Waaqayyo Jaalalasaa Nutti Argisiiseera
“Ayyaannis gara . . . jireenya bara baraatti nu geessuudhaaf qajeelummaadhaan in moʼa”—ROM. 5:21.
1, 2. Namoonni baayʼeen kennaa akkamiitiif bakka guddaa kennu? Taʼus kennaan kana caala bakka guddaa qabu kamidha?
“WANTI warri Roomaa . . . ijoolleesaaniitiif dhaala godhanii kennan inni guddaan seerasaaniifi jireenyi akka seerasaaniitti akka itti fufu ilaalcha isaan qabanidha.” (Doktoor Deevid J. Wiiliyaamsi Yunivarsiitii Meelboorni Awustiraaliyaa) kennaan kun faayidaa qabaachuu dandaʼus, kennaan kana caalaa gatii guddaa qabu jira. Kennaan kun, karaa Waaqayyo biratti fudhatama argachuu, isa biratti ejjennoo sirrii qabaachuu, akkasumas abdii fayyinaafi jireenya barabaraa argachuun itti dandaʼamudha.
2 Akkaataan Waaqayyo kennaa kana itti kenne seerasaa wajjin walitti dhufeenya qaba. Phaawulos Roomaa boqonnaa 5rratti seera kana, seera asiifi achi hin jallanne akka taʼeefi barreeffamaan taaʼetti hin ibsine. Kanaa mannaa yaada amansiisaa, “Amantiidhaan qajeelota erga taanee, gooftaa keenya Yesus Kristosiin Waaqayyo biratti nagaa qabna” jedhuun jalqabe. Namoonni kennaa Waaqayyoo fudhatan, deebisanii isa jaallachuuf kakaʼaniiru. Phaawulos isaan keessaa tokkodha. “Waaqayyo, jaalala isaa isa karaa hafuura qulqulluu nuuf kenname, garaa keenya keessatti dhangalaase” jechuudhaan barreesseera.—Rom. 5:1, 5.
3. Gaaffiiwwan akkamiitu kaʼa?
3 Haataʼu malee, kennaan jaalalarratti hundaaʼe kun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Waaqayyo kennaa kana karaa qajeelaa taʼeen kennuu kan dandaʼu akkamitti? Namoonni dhuunfaatti kennaa kana argachuuf maal gochuun isaan barbaachisa? Deebii gaaffiiwwan kanaa qoruudhaan deebiiwwan kun jaalala Waaqayyoo akkamitti akka mirkaneessan haa ilaallu.
Jaalalli Waaqayyoo Faallaa Cubbuuti
4, 5. (a) Yihowaan karaa guddaa kamiin jaalalasaa ibse? (b) Roomaa 5:12 hubachuuf kan nu gargaaru waaʼee maalii beekuu keenyadha?
4 Yihowaan ilmaan namootaa gargaaruuf jaalalasaa isa guddaadhaan kakaʼee tokkicha Ilmasaa ergeera. Phaawulos, “Waaqayyo garuu, utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kristos nuuf duʼuu isaatiin hammam akka nu jaallate in argisiisa” jechuudhaan kana ibseera. (Rom. 5:8) Yaada, “Utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu” jedhu hubadhu. Namoonni hundi, kun akkamitti taʼuu akka dandaʼe beekuun isaan barbaachisa.
5 Phaawulos, “Cubbuun karaa nama tokkoo biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu akka gale, akkasumas namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal gaʼe” jechuudhaan karaa cubbuun itti dhufe ibseera. (Rom. 5:12) Waaqayyo galmee jireenyi ilmaan namootaa akkamitti akka jalqabe ibsu waan qabuuf, kana hubachuu ni dandeenya. Yihowaan jalqaba namoota lama, jechuunis Addaamiifi Hewwaaniin uume. Uumaan mudaa kan hin qabne waan taʼeef, namoonni kunis mudaa kan hin qabne turan. Waaqayyo waan tokko qofa akka hin goone qajeelfama kan isaanii kenne siʼa taʼu, seera kana cabsuun duʼa akka isaanitti fidu isaanitti hime. (Uma. 2:17) Haataʼu malee, qajeelfama Waaqayyoo isa sirrii taʼe cabsuudhaan, akkasumas seera kan isaanii kenneefi uumama cufarratti olaantummaa kan qabu taʼuusaa fudhachuu diduudhaan badii raawwachuu filatan.—Kes. 32:4, 5.
6. (a) Waaqayyo Seera Musee kennuusaa duras taʼe sana booda sanyiin Addaam kan duʼan maaliifi? (b) Dhukkuba warrarraa ijoolleetti darbutti kan fakkeeffame maalidha?
6 Addaam ijoollee kan godhate erga cubbuu hojjetee booda waan tureef, cubbuufi wantoota sababa cubbuutiin dhufan ijoolleesaa hundatti dabarseera. Dhugaadha, isaan akka Addaam seera Waaqayyoo hin cabsine; kanaaf cubbuu sanaaf itti hin gaafataman; seerri yeroo sanatti kennames hin jiru. (Uma. 2:17) Taʼus ijoolleen Addaam cubbuu dhaalaniiru. Kanaafuu, hamma Waaqayyo Seera Musee isa Israaʼeloonni cubbamoota taʼuusaanii ifatti argisiisu kennetti cubbuufi duuti moʼaa turan. (Roomaa 5:13, 14 dubbisi.) Miidhaan cubbuun geessisu, dhukkuboota warra keenyarraa dhaaluu dandeenyuu wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Dhukkubni warrarraa ijoollee tokko tokkotti darbuu kan dandaʼu taʼus, ijoollee maaticha keessa jiran tokko tokkotti darbuu dhiisuu dandaʼa. Haalli cubbuu garuu kanarraa addadha. Hundi keenya Addaamirraa cubbuu waan dhaalleef ni duuna. Haataʼu malee, rakkina kana keessaa baʼuu ni dandeenyaa laata?
Wanta Waaqayyo Karaa Yesus Kiristos Qopheesse
7, 8. Gochi namoota cubbuu hin qabne lamaanii buʼaa addaddaa kan argamsiise akkamitti?
7 Yihowaan jaalalaan kakaʼee, ilmaan namootaa cubbuu dhaalan akka moʼan qophii tokko godheera. Phaawulos kun taʼuu kan dandaʼu karaa nama cubbuu hin qabnee gara biraa, jechuunis karaa Addaam isa lammaffaa akka taʼe ibseera. (1 Qor. 15:45) Gochi namoota cubbuu hin qabne kana lamaanii buʼaa addaddaa fideera. Akkamitti?—Roomaa 5:15, 16 dubbisi.
8 Phaawulos, “Kennaan Waaqayyo tola kenne garuu, akka irra-daddarbaa sanaa miti” jedheera. Addaam irra daddarbaa sanaan cubbuu kan hojjete siʼa taʼu, murtoo cimaafi sirrii taʼe jechuunis duuti itti murteeffameera. Haataʼu malee, duʼu kan qabu isa qofa hin turre. Macaafni Qulqulluun, ‘Namoonni baayʼeen irra-daddarbaa nama tokkootiin duʼu’ jedha. Murtoon sirriin Addaamitti murteeffame, nuunis dabalatee ijoolleesaa cubbuu dhaalan hunda kan tuqudha. Taʼus, Yesus inni cubbuu hin qabne, wanta kanarraa faallaa taʼe argamsiisuu akka dandaʼu beekuun keenya nu jajjabeessa. Faayidaan inni argamsiisu maalidha? Deebii kanaa yaada Phaawulos, “qajeelummaa argachiisee [sanyii namoota hundumaa] in jiraachisa” jechuudhaan dubbaterraa arganna.—Rom. 5:18.
9. Akkuma Roomaa 5:16, 18rratti caqasame Waaqayyo namoonni qajeelummaa akka argatan gochuudhaan maal raawwate?
9 Jechi afaan Giriikii “qajeelummaatti kan geessu,” akkasumas ‘qajeelummaa argachiisuu’ jedhu hiika akkamii qaba? Namni Macaafa Qulqulluu hiiku tokko akkas jedheera: “Yaanni kun hamma tokko seeraa wajjin walitti dhufeenya qaba. Jijjiirama namni tokko keessasaatti godhu utuu hin taʼin, jijjiirama inni walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qaburratti taʼu kan dubbatudha . . . Yaanni kun, Waaqayyo abbaa firdii nama cubbuudhaan himatamee teessoosaa duratti dhihaate tokkoof murtoo gaarii kennuuf yaade akka taʼe kan ibsudha. Haataʼu malee, Waaqayyo nama himatame sana ni gadhiise.”
10. Yesus namoonni qajeelummaa akka argataniif maal godheera?
10 “Abbaan firdii guutummaa biyya lafaa” inni qajeelaan, nama cubbamaa taʼe akka balleessaa hin qabnetti kan gadhiise maalirratti hundaaʼeeti? (Uma. 18:25) Waaqayyo namoota qajeelota gochuuf tokkicha Ilmasaa gara lafaatti ergeera. Yesus qorumsi, gaʼisni cimaaniifi miidhaan isarra gaʼus, guutummaatti fedha Abbaasaa raawwateera. Mukarratti fannifamee hamma duʼuttillee amanamummaasaa eegeera. (Ibr. 2:10) Yesus, lubbuusaa isa mudaa hin qabne aarsaa gochuudhaan, furii ijoollee Addaam cubbuufi duʼa jalaa baasuu dandaʼu dhiheesseera.—Mat. 20:28; Rom. 5:6-8.
11. Furiin wanta wal gitu kamirratti kan hundaaʼedha?
11 Phaawulos kana ilaalchisee bakka biraatti, “Furii wal gitu” jedheera. (1 Xim. 2:6, NW) Kan wal gitu maalidha? Addaam ijoolleesaa biliyoonaan lakkaaʼaman hundarratti cubbuufi duʼa fideera. Yesus mudaa kan hin qabne waan taʼeef, ijoollee mudaa hin qabneefi biliyoonaan lakkaaʼaman godhachuu akka dandaʼu beekamaadha.a Kanaafuu, lubbuun Yesusiifi ijoollee mudaa hin qabne inni godhachuu dandaʼuu, lubbuu Addaamiifi ijoolleesaa mudaa qabaniif aarsaa wal gitu akka taʼe yaadama ture. Haataʼu malee, Macaafni Qulqulluun, ijoollee Yesus godhachuu dandaʼu keessaa kamiyyuu furii dhiheessuurratti gaʼee akka qabu hin dubbatu. Roomaa 5:15-19 duuti “nama tokkoo” gadhiifamuu argamsiise jechuudhaan yaada kana ibsa. Eeyyee, lubbuun Yesus inni mudaa hin qabne kan Addaamii wajjin wal gita. Kanaaf, kan irratti xiyyeeffatameefi irratti xiyyeeffatamuus qabu Yesus Kiristos qofadha. “Qajeelchuu nama tokkoo” jechuunis Yesusiin akkasumas, ajajamuusaafi hamma duʼaatti amanamaa taʼuusaatiin kan kaʼe, namoonni hundi kennaa tolaafi jireenya argachuu dandaʼaniiru. (2 Qor. 5:14, 15; 1 Phe. 3:18) Kun taʼuu kan dandaʼe akkamitti?
Gadhiifamuu Furicharratti Hundaaʼe
12, 13. Namoonni qajeelootti lakkaaʼaman ooʼaafi jaalalli Waaqayyoo kan isaan barbaachisu maaliifi?
12 Yihowaan aarsaa furii Ilmisaa dhiheesse fudhateera. (Ibr. 9:24; 10:10, 12) Taʼus, ergamoota Yesus lafarra turan dabalatee bartoonnisaa amanamoo taʼan, sana boodas cubbamoota turan. Dogoggora raawwachuurraa fagaachuuf kan carraaqan taʼus, yeroo hunda milkaaʼina hin argatan turan. Maaliif? Cubbuu waan dhaalaniifidha. (Rom. 7:18-20) Haataʼu malee, Waaqayyo kana ilaalchisee waan gochuu dandaʼu qaba ture, godheeras. “Furii wal gitu” fudhateera; namoota tajaajiltootasaa taʼan ittiin gargaaruufis fedhii qaba ture.
13 Waaqayyo, ergamoonni Yesusis taʼan namoonni kaan hamma tokko hojii gaarii waan hojjetaniif, furicharraa faayidaa akka argatan gochuuf dirqamni isarra hin jiru. Kanaa mannaa, Waaqayyo furicharraa fayyadaa akka argatan kan godhu, ooʼaafi jaalalasaa isa guddaadhaan kakaʼeeti. Cubbuu dhaalaniif dhiifama gochuudhaan, ergamoonni Yesusis taʼan namoonni kaan murtoo isaanitti murteeffamerraa walaba akka taʼan gochuu filateera. Phaawulos, “Isin ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtan; inni immoo kennaa Waaqayyoo ti malee, gochaa ofii keessanii miti” jechuudhaan kana ifa godheera.—Efe. 2:8.
14, 15. Namoota Waaqayyo qajeelummaatti geesseef abdiin akkamii kennameera? Taʼus, maal gochuusaanii itti fufuu qabu?
14 Namni tokko cubbuu dhaaleefi dogoggora raawwateef dhiifama akka argatu gochuun, kennaa guddaa Waaqayyo Hundumaa Dandaʼu kenne akka taʼe beeki! Namoonni Kiristiyaana taʼuusaanii dura cubbuu hedduu kan raawwatan taʼus, Waaqayyo furicharratti hundaaʼee cubbuu sana hunda dhiisuufii dandaʼa. Phaawulos, “Kennaan sunis qajeelummaatti kan geessu ture” jechuudhaan barreesseera. (Rom. 5:16) Ergamoonni Yesusiifi namoonni kaan kennaa jaalalarratti hundaaʼe (qajeelummaatti geeffamuu) kana argatan, amantiidhaan Waaqa dhugaa waaqeffachuusaanii itti fufuu qabu turan. Kun gara fuulduraatti badhaasa akkamii isaaniif argamsiisa? “Warri qajeelummaa argatan immoo Yesus Kristos namicha tokkicha sanaan hammam guddaa caalchisanii jireenyatti haa moʼan ree! Isaan ayyaana Waaqayyoo fi kennaa tolaa hamma isaan irraa hafutti fudhataniiru.” Dhugumayyuu, kennaan qajeelummaa rakkina cubbuu Addaamiin dhuferraa faallaadha. Kennaan kun jireenya argamsiisa.—Rom. 5:17; Luqaas 22:28-30 dubbisi.
15 Namoonni kennaa sana fudhatan, qajeelummaa argachuudhaan ijoollee Waaqayyoo warra hafuuraa taʼu. Kiristosii wajjin kan dhaalan waan taʼaniif, ijoollee Waaqayyoo warra hafuuraa taʼuudhaan duʼaa kaʼanii samiirratti Yesus Kiristos wajjin ‘moʼuuf’ abdii qabu.—Roomaa 8:15-17, 23 dubbisi.
Jaalala Waaqayyo Namoota Kaanitti Argisiise
16. Namoonni barabaraaf lafarra jiraachuuf abdii qaban yeroo ammaattillee kennaa akkamii argatu?
16 Namoonni amantii qabaniifi Kiristiyaanota amanamoo taʼanii Waaqayyoon tajaajilan hundi, Kiristosii wajjin samiirratti ‘mootota’ hin taʼan. Namoonni hedduun, abdii Macaafa Qulqulluu tajaajiltoonni Waaqayyoo Kiristiyaanummaan hundeeffamuusaa dura turan qabanii wajjin wal fakkaatu qabu. Namoonni kun, lafa jannata taaturra barabaraaf jiraachuuf abdatu. Yeroo ammaattillee Waaqayyorraa kennaa jaalalarratti hundaaʼe argachuu, akkasumas lafarra jiraachuuf abdii qabaachuudhaan akka qajeelootti ilaalamuu dandaʼuu? Wanta Phaawulos warra Roomaatiif barreesserratti hundaaʼuudhaan eeyyee jechuun ni dandaʼama!
17, 18. (a) Abrahaam amantii inni qabuun Waaqayyo akkamitti isa ilaale? (b) Yihowaan Abrahaamiin akka qajeelaatti ilaaluu kan dandaʼe akkamitti?
17 Fakkeenyaaf Phaawulos, nama amantii kan ture Abrahaam isa Yihowaan Israaʼelootaaf seera kennuusaa, akkasumas Kiristos karaa jireenya samiitti geessu banuusaa yeroo dheeraa dura ture caqaseera. (Ibr. 10:19, 20) Macaafni Qulqulluun, “Abdiin Abrahaamiif yookiis sanyii isaatiif kenname, biyya lafaa akka dhaaluuf; kunis Abrahaam seera waan eegeef utuu hin taʼin, amantiidhaan qajeelummaa waan argateef isaaf kenname” jedha. (Rom. 4:13; Yaq. 2:23, 24) Kanaafuu, Waaqayyo Abrahaam isa amanamaa taʼe akka qajeelaatti ilaaleera.—Roomaa 4:20-22 dubbisi.
18 Kana jechuun garuu Abrahaam waggoota baayʼeedhaaf yommuu Yihowaa tajaajilu cubbuu hin qabu ture jechuu miti. Abrahaam qajeelaa kan jedhame cubbuurraa walaba waan taʼeef hin turre. (Rom. 3:10, 23) Taʼus, Waaqayyo ogummaasaa isa daangaa hin qabneen, amantii Abrahaam isa adda taʼeefi hojiisaa isa amantiisaa argisiisu xiyyeeffannaa keessa galcheera. Keessumaa Abrahaam “sanyii” abdachiifameefi karaa hidda dhalootaasaa dhufutti amaneera. Sanyiin sun Masiihicha ykn Kiristos ture. (Uma. 15:6; 22:15-18) Kanaan kan kaʼes, Waaqayyo inni abbaa firdii taʼe ‘furii Yesus Kristosirratti’ hundaaʼee cubbuu sana dura raawwatameef dhiifama gochuu dandaʼa. Kanaafuu, Abrahaamiin dabalatee namoonni amantii qabaniifi Kiristiyaanummaan hundeeffamuusaa dura turan duʼaa kaʼu.—Roomaa 3:24, 25 dubbisi; Far. 32:1, 2.
Yeroo Amma Ejjennoo Qajeelaa Qabaadhaa
19. Ilaalchi Waaqayyo Abrahaamiif qabu, namoota yeroo harʼaa jiran baayʼee kan jajjabeessu maaliifi?
19 Waaqni jaalalaa, Abrahaam qajeelaa akka taʼetti lakkaaʼuunsaa, Kiristiyaanota yeroo harʼaa jiran ni jajjabeessa. Yihowaan qajeelaa akka taʼetti kan isa lakkaaʼe akka warra hafuuraan dibeefi ‘waan Kiristos argatu hundumaa isaa wajjin argataniitti’ hin turre. Gareen namoota lakkoofsisaanii murtaaʼe kanaa, ‘akka qulqullaaʼaniif kan waamaman’ siʼa taʼu, “ilmaan Waaqayyoo” akka taʼanitti fudhatamaniiru. (Rom. 1:7; 8:14, 17, 33) Karaa gara biraammoo, Abraham “michuu Waaqayyoo” kan jedhame siʼa taʼu, kunis utuu aarsaan furii hin dhihaatin dura ture. (Yaq. 2:23, hiika bara 1899; Isa. 41:8, hiika bara 1899) Waaʼee Kiristiyaanota dhugaa lafa deebitee Jannata taaturra jiraachuuf abdataniihoo maal jechuutu dandaʼama?
20. Waaqayyo akkuma Abrahaamiin ilaale namoota yeroo harʼaa akka qajeelootti ilaalurraa maal eega?
20 Namoonni kun samiirra jiraachuuf “qajeelummaa” “karaa furii Yesus Kristos tola . . . kenname” hin fudhanne. (Rom. 3:24; 5:15, 17) Taʼus, Waaqayyoofi qophiiwwansaarratti amantii cimaa qabu, akkasumas amantiisaanii hojii gaariidhaan argisiisu. Hojii akkasii keessaa tokko, ‘mootummaa Waaqayyoo lallabuufi waaʼee Yesus Kristos gooftichaa barsiisuudha.’ (HoE. 28:31) Kanaafuu, Yihowaan akkuma Abrahaamiin ilaale namoota kanas akka qajeelootti ilaaluu dandaʼa. Kennaan namoonni kun argatan, jechuunis michuu Waaqayyoo taʼuun, “kennaa tolaa” dibamtoonni argatanirraa addadha. Taʼus, kennaa kana galateeffannaa guddaadhaan akka fudhatan hin shakkisiisu.
21. Jaalalaafi murtoo qajeelaa Yihowaarraa faayidaawwan akkamii argamaniiru?
21 Barabaraaf lafarra jiraachuuf kan abdattu yoo taʼe, carraa kana namni mootii taʼe tokko akka tasaa akka sii hin kennine hubachuu qabda. Kanaa mannaa, kaayyoo Gooftaa Uumama Cufaa ogummaarratti hundaaʼe kan argisiisuudha. Yihowaan kaayyoosaa galmaan gaʼuuf irraa jalaan tarkaanfiiwwan fudhateera. Tarkaanfiiwwan kun murtoo qajeelaa wajjin kan walsimanidha. Akkasumas, jaalala Waaqayyoo isa guddaa kan calaqqisanidha. Kanaan kan kaʼes Phaawulos, “Waaqayyo garuu, utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kristos nuuf duʼuu isaatiin hammam akka nu jaallate in argisiisa” jechuu dandaʼeera.—Rom. 5:8.
[Miiljalee]
a Fakkeenyaaf, yaada kana ilaalchisee, Masaraa Eegumsaa, Bitootessa 15, 2000, fuula 4 keeyyata, 4; (Amaariffa) akkasumas, kitaaba Insaayit oon za Iskiriipcharsi jedhamu jildii 2, fuula 736, keeyyata 4fi 5 ilaali. (Ingiliffa)
Ni Yaadattaa?
• Ijoolleen Addaam maal dhaalan? Kunoo maal geessise?
• Furiin wal gitu kan dhihaate akkamitti? Kan wal gituhoo akkamitti?
• Kennaan qajeelummaatti geeffamuudhaan argamu abdii akkamii sii argamsiiseera?
[Fakkii fuula 13rra jiru]
Namni mudaa hin qabne Addaam cubbuu hojjete. Namni mudaa hin qabne Yesus “furii wal gitu” dhiheesse!
[Fakkii fuula 15rra jiru]
Karaa Yesus qajeelummaa argachuu dandaʼuun keenya misraachoo guddaadha!