Walitti Buʼiinsi Yommuu Uumamu Jaalalaan Hiikaa
“Walii wajjin nagaa qabaadhaa.”—MAR. 9:50.
1, 2. Seera Uumamaa keessatti walitti buʼiinsi namoota gidduutti uumame akkamii ibsameera? Kun hoo xiyyeeffannaa keenya kan harkisu maaliifi
WAAʼEE walitti buʼiinsawwan dhuunfaa Kitaaba Qulqulluu keessatti barreeffamanii yaaddee beektaa? Fakkeenyaaf, boqonnaawwan jalqabaa Seera Uumamaa qofa ilaali. Qaayin Abeeliin ajjeeseera (Uma. 4:3-8); Laamek, dargaggeessi tokko waan isa rukuteef isa ajjeeseera (Uma. 4:23); tiksitoonni Abrahaamii (Abraam) fi Loox wal lolaniiru (Uma. 13:5-7); Aggaar ishii tuffachuu ishiitiin kan kaʼe, Saaraan (Saaraayi) Abrahaamitti aarteetti (Uma. 16:3-6); Ismaaʼel nama hundumaa irratti harka kan ol fudhate siʼa taʼu, namni hundinuus isa irratti harka ol fudhateera.—Uma. 16:12.
2 Kitaabni Qulqulluun waaʼee walitti buʼiinsawwan kanaa kan dubbatu maaliifi? Sababiin inni tokko, nagaa uumuun kan isaan barbaachisu maaliif akka taʼe akka hubatan namoota cubbamoota taʼan gargaaruufi dha. Kitaabni Qulqulluun akkaataa kana gochuu itti dandeenyus nu barsiisa. Seenaa namootuma akka keenyaa rakkinuma akka keenyaa wajjin walʼaansoo gochaa turanii fi Kitaaba Qulqulluu irratti barreeffame irraa faayidaa argachuu dandeenya. Carraaqqiin isaanii buʼaa akkamii akka argamsiise baranna; kun immoo haalli kan isaanii wajjin wal fakkaatu jireenya keenya keessatti yeroo nu mudatu, qabxiiwwan kana hojii irra oolchuuf nu gargaara. Kun hundumtuu rakkinni kan isaanii wajjin wal fakkaatu yeroo nu mudatu karaa kamiin qabuu akka qabnuu fi akka hin qabne hubachuuf nu gargaara.—Rom. 15:4.
3. Mata dureen kun waaʼee maalii ibsa?
3 Mata dureen kun, tajaajiltoonni Yihowaa walitti buʼiinsa isaan gidduutti uumame hiikuu kan qaban maaliif akka taʼee fi gama kanaan akkamitti milkaaʼuu akka dandaʼan ibsa. Kana malees, dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu, walitti buʼiinsa furuuf akkasumas namootaa fi Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuuf isaan gargaaran qabateera.
TAJAAJILTOONNI WAAQAYYOO WALITTI BUʼIINSA FURUU KAN QABAN MAALIIFI?
4. Ilaalcha akkamiitu addunyaa irratti babalʼatee jira? Buʼaan isaa hoo maali dha?
4 Lolaa fi walitti buʼiinsa ilmaan namootaatiif adda durummaadhaan kan itti gaafatamu Seexana dha. Eeden keessatti, namni hundi gargaarsa Waaqayyoo malee, wanta gaarii fi gadhee taʼe ofii isaatiin murteessuu dandaʼa, akkasumas ofii isaatiin murteessuu qaba yaada jedhu kaasee ture. (Uma. 3:1-5) Buʼaan yaada kanaa ifatti mulʼachaa jira. Addunyaan kun, namoota amala ofiin of bulchuu qabaniin guutameera; amalli kun immoo koora, ofittummaa fi wal morkii kan babalʼisu dha. Namni ilaalcha kanaan oofamu, yaada Seexanaa warra kaan hammam iyyuu kan miidhu yoo taʼe namni tokko fedhii ofii isaa guuttachuu qaba jedhu deggeraa jira jechuu dha. Ilaalchi ofittummaa akkanaa lolatti geessa. ‘Namni dheekkamaan lola akka kaasu, namni aaraanis irra-daddarbaa akka baayʼisu’ yaadachuun keenya gaarii dha.—Fak. 29:22.
5. Yesuus walitti buʼiinsa hiikuu ilaalchisee namoota kan barsiise akkamitti?
5 Faallaa kanaatiin Yesuus, fedhii isaanii wajjin kan wal hin simne yoo fakkaate illee nagaa akka barbaadan namoota barsiiseera. Yesuus Lallaba Isaa isa Gaaraa irratti, Walii galtee dhabuu ykn walitti buʼiinsa hiikuu ilaalchisee gorsa gaarii kenneera. Fakkeenyaaf, garraamota akka taʼan, nagaa akka uuman, wantoota aariidhaaf sababa taʼan irraa akka fagaatan, dafanii akka araaramanii fi diinota isaanii akka jaallatan duuka buutota isaa gorseera.—Mat. 5:5, 9, 22, 25, 44.
6, 7. (a) Walitti buʼiinsi yeroo uumamu dafanii hiikuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (b) Sabni Yihowaa hundi gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu qabu?
6 Warra kaanii wajjin nagaa hin uumnu yoo taʼe, carraaqqiin nuti Waaqayyoon tajaajiluuf goonu, jechuunis kadhannaan, walgaʼii irratti argamuun, tajaajila baʼuun, akkasumas sochiiwwan waaqeffannaa kaan irratti hirmaachuun keenya gatii hin qabaatu. (Mar. 11:25) Dogoggora warra kaanii isaaniif dhiisuuf fedhii hin qabnu taanaan, michuu Waaqayyoo taʼuu hin dandeenyu.—Luqaas 11:4; Efesoon 4:32 dubbisi.
7 Kiristiyaanonni hundi warraa kaaniif dhiifama gochuu fi nagaa uumuu ilaalchisee of eeggannoodhaan, akkasumas amanamummaadhaan irratti yaaduu qabu. Obboloota hidhata amantii kee taʼaniif dhiifama ni gootaa? Isaanii wajjin yeroo dabarsuun si gammachiisaa? Yihowaan tajaajiltoonni isaa dhiifama akka godhan barbaada. Qalbiin kee gama kanaan fooyyaʼiinsa gochuu akka qabdu yoo sitti hime, Yihowaan akka si gargaaru kadhadhu! Abbaan keenya inni samii kadhannaa gad of qabuudhaan dhihaatu akkanaa ni dhagaʼa; deebiis ni kenna.—1 Yoh. 5:14, 15.
DOGOGGORA NAMOOTAA IRRA DARBUU NI DANDEESSAA?
8, 9. Namoonni yoo nu mufachiisan maal gochuu qabna?
8 Ilmaan namootaa hundi hirʼina waan qabaniif, namni tokko wanta si aarsu dubbachuun isaa ykn gochuun isaa hin hafu. Kun waan hin oolle dha. (Lal. 7:20; Mat. 18:7) Yeroo kanatti maal goota? Haala armaan gadii ilaali: afeerraa Dhugaa Baatonni irratti argaman tokko irratti, obboleettiin tokko obboloota lama yeroo nagaa gaafattutti wanta obboleessi inni tokko sirrii akka hin taane itti dhagaʼame dubbatte. Obboloonni sun yommuu kophaa isaanii taʼanitti, obboleessi inni mufate sun obboleettii sana komachuu jalqabe. Haa taʼu malee, obboleessi inni kan biraan obboleettiin kun haalawwan rakkisoo keessatti waggaa 40 oliif amanamummaadhaan Yihowaa akka tajaajilte isa yaadachiise; akka ishiin waan hamaa hin yaadne mirkanaaʼaa ture. Obboleessichis yeroo muraasaaf dhimma kana irratti erga yaadee booda, “Dhugaa kee jette” isaan jedhe. Dhimmichis sana booda hin kaane.
9 Muuxannoo kana irraa maal baranna? Haala walitti buʼiinsa uumuu dandaʼu akkamitti akka qabdu kan murteessu suma dha. Namni jaalala qabeessa taʼe dogoggora irra namaaf darba. (Fakkeenya 10:12; 1 Pheexiros 4:8 dubbisi.) Yihowaan, “balleessaa irra namaaf darbuu” kee akka ‘ulfinaatti’ ilaala. (Fak. 19:11; Lal. 7:9) Kanaafuu, yeroo namni tokko karaa gaarummaa ykn ulfina hin qabneen si qabu, jalqaba ‘Dogoggora kana irra darbuu nan dandaʼaa? Irratti yaaduu koo itti fufuun qabaa?’ jedhii of gaafadhu.
10. (a) Obboleettiin tokko yeroo maqaan ishii balleeffametti jalqaba irratti maaltu itti dhagaʼame? (b) Obboleettiin kun nagaa ishii akka eeggattu wanti ishii gargaare maali dha?
10 Wanta namoonni maqaa keenya balleessuuf dubbatan irra darbuun ulfaachuu dandaʼa. Wanta qajeelchituu Luusii[1] jedhamtu mudate ilaali. Tajaajila ishii fi akkaataa yeroo ishiitti itti fayyadamtu ilaalchisee wanti dogoggora taʼe yommuu dubbatamu dhageesse. Luusiin, waan aarteef obboloota muuxannoo qaban gorsa gaafatte. Akkana jetteetti: “Gorsi isaanii yaada warra kaaniitiif ilaalcha sirrii akkan qabaadhuu fi Yihowaa isa hunda caalu irratti akkan xiyyeeffadhu na gargaareera.” Luusiin Maatewos 6:1-4 dubbisuu ishiitiin jajjabina argatteetti. (Dubbisi.) Caqasni kun, galmi ishii Yihowaa gammachiisuu taʼuu akka qabu ishii yaadachiiseera. Akkana jetteetti: “Namoonni kaan sochiin godhu ilaalchisee wanta dogoggora taʼe yoo dubbatan illee, Yihowaa duratti fudhatama argachuuf hamman dandaʼe carraaqqii gochaa akkan jiru waanan beekuuf nan gammada.” Luusiin xumura kana irra erga geessee booda, yaada dogoggoraa sana irra darbuu filatteetti.
BALLEESSAA TOKKO IRRA DARBUU YOO DADHABDE HOO?
11, 12. (a) Kiristiyaanni tokko obboleessi isaa akka isa “gaddisiise” yoo itti dhagaʼame maal gochuu qaba? (b) Akkaataa Abrahaam rakkina itti hiike irraa maal baranna? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
11 “Hundi keenya yeroo baayʼee ni gufanna” (Yaq. 3:2) Obboleessi tokko wanta ati dubbatte ykn raawwatteen kan kaʼe ni mufate haa jennu. Yeroo kanatti maal gochuu qabda? Yesuus akkana jedheera: “Kennaa kee gara iddoo aarsaatti yeroo fiddu, utuu achi jirtuu obboleessi kee sitti gadduu isaa yoo yaadatte, kennaa kee iddoo aarsaa duratti dhiisii deemi. Achiis jalqaba obboleessa kee wajjin araarami; sana booda deebiʼiitii kennaa kee dhiheessi.” (Mat. 5:23, 24) Gorsa Yesuus hojii irra oolchuudhaan, obboleessa kee haasofsiisi. Yeroo kanatti, kaayyoon kee obboleessi kee balleessaa akka qabu itti himuu utuu hin taʼin, dogoggora kee amanuu fi araaramuu taʼuu qaba. Wanti hunda caalaa barbaachisaa taʼe, obboloota nu faana waaqeffatanii wajjin nagaa qabaachuu dha.
12 Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu tajaajiltoonni Waaqayyoo wanta walitti buʼiinsa uumuu dandaʼu nagaadhaan akka furan argisiisan keessaa tokko seenaa Abrahaamii fi Loox isa olitti ibsame dha. Namoonni kun lamaan horii qabu turan; tiksitoonni isaaniis lafa dheedichaa wajjin haala wal qabateen wal lolanii turan. Abrahaam rakkina kana furuuf fedhii waan qabuuf, maatiin isaa eessa akka jiraatu akka filatu Looxiif dursa kenne. (Uma. 13:1, 2, 5-9) Kun fakkeenya gaarii dha. Abrahaam wanta isatti tolu utuu hin taʼin, nagaa barbaade. Arjaa taʼuu isaatiin wanti isatti hirʼate jiraa? Matumaa. Dhimmi Looxii wajjin wal qabate kun akkuma darbeen, Yihowaan yeruma sana eebba guddaa akka isaaf kennu Abrahaamiif waadaa seene. (Uma. 13:14-17) Waaqayyo tajaajiltoonni isaa dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼuudhaan walitti buʼiinsa jaalalaan hiikuu isaaniitiin bara baraan rakkinni akka isaan irra gaʼu hin heyyamu.[2]
13. Ilaaltuun ol aanaa tokko dubbiin sirrii hin taane yeroo isatti dubbatametti maal godhe? Nuti hoo fakkeenya isaa irraa maal baranna?
13 Haala bara keenyatti uumame tokko ilaali. Ilaaltuu ol aanaa haaraan dippaartimentii walgaʼii naannoo tokkoo, obboleessa tokkoof bilbilee fedhiidhaan gargaarsa gochuu kan dandaʼu taʼuu isaa isa gaafate; obboleessichis dubbii nama miidhu kan dubbate taʼuu isaa irra iyyuu bilbila irratti cufe. Obboleessi kun walitti dhufeenya gadhee kanaan dura obboleessa ilaaltuu ol aanaa turee wajjin qabu hin irraanfanne. Ilaaltuu ol aanaa haaraan kun obboleessa kanatti kan hin aarre taʼus, dhimmicha callisee irra darbuu hin dandeenye. Achiis saʼaatii tokko booda bilbilee, wal arganii akka hin beeknee fi rakkina jirus waliin taʼanii furuu akka dandaʼan isatti hime. Torbee tokko booda, lamaan isaanii Galma Mootummaatti wal argan. Erga kadhatanii booda, gara saʼaatii tokkootiif waliin haasaʼan; yeroo kanatti obboleessichi wanta kanaan dura isa mudate itti hime. Ilaaltuun ol aanaa sunis miira isaa hubachuudhaan erga isa dhaggeeffatee booda, yaadawwan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan tokko tokko isaaf kenne; achiis obboloonni kun walii galuu dandaʼaniiru. Yeroo booda, obboleessichi walgaʼii naannoo irratti kan tajaajile siʼa taʼu, tasgabbiidhaan, akkasumas gaarummaadhaan isa qabuu isaatti ilaaltuu ol aanaa sana galateeffateera.
DHIMMICHA GARA JAARSOLIITTI GEESSUU QABDAA?
14, 15. (a) Gorsa Maatewos 18:15-17 irratti argamu hojii irra oolchuu kan qabnu yoomi? (b) Yesuus tarkaanfiiwwan sadan akkamii ibse? Tarkaanfiiwwan kana yeroo hojii irra oolchinu galmi keenya maal taʼuu qaba?
14 Walitti buʼiinsawwan Kiristiyaanota gidduutti uumaman keessaa baayʼeen isaanii, isaanuma gidduutti furamuu kan dandaʼanii fi kan qabani dha. Haa taʼu malee, Yesuus dhimmi tokko tokko gumiitti geeffamuu akka dandaʼu dubbateera. (Maatewos 18:15-17 dubbisi.) Namni balleesse tokko, obboleessa isaa, ragootaa fi gumii dhaggeeffachuu yoo dide maaltu taʼa? “Akka nama Waaqayyotti hin amannee fi akka nama qaraxa sassaabuutti” ilaalamuu qaba. Akka yeroo harʼaatti immoo, gumiidhaa baafamuu qaba jechuu dha. Tarkaanfiin kun hamma kana cimaa taʼuun isaa, ‘cubbuun’ kun walitti buʼiinsa salphaa akka hin turre argisiisa. Kanaa mannaa, (1) cubbuu namoota dhimmichi ilaallatu gidduutti furamuu qabuu fi (2) cubbuu cimaa yoo furuun dadhabame gumiidhaa baasisuu dandaʼu ture. Tarii cubbuun akkanaa gowwoomsaa fi maqaa namaa balleessuu kan dabalatu taʼuu dandaʼa. Tarkaanfiiwwan sadan Yesuus caqase kun hojii irra kan oolan, haalawwan akkanaa yeroo uumamanitti qofa dha. Balleessaan kun cubbuuwwan kan akka ejjaa, gadhaaʼummaa, gantummaa, waaqolii tolfamoo waaqeffachuu ykn cubbuuwwan ciccimoo xiyyeeffannaa jaarsolii gumii barbaadan kaan hin dabalatu.
15 Gorsi Yesuus kenne kun kaayyoon isaa, obboleessa sana jaalalaan gargaaruu dha. (Mat. 18:12-14) Jalqaba, namoota kaan utuu hin dabalatin dhimmicha furuuf carraaqqiin godhamuu qaba. Tarii nama balleesse sana irra deddeebiʼanii haasofsiisuun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Kun yoo milkaaʼuu baate, iddoo ragoonni dogoggorri sun raawwatamuu isaa argan ykn namoonni dhuguma dogoggorri raawwatamuu isaa murteessuu dandaʼan jiranitti nama balleesse sana haasofsiisi. Gargaarsa isaaniitiin dhimmicha furuu yoo dandeesse, “obboleessa kee deebistee argatte” jechuu dha. Dhimmi kun jaarsoliitti himamuu kan qabu, carraaqqii hedduun nama balleesse sana gargaaruuf godhame yoo milkaaʼuu baate qofa dha.
16. Gorsa Yesuus hojii irra oolchuun faayidaa kan qabuu fi jaalala irratti kan hundaaʼe dha kan jennu maaliifi?
16 Yeroo baayʼee haalli obboloonni tarkaanfiiwwan Maatewos 18:15-17 irratti ibsaman hunda akka fudhatan godhu hin uumamu. Kun, yeroo baayʼee qalbii jijjiirrachuu diduu isaatiin namni tokko gumiidhaa utuu hin baafamin rakkinichi furamuu isaa waan argisiisuuf nama gammachiisa. Yeroo baayʼee namni balleessaa raawwate tokko dogoggora isaa hubatee sirreeffama godha. Namni balleessaan irratti hojjetame immoo, dogoggora barbaaduuf sababa akka hin qabne hubachuudhaan dhiifama gochuu filachuu dandaʼa. Kanas taʼe sana, wanta Yesuus dubbate irraa akka hubannutti walitti buʼiinsi akkuma uumameen gumiin gidduu seenuu hin qabu. Jaarsoliin kan gidduu seenan, tarkaanfiiwwan jalqabaa lamaan erga fudhatamanii booda, akkasumas ragaan wanta raawwatame ifatti mulʼisu yoo jiraate qofa dha.
17. Walitti dhufeenya walii wajjin qabnu irratti ‘nagaa yoo barbaadne’ eebbawwan akkamii arganna?
17 Sirni kun hamma jirutti namoonni cubbuu irraa walaba hin taʼan; warra kaan mufachiisuun isaaniis hin oolu. Yaaqoob baratichi, “Namni dubbiidhaan hin gufanne yoo jiraate garuu, inni nama mudaa hin qabnee fi guutummaa qaama isaa toʼachuu dandaʼu dha” jedhee barreessuun isaa sirrii dha. (Yaq. 3:2) Walitti buʼiinsa furuudhaaf, garaadhaa ‘nagaa barbaaduu fi duukaa buʼuu’ qabna. (Far. 34:14) Nagaa kan uumnu yoo taʼe, obboloota keenyaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaanna; akkasumas tokkummaa gumiitiif gumaacha goona. (Far. 133:1-3) Hunda caalaa immoo, Yihowaa isa ‘Waaqayyo nagaa kennu’ taʼee wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaanna. (Rom. 15:33) Eebbawwan akkanaa argachuu kan dandaʼan, namoota walitti buʼiinsa jaalalaan hiikan qofa dha.
^ [1] (keeyyata 10) Maqaan ishii jijjiirameera.
^ [2] (keeyyata 12) Namoonni armaan gadiis walitti buʼiinsa uumame nagaadhaan furaniiru: Yaaqoob, Esaawuu wajjin (Uma. 27:41-45; 33:1-11), Yoseef, obboloota isaa wajjin (Uma. 45:1-15), akkasumas Giidewon, namoota Efreemii wajjin (Abo. 8:1-3) nagaa uumaniiru. Tarii atis fakkeenya kanaa wajjin wal fakkaatuu fi Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu kan biraa ni yaadatta taʼa.