BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | MAATEWOS 25
“Dammaqaa Eegaa”
Fakkeenyi Yesuus waaʼee durboota kurnanii dubbate kallattiidhaan duuka buutota isaa warra dibamoo kan ilaallatu taʼus, ergaan isaa Kiristiyaanota hundaaf kan hojjetu dha. (w15 3/15 12-16) “Egaa isinis, guyyichas taʼe saʼaaticha waan hin beekneef dammaqaa eegaa.” (Mat 25:13) Fakkeenya Yesuus dubbate ibsuu ni dandeessaa?
Dhirsa misirroo (lakk. 1)—Yesuus
Durboota abshaalota qophaaʼoo taʼan (lakk. 2)—Kiristiyaanota dibamoo hojii isaaniif kenname amanamummaadhaan raawwachuuf qophaaʼanii fi hamma dhumaatti akka ibsitoota ifaa ibsan (Flp 2:15)
Sagalee guddaa, “Kunoo, misirrichi dhufaa jira!” jedhu (lakk. 6)—Ragaa argamuu Yesuus mirkaneessu
Durboota gowwaa (lakk. 8)—Kiristiyaanota dibamoo Dhirsa Misirroo simachuuf kan baʼan taʼus, dammaqoo fi amanamoo utuu hin taʼin hafan
Durboota abshaalota zayitii isaanii hiruu didan (lakk. 9)—Chaappaa isa dhumaa booda, dibamtoonni amanamoo taʼan warra amanamoo utuu hin taʼin hafan gargaaruu hin dandaʼan
“Dhirsi misirroo sun ni dhufe” (lakk. 10)—Yesuus murtoo dabarsuuf kan dhufu yeroo rakkinni guddaan xumuramuu jala gaʼutti dha
Durboonni abshaalonni dhirsa misirroo wajjin gara cidha gaaʼelaa sanatti seenan; balballis ni cufame (lakk. 10)—Yesuus dibamtoota isaaf amanamoo taʼan gara samiitti walitti sassaaba; warri amanamoo utuu hin taʼin hafan garuu, badhaasa samii irratti argatan ni dhabu