Seenaa Baraa Isa Tokkoffaa
28 Achiis Daawit bulchitoota Israaʼel hundumaa, jechuunis bulchitoota gosootaa, ajajjoota gareewwan+ mooticha tajaajilanii, ajajjoota kumaa fi ajajjoota dhibbaa,+ warra qabeenyaa fi horiiwwan mootichaa+ fi kan ilmaan+ isaa hundumaa irratti ajajjoota taʼan, akkasumas abbootii taayitaa mana mootummaa dabalatee nama jabaa taʼee fi gaʼumsa qabu+ hundumaa Yerusaalemitti walitti ni qabe. 2 Achiis Daawit Mootichi kaʼee dhaabbatee akkana jedhe:
“Yaa obboloota koo fi yaa saba koo, na dhaggeeffadhaa. Mana taabonni kakuu Yihowaa yeroo hundumaatiif keessa taaʼuu fi bakka ejjeta miila Waaqa keenyaatiif taʼu ijaaruun hawwii garaa kootii ture;+ anis manicha ijaaruuf qophii godheera.+ 3 Waaqni dhugaan garuu, ‘Ati waraanawwan hedduu irratti waan hirmaattee fi dhiigas waan dhangalaasteef,+ maqaa kootiif mana hin ijaartu’ naan jedheera.+ 4 Haa taʼu malee, Yihowaan Waaqni Israaʼel bara baraaf Israaʼel irratti mootii akkan taʼuuf warra mana abbaa kootii hundumaa keessaa na filateera;+ sababiin isaas inni Yihudaan geggeessaa akka taʼu filatee ture;+ mana Yihudaa keessaa immoo mana abbaa kootii filate;+ ilmaan abbaa kootii keessaa guutummaa Israaʼel irratti mootii na gochuuf na filate.+ 5 Ilmaan hedduu Yihowaan naa kenne+ keessaa immoo, teessoo mootummaa Yihowaa irra taaʼee Israaʼeliin akka bulchuuf+ ilma koo Solomooniin filate.+
6 “Inni akkana naan jedheera: ‘Ani ilma koo godhee waanan isa filadhee fi abbaas waanan isaaf taʼuuf, mana koo fi mooraawwan koo kan naaf ijaaru ilma kee Solomooni.+ 7 Akkuma inni amma gochaa jiru, ajajawwan koo fi heerawwan+ koo kutannoodhaan yoo eege, ani bara baraaf mootummaa isaa jabeessee nan dhaaba.’+ 8 Kanaafuu, ani guutummaa Israaʼel warra gumii Yihowaa taʼan durattii fi Waaqa keenya duratti akkana nan jedha: Isin biyyattii ishii gaarii akka dhaaltanii+ fi dhaala bara baraa gootanii ilmaan keessan warra isin booda dhufaniif akka dabarsitaniif, ajajawwan Waaqa keessan Yihowaa hundumaa of eeggannoodhaan eegaa, akkasumas barbaadaa.
9 “Atis Solomoon yaa ilma koo, Yihowaan garaa hundumaa waan qoruu+ fi yaadaa fi fedhii hundumaa waan hubatuuf,+ Waaqa abbaa keetii beeki; garaa guutuu*+ fi lubbuu* gammachuu qabuun* isa tajaajili. Ati yoo isa barbaadde innis siif ni argama;+ yoo isa dhiiste garuu innis bara baraaf si dhiisa.+ 10 Ammas Yihowaan mana iddoo qulqulluu isaaf taʼu akka ijaartu si filachuu isaa beeki. Onnataa taʼi; hojichas jalqabi.”
11 Achiis Daawit pilaanii+ ijaarsa barandaa+ sanaa fi kutaawwan manichaa, kutaawwan mana kuusaa, kutaawwan baaxii irraa, kutaawwan warra keessaa fi mana qadaadni araaraa+ keessa kaaʼamuu* ilma isaa Solomooniif ni kenne. 12 Innis pilaanii ijaarsaa isa hafuuraan isaaf kenname hundumaa, jechuunis mooraawwan+ mana Yihowaa, kutaawwan nyaataa manichatti marsanii jiran hundumaa, manneen qabeenyaa mana Waaqa dhugaa fi manneen kuusaa wantoota qulqulleeffamanii*+ isaaf ni kenne; 13 kana malees, gareewwan lubootaa+ fi Leewwotaa, hojiiwwan tajaajila mana Yihowaatti hojjetaman hundumaa fi miʼawwan tajaajila mana Yihowaatiif oolan hundumaa ilaalchisee qajeelfama isaaf ni kenne; 14 akkasumas, inni ulfaatina warqii miʼawwan warqii hundumaa kanneen tajaajila adda addaatiif oolanii fi ulfaatina meetii miʼawwan hundumaa kanneen tajaajila adda addaatiif oolanii isatti ni hime; 15 kana malees, ulfaatina baattuuwwan ibsaa+ warqii fi ibsaawwan warqii, akkasumas ulfaatina baattuuwwan ibsaa meetii fi ibsaawwan meetii garaa garaa isatti ni hime; 16 akkasumas, ulfaatina warqii tokkoon tokkoon minjaalaa isa daabboo wal irra tuulamuuf*+ barbaachisu, akkasumas meetii minjaalota meetiitiif barbaachisu isatti ni hime; 17 ulfaatina shukkaawwan, saaniiwwan golboo fi okkoteewwan warqii qulqulluu irraa hojjetamaniif, akkasumas ulfaatina tokkoon tokkoon saaniiwwan golboo xixinnoo warqii irraa hojjetamanii+ fi ulfaatina tokkoon tokkoon saaniiwwan golboo xixinnoo meetii irraa hojjetamaniif barbaachisu isatti ni hime. 18 Dabalataanis inni ulfaatina warqii qulqulluu iddoo aarsaa ixaanaa+ fi bifa gaarii fardaa,+ jechuunis kiruubelota+ warqii warra qoochoowwan* isaanii diriirsanii taabota kakuu Yihowaa uwwisaniif barbaachisu isaaf ni kenne. 19 Daawitis, “Harki Yihowaa ana irra ture; inni guutummaa pilaanii ijaarsaa+ sana tokko tokkoon akkan barreessuuf hubannaa naaf kenne” jedhe.+
20 Achiis Daawit ilma isaa Solomooniin akkana jedhe: “Onnadhu, cimi; hojichas jalqabi. Waaqni koo Yihowaan sii wajjin waan jiruuf, hin sodaatin yookiin hin jeeqamin.+ Hojiin ijaarsa mana Yihowaa guutummaatti hamma xumuramutti inni sii wajjin ni taʼa malee, si hin dhiisu; si hin gatus.+ 21 Gareewwan lubootaa+ fi Leewwotaa+ warri tajaajila mana Waaqa dhugaa keessatti hojjetamu hundumaa hojjetan kunoo ti. Hojjettoota tajaajila raawwatamu hunda hojjechuuf fedhii fi dandeettii qaban qabda;+ kana malees, bulchitoonnii+ fi namoonni hundi qajeelfama kee hundumaa ni raawwatu.”