Dhugaan Birmaduu kan Nu Baasu Attamittii?
1 Yeroo tokko Yesus Yihudoota isatti amananiin, “Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa” jedheenii ture. (Yoh. 8:32) Yesus kan dubbachaa ture Waayee birmaduu mirga lammummaa caaluu, sooressaafi hiyyeessa, kan barateefi kan hin baratin utuu garaa gara hin qoodin, birmadummaa namni hundi argachuu danda’u dha. Yesus Dhugaa garbummaa cubbuufi du’a jalaa birmaduu nama baasu barsiiseera. Yesus akka ibsetti “namni cubbuu hojjetu hundinuu garbicha cubbuuti” (Yoh.8:34 ) Yeroo ijoolleen namaa warri ajajamoo ta’an hundi ‘garbummaa isa wanta badu isa godhe jalaa luba ba’anii gara birmadummaa ijoollee Waaqayyoo wara ulfina qabaniitti ga’uu isaanii akkam hawwina!’—Rom. 8:21.
2 Waayee Yesusiifi kaayyoo Waaqayyoo raawwachuu keessatti shoora inni qabu ilaalchisee dhugaa isaa beekuun birmaduu akkanaa namaaf argamsiisa. Dhugaan kun waayee aarsaa furii nuuf kennamee beekuu dabalata. (Rom. 3:24) Ammas taanaan dhugaa Macaafa qulqulluu fudhachuufi ajajamuun keenya sodaa, abdii kutachuufi gochaa miidhaa nama irra geessisan hunda irraa birmaduu ba’uu keenyatti akka gammadnu nu taasisa.
3 Sodaafi Abdii Kutachuu Irraa Birmaduu Ba’uu: Hammeenyi maaliif akka jiraate waan beeknuufi yeroo dhihoottis lafa kana irraa haxaa’amee akka badu waan hubanneef haala biyya lafaa kanatti abdii kutachuu hin barbaannu. (Far. 37:10, 11; 2 Xim. 3:1; Mul. 12:12) Dabalataanis dhugaan waayee warra du’anii barumsa sobaan darbu irraa birmaduu nu baasa. Warri du’an nu miidhuu akka hin dandeenye, bara baraafis gubachaa akka hin jirreefi Waaqayyos namoonni akka du’an godhee ofitti fudhachuudhaan gara addunyaa hafuuraatti akka isaan hin geessine beekna.—Lal. 9:5; HoE 24:15.
4 Abdiin akkasii kun haadhaaf abbaa mucaa isaanii balaadhaan dhaban jajjabeesseera. “Guyyaa du’aa ka’umsaatti mucaa keenya deebinee hamma argannutti miira gadhee baduu hin dandeenyetu keessa keenya jira; haa ta’u malee gaddi kun yeroo muraasaaf akka ta’e ni beekna” jechuudhaan haati mucaa waan isheetti dhaga’ame ibsiteetti.
5 Gochawwan Nama Miidhan Irraa Birmaduu Ba’uu: Dhugaan Macaafa qulqulluu, ilaalchaafi amala namaa fooyyessuuf gargaaruudhaan gochawwan nama miidhan irraa birmaduu nama baasa. (Efe. 4:20-24) Amanamoo ta’uufi tattaaffii gochuudhaan hiyyummaa salphisuun ni danda’ama. (Fak. 13:4) Jaalala aarsaa godhanii of kennuu agarsiisuun, walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnu fooyyessa. (Qol. 3:13, 14) Aboo matummaa kristiyaanaa kabajuun rakkoowwan maatii keessatti uumaman ni hir’isa. (Efe. 5:33–6:1) Machii, sagaagalummaa, tamboo xuuxuufi araada qoricha sammuu namaa hadoochan irraa fagaachuun fayyaa namaaf argamsiisa.—Fak. 7:21-23; 23:29, 30; 2 Qor. 7:1.
6 Dargaggeessi qoricha sammuu namaa hadoochu waggaa sagaliif fudhatee araada kanas dhiisuu dadhabee ture tokko, guyyaa tokko obboleettii karaa irratti dhugaa baatuu wajjin wal argee barreeffama fudhate. Akka mana isaa dhaqanii isa haasofsiisan haallii ni mijaa’e. Qayyabannaan Macaafa qulqulluus ni jalqabameef. Dargaggeessi kun ji’a lama booda qorichaa sammuu namaa hadoochuu fudhachuu isaa gonkumaa ni dhiise. Qayyabannaa ji’a saddeetii booda ni cuuphame. Araada qabu hunda dhiisuu isaa arguudhaan obboleessi isaafi haatii manaa obboleessa isaa Macaafa qulqulluu qayyabachuudhaaf kaka’aniiru.
7 Warrii Kaan Birmaduu Akka Argatan gargaaraa: Namoota umurii isaanii guutuu barumsa sobaatti qabamanii turan, birmaduu sagalee Waaqayyoo irraa argamu fudhachuun itti ulfaachuu danda’a. Miira isaanii xuquuf carraaqqii addaafi qophii gaarii gochuun barsiisicha irraa eegama. (2 Xim. 4:2, 5) Yeroon kun ‘warri booji’aman akka gad dhiifaman labsuudhaaf’ yeroo itti of qusannu miti. (Isa. 61:1) Birmaduun kristiyaanummaa mirga addaati. Isa argachuu jechuun immoo jireenya bara baraati.—1 Xim. 4:16.