BOQONNAA 25
“Gara Laafina Guddaa Waaqa Keenyaa”
1, 2. (a) Haati tokko daaʼimni ishii yommuu booʼu maal gooti? (b) Haadha tokko caalaa gara laafina kan qabu eenyu?
HALKAN walakkaa daaʼimni tokko ni booʼe. Haati isaa yeruma sana hirribaa dammaqxe. Erga daaʼima kana deessee kaasee akka durii hirriba gaarii hin raftu. Sababiiwwan adda addaa daaʼimni ishii itti booʼu beekti. Beelaʼee, uruurfamuu ykn xiyyeeffannaa argachuu barbaadee taʼuu isaa beekti. Sababiin daaʼimni kun itti booʼe maal iyyuu yoo taʼe, haati isaa wanta isa barbaachisu hunda ni gootiif. Garaan ishii wanta daaʼima ishiitiif barbaachisu akka gootu ishii dirqisiisa.
2 Gara laafinni haati tokko daaʼima gadameessa ishiitii baʼeef qabdu, jaalala ilmaan namootaa qaban hunda irra ni caala. Haa taʼu malee, gara laafinni Waaqni keenya Yihowaan nuuf qabu, gara laafina haati tokko daaʼima ishiitiif qabdu irra ni caala. Amala namatti tolu kana qorachuun keenya, caalaatti Yihowaatti akka dhihaannu nu gargaara. Mee amma gara laafinni maal akka taʼee fi Waaqni keenya akkamitti amala kana akka argisiisu haa ilaallu.
Gara Laafinni Maali Dha?
3. Jechi afaan Ibrootaa gara laafina jedhamee hiikame hiika akkamii qaba?
3 Kitaaba Qulqulluu keessa jechoonni afaan Ibrootaa fi afaan Giriikii yaada gara laafina jedhu of keessaa qaban hedduun jiru. Isaan keessaa inni tokko jecha afaan Ibrootaa raahaam jedhamu dha. Galmeen jechootaa Kitaaba Qulqulluu tokko jecha kana miira cimaa yeroo namni jaallannu dhiphatu ykn gargaarsa keenya barbaadu nutti dhagaʼamu akka taʼe ibseera. Jechi afaan Ibrootaa Yihowaan miira isaa ibsuuf itti fayyadame kun, jecha “gadameessa” jedhuu wajjin walitti dhufeenya kan qabu yeroo taʼu, “gara laafina haadhaa” jedhamees hiikamuu dandaʼa.a—Baʼuu 33:19; Ermiyaas 33:26.
4, 5. Kitaabni Qulqulluun, jaalala haati tokko daaʼima ishiif qabdutti fayyadamee gara laafina Yihowaa kan nu barsiisu akkamitti?
4 Kitaabni Qulqulluun, jaalala haati tokko daaʼima ishiif qabdu akka fakkeenyaatti fayyadamuudhaan waaʼee gara laafina Yihowaa nu barsiisa. Isaayyaas 49:15, “Haati takka mucaa ishii isa hoosistu irraanfachuu dandeessii? Ilma ishii isa gadameessa ishii keessaa baʼeef hoo garaa hin laaftuu? Dubartoonni kun yoo irraanfatan illee, ani matumaa si hin irraanfadhu” jedha. Ibsi garaa namaa tuqu kun, Yihowaan saba isaatti gara laafina guddaa akka argisiisu akka gaariitti ibsa. Akkamitti?
5 Haati tokko daaʼima ishii kunuunsuu ni irraanfatti jedhanii yaaduun ulfaataa dha. Kana malees, daaʼimni tokko of gargaaruu waan hin dandeenyeef, halkanii fi guyyaa xiyyeeffannaa fi jaalalli haadha isaa isa barbaachisa. Kan nama gaddisiisu garuu, keessumaa ‘yeroo rakkisaa’ ‘jaalala dhabuun’ baayʼate kanatti haadhotiin ijoollee isaanii akka dagatan dhagaʼuun baramaa dha. (2 Ximotewos 3:1, 3) Yihowaan garuu, “Ani matumaa si hin irraanfadhu” jedheera. Inni yoom iyyuu tajaajiltoota isaatti gara laafina argisiisuu hin dhiisu. Gara laafinni Yihowaa, gara laafina cimaa haati tokko uumamaan daaʼima ishiif qabdu irra baayʼee caala. Kanaafuu hayyuun tokko Isaayyaas 49:15 ilaalchisee, “Kun, karaa isa guddaa Waaqayyo Kakuu Moofaa keessatti jaalala isaa itti ibse dha” jechuun isaanii nama hin dinqisiisu.
6. Namoonni hedduun gara laafinaaf ilaalcha akkamii qabu? Yihowaan garuu maal nuu mirkaneesseera?
6 Gara laafinni mallattoo dadhabinaatii? Namoonni hedduun ilaalcha akkasii qabu. Fakkeenyaaf, falaasaan biyya Roomaa Seneekaa jedhamu inni bara Yesuusitti jiraatee fi hayyoota guguddaa jedhaman keessaa tokko taʼe, “Warra kaaniif garaa laafuun dadhabina sammuu qabaachuu argisiisa” jedhee barsiiseera. Seneekaan, falaasama Isxooyikootaa isa tasgabbaaʼuu jajjabeessuu fi miira ofii ibsuu nama dhowwu barsiisa ture. Seneekaan, namni ogeessi tokko warra dhiphatan gargaaruu kan dandaʼu taʼus namootaaf gadduun isaa tasgabbii waan isa dhabsiisuuf akkas gochuu akka hin qabne ibseera. Ilaalchi ofittummaa irratti xiyyeeffate kun, namni tokko gara laafina xinnoo illee akka hin qabaanne godha. Yihowaan garuu ilaalcha akkasii kan hin qabne yeroo taʼu, “jaalala guddaa kan qabuu fi gara laafessa” akka taʼe Dubbii isaa keessatti nuu mirkaneesseera. (Yaaqoob 5:11) Akkuma kanatti aansee ilaallu, gara laafinni dadhabina utuu hin taʼin, amala cimaa fi barbaachisaa taʼe dha. Mee Yihowaan akkuma abbaa jaalala qabeessa taʼe tokkoo amala kana akkamitti akka argisiisu haa ilaallu.
Gara Laafina Yihowaan Saba Israaʼelitti Argisiise
7, 8. Israaʼelonni biyya Gibxii ishii durii keessatti kan dhiphatan akkamitti? Yihowaan hoo maal isaaniif godhe?
7 Yihowaan akkaataa saba Israaʼel itti qabeen gara laafessa taʼuu isaa argisiiseera. Dhaloota Kiristoos Dura dhuma jaarraa 16ffaatti, Israaʼelonni miliyoonaan lakkaaʼaman yeroo garbummaadhaan biyya Gibxii keessa jiranitti garmalee cunqurfamaa turan. Warri Gibxii, “Dhoqqee suphee isaan bukeessisuudhaan, xuubii hojjechiisuudhaan, . . . hojii cimaadhaan jireenya isaanii isaanitti hadheessan.” (Baʼuu 1:11, 14) Yeroo kanatti, Israaʼelonni waan dhiphataniif, Yihowaan akka isaan gargaaru isatti iyyatan. Maarree, Waaqni gara laafessi kun deebii akkamii kenneefi?
8 Yihowaan baayʼee isaaniif gadde. Akkas jedhe: “Ani dhugumaan rakkina saba koo warra Gibxii keessa jiranii argeera; warra dirqamaan isaan hojjechiisaniin kan kaʼe iyya isaan dhageessisan dhagaʼeera; miidhaa isaan irra gaʼaa jirus akka gaariitti nan beeka.” (Baʼuu 3:7) Yihowaan dhiphina saba isaa kan argee fi iyya isaanii kan dhagaʼe utuu isaaniif hin gaddin miti. Akkuma Boqonnaa 24 irratti ilaalle, Yihowaan Waaqa rakkinni warra kaanii isatti dhagaʼamu dha. Rakkinni warra kaanii akka rakkina keenyaatti nutti dhagaʼamuun isaa immoo gara laafina wajjin walitti dhufeenya guddaa qaba. Taʼus Yihowaan saba isaatiif gadduu qofa utuu hin taʼin, isaan gargaaruuf tarkaanfii fudhateera. Isaayyaas 63:9, “Jaalala isaa fi gara laafina isaatiin isaan ni fure” jedha. Yihowaan “harka jabaadhaan” Israaʼelota Gibxii keessaa baaseera. (Keessa Deebii 4:34) Sana booda, dinqiidhaan nyaata isaaniif kenneera; akkasumas biyya isaanii ishii lalistuutti isaan galcheera.
9, 10. (a) Israaʼelonni Biyyattii Abdachiifamte keessa jiraachuu erga jalqabanii booda, Yihowaan yeroo baayʼee diinota isaanii jalaa kan isaan oolche maaliifi? (b) Bara Yiftaatti Yihowaan cunqursaa akkamii jalaa Israaʼelota fureera? Kana gochuuf kan isa kakaase hoo maali dha?
9 Gara laafinni Yihowaa kanuma irratti hin dhaabanne. Israaʼelonni Biyyattii Abdachiifamtetti erga galanii booda, yeroo baayʼee amanamoo utuu hin taʼin waan hafaniif rakkinaaf saaxilamu turan. Haa taʼu malee, gara qalbii isaaniitti deebiʼanii yommuu Yihowaatti iyyatan isaan oolcha ture. Maaliifi? “Saba isaatiif, . . . waan garaa laafeef.”—2 Seenaa Baraa 36:15; Abbootii Murtii 2:11-16.
10 Wanta bara Yiftaatti raawwatames ilaali. Israaʼelonni waaqolii sobaa tajaajiluu waan jalqabaniif, Yihowaan Amoononni waggaa 18f akka isaan cunqursan heyyame. Dhuma irratti garuu Israaʼelonni yaada geddaratan. Kitaabni Qulqulluun, “Isaan waaqolii ormaa of gidduudhaa balleessanii Yihowaa tajaajilan; kanaafuu, inni sana booda dhiphina Israaʼel callisee bira darbuu hin dandeenye” jedha.b (Abbootii Murtii 10:6-16) Sabni isaa garaadhaa yaada waan geddarataniif, sana booda Yihowaan dhiphina isaanii callisee ilaaluu hin dandeenye. Kanaan kan kaʼes Waaqni gara laafessa taʼe kun, Yiftaaf humna kennuudhaan diinota isaanii jalaa Israaʼelota akka oolchu godheera.—Abbootii Murtii 11:30-33.
11. Akkaataa Yihowaan Israaʼelota itti qabe irraa, gara laafina ilaalchisee maal baranna?
11 Akkaataan Yihowaan saba Israaʼeliin itti qabe, waaʼee gara laafinaa maal nu barsiisa? Tokkoffaa, Yihowaan gara laafessa dha jechuun, rakkina namoota irra gaʼu argee gadduudhaan qofa bira darba jechuu akka hin taane hubanna. Haati tokko daaʼima ishiif gadduun ishii, yommuu inni booʼu isa gargaaruuf akka ishii kakaasu yaadadhu. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaanis iyya saba isaa ni dhagaʼa. Gara laafinni isaa rakkina isaaniitiif furmaata akka kennu isa kakaasa. Kana malees, seenaan Israaʼelotaa gara laafinni Yihowaa saba isaatiif tarkaanfii cimaa fi murteessaa taʼe akka fudhatu waan isa kakaaseef, amalli kun dadhabina kan argisiisu akka hin taane nu hubachiisa. Haa taʼu malee, Yihowaan tajaajiltoota isaatiif gara laafina kan argisiisu gareedhaan qofadhaa?
Gara Laafina Yihowaan Dhuunfaatti Namootaaf Qabu
12. Seerichi, Yihowaan namootaaf dhuunfaadhaan akka garaa laafu kan argisiisu akkamitti?
12 Seerri Waaqayyo saba Israaʼeliif kenne, Yihowaan dhuunfaadhaan namootaaf gara laafina akkamii akka qabu nu hubachiisa. Fakkeenyaaf, kunuunsa inni hiyyeessotaaf godhu ilaali. Yihowaan namni Israaʼel tokko haalawwan hin eegameen kan kaʼe, hiyyeessa taʼuu akka dandaʼu beeka. Maarree Yihowaan hiyyeessonni akkamitti akka qabaman barbaada? Yihowaan Israaʼelotaaf ajaja cimaa akkas jedhu kennee ture: “Obboleessa kee isa hiyyeessa taʼe sanatti garaa hin jabaatin yookiin harka kee isaaf diriirsuu irraa duubatti hin jedhin. Waaqni kee Yihowaan hojii kee fi wanta raawwattu hundumaatti kan si eebbisu sababa kanaan waan taʼeef, ati arjummaadhaan isaaf kenni malee, garaa duuba isaaf hin kennin.” (Keessa Deebii 15:7, 10) Kana malees, Yihowaan Israaʼelonni qarqara maasii isaanii akka hin haamne ykn qarmii akka hin funaanne isaan ajajee ture. Qarmiin kun hiyyeessotaaf dhiifamuu qaba ture. (Leewwota 23:22; Ruut 2:2-7) Sabni Israaʼel seera gaarii hiyyeessota isaan gidduutti argaman gargaaruuf qophaaʼe kana yoo eegan, namoonni harka qalleeyyii taʼan kadhachuun isaan hin barbaachisu. Kun gara laafina Yihowaa kan argisiisu mitii?
13, 14. (a) Yaanni Daawit dubbate Yihowaan dhuunfaatti akka nuu yaadu kan nuu mirkaneessu akkamitti? (b) Yihowaan namoota ‘garaan isaanii cabee fi hafuurri isaanii caccabetti’ dhihoo akka taʼe fakkeenyaan ibsuun kan dandaʼamu akkamitti?
13 Yeroo ammaattis Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe, dhuunfaatti nuu yaada. Rakkina nu irra gaʼu hunda akka gaariitti beeka. Daawit faarfatichi akkas jedhee barreesseera: “Ijji Yihowaa qajeelota irra jira, gurri isaas iyya isaan gargaarsa argachuuf dhiheessan ni dhagaʼa. Yihowaan warra garaan isaanii cabetti dhihoo dha; warra hafuurri isaanii caccabes ni oolcha.” (Faarfannaa 34:15, 18) Namni Kitaaba Qulqulluu irratti yaada kennu tokko, namoota as irratti ibsaman ilaalchisee akkas jedheera: “Namoonni kun garaan isaanii kan cabee fi kan gaabban, cubbuu raawwachuu isaaniitiin kan qaanaʼanii fi ofii isaaniif kabaja kan hin qabne, akkasumas gad aanoo akka taʼan kan itti dhagaʼamu dha.” Namoonni akkasii Yihowaan isaan irraa fagoo akka taʼe, akkasumas inni wayittuu waan isaan hin lakkoofneef akka isaaniif hin yaanne itti dhagaʼama. Ilaalchi akkasii kun garuu sirrii miti. Yaanni Daawit dubbate, Yihowaan “namoota ofii isaaniif kabaja hin qabne” akka hin gatne nuu mirkaneessa. Waaqni keenya inni gara laafessa taʼe, yoom iyyuu caalaa yeroo akkasiitti akka inni nu barbaachisu beeka; nuttis dhihoo dha.
14 Mee muuxannoo tokko ilaali. Haati Yuunaayitid Isteetis keessa jiraattu tokko, ilmi ishii inni waggaa lamaa dhibee hafuura baafachuu dhowwuun waan qabameef atattamaan hospitaala geessite. Doktaroonni erga isa ilaalanii booda halkan sana hospitaala buluu akka qabu ishiitti himan. Haati kun halkan sana eessa bulte? Barcuma siree ilmi ishii irra ciise bira ture tokko irra taaʼaa bulte! Daaʼimni ishii waan dhukkubsateef biraa fagaachuu hin qabdu turte. Abbaa keenya isa samii fi isa jaalala qabeessa taʼe irraa kana caalaa eeguu akka dandeenyu beekamaa dha! Kana malees, kan uumamne akka bifa isaatti dha. (Uumama 1:26) Yaanni garaa namaa tuquu fi Faarfannaa 34:18 irratti argamu, yommuu ‘garaan keenya cabu’ ykn ‘hafuurri keenya caccabu’ Yihowaan akkuma abbaa jaalala qabeessaatti, yeroo kam iyyuu caalaa gara laafina nutti argisiisuu fi nu gargaaruuf qophaaʼee akka ‘nutti dhihaatu’ argisiisa.
15. Yihowaan dhuunfaatti kan nu gargaaru karaawwan kamiini?
15 Maarree Yihowaan dhuunfaatti kan nu gargaaru akkamitti? Tarii madda rakkina keenyaa nuuf balleessuu dhiisuu dandaʼa. Taʼus, namoota isatti iyyatan gargaaruuf qophii hedduu godheera. Dubbiin isaa Kitaabni Qulqulluun gorsa gaarii nu gargaaruu dandaʼu qabateera. Gumii keessatti Yihowaan, ilaaltota olaanoo karaa hafuuraa gaʼumsa qabanii fi gara laafina isaa calaqqisuudhaan obboloota isaanii gargaaran qopheesseera. (Yaaqoob 5:14, 15) Inni, ‘Waaqa kadhannaa namaa dhagaʼu’ waan taʼeef, “warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu” ni kenna. (Faarfannaa 65:2; Luqaas 11:13) Hafuurri qulqulluun immoo, hanga Mootummaan Waaqayyoo rakkoowwan nu dhiphisan hunda nu irraa balleessutti jabaannee akka dhaabannuuf, ‘humna humna caalu’ nuu kenna. (2 Qorontos 4:7) Maarree qophiiwwan isaa kanaaf isa galateeffachuu hin qabnuu? Qophiiwwan kun gara laafina Yihowaa akka argisiisan dagachuu hin qabnu.
16. Fakkeenyi guddaan Yihowaan gara laafessa taʼuu isaa argisiisu maali dha? Kun hoo dhuunfaatti kan nu fayyadu akkamitti?
16 Fakkeenyi guddaan Yihowaan gara laafessa taʼuu isaa argisiisu, Ilma isaa isa tokkicha furii godhee nuu kennuu isaa ti. Furiin kun aarsaa guddaa kan isa kaffalchiise yeroo taʼu, nuti immoo fayyina akka argannu karaa nuu baneera. Qophiin furii kun dhuunfaatti faayidaa akka nuuf argamsiisu yaadadhu. Abbaa Yohaannis kan taʼe Zakkaariyaas, qophiin kun “gara laafina guddaa Waaqa keenyaa” akka argisiisu ibsuun isaa sirrii dha.—Luqaas 1:78.
Yihowaan Yeroo Gara Laafina hin Argisiisne Qaba
17-19. (a) Kitaabni Qulqulluun gara laafinni Yihowaa daangaa akka qabu kan ibsu akkamitti? (b) Yihowaan saba isaatti gara laafina akka hin argisiisne kan godhe maali dha?
17 Gara laafinni Yihowaa daangaa akka hin qabne goonee yaaduu qabnaa? Lakki. Faallaa kanaatiin Kitaabni Qulqulluun Yihowaan namoota seera isaa isa qajeelaa mormanitti garaa laafina argisiisuu akka dhiisuu fi kunis sirrii akka taʼe ibsa. (Ibroota 10:28) Akkas kan godhu maaliif akka taʼe hubachuuf, fakkeenya saba Israaʼel ilaali.
18 Yihowaan yeroo baayʼee Israaʼelota diinota isaanii jalaa kan oolche taʼus, yeroo booda gara laafina isaanitti argisiisuu dhiiseera. Namoonni mata jabeeyyii taʼan kun, waaqolii isaanii warra balfamoo gara mana qulqullummaa Yihowaatti fiduudhaan waaqeffataniiru! (Hisqiʼel 5:11; 8:17, 18) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun waaʼee isaanii akkas jedha: “Isaan garuu hamma dheekkamsi Yihowaa saba isaa irratti dhufuttii fi hamma fayyinni isaaniif dhabamutti ergamtoota Waaqa dhugaatti ni qoosu, dubbii isaa ni tuffatu, raajota isaattis ni qoosu turan.” (2 Seenaa Baraa 36:16) Israaʼelonni namoota gara laafinni Yihowaa isaaniif hin malle hanga taʼanitti waan hammaataniif, aarii Yihowaa isa qajeelina irratti hundaaʼe kakaasaniiru. Kun hoo maal isaanitti fide?
19 Yihowaan sana booda gara laafina isaanitti argisiisuu dhiise. “Gara laafina isaanitti hin argisiisu yookiin isaaniif hin gaddu yookiin araara akkamii iyyuu isaanitti hin argisiisu; isaan balleessuu irraa wanti na dhowwus hin jiraatu” jedheera. (Ermiyaas 13:14) Kanaan kan kaʼes, Yerusaalemii fi manni qulqullummaa ishii kan balleeffaman yeroo taʼu, Israaʼelonnis boojiʼamanii gara Baabilonitti geeffamaniiru. Ilmaan namootaa Yihowaa irratti kaʼuudhaan hamma inni garaa isaanitti jabaatutti gaʼuun isaanii baayʼee nama gaddisiisa!—Faaruu Ermiyaas 2:21.
20, 21. (a) Bara keenyatti yommuu Yihowaan gara laafina argisiisu dhiisu maaltu taʼa? (b) Boqonnaa itti aanu irratti qophii gara laafina Yihowaa argisiisu isa kamtu ibsama?
20 Harʼa hoo haalli isaa akkami dha? Yihowaan hin jijjiiramne. Gara laafessa waan taʼeef, Dhugaa Baatonni isaa guutummaa addunyaatti ‘misiraachoo Mootummichaa’ akka lallaban ajajeera. (Maatewos 24:14) Namoonni garaa qajeelaa qaban fedhii qabaachuu isaanii yommuu argisiisan, Yihowaan ergaa Mootummichaa akka hubatan isaan gargaara. (Hojii Ergamootaa 16:14) Haa taʼu malee, hojiin kun bara baraaf itti hin fufu. Yihowaan addunyaan inni hamaan kun rakkoowwan isaa hundaa wajjin bara baraaf akka itti fufu heyyamuun isaa gara laafina hin taʼu. Yihowaan yommuu gara laafina argisiisuu dhiisu addunyaa kana irratti murtii ni dabarsa. Tarkaanfii kana kan fudhatu, ‘maqaa isaa isa qulqulluu’ fi tajaajiltoota isaa warra isaaf bulaniif garaa waan laafuufi. (Hisqiʼel 36:20-23) Yihowaan hammina guutummaatti erga balleessee booda, addunyaa haaraa qajeelummaan keessa guute ni fida. Hamoota ilaalchisee immoo, “Ijji koo isaaniif hin gaddu; anis gara laafina isaanitti hin argisiisu. Miidhaa daandii isaaniitiin kan kaʼe dhufu mataa isaanii irratti nan fida” jedheera.—Hisqiʼel 9:10.
21 Hamma yeroo sanaatti garuu, Yihowaan warra badiisni isaan irra gaʼu dabalatee namoota hundaaf gara laafina ni argisiisa. Ilmaan namootaa garaadhaa yaada geddaratan, qophii guddaa Yihowaan gara laafinaan godhe tokko irraa faayidaa argatu; qophiin kun, qophii inni dhiifama cubbuu akka argannu nuu godhe dha. Boqonnaa itti aanu irratti fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu Yihowaan guutummaatti dhiifama akka namaa godhu argisiisan tokko tokko ilaalla.
a Taʼus, Faarfannaa 103:13 irratti jechi afaan Ibrootaa raahaam jedhu, gara laafina abbaan tokko ijoollee isaatiif qabus ni argisiisa.
b Yaanni “callisee bira darbuu hin dandeenye” jedhu kallattiidhaan “obsa dhabe ykn obsa isaa fixate” jechuu dha.