Ergaa Lallabuu Qabnu
Yihowaan, “Ani duwwaan Waaqayyo akkan taʼe isin dhuga-baatuu koo ti!” jechuudhaan mirgaafi itti gaafatamummaa guddaa nuu kenneera. (Isa. 43:12) Nuti dhugaa baatota, dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamuufi geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame lallabnu malee amantoota qofa miti. Ergaan bara keenyatti akka lallabnuuf Yihowaan nuu kenne maalidha? Ergaa waaʼee Yihowaa, waaʼee Yesus Kiristosiifi waaʼee Mootummaa Masiihichaa ibsudha.
“WAAQAYYOON SODAADHU, ABBOOMMII ISAAS EEGI!”
YIHOWAAN, qophii “sabni biyya lafaa irraa hundinuu” itti eebbifaman gochuusaa, Kiristiyaanummaan utuu hin hundeeffamin waggoota dheeraa dura Abrahaam isa amanamaatti himee ture. (Uma. 22:18) Solomoonis hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee, “Waaqayyoon sodaadhu, abboommii isaas eegi! Kun nama hundumaa irraa in barbaadama” jedhee akka barreessu gochuudhaan ulaagaa ilmaan namootaa hundi guutu qaban ibseera. (Lal. 12:13) Haataʼu malee, namoonni hundi waaʼee wantoota kanaa beekuu kan dandaʼan akkamitti?
Namoonni Dubbii Waaqayyootti amanan tokko tokko yeroo kamittiyyuu kan jiraatan taʼus, Macaafni Qulqulluun misiraachichi saba biyya lafaatiif kan lallabamu, “Guyyaa Gooftaa” keessa akka taʼe dubbata. Yeroon kunimmoo kan jalqabe bara 1914ttidha. (Mul. 1:10) Yeroo kana ilaalchisee raajiin Mulʼata 14:6, 7rratti argamu, gargaarsa ergamoota Waaqayyootiin ergaa guddaan “saba hundumaatti, gosa hundumaatti, afaan dubbatamu hundumaatti” akka lallabamu ibsa. Saboota kanaafis akeekkachiisni, “Yeroon firdii isaa waan gaʼeef, Waaqayyoon sodaadhaa, ulfinas kennaaf! Isa waaqa, lafa, galaana, burqituu bishaanii uumeefis sagadaa!” jedhu ni kennama. Waaqayyo ergaan kun akka lallabamu ni barbaada. Nuyis, hojii kanarratti hirmaachuuf mirga arganneerra.
Waaqa Dhugaa. Yihowaan “Isin dhuga-baatuu koo ti” jedhee kan dubbate, yeroo falmiin Waaqni dhugaa eenyu jedhu kaʼetti ture. (Isa. 43:10) Ergaan labsamuu qabu kun, namoonni amantii ykn waaqa waaqeffatan tokko qabaachuu qabu kan jedhu miti. Kanaa mannaa waaʼee Waaqa dhugaa, jechuunis waaʼee Waaqa isa bantii waaqaafi lafa uume akka beekan carraa kan isaaniif banudha. (Isa. 45:5, 18, 21, 22; Yoh. 17:3) Waaʼee gara fuulduraa raajii amansiisaa dubbachuu kan dandaʼu Waaqa dhugaa qofadha. Raajiiwwan Yihowaan dur dubbatte raawwatamuunsaanii, wantoonni inni gara fuulduraatti ni raawwatamu jedhee abdachiise hundi akka raawwataman mirkaneessu; nuyis kana beeksisuuf mirga arganneerra.—Iya. 23:14; Isa. 55:10, 11.
Namoonni dhugaa baanuuf baayʼeensaanii, waaqayyolii garabiraa kan waaqeffatan ykn waaqayyolii akkamiiyyuu akka hin waaqeffanne kan dubbatanidha. Kanaaf ergaa keenya akka dhaggeeffatan gochuuf, jalqaba yaada irratti walii gallu caqasuun keenya barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Gama kanaan yaada Hojii Ergamootaa 17:22-31rratti ibsamerraa barumsa gaarii arganna. Phaawulos ergamaan namoota sana malaan kan haasofsiise taʼuyyuu, namni hundi Waaqa isa bantii waaqaafi lafa uume biratti akka itti gaafatamu ibseera.
Maqaa Waaqayyoo Beeksisuu. Maqaa Waaqa isa dhugaa beeksisuurraa duubatti hin jedhin. Yihowaan maqaasaa ni jaallata. (Bau. 3:15; Isa. 42:8) Namoonnis maqaasaa kana akka beekan barbaada. Maqaansaa inni ulfina qabeessi Macaafa Qulqulluu keessatti al 7,000 ol akka caqasamu godheera. Nuyis maqaa kana beeksisuuf itti gaafatamummaa qabna.—Kes. 4:35.
Ilmaan namootaa hundi fayyina argachuunsaanii, maqaa Yihowaa beekuufi maqaa kana amantiidhaan waamuusaaniirratti kan hundaaʼedha. (Yoe. 2:32; Mil. 3:16; 2 Tas. 1:8) Haataʼu malee, yeroo harʼaatti namoonni baayʼeen Yihowaa hin beekan. Kunimmoo, namoota Waaqa dhugaa isa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame waaqeffanna jedhan hedduus kan dabalatudha. Namoonni kun Macaafa Qulqulluu kan qabaniifi kan dubbisan yoo taʼaniyyuu, maqaan kun hiikkaawwan Macaafota Qulqulluu yeroo ammaatti argaman hedduu keessaa waan baafameef, maqaan Waaqayyoo eenyu akka taʼe hin beekan. Warri tokko tokkommoo waaʼee maqaa kanaa kan dhagaʼan, geggeessitoonni amantiisaanii maqaa kanatti akka hin fayyadamne yommuu itti himanittidha.
Maqaa Waaqayyoo namootatti beeksisuu kan dandeenyu akkamitti? Dandaʼamnaan, maqaa kana Macaafa Qulqulluusaaniirraa itti argisiisuun filatamaadha. Hiikawwan Macaafa Qulqulluu tokko tokko keessatti maqaan kun al kuma hedduu caqasameera. Hiikawwan Macaafa Qulqulluu warra kaan keessattimmoo, Faarfannaa 83:18 ykn Baʼuu 6:3-6 ykn yaada miiljalee Baʼuu 3:14, 15 ykn Baʼuu 6:3rrattti qofa argama. Hiikawwan hedduu keessatti afaan jalqaba Macaafni Qulqulluun ittiin barreeffameen, maqaan kun jechoota “Gooftaa” fi “Waaqayyo” jedhamaniin bakka buufameera. Namoonni Macaafa Qulqulluu hiikan Macaafa Qulqulluu itti fayyadamturraa maqaa Waaqayyoo guutummaatti baasaniiru yoo taʼe, yommuu namoota haasofsiistu hiikawwan warra duriitti fayyadamuun si barbaachisa taʼa. Biyyoota tokko tokkottimmoo, faarfannaawwan maqaa Waaqayyoo qabatan ykn gamoowwan maqaan kun irratti barreeffame akka ragaatti dhiheessuu dandeessa.
(Akka Hiika Addunyaa Haaraatti) yaada Ermiyaas 10:10-13rratti argamu, namoota waaqayyolii garabiraa waaqeffatan karaa buʼa qabeessa taʼeen gargaaruuf itti fayyadamuu dandeenya. Caqasni kun maqaa Waaqayyoo qofa utuu hin taʼin eenyummaasaas akka gaariitti ibsa.
Akka Saba Kiristiyaanaatti, maqaawwan “Waaqayyo” ykn “Gooftaa” jedhaman qofatti fayyadamuudhaan, maqaasaa isa Yihowaa jedhamu waamuurraa duubatti hin jedhin. Akkas jechuun garuu, akkuma namootaa wajjin mariʼachuu jalqabdeen maqaa kanatti fayyadamuu qabda jechuu miti. Akkas kan gootu yoo taʼe, namoonni tokko tokko waaʼee maqaa kanaa ilaalcha dogoggoraa waan qabaniif maricha addaan kutuu dandaʼu. Yeroo muraasaaf erga mariʼattanii booda garuu, maqaa Waaqayyootti fayyadamuurraa duubatti hin jedhin.
Maqaawwan Macaafa Qulqulluu keessatti “Gooftaa” ykn “Waaqayyo” jedhaman hundi utuu walitti idaʼamaniillee, baayʼinnisaanii maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamuu wajjin kan wal hin gitne taʼuunsaanii xiyyeeffannaa kan harkisudha. Kana jechuun garuu, namoonni Macaafa Qulqulluu barreessan hima hundumaa keessatti maqaa kana galchuuf yaalii godhaniiru jechuu miti. Kanaa mannaa, bakka mijaaʼaa taʼeefi barbaachisaa taʼe hundatti maqaa kana galchaniiru. Kun fakkeenya gaarii kan nuu taʼu mitii?
Waaqa Maqaa Kanaan Beekamu. Waaqayyo maqaa dhuunfaa akka qabu beekuun barbaachisaa taʼus, kun qofti gaʼaadha jechuu miti.
Namoonni Yihowaa akka jaallataniifi amantiidhaan maqaasaa akka waaman gochuuf, inni Waaqa akkamii akka taʼe beekuun isaan barbaachisa. Yihowaan Tulluu Siinaarratti yommuu Museetti maqaasaa hime, jecha “Yihowaa” jedhu qofa irra deddeebiʼuu mannaa, amalawwansaa warra gaggaarii tokko tokko isaaf ibseera. (Bau. 34:6, 7, NW) Nuyis fakkeenya kana hordofuu qabna.
Eebbawwan Mootummaan Waaqayyoo fidu ilaalchisee namoota tajaajilarratti argattee wajjin yommuu mariʼattus taʼe gumiirratti yommuu haasa dhiheessitu, waaʼee Waaqa isa abdiiwwan kana kennee maal akka nu hubachiisus ibsi. Waaʼee abboommiiwwansaa yommuu ibsitus, ogummaafi jaalalli Waaqayyoo achirratti akkamitti akka ibsame addeessi. Abboommiiwwan kun faayidaa keenyaaf kan nuu kennaman malee baʼaa akka hin taane ibsi. (Isa. 48:17, 18; Mik. 6:8) Karaawwan Yihowaan humnasaa itti mulʼise hundi amalawwansaa, ulaagaawwansaafi kaayyoosaa ilaalchisee barumsa akkamii akka nuu kennu ibsi. Yihowaan amalawwansaa kana karaa sirrii taʼeen akkamitti akka argisiise ibsi. Waaʼee Yihowaa maaltu akka sitti dhagaʼamu dhaggeeffattootaaf ifa godhi. Yihowaa jaallachuunkee, warri kaanis akka isa jaallatan kakaasuu dandaʼa.
Yeroo ammatti namoonni Waaqayyoon akka sodaatan akeekkachiisuuf ergaa ariifachiisaan himamaa jira. Kanaaf, wanti dubbannu namoonni Waaqayyoon akka sodaatan kan kakaasu taʼuu qaba. Sodaan akkasii ulfinaafi dinqisiifannaa guddaa isaaf qabnurraa kan maddudha. (Far. 89:7) Abbaan Firdii inni guddaan Yihowaa akka taʼeefi abdiin keenya gara fuulduraas isa biratti fudhatama argachuu keenyarratti kan hundaaʼe akka taʼe hubachuus kan dabalatudha. (Luq. 12:5; Rom. 14:12) Sodaan kun jaalala guddaa isaaf qabnuufi fedhii guddaa isa gammachiisuuf qabnuu wajjin walitti dhufeenya cimaa qaba. (Kes. 10:12, 13) Kana malees, wanta hamaa akka jibbinu, abboommii Waaqayyoo akka eegnuufi garaa guutuudhaan akka isa waaqeffannu nu kakaasa. (Kes. 5:29; 1 Sen. 28:9; Fak. 8:13) Wantoota biyya lafaa jaallachaa, Yihowaa tajaajiluuf carraaquurraa akka of qusannus nu gargaara.—1 Yoh. 2:15-17.
Maqaan Waaqayyoo “Gimbii Jabaa Dha.” Namoonni akka gaariitti Yihowaa beekan eegumsa guddaa argatu. Taʼus, eegumsa akkasii kan ar gatan isatti waan amanamaniif malee, maqaasaa waan waamaniif ykn waaʼee amalawwansaa tokko tokko caqasuu waan dandaʼaniif qofa miti. Namoota akkasii ilaalchisee Fakkeenyi 18:10, “Maqaan Waaqayyoo gimbii jabaa dha, namni qajeelaan gara isaatti baqatee in oola” jedha.
Carraa argattetti fayyadamuudhaan namoonni Yihowaatti akka amanaman jajjabeessi. (Far. 37:3; Fak. 3:5, 6) Amantii akkasii qabaachuun, Yihowaafi abdiiwwan inni kennetti akka amanamnu argisiisa. (Ibr. 11:6) Dubbiin Waaqayyoo, namoonni Yihowaan Uumama Cufarratti Olaantummaa akka qabu amananiifi ‘maqaa gooftaa waammatanʼ, akkasumas namoonni abboommiisaa jaallataniifi inni fayyisaa akka taʼe garaa guutuudhaan amanan fayyina akka argatan ni mirkaneessa. (Rom. 10:13, 14) Namoota kaan yommuu barsiistu, guutummaa jireenyasaaniitiin amantii akkasii akka qabaatan jajjabeessi.
Namoonni baayʼeen rakkina isaan dhiphisu hedduu qabu. Maal gochuu akka qabanis hin beekan taʼa. Waaʼee fedha Waaqayyoo akka baratan, isatti akka amanamaniifi wanta baratan hojiirra akka oolchan jajjabeessi. (Far. 25:5) Gargaarsa Waaqayyoo argachuuf garaadhaa akka kadhataniifi wanta inni isaanii godheef akka isa galateeffatan jajjabeessi. (Filp. 4:6, 7) Wantoota Macaafa Qulqulluurraa dubbisan tokko tokkorratti qofa hundaaʼuudhaan utuu hin taʼin, abdiiwwan Waaqayyo kenne jireenyasaanii keessatti yommuu raawwatamu arguudhaan Yihowaa kan beekan yoo taʼe, tasgabbii dhugaa isa hiika maqaa Yihowaa hubachuudhaan argamu argatu.—Far. 34:8; Er. 17:7, 8.
Carraa argattetti fayyadamiitii, namoonni Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼe sodaachuufi abboommiiwwansaa eeguunsaanii baayʼee barbaachisaa taʼuusaa akka hubatan gargaari.
‘WAAʼEE YESUS DHUGAA BAʼUU’
YESUS KIRISTOS duʼaa kaʼee gara samiitti ol deebiʼuusaa dura, “Isin garuu . . . hamma andaara lafaattis dhuga-baatuu koo in taatu” jechuudhaan bartootasaatiif qajeelfama kenneera. (HoE. 1:8) Tajaajiltoonni Waaqayyoo warri amanamoon yeroo ammaatti argamanis, ‘waaʼee Yesus dhugaa kan baʼan’ jedhamanii waamamaniiru. (Mul. 12:17, NW) Atoo hojii lallabaa kanarratti hammam dhimmitee hirmaachaa jirta?
Namoonni hedduun Yesusitti akka amanan yoo dubbatanillee, nama taʼuusaa dura jireenya akkamii akka dabarse hin beekan. Yeroo lafarra jiraate guutummaatti nama akka ture hin hubatan. Ilma Waaqayyoo jedhamuunsaa hiika maalii akka qabuufi gaʼee guddaa inni kaayyoo Waaqayyoo raawwachiisuurratti qabu hin hubatan. Wanta inni yeroo ammaatti raawwachaa jiru hin beekan; wanti inni gara fuulduraatti raawwatu jireenyasaaniirratti jijjiirama akkamii akka fidus hin hubatan. Kanarra darbees, Dhugaa Baatonni Yihowaa Yesusitti hin amanani jedhanii yaaduu dandaʼu. Nuyi garuu, wantoota kana ilaalchisee dhugaasaa namootatti himuuf mirga arganneerra.
Yesus inni waaʼeensaa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame, dhugumaan nama lafarra jiraate taʼuusaa namoonni hin amannes jiru. Namoonni tokko tokko Yesus namuma guddaa tokko qofa akka taʼetti ilaalu. Namoonni baayʼeenimmoo yaada Yesus Ilma Waaqayyooti jedhutti hin amanan. Kanaaf, namoota akkasiitiif ‘waaʼee Yesus dhugaa baʼuun’ carraaqqii guddaa, obsaafi mala gaafata.
Namoonni haasofsiistu ilaalcha akkamiiyyuu yoo qabaatan, qophii Waaqayyo jireenya barabaraatiif godherraa faayidaa argachuu barbaannaan waaʼee Yesus Kiristos beekuu qabu. (Yoh. 17:3) Waaqayyo, uumamni lubbuu qabu hundi “Yesus Kristos gooftaa akka taʼe beeksisuuf[i]” aboosaatiif akka bitamu barbaada. (Filp. 2:9-11) Kanaaf, namoota yaada dogoggoraatti cichan ykn jibba qaban yommuu arginu, dhimma kana akkasumaan irra darbuu hin qabnu. Namoota tokko tokkoo wajjin akkuma maree jalqabneen waaʼee Yesus Kiristos dubbachuu kan dandeenyu yoo taʼeyyuu, warra kaanii wajjin yommuu mariʼannu garuu, waaʼeesaa ilaalcha sirrii akka qabaatan gochuuf malaan yaada kennuufii dandeenya. Maree dabalataa yommuu goonuttimmoo, waaʼee dhimma kanaa akkamitti yaada dabalataa itti himuu akka dandeenyu irratti yaaduun nu barbaachisa. Taʼus, nama kana Macaafa Qulqulluu yoo qayyabsiisne malee, wantoota dhimma kanaa wajjin walitti dhufeenya qaban hunda itti himuu hin dandeenyu taʼa.—1 Xim. 2:3-7.
Gaʼee Guddaa Yesus Kaayyoo Waaqayyoo Keessatti Qabu. Yesus ‘karaa’ akka taʼeefi ‘isaan yoo taʼe malee eenyuyyuu gara Abbaa dhufuu’ waan hin dandeenyeef, namoonni utuu Yesusitti hin amanin Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu akka hin dandeenye akka hubatan gargaaruu qabna. (Yoh. 14:6) Namni tokko iddoo guddaa Yihowaan Ilmasaatiif kenne utuu hin beekin Macaafa Qulqulluu hubachuu hin dandaʼu. Akkas kan jennu maaliifi? Sababiinsaas, Yesus kaayyoo Waaqayyoo galmaan gaʼuurratti gaʼee guddaa waan qabuufidha. (Qol. 1:17-20) Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu hundi dhugaa kanarratti xiyyeeffatu. (Mul. 19:10, NW) Rakkinni, mormii Seexanni kaaseefi cubbuun karaa Addaam dhufee hundi karaa Yesus Kiristos furmaata argata.—Ibr. 2:5-9, 14, 15.
Namni tokko gaʼee Kiristos qabu hubachuuf, ilmaan namootaa ofiisaaniitiin haala gaddisiisaa keessatti argamanirraa walaba taʼuu akka hin dandeenye hubachuu qaba. Cubbuu dhaallee dhalachuun keenya, umrii keenya guutuu karaa garaagaraa dhiibbaa nurraan gaʼuu dandaʼa. Oolee bulee gara duʼaatti akka nu geessus beekamaadha. (Rom. 3:23; 5:12) Namoota tajaajilarratti haasofsiistuuf dhugaa kana ibsi. Achiis, Yihowaan jaalalaan kakaʼee namoonni qophii inni godherratti amantii qaban hundi, karaa aarsaa furii Yesus Kiristos duʼaafi cubbuurraa walaba itti taʼan akka qopheesse ibsiif. (Mar. 10:45; Ibr. 2:9) Qophiin kunis jireenya barabaraa isa mudaa hin qabne akka argatan karaa banaaf. (Yoh. 3:16, 36) Karaan jireenya kana argachuun itti dandaʼamu garabiraan hin jiru. (HoE. 4:12) Macaafa Qulqulluu yommuu qayyabsiistus taʼe gumiirratti yommuu barsiistu dhugaa kana dubbachuun qofti gaʼaa miti. Dhaggeeffattoonni, Kiristos Fayyisaa keenya taʼuudhaan shoora guddaa akkamii akka qabu akka dinqisiifatan gaarummaafi obsaan gargaari. Dinqisiifannaan namni tokko qophii kanaaf qabu ilaalchasaafi amalasaarratti, akkasumas galma jireenyaasaa keessatti baafaturratti mulʼata.—2 Qor. 5:14, 15.
Yesus lubbuusaa aarsaa godhee kan kenne al tokko qofa akka taʼe beekamaadha. (Ibr. 9:28) Taʼus, yeroo ammaatti Angafa Lubootaa taʼee tajaajilaa jira. Kana jechuun maal jechuu akka taʼe akka hubatan warra kaan gargaari. Jalʼina namoonni raawwataniin, dhiphinni, abdii kutachuun, gaddi ykn rakkinni isaanirra gaʼeeraa? Yesus yommuu lafarra jiraachaa ture rakkoowwan kun hundi waan isarra gaʼaniif, maaltu akka nutti dhagaʼamu beeka. Cubbuu dhaallee waan dhalanneef araarri Waaqayyoo akka nu barbaachisu nutti dhagaʼamaa? Karaa aarsaa furii Yesus kadhannaadhaan Waaqayyootti yoo dhihaanne, Yesus ‘Abbaasaa bira nuu dhaabata.’ Gara laafinaanis ‘nuu kadhata.’ (1 Yoh. 2:1, 2; Rom. 8:34) Aarsaa furii Yesusiifi hojii inni Angafa Lubootaa taʼee raawwaturratti hundaaʼuudhaan, yeroo barbaachisutti gargaarsa argachuuf “gara teessoo Waaqayyoo isa ayyaanaan guututti” dhihaachuu dandeenya. (Ibr. 4:15, 16) Cubbamoota yoo taanellee, hojiin Yesus Angafa Lubootaa taʼee raawwatu, yaada garaa qullaaʼaadhaan Waaqayyoon tajaajiluuf nu gargaara.—Ibr. 9:13, 14.
Kana malees, Yesus Mataa gumii Kiristiyaanaa akka taʼu Waaqayyo waan isa muudameef aboo guddaa qaba. (Mat. 28:18; Efe. 1:22, 23) Innis aboosaa kanatti fayyadamee gumiidhaaf qajeelfama fedha Waaqayyoo wajjin walsimu kenna. Kanaaf, namoota kaan yommuu barsiistu, mataan gumii Kiristiyaanaa Yesus malee nama kamiyyuu akka hin taane isaan hubachiisi. (Mat. 23:10) Namoota fedhii qaban yommuu haasofsiistu, barreeffamoota “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” qopheessetti fayyadamnee Macaafa Qulqulluu akka qayyabannu itti himuudhaan, maree jalqaba gootanii kaasee walgaʼiiwwan gumiirratti akka argaman afeeri. Aboo Yesus mataa gumii taʼuudhaan qabu akka hubatan gargaaruuf, “hojjetaa” sana qofa utuu hin taʼin, eenyummaa Gooftaa sanaas ibsiif. (Mat. 24:45-47) Jaarsolii gumii wajjin erga wal barsiistee booda, ulaagaa Caaffata Qulqullaaʼoo isaan guutuu qaban ibsiif. (1 Xim. 3:1-7; Tit. 1:5-9) Gumichi kan jaarsolii akka hin taaneefi isaan kan muudaman fakkeenya Yesus Kiristos duukaa akka buunu nu gargaaruuf qofa taʼuusaa ibsiif. (HoE. 20:28; Efe. 4:16; 1 Phe. 5:2, 3) Jaarmiyaan Kiristosiin geggeeffamuufi addunyaa maratti qindoominaan hojjetu akka jiru isaan hubachiisi.
Wangeelonni, Yesus duʼuusaa guyyoota muraasa dura gara Yerusaalem yommuu dhaqu bartoonnisaa, ‘Mootii ergamee maqaa Waaqayyoo gooftaatiin dhufu’ jechuudhaan isa jajuusaanii ibsu. (Luq. 19:38) Namoonni Macaafa Qulqulluu gad fageenyaan qayyabachaa yommuu adeeman, aboo Yihowaan Yesusiif kenne saba hundumaa kan dabalatu akka taʼe hubachuunsaanii hin oolu. (Dan. 7:13, 14) Gumiirratti yommuu haasaa dhiheessitu ykn Macaafa Qulqulluu yommuu qayyabsiistu, namoonni aboon Yesus hunda keenyaaf hiika akkamii akka qabu akka hubataniifi dinqisiifannaa qaban akka guddifatan gargaari.
Akkaataan jireenyaa keenya, Yesus Mootii taʼuusaa akka amannuufi aboosaatiif bitamuu akka barbaannu kan argisiisu taʼuusaa jabeessii ibsi. Yesus Mootii taʼee erga muudamee booda, duuka buutotasaatiif hojii akkamii akka kenne addeessi. (Mat. 24:14; 28:18-20) Yesus inni Gorsaa Dinqii jedhame, wantoota dursa kennuufii qabnu ilaalchisee maal akka jedhe dubbadhu. (Isa. 9:6, 7; Mat. 6:19-34) Angafni Nagaa amala bartoonnisaa argisiisuu qaban ilaalchisee maal akka jedhe jabeessii ibsi. (Mat. 20:25-27; Yoh. 13:35) Warri kaan wanta isaanirraa barbaadamu gochaa akka hin jirre dubbachuudhaan itti faraduu mannaa, gochisaanii hangam bulchiinsa Kiristosiif bitamaa akka jiran kan argisiisu taʼuusaa akka irratti yaadan jajjabeessi. Yeroo kanatti, atis gorsa kana hojiirra oolchuun akka si barbaachisu hin dagatin.
Kiristosiin Buʼuura Godhadhu. Macaafni Qulqulluun hojii namoota bartoota gochuu, Yesus Kiristosiin buʼuura godhatanii gamoo ijaaruu wajjin wal fakkeessa. (1 Qor. 3:10-15) Kana gochuunimmoo, Yesusiin ilaalchisee dhugaa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame sirriitti akka hubatan gargaaruu gaafata. Namoonni qayyabsiistu bartootakee akka taʼan godhanii akka of hin ilaalle of eeggannoo godhi. (1 Qor. 3:4-7) Kanaa mannaa, Yesus Kiristosirratti akka xiyyeeffatan godhi.
Namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabatan, buʼuura gaariirratti akka hundeeffaman yoo goone, ‘faanasaa duukaa akka buunutti’ Kiristos fakkeenya nuu taʼuusaa hubatu. (1 Phe. 2:21) Hundee kanarratti ijaaruuf, namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabatan Wangeelota akka seenaa dhugaatti qofa utuu hin taʼin, qajeelfama jireenyasaaniitiif isaan barbaachisu godhanii ilaaluudhaan akka dubbisan jajjabeessi. Ilaalchaafi amala Yesus akka hubatan gargaari. Yesus Abbaasaatiif ilaalcha akkamii akka qabu, qorumsaafi rakkina isa mudate akkamitti akka moʼe, Waaqayyoof abboomamuusaa akkamitti akka argisiiseefi namoota haala garaagaraa keessatti argaman akkamitti akka qabe hubachaa akka dubbisan jajjabeessi. Yesus hojii akkamiitiif dursa kennaa akka ture jabeessii ibsi. Akkas yoo goote, baratichi rakkinni yommuu isa mudatu, ‘Utuu Yesus taʼee maal godha ture? Akkaataan jireenyaakoo wanta inni naa godheef dinqisiifannaa akkan qabu kan argisiisudhaa?’ jedhee of gaafachuu dandaʼa.
Gumiirratti yommuu haasaa dhiheessitu, obboloonni Yesusitti waan amananiif qofa waaʼeesaa baayʼee ibsuun barbaachisaa miti jettee hin yaadin. Gama kanaan amantiisaanii yoo jabeessite caalaatti fayyadamuu dandaʼu. Waaʼee walgaʼii yommuu dubbattu, dhimma kana gaʼee Kiristos mataa gumii Kiristiyaanaa taʼuudhaan qabuu wajjin wal qabsiisii ibsi. Yeroo waaʼee tajaajilaa dubbattummoo, Yesus tajaajilasaa miira akkamiitiin akka raawwate ibsuu, akkasumas Mootii erga taʼee booda namoota addunyaa haaraa keessa jiraatan sassaabuuf hojii inni yeroo ammaatti raawwachaa jiruu wajjin wal qabsiistee ibsuu dandeessa.
Waaʼee Yesus wantoota buʼuuraa beekuun qofti gaʼaa akka hin taane beekamaadha. Namoonni Kiristiyaanota dhugaa taʼuu barbaadan, isatti amanuufi garaasaaniitii isa jaallachuu qabu. Jaalalli akkasii amanamummaadhaan akka isaaf abboomaman isaan kakaasa. (Yoh. 14:15, 21) Jaalalli kun, namoonni rakkinni akkamiiyyuu yoo isaanirra gaʼe amantiitti jabaatanii akka dhaabatan, jireenyasaanii guutuu fakkeenya Kiristos akka hordofan, akkasumas Kiristiyaanota gaʼumsa qaban taʼuudhaan ‘hiddaafi hundee akka godhatan’ isaan gargaara. (Efe. 3:17) Jireenya akkasii jiraachuun, Yihowaa isa Waaqaafi Abbaa Yesus Kiristos taʼeef ulfina argamsiisa
“WANGEELLI MOOTUMMAA KUN”
YESUS milikkita argamuusaafi guyyoota gara dhumaa argisiisan ilaalchise, “Saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa” jechuudhaan raajii dubbateera.—Mat. 24:14.
Ergaan balʼinaan lallabamuu qabu kun maalidha? Ergaan kun ergaa Mootummaa isa Yesus, “Mootummaan kee haa dhufu” jennee akka kadhannu nu barsiisedha. (Mat. 6:10) Mootummaan kun kan Yihowaa waan taʼeefi Mootii taʼee kan muudamemmoo Kiristos waan taʼeef, Mul’anni 11:15, “Mootummaan biyya lafaa kan gooftaa keenyaa [kan Yihowaafi], kan Masiihii isaa” akka taʼe ibsa. Haataʼu malee, ergaan Yesus akka lallabamu dubbate, ergaa duuka buutonnisaa warri jaarraa jalqabaa lallaban caalaa balʼinaan kan lallabamu taʼuusaa qalbeeffadhu. Bartoonnisaa “Mootummaan Waaqayyoo isinitti dhiʼaateera” jechuudhaan lallabaa turaniiru. (Luq. 10:9) Yeroo sanatti, Yesus inni Mootii taʼuuf muudame isaan gidduu jira ture. Taʼus, akkuma Maatewos 24:14rratti ibsame, Yesus kaayyoon Waaqayyoo galmasaarra akka gaʼu gochuurratti wanti bakki guddaan kennamuuf tokko akka raawwatamu raajii dubbateera.
Daaniʼel raajichi wanta raawwatamu kana ilaalchisee mulʼata tokko argeera. Daaniʼel, “warri saba garaa garaa, warri gosa garaa garaa, warri afaan garaa garaa dubbatan hundinuu akka isa waaqessaniif, [“tajaajilaniif,” NW] gooftummaan, ulfinni, mootummaan,” Yihowaa isa “bara baayʼee dheeraa jiraate” biraa Yesus Kiristos isa ‘ilma namaa fakkaatuuf’ kennamuusaa mulʼataan argeera. (Dan. 7:13, 14) Haalli uumama cufarratti bakki guddaan kennamuuf kun samiirratti kan raawwatame bara 1914tti ture. Sana booda, Seexanniifi hafuuronni hamoon gara lafaati darbatamaniiru. (Mul. 12:7-10) Badiisni sirna moofaa kanaas dhihaateera. Sirni hamaan kun guutummaatti balleeffamuusaa dura garuu, ergaan Mootummaan Masihiichaa bulchaa akka jiru ibsu addunyaa maratti lallabamaa jira. Ergaan kunis namoota bakka hundaa jiranitti himamaa jira. Ergaa kana fudhachuufi dhiisuunsaanii, Waaqa Isa Hundumaa Gararraa jiruufi “mootummaa namootaa irratti” bulchuuf ilaalcha akkamii akka qaban argisiisa.—Dan. 4:32.
Haataʼu malee, wantoonni gara fuulduraatti raawwatamuu qaban hedduunis jiru! Yeroo ammaatti, “Mootummaan kee haa dhufu” jennee kadhanna; akkas jechuun garuu, Mootummaan Waaqayyoo gara fuulduraatti hundeeffama jechuu miti. Kanaa mannaa, Mootummaan Waaqayyoo raajiiwwan Daani’el 2:44fi Mulʼata 21:2-4rra jiran guutummaatti raawwachiisuuf tarkaanfii akka fudhatu gaafachuu keenyadha. Lafti gara jannataatti akka jijjiiramtu, akkasumas namoota Waaqayyoofi namoota kaan jaallataniin akka guutamtu godha. Yeroo ‘wangeela mootummaa kana’ lallabnu, gara fuulduraatti eebbawwan kana akka argannu dubbachuu keenyadha. Haataʼu malee, Yihowaan yeroo ammaatti Ilmisaa guutummaatti akka bulchu aangoo akka isaaf kennes amantiidhaan lallabna. Atoo waaʼee Mootummaa kanaa yommuu lallabdu wangeela kana akka gaariitti ni ibsitaa?
Waaʼee Mootummichaa Ibsuu. Hojii waaʼee Mootummaa Waaqayyoo akka lallabnu nuu kenname raawwachuu kan dandeenyu akkamitti? Dhimmawwan addaddaarratti mariʼachuudhaan fedhiisaanii kakaasuu kan dandeenyu taʼus, namoonni ergaan keenya Mootummaa Waaqayyoorratti kan xiyyeeffate taʼuusaa dafanii akka hubatan gochuu qabna.
Hojii kanarratti hirmaachuun, caqasawwan waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ibsan dubbisuufi caqasuu dabalata. Yeroo waaʼee Mootummichaa caqastu, namoonni lallabaafii jirtu mootummaan Waaqayyoo maal akka taʼe hubachuusaanii mirkaneessuu qabda. Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa akka taʼe qofa caqasuun gaʼaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Namoonni tokko tokko wanti ijaan hin mulʼanne tokko bulchiinsa akka taʼe yaaduun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Namoota akkasiitiif waaʼee dhimma kanaa karaa addaddaa ibsuufii dandeessa. Fakkeenyaaf, harkisni ijaan kan hin mulʼanne taʼus, jireenya namootaarratti dhibbaa guddaa geessisa. Qaama seera harkisaa baase ijaan arguun kan hin dandaʼamne taʼus, Qaamni kun humna guddaa akka qabu beekamaadha. Macaafni Qulqulluun, qaamni kun “Mootii bara baraa” akka taʼe ibsa. (1 Xim. 1:17) Yookiin namoonni biyya guddaa taʼe tokko keessa jiraatan magaalaa guddittii biyyichaa ykn pireezidaantii biyyichaa arganii hin beekne akka jiran caqasuu dandeessa. Namoonni kun waaʼee magaalaa guddittiifi pireezidaantii biyyasaanii odeeffannoo kan argatan sabqunnamtiirraa qofa taʼuu dandaʼa. Haaluma walfakkaatuun Macaafni Qulqulluun inni afaan 2,200 ol taʼuun maxxanfame, waaʼee Mootummaa Waaqayyoo, waaʼee qaama aangoon kennameef, akkasumas wanta Mootummaan kun gochaa jiru nuu ibsa. Masaraan Eegumsaa barruulee yeroo yerootti maxxanfaman hundarra kan caalu siʼa taʼu, akkuma fuulasaa isa jalqabaarratti ibsame kaayyoonsaa ‘Mootummaa Yihowaa Beeksisudha.’
Namoonni Mootummaan kun maal akka taʼe akka hubatan gargaaruuf, wantoota mootummaan tokko akka raawwatu barbaadan tokko tokko, jechuunis haala dinagdee fooyyessuu, nagaa buusuu, yakka balleessuu, gosti namootaa hundi ija tokkoon akka ilaalaman gochuu, barumsa babalʼisuufi fayyaa eegsisuu akka taʼe caqasuu dandeessa. Wantoonni kuniifi fedhiin ilmaan namootaa hundi kaan guutaman, karaa Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe isaaniif ibsi.—Far. 145:16.
Namoonni, Mootummaa isa Yesus Kiristos Mootii irratti taʼeef bitamuuf fedhii akka qabaatan gochuuf yaali. Dinqiiwwan inni lafarratti raawwateefi yeroo samiirratti Mootii taʼu raawwachuuf jiru argisiisan ibsi. Amalawwan gaggaarii inni argisiisee ture irra deddeebiʼii dubbadhu. (Mat. 8:2, 3; 11:28-30) Nuuf jedhee akka duʼeefi Waaqayyommoo duʼaa isa kaasuudhaan samiirratti jireenya hin badne akka isaaf kenne, akkasumas Mootii taʼee kan bulchus samiirra taaʼee akka taʼe ibsi.—HoE. 2:29-35.
Mootummaan Waaqayyoo yeroo ammaatti samiirraa bulchaa akka jiru addeessi. Haataʼu malee, namoonni hedduun ragaa Mootummaan Waaqayyoo bulchaa akka jiru mirkaneessu akka hin hubanne hin dagatin. Wanta jechuu barbaadan akka hubatte erga ibsiteefii booda, wantoota Yesus Kiristos ragaa akka taʼan caqase kan beekan taʼuusaanii gaafadhu. Milikkitawwan Maatewos boqonnaa 24, Maarqos 13 ykn Luqaas 21rratti caqasaman tokko tokko ibsiif. Achiis Kiristos samiirratti Mootii taʼee muudamuunsaa, haalawwan kun lafarratti akka raawwataman kan godhe maaliif akka taʼe gaafadhu. Sana booda, wanta Mul’anni 12:7-10, 12 dubbaturratti akka xiyyeeffatan godhi.
Wanta Mootummaan Waaqayyoo raawwachaa jiru ilaalchisee ragaa qabatamaa dhiheessuuf, Maatewos 24:14 dubbisiitii, sagantaa addunyaa maratti Macaafa Qulqulluu barsiisuuf raawwatamaa jiru ibsi. (Isa. 54:13) Waaʼee manneen barumsaa Dhugaa Baatonni Yihowaa leenjii itti argatan, akkasumas manneen barumsaa kun guutummaatti Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼaniifi kaffaltii malee kan kennaman akka taʼan isaanitti himi. Tajaajila manaa gara manaatti raawwannu malees, namoota dhuunfaadhaan ykn maatiidhaan biyyoota 230 ol taʼanitti kaffaltii malee Macaafa Qulqulluu akka barsiisnu dubbadhu. Lammiiwwansaatiif qofa utuu hin taʼin, namoota addunyaa maratti argamaniif barumsa akkasii dhiheessuu kan dandaʼu bulchiinsa ilmaan namootaa isa kamidha? Namoota gara Galma Mootummaatti, gara walgaʼiiwwan addaa, aanaafi koonyaatti afeeruudhaan, barumsi kun jireenya namootaarratti jijjiirama akkamii akka fide akka hubatan godhi.—Isa. 2:2-4; 32:1, 17; Yoh. 13:35.
Haataʼu malee, namni haasofsiisnu sun barumsi kun jireenyasaarratti jijjiirama fiduu akka dandaʼuhoo ni hubataa? Namoota Mootummaa Waaqayyoo jalatti buluu barbaadan hundaaf carraansaa banaa taʼuusaa ibsuufii akka dhaqxe malaan itti himuu dandeessa. Namni tokko filannaa akkasii gochuu kan dandaʼu akkamitti? Wanta Waaqayyo isarraa barbaadu barachuufi yeroo ammaatti wanta barate sanaa wajjin haala walsimuun jiraachuudhaan kana gochuu dandaʼa.—Kes. 30:19, 20; Mul. 22:17.
Namoonni Mootummichaaf Dursa Akka Kennan Gargaaruu. Namni tokko waaʼee Mootummichaa erga dhagaʼee boodallee, murtoowwan tokko tokko gochuun isarraa eegama. Jireenyasaa keessatti Mootummaa Waaqayyoof dursa ni kennaa? Yesus, ‘Duraan dursaatii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo barbaaduutti hidhaa!’ jechuudhaan bartootasaa gorseera. (Mat. 6:33) Namoonni hidhata amantii keenya taʼan akkas akka godhan isaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenya gaarii taʼuufi carraawwan kana gochuu itti dandaʼan akka hubatan isaan gargaaruudhaan kana gochuu dandeenya. Al tokko tokko, carraawwan itti yaadanii beekan yoo jiraatan isaan gaafachuudhaan, akkasumas muuxannoo namoota kaanii isaaniitti himuudhaan kana gochuun ni dandaʼama. Karaa jaalalli Yihowaadhaaf qaban akka guddatu godhuun, seenaawwan Macaafa Qulqulluu isaanitti himuudhaan, akkasumas Mootummichi bulchiinsa dhugaa taʼuusaa jabeessinee ibsuudhaan kana gochuu dandeenya. Kana malees, hojiin Mootummicha lallabuu hangam barbaachisaa akka taʼe ibsuudhaan kana gochuu dandeenya. Yeroo baayʼee buʼaa gaarii kan argamsiisu wanta gochuu qaban isaanitti himuu utuu hin taʼin, wanta baratan hojiirra oolchuuf fedhii akka qabaatan kakaasuudha.
Ergaa barbaachisaan hundi keenya lallabuu qabnu adda durummaadhaan Yihowaa, Yesusiifi Mootummicharratti kan xiyyeeffate akka taʼe beekamaadha. Dhugaawwan barbaachisaa taʼan kun lallaba keenyarratti, walgaʼiiwwan gumiirrattiifi jireenya keenyarratti ifatti mulʼachuu qabu. Kana gochuudhaan, leenjii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirraa faayidaa guddaa argachaa akka jirru argisiisna.