Jireenya Keessatti Milkaaʼina Dhugaa Argachuu
‘Karaan kee siif in qajeela, wanti ati gootus wal siif qixxaata.’—IYA. 1:8.
MAAL JETTEE DEEBISTA?
Solomoon hangam milkaaʼina argatee ture?
Phaawulos milkaaʼina dhugaa kan argate karaawwan kamiini?
Milkaaʼina itti fufiinsa qabu argachuu kan dandeessu akkamitti?
1, 2. (a) Namoonni baayʼeen milkaaʼina argachuu jechuun maal jechuu akka taʼe yaadu? (b) Ilaalcha milkaaʼinaaf qabdan akkamitti gamaaggamuu dandeessu?
JIREENYA keessatti milkaaʼina argachuu jechuun maal jechuudha? Gaaffii kana utuu namoota gaafattee deebiin siif kennan baayʼee garaagara taʼuusaa hubatta. Fakkeenyaaf, namoonni hedduun milkaaʼina jechuun qarshii hedduu qabaachuu, ogummaa ykn barumsaan sadarkaa guddaarra gaʼuu akka taʼetti yaadu. Kaanimmoo maatii, michoota ykn namoota waliin hojjetanii wajjin hariiroo cimaa qabaachuu akka taʼe yaadu. Namni Waaqayyoon tajaajilu tokkommoo milkaaʼina jechuun gumii keessatti itti gaafatamummaa argachuu ykn tajaajilarratti waan hedduu raawwachuu akka taʼetti yaaduu dandaʼa.
2 Milkaaʼinaaf ilaalcha akkamii akka qabdan gamaaggamuuf, maqaa namoota milkaaʼina akka argatanitti ilaaltan, baayʼee dinqisiifattaniifi kabajjan barreeffadhaa. Namoonni kun wanta adda isaan godhu akkamii qabu? Sooreyyii ykn beekamoodhaa? Iddoo guddaa kan qabanidhaa? Deebiin gaaffii kanaaf kennitan, wanti garaa keessan keessa jiru maal akka taʼe beekuuf kan isin gargaaru yommuu taʼu, kunimmoo filannaa gootanirrattis taʼe galma baafattanii hordofaa jirtanirratti dhiibbaa guddaa geessisuu dandaʼa.—Luq. 6:45.
3. (a) Iyaasuun milkaaʼina argachuuf maal gochuu qaba ture? (b) Ittaansuudhaan maal qorra?
3 Jireenyi keenya waan Yihowaa duratti fudhatama qabu raawwachuurratti kan hundaaʼe waan taʼeef, milkaaʼina argachuufi dhiisuu keenya ilaalchisee wanti hunda caalaa barbaachisaa taʼe ilaalcha inni nuuf qabudha. Yihowaan, Iyaasuun Israaʼeloota Biyyattii Abdachiifamtetti akka galchu itti gaafatamummaa guddaa yommuu isaa kenne, Seera Musee “halkanii fi guyyaa” akka dubbisuufi wanta achi keessatti barreeffame of eeggannoodhaan akka hordofu itti himee ture. Iyaasuun kana kan godhu taanaan, ‘karaansaa akka isaaf qajeeluufi wanti inni godhu akka wal isaaf qixxaatu’ Waaqayyo mirkaneesseefii ture. (Iya. 1:7, 8) Iyaasuun milkaaʼina argatee akka tures beekna. Nuhoo? Ilaalchi milkaaʼinaaf qabnu ilaalcha Waaqayyo qabuu wajjin kan walsimu taʼuufi dhiisuusaa akkamitti beekna? Deebii gaaffii kanaa argachuuf jireenya namoota Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman lamaa haa qorru.
SOLOMOON JIREENYASAA KEESSATTI MILKAAʼINA ARGATEERAA?
4. Solomoon milkaaʼina argatee ture kan jennu maaliifi?
4 Solomoon karaa hedduutiin milkaaʼina adda taʼe argatee ture. Akkas kan jennu maaliifi? Waggoota hedduudhaaf Yihowaa isa eebba guddaa isaaf kenne kan sodaateefi kan isaaf abboomame waan tureefidha. Yihowaan, Solomoon wanta barbaadu akka isa gaafatu yommuu itti himu, mootichi ogummaa saba Israaʼel geggeessuuf isa gargaaru akka isaa kennu gaafachuusaa yaadadhu. Achiis Waaqayyo ogummaafi badhaadhummaa isaa kennuudhaan isa eebbiseera. (1 Mootota 3:10-14 dubbisi.) Ogummaansaas, “ogummaa namoota gara baʼa-biiftuu fi namoota Gibxii hundumaa caalaa guddaa ture.” Solomoon, “saba biyya naannoo isaatii keessa jiran hundumaa” biratti beekamaa taʼe. (1 Mot. 4:30, 31) Galiin Solomoon waggaatti argatu warqeen qofti gara toonii 25 ture. (2 Sen. 9:13) Dhimma tokko karaa naga qabeessa taʼeen qabuudhaan, akkasumas hojii ijaarsaafi daldalaatiin dandeettii guddaa qaba ture. Eeyyee, Solomoon yeroo Waaqayyo duratti ejjennoo gaarii qabaatee ture hundatti milkaaʼina argatee ture.—2 Sen. 9:22-24.
5. Solomoon namoota Waaqayyo duratti milkaaʼina argatan ilaalchisee maal jedhe?
5 Yaanni Solomoon Macaafa Lallabaa keessatti barreesse, milkaaʼinniifi gammachuun qabeenyaafi beekamummaa argachuu qofarratti kan hundaaʼedha jedhee dogoggoraan akka hin yaadne argisiisa. “Namni bara jireenya isaatti wanta gaarii hojjetee itti gammaduu irra kan caalu wanta tokko illee gochuu akka hin dandeenye nan beeka; namni hundinuu nyaatee, dhugee, wanta itti dadhabettis gammaduun kennaa Waaqayyooti” jedhee barreesseera. (Lal. 3:12, 13) Kana malees, gammachuun akkasii nama Waaqayyo duratti fudhatama qabuufi isaa wajjin hariiroo gaarii qabu tokkoof hiika guddaa akka qabu hubatee ture. Solomoon, “Waaqayyoon sodaadhu, abboommii isaas eegi! Kun nama hundumaa irraa in barbaadama; xumurri dubbii dhageenye kana hundumaas isa kana” jedheera.—Lal. 12:13.
6. Milkaaʼina dhugaa argachuu ilaalchisee fakkeenyi Solomoon maal nu hubachiisa?
6 Solomoon waggoota hedduudhaaf Waaqayyoon sodaachuudhaan deddeebiʼeera. Macaafni Qulqulluun, Solomoon “akka seerrata abbaa isaa Daawititti deddeebiʼuudhaan Waaqayyoon jaallachuu isaa argisiiseera” jedha. (1 Mot. 3:3) Kun milkaaʼina dhugaa akka taʼe sitti hin dhagaʼamuu? Solomoon qajeelfama Waaqayyootiin mana qulqullummaa guddaa ijaareera; macaafota kutaa Macaafa Qulqulluu taʼan sadiis barreesseera. Yeroo harʼaa wanta Solomoon hojjete hojjechuun kan nurraa hin eegamne taʼus, yommuu amanamaa turetti fakkeenyi inni taʼe milkaaʼinni dhugaan maal akka taʼe kan nu hubachiisu taʼuusaarrayyuu, milkaaʼina kana argachuuf nu gargaara. Solomoon, wantoonni namoonni yeroo harʼaa akka milkaaʼinaatti ilaalan, jechuunis qabeenyi, ogummaan, beekamummaafi aangoon gatii akka hin qabne geggeessaa hafuuraatiin barreessuusaa yaadadhaa. Wantoonni akkasii akka “qilleensa ariʼuu ti”; jechuunis gatii kan hin qabnedha. Namoonni qabeenya jaallatan hedduun qabeenya dabalataa argachuuf hawwu. Yeroo baayʼees qabeenyasaaniitiif ni yaaddaʼu. Kana malees, guyyaa tokko qabeenyisaanii kan nama garabiraa taʼa.—Lallaba 2:9-11, 17; 5:10-12 dubbisi.
7, 8. Solomoon amanamaa utuu hin taʼin kan hafe akkamitti? Kunoo maal isarraan geessise?
7 Solomoon yeroo booda daandii amanamummaarraa akka jalʼate beekna. Dubbiin Waaqayyoo akkas jedha: “Solomoon yeroo dulloometti dubartoonni isaa yaada isaa gara waaqayyolii kan biraatti in jalʼisan; kana irraa kan kaʼe Solomoon akka abbaa isaa Daawit garaa isaa guutummaatti Waaqayyo gooftaa isaaf hin kennine. . . . Solomoon fuula Waaqayyoo duratti wanta hamaa hojjete.”—1 Mot. 11:4-6.
8 Yihowaan, Solomoonitti gadduudhaan, “Erga ati akkana gootee, kakuu anaa wajjin galtee fi seerrata koo isa ani si abboome cabsitee, ani dhugumaan mootummaa kee irraa cabsee, hojjetoota kee keessaa isa tokkoof nan kenna” jedheera. (1 Mot. 11:11) Kun baayʼee kan nama gaddisiisudha! Solomoon karaa hedduutiin milkaaʼina argatee kan ture taʼus, yeroo booda Yihowaa gaddisiiseera. Solomoon gama jireenya keenya keessatti caalaatti barbaachisaa taʼeen, jechuunis Waaqayyoof amanamaa taʼuurratti milkaaʼina utuu hin argatin hafeera. Hundi keenya, ‘Barumsi jireenya Solomoonirraa argadhu milkaaʼina argachuuf akka na gargaaru gochuuf murteesseeraa?’ jennee of gaafachuu dandeenya.
JIREENYA MILKAAʼINA DHUGAA QABU
9. Akka ilaalcha biyya lafaatti Phaawulos milkaaʼina argatee turee? Ibsi.
9 Jireenyi Phaawulos, kan Solomoon Mootichaarraa baayʼee adda ture. Phaawulos nama teessoo ilkaan arbaarraa hojjetame qabu ykn moototaa wajjin bashannanu hin turre. Kanaa mannaa yeroo itti beelaʼe, dheebote, itti qorreefi qullaa itti taʼe qaba ture. (2 Qor. 11:24-27) Phaawulos, Yesus Masiihii taʼuusaa amanee erga fudhatee booda, amantii Yihudootaa keessatti iddoo guddaa hin qabu ture. Kanaa mannaa geggeessitoonni amantii Yihudootaa isa jibbaniiru. Hidhameera, reebameera, uleedhaan dhaanameera, akkasumas dhagaadhaan rukutameera. Phaawulos inniifi Kiristiyaanonni hidhatasaa taʼan, akka arrabsaman, akka ariʼatamaniifi akka maqaa balleeffaman ibseera. “Nuyi kosii biyya lafaa taaneerra, ammas nuyi saphaphuu lafaa ti” jedheera.—1 Qor. 4:11-13.
10. Haalli Phaawulos nama milkaaʼina argachuu hin barbaanne kan fakkaatu maaliifi?
10 Phaawulos, yommuu maqaa Saaʼol jedhamuun waamamaa turetti carraa hedduu kan qabu fakkaata ture. Gamaaliʼel isa barsiisaa beekamaa taʼerraa waan barateef, akkasumas “Warra akka amantii warra Yihudootaatti jiran keessaa hiriyoota koo nan caalan ture” jedhee waan barreesseef, maatii beekamaa taʼe keessatti kan dhalate taʼuu hin oolu. (Gal. 1:14) Saaʼol afaan Ibraayisxiifi Giriikii akka gaariitti kan dandaʼu taʼuusaarrayyuu, lammii Roomaa isa mirga hedduu argamsiisus qaba ture. Wanta biyyi lafaa akka milkaaʼinaatti ilaalu kana hordofuusaa utuu itti fufeera taʼee, iddoo guddaafi qarshii hedduu argachuu dandaʼa ture. Inni garuu, jireenya tarii firoonnisaa tokko tokkollee akka gowwummaa guddaatti ilaalan jiraachuu filateera. Maaliif?
11. Phaawulos barumsaafi galma akkamiitiif iddoo guddaa kenna ture? Maaliif?
11 Phaawulos nama Yihowaa jaallatu waan tureef, qabeenya argachuufi namoota biratti beekamummaa argachuu caalaa Waaqayyo duratti fudhatama argachuu barbaada ture. Phaawulos waaʼee dhugaa beekumsa sirrii waan argateef, wantoota biyyi lafaa baayʼee tuffatu, jechuunis furii, tajaajila Kiristiyaanaafi abdii samiirra jiraachuuf qabuuf iddoo guddaa kennuu jalqabe. Phaawulos dhimmi furmaata argachuu qabu tokko akka jiru hubateera. Seexanni, namoonni Waaqayyoon akka hin tajaajille gochuu akka dandaʼu falmii kaasee ture. (Iyo. 1:9-11; 2:3-5) Phaawulos karaasaarratti qorumsi akkamiiyyuu isa mudatus, Waaqayyoof amanamaa taʼuudhaan, waaqeffannaa dhugaatti jabaatee itti fufuuf murteessee ture. Galma namoonni biyya lafaa hordofan keessa garuu yaanni akkasii hin jiru.
12. Abdii Waaqayyo kennetti amanamuu kan filatte maaliifi?
12 Atoo murtoo Phaawulos godhee wajjin walfakkaatu gooteettaa? Amanamaa taʼanii jiraachuun yeroo hunda salphaa taʼuu baatus, kana gochuun milkaaʼina dhugaa akka nuu argamsiisu, jechuunis Yihowaa duratti fudhatama akka argannuufi eebbasaa akka nuu argamsiisuu beekna. (Fak. 10:22) Yeroo ammaatti faayidaa guddaa, gara fuulduraattis eebba akka argannu hin shakkisiisu. (Maarqos 10:29, 30 dubbisi.) Kanaaf, abdii keenya ‘sooruma isa hin amansiifnerra utuu hin taʼin, Waaqayyo isa waan hundumaa akka ittiin dhimma baanuuf baayʼisee nuuf kennurra kaaʼachuuf’ sababii gaʼaa qabna. ‘Kanaan badhaadhummaa walitti qabannee jireenya dhugaa harka keessa galfachuudhaaf bara dhufuuf ijaarsa jireenya sanaaf hundee gaarii in kaaʼanna.’ (1 Xim. 6:17-19) Eeyyee, waggoota dhibba ykn kumaafi isaa oliin lakkaaʼaman boodallee, waaʼee yeroo darbee yommuu yaannu, “Dhugumayyuu daandii milkaaʼina dhugaa argamsiisun filadhe!” jechuu ni dandeenya.
IDDOO BADHAADHUMMAAN KEESSAN JIRU
13. Yesus badhaadhummaa walitti qabachuu ilaalchisee gorsa akkamii kenne?
13 Yesus badhaadhummaa ilaalchisee akkas jedheera: “Badhaadhummaa ofii keessaniif lafa irratti iddoo bilii fi daanaʼoon nyaatutti, hattuunis cabsitee iddoo hattutti, walitti hin qabatinaa! Garuu badhaadhummaa ofii keessaniif waaqa irratti iddoo biliin yookiis daanaʼoon hin nyaannetti, hattuunis cabsitee iddoo hin hannetti walitti qabadhaa! Garaan kee lafa badhaadhummaan kee jirutti hidhama.”—Mat. 6:19-21.
14. Badhaadhummaa lafarratti walitti qabachuun gowwummaa kan taʼe maaliifi?
14 Badhaadhummaan namni tokko lafarratti walitti qabatu qarshii malees waan dabalatu qaba. Wantoota namoonni akka milkaaʼinaatti ilaalaniifi Solomoon barreesse, jechuunis kabaja, beekamummaa ykn aboo dabalachuu dandaʼa. Yesus, badhaadhummaan biyya lafaa itti fufiinsa akka hin qabne yommuu dubbatu, yaada Solomoon Macaafa Lallabaa keessatti ibsee wajjin walfakkaatu caqaseera. Akkuma naannoo keenyatti arguu dandeenyu, badhaadhummaan akkasii mancaʼuufi salphaatti baduu dandaʼa. Piroofeesara kan taʼan Daal Biraanar badhaadhummaa akkasii ilaalchisee yaada akkas jedhu barreessaniiru: “Beekamummaan amansiisaa akka hin taane akka gaariitti hubatameera. Namni Sanbadduraa darbe goota jedhame, tibba ittaanutti isa goota ture jedhama. Namni bara kana sooressa taʼe waggaa ittaanu ni kasaara. . . . [Yesus] ilmaan namootaa ni jaallata. Ulfina isa akka fixeensaa darburraa akka fagaatan isaan gorseera. Ulfinni akkasii itti hin fufu. Yesus bartoonni [isaa] akka gaddan hin barbaadu ture. ‘Biyyi lafaa yeroo hunda nama sadarkaa olaanaarra jiru tokko akka fakkeenyaatti ilaala.’” Namoonni baayʼeen yaada olitti ibsame kanarratti kan walii galan taʼus, yaada kana jireenyasaanii keessatti hojiirra kan oolchan namoota muraasadha. Atoo hojiirra oolchaa jirtaa?
15. Milkaaʼina akkamii argachuuf carraaquu qabna?
15 Geggeessitoonni amantii tokko tokko, carraaqqiin gama kamiiniyyuu milkaaʼina argachuuf godhamu dogoggora akka taʼe lallabaniiru. Yesus garuu, carraaqqii milkaaʼina argachuuf godhamu hunda hin balaaleffanne. Kanaa mannaa, bartoonnisaa ‘badhaadhummaa waaqarratti akka walitti qabatan’ gorsuudhaan iddoo itti walitti qabatan akka jijjiiran isaan jajjabeesseera. Fedhiin keenya inni guddaan karaa Yihowaa duratti fudhatama qabuun milkaaʼina argachuuf carraaquu taʼuu qaba. Eeyyee, wanti Yesus dubbate wanta hordofnu ilaalchisee filannaa akka qabnu nu yaadachiisa. Haataʼu malee, yeroo baayʼee wanti hordofnu wanta garaa keenya keessa jiruufi wanta iddoo guddaa kenninuuf akka taʼe beekamaadha.
16. Waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?
16 Yihowaa gammachiisuuf fedhii kan qabnu yoo taʼe, wanta nu barbaachisu akka nuu kennu isatti amanamuu dandeenya. Akkuma Phaawulosiin mudate yeroo gabaabaadhaaf akka beelofnu ykn akka dheebonnu heyyamuu dandaʼa. (1 Qor. 4:11) Taʼus, gorsa Yesus akkas jechuudhaan kennetti amanamuuf sababii gaʼaa qabna: “‘Maal nyaanna?’ yookiis ‘Maal dhugna?’ yookiis ‘Maal uffanna?’ jettanii hin yaaddaʼinaa! Warri saba Waaqayyoo hin taʼin yaada isaanii isaan kanatti hidhanii jiruʼo; isaan kun hundinuu isiniif barbaachisoo akka taʼan garuu abbaan keessan inni waaqa irraa in beeka. Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama.”—Mat. 6:31-33.
MILKAAʼINA WAAQAYYO DURATTI FUDHATAMA QABU HORDOFAA
17, 18. (a) Milkaaʼinni dhugaan maalirratti kan hundaaʼedha? (b) Milkaaʼinni maalirratti kan hundaaʼe miti?
17 Milkaaʼina dhugaa argachuun keenya akka ilaalcha biyya lafaatti waan guddaa raawwachuu ykn iddoo guddaa qabaachuurratti kan hundaaʼe miti. Akkasumas gumii Kiristiyaanaa keessatti mirga taʼe tokko argachuurratti kan hundaaʼe miti. Milkaaʼinni dhugaan wanta kanaaf buʼuura taʼe, jechuunis Waaqayyoof abboomamuufi isaaf amanamuurratti kan hundaaʼedha. Waaqayyo, “Warra hojii adeemsisan irraa immoo amanamummaatu barbaadama” jechuudhaan kun dhugaa taʼuusaa mirkaneesseera. (1 Qor. 4:2) Amanamummaadhaan jabaannee itti fufuu qabna. Yesus, “Namni hamma dhumaatti rakkina obsu garuu in fayya” jedheera. (Mat. 10:22) Fayyina argachuun milkaaʼina guddaa akka taʼe irratti walii hin galtuu?
18 Yaada olitti ibsamerratti hundaaʼuudhaan, Waaqayyoof amanamaa taʼuun, beekamummaa, barumsa, qarshii ykn iddoo hawaasa keessatti qabnurrattis taʼe, dandeettii ykn kennaa uumamaan qabnurratti kan hundaaʼe akka hin taane hubachuu dandeenya. Haalli keessa jirru maaliyyuu yoo taʼe Waaqayyoof amanamoo taʼuu ni dandeenya. Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa keessaa tokko tokko sooreyyii, kaanimmoo hiyyeeyyii turan. Phaawulos warra sooreyyiidhaan, “Wanta gaarii taʼe haa hojjetan, soorumni isaanii hojii gaarii isa isaan hojjetan haa taʼu! Haa arjooman, isa qaban warra kaaniinis haa gaʼan!” jedheera. Warri sooreyyiinis taʼan warri hiyyeeyyiin, “jireenya dhugaa harka isaanii keessa galfachuu” ni dandaʼu. (1 Xim. 6:17-19) Gorsi kun yeroo harʼaattis ni hojjeta. Hundi keenya carraafi itti gaafatamummaa walfakkaatu qabna; jechuunis, amanamaa taanee jiraachuufi ‘soorumni keenya hojii gaariidhaan’ akka taʼu gochuuf carraaquu qabna. Kana kan goonu taanaan, Uumaa keenya duratti milkaaʼina arganna; isa gammachiisaa akka jirru beekuu keenyaanis ni gammanna.—Fak. 27:11.
19. Milkaaʼina ilaalchisee murtoonkee maalidha?
19 Haala keenya guutummaatti toʼachuu baannuyyuu, ilaalcha haala keessa jirruuf qabnu garuu toʼachuu ni dandeenya. Haalli keessa jirtan maaliyyuu yoo taʼe amanamaa taʼuuf carraaqaa. Carraaqqiin akkasii baayʼee barbaachisaadha. Yihowaan ammas taʼe barabaraaf eebba guddaa akka isinii kennu mirkanaaʼoo taʼaa. Yaada Yesus Kiristiyaanota dibamoo ilaalchisee, “Ati hamma duʼaatti amanamaa taʼi! Ani immoo gonfoo ittiin jireenya argatan siifan kenna” jechuudhaan dubbate matumaa hin dagatinaa! (Mul. 2:10) Milkaaʼina dhugaa jechuun kanadha!
[Fakkii fuula 6rra jiru]
Akka ilaalcha namootaatti, Saaʼol milkaaʼina argachuuf carraa hedduu qaba ture
[Fakkii fuula 7rra jiru]
Phaawulos milkaaʼina dhugaa argateera