Haaraa Dhalachuun Kaayyoonsaa Maalidha?
NAMOONNI hedduun namni tokko fayyina barabaraa argachuuf lammata dhalachuu isa barbaachisa jedhanii amanu. Yesus kaayyoon haaraa dhalachuu maal akka ta’e yommuu ibsu akkas jechuusaa qalbeeffadhu: “Eenyu illee olii [“lammata,” NW] yoo dhalachuu dhaabaate, mootummaa Waaqayyoo arguu iyyuu hin danda’u.” (Yohannis 3:3) Kanaaf, namni tokko lammata dhalachuun kan isa barbaachisu, fayyina argachuuf utuu hin ta’in Mootummaa Waaqayyootti galuufidha. Haata’u malee namoonni tokko tokko, jechi ‘Mootummaa Waaqayyootti galuufi fayyina argachuu jedhu tokkuma mitii?’ jedhanii gaafatu ta’a. Lakki, tokko miti. Garaagarummaa gidduusaanii jiru hubachuuf, jalqaba jechi “mootummaa Waaqayyoo” jedhu maal akka ta’e haa ilaallu.
Mootummaa jechuun bulchiinsa jechuudha. Kanaaf jechi “mootummaa Waaqayyoo” jedhu “bulchiinsa Waaqayyoo” jechuudha. Macaafni Qulqulluun, Mootiin Mootummaa kanaa Yesus Kiristos isa “ilma namaa” jedhame akka ta’eefi namoonni isaa wajjin bulchanis akka jiran barsiisa. (Daani’el 7:1, 13, 14; Maatewos 26:63, 64) Kana malees, mul’anni Yohannis ergamaan arge, namoonni Kiristosii wajjin bulchan “gosa hundumaa keessaa, afaan hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, saba hundumaa keessaa” filatamanii “lafa irratti mo’uuf jiru” jechuudhaan ibsa. (Mul’ata 5:9, 10; 20:6) Dubbiin Waaqayyoo, namoonni ‘biyya lafaa keessaa furamaniifi’ mootota ta’anii bulchan 144,000 akka ta’an, akkasumas “karra xinnayyoo” jedhamanii waamamuusaanii ilaalchisee ibsa dabalataa kenna.—Luqaas 12:32; Mul’ata 14:1, 3.
Teessoon Mootummaa Waaqayyoo eessatti argama? “Mootummaan Waaqayyoo” “mootummaa waaqaa” jedhame waamamuunsaas Yesusiifi mootonni isaa wajjin jiran samiirraa akka bulchan kan argisiisudha. (Luqaas 8:10; Maatewos 13:11) Kanaaf, Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa samii, Yesus Kiristosiifi tuuta bulchitoota isaa wajjin ilmaan namootaa akka bulchaniif filataman kan qabatedha.
Haata’u malee, Yesus namni tokko “mootummaa Waaqayyootti galuu[f]” lammata dhalachuu qaba yeroo jedhu maal jechuusaa ture? Namni tokko samiirraa Kiristosii wajjin bulchuuf lammata dhalachuun akka isa barbaachisu ibsuusaa ture. Salphaadhumatti, kaayyoon haaraa dhalachuu namoonni muraasni samiirratti mootota ta’anii akka bulchan qopheessuudha.
Hanga ammaatti, haaraa dhalachuun barbaachisaa ta’uusaa, kan filatu Waaqayyo akka ta’eefi kaayyoonsaas garee namoota samiirraa ilmaan namootaa bulchan qopheessuu akka ta’e ilaalleerra. Haata’u malee, haaraa ta’anii dhalachuun akkamitti raawwatama?
[Fakkii fuula 7rra jiru]
Kaayyoon haaraa dhalachuu, garee namoota muraasaa samiirraa bulchan tokko qopheessuudha
[Fakkii fuula 7rra jiru]
Mootummaan Waaqayyoo, Yesus Kiristosiifi tuuta bulchitoota isaa wajjin ilmaan namootaa akka bulchaniif filataman kan qabatedha