Abbootii Taayitaa Duratti Misiraachichaaf Falmuu
‘NAMNI kun sabootaa fi mootota duratti maqaa koo akka baatu anaaf miʼa filatame dha.ʼ (HoE. 9:15) Kun wanta Yesuus nama Yihudii reefuu Kiristiyaanummaatti geddaramee fi yeroo booda Phaawulos ergamaa jedhamuudhaan beekame ilaalchisee dubbate dha.
“Mootota” sana keessaa tokko Mootii Mootota Roomaa Neeroo dha. Bulchaa akkasii duratti amantii keetiif falmuuf utuu dhihaattee maaltu sitti dhagaʼama? Kiristiyaanonni fakkeenya Phaawulos akka hordofan jajjabeeffamaniiru. (1 Qor. 11:1) Karaan fakkeenya isaa itti hordofnu keessaa tokko seera bara Phaawulos turee wajjin kan wal qabatu dha.
Israaʼel Seera Museetiin gaggeeffamti turte; seerichi Yihudoota bakka kam iyyuu jiraatanii fi amantii isaaniitiif bulaniif ulaagaa amalaa taʼee tajaajila ture. Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosxee booda garuu amantoonni dhugaa, Seera Musee eeguuf dirqamuun isaanii ni hafe. (HoE. 15:28, 29; Gal. 4:9-11) Taʼus, Phaawulosii fi Kiristiyaanonni kaan wanta seericha akka hin kabajne argisiisu hin dubbatan turan; seera isaanii utuu hin tuqin Yihudoota hedduudhaaf lallabuu dandaʼaniiru. (1 Qor. 9:20) Phaawulos yeroo baayʼee gara manneen sagadaa dhaqaa kan ture siʼa taʼu, achittis namoota Waaqa Abrahaam beekanii fi Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa irraa ragaa isaaniif dhiheessuu dandaʼuuf ni lallaba ture.—HoE. 9:19, 20; 13:5, 14-16; 14:1; 17:1, 2.
Ergamoonni jalqaba irratti hojii lallabaatiif wiirtuu taatee akka tajaajiltuuf Yerusaalemin filatan. Yeroo hunda mana qulqullummaa keessatti ni barsiisu turan. (HoE. 1:4; 2:46; 5:20) Yeroo tokko tokko Phaawulos gara Yerusaalem ni dhaqa ture; yeroo booda qabamee kan hidhames achumatti ture. Adeemsi seeraa dhuma irratti gara Roomaa akka deemu isa godhe haala kanaan jalqabe.
PHAAWULOSII FI SEERA WARRA ROOMAA
Abbootiin taayitaa warra Roomaa lallaba Phaawulosiif ilaalcha akkamii qabu turan? Kana deebisuuf, ilaalcha warri Roomaa yeroo sanatti amantiidhaaf qaban beekuun barbaachisaa dha. Bulchiinsa isaanii irratti ykn ulaagaa amalaa biyyattiitti rakkina kan fidu yoo taʼe malee, namoonni gosa garaa garaa bulchiinsa isaanii keessatti argaman amantii isaanii akka dhiisan hin dirqisiisan turan.
Warri Roomaa Yihudoota bulchiinsa isaanii jalatti argamaniif mirga hedduu kennanii turan. Kitaabni Backgrounds of Early Christianity jedhamu akkana jedheera: “Amantiin Yihudii bulchiinsa Roomaa keessatti mirga guddaa qaba ture. . . . Yihudoonni bilisummaadhaan amantii isaanii hordofuu ni dandaʼu turan; akkasumas waaqolii tolfamoo warra Roomaa akka hordofan hin dirqisiifaman turan. Hawaasa isaanii keessatti seera mataa isaaniitiin gaggeeffamuu dandaʼu turan.” Humna waraanaa keessattis akka tajaajilan hin dirqisiifaman turan.a Phaawulos abbootii taayitaa Roomaa duratti Kiristiyaanummaadhaaf falmuuf eegumsa seerri warra Roomaa amantii Yihudiitiif godhutti fayyadamuu ni dandaʼa ture.
Mormitoonni Phaawulos, karaa adda addaatiin uummatichaa fi abbootii taayitaa isa irratti kaasuuf yaalanii turan. (HoE. 13:50; 14:2, 19; 18:12, 13) Wanta taʼee ture tokko ilaali. Jaarsoliin Kiristiyaanaa gumii Yerusaalem, Phaawulos “Seera Musee akka hin eegne” lallabaa akka jiru oduu Yihudoota gidduutti odeeffamaa ture dhagaʼan. Oduun akkasii Yihudoonni reefuu Kiristiyaanota taʼan Phaawulos qophii Waaqayyo godhe hin kabaju jedhanii akka yaadan gochuu dandaʼa. Kana malees, yaaʼiin Saanhedriin Kiristiyaanummaan gantummaa amantii Yihudootaa irratti kaʼe akka taʼe godhee akka ilaalu gochuu dandaʼa. Kun yoo taʼe immoo, Yihudoonni Kiristiyaanotaa wajjin hariiroo qaban ni adabamu. Kana malees, hawaasa irraa qodamuu fi mana qulqullummaa ykn manneen sagadaa keessatti akka hin lallabne dhorkamuu dandaʼu. Kanaaf jaarsoliin gumii, Phaawulos wanti odeeffamu soba taʼuu isaa mirkaneessuuf, gara mana qulqullummaa dhaqee wanta Waaqayyo isa irraa hin eegne garuu immoo dogoggora hin taane akka raawwatu isa gorsan.—HoE. 21:18-27.
Phaawulosis akkuma jedhame godheera; kunis ‘misiraachichaaf akka falmuu fi seera duratti fudhatama akka argatu gochuuf’ carraa isaaf baneera. (Filp. 1:7) Yihudoonni mana qulqullummaa keessatti Phaawulosiin mormaniiru; isa ajjeesuufis yaalaniiru. Ajajaan loltoota warra Roomaa Phaawulos akka qabamu godhe. Phaawulos yeroo isa reebuuf jedhanitti lammii Roomaa taʼuu isaa dubbate. Kanaan kan kaʼes gara Qiisaariyaa, ishii warri Roomaa keessa taaʼanii Yihudaa bulchaniitti geeffame. Achittis abbootii taayitaa duratti ija jabinaan dhugaa baʼuuf carraa yeroo baayʼee hin argamne argate. Kunis namoonni waaʼee Kiristiyaanummaa sirriitti hin beekne odeeffannoo gaʼaa akka argatan gargaaruu hin oolu.
Hojiin Ergamootaa boqonnaan 24 Phaawulos, Feeliksi isa lammii Roomaa taʼee fi Yihudaa bulchu duratti murtoodhaaf akka dhihaate ibsa; namni kun dursee waaʼee amantii Kiristiyaanotaa hamma tokko dhagaʼee ture. Yihudoonni, Phaawulos yoo xinnaate karaa sadiin seera warra Roomaa cabseera jedhanii isa himatan. Guutummaa bulchiinsichaa keessatti mootummaa irratti fincila kakaasaa akka jiru, garee amantii gantootaa akka gaggeessuu fi mana qulqullummaa yeroo sanatti warri Roomaa eegumsa gochaafii turan akka xureesse dubbatan. (HoE. 24:5, 6) Himatawwan kun immoo duuti akka isatti murteeffamu gochuu kan dandaʼan turan.
Phaawulos yeroo himanni isa irratti dhihaate maal akka godhe beekuun xiyyeeffannaa Kiristiyaanota yeroo harʼaa jiranii kan hawwatu dha. Tasgabbii qaba ture, akkasumas kabaja argisiiseera. Phaawulos Seerichaa fi Raajota kan caqase siʼa taʼu, ‘Waaqa abbootii isaa waaqeffachuuf’ mirga akka qabus dubbateera. Kun mirga Yihudoonni seera Roomaa jalatti bulan qaban ture. (HoE. 24:14) Yeroo booda, Phaawulos bulchaa Phoorqiyos Feesxos jedhamuu fi Herodis Agriiphaa Mooticha durattis amantii isaatiif falmuu, akkasumas amantii isaa labsuu dandaʼeera.
Dhuma irratti, murtoo sirrii argachuuf, “Qeesaaritti ol iyyadheera!” jedhe; Qeesaar kunis bulchaa yeroo sanatti aangoodhaan hunda caalu ture.—HoE. 25:11.
PHAAWULOS DHADDACHA QEESAAR DURATTI MURTOODHAAF DHIHAATE
Maleekaan tokko yeroo booda Phaawulosiin, “Ati Qeesaar dura dhaabachuu qabda” jedhee ture. (HoE. 27:24) Mootii Mootota warra Roomaa kan ture Neeroon bulchaa akkuma taʼeen himata hundaaf ofii isaatii murtoo akka hin dabarsine dubbatee ture. Waggoota jalqabaa saddeettan bulchiinsa isaa keessatti hojicha namoota kan biraatti dabarsa ture. Kitaabni The Life and Epistles of Saint Paul jedhamu akka ibsetti, Neeroon iyyata Phaawulos ilaaluuf yeroo tole jedhetti, mana mootummaa isaa keessatti gorsitoota muuxannoo fi iddoo guddaa qabanii wajjin dhimmicha ilaale.
Kitaabni Qulqulluun Neeroon dhimma Phaawulos ofii isaatii ilaalee murtoo dabarsuu isaa ykn namni biraan dhimmicha ilaalee akka isaaf gabaasu gochuu fi dhiisuu isaa ilaalchisee wanta dubbatu hin qabu. Kanas taʼe sana, Phaawulos Waaqa Yihudootaa akka waaqeffatu ibsuu fi namoonni hundi mootummaa akka kabajan gorsuu hin oolu. (Rom. 13:1-7; Tit. 3:1, 2) Dhaddachi Qeesaar Phaawulosiin bilisa waan baaseef, haalli isaa Phaawulos misiraachichaaf abbootii taayitaa duratti yeroo falme waan milkaaʼe fakkaata.—Filp. 2:24; Film. 22.
HOJII MISIRAACHICHAAF AKKA FALMINU NUU KENNAME
Yesuus barattoota isaatiin, “Anaaf jettanii bulchitootaa fi mootota duratti ni dhiheeffamtu. Achiis waaʼee koo isaaniifis taʼe namoota addunyaatiif dhugaa baʼuu dandeessu” jedhee ture. (Mat. 10:18) Karaa kanaan bakka buutota Yesuus taʼuun mirga guddaa dha. Carraaqqiin misiraachichaaf falmuuf goonu karaa seeraa injifannoo nuuf argamsiisuu dandaʼa. Murtoon namoonni mudaa qaban dabarsan misiraachichi guutummaatti ‘seera duratti fudhatama akka argatu’ gochuu akka hin dandeenye beekamaa dha. Hacuuccaa fi jalʼina haqaa guutummaatti kan hambisu Mootummaa Waaqayyoo qofa dha.—Lal. 8:9; Er. 10:23.
Taʼus, yeroo harʼaatti illee Kiristiyaanonni amantii isaaniitiif yommuu falman maqaan Yihowaa ulfina argachuu dandaʼa. Akkuma Phaawulos tasgabbaaʼuu, gaarummaadhaan falmuu fi namoota amansiisuu kan dandeenyu taʼuu qabna. Yesuus barattoonni isaa ‘inni dubbii fi ogummaa mormitoonni isaanii hundi mormuu yookiin falmuu hin dandeenye waan isaaniif kennuuf, akkamitti falmanna jedhanii dursanii yaaduun’ akka isaan hin barbaachisne isaanitti himee ture.—Luq. 21:14, 15; 2 Xim. 3:12; 1 Phe. 3:15.
Kiristiyaanonni mootota, bulchitootaa fi abbootii taayitaa kaan duratti amantii isaaniitiif yommuu falman, namoota akka laayyootti argatanii ergicha itti himuun rakkisaa taʼeef dhugaa baʼuu dandaʼu. Murtoon murteeffamu tokko tokko seerri akka fooyyeffamu godha; kunis mirgi dubbachuu fi waaqeffachuu akka eegamu godheera. Murtoon dabarfamu maal iyyuu yoo taʼe, ija jabinni tajaajiltoonni Waaqayyoo qorumsi yeroo isaan irra gaʼu argisiisan Waaqayyoon ni gammachiisa.
a Barreessaan Jeemsi Paarkis jedhaman akkana jedhaniiru: “Yihudoonni . . . barsiifata isaanii hordofuuf mirga qabu turan. Mirga akkasii qabaachuun isaanii waan addaa hin turre; sababiin isaas warri Roomaa duruma iyyuu kutaaleen garaa garaa bulchiinsa isaanii jala jiran hamma dandaʼametti ofiin akka of bulchan mirga ni kennu turan.”