Gaaffii Dubbistootaa
Phaawulos ergamaan, Yihowaan “hamma baachuu dandeessan caalaa akka qoramtan hin heyyamu” jechuudhaan barreesseera. (1 Qor. 10:13) Kana jechuun Yihowaan wanta baachuu dandeenyu dursee beekuudhaan qormaata nu mudatu nuuf filata jechuu dhaa?
Ilaalchi akkasii hiika akkamii akka qabu ilaali. Obboleessi ilmi isaa of ajjeese tokko akkas jedhee gaafatee ture: ‘Yihowaan, ilmi keenya yoo of ajjeese anii fi haati manaa koo dandamachuu akka dandeenyu dursee beekee ture jechuu dhaa? Kun kan taʼe, rakkoo kana baachuu akka dandeenyu Waaqayyo waan murteesseefii?’ Yihowaan wantoota jireenya keenya keessatti nu mudatan haala kanaan akka jijjiiru amanuuf ragaan qabatamaa taʼe jiraa?
Yaada Phaawulos 1 Qorontos 10:13 irratti galmeeffame caalaatti qoruun keenya xumura kana irra akka geenyu godha: Kitaabni Qulqulluun Yihowaan dursee rakkina baachuu dandeenyu erga qoree booda isa irratti hundaaʼee qormaata nu mudatu filata jedhee hin barsiisu. Mee ragaawwan xumura kana irra gaʼuuf nu dandeessisan afur haa ilaallu.
Tokkoffaa, Yihowaan namootaaf mirga filannoo kenneera. Jireenya keenya keessatti karaa nuuf taʼu akka filannu barbaada. (Kes. 30:19, 20; Iya. 24:15) Karaa sirrii taʼe yoo filanne, Yihowaan tarkaanfii keenya akka nuuf qajeelchu eeguu dandeenya. (Fak. 16:9) Karaa gadhee taʼe yoo filanne garuu, miidhaa nu irra gaʼu amannee fudhachuu qabna. (Gal. 6:7) Yihowaan qorumsa nu irra gaʼu dursee filata utuu taʼee, mirga filannoo keenya nuuf kabajeera jechuu ni dandeenyaa?
Lammaffaa, Yihowaan wanta “yeroonii fi walitti dhufuun” geessisu irraa nu hin eegu. (Lal. 9:11, hiika bara 1899) Balaa gaddisiisaan tokko kan nu irra gaʼu tarii iddoo sirrii hin taanetti yeroo sirrii hin taanetti argamuu keenyaan taʼuu dandaʼa. Yesuus masaraan tokko jigee namoota 18 ajjeesuu isaa dubbatee ture; balaan kun kan isaan irra gaʼes fedha Waaqayyootiin akka hin taane ibsee ture. (Luq. 13:1-5) Waaqayyo balaawwan akka tasaa yommuu uumaman nama jiraachuu ykn duʼuu qabu dursee murteessa jedhanii yaaduun sirrii dhaa?
Sadaffaa, gaaffiin amanamummaa ilaalchisee kaʼe tokkoon tokkoon keenya kan ilaallatu dha. Seexanni, qorumsi yoo nu irra gaʼe amanamummaa keenya eegnee akka hin jiraanne yaaduudhaan, amanamummaa tajaajiltoota Yihowaa hunda irratti gaaffii akka kaase yaadadhu. (Iyo. 1:9-11; 2:4; Mul. 12:10) Yihowaan humna keenyaa ol akka taʼe yaaduudhaan qorumsa nu mudatu nu irraa kan dabarsu utuu taʼee, himanni Seexanni Waaqayyoon kan tajaajillu fedhii ofii keenyaaf akka taʼe dubbachuudhaan kaase dhugaa akka taʼu hin godhuu?
Arfaffaa, Yihowaan wantoota nu mudachuuf jedhan hunda beekuun isa hin barbaachisu. Waaqayyo, rakkoo nu mudatu dursee filata yaanni jedhu, waaʼee keenya gara fuulduraa ilaalchisee wanta hunda beekuu qaba jechuu dha. Garuu yaanni kun Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe miti. Dhugaa dha, Waaqayyo waaʼee gara fuulduraa beekuu ni dandaʼa. (Isa. 46:10) Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun wantoota gara fuulduraatti taʼan beekuu dhiisuufis filachuu akka inni dandaʼu ibsa. (Uma. 18:20, 21; 22:12) Kanaafuu, dandeettii waaʼee gara fuulduraa beekuuf qabu mirga filannoo keenya haala kabajuun itti fayyadama. Kun Waaqa mirga filannoo keenya kabajuu fi yeroo hunda amala isaa karaa sirrii taʼeen argisiisu irraa kan eegamu mitii?—Kes. 32:4; 2 Qor. 3:17.
Yaada Phaawulos, “Waaqayyo . . . hamma baachuu dandeessan caalaa akka qoramtan hin heyyamu” jedhu hubachuu kan qabnu akkamitti ree? Phaawulos caqasa kana irratti wanta Yihowaan yeroo qorumsaatti godhu dubbate malee, wanta inni qorumsa dura godhu dubbachaa hin turre. Dubbiin Phaawulos rakkoowwan akkamii iyyuu jireenya keenya keessatti yoo nu mudatan, Yihowaa irratti amantii qabaannaan akka inni nu gargaaru nuuf mirkaneessa. (Far. 55:22) Yaanni Phaawulos inni nama jajjabeessu kun dhugaawwan buʼuuraa lama irratti kan hundaaʼe dha.
Tokkoffaa, qorumsi nu irra gaʼu qorumsa ‘namoota kaan irra gaʼu irraa adda’ miti. Kanaaf, qorumsawwan nu mudatan namoota hunda irra kan gaʼani dha. Waaqayyo irratti amantii yoo qabaanne, qorumsawwan kun humna keenyaa ol nutti hin taʼan. (1 Phe. 5:8, 9) Yaada 1 Qorontos 10:13 irra jiru dubbachuu isaa dura qorumsa lafa onaa keessatti Israaʼeloota mudate caqaseera. (1 Qor. 10:6-11) Qorumsawwan kun qorumsa namoota kaan irra gaʼu irraa adda hin turre ykn humna Israaʼeloota amanamoo taʼanii ol hin turre. Phaawulos isaan keessaa “tokko tokko” akka hin ajajamne siʼa afur dubbatee ture. Kan nama gaddisiisu, Israaʼeloonni tokko tokko amantii Waaqayyo irratti qaban waan dhabaniif hawwii gadheedhaan qabamanii turan.
Lammaffaa, “Waaqayyo amanamaa” dha. Waaqayyo “warra isa jaallatanii” fi ‘abboommii isaa eeganitti’ jaalala isaa isa amanamaa akka argisiisu, akkaataa inni kanaan dura saba isaa itti qabe irraa hubachuu dandeenya. (Kes. 7:9) Akkasumas, Waaqayyo yeroo hundumaa waadaa gale akka eegu seenaa darbe irraa hubachuu ni dandeenya. (Iya. 23:14) Namoonni isa jaallatanii fi isaaf ajajaman seenaa inni kanaan dura galmeessise irratti hundaaʼuudhaan, Yihowaan qorumsa nu mudatuu wajjin haala wal qabateen akka inni waadaa isaa eegu amantii qabaachuu ni dandaʼu: (1) Rakkoon kam iyyuu hamma baachuu dandaʼanii ol akka taʼu hin heyyamu, akkasumas (2) ‘karaa itti keessaa baʼan isaaniif ni qopheessa.’
Yihowaan namoonni isatti amanaman qorumsi yommuu isaan mudatu karaa itti keessaa baʼan kan isaaniif qopheessu akkamitti? Dhugaa dha, fedha isaa yoo ta’e rakkoo nu mudate sana hambisuu ni dandaʼa. Haa ta’u malee Phaawulos, “[Yihowaan] jabaattanii dhaabachuu akka dandeessaniif, yeroo qoramtanitti karaa itti keessaa baatan isiniif qopheessa” jechuu isaa yaadadhu. Kanaafuu, yeroo baayʼee qorumsi yommuu nu mudatu, wanta qorumsicha karaa milkaaʼina qabuun moʼuuf nu gargaaru nuuf kennuudhaan ‘karaa itti keessaa baanu nuuf qopheessa.’ Karaawwan Yihowaan qorumsa keessaa nu baasuuf itti fayyadamu tokko tokko haa ilaallu:
Inni “rakkina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa.” (2 Qor. 1:3, 4) Yihowaan Dubbii isaa, hafuuraa qulqulluu fi nyaatawwan hafuuraa garbichi amanamaa fi ogeessi qopheessutti fayyadamee sammuu, garaa fi miira keenya tasgabbeessa.—Mat. 24:45; Yoh. 14:16, milj.; Rom. 15:4.
Hafuura qulqulluutti fayyadamee nu jajjabeessa. (Yoh. 14:26) Yeroo qorumsi nu mudatu, hafuurri qulqulluun seenaa fi dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu yaadachuudhaan tarkaanfii ogummaa irratti hundaaʼe akka fudhannu nu gargaara.
Maleekota isaatti fayyadamee nu gargaaruu ni dandaʼa.—Ibr. 1:14.
Kiristiyaanota hidhata keenya taʼanii fi dubbiis taʼe gocha isaaniitiin “madda jajjabinaa guddaa” nuuf taʼanitti fayyadamuudhaan nu gargaara.—Qol. 4:11.
Egaa, yaanni Phaawulos 1 Qorontos 10:13 irratti dubbate hiika akkamii qaba? Yihowaan qorumsa nu mudatu nuuf hin filatu. Haa taʼu malee, yeroo qorumsi nu mudatutti, guutummaatti kan isatti amanamnu yoo taʼe, rakkinichi humna keenyaa ol akka taʼu akka hin heyyamnee fi karaa itti keessaa baanu akka nuuf qopheessu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. Yaanni kun baayʼee nama hin jajjabeessuu?