Ulaagaa Cuuphaadhaaf Barbaachisu Guutuu
“Akka ani hin cuuphamneef maaltu na dhowwa?” —HOJII ERGAMOOTAA 8:36.
1, 2. Filiphos nama Itoophiyaa taayitaa qabu tokkoo wajjin akkamitti marii jalqabe? Namichi kun nama amantaa cimaa qabu akka ture kan argisiisu maalidha?
YESUS du’ee waggaa tokko yookiin lama booda, namni taayitaa qabu tokko karaa kibbaa Yerusaalemii gara Gaazaatti adeemaa ture. Fuulasaa duraa karaa kiiloomeetira 1,500 ta’uufi dadhabsiisaa ta’etu isa eega. Namni Waaqayyoo kun, Itoophiyaadhaa ka’ee gara Yerusaalem kan dhaqe Yihowaa waaqeffachuuf ture. Karaa dheeraa kanarra yeroo gara biyyasaatti deebi’u yeroosaatti akka gaariitti gargaaramuuf, Sagalee Waaqayyoo dubbisaa waan tureef namichi Itoophiyaa kun nama amantaa akka ta’e argisiisa. Yihowaanis nama yaada garaa qajeelaa qabu kana ilaaluudhaan akka dhaqee isaaf lallabuuf ergamaasaa gara Filiphositti erge.—Hojii Ergamootaa 8:26-28.
2 Barsiifata bara sana turetti, namichi kun sagaleesaa ol kaasee dubbisaa waan tureef, maree jalqabuuf Filiphositti hin ulfaanne. Akkasumas, namni Itoophiyaa kun macaafa Isaayaasirraa akka dubbisaa ture dhaga’eera. Gaaffii salphaan Filiphos: “Waan dubbisuutti jirtu kana in hubattaa?” jedhee isa gaafate fedhiisaa kakaase. Kunis, Isaayaas 53:7, 8rratti akka mari’ataniif karaa bane. Dhumarrattis, Filiphos “waa’ee Yesus misraachoo itti himuutti ka’e.”—Hojii Ergamootaa 8:29-35.
3, 4. (a) Filiphos namicha Itoophiyaa battaluma sanatti kan cuuphe maaliifi? (b) Amma gaaffiiwwan warra kam ilaalla?
3 Namni Itoophiyaa kun, yeroo gabaabaa gidduutti Yesus kaayyoo Waaqayyoo keessatti iddoo guddaa akka qabuufi cuuphamuudhaan duuka buutuu Yesus ta’uun barbaachisaa ta’uusaa hubate. Namichi kun yommuu bishaan arge, “Akka ani hin cuuphamneef maaltu na dhowwa?” jedhee Filiphosiin gaafate. Haata’u malee, haalli nama kanaa adda ture. Durumayyuu, nama gara amantii warra Yihudiitti geddaramuudhaan Yihowaa waaqeffatuufi nama amantaa qabu ture. Kana malees, sanaan dura yeroo dheeraadhaa jalqabee carraa itti cuuphamu hin arganne ta’a. Hundumaa caalaattimmoo, wanta Waaqayyo isarraa barbaadu waan hubateef, garaasaa guutuudhaan tarkaanfii fudhachuu barbaadee ture. Filiphosis, gaaffii namichaa gammachuudhaan kan fudhate yommuu ta’u, namni Itoophiyaa kunis erga cuuphamee booda, “karaa isaa itti fufee gammadaa adeeme.” Gara biyyasaatti erga deebi’ee boodas, misiraachoo kana miira ho’aadhaan akka lallabe homaa hin shakkisiisu.—Hojii Ergamootaa 8:36-39.
4 Waaqayyoof of murteessuufi cuuphamuun tarkaanfii akka salphaatti ilaalamu yookiin utuu akka gaariitti irratti hin yaadamin fudhatamu ta’uu baatus, carraawwan namoonni tokko tokko dhugaa Sagalee Waaqayyoo dhaga’anii utuu baay’ee hin turin akka cuuphaman argisiisan jiraachuusaanii, fakkeenya nama Itoophiyaa kanarraa hubachuun ni danda’ama.a Kanaaf, gaaffiiwwan armaan gaditti argaman qoruun barbaachisaadha: Namni tokko cuuphamuuf qophii akkamii gochuu qaba? Umuriin tilmaama keessa galuu kan danda’u yoomi? Namni tokko cuuphamuusaa dura karaa hafuuraa guddina akkamii argisiisuu qaba? Hundumaa caalaattimmoo, Yihowaan tajaajiltoonnisaa tarkaanfii kana akka fudhatan kan barbaadu maaliifi?
Walii Galtee Bakki Guddaan Kennamuuf
5, 6. (a) Sabni Yihowaa bara durii turan jaalala Yihowaan isaanitti argisiiseef deebii akkamii kennan? (b) Erga cuuphamnee booda, Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii akkamii qabaachuu dandeenya?
5 Yihowaan saba Israa’el gabrummaa biyya Gibxii jalaa erga baasee booda, saba ‘addumaan dhuunfaasaa,’ “saba qulqullaa’aa,” godhee isaan simachuuf, jaallachuuf, eeguufi kunuunsuuf fedhii argisiisee ture. Haata’u malee, eebba akkasii argachuuf jaalala Yihowaan isaanitti argisiiseef haala qabatamaa ta’een deebii kennuu qabu turan. Walii galtee kanas kan godhan, “wanta Waaqayyo jedhe hundumaa in goona” jedhanii isaa wajjin kakuu galuudhaan ture. (Ba’uu 19:4-9) Yesus bartoonnisaa jaarraa jalqabaatti turan saba hundumaa bartootasaa akka godhan kan ajajee yommuu ta’u, namoonni barumsa kana fudhatanis cuuphamaniiru. Namoonni, Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuunsaanii kan hundaa’e, Yesus Kiristositti amananii cuuphamuu isaaniirrattidha.—Maatewos 28:19, 20; Hojii Ergamootaa 2:38, 41.
6 Yihowaan isa tajaajiluufi namoota kakuu ulfina qabeessa ta’e galaniifi kakuu galan kanas eegan akka eebbisu ragaawwan Caaffata Qulqullaa’aa ni argisiisu. Kiristiyaanonni, eebba Yihowaa argachuuf of murteessuufi cuuphamuunsaanii tarkaanfii murteessaa ta’uusaa ni hubatu. Nutis, daandiiwwansaarra deddeebi’uufi qajeelfamasaa argachuuf murteessineerra. (Faarfannaa 48:14) Yihowaan harka keenya qabee daandii irra deddeebi’uu qabnurra akka nu geggeessu fakkeenyaan ibsameera.—Faarfannaa 73:23; Isaayaas 30:21; 41:10, 13.
7. Of murteessuufi cuuphamuun murtoo dhuunfaa ta’uu kan qabu maaliifi?
7 Tarkaanfii akkasii fudhachuuf wanti nu kakaasu, jaalalaafi hawwii Yihowaa tajaajiluuf qabnu ta’uu qaba. Eenyuyyuu, yeroo dheeraadhaaf qayyabatteetta waan jedhameef yookiin hiriyoonnisaa waan cuuphaniif qofa cuuphamuu hin qabu. Dhugaadha, namni tokko waa’ee of murteessuufi cuuphamuu akka irratti yaaduuf maatiinsaafi Kiristiyaanonni ga’eessota ta’an isa jajjabeessuu danda’u. Phexros namoota guyyaa Phenxeqosteetti isa dhaggeeffachaa turaniin, “cuuphamaa” jechuudhaan isaanitti dubbatee ture. (Hojii Ergamootaa 2:38) Ta’us, of murteessuun dhimma dhuunfaa waan ta’eef eenyuyyuu bakka keenya bu’uudhaan nuu murteessuu hin danda’u. Jaalala Waaqayyoo raawwachuuf murteessuu kan qabu numadha.—Faarfannaa 40:8.
Ulaagaawwan Cuuphamuuf Barbaachisan
8, 9. (a) Ijoolleen daa’imummaasaaniitti cuuphamuun ragaa Caaffata Qulqullaa’aa hin qabu kan jennu maaliifi? (b) Ijoolleen utuu hin cuuphamin dura karaa hafuuraa guddina akkamii argisiisuu qabu?
8 Ijoolleen hubannaa mataasaanii qabaachuudhaan of murteessuu danda’uu? Caaffanni Qulqullaa’aan haala cuuphaa wajjin wal qabateen waa’ee umurii hin dubbatu. Ta’us, ijoolleen daa’ima ta’an amantoota ta’uu, murtoo amantaarratti hundaa’ee gochuu yookiin Waaqayyoof of murteessuu akka hin dandeenye beekamaadha. (Hojii Ergamootaa 8:12) Qorataa seenaa kan ta’e, Oogistas Ne’aandar Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa ilaalchisee, kitaabasaa isa Jeneraal Histirii Oov za Kiristiyaan Riilijin End Charch jedhamurratti akkas jechuudhaan barreesseera: “Jalqabarratti akka cuuphamaniif kan isaaniif heyyamamu namoota umuriinsaanii ijoollummaarra darbeef qofa ture; sababiinsaas, hiika cuuphaan qabuufi amantiin kanaa wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu sirriitti hubachuu kan danda’an namoota umuriinsaanii ijoollummaarra darbedha.”
9 Ijoolleen tokko tokko, wantoota hafuuraa ijoollummaasaaniitti hubatu; kaanimmoo wantoota kana hubachuun yeroo dheeraa isaanitti fudhata. Haata’u malee, ijoolleenis akkuma warra ga’eessotaa, utuu hin cuuphamin dura dhuunfaatti Yihowaa wajjin walitti dhufeenya qabaachuu, barumsawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu sirriitti hubachuufi itti gaafatamummaa of murteessuun isaanitti fidu hubachuu qabu.
10. Namni tokko of murteessuufi cuuphamuusaa dura tarkaanfii akkamii fudhachuu qaba?
10 Yesus, bartoonnisaa wanti inni isaan abboome hundumaa namoota haaraa akka barsiisan ajajee ture. (Maatewos 28:20) Kanaaf, namoonni haaraan jalqaba waa’ee dhugaa beekumsa sirrii argachuu kan qaban yommuu ta’u, beekumsi kunis Yihowaafi Sagaleesaarratti amantaa akka qabaatan isaan gargaara. (Roomaa 10:17; 1 Ximotewos 2:4; Ibroota 11:6) Dhugaan Macaafa Qulqulluu garaa nama kanaa erga tuqee booda, qalbii geddarachuufi jireenyasaa isa duraa dhiisuuf kaka’a. (Hojii Ergamootaa 3:19) Dhumarrattis, namni kun sadarkaa barbaadurra waan ga’uuf, akkuma Yesus abboometti Yihowaaf of murteessuufi cuuphamuu danda’a.
11. Cuuphamuu keenya dura, yeroo hundaa tajaajilarratti hirmaachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
11 Tarkaanfiin garabiraan sadarkaa cuuphaarra ga’uuf gargaarummoo misiraachoo Mootummichaa lallabuudha. Hojii guddaa, Yihowaan tajaajiltoonnisaa guyyoota gara dhumaa kanatti argaman akka hojjetan barbaadu kanadha. (Maatewos 24:14) Kanaaf, babal’istoonni hin cuuphamin, waa’ee amantaasaanii warra kaanitti himuudhaan gammachuu argachuu danda’u. Garanumaa hojii lallabaarratti hirmaachuunsaanii, erga cuuphamanii boodas yeroo hundaa tajaajilarratti hinaaffaadhaan hirmaachuuf isaan gargaara.—Roomaa 10:9, 10, 14, 15.
Akka Hin Cuuphamne Wanti Si Dhowwu Jiraa?
12. Namoonni tokko tokko cuuphamuurraa duubaatti kan jedhan maaliifi?
12 Namoonni tokko tokko, itti gaafatamummaa cuuphaan isaanitti fidu sodaachuudhaan, cuuphamuurraa duubaatti jedhu. Ulaagaa Yihowaan isaanirraa barbaaduu wajjin haala wal simuun jiraachuuf jijjiirama guddaa gochuu akka qaban ni hubatu. Yookiinimmoo, erga cuuphamanii booda ulaagaawwan Yihowaan isaanirraa barbaadu guutuu akka hin dandeenye isaanitti dhaga’ama ta’a. Warri tokko tokkommoo, “Tarii gaaf tokko cubbuu yoon hojjedhe gumii keessaa nan baafama ta’a” jedhanii sodaatu.
13. Yeroo Yesus lafarra turetti, namoonni tokko tokko duuka buutotasaa akka hin taane wantoonni gufuu isaanitti ta’an maalfa’i?
13 Namoonni yeroo Yesus lafarra ture jiraachaa turan tokko tokko, fedhiin dhuunfaasaaniifi walitti dhufeenyi cimaan maatiisaanii wajjin qaban bartootasaa akka hin taane gufuu isaanitti ta’ee ture. Barsiisaan seeraa tokko, iddoo kamiyyuu yoo dhaqe isa duukaa akka bu’u Yesusitti himee ture. Haata’u malee, Yesus yeroo baay’ee lafa bulullee akka hin qabne itti hime. Yesus akka isa duukaa bu’u yommuu nama isa dhaggeeffachaa ture tokko afeere, dura dhaqee abbaasaa ‘awwaaluu’ akka barbaadu ibse. Namichi kun Yesus duukaa bu’uufi yeroo barbaachisuttimmoo maatiisaa gargaaruu mannaa, hanga abbaansaa du’utti manasaa turuu barbaadee ta’uu danda’a. Namni inni sadaffaanimmoo, duuka buutuu Yesus ta’uusaa dura, warra manasaatti “nagaa dhaamuu” akka barbaadu dubbate. Yesus sababiiwwan akkasiitiin tarkaanfii fudhachuurraa duubatti jechuun, ‘gara booddee ilaaluu’ wajjin tokko ta’uusaa ibseera. Kanaaf, namoonni tarkaanfii fudhachuurraa gara duubaatti jedhan, yeroo hundaa itti gaafatamummaa Kiristiyaanummaan isaanitti fidu raawwachuurraa duubatti jechuuf sababii waan hin dhabne fakkaatu.—Luqaas 9:57-62.
14. (a) Phexros, Indiriyaas, Yaaqoobiifi Yohannis namoota akka walitti qabaniif yommuu Yesus isaan afeere deebii akkamii kennan? (b) Waanjoo Yesus baachuurraa gara duubaatti jechuu kan hin qabne maaliifi?
14 Ejjennoon Phexros, Indiriyaas, Yaaqoobiifi Yohannis garuu kanarraa baay’ee adda ture. Akka isaa wajjin bu’an, akkasumas kan nama walitti qaban akka isaan godhu yeroo Yesus isaan afeere maaltu akka raawwatame Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan ibsa: “Achumaan isaan kiyyoota isaanii achitti dhiisanii isa duukaa bu’an.” (Maatewos 4:19-22) Duuka buutota Yesus ta’uuf hatattamaan tarkaanfii fudhachuusaaniitiin wanti Yesus yeroo booda dubbate isaanirratti yeroo raawwiisaa argatu hubachuu danda’aniiru: “Waanjoo koo fuudhaatii baadhaa, ana irraas baraa; anoo garraamii dha kanan gad of deebises; boqonnaas lubbuu keessaniif in argattu. Waanjoon koo nama hin dhibu, ba’aan [namni anaaf jedhee baatus] salphaa dha.” (Maatewos 11:29, 30) Cuuphaan itti gaafatamummaa waanjoo baachuu kan fidu ta’ullee, akka Yesus mirkaneessetti waanjoon kun kan nama hin dhibneefi salphaa waan ta’eef kan boqonnaa namaaf argamsiisudha.
15. Fakkeenyi Museefi Ermiyaas, Waaqayyo nu gargaara jennee amanuuf kan nu dandeessisu akkamitti?
15 Yaanni ani ga’eessa miti jedhu nutti dhaga’amuunsaa haaraa miti. Museefi Ermiyaas hojii Yihowaan akka hojjetaniif isaanitti kenne raawwachuuf ga’eessota akka hin taane itti dhaga’amee ture. (Ba’uu 3:11; Ermiyaas 1:6) Yihowaan akkamitti isaan jajjabeesseree? Museedhaan, “Ani sii wajjin nan ta’a” jedheera. Ermiyaasiinimmoo, “ani si oolchuudhaaf sii wajjinan jira’o” jedheera. (Ba’uu 3:12; Ermiyaas 1:8) Nutis Yihowaan akka nu gargaaru amanuu dandeenya. Jaalalliifi amantaan Yihowaarratti qabnu, waadaa yeroo of murteessinu gallee wajjin haala wal simuun jiraachuu hin danda’u jechuudhaan duubaatti akka hin jenne nu gargaara. Yohannis, “jaalala keessa sodaan hin jiru; jaalalli inni iddoo ga’e sodaa gad baasee in gata” jechuudhaan barreesseera. (1 Yohannis 4:18) Daa’imni tokko qofaasaa tarkaanfachuun isa sodaachisa ta’a; harka abbaasaa yoo qabate garuu sodaa tokko malee tarkaanfata. Nutis haaluma wal fakkaatuun, garaa guutuudhaan Yihowaatti amanuudhaan isaa wajjin yoo tarkaanfanne, ‘daandii keenya akka nuuf qajeelchu’ waadaa galeera.—Fakkeenya 3:5, 6.
Yeroo Ulfinaan Ilaalamuu Qabu
16. Cuuphaan guutummaatti bishaan keessa gad liccisuudhaan kan raawwatamu maaliifi?
16 Sirna cuuphaa dura, haasawaan Macaafa Qulqulluurratti hundaa’eefi cuuphaan hiika guddaa akkamii akka qabu ibsutu dhihaata. Xumura haasichaarratti, cuuphamtoonni gaaffiiwwan cuuphaa lamaaniif deebii kennuudhaan namoota duratti amantaasaanii akka argisiisan gaafatamu. (Roomaa 10:10; saanduqaa fuula 21rratti argamu ilaali.) Sanaan booda, isaanis akkuma Yesus bishaan keessa gad liccifamanii cuuphamu. Macaafni Qulqulluun Yesus cuuphamee ‘bishaanicha keessaa akka ba’e’ yookiin “bishaanicha keessaa ba’e” jechuudhaan dubbata. (Maatewos 3:16; Maarqos 1:10) Kanaaf, Yohannis Cuuphaan Yesusiin guutummaatti bishaan keessa gad liccisee akka cuuphe kanarraa hubachuun ni danda’ama.b Guutummaatti bishaan keessa gad liccifamuun, jijjiirama dinqisiisaa gooneef fakkeenya gaarii yommuu ta’u, jireenya isa duraatiif duunee Waaqayyoon tajaajiluuf jireenya haaraa jalqabuu keenya kan argisiisudha.
17. Cuuphamtoonniifi namoonni achitti argaman, sirna cuuphaatiif akka ulfina kennan argisiisuu kan danda’an akkamiitti?
17 Sirni cuuphaa, ulfina guddaadhaan ilaalamuu kan qabu ta’us yeroo gammachuuti. Macaafni Qulqulluun, yeroo Yohannis laga Yordaanositti isa cuuphe Yesus kadhannaa gochaa akka ture ibsa. (Luqaas 3:21, 22) Haaluma wal fakkaatuun yeroo ammaattis, cuuphamtoonni fakkeenya Yesus hordofuudhaan amala gaarii argisiisuu qabu. Macaafni Qulqulluun yeroo hundaa uffannaa seera qabeessa ta’e uffachuu akka qabnu kan ibsu waan ta’eef, guyyaa itti cuuphamnutti qajeelfama kana caalaatti hojiirra oolchuu akka qabnu homaa hin shakkisiisu! (1 Ximotewos 2:9) Warri kaanis, haasawaa cuuphaa akka gaariitti dhaggeeffachuufi yeroo sirni cuuphaa raawwatamu ilaaluudhaan sirna kanaaf ulfina akka kennan argisiisuu danda’u.—1 Qorontos 14:40.
Namoonni Cuuphaman Eebbawwan Akkamii Argatu?
18, 19. Cuuphaan mirgaafi eebbawwan akkamii argamsiisa?
18 Erga Waaqayyoof of murteessineefi cuuphamnee booda, miseensa maatii adda ta’e tokkoo taana. Hundumaa caalaatti, Yihowaan Abbaafi jaalallee keenya ta’a. Utuu hin cuuphamin dura Waaqayyorraa adda baanee jiraachaa kan turre ta’us, erga cuuphamnee booda garuu isaa wajjin araaramneerra. (2 Qorontos 5:19; Qolosaayis 1:20) Aarsaa Kiristoosiin Waaqayyotti kan dhihaanne yommuu ta’u, innis nutti dhihaateera. (Yaaqoob 4:8) Miikiyaas raajichi, Yihowaan namoota maqaasaatiin gargaaramaniifi maqaasaa baatan xiyyeeffannaadhaan akka ilaaluufi wanta isaan dubbatan akka dhaggeeffatu, akkasumas maqaansaanii macaafa seenaarratti akka barreeffamu ibseera. Waaqayyo, “isaan qabeenya dhuunfaa koo in ta’u; akkuma abbaan ilma isaaf hojjetuuf oo’u akkasuma anis isaaniif nan oo’a” jedheera.—Miilkiyaas 3:16-18.
19 Kana malees, cuuphaan miseensa tokkummaa obbolummaa biyyoolessaa ta’uuf nu gargaara. Aarsaa godhaniif eebba akkamii akka argatan yommuu Phexros gaafate, Yesus akkas jechuudhaan waadaa galee ture: “Namni maqaa kootiif jedhee manneen yookiis obboloota yookiis obboleettota yookiis abbaa yookiis haadha yookiis ijoollee yookiis araddaa dhiise, dachaa dhibba in fudhata; jireenya bara baraas in argata.” (Maatewos 19:29) Yesus erga akkas jedhee dubbatee waggoota dheeraa booda Phexros, “obbolummaa amantootaa” addunyaa maratti babal’ateefi “guutummaa biyya lafaa” turaniif xalayaa barreessee kan ture yommuu ta’u, innumtiyyuu obbolummaa amantootaarraa jajjabina argateera; nutis gargaarsa wal fakkaatu argachuu dandeenya.—1 Phexros 2:17; 5:9.
20. Cuuphaan abdii dinqisiisaa akkamii nuuf argamsiisa?
20 Kana malees, Yesus namoonni isa duukaa bu’an “jireenya bara baraa” akka argatan dubbateera. Eeyyee, of murteessuufi cuuphamuun ‘jireenya dhugaa harka keessa galfachuu,’ jechuunis addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti abdii bara baraan jiraachuu argachuuf nu gargaara. (1 Ximotewos 6:19) Bara dhufuuf hundee gaarii ta’uudhaan ofii keenyaafis ta’e maatii keenyaaf wanti kana caalu jiraa? Abdiin dinqisiisaa ta’e kun, ‘bara baraan maqaa Waaqayyo keenya’ Yihowaatiin akka deddeebinu nu gargaara.—Miikiyaas 4:5.
[Miiljaleewwan]
a Yihudoonni, namoonni gara Yihudiitti geddaramaniifi kuma sadii ta’anis, akkasuma guyyaa Phenxeqosteetti haasawaa Phexros erga dhaggeeffatanii booda yeruma sana cuuphamaniiru. Namoonni kunis, akkuma xu’aashii Itoophiyaa kanaa qajeelfamaafi barumsa bu’uuraa Sagalee Waaqayyoo keessatti argamu akka beekan homaa hin shakkisiisu.—Hojii Ergamootaa 2:37-41.
b Jechi afaan Giriikiitiin “Cuuphaa” jedhu, Macaafa Qulqulluu keessatti, “bishaan keessa gad liccifamuufi guutummaatti bishaan keessa lixanii ba’uu” jechuu akka ta’e, Dikshinariin Vaayiniin qopheeffameefi Dikshinarii Oov Niwuu Teestaamant Wordis jedhamu ibseera.
Ibsuu Dandeessaa?
• Jaalala Yihowaan nutti argisiiseef deebii kennuu kan qabnu akkamitti? Maaliif?
• Cuuphaa dura karaa hafuuraa guddina akkamii argisiisuu barbaachisa?
• Cubbuun hojjedha jennee sodaachuun yookiin itti gaafatamummaa fudhachuu sodaachuun, cuuphamuurraa gara duubaatti nu deebisuu kan hin qabne maaliifi?
• Duuka buutonni Yesus warri cuuphaman eebba addaa akkamii argachuu danda’u?