Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Bitootessa 2021
BITOOTESSA 1-7
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LAKKOOFSA 7-8
“Barumsa Buufata Israaʼel Irraa Argannu”
it-1-E 497 key. 3
Gumii
Israaʼel keessatti namoonni itti gaafatamummaa qaban yeroo baayʼee sabicha bakka buʼanii hojii raawwatan qabu turan. (Iz 10:14) “Ajajjoonni gosootaa” yeroo godoon qulqulluun dhaabamee xumurametti kennaa dhiheessanii turan. (Lak 7:1-11) Kana malees, bara Nahimiyaatti luboonni, Leewwonnii fi ‘dura buutonni sabichaa’ sabicha bakka buʼuudhaan “waliigaltee cimaa” chaappaadhaan raggaasisanii turan. (Nah 9:38–10:27) Israaʼelonni yeroo lafa onaa keessa deemaa turanitti, namoonni “ajajjoota yaaʼichaa taʼan, [warri] gumicha keessaa filatamanii fi beekamoo taʼan” 250ni Qoraa, Daataan, Abiraamii fi Oon wajjin taʼuudhaan Musee fi Aaron irratti kaʼanii turan. (Lak 16:1-3) Museen baʼaa sabichaa kophaa isaa baachuu waan hin dandeenyeef, “baʼaa sabichaa baachuu irratti” akka isa gargaaraniif qajeelfama Waaqayyoo hordofuudhaan jaarsolii Israaʼel dura buutota taʼan 70 filateera. (Lak 11:16, 17, 24, 25) Leewwonni 4:15 waaʼee ‘jaarsolii yaaʼichaa’ dubbata; haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti bakka buutonni sabichaa jaarsolii, dura buutota, abbootii murtii fi ajajjoota sabichaa turan.—Lak 1:4, 16; Iya 23:2; 24:1.
it-2-E 796 key. 1
Ruuben
Buufata Israaʼel keessa, buufanni Ruubenotaa Simiʼoonii fi Gaad gidduutti argama ture; godoo qulqulluu irraa kallattii kibbaatiin jira ture. Yeroo iddoodhaa gara iddootti deemaa turanitti gareen Ruuben inni gosoota sadi qabate garee gosoota Yihudaa, Yisaakorii fi Zaabiloon qabateetti aanee deema ture. (Lak 2:10-16; 10:14-20) Guyyaa godoo qulqulluun eebbifamettis kennaa isaanii kan dhiheessan akkuma kanaan ture.—Lak 7:1, 2, 10-47.
w04-AM 8/1 25 key. 1
Yaada Ijoo Kitaaba Lakkoofsaa
8:25, 26. Tajaajilli Leewwotaa akka gaariitti akka raawwatamuuf, akkasumas umurii isaaniitiin kan kaʼe isaaniif yaaduudhaan, namoonni dullooman tajaajila dirqamaa irraa sooroma akka baʼan ajajamee ture. Haa taʼu malee, fedhiidhaan kakaʼanii Leewwota kaan gargaaruu dandaʼu turan. Yeroo harʼaatti, hojii ergaa Mootummichaa lallabuu irraa sooroma kan hin baane taʼus, dhugaan buʼuuraa seera kana duuba jiru nuufis barumsa guddaa qabateera. Kiristiyaanni tokko dullumaan kan kaʼe itti gaafatamummaa tokko tokko raawwachuu hin dandaʼu taanaan, tajaajila humni isaa isaaf heyyamu irratti hirmaachuu dandaʼa.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-1-E 835
Angafa, kan Jalqaba Dhalate
Israaʼel keessatti ilmaan angafaa dura buutota maatiiwwanii waan taʼaniif, guutummaa sabichaa bakka buʼu turan. Yihowaan guutummaa sabichaa “ilma koo isa angafaa” jedhee waameera; kakuu inni Abrahaamii wajjin galeen kan kaʼe sabni Israaʼel saba angafaa isaaf taʼeera. (Bau 4:22) Yihowaan lubbuu isaanii waan isaaniif oolcheef, ajaja akkana jedhu isaaniif kenneera: “Israaʼelota gidduudhaa dhiira angafa taʼe hundumaa anaaf qulqulleessi. Nama keessaas taʼe horii keessaa dhiirri jalqaba dhalatu kan koo ti.” (Bau 13:2) Kanaafuu, ilmaan angafaa hundi Waaqayyoof kennamu turan.
BITOOTESSA 8-14
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LAKKOOFSA 9-10
“Yihowaan Saba Isaa kan Geggeessu Akkamitti?”
it-1-E 398 key. 3
Buufata
Buufanni guddaan kun iddoodhaa gara iddootti yeroo sochoʼu (Museen Lakkoofsa 33 irratti iddoowwan itti buufatan gara 40 caqaseera) sabichi karaa dinqisiisaa taʼeen akka gurmaaʼe arguu dandeenya. Duumessichi yeroo godoo qulqulluu irra turutti, isaanis bakkuma buufatan ni turu. Yommuu duumessichi kaʼutti garuu, isaanis kaʼanii deemu turan. “Ajaja Yihowaatiin kaʼanii deemu, ajaja Yihowaatiin ni buufatu turan.” (Lak 9:15-23) Guutummaa buufatichaatiif ajaja Yihowaa kana dabarsuuf malakata meetii tumame irraa tolfame lamatti fayyadamu turan. (Lak 10:2, 5, 6) Buufatichi kaʼee akka deemu mallattoo kennuuf sagaleen malakataa adda taʼee fi jijijjiiramu ni dhageessifama ture. Yeroo jalqabaatiif kun kan taʼe, “waggaa lammaffaatti [Dh.K.D. 1512], waggicha keessaa jiʼa isa lammaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa 20ffaatti” ture. Taabonni kakuu hunduma isaanii dura buʼee erga deemee booda, gareen gosoota sadi qabate inni jalqabaa inni Yihudaadhaan geggeeffamu ni kaʼa ture; garee kana keessaa jalqaba kan sochoʼu gosa Yihudaa, achiis gosa Yisaakor, achi immoo gosa Zaabiloon ture. Geershononnii fi Meraaronni immoo miʼawwan godoo qulqulluu isaaniif ramadame baatanii isaan duukaa buʼu turan. Itti aansuudhaan gareen gosoota sadi qabate inni Ruubeniin geggeeffamu ni kaʼa ture; garee kana keessaa jalqaba kan sochoʼu gosa Ruuben, achiis gosa Simiʼoonii fi Gaad turan. Isaan booda immoo Qehaatonni miʼawwan iddoo qulqulluu baatanii kaʼu turan; sana booda gareen gosoota sadi qabate inni Efreemiin geggeeffamu ni kaʼa ture; garee kana keessaa jalqaba kan sochoʼu gosa Efreem, achiis gosa Minaasee fi Biiniyaam turan. Dhuma irratti, duubaan gareen Daaniin geggeeffamu ni kaʼa ture; isaa wajjin gosti Asheerii fi Niftaalem ni kaʼu turan. Akka kanaan gareewwan lakkoofsa guddaa qabanii fi ciccimoo taʼan fuulduraa fi duubaan taʼu turan.—Lak 10:11-28.
Waaqayyo Nu Geggeessaa Akka Jiru Ni Hubattaa?
Qajeelfama Waaqayyo kennu akka dinqisiifannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Phaawulos ergamaan, ‘Geggeessitoota keessaniif abboomamaa, karaas kennaafii’ jedheera. (Ibr. 13:17) Kana gochuun yeroo hundumaa salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf: Mee bakka nama Israaʼel bara Musee ture tokkoo of kaaʼi. Deemaa erga turtee booda, utubichi ni dhaabate haa jennu. Bakka dhaabate sana hammam tura? Guyyaa tokkoo? Torban tokkoo? Moo jiʼoota hedduudhaafi? ‘Baʼaakoo hunda hiikuun qabaa laata?’ jettee yaadda taʼa. Dura miʼa baayʼee barbaachisaa taʼe qofa hiikta taʼa. Garuu, guyyoota muraasa booda waan tokko argachuuf miʼa sakattaʼuun waan si nuffisiiseef, waan hundumaa hiikta. Yeroo waan hundumaa hiiktee raawwatte kanattimmoo, utubichi sochoʼuusaa argita; achiis, deebitee miʼakee walitti qabuu jalqabda! Kun salphaa ykn kan namatti tolu miti. Taʼus, Israaʼeloonni ‘yeruma sana kaʼanii adeemuu,’ [NW] qabu turan.—Lak. 9:17, 22.
Waaqayyo biraa qajeelfamni ennaa nuu kennamu deebii akkamii kennina? “Yeruma sana” hojiirra oolchuuf ni yaallaa? Moo wanta tokko karuma barreen raawwachuu keenya itti fufna? Qajeelfamawwan waaʼee qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuu, namoota afaan biyya alaa dubbataniif lallabuu, yeroo hundumaa waaqeffannaa maatiirratti hirmaachuu, wanta Koreen Hospitaalaan Wal Qunnamsiisu gaafatu raawwachuufi walgaʼiiwwan koonyaarratti sabrii qabaachuu ilaalchisee kennaman dabalatee, qajeelfamawwan yeroo yeroodhaan baʼan ni beeknaa? Gorsa fudhachuudhaanis qajeelfama Waaqayyoo akka dinqisiifannu ni argisiisna. Murtoo guddaa gochuun yeroo nu barbaachisu, ogummaa keenyatti amanamuu mannaa qajeelfama Yihowaafi jaarmiyaasaa barbaanna. Akkuma mucaan xinnoon tokko yeroo obomboleettiin dhufu warrasaatti fiigee jalaa baqatu, rakkoowwan akka obomboleettii biyya lafaarra jiran yeroo nu rukutan, jaarmiyaa Yihowaarraa eegumsa argachuu barbaanna.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-1-E 199 key. 3
Yaaʼii
Barbaachisummaa Walitti Qabamuu. Yihowaan sabni isaa karaa hafuuraa faayidaa akka argataniif akka walitti qabaman qophii kan godhe yeroo taʼu, qophii kana irraa guutummaatti fayyadamuun barbaachisaa dha; haalli kun Ayyaana Faasikaa isa waggaa waggaadhaan kabajamuu wajjin wal qabsiifamee ibsameera. Dhiirri qulqulluu taʼee fi karaa hin deemne kam iyyuu Ayyaana Faasikaa yoo kabajuu baate ni ajjeefama ture. (Lak 9:9-14) Hisqiyaas Mootichi jiraattota Yihudaa fi Israaʼel Ayyaana Faasikaatiif gara Yerusaalem waamee ture; ergaa isaa keessaa muraasni isaa akkana jedha: ‘Yaa namoota Israaʼel, gara Yihowaatti deebiʼaa. Akka abbootii keessaniitti mata jabeeyyii hin taʼinaa. Dheekkamsi isaa inni bobaʼaan akka isin irraa deebiʼuuf, Yihowaadhaaf ajajamaa; akkasumas gara iddoo qulqulluu isaa isa inni bara baraaf qulqulleessetti kottaatii Waaqa keessan Yihowaa tajaajilaa. Waaqni keessan Yihowaan gara laafessaa fi araara qabeessa waan taʼeef, isin gara isaatti yoo deebitan inni fuula isaa isin irraa hin deebisu.’ (2Se 30:6-9) Namni taʼe jedhee ayyaanicha irraa hafu Waaqayyoon akka dhiise argisiisa ture. Kiristiyaanonni ayyaanota kan akka Faasikaa jiran kan hin kabajne taʼus, Phaawulos sabni Waaqayyoo walitti qabamuu isaanii akka hin dhiisne gorsa kenneera; akkana jedheera: “Jaalalaa fi hojii gaariidhaaf wal kakaasuuf, xiyyeeffannaa waliif haa kenninu; akka namoonni tokko tokko barsiifata godhatan walitti qabamuu keenya hin dhiisnu; kanaa mannaa, guyyichi dhihaachuu isaa yommuu arginu isa duraa caalaa wal haa jajjabeessinu.”—Ibr 10:24, 25; GUMII (CONGREGATION) isa jedhu ilaali.
BITOOTESSA 15-21
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LAKKOOFSA 11-12
“Gungumuu Irraa Fagaachuu kan Qabnu Maaliifi?”
w01-AM 6/15 17 key. 20
Nama Dhagaʼee Irraanfatu hin Taʼinaa
20 Kiristiyaanonni hedduun qorumsa halalummaatiif matumaa moʼamanii hin beekan. Taʼus, daandii gungumuu Waaqayyo biratti fudhatama nu dhabsiisu akka hin hordofne of eeggachuun nu barbaachisa. Phaawulos gorsa akkana jedhu nuu kenneera: “Akkuma isaan [Israaʼelota] keessaa tokko tokko isa qoranii bofaan balleeffaman, nutis Yihowaa qoruu irraa haa fagaannu. Akkuma isaan keessaa tokko tokko gungumanii isa balleessu sanaan balleeffaman, isinis hin gunguminaa.” (1 Qorontos 10:9, 10) Israaʼelonni mannaa isa dinqiidhaan isaaniif kenname ilaalchisee Musee fi Aaron irratti, darbees Yihowaa irratti gungumaniiru. (Lakkoofsa 16:41; 21:5) Yihowaan yeroo gunguman caalaa yeroo halalummaa raawwatanitti dheekkamee? Kitaabni Qulqulluun namoonni gunguman hedduun bofaan akka ajjeefaman dubbata. (Lakkoofsa 21:6) Jalqaba irratti finciltoonni gunguman 14,700 ol taʼan balleeffamaniiru. (Lakkoofsa 16:49) Kanaafuu, qophii Yihowaan nuuf godheef kabaja dhabuudhaan obsa isaa akka hin qorre of haa eeggannu.
‘Guungumuurraa Fagaadhaa’
7 Ilaalchi Israaʼelootaa baayʼee jijjiiramee ture! Jalqaba yommuu Yihowaan garbummaa biyya Gibxii jalaa isaan baaseefi haala dinqii taʼeen Galaana Diimaa isaan ceesise, galatasaanii faarfannaadhaan ibsanii turan. (Baʼuu 15:1-21) Haataʼu malee, lafa onaa keessatti rakkoon waan isaan mudateefi Kanaʼaanota waan sodaataniif galanni isaan qaban gara mufachuutti geddarame. Birmadummaa argataniif Waaqayyoon galateeffachuu mannaa, akka inni waan isaan barbaachisu isaan dhowwatetti karaa sirrii hin taaneen isa ceephaʼaniiru. Guungumuunsaanii qophii Yihowaan isaaniif godheef dinqisiifannaa akka hin qabne argisiisa. Yihowaan: “Hamma yoomiittan waldaa jalʼaa ana irratti guungumu kanaaf obsa?” jedhee dubbachuunsaa homaa nama hin dinqisiisu.—Lakkoobsa 14:27; 21:5.
it-2-E 719 key. 4
Lola
Gungumuu. Gungumuun abdii nama kutachiisa, akkasumas amantii balleessa. Israaʼelonni Gibxiidhaa baʼanii utuu baayʼee hin turin, akkaataa inni tajaajiltoota isaa Musee fi Aaronitti fayyadamee isaan geggeessaa ture irratti dogoggora funaanuudhaan Yihowaa irratti gungumaniiru. (Bau 16:2, 7) Booda Museen komii isaanii kanaan kan kaʼe abdii waan kutateef, hamma akka duʼu gaafatutti illee gaʼee ture. (Lak 11:13-15) Gungumuun namoota gunguman irrattis duʼa fiduu dandaʼa. Yihowaan wanta namoonni gunguman sun waaʼee Musee dubbatan, bulchiinsa isaa irratti finciluu isaanii kan argisiisu akka taʼetti ilaaleera. (Lak 14:26-30) Namoonni hedduun dogoggora kan funaanan taʼuu isaaniitiin kan kaʼe lubbuu isaanii dhabaniiru.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-2-E 309
Mannaa
Bifa Isaa. Mannaan “akkuma firii dimbilaalaa adii ture,” “bifti isaas” haphee urgaaʼuu fi wanta akka callee calaqqisuu fakkaata ture. Dhandhamni isaa “akka bixxillee dammaan tolfamee” ykn “bixxillee miʼaawaa zayitiidhaan tolfamee” ture. Dhagaa daakuutiin erga daakamee ykn mooyyeetti erga tumamee booda ni affeelama ykn akka bixxilleetti tolfama ture.—Bau 16:23, 31; Lak 11:7, 8.
BITOOTESSA 22-28
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LAKKOOFSA 13-14
“Amantiin Ija Jabeeyyii kan Nu Godhu Akkamitti?”
Amantaafi Waaqayyoon Sodaachuun Ija Jabaachuuf Nu Gargaara
5 Haataʼu malee, gaaddonni lamaan jechuunis Iyaasuufi Kaaleb Biyyattii Abdachiifamtetti galuuf hawwanii turan. Akkas jedhan: “Namoota biyya sanaa akkuma buddeena keenyaatti isaan in alalfanna! Gaaddisi isaanii isaan irraa sokkeera, nuu wajjin garuu Waaqayyotu jira, kanaaf isaan hin sodaatinaa.” (Lakkoobsa 14:9) Iyaasuufi Kaaleb akkasumaan hawwiisaanii dubbachuusaanii turee? Matumaa! Saba Israaʼel warra hafanii wajjin taʼuudhaan, Yihowaan gurguddootaafi waaqolii Gibxii Dhaʼicha Kudhan itti fiduudhaan yeroo isaan qaanessu arganiiru. Yihowaan Faraʼooniifi maccasaa Galaana Diimaatti isaan naquusaas arganiiru. (Faarfannaa 136:15) Kanaafuu, gaaddonni kurnan sodaataniifi namoonni sodaasaaniitiin moʼaman balleessaansaanii akka irra hin darbamneef beekamaadha. Yihowaanis gadda guddaa isatti dhagaʼame yeroo ibsu akkas jedheera: “Jarri kun hamma yoomiitti na tuffatu? Utuma ani isaan gidduutti milikkita garaa garaa argisiisaa jiruu, hamma yoomiitti anatti amanuu didu?”—Lakkoobsa 14:11.
6 Yihowaan, rakkoo kana kan fide namoonni sun sodaadhaan amantaa dhabuusaanii taʼuusaa hubateera. Dhugumayyuu, amantaafi ija jabinni walitti dhufeenya kan qaban taʼuusaa ilaalchisee Yohannis ergamaan waaʼee waraana hafuuraa gumii Kiristiyaanaa yeroo dubbatu: “Humni ittiin biyyi lafaa moʼamu kunis amantaa keenya” jedheera. (1 Yohannis 5:4) Yeroo harʼaa Dhugaa Baatonni Yihowaa ijoolleefi maanguddoota, akkasumas ciccimoofi dadhaboo taʼan kan miliyoona jaʼaa ol taʼan, addunyaa maratti misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuudhaan amantaa akka Iyaasuufi Kaaleb akka qaban argisiisaniiru. Diinni kamiyyuu macca ija jabeessaafi cimaa taʼe kana cal jechisiisuu hin dandaʼu.—Roomaa 8:31.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-1-E 740
Biyya Waaqayyo Israaʼeliif Kenne
BIYYI Waaqayyo Israaʼeliif kenne dhuguma iyyuu biyya gaarii turte. Yeroo Museen Biyyattii Abdachiifamte akka basaasanii fi oomisha biyyattii keessaa muraasa akka fidaniif basaastota dursee ergetti, basaastonni sun harbuu, romaanii, akkasumas damee firii wayinii walitti tuutaʼe qabuu fi namoota lamaan uleedhaan baatamu tokko fidan! Amantii dhabuu isaaniitiin kan kaʼe yeroo deebiʼanitti sodaatanii kan turan taʼus, “[Biyyattiin] dhugumaan biyya aannanii fi damma maddisiistu dha” jedhaniiru.—Lak 13:23, 27.
BITOOTESSA 29–EBLA 4
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LAKKOOFSA 15-16
“Kooruu fi Garmalee Ofitti Amanamuu Irraa Of Eegaa”
Yihowaa Biratti Ni Beekamtaa?
12 Haataʼu malee, sabni Israaʼel gara Biyyattii Abdachiifamteetti adeemaa yommuu turetti, Qoraahi akkaataan sabichi itti geggeeffamaa jiru sirrii akka hin taane yaaduu jalqabe. Achiis geggeessitoonni 250 taʼan kaan jijjiirama fiduuf Qoraahi cinaa hiriiran. Qoraahiifi namoonni sun Yihowaa wajjin walitti dhufeenya akka qaban isaanitti dhagaʼamee ture. Museedhaan, “Isin amma dubbii baayʼiftaniittu! Waldaan guutummaatti, warri waldicha keessa jiranis hundinuu qullaaʼoo dha, Waaqayyos isaanii wajjin jira” jedhan. (Lak. 16:1-3) Kun garmalee akka ofitti amananiifi koora guddaa akka qaban kan argisiisudha. Museenis, “Waaqayyo warra kan isaa taʼan . . . in argisiisa” jedhee isaanitti dubbate. (Lakkoobsa 16:5 dubbisi.) Buleesaa galgala Qoraahiifi namoonni fincila sanarratti isa deggeran hundi duʼaniiru.—Lak. 16:31-35.
Yihowaa Biratti Ni Beekamtaa?
11 Kabajni Museefi Qoraahi qophii Yihowaatiifi murtoosaatiif qaban garaagaraa ture. Wanti isaan godhan ilaalcha Yihowaan isaaniif qaburratti jijjiirama fideera. Qoraahi sanyii Lewwii miseensa maatii Qehaat siʼa taʼu, mirgawwan hedduu, jechuunis yeroo sabichi Galaana Diimaa ceʼuudhaan badiisarraa oole arguu, yommuu Yihowaan Tulluu Siinaarratti namoota abboomamuu didan adabe deggeruufi saanduqa kakuu baachuu dabalatan kan qabu taʼuu hin oolu. (Bau. 32:26-29; Lak. 3:30, 31) Qoraahi waggoota dheeraadhaaf amanamummaadhaan Yihowaa taajilaa waan tureef, namoota Israaʼel hedduu biratti iddoo guddaa kan qabu taʼuu hin oolu.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w98-AM 9/1 20 key. 1-2
Wantoota Dursi Kennamuufii Qabuuf Dursa Akka Kennitan Mirkanaaʼoo Taʼaa!
Yihowaan dhimma kana akka laayyootti hin ilaalle. Kitaabni Qulqulluun “Yihowaanis Museedhaan, ‘Namichi mamii tokko malee haa ajjeefamu . . . ’ jedhe” jedha. (Lakkoofsa 15:35) Yihowaan gochi namichi kun raawwate balleessaa cimaa akka taʼetti kan ilaale maaliifi?
Sabichi guyyoota qoraan funaannachuus taʼe, nyaata, uffannaa fi mana jireenyaa wajjin haala wal qabateen wantoota hojjechuun isaan barbaachisu itti hojjetan jaʼa qabu turan. Guyyaa torbaffaa wanta karaa hafuuraa isaan barbaachisu guuttachuuf oolchuu qabu turan. Qoraan funaannachuun dogoggora taʼuu baatus, yeroo waaqeffannaa Yihowaatiif ooluu qabutti fayyadamanii hojii kana hojjechuun garuu dogoggora ture. Kiristiyaanonni Seera Musee jala taʼuu baatanis, haalli kun wanta yeroo harʼaatti dursa kennuufii qabnu ilaalchisee barumsa gaarii qabateera.—Filiphisiyus 1:10.
EBLA 5-11
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LAKKOOFSA 17-19
“Ani . . . Dhaala Kee Ti”
Yihowaan Gaʼaakee Akka Taʼu Gochaa Jirtaa?
9 Lewwoota warra lafti akka dhaalaatti hin kennamneef yaadaa. Hunda caalaa waaqeffannaa qulqulluurratti waan xiyyeeffataniif, wanta jireenyaaf isaan barbaachisu argachuuf Yihowaa isa ‘gaʼaankee ana’ isaaniin jedhetti amanamuu qabu turan. (Lak. 18:20) Akka lubootaafi Lewwootaa mana qulqullummaa keessa kan hin tajaajille taʼus, Yihowaan wanta jireenyaaf nu barbaachisu akka nuu kennu isatti amanamuudhaan fakkeenyasaanii hordofuu dandeenya. Guyyoota gara dhumaa xumuramuu jala gaʼan keessa yommuu jirru kanatti, humna Waaqayyo wanta jireenyaaf nu barbaachisu nuu kennuuf qabutti amanamuun baayʼee barbaachisaadha.—Mul. 13:17.
Yihowaan Gaʼaa Kooti!
4 Hojii sana hojjechuun Lewwootaaf hiika maalii qaba ture? Yihowaan, lafa akka dhaalaatti kennuufii mannaa, mirga guddaa hadaraadhaan isaanii kennuudhaan gaʼaasaanii akka taʼe dubbachuusaa ture. Dhaallisaanii ‘luboota Waaqayyoo taʼuu’ ture. (Iya. 18:7) Yaanni naannoo Lakkoobsa 18:20rra jiru akka argisiisutti, kun wanta jireenyaaf isaan barbaachisu kan isaan dhabsiisu hin turre. (Lakkoobsa 18:19, 21, 24 dubbisi.) Lewwoonni, “hojii waan hojjetaniif, kudhan keessaa tokko waan Israaʼeloonni fidan hundumaa” fudhatu turan. Wanta Israaʼeloonni oomishan harka kudhan keessaa tokko, akkasumas horii manaa dabalataan argatan kudhan keessaa tokko Lewwootaaf kennamuu qaba ture. Lewwoonnis wanta fudhatan “isa hundumaa caaluu” harka kudhan keessaa tokko lubootaaf kennuu qabu turan. (Lak. 18:25-29) Luboonni wanta Israaʼeloonni iddoo waaqeffannaa Waaqayyootti fidan keessaa, ‘wanta qullaaʼaa Israaʼeloonni Waaqayyoof addaan baasan hundumaa keessaa’ fudhachuu qabu turan. Kanaaf, luboonni Yihowaan wanta jireenyaaf isaan barbaachisu akka isaanii kennu amanuuf sababii gaʼaa qabu turan.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
g02-AM 7/8 20 key. 2
Soogidda—Wanta Gatii Guddaa Qabu
Soogiddi mallattoo wanta amansiisaa fi dhaabbataa taʼe akka taʼettis ni ilaalama ture. Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluu keessatti kakuun hin jijjiiramne, “kakuu soogiddaa” jedhamee waamameera; yeroo baayʼee namoonni kakuu waliif galan kakuu isaanii raggaasisuuf, waliin taʼanii nyaata soogiddi itti dabalame nyaatu turan. (Lakkoofsa 18:19) Seera Musee jalatti aarsaawwan iddoo aarsaa irratti dhihaatanittis soogiddi ni dabalama ture; kun mancaʼuu fi tortoruu irraa bilisa taʼuu kan argisiisu akka taʼe hin shakkisiisu.
EBLA 12-18
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LAKKOOFSA 20-21
“Yeroo Qoramtanitti Garraamummaa Keessan Eeggadhaa”
Garraamummaa Barbaaduudhaan Yihowaa Gammachiisaa
19 Dogoggora raawwachuu irraa fagaanna. Mee ammas waaʼee Musee yaadaa. Waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif garraamii taʼee jiraateera, akkasumas Yihowaa gammachiiseera. Achiis adeemsi waggaa 40f lafa onaa keessatti gochaa turan xumuramuu jala yeroo gaʼutti Museen garraamii utuu hin taʼin hafeera. Obboleettiin isaa ishiin Gibxiitti lubbuu isaa oolchite kan duutee fi Qaadeshitti kan awwaalamte dhiheenyatti taʼuu hin oolu. Kana malees Israaʼeloonni ammas haala sirrii taʼeen kunuunfamaa akka hin jirre irra deddeebiʼanii dubbachaa jiru. Yeroo kanatti bishaan waan dhabaniif ‘Musee lolaa’ turan. Yihowaan karaa Musee dinqiiwwan hedduu kan raawwatee fi Museen yeroo dheeraadhaaf karaa fedhii ofittummaa irraa walaba taʼeen sabicha geggeessaa kan ture taʼus sabichi gungumuu isaa hin dhiisne. Kan gunguman bishaan waan dhabaniif qofa utuu hin taʼin, kan dheebotan sababii isaatiin akka taʼe waan yaadaniif Musee irrattis gungumanii turan.—Lak. 20:1-5, 9-11.
Garraamummaa Barbaaduudhaan Yihowaa Gammachiisaa
20 Museen baayʼee aaree waan tureef, garraamummaa isaa dhabeera. Akkuma Yihowaan isa ajajee turetti amantiidhaan kattaa sanatti dubbachuu mannaa, Museen aarii guddaadhaan sabichatti dubbachuudhaan ofii isaatiif ulfina kenneera. Achiis, kattaa sana siʼa lama yommuu rukutu bishaan keessaa burquu jalqabe. Of tuulummaa fi aariin dogoggora cimaa akka raawwatu isa taasiseera. (Far. 106:32, 33) Museen yeroo muraasaaf garraamummaa dhabuu isaatiin kan kaʼe, Biyyatti Abdachiifamtetti akka hin galle dhowwameera.—Lak. 20: 12.
21 Fakkeenya Musee irraa barumsa guddaa arganna. Tokkoffaa, garraamota taanee jiraachuuf carraaqqii wal irraa hin cinne gochuu qabna. Yeroo muraasaaf illee garraamota taʼuu yoo daganne, of tuulummaan nutti deebiʼee, dubbii gowwummaa akka dubbannuu fi gocha gowwummaa akka raawwannu nu taasisuu dandaʼa. Lammaffaa, dhiphinni nu laaffisuu waan dandaʼuuf, haala rakkisaa keessatti illee garraamota taanee itti fufuuf carraaqqii gochuu qabna.
w09-AM 9/1 19 key. 5
Abbaa Murtii Wanta Sirrii Taʼeef Dhaabbatu
Tokkoffaa, Waaqayyoo Museen sabichaan finciltoota jechuu mitii akka isaanitti dubbatu iyyuu isaaf hin heyyamne. Lammaffaa, Musee fi Aaron Waaqayyoof ulfina utuu hin kennin hafaniiru. Waaqayyo, “Isin . . . na hin qulqulleessine” isaaniin jedheera. (Lakkoofsa 12) Museen, “Nuti . . . bishaan isiniif baasuu qabnaa?” jechuudhaan Waaqayyo utuu hin taʼin, akka waan innii fi Aaron dinqiidhaan bishaan isaaniif kennanitti dubbateera. Sadaffaa, murtiin kun murtiiwwan kanaan dura godhamanii wajjin kan wal simu dha. Waaqayyo jalqaba irratti dhaloota finciltoota taʼan sana biyya Kanaʼaanitti akka hin galle dhowwee ture; Musee fi Aaron wajjin haala wal qabateenis akkanuma godhe. (Lakkoofsa 14:22, 23) Arfaffaa, Musee fi Aaron geggeessitoota Israaʼel turan. Waaqayyo namoota itti gaafatamummaa hedduun kennameef irraa waan hedduu eega.—Luqaas 12:48.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
Dadhabina Namootaatiif Ilaalcha Akka Yihowaa Qabduu?
12 Yihowaan, wanta Aaron godhe kana hundaaf yeruma sana isa adabuu ni dandaʼa ture. Haataʼu malee, Aaron nama hamaa akka hin taanee hubatee ture. Aaron dhiibbaan warri kaan isarraan geessisan wanta gaarii hojjechuurraa akka isa deebisu heyyameera. Haataʼu malee, cubbuu hojjete kan amane siʼa taʼu, gorsa Yihowaan isaaf kennes fudhateera. (Bau. 32:26; Lak. 12:11; 20:23-27) Yihowaan amantiifi fedhii Aaron qalbii geddarachuuf qaburratti xiyyeeffate. Jaarraa hedduu boodallee Aaroniifi sanyiinsaa namoota Yihowaa sodaatan akka taʼanitti yaadatamu turan.—Far. 115:10-12; 135:19, 20.
EBLA 19-25
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LAKKOOFSA 22-24
“Yihowaan Abaarsa Gara Eebbaatti Jijjiira”
bt-AM 53 key. 5
“Misiraachoo Waaʼee Yesuus Ibsu” Labsuu
5 Akkuma jaarraa jalqabaatti ture, yeroo harʼaattis ariʼatamni saba Waaqayyoo irra gaʼu hojii lallabaa isaanii hin dhaabsisne. Yeroodhaa gara yerootti, Kiristiyaanonni iddoo tokkoo gara iddoo kan biraatti akka deeman, mana hidhaas taʼe biyya kan biraatti akka galan gochuun, ergaa mootummichaa bakka haaraatti beeksisuuf gargaarsa guddaa godheera. Fakkeenyaaf, yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti, Dhugaa Baatonni Yihowaa manneen hidhaa Naazii keessatti karaa dinqisiisaa taʼeen lallabuu dandaʼaniiru. Namichi Yihudii achitti Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin wal argee ture tokko akkana jedheera: “Ciminni hidhamtoonni Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan qaban, amantiin isaanii Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe akka taʼe waan naa mirkaneesseef, anumti iyyuu Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼeera.”
it-2-E 291
Maraatummaa
Yihowaa Mormuun Maraatummaa Dha. Balaʼaam raajichi maallaqa Baalaaq mootii Moʼaab irraa argachuu waan hawweef, gowwummaadhaan Israaʼel irratti raajii dubbachuu barbaadee ture; taʼus, Yihowaan carraaqqii isaa jalaa fashaleesseera. Pheexiros ergamaan waaʼee Balaʼaam, “Harreen dubbachuu hin dandeenye afaan namaatiin dubbattee deemsa maraatummaa raajichaa ittisteetti” jedhee barreesseera. Ergamaan kun maraatummaa Balaʼaam ibsuuf, jecha Afaan Giriikii paaraafroniyaa (pa·ra·phro·niʹa) jedhutti fayyadameera; jechi kun ergaa, “sammuudhaa ala taʼuu” jedhu kan dabarsu dha.—2Ph 2:15, 16; Lak 22:26-31.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w04-AM 8/1 27 key. 3
Yaada Ijoo Kitaaba Lakkoofsaa
22:20-22—Dheekkamsi Yihowaa Balaʼaam irratti kan bobaʼe maaliifi? Yihowaan Israaʼelota abaaruu akka hin qabne Balaʼaam raajichatti himee ture. (Lakkoofsa 22:12) Haa taʼu malee, raajichi Israaʼeliin abaaruuf yaaduudhaan namoota Baalaaq ergee wajjin deemeera. Balaʼaam mootii Moʼaab gammachiisuu fi isa irraa badhaasa argachuu barbaadee ture. (2 Pheexiros 2:15, 16; Yihudaa 11) Balaʼaam yeroo Israaʼeliin abaaruu dhiisee akka eebbisu dirqisiifametti illee, mooticha biratti fudhatama argachuu waan barbaadeef, dubartoota Baʼaaliin waaqeffatanitti fayyadamuudhaan dhiirota Israaʼel dogoggorsuun akka dandaʼamu yaada kenneera. (Lakkoofsa 31:15, 16) Dheekkamsi Waaqayyoo Balaʼaam irratti kan bobaʼe, Balaʼaam miira sassataa toʼannaadhaa ala taʼe waan qabuufi.
EBLA 26–CAAMSAA 2
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LAKKOOFSA 25-26
“Namni Tokko Jijjiirama Fiduu Dandaʼaa?”
“Halalummaa Irraa Baqadhaa!”
NAMICHI qurxummii kiyyeessu tokko bakka gosa qurxummii qabuu barbaadu itti argachuu dandaʼu dhaqa. Wanta qurxummichi jaallatu filachuudhaan kiyyootti hidhee bishaanitti darbata. Achiis obsaan eega, yommuu qurxummichi nyaata sana afaan kaaʼatu, hokkoon kiyyichaa afaan qurxummichaa keessa waan seenuuf ofitti isa harkisee baasa.
2 Haaluma wal fakkaatuun, namoonnis kiyyoodhaan qabamuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, Israaʼeloonni yommuu Dirree Moʼaab irra buufatanii turanitti Biyyattii Abdachiifamtetti galuuf xiqqootu isaan hafa ture. Mootiin Moʼaab namichi maqaan isaa Balaʼaam jedhamu saba Israaʼel yoo isaaf abaare, qarshii hedduu akka isaaf kennu waadaa galeef. Boodas, Balaʼaam karaa itti Israaʼeloonni ofuma isaaniitiin abaarsa of irratti akka fidan gochuu dandaʼu argate. Wanta ittiin isaan gowwoomsu of eeggannoodhaan filate. Dhiirota Israaʼel akka hawwataniif shamarran Moʼaab gara buufata Israaʼelitti erge.—Lakkoofsa 22: 1-7; 31:15, 16; Mulʼata 2:14.
“Halalummaa Irraa Baqadhaa!”
4 Israaʼeloonni hedduun kiyyoo Balaʼaamiin kan qabaman maaliifi? Gammachuu ofii isaanii qofa yaadu turan, akkasumas wanta Yihowaan isaaniif godhe hunda irraanfatanii turan. Israaʼeloonni Waaqayyoof amanamoo taʼuuf sababii hedduu qabu turan. Garbummaa Gibxii jalaa bilisa isaan baaseera, lafa onaatti isaan sooreera, akkasumas gara daangaa Biyyattii Abdachiifamteetti nagaadhaan isaan fideera. (Ibroota 3:12) Taʼus, halalummaadhaan moʼamaniiru. Phaawulos ergamaan, “Akkuma isaan keessaa tokko tokko halalummaa raawwatanii . . . dhuman, nutis halalummaa raawwachuu irraa haa fagaannu” jechuudhaan barreesseera.—1 Qorontos 10:8.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-1-E 359 key. 1-2
Daangaa
Gosootaaf lafichi kan hihhiramu wantoota lama, jechuunis buʼaa carraa buusuudhaan argamuu fi baayʼina namootaa gosichi qabu irratti hundaaʼuudhaan ture. Carraan kan gargaaru iddoo tokkoon tokkoon gosaa dhaalan adda baafachuuf qofa ture; akka kanaan dhaalli isaanii lafa kallattii kaabaa ykn kibbaa, bahaa ykn dhihaa, akkasumas dirree qarqara galaanaatti argamu ykn naannoo gaarotaa taʼuu isaa adda baafachuun ni dandaʼama. Murtoon carraadhaan kennamu kan dhufu Yihowaa biraa waan taʼeef, gosoota gidduutti hinaaffaan ykn lolli akka hin jiraanne godha. (Fak 16:33) Akka kanaan Waaqayyo haalli tokkoon tokkoon gosaa mudatu raajii abbaa amantii kan taʼe Yaaqoob hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee dubbatee fi Uumama 49:1-33 irratti galmaaʼee wajjin akka wal simu godheera.
Carraa buusuudhaan kallattii gosti tokko itti ramadamu erga adda baafatanii booda, naannoon isaa hanga eessaatti balʼachuu akka qabu murteessuuf baayʼina namootaa gosichi qabu ilaaluun barbaachisaa dha. “Maatiiwwan keessaniif lafattii dhaala godhaatii carraadhaan hiraa. Gareewwan guguddaa taʼaniif dhaala hedduu, gareewwan xixinnoo taʼaniif immoo dhaala xinnoo kennaa. Namni hundi bakka carraan isaa irra buʼe ni dhaala.” (Lak 33:54) Iddoon dhaalan carraadhaan kan murteeffamu taʼus, balʼinni dhaala isaanii garuu akkuma haala isaatti sirreeffamuu dandaʼa ture. Akka kanaan, lafti gosa Yihudaatiif kenname baayʼee balʼaa akka taʼe yeroo beekametti, lafa isaa irraa hammi tokko hirʼifamee gosa Simiʼooniif kennameera.—Iya 19:9.
Tajaajilaaf Of Qopheessi
w04-AM 4/1 29
Gaaffii Dubbistootaa
1 Qorontos 10:8 Israaʼelonni sababii halalummaatiin guyyaa tokkotti duʼan 23,000 akka taʼan kan dubbatu siʼa taʼu, Lakkoofsa 25:9 irratti immoo 24,000 kan jedhame maaliifi?
Lakkoofsi caqasoota kana lamaan irratti ibsame sababii adda adda itti taʼe hedduu qaba. Sababiin inni tokko lakkoofsi isaanii inni sirriin 23,000 fi 24,000 gidduutti kan argamu siʼa taʼu, hirʼisanii 23,000 gochuun ykn itti dabalanii 24,000 gochuun ni dandaʼama.
Sababa jiraachuu dandaʼu kan biraas haa ilaallu. Phaawulos ergamaan, Kiristiyaanota Qorontos, warra magaalaa Qorontos durii ishii halalummaan keessatti babalʼate keessa jiraatan akeekkachiisuuf seenaa Israaʼelotaa Shitiimitti raawwatame caqaseera. Akkas jedhee barreesseera: “Akkuma isaan keessaa tokko tokko halalummaa raawwatanii guyyaa tokkotti namoonni 23,000 dhuman, nutis halalummaa raawwachuu irraa haa fagaannu.” Phaawulos namoota ejja raawwachuu isaaniitiin Yihowaan ajjeese 23,000 taʼuu isaanii adda baasee ibseera.—1 Qorontos 10:8.
Haa taʼu malee, Lakkoofsi boqonnaa 25, “Israaʼel isaanii wajjin waaqeffannaa Baʼaal isa Pheʼor irratti ni hirmaate; Yihowaanis Israaʼelitti ni dheekkame.” jedha. Yeroo kanatti Yihowaan, “geggeessitoota saba kanaa hundumaa” akka ajjeesu Musee ajaje. Museen immoo ajaja kana akka raawwataniif abbootii murtiitti hime. Dhuma irratti, yeroo Finahaas namicha Israaʼel dubartii Miidiyaan gara buufatichaa fidee dhufe ajjeesuuf saffisaan tarkaanfii fudhatetti, “dhaʼichi Israaʼelota rukutaa ture sun ni dhaabbate.” Seenaan isaa, “Namoonni dhaʼicha sanaan duʼanis walumaa galatti 24,000 turan” jechuudhaan xumura.—Lakkoofsa 25:1-9.
Baayʼinni kitaaba Lakkoofsaa irratti ibsame, “geggeessitoota saba kanaa” warra abbootiin murtii ajjeesanii fi warra kallattiidhaan Yihowaan ajjeese akka dabalatu hin shakkisiisu. Baayʼinni namoota duʼanii 24,000 kan taʼe, geggeessitoonni sabichaa warri abbootiin murtii ajjeesan kuma tokko waan taʼaniif taʼuu qaba. Geggeessitoonni kun, ejja raawwatanii, affeerrii dhimma kanaaf qophaaʼe irratti hirmaatanii ykn warra akkas godhan deggeranii taʼus taʼuu baatus, “waaqeffannaa Baʼaal isa Pheʼor irratti” hirmaachuudhaan cubbuu raawwataniiru.
Kitaabni Kitaaba Qulqulluu irratti ibsa kennu tokko, jechi ‘hirmaachuu’ jedhamee hiikame, hiika “nama tokkotti of hidhuu” jedhu qabaachuu akka dandaʼu ibseera. Israaʼelonni saba Yihowaadhaaf of murteessan turan, yeroo “waaqeffannaa Baʼaal isa Pheʼor irratti” hirmaatanitti waadaa Waaqayyoo wajjin hariiroo qabaachuudhaan galan cabsaniiru. Yihowaan gara waggoota 700 booda, karaa Hoseʼaa raajichaa Israaʼelotaan, “Isaan garuu gara Baʼaal isa Pheʼor ni dhaqan; wanta qaanessaa taʼeef of ni murteessan, akkuma wanta qaanessaa jaallatan sanaattis balfamoo ni taʼan” jedheera. (Hoseʼaa 9:10) Warra kana godhan hunda adabni Waaqayyoo inni cimaan isaaniif mala ture. Kanaan kan kaʼes, Museen, “Baʼaal isa Pheʼoriin ilaalchisee wanta Yihowaan godhe ijuma keessaniin argitaniittu; Waaqni keessan Yihowaan nama Baʼaal isa Pheʼor duukaa buʼe hundumaa isin gidduudhaa haxaaʼee balleesseera” jechuudhaan Israaʼeloota akeekkachiiseera.—Keessa Deebii 4:3.