13 Ilmi ogeessi adaba abbaa isaa ni fudhata,+
Namni qoostuu taʼe garuu ifannaa hin dhagaʼu.+
2 Namni firii dubbii isaa irraa wanta gaarii taʼe ni nyaata,+
Hawwiin gantootaa garuu jeequmsa dha.
3 Namni afaan isaa eeggatu lubbuu isaa eeggata,+
Namni afaan isaa balʼisee banu garuu ni bada.+
4 Namni dhibaaʼaan ni hawwa, taʼus homaa hin qabaatu,+
Namni dhimmee hojjetu garuu akka gaariitti ni quufa.+
5 Namni qajeelaan soba ni jibba,+
Gochi hamootaa garuu qaanii fi salphina isaanitti fida.
6 Qajeelummaan nama daandiin isaa qulqulluu taʼe ni eega,+
Hamminni garuu nama cubbamaa taʼe gad ni buusa.
7 Namni sooressa of fakkeessu jira, garuu homaa hin qabu;+
Namni hiyyeessa of fakkeessus jira, garuu qabeenya guddaa qaba.
8 Soorumni lubbuu namaatiif furii dha,+
Hiyyeeyyiin garuu wanti isaan doorsisu illee hin jiru.+
9 Ifni qajeelotaa akka gaariitti ni ifa,+
Ibsaan hamootaa garuu ni dhaama.+
10 Of tuulummaan gara lolaatti qofa nama geessa,+
Ogummaan garuu kan warra gorsa barbaadanii ti.+
11 Qabeenyi saffisaan argame xiqqaachaa deema,+
Qabeenyi namni tokko xinnuma xinnoodhaan walitti qabatu garuu ittuma dabalaa deema.
12 Abdiin turu garaa nama dhukkubsa,+
Fedhiin dhugoome garuu muka jireenyaa ti.+
13 Namni qajeelfama tuffatu kam iyyuu ni adabama,+
Namni ajaja eegu garuu ni badhaafama.+
14 Barumsi nama ogeessa taʼee madda jireenyaa ti,+
Namni tokko kiyyoo duʼaa irraa akka goru ni godha.
15 Hubannaa guddaan fudhatama argamsiisa,
Daandiin gantootaa garuu rakkisaa dha.
16 Namni abshaalli beekumsaan hojjeta,+
Namni gowwaan garuu gowwummaa isaa saaxila.+
17 Ergamaa hamaan rakkina irra buʼa,+
Ergamaa amanamaan garuu faayidaa argamsiisa.+
18 Namni adaba tuffatu kam iyyuu ni hiyyooma, ni salphatas,
Namni sirreeffama fudhatu garuu ulfina argata.+
19 Fedhiin dhugoome namatti miʼaawa,+
Gowwoonni garuu wanta hamaa irraa goruu ni jibbu.+
20 Namni ogeeyyii wajjin deemu ogeessa taʼa,+
Namni gowwootaa wajjin walitti dhufeenya qabu garuu rakkina irra buʼa.+
21 Badiisni cubbamoota ni hordofa,+
Badhaadhinni garuu qajeelota ni badhaasa.+
22 Namni gaariin ijoollee ijoollee isaatiif dhaala ni kaaʼa,
Qabeenyi nama cubbamaa garuu nama qajeelaadhaaf kuufama.+
23 Maasiin hiyyeessaa midhaan hedduu kenna,
Taʼus jalʼina haqaatiin haxaaʼamee baduu dandaʼa.
24 Namni ilma isaa uleedhaan rukutuu irraa of qusatu isa ni jibba,+
Namni ilma isaa jaallatu garuu dhimmee isa adaba.+
25 Namni qajeelaan ni nyaata, fedhii nyaataa isaas ni guuttata,+
Garaan nama hamaa garuu duwwaa dha.+