Bokkaan Jiraachuusaatiif Galateeffadhu
BOKKAAN utuu hin jiru ta’ee maal taana turre? Bokkaa yandoon, lolaa balaa geessisu uumuu akka danda’u beekamaadha. Namoonni naannoo diilallaa’aafi qilleensa qorraa keessa jiraatan yeroo baay’ee haala kanatti hin gammadan ta’a. (Izraa 10:9) Haata’u malee, namoota miliyoonaan lakkaa’amaniifi naannoowwan ho’aa, akkasumas qilleensa gogaa keessa jiraatanitti maaltu dhaga’ama? Namoonni kun yeroo dheeraa booda bokkaa yommuu argatan baay’ee gammadu!
Biyyoota Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamaniifi haala qilleensaa akkasii qaban keessaa tokko, Eeshiyaa Ishee Xinnoo Phaawulos misiyoonii ta’ee keessatti tajaajiledha. Phaawulos ergamaan yommuu naannoo kana ture, namoota Liqaa’oniyaa duriitiin akkas jedheera: “[Waaqayyo] waaqa irraa bokkaa isiniif roobsee, ija midhaaniis yeroo isaatti guuttachiise. Soora isiniif kennee garaa keessanis gammachuudhaan guute; waan gaarii kana hundumaa gochuu isaatiinis gooftummaa isaa mul’iseera.” (Hojii Ergamootaa 14:17) Bokkaan hin jiru taanaan, ‘iji midhaanii yeroosaatti guuttachuus’ ta’e homtinuu biqiluu waan hin dandeenyeef, Phaawulos jalqabarratti waa’ee bokkaa dubbachuunsaa qalbeeffatamuu qaba.
Macaafni Qulqulluun bakka hedduutti waa’ee bokkaa dubbata. Jechoonni afaan Ibrootaafi afaan Giriikii bokkaa argisiisuuf itti hojjetaman, Macaafa Qulqulluu keessatti al dhibbaa ol caqasamaniiru. Waa’ee bokkaa isa kennaa dinqisiisaa ta’e kanaa caalaatti beekuu barbaaddaa? Dhimma kana ilaalchisee wanti saayinsiin jedhu, amantii Macaafa Qulqulluurratti qabdu caalaatti akka sii cimsu ni barbaaddaa?
Macaafni Qulqulluun Waa’ee Bokkaa Maal Jedha?
Yesus Kiristos, bokkaan uumamuuf wanti barbaachisu maal akka ta’e dubbateera. ‘Abbaan keessan’ “aduu isaa warra hamootaa fi warra gaggaariidhaaf in baasa, bokkaa isaas warra qajeelotaa fi warra jal’ootaaf in roobsa” jedheera. (Maatewos 5:45) Yesus asirratti waa’ee bokkaa dubbachuusaa dura, waa’ee aduu akka dubbate qalbeeffatteettaa? Aduun biqiltuuwwan akka guddatan gochuu qofa utuu hin ta’in, marsaan bishaan lafarraa akka eegamu gochuurratti shoora guddaa waan qabduuf, Yesus akkas jechuunsaa sirrii ture. Waggaa waggaatti bishaan galaanaa iskuweer kiilomeetira 400,000 ta’u, ho’a aduurraa argamuun gara hurka ashaboo hin qabneetti jijjiirama. Aduu kan uume Yihowaa waan ta’eef, bokkaa roobsuuf, bishaan ol harkisa jedhamuunsaa sirriidha.
Macaafni Qulqulluun waa’ee marsaa bishaanii akka armaan gadiitti ibsa: “Waaqayyo . . . copha bishaanii ol in harkisa, hurrii keessaas bokkaa in baasa. Duumessoonni isa gad in coccophsu, namootaafis baay’isanii gad in roobsu.” (Iyoob 36:26-28) Yaanni deggersa saayinsii qabu kun, waggoota kumaan lakkaa’aman dura waan barreeffameef, ilmaan namootaa waa’ee marsaa bishaanii qorachuuf yeroo ga’aa qabu turan. Ta’us, Kitaabni barumsaa bara 2003tti qophaa’eefi Watar Saayinsi eendi Injinariingi, jedhamu, “Yeroo ammaatti . . . cophni bokkaa akkamitti akka uumamu guutummaatti hin beekamu” jechuudhaan ibseera.
Wanti saayintiistonni beekan, cophni bokkaa kan uumamu paartiikiloota ijaan hin argannerraa ta’uusaati. Wantoonni ijaan hin argamne kunimmoo, cophawwan baay’ee xixinnoo ta’an duumessa keessatti akka uumaman bu’uura ta’anii tajaajilu. Cophawwan xixinnoon miliyoonaan lakkaa’aman walitti kuufamanii copha bokkaa tokko uumu. Kunimmoo sochii wal xaxaa sa’aatii dheeraa fudhatudha. Kitaabni saayinsii, Haaydirooloojii iin Piraaktiis jedhamu akkas jedheera: “Cophawwan xixinnoon duumessa keessatti argaman akkamitti gara copha bokkaatti akka jijjiiraman ilaalchisee ibsa garagaraatu kennama; ibsi garaagaraa kunimmoo, xiyyeeffannaa qorattootaa hawwachuusaa itti fufeera.”
Uumaan seera bokkaa qopheesse, Iyoob hojjetaansaa akka gad of deebisuuf gaaffii armaan gadii isa gaafateera: “Egaa bokkaan abbaa qabaa ree? Copha fixeensaa immoo eenyutu dhalche ree? Eenyutu ogummaa iddoo dhokataa keessa kaa’e? . . . Eenyutu ogummaadhaan duumessoota lakkaa’a? Eenyutu qalqala bishaanii isa waaqa keessaa jigsee bishaan gad naqa?” (Iyoob 38:28, 36, 37) Waggoota 3,500 ta’an boodallee, saayintiistonni gaaffii ulfaataa kanaaf deebii quubsaa argachuu hin dandeenye.
Marsaa Bishaanii
Hayyoonni Giriikii, bishaan lagaa bokkaarraa utuu hin ta’in, galaanarraa akka argamuufi bishaan galaanaa kunis lafa keessa adeemee fiixee tullootaatti erga ol ba’ee booda, bishaan qulqulluu ta’ee dhangala’a jedhanii barsiisu turan. Kitaabni Macaafa Qulqulluurratti ibsa kennu tokko, Solomoon ilaalcha akkasii qaba ture jedheera. Solomoon hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee akka armaan gadii jedhee barreessuusaa qalbeeffadhu: “Lagoonni hundinuus gara galaanaatti in yaa’u, galaanichi garuu hin guutu; lagoonni sunis gara dhufanitti in deebi’u, achiis deebi’anii in yaa’u.” (Lallaba 1:7) Dhuguma Solomoon bishaan galaanaa, lafa keessa adeemee gara fiixee tullootaatti erga ol ba’ee booda bishaan ta’ee dhangala’a jechuusaa turee? Deebii gaaffii kanaa argachuuf, namoonni biyyasaa waa’ee marsaa bishaanii maal jedhanii amanaa akka turan haa ilaallu. Namoonni kun dhimma kanarratti ilaalcha dogoggoraa qabu turanii?
Solomoon du’ee naannoo waggaa dhibbaa booda, wanta raajichi Waaqayyoo Eliyaas dubbate, raajichi bokkaan eessaa akka dhufu beekuusaa kan argisiisudha. Bara Eliyaasitti ongee cimaan waggaa sadiif ga’ee ture. (Yaaqoob 5:17) Yihowaan dhahicha kana sabasaatti kan fide, isa dhiisanii waaqa bokkaa warra Kana’aanotaa Ba’aal jedhamu waaqeffachuu waan jalqabaniif ture. Haata’u malee, Israa’eloonni gorsa Eliyaas dhaga’anii qalbii waan geddarataniif, biyyichatti bokkaan akka roobuuf kadhannaa dhiheesse. Eliyaas yommuu kadhannaa gochaa ture, hojjetaansaa “qixa galaanichaatiin” akka ilaalu itti hime. Hojjetaansaas, “duumessi xinnoon hamma harka namaa ga’u tokko galaanicha irraa ol ka’aa jira” jedhee yommuu itti himu, Eliyaas kadhannaansaa deebii akka argate hubate. Yeruma sana, “qilleensi duumessa fidee bantii waaqaa in gurraachesse; bokkaan ulfaataan in dhufe.” (1 Mootota 18:43-45) Kanaaf, Eliyaas waa’ee marsaa bishaanii beekumsa qaba ture jechuudha. Duumessi, galaanaa olitti akka uumamuufi qilleensa gara bahaatiin dhiibamee gara Biyyattii Abdachiifamte akka dhaqu beeka ture. Hamma har’aatti biyyattiin karaa kanaan bokkaa argatti.
Eliyaas bokkaan akka roobu erga kadhatee naannoo waggaa dhibba tokkoo booda, qonnaan bulaan gad of qabuufi Amos jedhamu, madda marsaa bishaanii ilaalchisee ibsa bal’aa kenneera. Israa’eloonni hiyyeessota waan hacuucaniifi waaqayyolii sobaa waan waaqeffataniif, akka adabaman Waaqayyo karaa Amos raajii dubbatee ture. Amos, Yihowaan akka isaan hin balleessineef, “Egaa Waaqayyoon barbaaddadhaa, jiraadhaas!” jechuudhaan isaan akeekkachiiseera. Achiis, Uumaan “bishaan galaanaa waamee, irra lafaatti lolaasu” Yihowaa waan ta’eef, waaqeffatamuu kan qabu isa qofa ta’uusaa ibseera. (Amos 5:6, 8) Yeroo boodas, Amos marsaa bishaanii ilaalchisee dhugaa olitti ibsame kana dubbateera. (Amos 9:6) Amos karaa kanaan maddi bokkaa inni hundarra caalu garba ta’uusaa ibseera.
Edmandi Haliin bara 1687tti, dhugaa kana saayisiidhaan mirkaneesseera. Haata’u malee, ragaan namni kun dhiheesse warra kaan biratti fudhatama kan argate yeroo dheeraa boodadha. Insaayikilooppiidiyaa Biritaanikaa Oonlaayin akkas jedha: “Yaanni marsaan bishaanii, bishaan lafa jalaan fiixee tullootaatti erga ol ba’ee booda deebi’ee dhangala’a jedhu, hamma jalqaba jaarraa 18ffatti itti amanamaa ture.” Yeroo ammaatti haalli marsaa bishaanii namoota hunda biratti beekamaadha. Kitaabni kun itti dabaluudhaan akkas jedheera: “Hurki galaanarraa erga ol ka’ee booda qilleensa naannoo keessatti diilallaa’uudhaan bokkaa ta’ee gara lafaatti deebi’a; dhumarrattis, bishaanichi gara lageeniitti yaa’uudhaan galaanaatti deebi’a.” Kanarraa ifatti hubachuun akka danda’amutti, yaanni Solomoon Lallaba 1:7rratti marsaa bishaanii ilaalchisee dubbate, duumessaafi bokkaa kan dabalatudha.
Kana Hubachuunkee Maal Akka Gootu Si Kakaasuu Qaba?
Barreessitonni Macaafa Qulqulluu hedduun waa’ee marsaa bishaanii sirriitti ibsuunsaanii, Macaafa Qulqulluu kan barreessise Uumaa ilmaan namootaa kan ta’e Yihowaa ta’uusaa ragaawwan mirkaneessan keessaa tokkodha. (2 Ximotewos 3:16) Ilmaan namootaa lafa kanatti seeraan ala fayyadamuunsaanii, qilleensa naannoorratti dhiibbaa waan fideef, naannoowwan tokko tokkotti lolaa cimaan, naannoowwan kaanittimmoo ongeen akka uumamu godheera. Haata’u malee, Yihowaan inni marsaa bishaanii uume, dhimma kana keessa galuudhaan ‘warra biyya lafaa balleessan akka balleessu’ yeroo dheeraa dura dubbateera.—Mul’ata 11:18.
Hanga yeroon kun ga’utti, dinqisiifannaa bokkaafi kennaawwan Waaqayyoo warra kaaniif qabdu argisiisuu kan dandeessu akkamitti? Macaafa Qulqulluu qayyabachuufi wanta baratte hojiirra oolchuudhaan kana gochuu dandeessa. Akkas goonaan, abdii addunyaa haaraa Waaqayyo fiduufi kennaawwansaa hundaatti barabaraan gammadaa jiraachuuf si dandeessisu argatta. Dhugumayyuu, “Kennaan gaariin hundinuu, kennaan guutuun hundinuus” Yihowaa isa bokkaa uume biraa argama.—Yaaqoob 1:17.
[Diyaagraamii/Fakkii fuula 16, 17rra jiru]
(For fully formatted text, see publication)
BOKKAA
BISHAAN LAFA KEESSAA
LOLAA
Eliyaas yommuu kadhannaa dhiheessu, hojjetaansaa “qixa galaanichaatiin” ilaalaa ture
HURKA DIILALLAA’AA
HURKA BIQILTOOTAA
HURKA