BOQONNAA 24
Wanti Kam Iyyuu ‘Jaalala Waaqayyoo Irraa Gargar Nu hin Baasu’
1. Kiristiyaanota dhugaa tokko tokko dabalatee, namoonni hedduun ilaalcha dogoggora akkamii qabu?
YIHOWAAN dhuunfaatti si jaallataa? Namoonni tokko tokko, akkuma Yohaannis 3:16 irratti ibsame Waaqayyo walumaa galatti ilmaan namootaa akka jaallatu ni amanu. Haa taʼu malee, ‘Waaqayyo matumaa anaan jaallachuu hin dandaʼu’ jedhanii yaadu. Kiristiyaanonni dhugaan illee darbee darbee shakkii akkasii qabaachuu dandaʼu. Namni abdii kutate tokko, “Waaqayyo xinnuma illee anaaf ni yaada jedhee amanuun baayʼee natti ulfaata” jedheera. Siinoo yeroo tokko tokko akkas sitti dhagaʼamaa?
2, 3. Yihowaa duratti gatii akka hin qabne ykn akka hin jaallatamne nu amansiisuu kan barbaadu eenyu? Ilaalcha akkasii moʼuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Seexanni, Yihowaan nu hin jaallatu ykn bakka guddaa nuuf hin kennu jennee akka yaannu barbaada. Yeroo baayʼee namoonni akka of bokoksan ykn of tuulan gochuudhaan akka isaan gowwoomsu beekamaa dha. (2 Qorontos 11:3) Haa taʼu malee, namoonni gatii akka hin qabne akka isaanitti dhagaʼamu gochuunis baayʼee isa gammachiisa. (Yohaannis 7:47-49; 8:13, 44) Keessumaa “guyyoota dhumaa” rakkisoo taʼan kanatti akkas gochaa jira. Namoonni yeroo ammaatti argaman hedduun maatii “jaalala hin qabne” keessatti guddatan. Warri kaan immoo, guyyaa guyyaadhaan namoota gara jabeeyyii, ofittoo fi mata jabeeyyii taʼanii wajjin oolu. (2 Ximotewos 3:1-5) Namoonni akkasii waggoota hedduuf rakkinni ykn jibbi isaan irra gaʼuun isaa, gatii akka hin qabne ykn akka hin jaallatamne akka isaanitti dhagaʼamu godhee taʼuu dandaʼa.
3 Miirri dogoggoraa akkasii yoo sitti dhagaʼame abdii hin kutatin. Baayʼeen keenya yeroo tokko tokko garaa ofitti jabaanna. Haa taʼu malee, Dubbiin Waaqayyoo “wanta hundumaa sirreessuuf” akkasumas “dahoowwan jajjaboo garagalchuuf” akka qophaaʼe yaadadhu. (2 Ximotewos 3:16; 2 Qorontos 10:4) Kitaabni Qulqulluun, “isa durattis garaa keenya ni tasgabbeessina; wanta garaan keenya nutti murteessu hundumaa irratti kana ni goona; sababiin isaas, Waaqayyo garaa keenya irra ni caala, wanta hundumaas beeka” jedha. (1 Yohaannis 3:19, 20) Mee karaawwan Kitaabni Qulqulluun Yihowaan akka nu jaallatu “garaa keenya” amansiisuuf nu gargaaru afur haa ilaallu.
Yihowaan Bakka Guddaa Siif Kenna
4, 5. Fakkeenyi Yesuus waaʼee dimbiixii dubbate, Yihowaa biratti gatii akka qabnu kan argisiisu akkamitti?
4 Tokkoffaa, Kitaabni Qulqulluun tajaajiltoonni Waaqayyoo hundi isa duratti gatii guddaa akka qaban barsiisa. Fakkeenyaaf Yesuus akkas jedheera: “Dimbiixiiwwan lama saantima gatii xinnoo qabdu tokkoon gurguramu mitii? Taʼus, isaan keessaa ishiin tokko illee utuu Abbaan keessan hin beekin lafa irra hin buutu. Isin garuu rifeensi mataa keessanii hundi iyyuu lakkaaʼameera. Egaa hin sodaatinaa; isin dimbiixiiwwan hedduu caalaa gatii guddaa qabdu.” (Maatewos 10:29-31) Yaanni kun, dhaggeeffattoota Yesuus warra jaarraa jalqabaatti turaniif hiika akkamii akka qabu ilaali.
5 ‘Namni tokko dimbiixii kan bitu maaliifi?’ jennee gaafanna taʼa. Bara Yesuus lafa irra turetti dimbiixiin simbirroota nyaataaf oolan keessaa hunda caalaa rakasa turte. Namni tokko saantiima xinnoo tokkoon dimbiixii lama bituu dandaʼa ture. Yesuus itti fufuudhaan namni tokko saantima lama yoo qabaate, dimbiixii afur utuu hin taʼin shan bituu akka dandaʼu dubbateera. Ishiin tokko akka eebbaatti kennamti turte. Tarii simbirroonni kun namoota duratti akka waan gatii hin qabneetti ilaalamu taʼa; Yihowaan garuu ilaalcha akkamii isaaniif qaba? Yesuus, “Taʼus, isaan keessaa ishiin tokko illee [ishiin akka eebbaatti kennamte illee] Waaqayyo duratti hin dagatamtu” jedheera. (Luqaas 12:6, 7) Amma wanta Yesuus jechuu barbaade hubachuu dandeenya. Yihowaan dimbiixii tokkoof iddoo guddaa akkasii kan kennu erga taʼee, namni hoo isa biratti kana caalaa gatii hin qabuu? Akkuma Yesuus jedhe, Yihowaan waaʼee keenya waan hunda beeka. Rifeensi mataa keenyaa illee lakkaaʼamaa dha!
6. Yesuus rifeensi mataa keenyaa akka lakkaaʼame yeroo dubbatu, arbeessaa akka hin jirre mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?
6 Dhuguma rifeensi keenya lakkaaʼamuu dandaʼaa? Namoonni tokko tokko wanti Yesuus as irratti dubbate kan arbeeffame akka taʼetti yaadu taʼa. Haa taʼu malee, mee waaʼee abdii duʼaa kaʼuu yaadi. Yihowaan deebisee kan nu uumu, waaʼee keenya guutummaatti waan beekuufi. Yihowaan iddoo guddaa waan nuu kennuuf, koodii jiinii keenya keessatti argamu dabalatee wantoota umurii keenya guutuu sammuutti qabannee fi mudannoo keenya hunda ni yaadata.a Kanaa wajjin yeroo waliin ilaalamu rifeensa mataa keenyaa isa giddu galeessaan baayʼinni isaa gara 100,000 taʼu lakkaaʼuun baayʼee salphaa dha.
Yihowaan Yommuu Garaa Keenya Ilaalu Maal Irratti Xiyyeeffata?
7, 8. (a) Amalawwan gaggaariin Yihowaan yommuu garaa namootaa qoru argachuu barbaadu tokko tokko kamfaʼi? (b) Hojiiwwan Yihowaan bakka guddaa kennuuf tokko tokko kamfaʼi?
7 Lammaffaa, Kitaabni Qulqulluun Yihowaan yommuu tajaajiltoota isaa ilaalu maal irratti akka xiyyeeffatu nu barsiisa. Gabaabumatti, amalawwan keenya warra gaggaarii fi carraaqqii isa tajaajiluuf goonutti gammada. Daawit Mootichi, ‘Yihowaan garaa hundumaa ni qora, yaadaa fi fedhii hundumaa ni hubata’ jedhee ilma isaa Solomoonitti himeera. (1 Seenaa Baraa 28:9) Waaqayyo addunyaa hamminaa fi jibbaan guutame kana keessatti garaa namoota biliyoonaan lakkaaʼamanii yommuu qorutti, garaa nagaa, dhugaa fi qajeelummaa jaallatu yommuu argatu hammam gammada laata? Waaqayyo garaa jaalala isaatiin guutame, akkasumas waaʼee isaa barachuu fi beekumsa kana warra kaaniif hiruu barbaadu yommuu argatu maaltu itti dhagaʼama? Yihowaan namoota waaʼee isaa warra kaanitti himaniif xiyyeeffannaa akka kennu nutti himeera. Inni “Warra Yihowaa sodaatanii fi maqaa isaa irratti xiinxalaniif” ‘kitaaba yaadannoo’ illee qopheesseera. (Miilkiyaas 3:16) Amalawwan akkasii isa biratti iddoo guddaa qabu.
8 Hojiiwwan gaggaariin Yihowaan bakka guddaa kennuuf tokko tokko kamfaʼi? Carraaqqii Ilma isaa Yesuus Kiristoosiin fakkaachuuf goonuuf bakka guddaa akka kennu beekamaa dha. (1 Pheexiros 2:21) Hojii barbaachisaan Waaqayyo bakka guddaa kennuuf inni tokko, misiraachoo waaʼee Mootummaa isaa dubbatu babalʼisuu dha. Roomaa 10:15, “Miilli namoota wantoonni gaggaariin akka dhufan misiraachoo labsanii akkam bareeda!” jedha. Yeroo baayʼee miilli keenya bareedaa akka taʼetti hin yaannu taʼa. As irratti garuu miilli, carraaqqii sabni Yihowaa misiraachicha lallabuuf godhan argisiisa. Carraaqqiin akkasii, Yihowaa duratti bareedaa fi bakka guddaa kan qabudha.—Maatewos 24:14; 28:19, 20.
9, 10. (a) Yihowaan rakkina adda addaa keessatti jabaannee dhaabachuu keenya akka dinqisiifatu akkamitti beekna? (b) Yihowaan tajaajiltoota isaa amanamoo taʼaniif ilaalcha dogoggoraa akkamii hin qabu?
9 Yihowaan jabaannee dhaabachuu keenyaafis iddoo guddaa kenna. (Maatewos 24:13) Seexanni, Yihowaa irraa akka fagaattu akka barbaadu yaadadhu. Guyyaa guyyaadhaan amanamaa taatee jiraachuun kee, Yihowaan arrabsoo Seexanaatiif deebii akka kennu godha. (Fakkeenya 27:11) Jabaatanii dhaabachuun yeroo tokko tokko salphaa miti. Dhibeen fayyaa, rakkinni dinagdee, dhiphinnii fi rakkinni kan biraan guyyaa guyyaadhaan qorumsa sitti taʼuu dandaʼa. Abdiin lafa irra harkifamus gammachuu si dhabsiisuu dandaʼa. (Fakkeenya 13:12) Rakkoowwan akkasii keessatti jabaattee dhaabachuun kee Yihowaa biratti gatii guddaa qaba. Daawit Mootichi Yihowaan imimmaan isaa “qalqalloo” keessatti akka walitti isaaf qabu erga gaafatee booda, “inni kitaaba kee keessatti galmeeffameera mitii?” jechuudhaan amanannaa qabu ibseera. (Faarfannaa 56:8) Eeyyee, Yihowaan carraaqqii isaaf amanamoo taʼuuf goonuu wajjin haala wal qabateen, imimmaan dhangalaasnuu fi rakkina dabarsinu hunda ni yaadata; bakka guddaas ni kennaaf. Wantoonni kun Yihowaa biratti iddoo guddaa qabu.
Yihowaan rakkina adda addaa keessatti jabaannee dhaabachuu keenyaaf iddoo guddaa kenna
10 Haa taʼu malee, garaan keenya inni nu ceephaʼu, ragaawwan Yihowaan bakka guddaa akka nuu kennu argisiisan kana fudhachuu diduu dandaʼa. Garaan keenya yeroo hunda akkas nuun jedha taʼa: ‘Garuu ana caalaa namoonni fakkeenya gaarii taʼan hedduun jiruum. Yihowaan yeroo isaanii wajjin wal bira qabee na ilaalu baayʼee natti gadda.’ Yihowaan namoota wal bira qabee hin ilaalu; akkasumas waan tokkotti kan cichuu fi hamaa miti. (Galaatiyaa 6:4) Yihowaan garaa keenya of eeggannoodhaan kan ilaalu yeroo taʼu, wanta gaarii xinnoo illee yoo argate wanta sanaaf bakka guddaa kenna.
Yihowaan Wanta Gadhee Keessaa Wanta Gaarii Calalee Baasa
11. Wanta Yihowaan Abiyaa ilaalchisee dubbate irraa waaʼee isaa maal baranna?
11 Sadaffaa, Yihowaan wanta gaarii nu keessa jiru calalee baasuuf of eeggannoodhaan nu qora. Fakkeenyaaf, Yihowaan maatiin Yerobiʼaam Mootichaa inni gantuu ture guutummaatti akka balleeffamu yommuu murteesse, ilmi mootichaa Abiyaan awwaala ulfina qabu akka argatu ajajeera. Maaliifi? ‘Yihowaan Waaqni Israaʼel wanta gaarii isa keessatti waan argateef’ ture. (1 Mootota 14:1, 10-13) Yihowaan garaa mucaa sanaa keessaa calalee ‘wanta gaarii’ argateera jechuun ni dandaʼama. Wanti gaariin sun hammam iyyuu xinnoo taʼus, Yihowaan Dubbii isaa keessatti galmeeffamuu akka qabu itti dhagaʼameera. Nama miseensa maatii gantuu taʼe kanaa tokkotti araara isaaf malu argisiisuudhaan isa kiiseera.
12, 13. (a) Haalli Yoshaafaax Mootichaa, cubbuu yoo hojjenne illee Yihowaan nu keessatti wanta gaarii argachuuf akka yaalu kan argisiisu akkamitti? (b) Hojii gaarii hojjennuu fi amala gaarii qabnu ilaalchisee, Yihowaan warraa wajjin wal fakkaachuu kan dandaʼu akkamitti?
12 Yoshaafaax isa Mootii gaarii ture irraas fakkeenya kana irra caalu argachuu dandeenya. Mootichi wanta sirrii hin taane yommuu raawwatetti raajiin Yihowaa, “Sababii kanaatiin dheekkamsi Yihowaa si irratti ni dhufa” jedheen. Kun yaada nama naasisu dha! Haa taʼu malee, ergaan Yihowaa asuma irratti hin dhaabanne. Itti fufuudhaan, “wantoonni gaariin si keessatti argamaniiru” jedheen. (2 Seenaa Baraa 19:1-3) Kanaaf, Yihowaan aariin isaa inni qajeelummaa irratti hundaaʼe, wanta gaarii garaa Yoshaafaax keessa jiru akka hin argine isa hin goone. Dhuguma iyyuu Yihowaan namoota cubbamoota taʼan irraa addadha! Nuti yommuu namoota kaanitti aarru, wanta gaarii isaan keessa jiru arguun nu rakkisa. Yommuu cubbuu raawwannu immoo, abdii waan kutannuuf, waan qaanofnuu fi waan of ceephaanuuf wanta gaarii nu keessa jiru arguu dadhabna. Haa taʼu malee, yaada yoo geddarannee fi lammata cubbuu sana hojjechuu dhiisuuf carraaqqii cimaa yoo goone, Yihowaan dhiifama akka nuu godhu hin dagatin.
13 Yihowaan yommuu qoree si ilaalu, akkuma namni warqee gingilchu cirracha hin barbaadamne gatu, cubbuuwwan akkasii yeroo argatu ni gata. Amalootaa fi hojiiwwan kee warra gaggaarii hoo maal godha? Amalawwan kun “warqee” waan taʼaniif ni kaaʼata! Warri ijoollee isaanii jaallatan fakkii ykn hojii mana barumsaa ijoolleen isaanii qopheessaniif iddoo guddaa kennu; yeroo tokko tokko ijoolleen sun kan irraanfatan yoo taʼe illee isaa waggoota dheeraaf kaaʼu. Yihowaan warra kam iyyuu caalaa ijoollee isaa ni jaallata. Isaaf amanamoo taanee yoo itti fufne, hojii gaarii raawwannee fi amala keenya isa gaarii matumaa hin irraanfatu. Wantoota akkasii irraanfachuu akka jalʼinaatti kan ilaalu yeroo taʼu, inni immoo matumaa jalʼaa miti. (Ibroota 6:10) Yihowaan karaa kan biraadhaanis garaa keenya ni calala.
14, 15. (a) Cubbuun dhaalle Yihowaan wanta gaarii nu keessa jiru akka hin argine kan isa hin goone maaliifi? Fakkeenyaan ibsi. (b) Yihowaan nu keessatti wanta gaarii yommuu argatu maal godha? Saba isaa amanamoo taʼan akkamitti ilaala?
14 Yihowaan mudaa qabaachuu keenya qofa utuu hin taʼin, jijjiirama gochuu akka dandeenyus beeka. Namoonni ogummaa harkaa jaallatan, fakkii ykn meeshaa cabe tokko haaromsuuf carraaqqii guddaa godhu. Fakkeenyaaf, fakkiin Liiyonaardoo daa Viinchiin kaasee fi doolaara miliyoona 30 baasu tokko Godambaa Landan Ingilaandi keessatti kan argamu yeroo taʼu, namni tokko fakkii kana rasaasaan rukutee miidhe; yeroo kanatti eenyu iyyuu fakkiin kun waan miidhameef gatamuu qaba hin jenne. Yaaliin fakkii umurii gara waggaa 500 qabu kana haaressuuf godhamu yeruma sana jalqabame. Maaliifi? Fakkiin kun namoota ogummaa akkasii jaallatan biratti bakka guddaa waan qabuufi. Ati fakkii nooraa fi kasalaan kaafame kana caalaa gatii guddaa hin qabduu ree? Mudaan dhaalte hammam iyyuu kan si mancaase yoo taate, Waaqayyo duratti gatii guddaa qabda. (Faarfannaa 72:12-14) Yihowaan inni ogummaa guddaadhaan ilmaan namootaa uume, namoota kunuunsa inni isaanii godhu dinqisiifatan hunda cubbuu dhaalan irraa walaba gochuuf wanta barbaachisu hunda ni godha.—Hojii Ergamootaa 3:21; Roomaa 8:20-22.
15 Eeyyee, Yihowaan wanta gaarii nuti of keessatti arguu hin dandeenye illee ni arga. Yommuu isa tajaajillu immoo, mudaa kan hin qabne hamma taanutti amalli keenya inni gaariin guddachaa akka deemu godha. Addunyaan Seexanni bulchu kun, rakkina akkamii iyyuu yoo nu irraan gaʼe, Yihowaan tajaajiltoota isaa amanamoo ni jaallata; bakka guddaas ni kennaaf.—Haagee 2:7.
Yihowaan Yeroo Hunda Jaalala Isaa ni Argisiisa
16. Ragaan Yihowaan akka nu jaallatu argisiisu inni guddaan maali dha? Kennaan kun dhuunfaatti kan nuuf kenname taʼuu isaa akkamitti beekna?
16 Arfaffaa, Yihowaan akka nu jaallatu argisiisuuf waan baayʼee godheera. Aarsaan furii Kiristoos, soba Seexanni nuti Yihowaa biratti gatii akka hin qabnee fi akka hin jaallatamne dubbatuuf deebii hunda irra caalu kenna. Yesuus muka irratti gidiraa argee kan duʼee fi Yihowaan immoo Ilmi isaa inni jaallatamaan yommuu duʼu ilaaluudhaan kana caalaa kan dhiphate, waan nu jaallataniif akka taʼe dagachuu hin qabnu. Kan nama gaddisiisu garuu, namoonni hedduun kennaan kun isaaniif dhuunfaatti akka kenname amanuun isaan rakkisa. Kennaan kun akka isaaniif hin malle isaanitti dhagaʼama. Phaawulos ergamaan duuka buutota Kiristoos ariʼachaa akka ture yaadadhu. Taʼus, ‘Ilmi Waaqayyoo na jaallatee anaaf jedhee dabarsee of kenne’ jedhee barreesseera.—Galaatiyaa 1:13; 2:20.
17. Yihowaan gara ofii isaa fi gara Ilma isaatti kan nu harkisu maalitti fayyadamee ti?
17 Yihowaan faayidaawwan aarsaa Kiristoos irraa argaman dhuunfaatti akka argannu nu gargaaruudhaan akka nu jaallatu argisiiseera. Yesuus, “Abbaan inni na erge sun yoo isa harkise malee, namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu” jedheera. (Yohaannis 6:44) Eeyyee, Yihowaan dhuunfaadhaan gara Ilma isaattii fi gara abdii jireenya bara baraatti nu harkiseera. Akkamitti? Yihowaan kana kan godhu, ergaan isaa dhuunfaatti akka nuu lallabamu gochuu fi hafuura qulqulluutti fayyadamee ti; hafuurri kun immoo humni keenya kan daangeffamee fi cubbamoota taanu iyyuu dhugaawwan hafuuraa akka hubannuu fi hojii irra akka oolchinu nu gargaara. Kanaan kan kaʼes Yihowaan akkuma Israaʼelotaan jedhe nuunis, “Jaalala bara baraatiin si jaalladheera. Jaalala amanamaadhaan kanan ofitti si harkise kanaafi” jechuu dandaʼa.—Ermiyaas 31:3.
18, 19. (a) Karaan Yihowaan akka nu jaallattu itti argisiise keessaa inni guddaan isa kami? Kadhannaa keenya kan dhagaʼu isa qofa taʼuu isaa kan argisiisu maali dha? (b) Dubbiin Waaqayyoo, Yihowaan gara laafinaan akka nu dhaggeeffatu kan nuu mirkaneessu akkamitti?
18 Yihowaan dhuunfaatti hammam akka nu jaallatu karaan itti beeknu inni guddaan, mirga kadhannaa nuu kennuu isaa ti. Kitaabni Qulqulluun, hundi keenya “yeroo hundumaa” Waaqayyotti ‘kadhannaa’ akka dhiheessinu nu afeera. (1 Tasalonqee 5:17) Kadhannaa keenyas ni dhagaʼa. Inni, ‘Isa kadhannaa namaa dhagaʼu’ jedhamee waamameera. (Faarfannaa 65:2) Yihowaan hojii kana Ilma isaa dabalatee eenyuufi iyyuu hin kennine. Mee yaadi, Uumaan uumama cufaa, utuu hin dhiphatin kadhannaadhaan akka isatti dhihaannu nu jajjabeesseera. Garuu kan nu dhaggeeffatu akkamitti? Dantaa akka hin qabnee fi akka namaaf hin gaddine karaa argisiisuunii? Matumaa akkas miti.
19 Yihowaan garaa nuu laafa. Gara laafinni maali dha? Kiristiyaanni maanguddoon tokko akkas jedheera: ‘Rakkina garaa kee keessa jiru, akka garaa koo keessa jirutti ilaaluu.’ Dhuguma Yihowaan rakkinni kee isatti dhagaʼamaa? Yeroo sabni isaa rakkatan wanta isatti dhagaʼame ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun, “Yeroo isaan dhiphatan hundumaatti, innis ni dhiphate” jedha. (Isaayyaas 63:9) Yihowaan rakkina isaanii ilaaluu qofa utuu hin taʼin, isaaniif gaddeera. Yaanni Yihowaan, “Kan isin tuqu kam iyyuu qaroo ija kootii tuqa” jechuudhaan dubbate dhiphinni isaanii akka isatti dhagaʼamu argisiisa.b (Zakkaariyaas 2:8) Qaroon ijaa yoo tuqame baayʼee nama dhukkuba! Eeyyee, Yihowaan waaʼee keenyas akkasuma waan itti dhagaʼamuuf, yommuu dhiphannu innis ni dhiphata.
20. Gorsa Roomaa 12:3 irratti argamu hojii irra oolchuu yoo barbaanne, ilaalcha dogoggora taʼe akkamii irraa fagaachuu qabna?
20 Kiristiyaanni ilaalcha sirrii qabu kam iyyuu, ragaawwan Waaqayyo akka nu jaallatuu fi bakka guddaa akka nuu kennu argisiisan kana sababa godhatee akka of hin jajne ykn hin koorre beekamaa dha. Phaawulos ergamaan akkas jedhee barreesseera: “Namni isin gidduu jiru kam iyyuu, akka amantii Waaqayyo isaaf kennetti, sammuu fayyaa akka qabu karaa argisiisuun akka yaadu malee, hamma yaaduu qabu caalaa waaʼee ofii isaa akka hin yaanne gaarummaa guddaa naaf kennameen isinan gorsa.” (Roomaa 12:3) Abbaan keenya inni samii nu jaallachuun isaa kan nu gammachiisu taʼus, ilaalcha sirrii qabaachuudhaan jaalala Waaqayyoo hojii keenyaan akka argannu ykn akka nuuf malu goonee yaaduu hin qabnu.—Luqaas 17:10.
21. Yeroo hunda sobawwan Seexanni babalʼisu akkamii mormuu qabna? Dhugaa isa kamiin garaa keenya amansiisuu qabna?
21 Hundi keenya soba Seexanni Yihowaan bakka guddaa akka nuu hin kennine ykn akka nu hin jaallanne babalʼisu dabalatee soba isaa hunda mormuuf wanta dandeenyu hunda haa goonu. Rakkinni si irra gaʼe, Waaqayyo jaalalli isaa hammam iyyuu guddaa taʼus si jaallachuu akka hin dandeenye akka sitti dhagaʼamu yoo godhe ykn ija Waaqayyoo isa wanta hunda arguu dandaʼu duratti illee hojiin kee inni gaariin garmalee xinnoo waan taʼeef mulʼachuu akka hin dandeenye ykn cubbuun kee guddaa waan taʼeef duuti Ilma isaa illee cubbuu kanaaf dhiifama argamsiisuu akka hin dandeenye yoo sitti dhagaʼame soba amanaa jirta jechuu dha. Soba akkasii irraa guutummaatti fagaadhu! Kanaafuu, yaada Phaawulos geggeessaa hafuuraatiin barreesseen garaa keenya haa amansiisnu. Akkas jedheera: “duuti yookiin jireenyi yookiin maleekonni yookiin mootummoonni yookiin wantoonni amma jiran yookiin wantoonni dhufuuf jiran yookiin humnoonni yookiin ol kaʼiinsi yookiin gad fageenyi yookiin uumamni kan biraan akkamii iyyuu jaalala Waaqayyoo isa karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus ibsame irraa gargar nu baasuu akka hin dandeenye hubadheera.”—Roomaa 8:38, 39.
a Yeroo baayʼee Kitaabni Qulqulluun abdii duʼaa kaʼuu fi dandeettii Yihowaan yaadachuuf qabu wal qabsiisee ibsa. Nama amanamaa kan ture Iyyoob Yihowaadhaan, ‘Daangaa yeroo naaf keessee utuu na yaadattee!’ jedheera. (Iyyoob 14:13) Yesuus “warri awwaala yaadannoo keessa jiran hundi” duʼaa akka kaʼan dubbateera. Yihowaan namoota duʼaa kaasuu barbaadu akka gaariitti waan yaadatuuf akkas jedhamuun isaa sirrii dha.—Yohaannis 5:28, 29.
b Hiikawwan tokko tokko, caqasni kun namni saba Waaqayyoo tuqu qaroo Waaqayyoo utuu hin taʼin, qaroo Israaʼelotaa ykn qaroo isaa akka tuqu godhanii ibsu. Dogoggorri kun, barreessitoota yaanni kun Waaqayyoof ulfina akka hin fidnee fi balleeffamuu akka qabu itti dhagaʼamu tokko tokko irraa kan madde dha. Ilaalchi dogoggoraa kun, yaada Yihowaan warra kaaniif akka gaddu argisiisu kana dhokseera.