsi koodii’ isa jaarraa 19ffaatti kalaqamee fi namoonni telegiraafiidhaan akka wal qunnaman gargaaree beekta taʼa. Koodiin kun “qubeewwan” lama, jechuunis tuqaa fi sarara qofa qaba. Taʼus, jechoota ykn hima hedduu dabarsuu dandaʼa. Koodiin DNAn immoo qubee afuridha. Tartiibni qubeewwan A, T, G fi C itti taaʼan “jechoota” koodoon jedhaman argamsiisu. Koodoonni jiinota “seenaawwan” jedhamaniin qindaaʼaniiru. Tokkoon tokkoon jiinii giddu galeessaan qubeewwan 27,000 qabata. Jiinonni kunii fi bakki duwwaan gidduusaanii jiru tokko taʼuudhaan “boqonnaawwan” kitaabaa, jechuunis kiroomozomoota of dandaʼan argamsiisu. Boqonnaawwan kun “kitaaba” guutuu ykn jiinoomii guutuu taʼuuf kiroomozomoota 23tu barbaachisa.b
Jiinomiin tokko kitaaba guddaa tokko taʼuu dandaʼa. Jiinomiin tokko odeeffannoo hangamii qabachuu dandaʼa? Walitti qabaatti yeroo ilaalamu jiinomiin namaa dagaleewwan gara biliyoona sadii taʼanii fi yaabbannoo DNA irratti argaman qaba.19 Mee waaʼee insaayikilooppiidiyaa tokkoo yaadi, jildiin tokko fuula kumaa ol utuu qabaatee odeeffannoo jiinomii keessa jiru insaayikilooppiidiyaa akkasii irratti barreessuuf jildiiwwan 428tu barbaachisa. Koppii inni lammaffaan seelotaa hunda keessa jiru yoo itti dabalamemmoo jildii 856 taʼa. Odeeffannoo jiinomiin qabate barreessuuf utuu hin boqotin guyyaa guutuu utuu hojjettee waggaa 80 sitti fudhata!
Odeeffannoon hangana itti dadhabdee barreessite kun qaama keetiif wanta fayyadu tokko illee hin qabu. Maarree kitaaba guddaa jildiiwwan dhibbaan lakkaaʼaman qabu kana seelii xixiqqoo tiriliyoona 100 taʼan keessa akkamitti galchuu dandeessa? Odeeffannoon hanganaa bakka hedduu akka hin fudhanne godhanii kaaʼuun humna keenyaa olidha.
Piroofeesarri molekiyulaar baayooloojii fi saayinsii kompiitaraa tokko akkana jedhaniiru: “DNA giraamni tokko yeroo gogu iddoo kiwubiik seentimeetirii tokko kan qabatu yeroo taʼu odeeffannoo siidiin gara tiriliyoona tokkoo qabatu qabachuu dandaʼa.”20 Kun maal jechuu dha? DNA keessa jiinonni qajeelfamoota qaama namaa ijaaruuf barbaachisan qaban akka jiran yaadadhu. Seelonni hundi qajeelfamoota guutuu taʼan qabataniiru. DNAn odeeffannoo hedduu waan qabuuf, DNA falʼaana tokko keessa qofallee odeeffannoo namoota namoota yeroo harʼaa jiranitti dacha 350 taʼan argamsiisuu dandaʼutu jira. DNAn namoota biliyoona torba yeroo ammaa lafarra jiraataniif barbaachisu, DNA falʼaana shaayii sanarra jiru irraa copha xinnoo qofadha.21
KITAABNI BARREESSAA HIN QABNE JIRAA?
Meeshaalee xinneessanii hojjechuurratti guddinni kan argame taʼus, meeshaa wiirtuu odeeffannoo kanatti siqu hojjechuun garuu hin dandaʼamne. Taʼus, siidii wajjin wal bira qabuu dandeenya. Bocni, calaqqisnii fi akkaataan siidiin tokko itti hojjetame nu dinqisiisuu dandaʼa. Siidiin kun namaan akka hojjetame hin shakkinu. Siidichi qajeelfama balʼaa maashiniin tokko akkamitti akka ijaaramu, akkamitti akka haaromfamuu fi akkamitti akka suphamu ibsu qabateera utuu taʼeehoo? Odeeffannoon kun ulfaatina ykn guddina siidichaarratti jijjiirama hin fidu. Taʼus, siidicha keessaa wanti iddoo guddaa qabu qajeelfamichadha. Qajeelfamoonni kun nama taʼe tokkoon akka qophaaʼan ni shakkitaa? Kitaabni barreessaa hin qabne jira jettee yaaddaa?
DNA kitaaba ykn siidiitti fakkeessuun keenya sirriidha. Kana ilaalchisee kitaabni waaʼee jiinomii ibsu tokko akkana jedheera: “Yaadni jiinomiin kitaabadha jedhu yaada fakkeenyaan ibsame miti. Kanaa mannaa, kallattiimaan fudhatama. Kitaabni odeeffannoo dijitaalaa qabatee jira . . . Jiinomiinis akkasuma.” Barreessaan kun itti fufuudhaan, “Jiinomiin kitaaba dandeettii guddaa qabudha; sababni isaas haalli mijataan yeroo uumamuufitti koppii of gochuu fi of dubbisuu kan dandaʼudha”22 jedhaniiru. Kunis gara bifa DNA barbaachisaa taʼe kan biraatti nu ceesisa.
MAASHINOOTA SOCHIIRRA JIRAN
Godambaa waca tokko hin qabne kana keessa utuu jirtuu, ‘Akkuma godambaa kanaa seelii niwukilasii keessas sochiin hin jiruu laata?’ jettee yaadda. Yeroo kanatti iskiriinii kan biraa argita. Saanduqa DNA akka fakkeenyaati dhihaate qabate gararraatti barreeffama, “Doʼicha Ilaaluuf kana tuqi” jedhu argita. Yommuu tuqxu, seenessichi akkana jedha: “DNAn yoo xinnaate wantoota baayʼee barbaachisoo taʼan lama raawwata. Inni jalqabaa baayʼisuu jedhama. Seelii haaraan uumamu hundi, odeeffannoo jenetikii guutuu akka qabaatuuf DNAn baayʼachuu qaba. Mee wanti kun akkamitti akka raawwatamu ilaali.”
Balbala qarqara iskiriinii sanatti argamurraan maashiniin baayʼee wal xaxaa taʼe tokko as baʼa. Maashiniin kun roobootota hedduu wal qabatanii jiranidha. Maashinichi gara DNA dhaqee erga itti maxxanee booda, akkuma baabura hadiida isaarra deemuu DNA sanarra darba. Saffisaan waan darbuuf maal gochaa akka jiru sirriitti arguu baattus, bakka wadaroo DNA tokkoo wadaroowwan of dandaʼan lama duuba isaatiin dhiisee yeroo deemu argita.
Achiis seenessichi akkas jedha: “Doʼiin kun yeroo DNAn of baayʼisutti wanta raawwatamu haala salphaa taʼeen ibsa. Inzaayimoonni garee maashinoota molekiyulaarii taʼan DNA irra darbuudhaan bakka lamatti erga qoodanii booda warra qoodaman akka wiixineetti fayyadamuudhaan foʼaa haaraa bakka buusuuf gargaaru hojjetu. Wantoota hojii kanarratti hirmaatan hunda, fakkeenyaaf meeshaa baayʼee xinnoo maashinii baayʼisu dura deemuu fi DNA bakka lamatti qooduudhaan DNAn sun akka diriiru godhu sitti argisiisuu hin dandeenyu. Dogoggorri DNA irratti uumamu akkamitti akka sirreeffamus sitti argisiisuu hin dandeenyu. Dogoggorawwan jiran haala nama ajaaʼibsiisuun tokko tokkoon funaanamanii sirreeffamu.”—Diyaagiraamii fuula 16 fi 17 irra jiru ilaali.
Seenessichis itti fufuudhaan akkana jedha: “Wanti sitti argisiisuu dandeenyu saffisa isaa qofadha. Roobootiin kun saffisa guddaadhaan sochoʼaa akka jiru hubatteetta. Maashiniin inzaayimii inni sirriin sekoondii tokkotti ‘hadiida’ DNA irra ejjennoo ykn keemikaalota gara cimdii 100 taʼan darbee deema.23 ‘Hadiidni’ kun hanga hadiida baaburaa gaʼa jennee yoo fudhanne, ‘motorri’ kun saʼaatii tokkotti kiilomeetira 80 ol deema jechuudha. Baakteeriyaa keessatti immoo maashinoonni xixinnoon baayʼisan kun saffisa kanarra harka kudhan caala! Seelii namaa keessa maashinoonni baayʼisanii fi dhibbaan lakkaaʼaman ‘hadiida’ DNA sanarra bakka adda addaatti tatamsaʼanii hojii isaanii raawwatu. Guutummaa jiinomichaa baayʼisuuf saʼaatii saddeet qofa isaanitti fudhata.”24 (Fuula 20 irraa, saanduqa “Molekiyulii Dubbifamuu fi Baayʼachuu Dandaʼu” jedhu ilaali.)
DNA “DUBBISUU”
Roobootonni DNA baayʼisan suuta suuta bakka sanaa deemu. Achiis maashinii kan biraan as baʼa. Maashiniin kunis DNA irra kan darbu taʼus saffisa guddaa kan qabu miti. Wadaroon DNA sun fiixee maashinichaa gama tokkoon seenee jijjiiramni utuu irratti hin godhamin fiixee gara biraatiin yommuu baʼu argita. Haa taʼu malee, foʼaan haaraan tokko akkuma eegee guddachaa jiru tokkootti karaa uraa maashinichaa kan biraatiin yeroo baʼu argita. Maaltu raawwatamaa jira?
Ammas seenessichi ibsa akkas jedhu kenna: “Hojiin DNA inni lammaffaan koppii gochuudha. DNAn niwukilasii isa bakka jireenyaa isaa taʼe keessaa matumaa hin baʼu. Maarree qajeelfamoonni pirootinoonni qaamni kee ittiin ijaarame hundi akkamitti akka oomishaman ibsan dubbifamuu fi hojiirra oolfamuu kan dandaʼan akkamitti? Inzaayimiin mashiiniitti fakkeenffame, uraa jiinii keemikaala ala niiwuklasii seelichaatti argamuun uumame argata. Achiis maashinichi molokiyuulii RNAtti (raayibooniwukiliik asiid) fayyadamuudhaan jiinii kana koppii godha. RNAn foʼaa DNA wajjin kan wal fakkaatu taʼus DNA irraa addadha. Hojiin isaas odeeffannoo bifa koodiitiin jiinota keessa kaaʼaman fudhachuudha. RNAn maashinii inzaayimii keessa utuu jiruu odeeffannicha erga fudhatee booda niwukilasicha keessaa baʼee gara raayiboozoomii tokkoo dhaqa; achiis odeeffannoon kun pirootinii ijaaruuf fayyada.”
Doʼicha yommuu ilaaltu dinqisiifannaarraan kan kaʼe fajajjee hafta. Godambaan kunii fi ogummaan namoonni diizaayinii maashinoota kana baasanii fi ijaaran qaban baayʼee si dinqisiisa. Taʼus, maashinoonni iddoo kanatti argaman hundi akkuma hojiiwwan kuma hedduutti lakkaaʼamanii fi seelii namaa keessatti raawwatamanii siʼuma takkaa sochoʼu utuu taʼeehoo? Doʼii baayʼee nama ajaaʼibsiisu taʼa ture!
Taʼus, ammallee maashinoonni xixinnoon wal xaxaa taʼan kun seelota qaama keetii tiriiliyoona 100 taʼan keessatti hojii isaanii raawwachaa akka jiran hubatta. DNAn kee yeroo dubbifamu, odeeffannoo pirootinoota kuma hedduutti lakkaaʼamanii fi qaama kee jechuunis inzaayimoota, tiishuuwwan, orgaanotaa fi kkf ijaaruuf gargaaran dhiheessa. Ammallee seelii haaraa ijaaraman keessatti qajeelfamoonni dubbifaman akka qophaaʼan gochuuf, DNAn kee baayʼachaa fi dogogorri sirreeffamaa jira.
WAAʼEE KANAA KAASUUN MAALIIFI BARBAACHISE?
Ammas, ‘Qajeelfamoonni kun hundi eessaa dhufan?’ jennee of haa gaafannu. Kitaabni Qulqulluun, “kitaabni” kunii fi yaanni achi keessa jiru Waaqayyorraa akka argame dubbata. Akkas jedhanii yaaduun yeroon kan itti darbe ykn saayinsaawaa kan hin taanedhaa?
Mee yaadi: Ilmaan namootaa godambaa olitti ibsame ijaaruu ni dandaʼuu? Hojjechuuf utuu yaalaniillee rakkina guddaatu isaan mudata. Jiinomii fi karaawwan inni itti hojjetu ilaalchisee hanga ammaatti wanti hedduun bira hin gaʼaamne. Saayintistoonni jiinonni hundi eessatti akka argamanii fi maal akka raawwatan beekuuf hanga harʼaattillee carraaqaa jiru. Isayyuummoo jiinonni foʼaa DNA keessaa kutaa xinnoo qofa qabatu. Kutaawwan foʼaa inni hafee fi jiinonni keessa hin jirrehoo? Saayintistoonni kutaa kanaan DNA faayidaa hin qabne jedhu, yeroo dhihoodhaa asitti garuu ilaalcha isaanii kana jijjiiraniiru. Kutaawwan kun jiinonni akkamittii fi hanga yoomiitti akka tajaajilan kan toʼatan taʼuu hin oolan. Saayintistoonni DNA fi maashinoota DNA baayʼisanii fi dogoggora sirreessan hunda hojjechuu utuu dandaʼaniillee, akka DNA isa uumamaatti akka hojjetu gochuu ni dandaʼu?
Saayintistiin Riichaard Faayinmaan jedhaman duʼuu isaanii yeroo muraasa dura, ‘Wanta tokko uumuu hin dandaʼu taanaan wanta sana hin hubanne jechuu dha’ jedhanii gabatee gurraacharratti barreessanii turan.25 Gad of qabuudhaan ifatti dubbachuun isaanii nama gammachiisa; DNA ilaalchisees dhugaansaa kanuma. Saayintistoonni DNAs taʼe maashinii DNA baayʼisuu fi koppii godhu uumuu, akkasumas DNA guutummaatti hubachuu hin dandaʼan. Taʼus, namoonni tokko tokko wantoonni kun hundi akka tasaa argamuu isaanii akka beekan afaan guutanii dubbatu. Ragaan hanga ammaatti ilaalte yaada kana dhugumaan ni deggeraa?
Hayyoonni tokko tokko ragaan kun faallaa kanaa kan mirkaneessu taʼuu isaa hubataniiru. Fakkeenyaaf, saayintistoota DNA isa foʼaa lama qabu qorannaadhaan argatan keessaa tokko kan taʼan Firaansiis Kiriik, molekiyuliin kun baayʼee waan gurmaaʼeef akka tasaa akka hin argamne dubbataniiru. Qaamni dandeettii yaaduu qabu tokko jireenyi lafarra akka jiraatu gargaaruuf DNA ergee taʼuu akka qabu yaada kennaniiru.26
Dhiheenya kanammoo, falaasaan waggoota 50f Waaqayyo hin jiru jechaa turanii fi Antoonii Filuu jedhaman ilaalcha qaban irratti jijjiirama godhaniiru. Waggaa 81ffaa isaaniitti qaamni dandeettii yaaduu qabuu fi jireenyi akka uumamu gumaacha godhe tokko jiraachuu qaba jedhanii dubbachuu jalqabaniiru. Ilaalcha isaanii maaltu jijjiire? Qorannaa DNA irratti godhamedha. Filuun yaanni isaanii haaraan kun saayintistoota biratti tarii fudhatama yoo dhabehoo jedhamanii yommuu gaafataman, “Kun nama gaddisiisa. Umurii koo guutuu yaada, ‘xumurri isaa maaliyyuu yoo taʼe ragaadhaan geggeeffami’ jedhuunan geggeeffamaa ture” jedhaniiru.27
Maarree maal sitti fakkaata? Ragaan kun garamitti nu geessa? Wiirtuu warshaa tokkoo keessatti kutaa kompiitaraa argite haa jennu. Kompiitarri kun sagantaa wal xaxaa guutummaa hojii warshichaa toʼatu sochoosa. Kana malees, sagantaan kun qajeelfama maashiniin hundi akkamitti akka ijaaramuu fi haareffamu ibsu utuu wal irraa hin kutin erguu dabalatee, of baayʼisa, dogoggora isaas funaanee sirreessa. Ragaan kun xumura akkamiitti si geessa? Kompiitarri kunii fi sagantaan isaa ofiin of argamsiisemoo namoota dandeettii yaaduu qabantu akkasitti qindeesse jetta? Ragaan kuniyyuu ofuma isaatiif dhugaa baʼa.
a Kitaabni Molecular Biology of the Cell jedhamu haala kana fakeenya kan biraatiin ibseera. Kitaabichi, wadaroowwan dhedheeroo kana maranii niwukilasii seelii tokkoo keessa galchuuf yaaluun, kirrii qalʼoo taʼee fi kiilomeetira 40 dheeratu maruudhaan kubbaa teenisii keessa kaaʼuuf yaaluu wajjin tokko akka taʼee fi tokkoon tokkoon kutaa kirrii kanaa salphaatti argachuuf kirrichi utuu wal hin xaxin sirriitti maramuu akka qabu ibseera.
b Tokkoon tokkoon seelii jiinomii guutuu koppii taʼe lama waan qabuuf, walii galatti kiroomozomoota 46 qabaata.