AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Lallabuu fi Barsiisuun Barattoota Gochuuf Baayʼee Barbaachisaa Dha
Yesuus dhaqanii barattoota akka godhan duuka buutota isaa ajajeera. (Mat 28:19) Kunis lallabuu fi barsiisuu dabalata. Yeroo yerootti, hundi keenya iyyuu, ‘Hojii barattoota gochuu irratti dandeettii lallabuu fi barsiisuu koo fooyyessuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jennee of gaafachuu qabna.
LALLABUU
Namoonni gara keenya akka dhufan eeguu mannaa, namoota ‘ergaa keenya fudhatan’ dammaqinaan barbaaduu qabna. (Mat 10:11) Tajaajila irratti yommuu hirmaannu, carraawwan ‘namoota argaman hundatti’ dubbachuuf argannu hundatti fayyadamuuf dammaqoo dhaa? (HoE 17:17) Phaawulos ergamaan dammaqinaan lallabuu isaatiin kan kaʼe Liidiyaan barattuu taʼuu dandeesseetti.—HoE 16:13-15.
VIIDIYOO “UTUU WAL IRRAA HIN KUTIN” LALLABAA—KARAA AL IDILEETIINII FI MANAA GARA MANAATTI JEDHAMU ILAALAA; ACHIIS GAAFFIIWWAN KANAA GADII DEEBISUUF YAALAA:
Saamuʼel wanta guyyaa guyyaatti raawwatu irratti, carraa sanyii dhugaa facaasuuf argatu dammaqinaan barbaadaa akka ture kan argisiise akkamitti?
Malawwan lallabaa hunda irratti hirmaachuu keenya itti fufuu kan qabnu maaliifi?
Sochii guyyaa guyyaadhaan gootu keessatti ergaa Mootummichaa eenyufaatti himuu dandeessa?
BARSIISUU
Barattoota gochuuf, namootaaf barreeffama kennuu caalaa wanti gochuu qabnu jira. Karaa hafuuraa guddina akka godhan isaan gargaaruuf, deddeebii gaaffii gochuu fi Kitaaba Qulqulluu isaan qoʼachiisuu qabna. (1Qo 3:6-9) Taʼus, carraaqqiin nama tokko dhugaa Mootummichaa barsiisuuf goone buʼaa guddaa kan hin argamsiisne yoo taʼe hoo? (Mat 13:19-22) Namoota garaan isaanii “biyyoo gaarii” taʼetti fakkeeffame barbaaduu keenya itti fufuu qabna.—Mat 13:23; HoE 13:48.
VIIDIYOO “UTUU WAL IRRAA HIN KUTIN” LALLABAA—BAKKA NAMOONNI BAAYʼATANITTII FI BARATTOOTA GOCHUU JEDHAMU ILAALAA; ACHIIS GAAFFIIWWAN KANAA GADII DEEBISUUF YAALAA:
Solomoonii fi Meeriin sanyii dhugaa garaa Hisqiʼelii fi Abigaaʼel keessatti facaasame bishaan kan obaasan akkamitti?
Bakka namoonni baayʼatanitti yeroo lallabnu dabalatee, bifa tajaajilaa keenya hunda irratti kaayyoon keenya maal taʼuu qaba?
Namoota kaan dhugaa barsiisuudhaaf xiyyeeffannaa guddaa kennuu kan dandeenyu akkamitti taʼuu dandaʼa?