Qajeelfama Warra Kaanii Wajjin Nagaa Qabaachuuf Gargaaru
Uumaan keenya mana keessatti, bakka hojiitti ykn michoota keenya waliin nagaa qabaachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nutti himeera. Mee gorsa isaa isa ogummaa irratti hundaaʼee fi namoonni hedduun hojii irra oolchuudhaan faayidaa irraa argatan muraasa haa ilaallu.
Dhiifama Godhi
“Namni tokko sababii nama kan biraa itti komatu yoo qabaate illee, . . . tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa.”—QOLOSAAYIS 3:13.
Hundi keenya iyyuu ni dogoggorra. Kanaan kan kaʼes, warra kaan mufachiisuu dandeenya, warri kaanis nu mufachiisuu dandaʼu. Kanaafuu, nuti warra kaaniif dhiifama gochuun keenya, warri kaanis dhiifama nuu gochuun isaanii barbaachisaa dha. Nama nu mufachiiseef dhiifama yommuu goonu haaloo isatti qabachuu ni dhiisna. ‘Hamaa hamaadhaan hin deebisnu,’ balleessaa isaa ykn dadhabina isaas yeroo hunda hin yaadannu. (Roomaa 12:17) Haa taʼu malee, baayʼee yoo miidhamnee fi wanta nu irratti raawwatame irraanfachuun yoo nutti ulfaate hoo? Taanaan, nama sana kabajaan dhuunfaatti haasofsiisuu qabna. Kaayyoon keenya namni sun dogoggora akka raawwate mirkaneessuu utuu hin taʼin, nagaa buusuu taʼuu qaba.—Roomaa 12:18.
Gad Of Qabi, Kabajas Argisiisi
“Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa.”—FILIPHISIYUS 2:3.
Kan gad of qabnuu fi warra kaan kan kabajnu yoo taʼe, namoonni nuu wajjin taʼuun isaan gammachiisa. Gaarummaa akka isaanitti argisiisnuu fi akka isaaniif yaannu, akkasumas taʼe jennee miira isaanii akka hin miine ni hubatu. Haa taʼu malee, warra kaan akka caallu kan yaannu yoo taʼe ykn yeroo hundumaa yaada keenyatti kan cichinu yoo taʼe, wal morkii fi walitti buʼiinsa kakaasna. Namoonni nu irraa fagaatu; michoota horachuunis nu rakkisa.
Looguu Irraa Fagaadhu
“Waaqayyo [hin loogu] . . . ; kanaa mannaa, saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama qaba.”—HOJII ERGAMOOTAA 10:34, 35.
Uumaan keenya lammummaa, afaan, iddoo hawaasa keessatti qabaniin ykn bifa gogaa isaanii irratti hundaaʼuudhaan namootaaf hin loogu. Inni “namoota saba hundumaa nama tokko irraa uume.” (Hojii Ergamootaa 17:26) Kana jechuun, ilmaan namootaa hundi obbolaa dha jechuu dha. Yeroo nama hundumaatti kabajaa fi gaarummaa argisiisnu, isaan gammachiisna, nutis ni gammanna, Uumaa keenyas ni gammachiisna.
Garraamii Taʼi
“Garraamummaa . . . uffadhaa.”—QOLOSAAYIS 3:12.
Yommuu garraamii taanu, namoonni kaan akka tasgabbaaʼan gargaarra. Namoota tasgabboofne akka taane waan beekaniif, nu haasofsiisuun isaanitti hin ulfaatu; dogoggora keenya nutti himuun illee isaanitti salphata. Namni tokko yommuu nutti aaru, deebii laafaa kennuun keenya isa tasgabbeessuu dandaʼa. Fakkeenyi 15:1, “Deebii laafaan aarii qabbaneessa, dubbii hamaan garuu aarii kakaasa” jedha.
Arjaa fi kan Galateeffattu Taʼi
“Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa.”—HOJII ERGAMOOTAA 20:35.
Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun sassatoo fi waaʼee ofii isaanii qofa kan yaadani dha. Gammachuu dhugaan kan argamu garuu arjaa taʼuudhaani. (Luqaas 6:38) Namoonni arjaa taʼan qabeenya caalaa nama waan jaallataniif gammadoo dha. Jaalala akkasii qabaachuun isaanii yeroo namni tokko arjummaa isaanitti argisiisu galateeffachuu fi dinqisiifachuuf isaan kakaasa. (Qolosaayis 3:15) ‘Nama doqnaa fi galata hin beekne moo, nama arjaa fi galateeffatuu wajjin taʼuutu na gammachiisa?’ jedhii of gaafadhu. Kana irraa maal baranna? Amala warri kaan akka argisiisan barbaaddu qabaadhu.—Maatewos 7:12.