Yihowaadhaaf Ulfina Kennuuf “Ifni Keessan . . . haa Ifu”
“Namoonni . . . Abbaa keessan isa samiitiif ulfina akka kennaniif ifni keessan namoota duratti haa ifu.”—MAT. 5:16.
1. Wanta addaa gammaduuf sababii nuuf taʼu maal qabna?
SABNI Yihowaa lakkoofsaan dabalaa akka deemu dhagaʼuun baayʼee nama gammachiisa! Waggaa darbe qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu dhaabbataa 10,000,000 ol taʼe geggeessineerra. Kun dhugumaan sabni Waaqayyoo ifni isaa akka ifu gochaa akka jiru argisiisa! Kana malees, waaʼee namoota haaraa miliyonaan lakkaaʼamanii fi fedhii argisiisuudhaan Ayyaana Yaadannoo irratti argamanii yaaduu dandeenya. Isaan jaalala Waaqayyo isa yeroo inni furiin akka dhihaatu godhetti argisiise barachuu dandaʼaniiru.—1 Yoh. 4:9.
2, 3. (a) Wanti ‘akka ibsitoota ifaatti akka hin ibsine’ gufuu nutti hin taane maali dha? (b) Jechoota Yesuus Maatewos 5:14-16 irratti ibsamanii wajjin haala wal qabateen maal irratti mariʼanna?
2 Waaqeffattoonni Yihowaa addunyaa mara irra jiran qooqa adda addaa hedduu dubbatu. Taʼus, kun Yihowaa Abbaa keenyaaf tokkummaadhaan galata akka hin galchine nu hin dhowwu. (Mul. 7:9) Afaan dhalootaa keenya maal iyyuu yoo taʼe ykn bakka kam iyyuu kan jiraannu yoo taʼe, “addunyaa [kana] keessatti akka ibsitoota ifaa” ibsuu dandeenya.—Filp. 2:15.
3 Guddina dabalaa jiru arguun keenya, tokkummaan keenyaa fi carraaqqiin dammaqinaan jiraachuuf goonu hundi, namoonni Yihowaadhaaf ulfina akka kennan gochuu irratti gumaacha godha. Mata duree kana keessatti, kun akkamitti raawwatamuu akka dandaʼu ilaalla.—Maatewos 5:14-16 dubbisi.
NAMOONNI YIHOWAA AKKA WAAQEFFATAN GARGAARAA
4, 5. (a) Lallabuu malees ifni keenya akka ifu gochuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Gaarummaa argisiisuun keenya faayidaa akkamii qaba? (Suuraa jalqaba irra jiru ilaali.)
4 “Namni ifa isaa akka ibsuuf carraa isaaf kennametti hin fayyadamne kam iyyuu . . . guyyoota Gooftaa hafan kanatti amanamaa taʼee jiraachuu hin dandaʼu.” Yaanni kun Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 1, 1925, mata duree “Ifa Dukkana Keessatti Ifu” jedhu irraa kan fudhatame dha. Achiis mata dureen kun akkana jedhee ibseera: “Kanas namoota guutummaa lafaa irra jiranitti misiraachoo himuu fi ifichaa wajjin haala wal simuun jiraachuudhaan kana gochuu qaba.” Karaan ifni keenya akka ifu itti goonu tokko, misiraachoo lallabuu fi barattoota gochuu akka taʼe ifa dha. (Mat. 28:19, 20) Kana malees, amala keenyaan Yihowaadhaaf ulfina kennuu dandeenya. Namoonni mana gara manaattii fi karaa irratti yommuu tajaajillu argannu amala keenya ni qalbeeffatu. Kan seeqnuu fi miira hoʼaadhaan nagaa kan isaan gaafannu yoo taʼe, eenyummaa keenyaa fi Waaqa nuti waaqeffannu ilaalchisee ergaa guddaa dabarsa.
5 Yesuus barattoota isaatiin, “Yommuu mana tokko seentan, namoota mana sanaa nagaa gaafadhaa” jedheera. (Mat. 10:12) Namoonni naannoo yeroo baayʼee Yesuusii fi ergamoonni isaa itti lallabaa turan keessa jiraatan, namoota hin beekne mana isaaniitti simachuun baramaa ture. Yeroo harʼaatti garuu, bakkawwan hedduutti barsiifanni akkasii hin jiru. Taʼus, sababii bakka sana itti dhaqxan sirriittii fi gaarummaadhaan kan isaaniif ibsitan yoo taʼe, yeroo baayʼee yaaddoo nama sanaa hirʼisuu ykn aarii isaa qabbaneessuu dandaʼa. Gammachuudhaan seequun yeroo baayʼee maree jalqabuuf karaa bana. Kun yeroo obboloonnii fi obboleettonni gaariitti fayyadamanii bakka namoonni baayʼatanitti lallabanittis ni hojjeta. Bifa tajaajilaa kana irratti yommuu hirmaattan, yeroo baayʼee namoonni yoo gammachuudhaan seeqxanii fi nagaa isaan gaafattan deebii gaarii akka kennan hubachuu hin ooltan. Gara keenya dhufanii barreeffamoota keenya keessaa tokko akka fudhatan isaan kakaasuu dandaʼa. Gaarummaan isin isaanitti argisiistan maree jalqabuuf isin gargaaruu dandaʼa.
6. Hiriyoonni gaaʼelaa maanguddoo taʼan tokko tajaajila isaanii kan balʼifatan akkamitti?
6 Maanguddoonni hiriyoota gaaʼelaa taʼanii fi Ingilizii keessa jiraatan, dhibeen fayyaa manaa gara manaa deemanii tajaajilluun akka isaanitti ulfaatu godhee ture. Kanaaf, manuma isaanii fuulduratti ifa isaanii ibsuuf murteessan. Yeroo warri ijoollee isaanii mana barumsaa isaanitti dhihoo jiruu fudhachuu dhufanitti, barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu miinjaala irra kaaʼanii isaan eegu turan. Baayʼeen isaanii beekuuf fedhiin isaanii waan kakaʼeef kitaaba Gaaffiiwwan Dargaggootaa fi Deebiiwwan Hojii Irra Ooluu Dandaʼan, Jildii 1 fi 2 (Amaariffa), akkasumas birooshuroota fudhataniiru. Obboleettiin qajeelchituun gumii isaanii keessa jirtu lallaba kana irratti isaanii wajjin hirmaachuu jalqabde. Miira michummaa ishiin argisiistuu fi carraaqqii maanguddoonni kun garaadhaa namoota gargaaruuf godhan, warra sana keessaa tokko qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu akka jalqabu godheera.
7. Namoota haaraa naannoo keessan dhufan gargaaruu kan dandeessan akkamitti?
7 Waggoota dhihoodhaa asitti, godaantonni hedduun biyyoota baayʼeetti godaananiiru. Namoonni akkasii Yihowaa fi kaayyoo isaa akka beekan gargaaruuf maal gochuu dandeessu? Jalqaba irratti, qooqa namoonni haaraan naannoo kee dhufan dubbataniin akkamitti nagaa akka wal gaafatan maaliif hin barattu? Appilikeeshiniin JW Laanguweej jedhamu meeshaa kana gochuuf si gargaaru dha. Dabalataanis himoota gaggabaabaa muraasa xiyyeeffannaa isaanii harkisuu dandaʼan maaliif hin barattu? Achiis weebsaayitii jw.org isaanitti argisiisuudhaan, viidiyoowwanii fi barreeffamoota qooqa isaaniitiin jiran akkamitti argachuu akka dandaʼan isaanitti argisiisuu dandeessu.—Kes. 10:19.
8, 9. (a) Walgaʼii torban gidduutti godhamu irratti gargaarsa hojii irra oolu akkamii arganna? (b) Warri ijoolleen isaanii walgaʼii irratti hirmaannaa akka godhan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?
8 Yihowaan jaalalaan kakaʼee tajaajila keenya irratti caalaatti buʼa qabeeyyii akka taanu nu gargaaruuf, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajilaa nuuf qopheesseera. Qajeelfamni walgaʼii kana irratti nuuf kennamuu fi hojii irra ooluu dandaʼu, baayʼeen keenya deddeebii gaaffii gochuu fi qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessuuf caalaatti ofitti amanannaa akka qabaannu nu gargaareera.
9 Namoonni haaraan dhufan hedduun ijoolleen keenya walgaʼii irratti hirmaannaa gochuu isaanii ni hubatu. Warra kan taatan, ijoolleen keessan jecha mataa isaaniitiin deebii akka kennan isaan barsiisuudhaan ifa isaanii akka ibsan isaan gargaaraa. Ibsi salphaan ijoolleen garaa isaaniitii kennan, namoonni haaraan fedhii argisiisan tokko tokko gara dhugaa akka dhufan gargaareera.—1 Qor. 14:25.
TOKKUMMAAN AKKA CIMU GODHAA
10. Waaqeffannaan maatii tokkummaan akka cimu gochuu irratti gaʼee akkamii qaba?
10 Karaan ifni keessan akka ifu itti gootan kan biraan immoo, maatii keessanii fi gumii keessan keessatti tokkummaan akka cimu gochuu dha. Karaan warri kana gochuu itti dandaʼan tokko, sagantaan Waaqeffannaa Maatii dhaabbataa taʼe akka jiraatu gochuu dha. Warri baayʼeen jiʼa keessaa yeroo taʼe tokkotti sagantaa JW Biroodkaastingii waliin ilaalu. Saganticha erga ilaaltanii booda, yeroo fudhattanii barumsa dhihaate akkamitti hojii irra oolchuu akka dandeessan maaliif irratti hin mariʼattan? Warri waaqeffannaa maatii yommuu geggeessan qajeelfamni mucaa xinnoodhaaf barbaachisu, qajeelfama dargaggeessa umurii waggoota kurnanii keessa jiruuf barbaachisu irraa adda taʼuu isaa yaadachuu qabu. Miseensoonni maatii hundi faayidaa akka argataniif, barreeffamoonni qoʼannaaf itti gargaaramtan hundumaaf kan fayyadan taʼuu isaanii mirkaneessaa.—Far. 148:12, 13.
11-13. Gumii keessa kan jiran hundi tokkummaan akka cimuu fi warri kaanis ifa isaanii akka ibsan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?
11 Dargaggoonni gumii keessatti tokkummaan akka cimu gochuu fi warri kaan ifa isaanii akka ibsan jajjabeessuu kan dandaʼan akkamitti? Dargaggeessa yoo taate, maanguddoota gargaaruuf maaliif galma hin baafattu? Muuxannoo waggoota dheeraa tajaajiluudhaan argatan akka isinitti himan kabajaan isaan gaafachuu dandeessu taʼa. Kana yommuu gootan jajjabina guddaa kan argattan taʼuu isaa irra iyyuu, isinis taatan isaan ifa dhugaa caalaatti ibsuuf kakaatu. Hundi keenya namoota gara Galma Walgaʼii dhufan simachuuf xiyyeeffannaa kennuu dandeenya. Akkana gochuun keessan immoo, tokkummaan akka cimuu fi namoonni haaraanis ifa isaanii ibsuuf fedhii akka qabaatan gochuu dandaʼa. Carraaqqiin isin gootanis miira hoʼaadhaan isaan simachuu, tarii immoo namoonni haaraan bakka taaʼan akka argatan gargaaruu kan dabalatu taʼuu dandaʼa. Namoota kaanii wajjin wal barsiisuuf yaaluun, namoonni haaraan keessummummaan akka isaanitti hin dhagaʼamne godha.
12 Walgaʼii tajaajila dirree akka geggeessitan yoo ramadamatan, maanguddoonni tajaajila irratti akka hirmaatan gargaaruuf wanta hedduu gochuu dandeessu. Naannoo tajaajilaa isaaniif mijatu qabuu? Yeroo tokko tokko, dargaggoota deggersa qaamaa isaaniif gochuu dandaʼan akka isaanii wajjin tajaajilan ramaddu taʼa. Obboloota dhibeen fayyaa fi haalli isaanii isaan daangesseef rakkina isaanii akka hubattan argisiisuu dandeessu. Eeyyee, isaaniif kan yaaddanii fi kan isaaniif hubattan taʼuun keessan, dargaggoonnis taʼan maanguddoonni muuxannoo guddaas taʼe xinnoo qaban, hinaaffaadhaan misiraachicha akka lallaban gargaaruu dandaʼa.—Lew. 19:32.
13 Faarfatichi gammachuudhaan, “Ilaa, obboloonni walii wajjin jiraachuun, attam gaarii dha, attam namatti tolas!” jedheera. (Faarfannaa 133:1, 2 dubbisi.) Israaʼeloonni waliin taʼuu isaaniitiin dhiibbaa gaarii namoonni Yihowaa waaqeffatan kaan isaan irraan geessisan irraa faayidaa guddaa argataniiru. Akkuma zayitii dibatamuu kan nama gammachiisuu fi kan namatti tolu ture. Obbolootaa fi obboleettota keessan gidduutti tokkummaan akka cimu gochuudhaan, dhibbaa gaarii isaan irraan geessisuuf maaliif hin murteessitan? Amma akkasuma gochaa jirtu yoo taʼe galateeffamuu qabdu. Maarree obboloota gumii keessa jiran caalaatti beekuuf carraaqqii gochuu dandeessuu?—2 Qor. 6:11-13.
14. Namoota naannoo keessan jiranitti ifni keessan akka ifu gochuu kan dandeessan akkamitti?
14 Namoota ollaa keessan jiran biratti ifni dhugaa Kitaaba Qulqulluu akka ifu gochuuf carraaqqii dabalataa gochuu ilaalchisee hoo? Dubbiin keessanii fi gochi gaarummaa isin raawwattan ollaan keessan dhugaa akka fudhatu gochuu dandaʼa. Akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Ollaawwan koo anaaf ilaalcha akkamii qabu? Mana koo fi qabeenya koo qulqullinaan qabuudhaan ollaawwan koo irratti dhibbaa gaarii geessisaan jiraa? Namoota kaan gargaaruuf dursa nan fudhadhaa?’ Dhugaa Baatota kaanii wajjin yommuu haasoftan, gaarummaanii fi amalli isaanii inni gaariin firoottan, ollaawwan, namoota wajjin hojjetan ykn wajjin baratan irratti dhiibbaa akkamii akka geessise maaliif isaan hin gaafattan? Muuxannoo gaarii dhagaʼuun keessan waan hin oolle dha.—Efe. 5:9.
DAMMAQAA EEGAA
15. Dammaqinaan eeguun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
15 Ifa keenya caalaatti ibsuuf yommuu carraaqqii goonu ilaalchi nuyi qabnu ifatti mulʼata. Yesuus barattoota isaa, “Dammaqaa eegaa” jedhee irra deddeebiʼee gorseera. (Mat. 24:42; 25:13; 26:41) “Rakkinni guddaan” yeroo dheeraa booda akka dhufu, garuu bara keenya keessatti akka hin dhufne kan amannu yoo taʼe, hojii lallabaa raawwachuu ilaalchisee miira ariifannaa dhabuu akka dandeenyu ifa dha. (Mat. 24:21) Ifni keenya namoota naannoo keenya jiranitti akka gaariitti ifuu mannaa suutuma suuta hirʼachaa deema, dhuma irrattis ni dhama.
16, 17. Dammaqinaan jiraachuu keessan itti fufuuf maal gochuu dandeessu?
16 Yeroo rakkisaan kun caalaatti mancaʼaa yommuu deemu kanatti, hundi keenya dammaqinaan eeguu nu barbaachisa. Yihowaan tarkaanfii kan fudhatu yeroo sirrii taʼetti dha. Kun gaaffii hin qabu. (Mat. 24:42-44) Hamma yeroo sanaatti garuu obsa qabaadhaa, isa kanaan duraa caalaa dammaqinaan jiraadhaa. Dubbii Waaqayyoo guyyaa guyyaadhaan dubbisaa; kadhannaa wajjin haala wal qabateenis dammaqoo taʼaa. (1 Phe. 4:7) Fakkeenya obbolootaa fi obboleettota dammaqinaan eeguu fi ifa isaanii ibsuudhaan gammachuu akka argatan jireenya isaaniitiin argisiisanii qalbeeffadhaa. Fakkeenyi gaariin tokko muuxannoo mata duree, “Waggaa Torbaatamaaf Fiixee Uffata Nama Yihudii Tokkoo Qabadheera” jedhu qabuu fi Masaraa Eegumsaa Ebla 15, 2012, fuula 18-21 irratti argamu dha.
17 Yihowaa tajaajiluudhaan hojiin kan isiniif baayʼate taʼaa. Namoota kaaniif hojii gaarummaa hojjedhaa, obbolootaa fi obboleettota keessanii wajjin yeroo dabarsaa. Kunis gammachuu guddaa isiniif argamsiisa, yeroonis utuma isin hin beekin ariitiidhaan darba. (Efe. 5:16) Waggaa dhibba tokko dura, obboloonni keenya hojiidhaan kan qabaman taʼuu isaanii irra iyyuu hojii hedduu raawwataniiru. Nuti garuu yeroo harʼaatti qajeelfama Yihowaan nuuf kennuun isaan caalaa wantoota hedduu raawwachaa jirra. Karaa kanaan dura yaadnee hin beekneen ifni keenya balʼinaan akka ifu gochaa jirra.
18, 19. Jaarsoliin gumii dammaqoo akka taanuu fi sochii gaarii akka goonu nu gargaaruu kan dandaʼan akkamitti? Fakkeenyaan ibsi.
18 Mudaa kan qabnu taʼuun keenya, karaa fudhatama qabuun Yihowaa tajaajiluu irraa nu dhowwuu akka hin dandeenye beekuun amantii keenya nuuf cimsa. Kanaaf, Yihowaan jaarsolii gumii ‘dhiirota kennaa’ taʼan nuu kennuu isaa dinqisiifadhaa. (Efesoon 4:8, 11, 12 dubbisi.) Kana booda jaarsi tokko dhufee yommuu isin gaafatu, ogummaa isaa irraa barachuu fi gorsa inni isiniif kennu irraa fayyadamuuf carraaqaa.
19 Jaarsoliin biyya Ingilizii lama waamicha hiriyoota gaaʼelaa rakkinni isaan mudate isaaniif godhaniin gara mana isaanii dhaqan. Haati manaa abbaan manaa ishii Yihowaa tajaajiluu irratti dursa akka hin fudhanne ishiitti dhagaʼama. Abbaan manaa ishiis barsiisaa gaarii akka hin taanee fi waaqeffanna maatii dhaabbataa taʼe gochuuf sagantaa akka hin baasne amaneera. Jaarsoliin kun hiriyoonni gaaʼelaa sun fakkeenya Yesuus irratti akka xiyyeeffatan isaan gorsan. Yesuus barattoota isaa kunuunseera, wanta isaan barbaachisus ni yaada ture. Jaarsoliin, abbaan manaa kun fakkeenya Yesuus akka hordofu isa gorsan. Haati manaa immoo obsa akka qabaattu ishii jajjabeessan. Kana malees, jaarsoliin ijoollee isaanii lamaanii wajjin waaqeffannaa maatii gochuuf waliin hojjechuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe yaadawwan hojii irra ooluu dandaʼan tokko tokko isaaniif kennaniiru. (Efe. 5:21-29) Boodas jaarsoliin carraaqqii isaatiif abbaa manaa galateeffataniiru. Carraaqqii gochuu isaa akka itti fufuu fi karaa hafuuraa mataa maatii gaarii taʼuuf gargaarsa hafuura qulqulluutti akka amanamu isa jajjabeessan. Jaalallii fi gargaarsi jaarsolii kanaa, maatiin kun ifa isaanii akka ibsan gargaareera.
20. Ifni keessan akka ifu yommuu gootanitti maal eeguu dandeessu?
20 Faarfatichi, “Namni Waaqayyoon sodaatu hundinuu, inni karaa isaa irra adeemus gammachuu qaba!” jedhee faarfateera. (Far. 128:1) Namoonni kaan Waaqayyoon akka tajaajilan afeeruudhaan, karaa tokkummaan akka cimu godhuu fi dammaqoo taatanii jiraachuudhaan, ifni keessan akka ifu yommuu gootan gammachuun keessan ni dabala. Namoonni kaan hojii keessan isa gaarii ni argu; baayʼeen isaaniis Abbaa keenyaaf ulfina kennuuf ni kakaʼu.—Mat. 5:16.