MARII JALQABUU
BARUMSA 3
Gaarummaa Argisiisi
Dhugaa buʼuuraa: ‘Jaalalli gaarummaa ni argisiisa.’—1 Qor. 13:4.
Yesuus Maal Godhe?
1. VIIDIYICHA ilaali ykn Yohaannis 9:1-7 dubbisi. Achiis gaaffilee armaan gadiirratti yaadi:
Yesuus jalqabarratti namicha qaro dhabeessa sana fayyisemoo misiraachicha itti hime?—Yohaannis 9:35-38 ilaali.
Namichi sun wanta Yesuus dubbatu dhagaʼuuf fedhii kan qabaate maaliif sitti fakkaata?
Yesuusirraa Maal Baranna?
2. Namni tokko akka isaaf yaannu yoo isatti dhagaʼame ergaa keenya dhagaʼuuf caalaatti fedhii qabaachuu dandaʼa.
Fakkeenya Yesuus Hordofi
3. Miira nama sanaa hubadhu. Miira isatti dhagaʼamu tilmaamuuf yaali.
Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Waaʼee maaliifaa yaaddaʼaa jira laata? Wanti isa fayyaduu fi isa hawwatu maalidha?’ Akkas gochuun kee gaarummaa garaadhaa madde argisiisuuf si gargaara.
Nama haasofsiistu sana dhaggeeffachuudhaan wanti isa yaaddesse siinis akka yaaddessu argisiisi. Dhimma tokko ilaalchisee wanta isatti dhagaʼamu yoo sitti hime ykn rakkina isa mudachaa jiru tokko yoo kaase, mata duree isaa hin jijjiirsisin.
4. Karaa gaarummaa fi kabaja argisiisuun dubbadhu. Nama sanaaf kan garaa laaftuu fi garaadhaa isa gargaaruu kan barbaaddu yoo taʼe, sagalee keerraa kana hubachuun isaa hin oolu. Wanta dubbattuu fi akkaataa itti dubbatturratti of eeggadhu; wanta nama aarsuu dandaʼu dubbachuurraa of qusadhu.
5. Gargaarsa gochuuf qophaaʼi. Carraa nama sana karaa qabatamaa taʼeen gargaaruu itti dandeessu barbaaddadhu. Gaarummaa argisiisuun kee marii jalqabuuf karaa banuu dandaʼa.