Daaniʼel
7 Belshaazaar+ mootiin Baabilon mootii taʼee waggaa tokkoffaatti, Daaniʼel utuu siree isaa irra ciisee jiruu abjuu fi mulʼatawwan gara sammuu isaatti dhufan ni arge.+ Achiis abjuu sana ni barreesse;+ dhimmichas guutummaatti ni galmeesse. 2 Daaniʼel akkana jedhee ibse:
“Ani halkaniin mulʼata ilaalaan ture; kunoo, bubbeewwan samii arfan galaana guddaa jeeqaa turan.+ 3 Galaanicha keessaas bineensonni guguddaan afur+ ni baʼan; tokkoon tokkoon isaaniis isa kan biraa irraa adda turan.
4 “Inni jalqabaa leenca kan fakkaatu yeroo taʼu,+ qoochoowwan risaa qaba ture.+ Utuman ilaalaa jiruus qoochoowwan isaa irraa ni bubuqqaʼan; innis lafa irraa ol kaafamee akka namaatti miila lamaan dhaabbachiifame; garaan namaas isaaf ni kenname.
5 “Kunoo, bineensi inni lammaffaan amaaketa fakkaata ture.+ Miilli isaa kan ol kaafame yeroo taʼu, lafeewwan cinaachaa sadii afaan isaa keessa ilkaan isaa gidduu jiru turan; inni, ‘Kaʼiitii foon baayʼee nyaadhu’ jedhamee itti himame.+
6 “Kana boodas ilaaluu koo ittan fufe; kunoo, bineensa kan biraa qeerransa fakkaatu tokko nan arge;+ taʼus dugda isaa irraa qoochoowwan kan allaattii fakkaatan afur qaba ture. Bineensichi mataa afur qaba ture;+ akka bulchuufis aangoon isaaf ni kenname.
7 “Sana boodas mulʼata halkaniin natti dhufe sana irratti bineensa arfaffaa nan arge; inni baayʼee kan nama sodaachisu, kan nama naasisuu fi cimina addaa kan qabu ture; ilkaan sibiilaa guguddaas qaba ture. Inni wanta hundumaa ni nyaata, ni caccabsa, isa irraa hafe immoo miila isaatiin ni dhidhiita ture.+ Bineensota isa dura turan hundumaa irraa adda ture; akkasumas gaanfota kudhan qaba ture. 8 Utuman gaanfota sana ilaalaa jiruu, kunoo, gaanfi kan biraan xinnoon+ tokko isaan gidduutti ni biqile; gaanfota warra jalqabaa keessaa sadii immoo fuuldura isaatii ni bubuqqaʼan. Kunoo, gaanfa kana irra ijawwan ija namaa fakkaatan jiru turan; afaan of tuulummaadhaan dubbatu tokkos qaba ture.+
9 “Anis hamma teessoowwan kaaʼamanitti ilaaluu koo ittan fufe; Inni Bara Dheeraa Jiraate+ ni taaʼe.+ Uffanni isaa akkuma cabbii adii ture;+ rifeensi mataa isaas suufii adii fakkaata ture. Teessoon isaa labooba ibiddaa ture; geengoowwan teessoo isaas ibidda bobaʼaa jiru turan.+ 10 Ibiddi lolaʼus isa duraa baʼee ni yaaʼa ture.+ Kumni kumaatamni isa tajaajilaa turan; kumni kudhan siʼa kuma kudhanis isa dura ni dhaabbatu turan.+ Dhaddachi+ ni jalqabe; kitaabonnis ni banaman.
11 “Anis dubbii of tuulummaa gaanfi sun dhageessisuun kan kaʼe ilaaluu koo ittan fufe;+ hamma bineensi sun ajjeefamee qaamni isaa balleeffamuttii fi ibiddaan akka gubamuuf dabarfamee hamma kennamutti ilaaluu koo ittan fufe. 12 Bineensonni warri hafan+ garuu bulchiinsi isaanii isaan irraa ni fudhatame; umuriin isaanii garuu yeroo fi waqtii muraasaaf ni dheereffame.
13 “Anis mulʼata halkan natti dhufe sana ilaaluu koo ittan fufe; kunoo, ilma namaa+ kan fakkaatu tokko duumessa samii wajjin ni dhufe; innis gara Isa Bara Dheeraa Jiraate+ sanaatti akka seenu isaaf ni heyyamame; isaanis isa duratti isa dhiheessan. 14 Achiis uummanni, saboonnii fi namoonni qooqa garaa garaa dubbatan hundi akka isa tajaajilaniif, bulchiinsi,+ ulfinnii+ fi mootummaan isaaf ni kenname.+ Bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa ti, hin darbus; mootummaan isaas hin balleeffamu.+
15 “Ani Daaniʼel garuu mulʼatawwan gara sammuu kootti dhufan baayʼee waan na sodaachisaniif hafuurri koo na keessatti ni dhiphate.+ 16 Kanaafuu, hiika dhugaa wanta kanaa isa gaafachuuf warra achi dhaabbatan keessaa isa tokkotti nan dhihaadhe. Innis deebii naaf kenne; hiika wantoota kanaas natti hime.
17 “‘Bineensonni guguddaan arfan+ kun, mootota lafa irratti kaʼan afur argisiisu.+ 18 Haa taʼu malee, qulqulloonni kan Isa Hundumaa Gararraa+ taʼan mootummicha ni fudhatu;+ mootummichas bara baraaf, eeyyee, baraa hamma bara baraatti ni dhaalu.’+
19 “Achiis waaʼee bineensa arfaffaa isa warra kaan hundumaa irraa adda taʼe sanaa caalaatti beekuun barbaade; inni akka malee kan nama sodaachisu, ilkaan sibiilaa fi qeensa sibiila diimaa kan qabu yeroo taʼu, wanta hundumaa nyaachaa fi caccabsaa, isa irraa hafe immoo miila isaatiin dhidhiitaa ture;+ 20 akkasumas waaʼee gaanfota kurnan+ mataa isaa irra jiranii fi waaʼee gaanfa isa biqile isa gaanfonni sadii isa duratti bubuqqaʼan,+ ijawwanii fi afaan of tuulummaadhaan dubbatu qabu isa warra kaan caalaa guddaa taʼe sanaa beekuu nan barbaade.
21 “Gaanfi sun yommuu qulqulloota irratti waraana banu ilaaluu koo ittan fufe; inni humnaan isaan irra ni caale;+ 22 kunis kan taʼe hamma Inni Bara Dheeraa+ Jiraate dhufuttii fi qulqulloota kan Isa Hundumaa Gararraa taʼaniif+ murteeffamutti, akkasumas hamma yeroon qulqulloonni mootummicha akka dhaalan isaaniif murtaaʼe gaʼutti dha.+
23 “Inni akkana jedhe: ‘Bineensi arfaffaan mootummaa arfaffaa lafa irratti kaʼu dha. Inni mootummoota kaan hundumaa irraa adda ni taʼa; guutummaa lafaa ni nyaata, ni dhidhiita, ni caccabsas.+ 24 Gaanfonni kurnan mootummaa sana keessaa mootonni kudhan akka kaʼan argisiisu; isaan booda immoo mootiin kan biraan ni kaʼa; inni warra jalqabaa irraa adda yeroo taʼu, mootota sadii ni salphisa.+ 25 Inni Isa Hundaa Olii ni arrabsa;+ qulqulloota kan Isa Hundumaa Gararraa taʼan rakkisuu isaas itti fufa. Inni barootaa fi seera jijjiiruu ni yaada; isaanis bara tokko, barootaa fi walakkaa baraatiif* harka isaatti dabarfamanii ni kennamu.+ 26 Haa taʼu malee, Dhaddachi ni jalqabe; isaanis isa dhabamsiisuu fi guutummaatti isa balleessuuf bulchiinsa isaa isa irraa ni fuudhan.+
27 “‘Mootummaan, bulchiinsii fi guddinni mootummoota guutummaa samii jala jiranii namoota Isa Hundumaa Gararraa sanaaf qulqulloota taʼaniif ni kenname.+ Mootummaan isaanii mootummaa bara baraa ti;+ mootummoonni hundis isaan ni tajaajilu, akkasumas isaaniif ni ajajamu.’
28 “Wantoonni kun as irratti xumuramu. Ani Daaniʼel, yaanni koo baayʼee na jeeqe; kanaan kan kaʼes fuulli koo ni daalachaaʼe;* taʼus wanta kana garaa kootti nan qabadhe.”