Warra Kan Taatan Ijoollee Keessan Jaalalaan Leenjisaa
“Waan hojjettan hundumaa jaalalaan raawwadhaa!” —1 QORONTOS 16:14.
1. Yeroo mucaan tokko dhalatu warratti maaltu dhaga’ama?
WARRI hedduun yeroon mucaan tokko itti dhalatu, haalawwan baay’ee nama gammachiisan keessaa isa tokko ta’uusaa ni amanu. Haati Alee’aa jedhamtu tokko akkas jetteetti: “Yeroo jalqabaatiif intalakoo yeroon argu baay’een gammade. Ijoolleen hanga har’aatti arge hundumaa caalaa bareedduu taate natti mul’atte.” Ta’us, yeroon gammachiisaan akkasii warrarratti dhiphinas fiduu ni danda’a. Abbaan manaa Alee’aa akkas jedha: “Mucaan keenya rakkoowwan jireenyashee keessatti ishee mudatan akka mootuuf sirriitti ishee qopheessuu nan danda’aa laata jedheen yaadda’an ture.” Warri hedduun yaaddoo akkasii kan qaban si’a ta’u, jaalalaan ijoollee leenjisuun barbaachisaa ta’uusaas ni amanu. Haata’u malee, warri Kiristiyaanaa ijoolleesaanii jaalalaan leenjisuu barbaadan rakkoon addaddaa isaan mudata. Rakkoowwan kana keessaa tokko tokko maalfa’i?
2. Rakkoowwan warra mudatan maalfa’i?
2 Amma kan jiraannu bara dhumaa sirna biyya lafaa isa xumuraa keessadha. Akkuma raajiidhaan dubbatame, biyyi lafaa namoota jaalala hin qabneen guutameera. Warra miseensa maatiisaaniitiifillee “jaalala of keessaa hin qabne,” warra “galata hin qabnee, warra wanta qulqullaa’aadhaan morman” ta’aniiru. (2 Ximotewos 3:1-5) Miseensonni maatii Kiristiyaana tokkoo namoota amala akkasii argisiisanii wajjin guyyaa guyyaadhaan wal arguunsaanii, haala itti waliin jiraatanirratti dhibbaa geessisuu danda’a. Kana malees, warri cubbamoo waan ta’aniif, of qabuu akka hin dadhabne, utuu itti hin yaadin waa akka hin dubbanneefi dhimmawwan kan biraatiinis waan dogoggora ta’e akka hin hojjenne carraaqqii guddaa godhu.—Roomaa 3:23; Yaaqoob 3:2, 8, 9.
3. Warri ijoollee gammachuu qaban guddisuu kan danda’an akkamitti?
3 Warri rakkoowwan kun hundi kan isaan mudatan ta’uyyuu, ijoollee gammadoo ta’aniifi Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii qaban guddisuu ni danda’u. Akkamitti? Gorsa, “Waan hojjettan hundumaa jaalalaan raawwadhaa!” jedhu hordofuudhaani. (1 Qorontos 16:14) Dhugumayyuu, jaalalli “wanta hundumaa raawwatamaa godhee walitti hidh[a].” (Qolosaayis 3:14) Xalayaa Phaawulos ergamaan warra Qorontosiif erge isa duraa keessatti, karaa jaalalli itti argisiifamuu danda’u sadiifi akkatti warri ijoolleesaanii yeroo leenjisan amala kana itti argisiisuu danda’an haa’ilaallu.—1 Qorontos 13:4-8.
Warri Obsaan Danda’uun Kan Isaan Barbaachisu Maaliifi?
4. Warri obsaan danda’uun kan isaan barbaachisu maaliifi?
4 Phaawulos, “Jaalalli danda’aa dha” jechuudhaan barreesseera. (1 Qorontos 13:4) Jechi afaan Giriikii “danda’aa” jedhamee hiikame, obsaafi aariitti suuta jechuu kan argisiisudha. Warri obsaan danda’uun kan isaan barbaachisu maaliifi? Warri hedduun kanaaf sababii baay’ee dhiheessuu akka danda’an beekamaadha. Kanneen keessaa mee muraasasaanii haa’ilaallu. Ijoolleen wanta barbaadan tokko hanga argatanitti irra deddeebi’anii gaafatu. Warrisaanii hin ta’u jedhanii utuma isaaniif deebisaniiyyuu, yaadasaanii jijjiiru ta’a jedhanii waan abdataniif irra deddeebi’anii isaan gaafatu ta’a. Ijoolleen umrii kurnanii keessatti argaman, wanta warrisaanii dogoggora ta’uusaa beekan tokko akka isaaniif heyyaman gochuuf sababii baay’ee dhiheessudhaan isaan mormuu barbaadu ta’a. (Fakkeenya 22:15) Akkuma hundi keenya goonu, ijoolleenis irra deebi’anii wantoota dogoggora ta’an hojjechuun isaanitti salphata.—Faarfannaa 130:3.
5. Warri amala obsaan danda’uu akka qabaataniif wanti isaan gargaaruu danda’u maalidha?
5 Warri walitti dhufeenya ijoolleesaanii wajjin qabaniin obsa akka qabaataniif wanti isaan gargaaruu danda’u maalidha? Solomoon Mootichi, “Hubataa ta’uun dheekkamsaaf suuta nama jechisiisa” jechuudhaan barreesseera. (Fakkeenya 19:11) Warri isaanis yeroo tokkotti ‘akka mucaatti dubbachaa, akka mucaatti yaadaa, akka mucaattis sababii kennaa’ akka turan yaadachuudhaan, amala ijoolleesaanii hubachuu qabu. (1 Qorontos 13:11) Isin yeroo ijoollee turtanitti, wantuma hin taane tokko kadhachuudhaan yeroo itti haadha ykn abbaa keessan rakkisaa turtan ni yaadattuu? Yeroo umrii kurnanii keessa turtanittimmoo, warri keessan miira ykn rakkoo keessan akka isiniif hin hubanne isinitti dhaga’ama turee? Yoo akkas ta’e, ijoolleen keessan amala akkasii kan qabaatan maaliif akka ta’e, akkasumas murtoon keessan maal akka ta’e obsaan irra deddeebitanii isaan yaadachiisuun kan isin barbaacisu maaliif akka ta’e beekuu dandeessu. (Qolosaayis 4:6) Yihowaan sabni Israa’el seerawwansaa ‘irra deddeebi’anii’ ijoolleesaanii akka barsiisan ajajuunsaa xiyyeeffannaan kennamuufii kan qabudha. (Keessa Deebii 6:6, 7) Kana jechuun, yeroo booda seerawwan Waaqayyoo hojiirra oolchuu akka baraniif, waan tokko irra deddeebi’anii itti himuu jechuudha. Barumsawwan jireenyaa kan biraas irra deddeebi’anii barsiisuun baay’ee barbaachisaadha.
6. Danda’uu jechuun, ijoollee ofii gadhiisiitti guddisuu jechuu kan hin taane maaliifi?
6 Karaa biraammoo, warri danda’uu qabu yeroo jedhamu, ennaa ijoolleensaanii wanta Waaqayyo jibbu raawwatan callisanii ilaalu jechuu miti. Dubbiin Waaqayyoo: “Mucaan gad-dhiisiitti guddatu garuu, haadha isaa yeellaasisa” jedha. Miidhaan akkasii akka hin geenyeef caqasumti kun “ijoollee adabanii karaa irra buusuun gaarii dha” jedha. (Fakkeenya 29:15) Al tokko tokko ijoolleen, warrisaanii isaan adabuuf aangoo akka hin qabne itti dhaga’ama ta’a. Haata’u malee, aangoon warri maatiisaanii geggeessuuf qaban heyyama ijoolleensaanii kennanirratti kan hundaa’e waan hin taaneef, maatiiwwan Kiristiyaanaa karaa kanaan fedhii ijoolleesaaniitiin hin geggeeffaman. Kanaa mannaa, aangoo Yihowaan inni Mataa maatii isa guddaa ta’e, ijoolleesaanii akka leenjisaniifi jaalalaan akka adaban isaaniif kenne godhanii ilaalu. (1 Qorontos 11:3; Efesoon 3:15; 6:1-4) Adabni, amala jaalalaa Phaawulos ittaansee dubbatee wajjin kan wal qabatedha.
Jaalalaan Adabuun Kan Danda’amu Akkamitti?
7. Warri amala gaarummaa qaban ijoolleesaanii kan adaban maaliifi? Adabni maal kan dabalatudha?
7 Phaawulos, “Jaalalli . . . gaarummaa in argisiisa” jechuudhaan barreesseera. (1 Qorontos 13:4) Warri dhugumaan amala gaarummaa qaban, yeroo ijoolleesaanii adaban ilaalchasaanii ykn seerasaanii hin gegeddaran. Akkas gochuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofu. Phaawulos, Yihowaan “Nama jaallatu barsiisuuf in adaba” jechuudhaan barreesseera. Macaafa Qulqulluu keessatti jechi adabuu jedhame uleedhaan rukutuu qofa kan argisiisu akka hin taane hubadhaa. Yaada leenjisuufi barumsa kennuu jedhus of keessaa qaba. Kaayyoon adaba akkasii maalidha? Phaawulos “Warra itti baraniif ija in godhata; iji sunis kan nagaa fi kan qajeelinaa in ta’a” jechuudhaan barreesseera. (Ibroota 12:6, 11) Warri akka fedha Waaqayyootti ijoolleesaanii kan leenjisan taanaan, nagaa kan qabaniifi qajeeloo ta’anii akka guddataniif carraa isaaniif banu. Ijoolleen “adaba Waaqayyoo” yoo fudhatan, ogummaa, beekumsaafi hubannaa, meetii ykn warqee caalaa gati jabeessa ta’e argatu.—Fakkeenya 3:11-18.
8. Yeroo baay’ee warri ijoolleesaanii kan hin adabne yoo ta’e rakkina maaliitu dhufa?
8 Karaa biraammoo, ijoollee adabuu dhiisuun jaalala argisiisuu miti. Yihowaan, Solomoon akkas jedhee akka barreessu taasiseera: “Namni ilma isaa karaabaadhaan reebuu dhiisee qusatu isa jibbuu isaa ti, namni ilma isaa dafee adabu garuu isa jaallachuu isaa ti.” (Fakkeenya 13:24) Ijoolleen adabni hin gegeddaramne utuu hin kennaminiif guddatan, ofittoo kan ta’aniifi gammachuu kan hin qabne ta’u. Faallaa kanaatiinimmoo, ijoolleen warrisaanii kan isaan jaallatan ta’uyyuu daangaa cimaa tokko tokko isaanirratti godhan, barumsasaanitti kan ciman, namoota kaanii wajjin kan walii galaniifi gammachuu kan qaban ta’u. Dhugumayyuu, warri ijoolleesaanii gaarummaadhaan adaban akka isaan jaallatan argisiisu.
9. Warri Kiristiyaana ta’an ijoolleesaanii maal barsiisuu? Qajeelfamawwan kana akkamitti ilaaluu qabu?
9 Ijoollee gaarummaafi jaalalaan adabuun maal dabalata? Warri wanta ijoolleesaaniirraa eegan kallattiidhaan itti himuunsaanii barbaachisaadha. Fakkeenyaaf, ijoolleen warra Kiristiyaana ta’an qaban, xinnummaasaaniitii kaasee seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluufi sochiiwwan waaqeffannaa dhugaa addaddaarratti hirmaachuun barbaachisaa ta’uusaa barataniiru. (Ba’uu 20:12-17; Maatewos 22:37-40; 28:19; Ibroota 10:24, 25) Ijoolleen qajeelfamawwan kun kan hin jijjiiramne ta’uusaanii beekuun isaan barbaachisa.
10, 11. Warri seera mana keessaa yeroo baasan fedhii ijoolleesaanii tilmaama keessa kan galchan maaliif ta’uu danda’a?
10 Haata’u malee al tokko tokko, warri seera mana keessaa yeroo baasan ijoolleesaanii wajjin irratti mari’achuu barbaadu ta’a. Dargaggoonni maree seera mana keessaa ilaalchisee godhamurratti hirmaataniiru taanaan, caalaatti abboomamuuf kaka’u ta’a. Fakkeenyaaf, warri ijoolleensaanii galgala sa’aatii meeqatti manatti galuu akka qaban kan murteessan yoo ta’e, sa’aatii murteeffame sana itti himuu danda’u . Yookiin, akka filannootti, ijoolleen sa’aatii itti galuu barbaadaniifi sababii sa’aatii sana itti filatan akka ibsan isaaniif heyyamu ta’a. Achiis warri sa’aatii barbaadan murteessuudhaan sababii sa’aatiin kun gaariidha jedhan itti himu ta’a. Yeroo baay’ee ilaalchi ijoolleesaanii kanarraa adda ta’uunsaa waan hin oolledha; yeroo kanatti warri maal gochuu danda’u? Al tokko tokko, hamma seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu wajjin wal hin faallessinetti fedhii ijoolleesaanii eeguuf murteessu ta’a. Kana gochuunsaanii aangoo ijoolleesaaniirratti qaban laaffisaniiru jechuudhaa?
11 Gaaffii kana deebisuuf, Yihowaan haala Looxiifi maatiisaa wajjin wal qabateen aangoosaatti karaa jaalalaa qabeessa ta’een akkamitti akka fayyadame haa’ilaallu. Ergamoonni, Loox, haadha manaasaafi ijoollee durbaasaa Sodoomii erga baasanii booda, “Ati akka hin balleeffamnetti, gara roga tullootaatti ol baqadhu!” isaaniin jedhanii turan. Haata’u malee, Loox, “Achi miti, yaa gooftaa ko!” jedhee deebiseef. Filannaa kanbiraa yeroo dhiheessu akkas jedhe: “Mandarri fuullee jirtu kun itti baqachuudhaaf dhi’oo dha, xinnoo dhas, isheen xinnoo dha mitii ree? Achitti baqadhee lubbuun koo akka oolu anaaf godhi!” Deebiin Yihowaa maal ture? “Kunoo, ani isa kanaafis faara sitti nan tola” jedheen. (Uumama 19:17-22) Yihowaan yeroo kanatti aangoosaa laaffisee turee? Matumaa! Kanaa mannaa, gaaffii Loox fudhachuudhaan dhimma kanarratti gaarummaa guddaa isatti argisiiseera. Haadha ykn abbaa yoo taate, yeroo seera maatii baastu fedhii ijoolleekeetii tilmaama keessa yeroon itti galchuu dandeessu jiraa?
12. Mucaan tokko tasgabbiin akka isatti dhaga’amu kan gargaaru maalidha?
12 Ijoolleen seera ba’e qofa utuu hin ta’in, seera ba’e sana cabsuun adabbii akkamii akka geessisu beekuu qabu. Adaba kennamuu qaburratti takkaa mari’atanii erga walii galanii booda, adabni sun kennamuu qaba. Warri ijoolleensaanii yeroo balleessaa hojjetan akka isaan adaban irra deddeebi’anii kan isaan akeekkachiisan ta’uyyuu, kan isaan hin adabne taanaan isaan jaallatu jechuun hin danda’amu. Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Adabni warra wanta hamaa hojjetan irra dafee waan hin geenyeef, garaan ilmaan namootaa guutummaatti wanta hamaa hojjechuutti in jabaata.” (Lallaba 8:11) Warri, namoota keessatti ykn hiriyootasaanii duratti ijoolleesaanii adabuurraa kan of qusatan ta’uunsaanii, ijoolleen akka hin qaanofne akka godhu beekamaadha. Haata’u malee ijoolleen adaba kan dabalatu ta’uyyuu, warrisaanii “Eeyyeen” jechuunsaanii eeyyee akkasumas “Waawuu” jechuusaanii waawuu akka ta’e beekuunsaanii, tasgabbiin akka isaanitti dhaga’amu, akkasumas warrasaanii caalaatti akka kabajaniifi akka isaan jaallatan godha.—Maatewos 5:37.
13, 14. Warri ijoolleesaanii yeroo leenjisan fakkeenya Yihowaa hordofuu kan danda’an akkamitti?
13 Adabni ijoolleedhaaf kennamu jaalalarratti kan hundaa’e akka ta’uuf, adabichiifi karaan adabni sun itti kennamu haala ijoollee tilmaama keessa kan galche ta’uu qaba. Paam akkas jechuudhaan waan yaadattu dubbatti: “Ijoolleen keenya lamaan adaba addaddaatu isaan barbaachisa ture. Kan mucaa isa tokkoof hojjetu isa kaaniif hin hojjetu.” Abbaan manaashee Laariinimmoo akkas jechuudhaan ibsa: “Intalli keenya isheen angafaa waan yaadderraa kan hin deebine waan ta’eef adaba cimaatu ishee barbaachisa ture. Isheen quxisuu garuu, dheekkamsaafi nyaara namaa argitee deebiti turte.” Warri ijoolleesaanii jaallatan, adabni tokkoon tokkoon ijoolleesaaniitiif caalaatti gaarii ta’e isa kam akka ta’e hubachuuf yaalu.
14 Yihowaan humnaafi dadhabbii tajaajiltootasaa hundaa waan beekuuf warraaf fakkeenya ta’a. (Ibroota 4:13) Kana malees, Yihowaan adaba yeroo kennu garmalee jabaa ykn garmalee laafaa miti. Kanaa mannaa, yeroo hundumaa sabasaa ‘qajeelummaadhaan adaba.’ (Ermiyaas 30:11) Warra kan taatan, jabinaafi dadhabbii ijoollee keessanii beektuu? Amalasaanii erga beektanii, karaa bu’a qabeessa ta’eefi gaarummaadhaan isaan leenjisuu dandeessuu? Yoo ta’e, ijoollee keessan akka jaallatan mirkaneessaa jirtu jechuudha.
Wanta Isaanitti Dhaga’amu Akka Dubbatan Jajjabeessaa
15, 16. Warri ijoolleensaanii waan garaasaanii ifatti akka dubbatan isaan jajjabeessuu kan danda’an akkamitti? Karaa kanaan malli bu’a qabeessi warri Kiristiyaanota ta’an argatan maalidha?
15 Karaa biraammoo, “Jaalalli qajeelina dhugaatti gammada malee, jal’inatti hin gammadu.” (1 Qorontos 13:6) Warri ijoolleensaanii wanta sirriifi dhugaa ta’e akka jaallataniif isaan leenjisuu kan danda’an akkamitti? Tarkaanfiin inni jalqabaa, wanti ijoolleensaanii dubbatan kan hin fudhatamne ta’ullee, wanta isaanitti dhaga’amu ifatti akka dubbatan isaan jajjabeessuudha. Warri, ijoolleensaanii wanta ulaagaalee qajeelinaa wajjin wal simu yeroo dubbatan akka gammadan beekamaadha. Haata’u malee yeroo tokko tokko, dubbiin garaasaaniitii dubbatan karaa qajeelinaarraa akka maqan kan argisiisu ta’a. (Uumama 8:21) Yeroo kanatti warri maal gochuu qabu? Jalqaba kan isaanitti mul’atu, yaada akkasii ibsuusaaniitiin yeruma sana ijoolleesaanii adabuu ta’uu danda’a. Warri akkas kan godhan taanaan, ijoolleen wanta gurra warrasaaniitti tolu qofa dubbachuu amaleeffatu. Wanti tuffiidhaan dubbatame yerooma sana sirreeffamuu kan qabu ta’uyyuu, ijoolleen akkamitti kabajaan yaadasaanii akka ibsan barsiisuufi maal dubbachuu akka qaban itti himuun garaagarummaa qaba.
16 Warri ijoolleensaanii wanta isaanitti dhaga’amu akka dubbatan jajjabeessuu kan danda’an akkamitti? Alee’aan isheen armaan olitti caqasamte akkas jetti: “Wanta nama aarsu yeroo dubbatan akka hin aarre of eeggachchuudhaan, wanta isaanitti dhaga’ame akka dubbatan carraa kenninaaf.” Abbaan Toom jedhamummoo akkas jedheera: “Intalli keenya ilaalchishee kan keenyarraa yommuu adda ta’ullee yaadashee akka ibsituuf ishee jajjabeessina turre. Yaadashee ennaa ibsitu gidduutti kan ishee dhaabsisnuufi duchaadhumaan waan nuyi jennu qofa akka fudhattu kan ishee dirqisiisnu yoo ta’e, kan aartuufi sana booda wanta isheetti dhaga’amu nutti himuu kan dhiistu nutti fakkaata. Karaa biraammoo, ishee dhaggeeffachuun keenya isheenis akka nu dhaggeeffattu godheera.” Ijoolleen warrasaaniitiif abboomamuu qabu. (Fakkeenya 6:20) Haata’u malee, warri ijoolleensaanii waan isaanitti dhaga’amu akka dubbatan yoo godhan, wanta sirriifi dogoggora ta’e addaan baasanii akka beekan isaan gargaaruu danda’u. Abbaa ijoollee afurii kan ta’e Viinsant akkas jedha: “Yeroo baay’ee adeemsi inni kam gaarii akka ta’e ofumasaaniitii akka hubataniif, bu’aafi miidhaa wanti tokko qaburratti mari’anna. Akkas gochuun keenya, hubannaa gadi fageenya qabu akka qabaatan isaan gargaareera.”—Fakkeenya 1:1-4.
17. Warri waa’ee maalii mirkanaa’oo ta’uu danda’u?
17 Warri hundi, ijoolleesaanii guddisuu wajjin haala wal qabateen gorsa Macaafa Qulqulluu guutummaatti hordofuu akka hin dandeenye beekamaadha. Ta’us, ijoolleen keessan carraaqqii obsaan, gaarummaafi jaalalaan isaan leenjisuuf gootan akka dinqisiifatan mirkanaa’oo ta’uu dandeessu. Carraaqqii karaa kanaan gootan Yihowaan isinii eebbisa. (Fakkeenya 3:33) Warri Kiristiyaana ta’an hundi, ijoolleensaanii akkumasaanii Yihowaa kan jaallatan akka ta’an barsiisuu barbaadu. Galma guddaa kanarra ga’uu kan danda’an akkamitti? Matadureen ittaanu tooftaalee kana gochuun itti danda’amu tokko tokko ibsa.
Ni Yaadattaa?
• Hubannaan, warri obsa akka qabaatan kan gargaaru akkamitti?
• Gaarummaaniifi adabni walitti dhufeenya maalii qaba?
• Warraafi ijoolleen ifatti mari’achuunsaanii barbaachisaa kan ta’e maaliifi?