BOQONNAA 19
“Dubbachuu Kee Itti Fufi Malee Calluma hin Jedhin”
Phaawulos hojii hojjechuun kan isa barbaachise taʼus tajaajilasaaf dursa kenneera
Hojii Ergamootaa 18:1-22rratti kan hundaaʼe
1-3. Phaawulos ergamaan gara Qorontos kan dhaqe maaliifi? Rakkoowwan akkamii isa mudatanii turan?
YEROONSAA Dh.K.B. bara 50 gara boodaati. Phaawulos ergamaan Qorontos keessa kan jiru siʼa taʼu, magaalaan kun wiirtuu daldalaa Giriikonni, warri Roomaa fi Yihudoonni hedduun keessa jiraatanidha.a Phaawulos bakka kana kan dhufe miʼa bituuf ykn gurguruuf ykn hojii hojjechuuf miti. Gara Qorontos kan dhufe dhimma guddaa taʼe tokkoof, jechuunis waaʼee Mootummaa Waaqayyoof dhugaa baʼuufi. Phaawulos bakki jiraatu kan isa barbaachisu taʼus, gama maallaqaatiin warra kaanirratti baʼaa taʼuu dhiisuuf murteessee ture. Namoonni Dubbii Waaqayyootti fayyadamee faayidaa dhuunfaa argachuuf carraaqqii gochaa akka jiru godhanii akka yaadan hin barbaanne. Maarree maal godha?
2 Phaawulos ogummaa dunkaana hodhuu qaba. Dunkaana hodhuun salphaa miti; taʼus Phaawulos harkasaatiin hojjetee wanta isa barbaachisu guuttachuuf fedhii qaba. Maarree magaalaa namni itti baayʼatu kana keessatti hojii ni argataa? Bakka jireenyaaf mijataa taʼehoo ni argataa? Rakkoowwan kun kan isa yaaddessan taʼus, Phaawulos hojiisaa isa guddaa, jechuunis tajaajila isaa hin daganne.
3 Phaawulos Qorontos keessa yeroo muraasaaf turuu hin oolu; tajaajilli inni asitti raawwates buʼaa guddaa argamsiiseera. Barumsi wanta Phaawulos Qorontositti raawwaterraa argannuu fi naannoo keenyatti waaʼee Mootummaa Waaqayyoo guutummaatti dhugaa baʼuuf nu gargaaru maalidha?
“Hojiin Isaanii Dunkaana Hodhuu Ture” (Hojii Ergamootaa 18:1-4)
4, 5. (a) Phaawulos yeroo Qorontos turetti eessa buufate? Hojii akkamii hojjechaa ture? (b) Phaawulos dunkaana hodhuu kan barate akkamitti taʼuu dandaʼa?
4 Phaawulos erga Qorontos gaʼee booda hiriyoota gaaʼelaa keessummaa simachuu jaallatanii wajjin wal arge; hiriyoonni gaaʼelaa Yihudoota taʼan kun Aqiilaa fi Phirisqiilaa ykn Phirisqaa turan. Hiriyoonni gaaʼelaa kun labsii mootiin moototaa, “Yihudoonni hundi Roomaadhaa akka baʼan” baaseen kan kaʼe Qorontos keessa jiraachuu jalqabaniiru. (HoE. 18:1, 2) Aqiilaa fi Phirisqiilaan Phaawulos manasaanii akka jiraatu qofa utuu hin taʼin, akka isaanii wajjin hojjetus ni afeeran. Seenaasaa akkas jedha: “Hojiin isaanii tokko waan tureef, mana isaanii taaʼee isaanii wajjin hojjeta ture; hojiin isaanii dunkaana hodhuu ture.” (HoE. 18:3) Phaawulos yeroo Qorontositti tajaajilaa ture hundatti mana hiriyoota gaaʼelaa nama jaallatan kanaa jiraachaa ture. Phaawulos xalayaawwan yeroo booda kutaa Kitaaba Qulqulluu taʼan tokko tokko kan barreesse, yeroo mana Aqiilaa fi Phirisqiilaa jiraachaa turetti taʼuu dandaʼa.b
5 Phaawulos inni “miila Gamaaliʼel jala” taaʼee barate dunkaanas ni hodha ture. Kun kan taʼe akkamitti? (HoE. 22:3) Yihudoonni jaarraa jalqabaatti turan ijoolleensaanii barumsa dabalataa kan baratan yoo taʼellee, ogummaa harkaa akka baratan gochuun ulfinasaanii akka tuqutti hin ilaalan turan. Phaawulos Xarsees ishii Kiilqiyaatti argamtutti waan dhalatee fi naannoon kunimmoo uffata Siilshiyem jedhamuu fi dunkaanni irraa hojjetamuun waan beekamuuf ogummaa kana ijoollummaatti baratee taʼuu hin oolu. Dunkaana hodhuun maalfaa dabalata? Hojiin kun uffata dunkaanaa qopheessuu ykn dunkaanicha hojjechuuf carqii jajjabaataa taʼe muruu fi walitti hodhuu dabalata. Sanas taʼe kana hojii kana hojjechuun ulfaataadha.
6, 7. (a) Phaawulos hojii dunkaana hodhuutiif ilaalcha akkamii qaba? Aqiilaa fi Phirisqiilaanoo ilaalcha kan isaa wajjin wal fakkaatu akka qaban wanti argisiisu maalidha? (b) Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran fakkeenya Phaawulos, Aqiilaa fi Phirisqiilaa kan hordofan akkamitti?
6 Phaawulos dunkaana hodhuun hojiisaa isa guddaa akka taʼetti hin ilaalle. Hojii kana kan hojjete tajaajila isaarratti, jechuunis misiraachicha “gatii malee” labsuurratti of gargaaruuf jedhee ture. (2 Qor. 11:7) Aqiilaa fi Phirisqiilaanoo hojiisaanii akkamitti ilaalu turan? Kiristiyaanota waan taʼaniif hojiisaaniitiif ilaalcha kan Phaawulosii wajjin wal fakkaatu akka qaban hin shakkisiisu. Aqiilaa fi Phirisqiilaan yeroo Phaawulos Dh.K.B. bara 52tti Qorontosii gara Efesoon deemetti, hojiisaanii dhiisanii isaa wajjin deemaniiru. Manasaanii isa Efesoonitti argamu obboloonni walgaʼii gochuuf itti fayyadamu turan. (1 Qor. 16:19) Boodammoo gara Roomaatti kan deebiʼan siʼa taʼu, achiis gara Efesoonitti deebiʼaniiru. Hiriyoonni gaaʼelaa hinaaffaa qaban kun fedhii Mootummichaatiif dursa kennaniiru, akkasumas warra kaan tajaajiluuf of dhiheessaniiru; kana gochuun isaaniis “gumiiwwan saboota kaanii hundi” akka isaan galateeffatan taasiseera.—Rom. 16:3-5; 2 Xim. 4:19.
7 Kiristiyaanonni yeroo harʼaatti argaman fakkeenya Phaawulos, Aqiilaa fi Phirisqiilaa ni hordofu. Yeroo harʼaatti obboloonni hinaaffaadhaan tajaajilan warra kaan ‘baasii hedduu akka hin baasisneef’ jabaatanii hojjetu. (1 Tas. 2:9) Qajeelchitoonni hedduun baasiisaanii dandaʼuuf hojii torbanitti guyyoota muraasa ykn waggaatti jiʼoota muraasaaf hojjetamu hojjechuudhaan fakkeenya gaarii taʼu. Taʼus tajaajila isaaniitiif iddoo guddaa kennu. Akkuma Aqiilaa fi Phirisqiilaa tajaajiltoonni Yihowaa jaalala qabeeyyii taʼan daawwattoonni olaanoo aanaa manasaanii akka buufatan ni godhu. Obboloonni, ‘keessummoota simachuu amaleeffatan’ kun akkas gochuusaaniitti hammam akka jajjabaatanii fi ijaaraman beeku.—Rom. 12:13.
‘Namoonni Qorontos Hedduun Amanuu Jalqaban’ (Hojii Ergamootaa 18:5-8)
8, 9. Phaawulos Yihudoonni cimsanii yommuu isa morman maal godhe? Sana boodahoo eessatti lallabuuf deeme?
8 Phaawulos hojii kan hojjetu wanta isa barbaachisu guuttachuuf akka taʼe, yeroo Siilaasii fi Ximotewos Maqedooniyaadhaa kennaa isaaf fidanii dhufanitti ifa taʼeera. (2 Qor. 11:9) Phaawulos yeruma sana, “guutummaatti dubbicha lallabuudhaan qabame.” (HoE. 18:5) Haataʼu malee, Yihudootaaf hinaaffaadhaan lallabuunsaa mormii cimaa isarraan geessiseera. Ergaa lubbuu baraarsuu fi waaʼee Kiristoos ibsu fudhachuu diduusaaniitti akka itti hin gaafatamne argisiisuuf Phaawulos uffatasaa hurgufuudhaan Yihudoota mormitoota taʼan sanaan akkas jedhe: “Dhiigni keessan mataa keessan irra haa taʼu. Ani qulqulluu dha. Ammaa jalqabee gara saboota kaaniin dhaqa.”—HoE. 18:6; His. 3:18, 19.
9 Maarree kana booda Phaawulos eessatti lallaba? Namni mannisaa mana sagadaa bira jiru, “Tiitiyoos Yosxos” jedhamuu fi amantaa Yihudii fudhatee taʼuu dandaʼu tokko Phaawulosiin manasaatti simate. Kanaaf Phaawulos mana sagadaa sanatti lallabuu dhiisee mana Yosxositti lallabuu eegale. (HoE. 18:7) Phaawulos Qorontositti mana Aqiilaa fi Phirisqiilaa keessa kan jiraatu taʼus, kan barsiisu garuu mana Yosxositti ture.
10. Phaawulos saboota kaaniif qofa lallabuuf murteessee akka hin turre wanti argisiisu maalidha?
10 Phaawulos kana booda gara saboota kaaniin dhaqa yommuu jedhu, sana booda namoota dhagaʼuuf fedhii qaban dabalatee Yihudootaa fi namoota amantaa Yihudii fudhatan guutummaatti dhiiseera jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Fakkeenyaaf, ‘Qirisphoos geggeessaan mana sagadaa guutummaa maatii isaa wajjin Gooftaatti amanee’ ture. Kitaabni Qulqulluun, “namoonni Qorontos warri ergaa sana dhagaʼan hedduunis amanuu fi cuuphamuu jalqaban” waan jedhuuf, Yihudoonni mana sagadaa sana keessa turan hedduun Qirisphoosii wajjin Kiristiyaanota taʼaniiru. (HoE. 18:8) Kanaafuu, manni Tiitiyoos Yosxos bakka Kiristiyaanonni itti walitti qabaman taʼe. Luqaas seenaa hojii ergamootaa kan barreesse duraa duuba yeroo eegee yoo taʼe, Yihudoonnii fi namoonni amantaa Yihudii fudhatan Kiristiyaanota kan taʼan erga Phaawulos uffatasaa hurgufee boodadha jechuudha. Kunimmoo Phaawulos akka haalasaatti jijjiirama gochuuf fedhii akka qabuu fi nama dhagaʼuu barbaadu hundaaf lallabaa akka ture argisiisa.
11. Dhugaa Baatonni yeroo harʼaa jiran namoota saba Kiristiyaanaa keessa jiraniif lallabuuf yeroo carraaqan fakkeenya Phaawulos kan hordofan akkamitti?
11 Yeroo harʼaa biyyoota hedduutti waldaaleen Saba Kiristiyaanaa baayʼee babalʼataniiru. Miseensota isaaniirrattis dhiibbaa guddaa godhu. Biyyootaa fi odoolawwan tokko tokko keessatti misiyoononni saba Kiristiyaanaa namoota hedduu ofitti harkisuuf carraaqqii cimaa godhaniiru. Akkuma Yihudoota jaarraa jalqabaatti Qorontos keessaa turanii namoonni Kiristiyaana ofiin jedhan yeroo baayʼee aadaadhaan kan xaxamanidha. Taʼus, akkuma Phaawulos nuti Dhugaa Baatonni Yihowaa namoonni wanta Kitaaba Qulqulluurraa dubbisan akka hubataniif hinaaffaadhaan isaaniif lallabuuf carraaqna. Yeroo isaan nu mormanittillee ykn geggeessitoonni amantaasaanii nu ariʼatanittillee isaan gargaaruuf carraaquu keenya itti fufna. Namoota Waaqayyoof kan hinaafan taʼanis beekumsa sirrii hin qabne keessa namoonni garraamiin barbaannee isaan argachuu qabnu hedduun jiru.—Rom. 10:2.
“Ani Magaalaa Kana Keessaa Namoota Hedduu Qaba” (Hojii Ergamootaa 18:9-17)
12. Yesuus mulʼataan Phaawulosiif maal mirkaneesse?
12 Phaawulos Qorontositti tajaajiluu koo itti fufuun qabamoo hin qabu jedhee shakkee ture taanaan, yommuu Gooftaan Yesuus galgala tokko isaatti mulʼatee, “Hin sodaatin; dubbachuu kee itti fufi malee calluma hin jedhin; ani sii wajjin waanan jiruuf, namni tokko illee si rukutee si hin miidhu; sababiin isaas, ani magaalaa kana keessaa namoota hedduu qaba” isaan jedhetti shakkiinsaa kun badee taʼuu qaba. (HoE. 18:9, 10) Kun mulʼata nama jajjabeessudha! Gooftaan ofumasaa Phaawulositti mulʼatee miidhaarraa akka isa eeguu fi namoonni isaaf malan hedduun magaalicha keessa akka jiran isaaf mirkaneesse. Phaawulos ergaa kana erga dhagaʼee booda maal godhe? Seenaansaa, “isaan gidduutti dubbii Waaqayyoo barsiisaa waggaa tokkoo fi jiʼa jaʼaaf achi taaʼe” jedha.—HoE. 18:11.
13. Phaawulos teessoo murtiitti yommuu dhihaatu waaʼee maalii yaadee taʼuu dandaʼa? Kun akka isarra hin geenye mirkanaaʼaa taʼuu kan dandaʼuhoo akkamitti?
13 Phaawulos gara waggaa tokkoof Qorontos keessa erga turee booda ragaa dabalataa deggarsa Gooftaa akka qabu argisiisu argate. “Yihudoonni tokkummaadhaan Phaawulos irratti kaʼanii barcuma murtii [Veemaa jedhamu] duratti isa dhiheessan.” (HoE. 18:12) Akka namoonni tokko tokko jedhanitti Veemaan waltajjii dhagaa cuquliisaa fi adiidhaan hojjetamee fi xiyyoonsaa miidhagfame siʼa taʼu, gabaa Qorontos keessatti kan argamu taʼuu hin oolu. Bakki duwwaan Veemaa fuuldura jiru balʼaa waan taʼeef namoota hedduu qabachuu dandaʼa. Argannoowwan arkiʼooloojii akka argisiisanitti teessoon murtii kun mana sagadaatti dhihoo waan jiruuf, mana Yosxosittis dhihoodha. Phaawulos Veemaatti yommuu dhihaatu waaʼee Isxifaanos isa dhagaadhaan tumamee ajjeefamee fi yeroo tokko tokko Kiristiyaana jalqaba wareegame akka taʼetti ibsamuu yaadee taʼuu dandaʼa. Phaawulos inni yeroo sanatti Saaʼol jedhamu, “ajjeefamuu isaa irratti walii galee ture.” (HoE. 8:1) Maarree isarras wanti wal fakkaatu gaʼuu dandaʼaa? Lakki. Waadaan, “Namni tokko illee . . . si hin miidhu” jedhu waan isaaf galameef kun isarra hin gaʼu.—HoE. 18:10.
14, 15. (a) Yihudoonni Phaawulosirratti himata akkamii dhiheessan? Gaaliyoon dhimmichi akka addaan citu kan godhe maaliifi? (b) Sosteneesirra maaltu gaʼe? Yeroo booda Kiristiyaana taʼeera taʼa kan jennuhoo maaliifi?
14 Yommuu Phaawulos gara teessoo murtiitti geeffametti maaltu taʼe? Abbaan murtii teessoo kanarra taaʼe bulchaa Akaayaa Gaaliyoo jedhamuu fi obboleessa angafaa falaasaa Roomaa Senekaa jedhamuu ture. Yihudoonni, “Namichi kun namoonni karaa seericha irraa faallaa taʼeen Waaqayyoon akka waaqeffatan isaan amansiisaa jira” himata jedhu isarratti dhiheessan. (HoE. 18:13) Phaawulos Yihudoonni tokko tokko Kiristiyaanota akka taʼan gochuudhaan seera cabsaa jira jechuusaanii ture. Haataʼu malee Gaaliyoon, Phaawulos, “balleessaa yookiin yakka cimaa” akka hin raawwanne beekee ture. (HoE. 18:14) Gaaliyoon falmii Yihudootaa keessa galuuf fedhii hin qabu ture. Kanaafuu, Phaawulos deebisee falmachuun utuu isa hin barbaachisin Gaaliyoon dhimmichi akka addaan citu godhe. Yeroo kanatti Yihudoonni baayʼee aaran. Achiis Sostenees isa tarii Qirisphoosiin bakka buʼuudhaan geggeessaa mana sagadaa taʼerratti aariisaanii baʼan. Sosteneesiin qabanii, “barcuma murtii duratti reebuu jalqaban.”—HoE. 18:17.
15 Gaaliyoon uummatichi Sosteneesiin akka hin reebne kan hin dhowwine maaliif ture? Tarii namoota sana Phaawulosirratti kan kakaase Sostenees akka taʼee fi gatiisaa argachaa akka jiru yaadee taʼuu dandaʼa. Sanas taʼe kana, dhimmi kun karaa gaarii taʼeen furamuu dandaʼeera. Phaawulos xalayaasaa isa jalqabaa waggoota hedduu booda gumii Qorontosiif barreesserratti nama Sostenees jedhamu tokko akka obboleessatti caqaseera. (1 Qor. 1:1, 2) Sosteenees kun isa Qorontos keessatti reebamedhaa laata? Taanaan rakkinni isarra gaʼe kun Kiristiyaanummaa akka fudhatu isa gargaaree taʼuu dandaʼa.
16. Waadaan Yesuus, ‘Dubbachuu kee itti fufi malee calluma hin jedhin. Ani sii wajjinan jira’ jechuudhaan gale tajaajila keenyarratti kan nu gargaaru akkamitti?
16 Yesuus Phaawulosiin, ‘Hin sodaatin; dubbachuu kee itti fufi malee calluma hin jedhin. Ani sii wajjinan jira’ kan jedhe erga Yihudoonni lallabasaa fudhachuu didanii booda akka taʼe yaadadhu. (HoE. 18:9, 10) Nutis yommuu namoonni ergaa keenya fudhachuu didanitti jechoota kana yaadachuun keenya gaariidha. Yihowaan garaa namootaa akka ilaaluu fi namoota garaa qajeelaa qaban akka ofitti harkisu matumaa hin irraanfatin. (1 Sam. 16:7; Yoh. 6:44) Yaanni nama jajjabeessu kun tajaajila keenya cimnee itti fufuuf nu gargaara! Waggaa waggaatti namoonni kuma dhibbaan lakkaaʼaman, guyyaattimmoo namoonni dhibbaan lakkaaʼaman ni cuuphamu. Yesuus namoota ajaja, “saboota hundumaa keessaa namoota barattoota koo godhaa” jedhu hordofaniif, “ani hanga dhuma sirna kanaatti guyyaa hundumaa isinii wajjinan jira” jechuudhaan waadaa galeera.—Mat. 28:19, 20.
“Fedhii Yihowaa yoo Taʼe” (Hojii Ergamootaa 18:18-22)
17, 18. Phaawulos yeroo dooniidhaan gara Efesoonitti imalaa turetti waaʼee maalii xiinxalee taʼuu dandaʼa?
17 Murtoon Gaaliyoon godhe ariʼatamni gumii Qorontos isa reefuu hundaaʼerra gaʼu yeroodhaaf akka dhaabbatu gochuu fi dhiisuusaa hin beeknu. Haataʼu malee, Phaawulos obboloota Qorontositti nagaa dhaamee deemuusaa dura ‘guyyoota hedduuf’ achi tureera. Phaawulos Dh.K.B. bara 52 waqtii birraatti buufata doonii Kinkiriʼaa isa Qorontosirraa gara kiilomeetira 11 fagaatuu kaʼee gara Sooriyaa deemuuf karoorfatee ture. Haataʼu malee Kinkiriʼaadhaa kaʼuusaa dura, “Wareega waan qabuuf . . . rifeensa mataa isaa gabaabsee murate.”c (HoE. 18:18) Achiis Aqiilaa fi Phirisqiilaa fudhatee Galaana Eejiyaan qaxxaamuruudhaan gara Efesoon ishii Eeshiyaa Xinnoo keessatti argamtuu dhaqe.
18 Phaawulos Kinkiriʼaadhaa kaʼee yeroo deemaa turetti wantoota Qorontositti isa mudatan yaadee taʼuu hin oolu. Wantoonni gaggaariin gammachuu isaaf argamsiisan hedduun isa mudataniiru. Tajaajilli inni jiʼoota 18f raawwate buʼaa gaarii argamsiiseera. Qorontos keessatti gumii haaraan hundeeffameera; obboloonni gumii sanaa mana Yosxositti walitti qabamu. Yosxos, Qirisphoosii fi maatiinsaa akkasumas namoonni kan biroo hedduun namoota Kiristiyaanota taʼan keessaa muraasa isaaniiti. Phaawulos namoota Kiristiyaanota akka taʼan gargaare kana baayʼee jaallata. Yeroo booda yommuu isaaniif barreessu, isaan xalayaa deggersaa garaasaa keessatti barreeffaman akka taʼan ibseera. Nutis namoota dhugaa akka fudhatan gargaarre baayʼee jaallanna. Namoota ‘xalayaa deggersaatti’ fakkeeffaman akkasii argachuun baayʼee nama gammachiisa!—2 Qor. 3:1-3.
19, 20. Phaawulos akkuma Efesoon gaʼeen maal godhe? Galma hafuuraa baafachuu ilaalchiseehoo isarraa maal baranna?
19 Phaawulos akkuma Efesoon gaʼeen hojiisaa jalqabe. “Mana sagadaa seenee Yihudootaa wajjin mariʼate.” (HoE. 18:19) Yeroo kanatti Efesoon keessa kan ture yeroo muraasaaf qofadha. Yeroo dheeraa akka turu kan gaafatame taʼus, “inni garuu tole hin jenne.” Achiis obboloota Efesoonitti yommuu nagaa dhaamu, “Fedhii Yihowaa yoo taʼe, deebiʼee gara keessan nan dhufa” isaaniin jedhe. (HoE. 18:20, 21) Phaawulos Efesoon keessatti hojiin lallabaa balʼinaan hojjetamuu akka qabu hubatee ture. Kanaaf deebiʼee dhufuuf kan karoorfate taʼus, dhimmicha Yihowaatti kennuuf filateera. Kun nuufis fakkeenya gaarii taʼa. Galma hafuuraa caalaatti Yihowaa tajaajiluuf nu dandeessisu baafachuu qabna. Haataʼu malee, yeroo hunda qajeelfama Yihowaatiin geggeeffamuu fi fedhasaa wajjin haala wal simuun tarkaanfii fudhachuu qabna.—Yaq. 4:15.
20 Phaawulos Aqiilaa fi Phirisqiilaa Efesoonitti dhiisee dooniidhaan gara Qisaariyaa deeme. Achiis gara Yerusaalemitti “ol baʼee” gumii achi jiru nagaa gaafate. Sana booda gara bakka jireenyaasaa Sooriyaa Anxokiyaa deeme. Adeemsa misiyoonummaasaa isa lammaffaa milkaaʼinaan xumure. Mee adeemsa misiyoonummaasaa isa xumuraarratti wantoota isa mudatan haa ilaallu!
a Saanduqa, “Qorontos Ishii Galaana Lama Gidduutti Argamtu” jedhu ilaali.
b Saanduqa, “Xalayaawwan Phaawulos Warra Madda Jajjabinaa Taʼan” jedhu ilaali.
c Saanduqa, “Wareega Phaawulos” jedhu ilaali.