BOQONNAA KUDHA SADDEET
“Garaatti Qabattee, Itti Yaaddi Turte”
1, 2. Deemsa Maariyaam gooteefi adeemsi sun akka isheetti ulfaatu kan godhe maal akka taʼe ibsi.
MAARIYAAM harreerra kan teesse siʼa taʼu, itti toluu waan dideef taaʼumsashee mimmijeeffachaa jirti. Harreerra teessee saʼaatii dheeraadhaaf deemaa jirti. Yoseefimmoo ishee dura buʼee karaa dheeraa gara Betlihemitti geessu kana miillaan deemaa jira. Maariyaam ammas mucaan garaashee keessa jiru yommuu gaggaragalu isheetti dhagaʼame.
2 Macaafni Qulqulluun Maariyaam yeroo kanatti ‘ulfa guutuu turte’ waan jedhuuf erga ulfooftee jiʼoonni hedduun darbaniiru. (Luq. 2:5, NW) Hiriyoonni gaaʼelaa kun maasii qonnaan bultootaa bira yommuu darban, tarii isaan keessaa tokko tokko utuu qotaa ykn facaasaa jiranii ol jedhanii ilaaluudhaan ‘Dubartiin daʼuu jala geesse kun maaliif karaa deemti?’ jedhanii yaaduu hin oolan. Haataʼu malee, Maariyaam manashee Naazireet jirurraa fagaattee akka deemtu kan ishee dirqisiise maalidha?
3. Maariyaam itti gaafatamummaa akkamii fudhatte? Nutoo isheerraa maal baranna?
3 Seenaansaa kan jalqabe jiʼoota hedduu dura, jechuunis yeroo shamarreen Yihudii kun itti gaafatamummaa seenaa ilmaan namootaa hunda keessatti adda taʼe fudhattetti ture. Mucaa Ilma Waaqayyoofi yeroo booda Masiihii taʼu daʼuuf jetti. (Luq. 1:35) Yeroon daʼumsaashee dhihaachaa yommuu adeemu, wanti karaa kana akka deeman isaan godhu tokko ni uumame. Maariyaam yeroo karaa kana adeemtu wantoonni amantiishee qoran hedduun ishee mudataniiru. Mee amantii cimaa qabaattee akka itti fuftu kan ishee gargaare maal akka taʼe haa ilaallu.
Gara Betlihem Deemuu
4, 5. (a) Yoseefiifi Maariyaam gara Betlihem kan dhaqan maaliifi? (b) Labsiin Awugusxos baase raajiin inni kam akka raawwatamu godheera?
4 Karaa kana deemaa kan jiran Yoseefiifi Maariyaam qofa hin turre. Awugusxos mootiin Roomaa namoonni biyyicha keessa jiran akka galmeeffaman labsii baasee waan tureef, namoonni hundi galmeeffamuuf bakka dhalootaasaanii dhaquu qabu turan. Yeroo kanatti Yoseef maal godheree? Seenaansaa, “Yoseef sanyii mooticha Daawit keessaa waan tureef, Galiilaadhaa mandara Naazireetii baʼee, Yihudaa keessaa Betlihem mandara Daawit gaʼe” jedha.—Luq. 2:1-4.
5 Awugusxos yeroo kanatti labsii kana kan baase akkuma tasaa hin turre. Masiihichi Betlihemitti akka dhalatu gara waggaa 700 dura raajiin dubbatamee ture. Betlihem isheen tokko Naazireetirraa kiilomeetira 11 qofa fagaattee argamti. Haataʼu malee raajiin kun Masiihichi kan dhalatu “Betlihem-Efraataa” keessatti akka taʼe adda baasee caqaseera. (Miikiyaas 5:2 dubbisi.) Namni tokko Naazireetii kaʼee mandara xinnoo kana gaʼuuf, Samaariyaa keessa qaxxaamuree karaa gaarri itti baayʼaturra gara kiilomeetira 130 deemuu qaba. Yoseefiifi kaadhimnisaa bakki akaakiliinsaanii Daawit Mootichi itti dhalate iddoo kana waan tureef, gara Betlihem-Efraataa akka dhaqan ajajamanii turan.
6, 7. (a) Gara Betlihem deemuun Maariyaamiif ulfaataa taʼuu kan dandaʼu maaliifi? (b) Maariyaam haadha manaa Yoseef taʼuunshee murtoo isheen gooturratti jijjiirama kan fide akkamitti? (Miiljalees ilaali.)
6 Maariyaam murtoo Yoseef ajaja kana raawwachuuf godhu ni deggertii? Karaa kana deemuun isheedhaaf ulfaataa akka taʼe beekamaadha. Yeroo kanatti tibbi bonaa darbee bokkaan xinnoo xinnoo roobaa waan jiruuf, yeroonsaa arfaasaa taʼuu hin oolu. Kana malees Betlihem sirrii galaanaarraa meetira 760 ol fagaattee waan argamtuuf, mandara Galiilaatii akka ol baʼe ibsamuunsaa, guyyaa hedduu erga deemanii booda gaara kana ol baʼuun akka isaan barbaachisu kan argisiisudha. Tarii Maariyaam gidduu gidduutti aara galfachuun waan ishee barbaachisuuf deemsi kun isa yeroo kaanii caalaa guyyaa hedduu isaanitti fudhachuu dandaʼa. Dubartiin tokko yommuu daʼuu jala geessu, yeroo kamiyyuu caalaa maatiifi michootashee warra yeroo ciniisuun ishee qabu ishee gargaaranitti dhihaachuu barbaaddi. Kanaaf karaa kana deemuuf kutannoon ishee barbaachisee akka ture hin shakkisiisu.
7 Taʼus Luqaas, Yoseef “Maariyaamii wajjin caafamuudhaaf dhaqe” jedhee barreesseera. Kana malees, Maariyaam ‘haadha manaasaa’ akka taate caqaseera. (Luq. 2:4, 5, NW) Maariyaam haadha manaa Yoseef taʼuunshee murtoo isheen gooturratti jijjiirama guddaa fideera. Itti gaafatamummaa Waaqayyo abbaan manaashee mataashee akka taʼuuf isaaf kenne fudhattee, murtoosaa deggeruu akka qabdu isheetti dhagaʼama ture.a Kanaaf, Maariyaam abbaa manaasheetiif ajajamteetti; amantii akka qabdus argisiisteetti.
8. (a) Sababiin gara biraan Maariyaam Yoseefii wajjin gara Betlihem itti deemte maal taʼuu dandaʼa? (b) Maariyaam namoota amanamoo taʼaniif fakkeenya guddaa kan taatu karaa kamiini?
8 Sababii gara biraan Maariyaam akka ajajamtu ishee kakaase maal taʼuu dandaʼa? Raajii Masiihichi Betlihemitti akka dhalatu ilaalchisee dubbatame waan beektuuf turee? Macaafni Qulqulluun waaʼee kanaa hin ibsu. Taʼus, raajiin kun geggeessitoota amantii dabalatee namoota hunda biratti kan beekamu waan tureef, Maariyaam raajii kana hin beektu turte jechuun hin dandaʼamu. (Mat. 2:1-7; Yoh. 7:40-42) Kana malees, Maariyaam Caaffata Qulqullaaʼoo akka gaariitti beekti turte. (Luq. 1:46-55) Maariyaam adeemuuf kan murteessite abbaa manaasheetiif abboomamuuf, labsii mootummaatiif ajajamuuf ykn raajii Yihowaan dubbate raawwachuuf taʼuufi dhiisuusaa beekuu baannus, ajajamuudhaan fakkeenya guddaa taateetti. Yihowaan amala gad of deebisuufi ajajamuu dhiironnis taʼan dubartoonni argisiisaniif iddoo guddaa kenna. Yeroo harʼaa namoonni hedduun bitamuu akka dadhabinaatti kan ilaalan waan fakkaatuuf, Maariyaam namoota amanamoo bakka hundaa jiraataniif fakkeenya guddaa taati.
Kiristos Dhalachuusaa
9, 10. (a) Maariyaamiifi Yoseef yommuu Betlihemitti dhihaatan maal yaadanii taʼuu dandaʼa? (b) Yoseefiifi Maariyaam eessa buufatan? Maaliifi?
9 Maariyaam Betlihemiin fagootti yommuu argitu uffee jettee taʼuu qaba. Maariyaamiifi Yoseef firiiwwan ejersaa sassaabamuu jala gaʼan warra dhumaa keessa darbanii gaara sanatti yommuu ol baʼan, seenaa mandara xinnoo kanaa yaadanii taʼuu qaba. Mandarri kun akkuma Miikiyaas raajichi dubbate mandaroota Yihudaa keessaa ishee xinnoo taatus, bakka Boʼaz, Naaʼomiifi boodammoo Daawit waggaa kuma tokkoo ol dura itti dhalatan turte.
10 Maariyaamiifi Yoseef yommuu achi gaʼan mandarattiin namootaan guutamtee turte. Namoonni kaan galmeeffamuuf isaan dura waan achi gaʼaniif iddoo bultii hin arganne.b Kanaaf, moonaa keessa buluudhaan alatti filannaa hin qaban turan. Yoseef haati manaasaa haala matumaa inni kanaan dura argee hin beekneen dhiphinnishee yommuu itti cimaa deemu arguunsaa isa yaaddessee akka ture yaaduu dandeenya. Maariyaam ciniinsuun kan ishee qabe bakka mijaaʼaa hin taane kanatti ture.
11. (a) Dubartoonni hundi haala Maariyaam hubachuu kan dandaʼan maaliifi? (b) Yesus “angafa” kan ture karaawwan kamiini?
11 Dubartoonni hundi haala Maariyaam hubachuu dandaʼu. Yihowaan gara waggaa 4,000 dura, dubartoonni cubbuu dhaalaniin kan kaʼe yeroo daʼumsaatti akka dhiphatan raajii dubbatee ture. (Uma. 3:16) Maariyaamis kanarraa walaba akka taate ragaan argisiisu hin jiru. Luqaas wanta yeroo sana ishee mudate utuu hin caqasin, ‘ilmashee isa angafa deesse’ jedheera. (Luq. 2:7) Eeyyee, Maariyaam yoo xinnaate ijoolleeshee torba taʼan keessaa ilmashee isa “angafa” deesse. (Mar. 6:3) Ilmishee inni kun garuu guutummaatti adda ture. Mucaan kun ilmashee isa angafaa qofa utuu hin taʼin, Ilma Waaqayyoo isa tokkicha ‘uumama hundumaa dura dhalate’ ture.—Qol. 1:15.
12. Maariyaam mucaashee eessa ciibsite? Kun isa namoonni waaʼee dhaloota Kiristos fakkiidhaan ibsanirraa adda kan taʼe akkamitti?
12 Luqaas itti aansuudhaan, “Wayyaa itti martee, siree horiin keessaa nyaatu irra ciibsite” jedhee seenaasaa balʼinaan ibseera. (Luq. 2:7) Namoonni waaʼee dhaloota Kiristos fakkiidhaan ibsan seenaa kana karaa dogoggora taʼeen arbeessanii dhiheessuu yaalu. Haataʼu malee, dhugaansaa maal akka taʼe haa ilaallu. Maariyaam mucicha siree horiin irraa nyaaturra ciibsite. Maatiin kun mana horii isa yeroo sanattis taʼe yeroo ammaatti qilleensa gaariifi qulqullina hin qabne keessa akka buufate hubadhu. Namni utuu filannaa qabuu mucaansaa siree horiin irraa nyaatu keessatti akka dhalatu barbaadu jiraa? Warri hedduun mucaasaaniitiif wanta gaarii gochuu barbaadu. Yoseefiifi Maariyaamimmoo Ilma Waaqayyootiif wanta kana caalaa gaarii taʼe gochuu akka barbaadan beekamaadha.
13. (a) Maariyaamiifi Yoseef wanta qabanitti fayyadamanii waan isaaniif dandaʼame hunda kan godhan akkamitti? (b) Warri ogeeyyiin yeroo harʼaa jiran akkuma Yoseefiifi Maariyaam dhimmoota hafuuraatiif dursa kan kennan akkamitti?
13 Taʼus, Maariyaamiifi Yoseef haala rakkisaa keessa jiranitti guungumuu mannaa, waan qabanitti fayyadamanii wanta isaaniif dandaʼame hunda godhaniiru. Fakkeenyaaf, Maariyaam mucichi akka itti hoʼuuf wayyaadhaan martee siree horiin irraa nyaaturra ciibsuudhaan ofumashee isa kunuunsaa akka turte hubadhu. Maariyaam haala rakkisaa keessa kan turte taʼus, wanta isheedhaa dandaʼame hunda mucichaaf gochuurraa duubatti hin jenne. Isheenis taate Yoseef, karaa hafuuraa mucicha kunuunsuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda gochuun barbaachisaa taʼuusaa hubatanii turan. (Keessa Deebii 6:6-8 dubbisi.) Yeroo harʼaas warri ogeeyyii taʼan, biyya lafaa karaa hafuuraa mancaʼaa taʼe kana keessatti wanta karaa hafuuraa ijoolleesaaniitiif barbaachisu gochuuf dursa kennu.
Tiksitoonni Maariyaamiifi Yoseefiin Jajjabeessan
14, 15. (a) Tiksitoonni mucicha arguu kan hawwan maaliif ture? (b) Tiksitoonni sun mucichi siree horiin irraa nyaaturra ciisee yommuu argan maal godhan?
14 Haalli tasgabbaaʼaan iddoo sana ture akkuma tasaa waca guddaadhaan jeeqame. Tiksitoonni maaticha, keessumaammoo mucicha ilaaluuf fiiganii moonaa sanatti ol galan. Namoonni kun gammachuudhaan kan of wallaalan siʼa taʼu, gammachuun kunis fuulasaaniirraa mulʼata ture. Qarqara tulluu bakka hoolotasaanii bulfatanii fiiganii dhufan.c Achiis dinqii akkamii akka argan Maariyaamiifi Yoseefitti himan. Halkan walakkaa yommuu taʼu, ergamaan tokko qarqara tulluu sanatti akka tasaa isaanitti mulʼachuusaa dubbatan. Achiis ulfinni Yihowaa naannoosaaniitti kan ife siʼa taʼu, ergamichi Kiristos ykn Masiihichi Betlihemitti dhalachuusaa akka isaanitti hime dubbatan. Mucichi wayyaadhaan maramee siree horiin irraa nyaaturra ciibsamee argitu nuun jedhe jedhan. Achiis wanta kana caalaa dinqisiisaa taʼe, jechuunis ergamoonni hedduun utuu Waaqayyoon faarfatanii akka argan dubbatan.—Luq. 2:8-14.
15 Namoonni gad of deebisan kun ariitiidhaan gara Betlihem dhufuunsaanii kan nama dinqisiisu miti. Akkuma ergamichi isaanitti hime mucichi iddoo sana ciisee yommuu argan gammadanii taʼuu qaba. Kanaaf misiraachoo kana ofumasaaniitiif hambifachuu mannaa, “Waan ergamoonni Waaqayyoo waaʼee isaaf isaanitti himan hundumaa mulʼisan. . . . Warri dhagaʼan hundinuu immoo waan tiksoonni isaanitti himanitti baayʼee dinqifatan.” (Luq. 2:17, 18) Geggeessitoonni amantii bara sana turan tiksitoota akka tuffatan haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. Yihowaan garuu namoota amanamoo gad of deebisan sanaaf iddoo guddaa akka kenne beekamaadha. Haataʼu malee, kun Maariyaamirratti dhiibaa akkamii geessise?
Yihowaan tiksitoota amanamoo gad of deebisaniif iddoo guddaa kenneera
16. Maariyaam hubattuu taʼuushee kan argisiiste akkamitti? Kunoo amantii cimaa akka qabaattu kan ishee gargaare akkamitti?
16 Maariyaam waan deesseef kan dadhabde taʼus, wanta waaʼee mucichaa dubbatamu hunda xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffatti turte. Kana malees seenaansaa, “Maariyaam . . . dubbii kana hundumaa garaatti qabattee, itti yaaddi turte” jedha. (Luq. 2:19) Dubartiin kun dhugumayyuu nama hubannaa guddaa qabdu turte. Yaanni ergamoonni dubbatan kun baayʼee barbaachisaa akka taʼe hubattee turte. Waaqnishee Yihowaan mucaan kun eenyu akka taʼeefi hangam barbaachisaa akka taʼe hubattee akka dinqisiifattu barbaada. Kanaaf dhaggeeffachuu malees wanta gara biraa raawwatteetti. Jiʼootaafi waggoota sana booda jiranitti irratti yaaduuf jecha wanta dhageesse sana garaatti qabatteetti. Maariyaam jireenyashee guutuu amantii cimaa akka qabaattu kan ishee gargaare amalashee kana ture.—Ibroota 11:1 dubbisi.
17. Dhugaawwan hafuuraa wajjin haala wal qabateen fakkeenya Maariyaam akkamitti hordofuu dandeenya?
17 Atoo fakkeenya Maariyaam ni hordoftaa? Yihowaan dhugaawwan barbaachisaa taʼan hedduun Dubbiisaa keessatti akka galmeeffaman godheera. Taʼus, dhugaawwan kanaaf xiyyeeffannaa hin kenninu taanaan faayidaa nuuf argamsiisuu hin dandaʼan. Macaafa Qulqulluu akka barreeffama namni qopheesse tokkootti utuu hin taʼin, akka Dubbii Waaqayyootti guyyaa guyyaadhaan dubbisuudhaan xiyyeeffannaa akka kenninuuf argisiisuu dandeenya. (2 Xim. 3:16) Achiis akkuma Maariyaam jechoota hafuuraa kana garaatti qabachuufi irratti xiinxaluun nu barbaachisa. Wanta Macaafa Qulqulluu keessaa dubbisnerratti kan xiinxalluufi karaa gorsa Yihowaa hojiirra itti oolchinurratti kan yaannu yoo taʼe, nyaata hafuuraa amantii keenya nuu guddisu soorachaa jirra jechuudha.
Maariyaam Wantoota Garaatti Qabattu Garabiraas Qabdi
18. (a) Yoseefiifi Maariyaam yeroo Yesus mucaa xinnoo turetti Seera Museetiif kan ajajaman akkamitti? (b) Aarsaan Yoseefiifi Maariyaam mana qulqullummaatti dhiheessan waaʼee qabeenyasaanii maal ibsa?
18 Maariyaamiifi Yoseef akkuma Seerri Musee ajaju mucicha guyyaa saddeettaffaatti dhagna kan qaban siʼa taʼu, akkuma ajajaman maqaasaa Yesus jedhanii moggaasan. (Luq. 1:31) Achiis guyyaa 40ffaatti mana qulqullummaa Yerusaalem isa Betlihemirraa kiilomeetira 10 fagaatee jirutti geessuudhaan, aarsaa Seerichi hiyyeessotaaf heyyamu, jechuunis gugee lama aarsaa godhanii dhiheessan. Yoseefiifi Maariyaam qaaniin itti dhagaʼamee taʼuu kan dandaʼu taʼus, waan qaban keessaa isa hunda caalu kennuudhaan Seerichaaf ajajamaniiru. Sanas taʼe kana yeroo achi turanitti jajjabina guddaa argataniiru.—Luq. 2:21-24.
19. (a) Simiʼoon yaada dabalataa Maariyaam garaatti qabachuu dandeessu kan dubbate akkamitti? (b) Haannaan yommuu Yesusiin argitu maal goote?
19 Yeroo kanatti maanguddoon Simiʼoon jedhamu garashee dhufee yaada dabalataa Maariyaam garaatti qabachuu dandeessu isheetti hime. Simiʼoon Masiihii utuu hin argin akka hin duune abdiin isaa kennamee waan tureef, hafuurri qulqulluun Yesus Fayyisaa raajiidhaan dubbatame taʼuusaa isatti mulʼise. Kana malees Simiʼoon, guyyaa tokko gaddi guddaan Maariyaamirra akka gaʼu ishee akeekkachiise. Akkuma billaa guddaan ishee keessa baʼeetti akka isheetti dhagaʼamu dubbate. (Luq. 2:25-35) Kun gaddi guddaan akka ishee mudatu kan akeekkachiisu taʼus, waggaa soddoma booda yeroo haalli sun gaʼu jabaattee akka dhaabattu ishee gargaaree taʼuu qaba. Simiʼoonitti aansuudhaan, Haannaa raajittiin Yesusiin kan argite siʼa taʼu, isheenis namoota fayyina Yerusaalem eeggatan hundaaf raajii dubbatte.—Luqaas 2:36-38 dubbisi.
20. Yesusiin gara mana qulqullummaatti geessuun murtoo sirrii ture kan jennu maaliifi?
20 Yoseefiifi Maariyaam mucaasaanii mana qulqullummaa Yihowaa Yerusaalem jirutti geessuunsaanii murtoo sirrii ture. Ilmisaanii yeroo sanaa kaasee yeroo lafarra ture hundatti mana qulqullummaa Yihowaa dhaquusaa itti fufeera. Yeroo achi turanitti waan isaaniif dandaʼame hunda kan godhan siʼa taʼu, qajeelfamaafi jajjabinas argataniiru. Maariyaam guyyaa sana mana qulqullummaatii yommuu deebitu amantiinshee cimee, akkasumas yaada irratti xiinxaltuufi warra kaaniif hirtu hedduu argattee akka turte beekamaadha.
21. Akkuma Maariyaam amantiin keenya yeroo kamiyyuu caalaa akka guddatu gochuu kan dandeenyu akkamitti?
21 Warri yeroo harʼaa jiran fakkeenya kana yommuu hordofan arguun baayʼee nama gammachiisa. Warri Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan hedduun yeroo hundumaa ijoolleesaanii fudhatanii gara walgaʼii gumii dhaqu. Warri akkasii namoota hidhata amantiisaanii taʼanitti yaada nama jajjabeessu dubbachuudhaan, wanta isaaniif dandaʼame hunda godhu. Kanaaf isaanis walgaʼiirratti erga argamanii booda jabina, gammachuufi yaada warra kaaniif hiruu dandaʼan argatanii deebiʼu. Namoota akkasii wajjin walgaʼiirratti argamuun baayʼee nama gammachiisa! Nuyis akkas yoo goone, akkuma Maariyaam amantiin keenya yeroo kamiyyuu caalaa guddaachaa deema.
a Mee garaagarummaa deemsa amma gochaa jirtuufi deemsa duraan “Maariyaam kaatee” Elsaabexiin gaafachuu akka ‘dhaqxe’ dubbatame gidduu jiru hubadhu. (Luq. 1:39) Yeroo sanatti Maariyaam Yoseefiif kan kaadhimatamte taʼus, waan isatti hin heerumneef utuu isa hin mariisisin deemuu dandeessi turte. Erga gaaʼela godhatanii booda garuu akka deeman kan murteesse Maariyaam utuu hin taʼin Yoseef akka taʼe ibsameera.
b Bara sanatti magaalota keessatti bakka namoonni karaa deeman keessa bulan qopheessuun baramaa ture.
c Tiksitoonni yeroo sanatti hoolotasaanii eegaa bakkee buluunsaanii yaada Macaafni Qulqulluun yeroo Kiristos itti dhalate ilaalchisee ibsuu wajjin kan walsimudha. Akka kanaan Kiristos kan dhalate jiʼa Muddee yeroo hoolonni halkan mana keessa bulanitti utuu hin taʼin, jalqaba Onkoloolessaa yeroo hoolonni ala bulanittidha.