BOQONNAA 10
Humna Keessan Fayyadamuu Irratti ‘Waaqayyoon Kan Fakkaattan Taʼaa’
1. Ilmaan namootaa cubbamoota taʼan salphumatti kiyyoo akkamiitiin qabamuu dandaʼu?
BARREESSAAN TOKKO akkas jedhee ture: “Namni tokko yeroo aangoo qabaatu rakkina uumuun isaa hin oolu.” Rakkina akkamii? Aangoon salphumatti wanta sirrii hin taaneef ooluu dandaʼa. Kan nama gaddisiisu ilmaan namootaa cubbamoota taʼan salphumatti kiyyoo kana keessatti kufu. Dhuguma iyyuu, seenaa ilmaan namootaa keessatti, “namni nama isa kan biraa irratti aangoo kan qabaate isa miidhuuf jedhee” akka taʼe mulʼateera. (Lallaba 8:9) Jaalala utuu hin qabaatin aangootti fayyadamuun, ilmaan namootaa irratti rakkina hangana hin jedhamne geessiseera.
2, 3. (a) Akkaataa Yihowaan humna isaatti fayyadamu ilaalchisee wanti nama ajaaʼibsiisu maali dha? (b) Humni keenya maalfaa dabalata? Humna keenya kanatti akkamitti fayyadamuu qabna?
2 Taʼus, Yihowaan inni humna hammana hin jedhamne qabu, matumaa karaa sirrii hin taaneen humna isaatti kan hin fayyadamne taʼuun isaa nama hin ajaaʼibsiisuu? Akkuma boqonnaawwan darban irratti ilaalle, Yihowaan humna uumuuf, balleessuuf, eeguu fi haaressuuf qabu, yeroo hunda kaayyoo isaa isa jaalala irratti hundaaʼee wajjin haala wal simuun fayyadama. Akkaataa humna isaatti fayyadamu irratti xiinxaluun keenya isatti dhihaachuuf nu kakaasa. Isatti dhihaachuun keenya immoo, akkaataa humna keenyatti fayyadamnuun, ‘Waaqayyoon fakkaachuuf’ nu kakaasuu dandaʼa. (Efesoon 5:1) Haa taʼu malee, nuti namoonni dadhaboo taane humna akkamii qabna?
3 Namni “akka bifa Waaqayyootti,” akkasumas akka fakkaattii isaatti akka uumame yaadadhu. (Uumama 1:26, 27) Kanaaf, nutis hamma tokko humna qabna jechuu dha. Humni keenya, dandeettii wantoota tokko tokko raawwachuuf qabnu; warra kaan toʼachuu ykn isaan irratti aangoo qabaachuu; warra kaan irratti keessumaa immoo warra nu jaallatan irratti dhiibbaa geessisuu; jabina qaamaa ykn qabeenya qabnu dabalata. Faarfatichi Yihowaa ilaalchisee, “Ati madda jireenyaa ti” jedheera. (Faarfannaa 36:9) Kanaaf, kallattiidhaanis taʼe al kallattiidhaan, humni qabnu hundi Waaqayyo biraa kan argame dha. Kanaafuu, karaa isa gammachiisuun itti fayyadamuu barbaanna. Kana gochuu kan dandeenyu garuu akkamitti?
Jaalalli Barbaachisaa dha
4, 5. (a) Humna keenyatti karaa sirrii taʼeen fayyadamuuf amalli barbaachisaan isa kami? Gama kanaan Waaqayyo fakkeenya kan taʼe akkamitti? (b) Jaalalli humna keenyatti karaa sirrii taʼeen fayyadamuuf kan nu gargaaru akkamitti?
4 Karaa sirrii taʼeen humnatti fayyadamuuf jaalalli barbaachisaadha. Gama kanaan Waaqayyo fakkeenya nuuf taʼa. Amalawwan Waaqayyoo warra guguddaa, jechuunis humna, haqa, ogummaa fi jaalala ilaalchisee wanta Boqonnaa 1 irratti baranne yaadadhu. Amalawwan isaa arfan keessaa inni hunda irra caalu isa kami? Jaalala. Yohaannis Tokkoffaa 4:8, “Waaqayyo jaalala” jedha. Eeyyee, amalli Yihowaa inni guddaan jaalala; wanti inni godhu hundi amala kana irratti hundaaʼa. Kanaaf, Yihowaan yeroo hunda humna isaatti kan fayyadamu jaalalaan kakaʼee ti; kun immoo namoota isa jaallataniif faayidaa guddaa argamsiisa.
5 Jaalalli nutis humna keenyatti karaa sirrii taʼeen akka fayyadamnu nu gargaara. Kana malees, Kitaabni Qulqulluun, jaalalli ‘gaarummaa ni argisiisa, faayidaa mataa isaa qofas hin barbaadu’ jedha. (1 Qorontos 13:4, 5) Kanaaf jaalala kan qabnu yoo taʼe namoota hamma tokko aangoo isaan irratti qabnutti garaa hin jabaannu ykn hin hammaannu. Kanaa mannaa, ulfinaan isaan qabna, akkasumas kan ofii keenyaa caalaa wanta isaan barbaachisuu fi miira isaaniif of eegganna.—Filiphisiyus 2:3, 4.
6, 7. (a) Waaqayyoon sodaachuu jechuun maal jechuu dha? Amalli kun humna keenya karaa sirrii hin taaneen fayyadamuu irraa kan nu eegu akkamitti? (b) Waaqayyoon akka hin gaddisiisne sodaachuu fi isa jaallachuu gidduu walitti dhufeenya jiru fakkeenyaan ibsi.
6 Jaalalli amala humna keenya karaa sirrii hin taaneen akka hin fayyadamne nu eegu kan biraa wajjin wal qabata: Innis Waaqayyoon sodaachuu dha. Amalli kun akkamitti nu gargaara? Fakkeenyi 16:6, “Namnis Yihowaa sodaachuudhaan wanta hamaa irraa ni fagaata” jedha. Humna keenyatti karaa sirrii hin taaneen fayyadamuun, wanta hamaa irraa fagaachuu qabnu dha. Waaqayyoon sodaachuun namoota aangoo keenya jala jiran akka hin dararre nu godha. Akkamitti? Tokkoffaa, akkaataa namoota kana itti qabnu ilaalchisee Waaqayyo duratti akka itti gaafatamnu beekna. (Nahimiyaa 5:1-7, 15) Taʼus, Waaqayyoon sodaachuun kana caalaa waan dabalatu qaba. Afaan jalqaba Kitaabni Qulqulluun ittiin barreeffameen, jechi “sodaa” jedhu yeroo baayʼee Waaqayyoof ulfina guddaa fi dinqisiifannaa qabaachuu argisiisa. Kitaabni Qulqulluun sodaa, Waaqayyoon jaallachuu wajjin kan wal qabsiisu kanaafi. (Keessa Deebii 10:12, 13) Ulfinni guddaan akkasii adaba nu irra gaʼu sodaachuudhaan qofa utuu hin taʼin, garaadhaa Waaqayyoon jaallachuudhaan akka isa hin gaddisiisne sodaachuu dabalata.
7 Kana fakkeenyaan ibsuuf, mee walitti dhufeenya gaarii mucaan xinnoon tokko abbaa isaa wajjin qabu yaadi. Mucichi abbaan isaa jaalala guddaa akka isaaf qabuu fi akka isaaf yaadu beeka. Wanta akka inni godhu barbaadus beeka; akkasumas balleessaa yoo raawwate akka isa adabu ni hubata. Mucichi abbaa isaa sodaatee hin romʼu. Kanaa mannaa, baayʼee isa jaallata. Mucaan kun wanta abbaa isaa gammachiisu raawwachuu ni jaallata. Waaqayyoon sodaachuunis kanaa wajjin wal fakkaata. Abbaa keenya isa samii Yihowaa waan jaallannuuf, wanta garaan isaa akka gaddu godhu akkamii iyyuu raawwachuu ni sodaanna. (Uumama 6:6) Kanaa mannaa garaa isaa gammachiisuu barbaanna. (Fakkeenya 27:11) Humna keenyatti karaa sirrii taʼeen fayyadamuu kan barbaannus kanaafi. Mee akkamitti kana gochuu akka dandeenyu gadi fageenyaan haa qorru.
Maatii Keessatti
8. (a) Abbootiin manaa maatii keessatti aangoo akkamii qabu? Aangoo isaanii kana hoo akkamitti itti fayyadamuu qabu? (b) Abbaan manaa tokko haadha manaa isaatiif ulfina akka kennu akkamitti argisiisuu dandaʼa?
8 Mee dura haala maatii keessa jiru haa ilaallu. Efesoon 5:23, “Abbaan manaas mataa haadha manaa isaa ti” jedha. Abbaan manaa aangoo Waaqayyo isaaf kenne kanatti akkamitti fayyadamuu qaba? Kitaabni Qulqulluun, abbootiin manaa “beekumsaan” haadhotii manaa isaanii wajjin akka jiraatan, akkasumas haadhotii manaa isaanii ‘warra isaan caalaa akka qodaa cabuu taʼan kabajuu’ akka qaban dubbata. (1 Pheexiros 3:7) Jechi afaan Giriikii “ulfina” jedhamee hiikame, hiika “gatii, sona, . . . kabaja” jedhu qaba. Horteewwan jecha kanaa hiika, “kennaa” fi “gati jabeessa” jedhu qabu. (Hojii Ergamootaa 28:10; 1 Pheexiros 2:7) Abbaan manaa haadha manaa isaatiif ulfina kennu, matumaa ishii hin reebu, akkasumas ishii salphisuu ykn tuffachuudhaan gatii akka hin qabne akka ishiitti dhagaʼamu hin godhu. Kanaa mannaa, gatii guddaa ishiin qabdu hubachuudhaan ulfinaan ishii qaba. Jechaa fi gocha isaatiin kophaattis taʼe namoota duratti bakka guddaa akka kennuuf argisiisa. (Fakkeenya 31:28) Abbaan manaa akkasii jaalalaa fi ulfina haadha manaa isaa argata, hunda caalaa immoo Waaqayyo biratti fudhatama argata.
9. (a) Haadhotiin manaa maatii keessatti aangoo akkamii qabu? (b) Haati manaa dandeettii ishiitti fayyadamtee abbaa manaa ishii akka deggertu kan ishii gargaaru maali dha? Kun hoo buʼaa akkamii ishiif argamsiisa?
9 Haadhotiin manaas, maatii keessatti hamma tokko aangoo qabu. Kitaabni Qulqulluun dubartoonni Waaqayyoon sodaatan, abbaan manaa isaanii mataa maatii taʼuu isaa utuu hin dagatin, ofuma isaaniitiin kakaʼanii abbootii manaa isaanii irratti dhiibbaa gaarii geessisan ykn murtoo dogoggoraa akka hin goone isaan gargaaran akka jiran dubbata. (Uumama 21:9-12; 27:46–28:2) Tarii haati manaa tokko abbaa manaa ishii caalaa daftee waa hubachuu ykn dandeettii inni hin qabne kan biraa qabaachuu dandeessi. Haa taʼu malee, abbaa manaa ishiitiif “ulfina guddaa” qabaachuu fi ‘akkuma Gooftaadhaaf bitamtu isaafis bitamuu’ qabdi. (Efesoon 5:22, 33) Haati manaa tokko Waaqayyoon gammachiisuuf fedhii qabaachuun ishii, dandeettii ishii abbaa manaa ishii tuffachuuf ykn isa irratti gooftummaa qabaachuuf utuu hin taʼin, isa deggeruuf akka itti fayyadamtu ishii kakaasa. “Dubartiin dhugumaan ogeettii taate” akkasii, maaticha ijaaruuf abbaa manaa ishii wajjin tokkummaadhaan hojjetti. Kana gochuudhaan nagaa Waaqayyoo wajjin qabdu eegdee itti fufti.—Fakkeenya 14:1.
10. (a) Waaqayyo warraaf aangoo akkamii kenneera? (b) Jechi “adabuu” jedhu hiika maalii qaba? Adabni akkamitti kennamuu qaba? (Miiljalees ilaali.)
10 Waaqayyo warraafis aangoo kenneera. Kitaabni Qulqulluun, “Isin abbootiin, ijoollee keessan hin aarsinaa; kanaa mannaa, adabaa fi gorsa Yihowaatiin isaan guddisaa” jedha. (Efesoon 6:4) Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “adabuu” jedhu, hiika “guddisuu, leenjisuu fi barsiisuu” jedhu qaba. Ijoolleef adabni ni barbaachisa; qajeelfamni ifa taʼe yoo isaanii kennamee fi daangaan yoo kaaʼameef tasgabbii qabaatu, akkasumas caalaatti bilchaatu. Kitaabni Qulqulluun, adaba ykn barumsa akkasii jaalalaa wajjin wal qabsiisee ibsa. (Fakkeenya 13:24) Kanaaf, “uleen adabaa” miira isaaniis taʼe qaama isaanii kan miidhu taʼuu hin qabu.a (Fakkeenya 22:15; 29:15) Warri gara jabinaan ijoollee isaanii adabuu hin qaban; adabni jaalala hin qabne akkas ijoolleen akka abdii kutatan godha. (Qolosaayis 3:21) Karaa biraa immoo warri ijoollee isaaniitiif adaba sirrii taʼe kennuun isaanii, akka isaan jaallatanii fi namoota gaarii akka taʼan akka barbaadan ijoollee hubachiisa.
11. Ijoolleen humna isaaniitti karaa sirrii taʼeen fayyadamuu kan dandaʼan akkamitti?
11 Ijoolleen hoo, humna isaaniitti karaa sirrii taʼeen fayyadamuu kan dandaʼan akkamitti? Fakkeenyi 20:29, “Ulfinni dargaggootaa jabina isaanii ti” jedha. Karaan hunda caalaa dargaggoonni humna isaaniitti fayyadamuu dandaʼan ‘Uumaa isaanii isa Guddaa’ tajaajiluu dha. (Lallaba 12:1) Dargaggoonni, gochi isaanii warra isaanii gammachiisuu ykn gaddisiisuu akka dandaʼu yaadachuu qabu. (Fakkeenya 23:24, 25) Ijoolleen warra isaanii Waaqayyoon sodaataniif ajajamuu fi karaa sirrii taʼe irra deemuun isaanii garaa warra isaanii ni gammachiisa. (Efesoon 6:1) Amalli akkasii “Gooftaa kan gammachiisu dha.”—Qolosaayis 3:20.
Gumii Keessatti
12, 13. (a) Jaarsoliin aangoo gumii keessatti qabaniif ilaalcha akkamii qabaachuu qabu? (b) Jaarsoliin, hoolota Yihowaa gaarummaadhaan qabuu kan qaban maaliif akka taʼe fakkeenyaan ibsi.
12 Yihowaan ilaaltota ol aanaa gumii Kiristiyaanaa dura buʼanii geggeessan kenneera. (Ibroota 13:17) Namoonni gaʼeessota taʼan kun, aangoo Waaqayyo isaaniif kennetti fayyadamanii gargaarsa barbaachisuu fi wanta nageenya hoolotaatiif gargaaru dhiheessu. Aangoon isaanii kun jaarsoliin obboloota isaanii irratti gooftaa akka taʼan isaaniif heyyamaa? Matumaa! Jaarsoliin, gaʼee gumii keessatti qabaniif ilaalcha sirrii qabaachuu qabu. (1 Pheexiros 5:2, 3) Kitaabni Qulqulluun, ‘gumii Waaqayyoo isa inni dhiiga Ilma isaatiin bite tiksee taʼaa eegaa’ jechuudhaan ilaaltota ol aanaa gorsa. (Hojii Ergamootaa 20:28) Sababiin inni guddaan jaarsoliin hoolota hunda gaarummaadhaan akka qaban isaan godhu kanadha.
13 Yaada kana fakkeenya itti aanuun ibsuu dandeenya: Michuun kee tokko miʼa gatii guddaa qabu akka isaaf eegdu si gaafate haa jennu. Michuun kee kun miʼa sana gatii guddaadhaan akka bite beekta. Miʼa sana of eeggannoo guddaadhaan hin qabduu? Waaqayyos, qabeenya gatii guddaa qabu, jechuunis gumii miseensonni isaa hoolotatti fakkeeffaman akka kunuunsan jaarsoliif itti gaafatamummaa kenneera. (Yohaannis 21:16, 17) Yihowaan, hoolota isaa dhiiga Ilma isaa Yesuus Kiristoos isa gatii guddaa qabuun waan biteef baayʼee isaan jaallata. Yihowaan hoolota isaatiif kana caalaa gatii guddaa akkamii kaffaluu dandaʼa? Jaarsoliin gad of qaban kana yaadatti qabatanii hoolota Yihowaa kunuunsu.
“Humna Arrabaa”
14. Arrabni humna akkamii qaba?
14 Kitaabni Qulqulluun, “Duutii fi jireenyi humna arrabaa keessa jiru” jedha. (Fakkeenya 18:21) Dhuguma iyyuu, arrabni badii guddaa geessisuu dandaʼa. Nu keessaa namni jecha utuu itti hin yaadamin dubbatameen ykn nama salphisuun miidhamee hin beekne jiraa? Haa taʼu malee arrabni fayyisuufis humna qaba. Fakkeenyi 12:18, “Arrabni ogeessotaa garuu nama fayyisa” jedha. Eeyyee, dubbiin nama jajjabeessuu fi qulqulluu taʼe, akkuma qorichaa kan nama fayyisu taʼuu dandaʼa. Fakkeenya tokko tokko ilaali.
15, 16. Arraba keenyatti fayyadamnee warra kaan jajjabeessuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?
15 Tasalonqee Tokkoffaan 5:14, “warra dhiphatan akka jajjabeessinu” nu gorsa. Eeyyee, tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan illee yeroo tokko tokko dhiphachuu dandaʼu. Namoota akkasii akkamitti gargaaruu dandeenya? Yihowaa duratti gatii akka qaban akka isaanitti dhagaʼamu gochuuf, wanta raawwatan tokko caqasiitii garaadhaa isaan galateeffadhu. Caqasoota Kitaaba Qulqulluu garaa namaa tuqanii fi Yihowaan namoota “garaan isaanii cabe,” akkasumas ‘hafuurri isaanii caccabeef’ garaadhaa akka yaaduu fi akka jaallatu ibsan caqasiif. (Faarfannaa 34:18) Warra kaan jajjabeessuuf yommuu humna arraba keenyaatti fayyadamnu, fakkeenya Waaqa keenya isa gara laafessa taʼee fi “warra gaddan jajjabeessu” hordofaa akka jirru argisiisna.—2 Qorontos 7:6.
16 Humna arraba keenyaatti fayyadamnees yeroo barbaachisaa taʼutti warra kaan jajjabeessuu dandeenya. Obboleessi kee tokko nama jaallatu duʼaan dhabeeraa? Dubbiin akka isaaf gaddinu argisiisu nama kana jajjabeessuu dandaʼa. Obboleessi ykn obboleettiin maanguddoon tokko akka hin barbaadamne itti dhagaʼamaa jiraa? Dubbii nama jajjabeessu itti dubbachuun keenya, bakka guddaa akka qabanii fi akka dinqisiifataman akka itti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Namni dhukkuba cimaadhaan qabame jiraa? Yaanni gaariin bilbilaan, barreeffamaan ykn qaamaan dhaquudhaan dubbatamu nama kana jajjabeessuu dandaʼa. Humna arraba keenyaatti fayyadamnee “dubbii gaarii ijaaruuf gargaaru” yommuu dubbannu, Uumaan keenya baayʼee akka gammadu beekamaa dha!—Efesoon 4:29.
17. Warra kaan gargaaruuf karaa barbaachisaa taʼe kamiin arraba keenyatti fayyadamuu dandeenya? Kana gochuu kan qabnu maaliifi?
17 Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo warra kaanitti himuu caalaa, karaan humna arraba keenyaatti fayyadamuu dandeenyu kan biraan hin jiru. Fakkeenyi 3:27, “Gargaaruuf humna yoo qabaatte, warra isaan barbaachisuuf wanta gaarii hin dhowwatin” jedha. Misiraachoo lubbu baraaru kana warra kaanitti himuuf dirqamni nu irra jira. Ergaa ariifachiisaa Yihowaan gaarummaadhaan nutti kenne kana of biratti hambifachuu hin qabnu. (1 Qorontos 9:16, 22) Haa taʼu malee, Yihowaan hojii kana irratti hangam akka hirmaannu nu irraa eega?
Misiraachicha lallabuun, karaa gaarii humna keenyatti fayyadamnu dha
‘Humna Keenya Guutuudhaan’ Yihowaa Tajaajiluu
18. Yihowaan maal akka goonu barbaada?
18 Jaalalli Yihowaaf qabnu, tajaajila irratti guutummaatti akka hirmaannu nu kakaasa. Gama kanaan Yihowaan maal akka goonu barbaada? Hundi keenya haalli keenya maal iyyuu yoo taʼe gorsa, “Wanta hojjettan hunda, akka namootaaf hojjettanitti utuu hin taʼin, akka Yihowaadhaaf hojjettanitti lubbuu guutuudhaan hojjedhaa” jedhu hojii irra oolchuu qabna. (Qolosaayis 3:23) Yesuus, “Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan, akkasumas humna kee guutuudhaan jaalladhu” jechuudhaan ajaja hunda irra caalu dubbateera. (Maarqos 12:30) Eeyyee, Yihowaan hundi keenya lubbuu guutuudhaan akka isa jaallannuu fi akka isa tajaajillu barbaada.
19, 20. (a) Lubbuun, garaa, yaadaa fi humna kan dabalatu erga taʼee, Maarqos 12:30 irratti wantoonni kun kan caqasaman maaliifi? (b) Lubbuu guutuudhaan Yihowaa tajaajiluu jechuun maal jechuudha?
19 Lubbuu guutuudhaan Waaqayyoon tajaajiluu jechuun maal jechuudha? Lubbuun guutummaa nama tokkoo, jechuunis jabina qaamaa fi dandeettii sammuu isaa hunda argisiisa. Lubbuun garaa, yaadaa fi humna kan dabalatu erga taʼee, Maarqos 12:30 irratti wantoonni kun kan caqasaman maaliifi? Mee fakkeenya tokko ilaali. Bara duriitti namni tokko of (lubbuu isaa) garbummaatti gurguruu dandaʼa ture. Haa taʼu malee, garbichi sun garaa isaa guutuu gooftaa isaa tajaajiluu dhiisuu dandaʼa; tarii humna isaa ykn dandeettii isaa guutuu hojii gooftaa isaa hin hojjetu taʼa. (Qolosaayis 3:22) Yesuus wantoota kutaa lubbuu taʼan kan biroo yeroo caqasu, yommuu Waaqayyoon tajaajillu guutummaatti of kennuu akka qabnu ibsuu isaa akka ture beekamaa dha. Lubbuu guutuudhaan Waaqayyoon tajaajiluu jechuun, isaaf of kennuudhaan jabinaa fi humna keenya guutummaatti fayyadamnee isa tajaajiluu jechuudha.
20 Lubbuu guutuudhaan tajaajiluu qabna jechuun, hundi keenya tajaajilaaf saʼaatii fi humna qixxee taʼe oolchuu qabna jechuudhaa? Haallii fi dandeettiin namootaa adda adda waan taʼeef, kun taʼuu hin dandaʼu. Fakkeenyaaf, dargaggeessi fayyaa fi humna qabu tokko, nama sababii dullumaatiin humni isaa dadhabe caalaa tajaajila irratti yeroo dheeraa dabarsuu dandaʼa. Namni qeenxeen itti gaafatamummaa maatii hin qabne tokko, nama maatii isaatiif kunuunsa godhu caalaa tajaajiluu dandaʼa. Humnaa fi haala caalaatti tajaajila irratti hirmaachuuf nu dandeessisu yoo qabaanne, Yihowaa galateeffachuu qabna. Garuu warra kaanii wajjin wal bira of qabnee isaan ceephaʼuu hin qabnu. (Roomaa 14:10-12) Kanaa mannaa, humna keenyatti fayyadamnee warra kaan jajjabeessuu barbaanna.
21. Karaan humna keenyatti fayyadamuu dandeenyu inni guddaa fi barbaachisaan isa kami?
21 Yihowaan karaa sirrii taʼeen humna isaatti fayyadamuudhaan fakkeenya hunda irra caalu nuu taʼa. Cubbuu kan dhaalle taanus hanga dandeenye fakkeenya isaa hordofuu barbaanna. Namoota hamma tokko aangoo isaan irratti qabnu ulfinaan qabuudhaan, humna keenyatti karaa sirrii taʼeen fayyadamuu dandeenya. Kana malees, hojii lallabaa isa lubbu baraaruu fi Yihowaan akka hojjennu nuu kenne lubbuu guutuudhaan raawwachuu barbaanna. (Roomaa 10:13, 14) Yihowaan, isa tajaajiluuf wanta hunda irra siif caalu, jechuunis lubbuu kee yommuu kennitu akka gammadu yaadadhu. Garaan kee Waaqa rakkina namaa hubatuu fi jaalala qabeessa taʼe kana guutummaatti akka tajaajiltu si hin kakaasuu? Humna keetti fayyadamuuf karaan kana caalaa barbaachisaa taʼe kan biraan hin jiru.
a Bara duriitti, jechi afaan Ibrootaa “ulee” jedhu, harcummee ykn muka tikseen tokko hoolota isaa ittiin qajeelchu argisiisa. (Faarfannaa 23:4) “Uleen” aangoo warraa argisiisus, ijoollee isaanii gara jabinaan akka adaban utuu hin taʼin, jaalalaan akka isaan geggeessan argisiisa.