Warra Kaan Akkamitti Qabuu Qabna?
“Namoonni akka isinii godhaniif kan jaallattan, isinis akkasuma isaaniif godhaa!”—LUQ. 6:31.
1, 2. (a) Ergaa guddaan Lallaba Gaararraa maalidha? (b) Mataduree kanaafi isa ittaanurratti waa’ee maalii mari’anna?
YESUS KIRISTOS dhugumaan Barsiisaa Guddicha ture. Geggeessitoonni amantii isa jibban, loltoonni qabanii akka isa fidan kan ergan ta’uyyuu, loltoonni sun harka duwwaa erga deebi’anii booda, “Akka namicha kanaatti takkaa namni dubbatee hin beeku” jedhan. (Yoh. 7:32, 45, 46) Haasawaa gaarii Yesus dhiheesse keessaa inni tokko, Lallabasaa Isa Gaararraati. Lallabni kun Maatewos boqonnaa 5 hanga 7rratti kan galmeeffame si’a ta’u, yaanni kanaan wal fakkaatu Luqaas 6:20-49rratti argama.a
2 Tarii, wanta Yesus Lallabasaa Isa Gaaraarratti dubbate keessaa akka gaariitti kan beekamu, seera beekamaa amala ilaalchisee kenname ta’uu hin oolu. Innis warra kaan akkamitti qabuu akka qabnu kan dubbatudha. Yesus, “Namoonni akka isinii godhaniif kan jaallattan, isinis akkasuma isaaniif godhaa!” jedheera. (Luq. 6:31) Inni namootaaf waan gaarii godheera. Warra dhukkubsatan fayyisuusaarrayyuu, kan du’anillee kaaseera. Haata’u malee, faayidaa guddaa kan argatan keessumaa namoota misiraachoo inni lallabe fudhatanidha. (Luqaas 7:20-22 dubbisi.) Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef, nuyis misiraachoo Mootummichaa lallabuun baay’ee nu gammachiisa. (Mat. 24:14; 28:19, 20) Mataduree kanaafi isa ittaanurratti, hojii lallabaa kanaafi yaadawwan akkamitti warra kaan qabuu akka qabnu ibsan kan biraa ilaalchisee wanta Yesus Lallabasaa Isa Gaaraarratti dubbaterratti mari’anna.
Garraamota Ta’aa
3. Garraamummaan maalidha?
3 Yesus, “Warri garraamiin haa gammadan, isaan biyya isa abdachiifame in argatu [“lafa in dhaalu,” 1899]” jedheera. (Mat. 5:5) Caaffanni Qulqullaa’oon akka jedhanitti garraamummaan dadhabina miti. Garraamummaa yommuu argisiisnu, ulaagaa Waaqayyo nurraa barbaadu guutuu keenyadha. Amalli kun walitti dhufeenya namootaa wajjin qabnurratti kan mul’atudha. Fakkeenyaaf, ‘namni hamaa yoo nurratti hojjete deebisnee hamaa irratti hin hojjennu.’—Rom. 12:17-19.
4. Garraamonni kan gammadan maaliifi?
4 Garraamonni ‘lafa waan dhaalaniif’ ni gammadu. Yesus inni ‘garraamii ta’eefi gad of deebise’ ‘wanti hundumtuu harkatti isaaf kennama.’ Kanaan kan ka’es, Dhaaltuun lafaa inni hundarra caalu isadha. (Mat. 11:29; Ibr. 1:2; Far. 2:8) Namoonni Mootummaa samiirratti Masiihicha “ilma namaa” ta’ee wajjin bulchan akka jiraatan raajiidhaan dubbatamee ture. (Dan. 7:13, 14, 21, 22, 27) Kiristiyaanonni dibamoon 144,000 ta’aniifi garraamota ta’an ‘Waan Kiristos argatu hundumaa isaa wajjin waan argataniif,’ isaanis lafa ni dhaalu. (Rom. 8:16, 17; Mul. 14:1) Warri garraamota ta’an kaanimmoo, bulchiinsa Mootummichaa jalatti bara baraaf lafarra jiraatu.—Far. 37:11.
5. Akka Kiristos garraamummaa qabaachuun keenya amala keenyarratti jijjiirama maalii fida?
5 Hamoota yoo taane, obsa warra kaanii ficcisiisuudhaan akka nurraa fagaatan gochuu dandeenya. Akkuma Kiristos garraamota yoo taane garuu, miseensota gumii warra kaan gammachiisaniifi jajjabeessan taana. ‘Jireenya hafuuraatti yoo jiraanneefi hafuura kana duukaa yoo buune’ garraamummaa isa ija hojii hafuuraa ta’e argisiisuu dandeenya. (Galaatiyaa 5:22-25 dubbisi.) Garraamota hafuura Waaqayyootiin geggeeffaman keessaa tokko ta’uu akka barbaannu beekamaadha!
Warri Namaaf Oo’an Gammachuu Qabu
6. “Warri namaaf oo’an” amala akkamiitiin beekamu?
6 Kana malees, Yesus Lallabasaa Isa Gaaraarratti, “Warri namaaf oo’an haa gammadan, isaan oo’a in argatu” jedheera. (Mat. 5:7) “Warri namaaf oo’an” warra rakkataniif garaa ni laafu, waan gaarii godhu, akkasumas isaaniif ni gaddu. Yesus “oo’ee” ykn ‘garaa laafee’ dinqii raawwachuudhaan namoota rakkatan gargaareera. (Mat. 14:14; 20:34) Kanaafuu, garaa laafuufi namaaf yaaduun, oo’a qabeeyyii akka taanu nu kakaasuu qaba.—Yaq. 2:13.
7. Yesus namaaf kan oo’u ta’uunsaa maal gochuuf isa kakaaseera?
7 Yesus yommuu aara galfachuuf turetti, namoonni baay’een karaarratti ennaa isa argatan, “isaan akka hoolota tiksee hin qabnee waan turaniif immoo isaaniif in oo’e, waan baay’ees isaan barsiisuutti ka’e.” (Mar. 6:34) Nuyis ergaa Mootummichaafi waa’ee oo’a Waaqayyoo warra kaanitti himuudhaan gammachuu guddaa arganna!
8. Warri namaaf oo’an kan gammadan maaliifi?
8 Warri namaaf oo’an ‘oo’a waan argataniif’ ni gammadu. Namootaaf oo’a yoo qabaanne, yeroo baay’ee isaanis nuuf oo’u. (Luq. 6:38) Yesus itti dabalees, “Namootaaf irra-daddarbaa isaanii yoo dhiiftaniif, abbaan keessan inni waaqa irraa immoo isiniif in dhiisa” jedheera. (Mat. 6:14) Dhiifama cubbuufi ayyaana Waaqayyoo argachuudhaan kan gammadan, namoota warra kaaniif oo’an qofadha.
“Warri Nagaa Buusan” Kan Gammadan Maaliifi?
9. Namoota nagaa buusnu yoo taane maal goona?
9 Yesus wanta gammachuu namaaf argamsiisu kan biraa yeroo ibsu, “Warri nagaa buusan haa gammadan, isaan ijoollee Waaqayyoo in jedhamu” jedheera. (Mat. 5:9) Namoota nagaa buusnu yoo taane, maqaa balleessuu, isa ‘firoota cimooyyuu gargar baasuu’ danda’u dabalatee oduu akkasii hin dhaggeeffannu, irrattis hin hirmaannu. (Fak. 16:28) Dubbiidhaanis ta’e gocha keenyaan, namoota gumii Kiristiyaanaa keessa jiraniifi warra kaanii wajjin nagaa barbaanna. (Ibr. 12:14) Keessumaa Yihowaa wajjin nagaadhaan jiraachuuf waan dandeenye hunda goona.—1 Phexros 3:10-12 dubbisi.
10. “Warri nagaa buusan” kan gammadan maaliifi?
10 Yesus, “warri nagaa buusan” ‘ijoollee Waaqayyoo waan jedhamaniif’ akka gammadan dubbateera. Kiristiyaanonni dibamoon Yesus Masiihii ta’uusaa waan amananiif, ‘ijoollee Waaqayyoo akka ta’an aboon isaanii kennameera.’ (Yoh. 1:12; 1 Phe. 2:24) ‘Hoolonni kan biraan’ nagaa buusanoo faayidaa akkamii argatu? Yesus warra samiirratti isaa wajjin dhaaltota ta’an faana waggaa kuma tokkoof yommuu bulchu, “Abbaa Bara Baraa” isaaniif ta’a. (Yoh. 10:14, 16; Isa. 9:6; Mul. 20:6) Dhuma Bulchiinsasaa Isa Waggaa Kumaarratti, warri nagaa buusan kun guutummaatti ijoollee Waaqayyoo warra lafarra jiraatan ta’u.—1 Qor. 15:27, 28.
11. ‘Ogummaa waaqarraatiin’ kan geggeeffamnu yoo ta’e warra kaanii wajjin akkamitti jiraanna?
11 Yihowaa Isa “nagaa kennu” wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuu yoo barbaanne, nagaa buusuu dabalatee amalawwansaa qabaachuu qabna. (Filp. 4:9) ‘Ogummaa waaqarraatiin’ kan geggeeffamnu yoo ta’e, gama keenyaan warra kaanii wajjin nagaadhaan jiraanna. (Yaq. 3:17) Eeyyee, namoota gammadoo nagaa buusnu taana.
‘Ifni Keessan Haa Ifu!’
12. (a) Yesus ifa hafuuraa ilaalchisee maal jedhe? (b) Ifni keenya akka ifu gochuu kan dandeenyu akkamitti?
12 Karaa hunda caalaan namoota haala gaariidhaan qabuu keenya itti argisiisnu inni tokko, ifa hafuuraa Waaqayyo biraa dhufu akka argatan gargaarudha. (Far. 43:3) Yesus bartoonnisaa “ifa biyya lafaa” ta’uusaanii itti himeera. Kanaafuu, namoonni ‘hojiisaanii isa gaarii’ ykn waan gaarii warra kaaniif godhan akka arganitti ifasaanii akka ibsan isaan gorseera. Yesus yommuu kana jedhu, bartoonnisaa “namoota duratti” ykn faayidaa ilmaan namootaatiif jecha misiraachicha akka lallaban itti himuusaa ture. (Maatewos 5:14-16 dubbisi.) Yeroo har’aas, namootaaf waan gaarii gochuufi misiraachicha “guutummaa biyya lafaatti,” jechuunis “saba hundumaatti” lallabuudhaan ifa keenya ibsina. (Mat. 26:13; Mar. 13:10) Kun mirga guddaa mitii?
13. Namoota biratti maaliin beekamna?
13 Yesus, “Mandarri tulluu gubbaatti ijaarame dhokachuu hin danda’u” jedheera. Mandarri tulluu gubbaa jiru salphaatti ilaalama. Haaluma wal fakkaatuun, nuyis hojiiwwan gaarii keessaa tokko kan ta’e lallaba keenyaan, akkasumas amalawwan akka of qabuufi qulqullummaa fakkaataniin akka gaariitti beekamna.—Tit. 2:1-14.
14. (a) Ibsaan jaarraa jalqabaa kan akkamii ture? (b) Ifa hafuuraa “guuboo” jala hin dhoksnu jechuun maal jechuudha?
14 Yesus ibsaan erga qabsiifamee booda guuboo jala utuu hin ta’in, warra manaa hundaaf akka ifutti baattuu ibsaarra akka kaa’amu dubbateera. Ibsaan jaarraa jalqabaatti namoonni baay’een itti fayyadaman, meeshaa akka kurraazii supheerraa tolfamuufi yeroo baay’ee dhadhaa ejersaatiin hojjetu ture. Yeroo baay’ee ibsaan kun, baattuu ibsaa muka ykn sibiilarraa hojjetamerra waan kaa’amuuf, “mana keessa kan jiran hundumaaf in ibsa” ture. Namoonni bara sanaa ibsaa erga qabsiisanii booda, “guuboo” safaraa (yeroo sanatti kiiloo 9 qabatu) jala hin kaa’an turan. Yesus, duuka buutonnisaa ibsaasaanii guuboo jala akka kaa’an hin barbaadu ture. Kanaafuu, mormiin ykn ari’atamni, dhugaa Caaffata Qulqullaa’oorra jiru akka dhoksinu ykn ofuma keenyaa qabannee akka hafnu nu gochuu hin qabu; kanaa mannaa, ifni keenya akka ifu gochuu qabna.
15. ‘Hojiin keenya inni gaariin’ namoonni tokko tokko maal akka godhan kakaasa?
15 Yesus waa’ee ifa ibsaa erga dubbatee booda bartootasaatiin, “Namoonni hojii keessan isa gaarii arganii, abbaa keessan isa waaqa irraaf ulfina akka kennaniif ifni keessan akkuma kanaatti namoota duratti haa ifu!” jedheera. Namoonni tokko tokko ‘hojii keenya isa gaarii’ arganii, tajaajiltoota Waaqayyoo ta’uudhaan ‘ulfina isaa kennu.’ Kun, ‘biyya lafaarratti akka ibsaatti ibsuuf’ fedhii qabnu kan nuu guddisudha.—Filp. 2:15.
16. “Ifa biyya lafaa” ta’uuf maaltu nurraa barbaadama?
16 “Ifa biyya lafaa” ta’uun, misiraachoo Mootummichaa labsuufi bartoota gochuu dabalata. Ta’uyyuu wanti kan biraanis nurraa barbaadama. Phaawulos, “Egaa akka ijoollee ifaatti jiraadhaa! Wanti ifa keessaa ba’u, gaarummaa, qajeelummaa, dhugaa hundumaa keessatti in argama” jedheera. (Efe. 5:8, 9) Amala gaarii qabaachuudhaan fakkeenya ta’uutu nu barbaachisa. Dhugumayyuu, gorsa Phexros akkas jechudhaan kenne hojiirra oolchuu qabna: “Akki isin warra saba Waaqayyoo hin ta’in keessa itti jiraattan gaarii haa ta’u! Akka waan isin hamaa hojjettaniitti warri maqaa keessan balleessan kun, hojii keessan isa gaarii arganii, guyyaa itti Waaqayyo namoota isaa ilaaluu dhufutti, isaaf ulfina haa kennan!” (1 Phe. 2:12) Haata’u malee, Kiristiyaanota gidduutti rakkinni yoo uumame maaltu godhamuu qaba?
‘Obboleessa Keetti Araarami’
17-19. Obboleessa tokkoo wajjin araaramuun hammam barbaachisaa ture? Yesus kana kan argisiise akkamitti?
17 Yesus, Lallabasaa Isa Gaaraarratti, bartoonnisaa obboleessasaaniitti aarii qabatanii akka hin turreefi akka isa hin tuffanne akeekkachiiseera. Kanaa mannaa, utuu hin turin obboleessa aarsan tokkoo wajjin nagaa uumuu qabu turan. (Maatewos 5:21-25 dubbisi.) Gorsa Yesus kenne sirriitti hubadhu. Kennaa fiddee gara bakka aarsaa erga dhuftee booda obboleessakee akka yakkite yoo yaadatte, maal akka gootu sirraa eegama ture? Kennaakee iddoo aarsaa sana biratti dhiistee, obboleessakee wajjin nagaa uumuu qabda. Sana booda deebitee kennaakee dhiheessuu dandeessa.
18 “Kennaa” kan jedhame, yeroo baay’ee kennaa aarsaa namni tokko mana qulqullummaa Yihowaatti dhiheessudha. Aarsaan horii, waaqeffannaa Israa’eloonni Seera Musee jalatti akka raawwatan Waaqayyo ajaje keessaa tokko waan ta’eef baay’ee barbaachisaa ture. Ta’us, obboleessakee akka yakkite yoo yaadatte, rakkina sana hiikuun aarsaa sana dhiheessuu caalaattiyyuu baay’ee ariifachiisaa ture. Yesus, “Kennaa aarsaa kee achuma iddoo aarsaa duratti dhiisiitii dhaqii obboleessa keetti dura araarami; kana booddee deebi’ii kennaa aarsaa kee dhi’eessi!” jedheera. Dirqama Seerri gaafatu raawwachuu caalaa, obboleessa tokkoo wajjin araaramuutu dursuu qaba ture.
19 Haasawaan Yesus kenne, aarsaafi irra daddarbaa muraasarratti qofa kan xiyyeeffate hin turre. Kanaafuu, namni tokko obboleessasaa akka gaddisiise yoo yaadate, kennaa dhiheessuuf jedhe yeroo biraatti dabarsuu qaba ture. Aarsaa kan godhamu horii yoo ta’e, namichi, horii sana “achuma iddoo aarsaa duratti” jechuunis oobdii lubootaa mana qulqullummaatti argamutti dhiisee deemuu qaba ture. Rakkinni sun erga hiikamee booda, namni yakke sun deebi’ee aarsaasaa dhiheessa ture.
20. Obboleessa tokkotti yoo aarre dafnee araaramuu kan qabnu maaliifi?
20 Akka ilaalcha Waaqayyootti, walitti dhufeenyi obboloota keenyaa wajjin qabnu kutaa waaqeffannaa dhugaa barbaachisaa ta’edha. Namni tokko warra kaan akka gaariitti hin qabu taanaan, aarsaan horii inni dhiheessu Yihowaa biratti gatii hin qabaatu ture. (Mik. 6:6-8) Kanaaf, Yesus bartoonnisaa nama yakkan tokkotti ‘dafanii akka araaraman’ isaan gorseera. (Mat. 5:25) Phaawulosis, “Yoo aartan iyyuu aariin keessan gara cubbuutti isin hin geessin! Utuma aariitti jirtaniis aduun isin duraa hin lixin! Seexanaaf karaa hin kenninaa!” jechuudhaan yaada kanaa wajjin wal fakkaatu barreesseera. (Efe. 4:26, 27) Aaruuf sababii ga’aa yoo qabaanneyyuu, akkuma aarretti turree Diiyaabilosiif karaa akka hin laanne dafnee rakkoo sana hiikuu qabna.—Luq. 17:3, 4.
Yeroo Hundumaa Warra Kaaniif Ulfina Kenni
21, 22. (a) Barumsa Yesus isa hamma ammaatti irratti mari’anne hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Mataduree ittaanurratti waa’ee maalii mari’anna?
21 Yaanni Lallaba Yesus Isa Gaaraarraa arganne kun, warra kaan gaarummaafi kabajaan akka qabnu nu gargaaruu qaba. Hundi keenya mudaa kan qabnu taanuyyuu, Yesusis ta’e Abbaan keenya inni samii hamma gochuu dandeenyu caalaa waan nurraa hin barbaanneef, gorsawwan Yesus kenne hojiirra oolchuu dandeenya. Kadhannaadhaan, garaadhaa carraaquufi gargaarsa Yihowaatiin, garraamota, oo’a qabeeyyiifi nagaa kan buusnu ta’uu dandeenya. Ifa hafuuraa Yihowaadhaaf ulfina argamsiisu ibsuu dandeenya. Kana malees, yeroo barbaachisaa ta’etti obboleessa keenyaa wajjin araaramuu dandeenya.
22 Waaqeffannaa Yihowaa biratti fudhatama qabu dhiheessuun, namoota akka gaariitti qabuu dabalata. (Mar. 12:31) Mataduree ittaanurratti, barumsawwan dabalataa Yesus Lallaba Gaaraarratti barsiiseefi warra kaaniif waan gaarii gochuu keenya akka itti fufnu nu gargaaranirratti mari’anna. Haata’u malee, barumsa guddaa Yesus kenne keessaa isa hamma ammaatti ilaallerratti erga xiinxallee booda, ‘Warra kaan haala gaariidhaan qabaan jiraa?’ jennee of gaafachuu dandeenya.
[Miiljalee]
a Mataduree kanaafi kanatti aanee jiru qophaa’uukee dura, qayyabannaa dhuunfaa keerratti boqonnaawwan kana yoo dubbiste faayidaa guddaa argatta.
Maal Jettee Deebista?
• Garraamii ta’uu jechuun maal jechuudha?
• “Warri namaaf oo’an” kan gammadan maaliifi?
• Ifa keenya ibsuu kan dandeenyu akkamitti?
• Dafnee ‘obboleessa keenyatti araaramuu’ kan qabnu maaliifi?
[Fakkii fuula 4rra jiru]
Karaa ifa keenya itti ibsinu keessaa inni guddaan ergaa Mootummichaa lallabuudha
[Fakkii fuula 5rra jiru]
Kiristiyaanonni amala gaarii qabaachuudhaan fakkeenya ta’uu qabu
[Fakkii fuula 6rra jiru]
Obboleessakeetti araaramuuf waan dandeessu hunda godhi