Boqonnaa Kudha Afur
Yihowaan Jaarmiyaasaa Kan Geggeessu Akkamitti?
1. Macaafni Qulqulluun waa’ee jaarmiyaa Yihowaa maal nutti hima? Waa’ee jaarmiyaa kanaa beekuun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
WAAQAYYO jaarmiyaa qabaa? Macaafni Qulqulluun akka inni jaarmiyaa qabu nutti hima. Yihowaan karaa Sagaleesaa waa’ee jaarmiyaasaa isa samiirratti argamuu hamma tokko nuuf ibseera. (Hisqi’el 1:1, 4-14; Daani’el 7:9, 10, 13, 14) Jaarmiyaasaa isa samiirra jiru kana ijaan arguu baannus, jaarmiyaan kun waaqeffattoota dhugaa lafarratti argaman kan tuqudha. (2 Mootota 6:15-17) Yihowaan lafarrattis jaarmiyaa ijaan argamu qaba. Macaafni Qulqulluun jaarmiyaan kun maal akka ta’eefi Yihowaan akkamitti jaarmiyaa kana akka geggeessu hubachuuf nu gargaara.
Jaarmiyaa Yihowaa Isa Ijaan Argamu Hubachuu
2. Waaqayyo gumii haaraa akkamii walitti qabe?
2 Sabni Israa’el waggoota 1,545 ta’aniif gumii Waaqayyoo turan. (Hojii Ergamootaa 7:38) Haata’u malee, sabni sun seera Waaqayyoo utuu hin raawwatin hafaniiru; akkasumas Ilmasaatti amanuu didaniiru. Kanaan kan ka’es Yihowaan saba sanatti gargaaramuu dhaabe. Yesus Yihudootaan: “Ilaa, manni keessan onee in hafa” isaaniin jedheera. (Maatewos 23:38) Achiis Waaqayyo gumii haaraa hundeessuudhaan gumii kanaa wajjin kakuu haaraa galeera. Gumii haaraan kunis, namoota lakkoofsisaanii 144,000 ta’aniifi samiirratti Yesusii wajjin tokkummaa akka qabaataniif Waaqayyo isaan filate kan qabatedha.—Mul’ata 14:1-4.
3. Waaqayyo gumii haaraatti fayyadamaa akka jiru kan argisiisu Dh.K.B. bara 33tti milikkita maaliitu raawwatame?
3 Gumii haaraa kana keessaas warri jalqabaa, namoota Dh.K.B. bara 33tti guyyaa Phenxeqosteetti hafuura Yihowaatiin dibamanidha. Wanta haaraa yeroo sanatti raawwatame Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan ibsa: “Ayyaanni guyyaa shantammaffaa inni ‘Phenxeqostee’ jedhamee beekame yommuu ga’e, hundinuu iddoo tokkotti walitti qabamanii turan. Dingatas huursaan waaqa irraa akka bubbee bubbisuutti dhaga’amee, manicha isaan keessa jiranis guute. Arraba ibiddaa kan fakkaatan isaanitti mul’atan, gargar tamsa’aniis, wanti akka arraba ibiddaa kun tokkon tokkon isaanii irra taa’an. Yommus hundumti isaanii hafuura qulqulluudhaan guutaman; akka hafuurri dubbachuu isaa isaaniif kennetti, afaan garaa garaa dubbachuu jalqaban.” (Hojii Ergamootaa 2:1-4) Kanaafuu, Waaqayyo gumii namootaa kanaaf hafuurasaa kennuudhaan, qajeelfama Yesus Kiristos samiirraa isaaniif kennu jalatti kaayyoo Yihowaa kan raawwatan ta’uusaanii argisiiseera.
4. Yeroo har’aatti jaarmiyaa Yihowaa isa ijaan argamu kan ta’an eenyufa’i?
4 Dibamtoota 144,000 ta’an keessaa yeroo ammaatti lafarratti kan argaman baay’ee muraasadha. Haata’u malee, akka raawwii raajii Macaafa Qulqulluutti kutaa ‘tuuta sonaan baay’ee’ kan ta’an ‘hoolonni kan biraan’ miliyoonaan lakkaa’aman dibamtoota lafarratti argamanii wajjin walta’iinsa uumaniiru. Tikseen Gaariin hoolota kan biraa dibamtoota lafarratti argamanii wajjin karra tokko jalatti isaan tiksa. (Mul’ata 7:9; Yohannis 10:11, 16) Namoonni kun hundi tokko ta’uudhaan jaarmiyaa Yihowaa isa ijaan argamu ta’aniiru.
Jaarmiyaa Waaqayyoon Geggeeffamu
5. Jaarmiyaa Waaqayyoo eenyutu geggeessa? Akkamitti?
5 Jechi Macaafa Qulqulluu “waldaa [gumii] Waaqayyoo jiraataa” jedhu, jaarmiyaa kana kan geggeessu eenyu akka ta’e argisiisa. Jaarmiyaa kana kan geggeessu Waaqayyodha. Yihowaan, karaa Yesus isa Mataa gumii akka ta’uuf muudameefi karaa Macaafa Qulqulluu sabasaatiif qajeelfama kenna.—1 Ximotewos 3:14, 15; Efesoon 1:22, 23; 2 Ximotewos 3:16, 17.
6. (a) Tuutni jaarraa jalqabaatti turan qajeelfama Waaqayyoo akka qaban kan beekame akkamitti? (b) Yesus ammayyuu Mataa gumii ta’uusaa kan argisiisu maalidha?
6 Yihowaan sabasaatiif qajeelfama kan kennu ta’uunsaa guyyaa Phenxeqosteetti ifa ta’eera. (Hojii Ergamootaa 2:14-18, 32, 33) Ergamaan Yihowaa misiraachoon kun gara Afriikaatti akka babal’atu yeroo godhetti, Saa’ol inni biyya Tarsheesh akka Kiristiyaana ta’u sagaleen Yesus qajeelfama yeroo isaa kenneetti akkasumas yeroo Phexros namoota saba Waaqayyoo hin ta’initti lallabuu jalqabetti qajeelfamni kun ifa ta’eera. (Hojii Ergamootaa 8:26, 27; 9:3-7; 10:9-16, 19-22) Haata’u malee, yeroo booda samiirraa sagaleen dhaga’amuunsaa, ergamoonni Waaqayyoo namootatti mul’achuunsaaniifi, kennaan hafuura qulqulluu dinqii raawwachuuf dandeessisu kennamuunsaa dhaabateera. Ta’us Yesus: “Kunoo, ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira” jechuudhaan waadaa isaaniif galee ture. (Maatewos 28:20; 1 Qorontos 13:8) Yeroo har’aattis Dhugaa Baatonni Yihowaa qajeelfama Yesus ni fudhatu. Qajeelfama kanaan alatti, utuu namoonni akkas nu jibbanii ergaa Mootummichaa labsuu hin dandeenyu ture.
7. (a)‘Hojjetaa amanamaafi ogeessa’ kan jedhame eenyu? Maaliif? (b) Hojiin ‘hojjetaa amanamaa’ kanaaf kenname maalidha?
7 Yesus du’uusaa dura utuu baay’ee hin turin ‘hojjetaa amanamaafi ogeessaaf’ itti gaafatama addaa akka kennu bartootasaatti himee ture. ‘Hojjetaan’ sun yeroo Gooftaansaa gara samiitti adeemus ta’e, yeroo inni haala ijaan hin mul’anneen aboo Mootummaasaa qabatutti jabaatee akka hojjetu ibsameera. Ibsi kun nama tokko utuu hin ta’in, gumii namoota hafuura qulqulluutiin dibaman hundaa kan argisiisudha. Yesus dhiigasaatiin gumii kana waan biteef ‘hojjetaasaa’ akka ta’e ibseera. Miseensonni gumii kanaas warra kaan bartoota akka taasisaniifi “yeroodhaan nyaata [hafuuraa] isaaniif” dhiheessuudhaan sadarkaa sadarkaadhaan nyaata hafuuraa akka isaan sooran ajajeera.—Maatewos 24:45-47; 28:19; Isaayaas 43:10; Luqaas 12:42; 1 Phexros 4:10.
8. (a) Kutaan hojjetaa amanamaafi ogeessaa kanaa yeroo ammaatti itti gaafatamummaa maalii qaba? (b) Qajeelfama Yihowaan karaa hojjetaa kanaa nuu kennuuf abboomamuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
8 Kutaan hojjetaa kanaa yeroo Gooftaansaa haala ijaan hin argamneen bara 1914tti aboo Mootummaasaa qabatetti, hojii isaaf kenname amanamummaadhaan hojjechaa waan tureef, bara 1919tti itti gaafatamummaan dabalataa akka isaaf kenname ragaan ni argisiisa. Yeroo sanaa jalqabee misiraachoo Mootummichaa addunyaa maratti lallabuufi tuutni sonaan baay’ee Yihowaa Waaqeffatan rakkina guddaa gara fuulduraatti dhufurraa akka oolaniif walitti qabamaa turan. (Maatewos 24:14, 21, 22; Mul’ata 7:9, 10) Namoonni kunis nyaanni hafuuraa kan isaan barbaachisu yeroo ta’u, nyaata kanas kan isaanii qopheessu kutaa hojjetaa kanaati. Yihowaa gammachiisuu yoo barbaanne, qajeelfama inni karaa hojjetaa kanaa nuuf kennu fudhachuufi guutummaatti hojiirra oolchuu qabna.
9, 10. (a) Jaarraa jalqabaatti misiraachoo lallabuu wajjin haala wal qabateen gaaffiiwwan barumsa bu’uuraafi qajeelfama kennuu ilaalchisee ka’aniif qophiin akkamii godhamee ture? (b) Yeroo ammaatti sochii saba Yihowaa qindeessuuf qophiin akkamii godhameera?
9 Darbee darbee barumsa bu’uuraarrattiifi akkaataa barumsi kun hojiirra itti oolurratti gaaffiin ka’uu danda’a. Yeroo kanatti maaltu godhama? Hojiin Ergamootaa boqonnaa 15, namoonni saba Waaqayyoo hin ta’iniifi yeroo booda amantii Kiristiyaanaa fudhatan maal gochuu akka qaban ilaalchisee falmiin ka’e akkamitti furmaata akka argate nutti hima. Dhimmi sun, qaama olaanaa yeroo sana turetti jechuunis gara ergamootaafi jaarsolii Yerusaalem turanitti ergame. Namoonni sun kan hin dogoggorre ta’uu baatanillee, Waaqayyo isaanitti fayyadameera. Dhimma kanarratti yaada Caaffanni Qulqullaa’oon kennaniifi hafuurri qulqulluun namoonni saba Waaqayyoo hin ta’in gara Yihowaatti akka dhufan gochuusaatiif ragaa dhihaate erga qoranii booda murtoo dabarsaniiru. Waaqayyos qophii sana eebbiseera. (Hojii Ergamootaa 15:1-29; 16:4, 5) Qaamni olaanaan kun, namoota muuduudhaan labsii Mootummichaa akka babal’isaniif bakka adda addaatti erga ture.
10 Yeroo ammaattis Qaamni Olaanaa jaarmiyaa Yihowaa inni ijaan argamu namoota hafuura Waaqayyootiin dibamaniifi biyya adda addaatii dhufaniin kan hundeeffame yeroo ta’u, innis bakka waajjira muummee Dhugaa Baatota Yihowaatti argama. Qaamni Olaanaan kun, qajeelfama Kiristos jalatti hojii lallabaa Dhugaa Baatota Yihowaa gumiiwwan kumaatama kudhanii ol ta’an keessatti argaman qindeessuudhaan, biyya hundumaatti amantii dhugaa babal’isaa jira. Obboloonni miseensa Qaama Olaanaa ta’an yaada Phaawulos akkas jechuudhaan namoota hidhata amantiisaa ta’aniif barreessee wajjin tokko ta’e qabu: “Isin amantiitti jabaattanii waan dhaabattaniif, isin gammachiisuudhaaf isinii wajjin hojjenna malee, nuyi amantii keessan irratti gooftummaa argisiifna jennee miti.”—2 Qorontos 1:24.
11. (a) Jaarsoliiniifi tajaajiltoonni gumii kan muudaman akkamitti? (b) Obboloota muudamanii wajjin tokkummaa uumuu kan qabnu maaliifi?
11 Qaamni Olaanaa Dhugaa Baatonni Yihowaa obboloota ga’eessota ta’an filee itti gaafatamummaa kan isaaniif kennu yeroo ta’u, obboloonni kunimmoo jaarsoliifi tajaajiltoota gumii muudu. Ulaagaa obboloonni kun guutuu qaban Macaafa Qulqulluu keessatti kan argamu yeroo ta’u, namoonni kun gonkummaa kan hin qabneefi dogoggora hojjechuu akka danda’an tilmaama keessa galchu. Jaarsoliin warri kaan akka muudamaniif yaada deggersaa kennanis ta’e warri obboloota kana muudan Waaqayyo biratti itti gaafatama guddaa qabu. (1 Ximotewos 3:1-10, 12, 13; Tiitoos 1:5-9) Kanaan kan ka’es, Waaqayyo karaa hafuurasaa akka isaan gargaaruufi Sagaleesaarraa qajeelfama argachuuf kadhannaa dhiheessu. (Hojii Ergamootaa 6:2-4, 6; 14:23) Hundi keenya, namoota ‘tokkummaa amantii bira akka geenyuuf’ nu gargaaraniifi “Dhiirota kennaa ta’an, NW” kana akka dinqisiifannu haa argisiisnu.—Efesoon 4:8, 11-16.
12. Yihowaan jaarmiyaasaa keessatti dubartootaan kan fayyadamu akkamitti?
12 Macaafni Qulqulluun olaantummaadhaan gumii kan geggeessan dhiirota ta’uu akka qaban dubbata. Dubartoonni tokko tokko Mootummaa samii waan dhaalaniifi caalaatti hojii lallabaarratti waan hirmaataniif qophiin kun dubartoota mirga kan dhabsiisu miti. (Faarfannaa 68:11) Kana malees, yeroo hundumaa itti gaafatama maatiisaanii keessatti qaban sirriitti raawwachuudhaan, dubartoonni gumiin maqaa gaarii akka qabaatu gochuurratti ga’ee guddaa qabu. (Tiitoos 2:3-5) Haata’u malee, gumii keessatti kan barsiisan dhiirota muudaman qofadha.—1 Ximotewos 2:12, 13.
13. (a) Jaarsoliin itti gaafatamummaasaanii akkamitti ilaaluu akka qaban ilaalchisee Macaafni Qulqulluun gorsa akkamii kenna? (b) Hundi keenya mirga akkamii arganneerra?
13 Biyya lafaarratti namoonni aangoo guddaa qaban akka barbaadamaa ta’anitti ilaalamu. Jaarmiyaa Waaqayyoo keessatti garuu: “Isin keessaa hundumaa irra kan xinnaatu, inni guddaa in ta’a” seera jedhutu hojiirra oola. (Luqaas 9:46-48; 22:24-26) Macaafni Qulqulluun jaarsoliin saba Waaqayyoorratti gooftolii ta’uu mannaa isaaniif fakkeenya akka ta’an gorsa. (1 Phexros 5:2, 3) Waaqa uumama cufarratti olaantummaa qabu bakka bu’uudhaan maqaasaatiin dubbachuufi waa’ee Mootummaasaa namoota bakka hundumaatti argamanitti himuun, mirga namoota muraasaa qofa utuu hin ta’in mirga Dhugaa Baatota Yihowaa hundaati.
14. Caqasawwan kennamaniin fayyadamuudhaan gaaffiiwwan kanaa gaditti dhihaataniif deebii kenni.
14 ‘Yihowaan jaarmiyaasaa isa ijaan argamu akkamitti akka geggeessu sirriitti hubadheeraa? Yaannikoo, haasaaniifi gochikoo kana ni argisiisaa?’ jennee of gaafachuun keenya gaariidha. Xuqaalee armaan gaditti ibsamanirratti xiinxaluun keenya gama kanaan of gamaaggamuuf nu gargaara.
Mataa gumii kan ta’e Kiristosiif dhuguma nan abboomama taanaan, akka caqasawwan armaan gaditti ibsamanitti maal gochuun qaba? (Maatewos 24:14; 28:19, 20; Yohannis 13:34, 35)
Qophii hafuuraa karaa kutaa hojjetaa amanamaafi Qaama Olaanaa dhihaatuuf galateeffannaa qabaachuunkoo eenyyuuf ulfina kennuukoo argisiisa? (Luqaas 10:16)
Namoonni gumii keessatti argaman, keessumaammoo jaarsoliin walitti dhufeenya akkamii qabaachuu qabu? (Roomaa 12:10)
15. (a) Ilaalcha jaarmiyaa Yihowaa isa ijaan argamuuf qabnuun maal argisiifna? (b) Seexanni sobduu ta’uusaa mirkaneessuufi garaa Yihowaa ciibsuuf carraawwan akkamii qabna?
15 Yihowaan yeroo ammaatti jaarmiyaasaa isa ijaan hin argamneefi olaantummaa Yesusiin geggeeffamuun fayyadamee qajeelfama nuu kennaa jira. Ilaalchi qophii kanaaf qabnu, gaaffii olaantummaarratti ka’e ilaalchisee maaltu akka nutti dhaga’amu argisiisa. (Ibroota 13:17) Seexanni, wanti namoota yaaddessu dhimma dhuunfaasaaniiti jedhee falma. Haata’u malee, karaa barbaachisaa ta’e hundumaatiin Yihowaa yoo tajaajilleefi wantoota xiyyeeffannaa namootaa gara keenyatti harkisanirraa yoo fagaanne, Seexanni sobduu ta’uusaa mirkaneessina. Namoota itti gaafatamummaa qaban jaallachuufi kabajuudhaan, akkasumas ‘sobnee warra kaan saaduudhaan isaanirraa bu’aa argachuuf yaaluurraa fagaachuudhaan’ Yihowaa gammachiisuu dandeenya. (Yihudaa 16; Ibroota 13:7) Jaarmiyaa Yihowaatiif amanamoo ta’uudhaan, Yihowaan Waaqa keenya ta’uusaafi isa waaqeffachuudhaanis tokkummaa akka qabnu argisiisna.—1 Qorontos 15:58.
Maree Irra Deebii
• Yeroo ammaatti jaarmiyaan Yihowaa inni ijaan argamu isa kamidha? Kaayyoon jaarmiyaa kanaahoo maalidha?
• Mataa gumii ta’ee kan muudame eenyudha? Qophiiwwan ijaan argaman kamfa’iin gargaaramee qajeelfama nuu kenna?
• Namoota jaarmiyaa Yihowaa keessatti itti gaafatamummaa qabaniif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?
[Fakkii fuula 133rra jiru]
Yihowaan jaarmiyaasaa isa ijaan hin argamneefi olaantummaa Yesusiin geggeeffamuun fayyadamee qajeelfama nuu kenna