Dubbiin Yihowaa Jiraataadha
Yaadawwan Ijoo Macaafota Qorontos
PHAAWULOS ERGAMAAN, nageenya hafuuraa gumii Qorontosiif baay’ee yaadda’eera. Obboloota achi jiran gidduu wal dhabiinsi akka jiru dhaga’eera. Ejji yommuu raawwatamu callisanii ilaalu turan. Gumichis waa’ee wantoota tokko tokkoo gaafachuuf Phaawulosiif xalayaa barreessee ture. Kanaan kan ka’es Phaawulos, Dh.K.B. bara 55tti adeemsa misiyoonummaa isa sadaffaarra utuu jiruu, Efesoon taa’ee macaafa lamaan keessaa isa jalqabaa warra Qorontosiif barreesseera.
Phaawulos macaafa isa lammaffaa kan barreesse, macaafa jalqabaa erga barreessee ji’oota muraasa booda akka ta’e haalasaarraa hubachuun ni danda’ama. Haalli jaarraa jalqabaatti gumii Qorontos keessas ta’e isaa ala ture, yeroo keenyaa wajjin karaa baay’ee waan wal fakkaatuuf, ergaan Phaawulos gumii Qorontosiif barreesse nuufis faayidaa guddaa argamsiisa.—Ibr. 4:12.
‘DAMMAQAA, CIMAATII DHAABADHAA, JAJJABOO TA’AA!’
Phaawulos, ‘Hundumti keessan waan dubbattanitti walii galaa’ jechuudhaan isaan gorseera. (1 Qor. 1:10) ‘Yesus Kiristosiin ala hundee kan biraan’ waan hin jirreef, amala Kiristiyaanummaa argisiisuudhaan fakkeenya kan nuu ta’u isa qofadha. (1 Qor. 3:11-13) Phaawulos, nama gumicha keessatti ejja raawwachaa jiru tokko ilaalchisee, “Isa hamaa hojjetu of keessaa baasaa!” jedheera. (1 Qor. 5:13) “Dhagni garuu hojii halalummaatiif namaaf hin kennamne; inni gooftaadhaaf hojjechuuf kenname” jedhe.—1 Qor. 6:13.
Phaawulos ‘gaaffii isaaf caafaniif,’ waa’ee gaa’elaafi waa’ee qeentee ta’anii jiraachuu gorsa gaarii kennuudhaan deebii isaanii deebiseera. (1 Qor. 7:1) Akkasumas waa’ee matummaa, waa’ee walga’iirratti seera eeguufi abdiin du’aa ka’uu mirkanaa’aa ta’uusaa erga dubbatee booda, “Dammaqaa, amantiitti cimaatii dhaabadhaa! Ija-jabeeyyiidhaa fi jajjaboo ta’aa!” jechuudhaan gorsa kenneera.—1 Qor. 16:13.
Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’aafi Deebiisaanii:
1:21—Dhuguma Yihowaan amantoota fayyisuuf ‘gowwummaatti’ fayyadamaa? Lakki, hin fayyadamu. Haata’u malee, ‘biyyi lafaa ogummaa ofii isaatti Waaqayyoon beekuu waan hin dandeenyeef,’ wanti Waaqayyo namoota fayyisuuf itti fayyadamu biyya lafaatiif gowwummaa fakkaata.—Yoh. 17:25.
7:33, 34—Namni gaa’ela qabu tokko, “waan biyya lafaatiif” dhimma jechuun maal jechuudha? Asirratti Phaawulos Kiristiyaanonni gaa’ela qaban, wantoota guyyaa guyyaatti isaan barbaachisaniif yaadda’uunsaanii sirrii akka ta’e ibsuusaa ture. Kunimmoo, wantoota gadhee biyya lafaarratti argamaniifi Kiristiyaanonni irraa fagaachuu qaban utuu hin ta’in, nyaata, uffataafi mana kan dabalatudha.—1 Yoh. 2:15-17.
11:26—Duuti Yesus “yeroo” hammamiitti kabajamuu qaba? Kunoo kan godhamu “hamma” yoomiitti? Asirratti Phaawulos, Kiristiyaanonni dibamoon waggaatti al tokko Niisaan 14tti maxinoofi wayinicha yommuu fudhatan, ‘akka gooftaan namootaaf du’e akka labsan’ ibsuusaa ture. “Hamma gooftaan deebi’ee dhufutti,” jechuunis hanga inni du’aa kaasee gara samiitti ol isaan fudhatutti kana gochuusaanii itti fufu.—1 Tas. 4:14-17.
13:13—Jaalalli, amantiifi abdiirra kan caalu akkamitti? Wanti ‘abdataniifi’ “dhuguma in ta’a” jedhanii eegan yommuu namaa dhugoomu amantiifi abdiin ni raawwata. (Ibr. 11:1) Jaalalli garuu bara baraan waan jiraatuuf amantiifi abdiirra ni caala.
15:29—“Warra du’aniif jedhanii cuuphamuu” jechuun maal jechuudha? Phaawulos, namoonni lubbuudhaan jiran, warra utuu hin cuuphamiin du’aniif jecha cuuphamu jechuusaa hin turre. Asirratti, waa’ee cuuphaa Kiristiyaanota hafuuraan dibamaniifi hamma du’anii jireenya hafuuraatiif du’aa ka’anitti amanamoo ta’uu qabanii dubbachaa ture.
Barumsa Akkamii Arganna?
1:26-31; 3:3-9; 4:7. Ofii keenyatti utuu hin ta’in, gad of deebisnee gocha Yihowaatti of jajuun keenya, gumii keessatti tokkummaan akka jiraatu godha.
2:3-5. Phaawulos Qorontos ishee handhuura falaasamaafi barumsa warra Giriikii turtetti yommuu lallabe, warra isa dhaggeeffatan amansiisuu danda’uunsaa isa yaaddessee ta’uu danda’a. Haata’u malee, dadhabinni ykn sodaan akkamiiyyuu, tajaajila Waaqayyo isaa kenne raawwachuurraa duubatti akka jedhu isa hin goone. Nuyis, wanti rakkisaan misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuurraa duubatti akka jennu nu gochuu hin qabu. Akkuma Phaawulos, gargaarsa Yihowaatti amanamuu dandeenya.
2:16. “Yaada gooftaa” qabaachuu jechuun, inni yaada akkamii akka qabuufi yaada akkasii maaliif akka qabaate beekanii akkasaatti yaaduu, akkasumas amalawwansaa guutummaatti hubachuufi fakkeenyasaa duukaa bu’uu jechuudha. (1 Phe. 2:21; 4:1) Seenaa jireenyaafi tajaajila Yesus of eeggannoodhaan qorachuun keenya baay’ee barbaachisaa mitii?
3:10-15; 4:17. Dandeettii barsiisuufi bartoota gochuurratti qabnu gamaaggamuufi guddifachuu qabna. (Mat. 28:19, 20) Akka gaariitti hin barsiisnu yoo ta’e, namoonni barsiisnu qorumsa karaa amantii isaanitti dhufu mo’uu hin danda’an. Gaddi sababii kanaan nurra ga’u miidhaa guddaa waan geessisuuf, fayyinni keenya ‘akka nama ibidda keessa ba’eetti’ dhiphinaan raawwatama.
6:18. ‘Halalummaarraa baqachuun,’ gochawwan poorniyaarraa fagaachuu qofa utuu hin ta’in, fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasanirraa, xuraa’ummaarraa, waa’ee halalummaa yaaduurraa, kolomsuurraa walumaa galatti wantoota gara halalummaatti geessan hundarraa fagaachuu dabalata.—Mat. 5:28; Yaq. 3:17.
7:29. Hiriyoonni gaa’elaa, garmalee waliisaaniirratti xiyyeeffachuudhaan, hojii Mootummichaatiif sadarkaa lammaffaa akka hin laanne of eeggachuu qabu.
10:8-11. Yihowaan, yommuu Israa’eloonni Museefi Aaronirratti guunguman, baay’ee dheekkamee ture. Nuyis guungumuurraa fagaachuun keenya baay’ee barbaachisaadha.
16:2. Dursinee yoo itti yaanne, akkasumas karooraafi sagantaa yoo itti baasne, buusiin qarshii hojii Mootummichaatiif goonu kan walirraa hin cinne ta’a.
‘KARAA KEESSAN QAJEELFADHAA’
Phaawulos, obboloonni gumii Qorontos keessa turan, nama cubbuu cimaa hojjeteefi gumiidhaa erga baafamee booda yaada garaasaa geddarate tokkoof ‘dhiisanii akka isa jajjabeessan’ isaanitti himeera. Ergaan Phaawulos jalqaba barreesse kan isaan gaddisiise yoo ta’es, ‘gaddisaanii yaada garaa akka geddaratan waan godheef’Phaawulos gammadeera.—2 Qor. 2:6, 7; 7:8, 9.
Phaawulos, obboloonni gumii Qorontos ‘waanuma hundumaatti waan irraa hafaa akkuma qaban, kennaa irraa hafaas’ akka kennan isaan gorseera. Mormitootaaf erga deebii kennee booda yeroo dhumaatiif, “Ammas obboloota ko nagaatti ta’aa! Karaa keessan qajeelfadhaa, waan nuyi isinitti dhageessifannu yaadatti qabadhaa, waliif galaa, nagaatti jiraadhaa!” jechuudhaan hundasaanii gorseera.—2 Qor. 8:7; 13:11.
Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’aafi Deebiisaanii:
2:15, 16—“Foolii Kristos” kan taane akkamitti? Kun kan ta’e, akka seera Macaafa Qulqulluutti waan jiraannuufi ergaa achi keessa jiru warra kaanitti waan himnuufidha. ‘Fooliin’ kun, warra jal’ootatti kan hin tolle ta’uyyuu, Yihowaattis ta’e namoota garaa qajeelaa qabanitti ni tola.
5:16—Kiristiyaanonni dibamoon, ‘eenyuunillee akka alaan ilaalamutti kan hin beekne’ akkamitti? Namoota ija fooniitiin hin ilaalan, kana jechuunis qabeenya, sanyii, qomoofi dhalootarratti hundaa’uudhaan wal hin caalchisan. Wanti isaan biratti bakka guddaa qabu, walitti dhufeenya karaa hafuuraa obbolootasaanii wajjin qabanidha.
11:1, 16; 12:11—Phaawulos warra Qorontos biratti gowwaa ykn nama ilaalcha sirrii hin qabne turee? Lakki, hin turre. Haata’u malee, namoonni tokko tokko ergamaa ta’uusaa ilaalchisee gaaffii ka’eef deebii inni kennerraa ka’uudhaan, akka of jajeefi ilaalcha sirrii akka hin qabne itti dhaga’amee ture.
12:1-4—Namni ‘gara jannata Waaqarraatti butame’ eenyu? Macaafni Qulqulluun namni mul’ata akkasii arge kan biraan jiraachuusaa hin ibsu. Kana malees, Phaawulos yaada kana kan dubbate gaaffii ergamaa ta’uusaa ilaalchisee ka’eef deebii erga kennee booda waan ta’eef, dubbachaa kan jiru waa’ee ofiisaa ta’uu hin oolu. Wanti ergamaan kun mul’ataan arge, jannata hafuuraa gumiin Kiristiyaanaa “bara isa dhumaa” kanatti argatu kan ibsu fakkaata.—Dan. 12:4.
Barumsa Akkamii Arganna?
3:5. Akka seera bu’uuraatti, caqasni kun Yihowaan karaa Dubbiisaa, karaa hafuurasaafi karaa jaarmiyaasaa isa lafarratti argamuu, Kiristiyaanota tajaajilaaf ga’eessa akka godhu dubbata. (Yoh. 16:7; 2 Xim. 3:16, 17) Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an dhimminee qayyabachuuf, utuu walirraa hin kutin hafuura qulqulluu argachuuf kadhachuu, akkasumas yeroo hunda walga’ii Kiristiyaanaarratti argamuufi hirmaannaa gochuuf carraaquun keenya barbaachisaadha.—Far. 1:1-3; Luq. 11:10-13; Ibr. 10:24, 25.
4:16. Yihowaan ‘namummaa keenya isa keessaa har’aa bor waan haaressuuf,’ wanta walitti dhufeenya isaa wajjin qabnu nuu cimsu tokko utuu hin raawwatin, guyyaan tokkollee akka nu jala hin darbine gochuudhaan, qophiiwwansaa hundarraa faayidaa argachuuf carraaqqii gochuu qabna.
4:17, 18. ‘Rakkinni nurra ga’u salphaafi yeroodhaaf’ qofa kan turu ta’uusaa yaadachuun keenya, yeroo rakkisaa ta’ettillee Yihowaadhaaf amanamoo akka taanu nu gargaaruu danda’a.
5:1-5. Phaawulos, fedhii Kiristiyaanonni dibamoon samiirra jiraachuuf qaban akka gaariitti ibseera.
10:13. Akka walii galaatti, bakka barbaachisaa ta’etti dhaqnee akka tajaajillu yoo ramadamne malee, naannoo tajaajilaa gumii keenyaaf ramadame qofatti tajaajiluu qabna.
13:5. ‘Amantiitti qabamnee akka jirru of ilaaluuf,’ amalli keenya wanta Macaafa Qulqulluurraa barannee wajjin kan wal simu ta’uusaa gamaaggamuu qabna. ‘Of qoruu’ yoo barbaanne, sammuun keenya hangam hojiidhaan akka itti bareefi amantiin keenya hammam akka hojiidhaan deggerame dabalatee, jireenyi hafuuraa keenya hammam jabaa akka ta’e gamaaggamuu qabna. (Ibr. 5:14; Yaq. 1:22-25) Gorsa gaarii Phaawulos kenne hojiirra oolchuudhaan, daandii dhugaarra adeemuu keenya itti fufuu dandeenya.
[Fakkii fuula 26rra jiru]
Jechoonni, “Yeroodhuma buddeena kana nyaattanitti, yeroodhuma xoofoo kana keessaa dhugdanitti” jedhan hiika maalii qabu?—1 Qor. 11:26