Ilaalcha Namoota Baayʼeetiif Hin Moʼaminaa
WANTA sirrii ykn fudhatama hin qabne akkasumas wanta gaarii ykn gadhee taʼe ilaachisee, iddoo addaddaatti yaada garaagaraatu jira. Kana malees yaadawwan kun yeroo booda ni jijjiiramu. Kanaaf, seenaawwan Caaffata Qulqullaaʼoo yeroo dheeraa dura raawwataman yeroo dubbisnu, wanta dubbisne sanarratti yaada mataa keenyaa kennuu mannaa, yaadaafi ilaalcha namoota hedduu bara sanatti turanii hubachuu nu barbaachisa.
Fakkeenyaaf, jechoota Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Giriikii keessatti irra deddeebiʼamanii caqasaman lamaan, jechuunis waaʼee ulfinaafi salphinaa haa ilaallu. Seenaawwan waaʼee ulfinaafi salphinaa ibsan ilaalchisee hubannaa dabalataa argachuuf, namoonni yeroo sana turan ulfinaafi salphinaaf ilaalcha akkamii akka qaban qoruun nu barbaachisa.
Ilaalcha Jaarraa Jalqabaatti Ture
Piroofeesarri tokko akkas jedhaniiru: “Giriikonni, warri Roomaafi Yihudoonni, aadaasaanii keessatti ulfinaafi salphinaaf bakka guddaa kennu turan. Namoonni warra kaan biratti ulfina, beekamummaa, fudhatamaafi kabaja argachuuf jiraataniiru; wantoota kanaafis lubbuusaaniillee dabarsanii kennaniiru.” Wantoota kanaaf bakka guddaa waan kennaniif, ilaalchi namoota hedduu dhiibbaa isaanirraan geessiseera.
Aboofi kabajni hawaasa keessatti bakki guddaan kan kennamuuf siʼa taʼu, namoonni beekamoo taʼanis taʼe beekamummaa hin qabne iddoo guddaa argachuuf hawwu. Ulfinni, ilaalcha namni tokko ofiif qaburratti qofa utuu hin taʼin, ilaalacha namoonni kaan isaaf qabanirrattis kan hundaaʼe ture. Nama tokko kabajuu jechuun amala gaarii kan qabu taʼuusaa ifatti dubbachuu jechuu ture. Kabaja kennuu jechuun qabeenya, aangoo ykn beekamummaa namni tokko qabuuf bakka guddaa kennuudhaan, xiyyeeffannaa isaaf kennuus ni dabalata. Kabajni hojii gaarii hojjechuu ykn warra kaan caaluudhaan argamuu dandaʼa. Faallaa kanaatiinimmoo salphinni, namoota biratti tuffatamuufi qaanii kan fidu ture. Namni tokko akka salphate akka isatti dhagaʼamu kan godhu, miirasaa ykn dhageettii yaada garaasaa utuu hin taʼin, ilaalcha hawaasni sun isaaf qabu ture.
Yaanni Yesus waaʼee nama mana cidhaatti “iddoo ol aanu” ykn “iddoo hundumaa irra gad aanu” taaʼuu dubbate, akka aadaa yeroo sanaatti ulfina ykn salphina kan argisiisu ture. (Luq. 14:8-10) Bartoota Yesus gidduutti ‘isaan keessaa eenyu akka caalu’ yoo xinnaate siʼa lama falmiin kaʼee ture. (Luq. 9:46; 22:24) Kunis, wanti hunda caalaa hawaasa keessa jiraachaa turan sana yaaddessu maal akka taʼe kan argisiisu ture. Yeroo sanatti, geggeessitoonni amantii Yihudootaa of tuulaniifi morkii jaallatan, lallabni Yesus ulfinaafi aangoosaanii akka jalaa tuqu isaanitti dhagaʼamee ture. Haataʼu malee, carraaqqiin isaan hawaasicha keessatti Yesusiin caalanii argamuuf godhan, yeroo hundumaa buʼaa kan hin qabne ture.—Luq. 13:11-17.
Yihudoonni, Giriikonniifi warri Roomaa jaarraa jalqabaatti turan, “balleessaa raawwatanitti qabamanii hawaasa duratti dhihaachuu” akka salphina guddaatti ilaalu turan. Namni tokko hidhamuunsaa akka salphinaatti ilaalama ture. Namni hidhame sun balleessaa hojjetes hojjechuu baates, hiriyootasaa, maatiisaafi guutummaa hawaasichaa duratti ni arrabsama ture. Maqaa gadheen sana booda argatu, ulfina ofiif qabuufi hariiroo namoota kaanii wajjin qabu jalaa balleessa. Wanti caalaatti nama qaanessummoo, uffanni namarraa baafamuu ykn reebamuudhaan salphina namarra gaʼudha. Haalli akkasii namoonni akka isa tuffataniifi akka isatti kolfan waan godhuuf ulfina isa dhabsiisa.
Mukarratti fannifamanii ajjeefamuunimmoo, wanta ulfina nama dhabsiisu hundumarra kan caalu ture. Piroofeesarri Maartiin Heengel akka jedhanitti, adabni akkasii “adaba garbootaati. Salphina, qaaniifi gidiraa guddaa kan argisiisudha.” Hawaasichi maatiifi hiriyoonnisaa nama haala akkasiitiin salphifame kana akka ganan dhiibbaa isaanirraan geessisa ture. Kiristos haala akkasiitiin waan duʼeef, Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti namoonni Kiristiyaana taʼuu barbaadan hundi, salphina namoonni kaan isaanirra geessisan dandaʼuu qabu turan. Namoonni hedduun, namni duuka buutuu nama fannifamee duʼe tokkoo akka taʼe dubbatu akka gowwaatti ilaaluu hin oolan. Phaawulos ergamaan, “Kristos isa fannifame in lallabna; kun immoo warra Yihudootaatti gufuu dha, warra Yihudoota hin taʼinitti immoo gowwummaa dha” jechuudhaan barreessera. (1 Qor. 1:23) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa rakkina isaan mudate kana kan moʼan akkamitti?
Ilaalcha Adda Taʼe
Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa seerichaaf kan abboomaman taʼuusaaniirrayyuu, salphina amalli gadheen geessisuurraa of qusachuuf ni carraaqu turan. Phexros ergamaan, “Isin keessaa tokko iyyuu nama gumaa yookiis hattuu, nama hamaa hojjete yookiis nama namatti darbe taʼee hin dhiphatin!” jechuudhaan barreesseera. (1 Phe. 4:15) Haataʼu malee, Yesus duuka buutonnisaa maqaasaatiif jedhanii ariʼatamaan akka dhiphatan raajii dubbateera. (Yoh. 15:20) Phexros, “[Namni tokko] Kristiyaana taʼuu isaatiif yoo dhiphate garuu hin yeellaʼin! . . . Waaqayyoof ulfina haa kennu!” jechuudhaan barreesseera. (1 Phe. 4:16) Namni tokko duuka buutuu Kiristos taʼuusaatiin yommuu rakkinni isarra gaʼu yoo qaanaʼuu baate, aadaa yeroo sana ture akka tuffatetti ilaalama ture.
Kiristiyaanonni amalasaanii ilaalchisee namoonni kaan qajeelfama akka isaaniif baasan hin heyyaman. Nama fannifame Masiihii akka taʼe amanuun, namoota jaarraa jalqabaa biratti akka gowwummaatti ilaalama ture. Ilaalchi kun, Kiristiyaanonni yeroo sana jiraatan ilaalcha sirrii akka hin qabanne dhiibbaa isaanirratti hin godhin hin oolle. Haataʼu malee, kana gochuunsaanii namoonni akka isaan ceephaʼan kan godhu taʼus, Yesus Masiihii taʼuusaa amanuun akka isa hordofan kan gaafatu ture. Yesus akkas jedheera: “Nama dhaloota garagaggalaadhaa fi cubbamaa kana keessatti, anatti, dubbii koottis yeellaʼutti, ilmi namaa ulfina abbaa isaatiin qulqulloota ergamootaa wajjin yommuu dhufu isatti in yeellaʼa.”—Mar. 8:38.
Yeroo harʼaattis, Kiristiyaanummaa keenya akka dhiisnu gochuuf dhiibbaan nurra gaʼa. Dhiibbaan akkasii warra wajjin barannuu, ollaawwan ykn namoota wajjin hojjennu, akkasumas warra amala addaggummaa, amanamummaa hirʼisuu ykn sochiiwwan dogoggora taʼan kaanirratti akka hirmaannu gochuuf yaalanirraa nurra gaʼuu dandaʼa. Namoonni akkasii, seerawwan buʼuuraa sirrii taʼan hordofuu keenyaan akka qaanofnu gochuuf yaalu taʼa. Yeroo kanatti maal gochuu qabna?
Fakkeenya Warra Yeelloo Homaatti Hin Lakkoofnee Hordofaa
Yesus Yihowaadhaaf amanamaa taʼee dhaabachuuf, salphina guddaadhaan ajjeefamuun isa barbaachiseera. “Fannoo irratti duʼuu isaatiif yeelloo isa irra gaʼe homaatti [hin lakkoofne].” (Ibr. 12:2) Diinonni Yesus isa kabalaniiru, itti tufaniiru, uffatasaa isarraa baasaniiru, isa rukutaniiru, isa fannisaniiru, akkasumas isa arrabsaniiru. (Mar. 14:65; 15:29-32) Yesus garuu yeelloo isarraan geessisan homaatti hin lakkoofne. Akkamitti? Kun isarra gaʼuyyuu duubatti hin deebine. Yesus Yihowaa duratti ulfina akka hin dhabne kan beeku taʼuusaarrayyuu, namootarraa ulfina argachuu barbaadee akka hin turre beekamaadha. Yesus duʼa garbi tokko duʼu kan duʼe taʼus, Yihowaan duʼaa isa kaasee aangoo guddaa Isatti aansee jiru isaaf kennuudhaan ulfina kenneeraaf. Filiphisiiyus 2:8-11rratti akkas kan jedhu dubbisna: “[Kiristos Yesus] gad of deebisee, hamma duʼaatti, hamma fannifamee duʼutti iyyuu abboomamaa taʼe. Kanaafis Waaqayyo waan hundumaa irra caalchisee guddaa ol isa qabe; maqaa isa maqaa kam irra iyyuu caalu kenneeraaf. Kanaanis warri bantii waaqaa keessa jiran, warri lafa irraa, warri lafa jala jiranis hundinuu ulfina maqaa Yesusiif jilbeenfatanii akka sagadan godhe. Arrabni hundinuus, ulfina Waaqayyoo abbaatiif, Yesus Kristos gooftaa akka taʼe beeksisuuf jiru.”
Yesus salphina yeroo isa ajjeesan isarraan geessisaniif dantaa kan hin qabne hin turre. Yesus, Waaqayyoon arrabsiteetta jedhamee himatamuusaatiin salphinni Abbaasaarratti dhufu isa yaaddessee ture. Yesus salphina akkasiirraa akka isa oolchu Yihowaa gaafateera. “Xoofoo dhiphinaa kana ana irraa fuudhi!” jedhee kadhateera. Taʼus jaalala Waaqayyootiif bitameera. (Mar. 14:36) Yesus dhiibbaa isarra gaʼe moʼeera; salphina isarra gaʼes homaatti hin lakkoofne. Salphinni akkasii kan isaanitti dhagaʼamu, warra ilaalcha namoota yeroo sanaa wajjin guutummaatti walii galanitti qofadha. Yesus garuu ilaalcha yeroo sana ture akka hin fudhanne ifadha.
Bartoonni Yesusis hidhamaniiru akkasumas reebamaniiru. Kunimmoo namoota hedduu biratti isaan salphiseera. Akkasumas akka tuffataman godheera. Kun isaanirra gaʼuunsaa garuu abdii isaan hin kutachiisne. Bartoonni dhugaan ilaalcha namoota baayʼeetiif kan hin moʼamne taʼuusaaniirrayyuu, yeelloo isaanirra gaʼe homaatti hin lakkoofne. (Mat. 10:17; HoE. 5:40; 2 Qor. 11:23-25) ‘Fannoo isaanii baatanii, yeroo hundaa Yesus duukaa buʼuu’ akka qaban beeku turan.—Luq. 9:23, 26.
Nutoo ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? Wanta biyyi lafaa akka gowwaa, dadhabaafi tuffatamaatti ilaalu, Waaqayyommoo akka ogeessaa, jabaafi kabajamaatti ilaala. (1 Qor. 1:25-28) Maarree ilaalcha namootaatiif moʼamuun gowwummaafi hubannaa dhabuu mitii?
Namoonni ulfina barbaadan, ilaalcha biyyi lafaa isaaniif qabuuf bakka guddaa kennu. Nuyi garuu, akkuma Yesusiifi duuka buutotasaa jaarraa jalqabaa, Yihowaan Michuu keenya akka taʼu barbaanna. Kanaaf, wanta isa duratti ulfina qabu akka ulfina qabeessaatti, akkasumas wanta inni akka salphinaatti ilaalu akka salphinaatti ilaalla.
[Fakkii fuula 4rra jiru]
Ilaalchi biyyi lafaa salphinaaf qabu Yesusirratti dhibbaa hin geessisne