“Haadha Manaa Qeerrummaa Keetii Wajjin Gammadi!”
“Haadha manaa qeerrummaa keetii wajjin gammadi! Yaa ilma ko, maaliif dubartiin ormaa laphee si corti?” —FAKKEENYA 5:18, 20.
1, 2. Jaalalli abbaa manaafi haati manaa waliif qaban eebbifamaa kan ta’e maaliifi?
MACAAFNI QULQULLUUN waa’ee saalqunnamtii ifatti dubbata. Fakkeenya 5:18, 19rratti akkas kan jedhu dubbisna: “Burqaan kee eebbifamaa haa ta’u, haadha manaa qeerrummaa keetii wajjin gammadi! Isheen jaallatamtuu akka borofaa simbo-qabeettii akka kurupheettis, harmi ishee yeroo hundumaa si haa gammachiisu, jaalalli ishees laphee si haa coru!”
2 Jechi asirratti “burqaan kee” jedhame, gammachuu hiriyaa gaa’elaa ofii wajjin saalqunnamtii gochuudhaan argamu kan argisiisudha. Miirri jaalalaa hiriyoonni gaa’elaa waliif qabaniifi gammachuun argatan kennaa Waaqayyoo waan ta’eef eebbifamaadha. Michoomni akkasii jiraachuu kan qabu garuu hiriyoota gaa’elaa gidduu qofadha. Kanaaf, Mootii Israa’el duriifi barreessaa Macaafa Fakkeenyaa kan ta’e Solomoon akkas jechuudhaan gaafateera: “Yaa ilma ko, maaliif dubartiin ormaa laphee si corti? Maaliifis haadha manaa namaa ammatta?”—Fakkeenya 5:20.
3. (a) Gaa’ela hedduu ilaalchisee maaltu nama gaddisiisa? (b) Waaqayyo ejjaaf ilaalcha akkamii qaba?
3 Dhiiraafi durbi wal fuudhan sun guyyaa cidhasaaniitti, wal jaallachuufi waliif amanamoo ta’uuf waadaa guddaa galaniiru. Haata’uyyuu malee ejjaan kan ka’e gaa’elli hedduun diigameera. Qorattuun tokko gaa’eloota 25rratti qorannoo erga gootee booda, “haadhotiin manaa dhibbeentaa 25fi abbootiin manaa dhibbeentaa 44 ta’an hiriyaa gaa’elaasaaniitiin ala saalqunnamtii raawwataniiru” jechuudhaan dubbatteetti. Phaawulos ergamaan akkas jechuudhaan barreesseera: “Hin gowwoominaa! Warri halaleen, warri waaqayyolii tolfaman waaqessan, warri ejjan, warri gadhaa’an, warri nama gadhoomsanis . . . matumaa mootummaa Waaqayyootti hin galan.” (1 Qorontos 6:9, 10) Kun wanta nama shakkisiisu hin qabu. Ija Waaqayyoo duratti ejji cubbuu guddaa waan ta’eef, Waaqeffattoonni dhugaa waadaa gaa’elaa cabsuurraa of eeguu qabu. ‘Gaa’elli ulfina qabeessa, ciisichi gaa’elaas kan hin xureeffamne’ akka ta’u maaltu gargaaruu danda’a?—Ibroota 13:4.
Garaan Keessan Akka Isin Hin Gowwoomsine Of Eeggadhaa
4. Kiristiyaanni hiriyaa gaa’elaa qabu tokko utuu hin beekin saala faallaa kan biraa wajjin wal jaallachuu kan danda’u karaawwan kamiini?
4 Yeroo amalli addaggummaa babal’ate kanatti, namoonni baay’een “iji isaanii yeroo hundumaa hawwaan gara ejjituu in ilaala, cubbuu hojjechuu irraas aara hin galfatan.” (2 Phexros 2:14) Fedhiisaaniitiin hiriyaa gaa’elaatiin ala saalqunnamtii raawwatu. Biyyoota tokko tokkotti dubartoonni manaa alatti ni hojjetu; kanaaf saala faallaa wajjin hojjechuunsaanii karaa sirrii hin taaneen jaalalaan qabamuuf haala mijeessa. Kana malees, namoonni ija laafessa ta’anillee Intarneet chaat ruumiidhaan wal qunnamtii uumuu danda’aniiru. Namoonni gaa’ela qaban baay’een utuu hin hubatin wanti akkasii isaan mudateera.
5, 6. Obboleettiin tokko haala balaa geessisu keessa galtee kan turte akkamitti? Nuyi kanarraa maal baranna?
5 Kiristiyaanni Meerii jenneen tokko haala addaggummaa saalaa raawwachuuf ishee dandeessisu tokko keessa galtee turte. Abbaan manaashee Dhugaa Baatuu Yihowaa miti; maatiisaatiifis jaalala hin qabu. Meeriin, waggoota muraasa dura nama abbaa manaashee wajjin hojjetu tokkoo wajjin wal baruushee dubbatti. Namichi amala gaarii qaba; yeroo booda amantiishee akka jaallatu itti hime. “Nama baay’ee gaarii ta’e waan tureef abbaa manaa koorraa adda ture” jechuudhaan dubbatti. Baay’ee utuu hin turin Meeriiniifi namichi kun jaalalaan qabaman. “Ejja hin raawwanne, namichis Macaafa Qulqulluurratti mari’achuu ni barbaada. Isa gargaaruu nan danda’a” jechuudhaan sababii dhiheessite.
6 Jaalalli ishee qabe ejja raawwachuu bira ishee geessisuusaa dura yaadashee naanneffatte. (Galaatiyaa 5:19-21; Efesoon 4:19) Sammuunshee sirriitti yaaduu jalqabe; achiis wantoota tokko tokkorratti jijjiirama goote. Muuxannoon Meerii “garaan namaa waan hundumaa irra jal’aa” ta’uusaa mirkaneessa. (Ermiyaas 17:9) Macaafni Qulqulluun, “yaada kee ba’eessa godhii eeggadhu!” jechuudhaan nu gorsa. (Fakkeenya 4:23) Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?
‘Namni Hubataan Wanta Hamaa Jalaa Ni Dhokata’
7. Rakkina gaa’ela keessatti isa mudate ilaalchisee nama tokko yeroo gargaarru, gorsa Macaafa Qulqulluu isa kam hordofuutu nu gargaara?
7 Phaawulos, “Namni dhaabatee waan jiru itti fakkaatu, akka hin kufneef of haa eeggatu!” jechuudhaan barreesseera. (1 Qorontos 10:12) Fakkeenyi 22:3mmoo: “Namni hubataan wanta hamaa in arga, jalaas in dhokata” jedha. Garmalee ofitti amanamuudhaan, ‘Wanti tokkoyyuu narra hin ga’u’ jechuu mannaa, haalawwan tokko tokko balaa akka geessisan hubachuunkee gaariidha. Fakkeenyaaf, nama saallii faallaa tokko rakkina gaa’elasaa keessatti isa mudatu ilaalchisee iccitii sitti himatu ta’uu hin qabdu. (Fakkeenya 11:14) Dhimmawwan gaa’elaarratti hiriyaa gaa’elaasaa wajjin, Kiristiyaanota ga’eessota saalaan isa fakkaataniifi gaa’ellisaa akka isaaf milkaa’u barbaadan ykn jaarsolii wajjin yoo mari’ate akka wayyu itti himi. (Tiitos 2:3, 4) Jaarsoliin gumii Dhugaa Baatota Yihowaa karaa kanaan fakkeenya gaarii ta’u. Jaarsi tokko obboleettii tokko dhuunfaadhaan haasofsiisuun yoo isa barbaachise, kana kan godhu bakka akka Galma Mootummaatti, iddoo namni isaan arguu danda’utti.
8. Bakka hojiitti of eeggannoo akkamii gochuutu barbaachisa?
8 Bakka hojiittis ta’e iddoo biraatti haalawwan saala faallaa wajjin akka walitti dhihaattu si godhanirraa of eegi. Fakkeenyaaf, nama saala faallaa tokkoo wajjin yeroo dheeraadhaaf walitti dhihaatanii hojjechuun qorumsa fiduu danda’a. Nama hiriyaa gaa’elaa qabdu hamma taatetti, dubbii keetiinis ta’e amala keetiin, hiriyaa gaa’elaakeetiin ala nama kan biraa jaallachuu akka hin barbaanne ifa godhi. Nama Waaqayyoo hamma taatetti, nama tokko kolomsuudhaan ykn akkaataa uffannaafi miidhaginaa keetiin xiyyeeffannaa sirrii hin taane akka siif kennu gochuu matumaa hin barbaaddu. (1 Ximotewos 4:8; 6:11; 1 Phexros 3:3, 4) Suuraa hiriyaa gaa’elaafi ijoolleekeetii bakka hojiikee kaa’uudhaan, maatiikeetiif bakka guddaa akka laattu siyaadachiisuufi warra kaanis kana hubachiisuu danda’a. Warri kaan miira akkasiitiin sitti siquu yoo barbaadan hin jajjabeessin ykn isaan hin obsin.—Iyoob 31:1.
“Haadha Manaa Kee Ishee Jaallattuu Wajjin Jireenyatti Gammadi!”
9. Haala akkamiitu nama hiriyaa gaa’elaatiin ala ta’e hawwuuf sababii ta’uu danda’a?
9 Yaada ofii eeguun haalawwan balaa geessisanirraa fagaachuu malees carraaqqii gochuu gaafata. Namni tokko hiriyaa gaa’elaasaatiin ala nama biraa jaallachuunsaa, abbaan manaafi haati manaa kunuunsa barbaachisaa ta’e walii gochuu dhiisuusaanii kan argisiisu ta’uu danda’a. Kunis, abbaan manaa haadha manaasaatiif dantaa dhabuusaa ykn haati manaa abbaa manaashee komachuushee ta’uu danda’a. Akka tasaammoo, bakka hojiittis ta’e gumii Kiristiyaanaa keessatti nama amala gaarii hiriyaan gaa’elaa keenya hin qabaanne qabu argina. Yeruma sana walitti siquun ni dhufa; walitti dhufeenya uumame daangessuunis ulfaataa ta’uu danda’a. Haalli wal qabataan rakkisaa ta’e kun wanti Macaafni Qulqulluun, “Tokkon tokkon namaa kajeellaa ofii isaatii isa hamaadhaan harkifamee yommuu qabamu in qorama” jechuudhaan dubbatu sirrii ta’uusaa mirkaneessa.—Yaaqoob 1:14.
10. Abbaan manaafi haati manaa jaalalasaanii cimsuu kan danda’an akkamitti?
10 Abbaan manaafi haati manaa jaallatamuuf, michuu qabaachuuf ykn yeroo rakkinaatti gargaarsa argachuuf nama hiriyaa gaa’elaasaanii hin taane barbaaduu mannaa, jaalala isaan gidduu jiru jabeessuuf cimanii carraaquu qabu. Hamma dandeessan yeroo baay’ee walii wajjin dabarsuuf carraaqqii godhaa, walittis dhihaadhaa. Yeroo jalqabaa nama sana akka jaallattan kan isin godhe maal akka ta’e yaadadhaa. Jaalala nama hiriyaa gaa’elaakee ta’e kanaaf yeroo jalqabaatti sitti dhaga’ame deebistee qabaachuuf yaali. Yeroo gaarii wajjin dabarsitan yaadadhu. Dhimma kana kaasiitii Waaqayyoon kadhadhu. Daawit faarfatichi, “Garaa qullaa’aa anaaf uumi, yaa Waaqayyo! Hafuura dhaabataas ana keessatti haaressi!” jedhee kadhateera. (Faarfannaa 51:10) ‘Aduu jalatti isa kanatti akka jiraattuuf Waaqayyotu siif kenne waan ta’eef, bara jireenyaakee keessatti haadha manaakee ishee jaallattuu wajjin jireenyatti gammaduuf’ murteessi!—Lallaba 9:9.
11. Beekumsi, ogummaafi hubannaan walitti dhufeenya hiriyoota gaa’elaa gidduu jiru cimsuuf gahee akkamii qaba?
11 Beekumsi, ogummaafi hubannaan walitti dhufeenya abbaa manaafi haadha manaa gidduu jiru jabeessuudhaan bu’aa guddaa akka qaban dagatamuu hin qabu. Fakkeenyi 24:3, 4 akkas jedha: “Manni ogummaadhaan ijaarama, hubannaadhaanis jabeeffamee in dhaabama; beekumsaan kutaawwan manichaa, wanta gati-jabeessaa fi badhaadhummaa nama gammachiisu hundumaan in guuta.” Amalawwan gaarii maatii gammachuu qabu keessatti argisiifaman tokko tokko, jaalala, amanamummaa, Waaqayyoon sodaachuufi amantaadha. Amalawwan kana qabaachuuf beekumsa Waaqayyoo argachuun barbaachisaadha. Kanaafuu, abbaan manaafi haati manaa sirriitti Macaafa Qulqulluu qayyabachuu qabu. Ogummaafi hubannaan hammam barbaachisu? Rakkoowwan guyyaa guyyaadhaan nu mudatan mo’uuf ogummaan, jechuunis dandeettiin beekumsa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuu barbaachisaadha. Namni hubataa ta’e yaadaafi miira hiriyaa gaa’elaasaa hubachuu ni danda’a. (Fakkeenya 20:5) Yihowaan karaa Solomooniin, “Yaa ilma ko, dubbii ogummaa kootii dhaggeeffadhu, gurra kees gara wanta ani hubannaadhaan dubbadhuutti qabi!” jedheera.—Fakkeenya 5:1.
Yeroo “Rakkinni” Uumamu
12. Hiriyoonni gaa’elaa rakkinni kan isaan mudatu ta’uunsaa kan nama hin ajaa’ibsiisne maaliifi?
12 Gaa’elli gonkummaa qabu hin jiru. Macaafni Qulqulluuniyyuu abbootiin manaafi haadholiin manaa “jireenya isaaniitti rakkinni isaan argata” jedha. (1 Qorontos 7:28) Dhiphinni, dhukkubni, ari’atamniifi wantoonni biraa gaa’elarratti dhiphina dabalu. Akka hiriyoota gaa’elaa Yihowaa gammachiisuu barbaadaniitti, rakkinni yommuu isin mudatu waliin taatanii furmaata barbaaduu qabdu.
13. Abbaan manaas ta’e haati manaa maal jedhanii of gamaaggamuu qabu?
13 Akkaataa hiriyoonni gaa’elaa itti wal qabaniin kan ka’e jireenyi gaa’elaa dhiphinaan kan guutame yoo ta’ehoo? Furmaata argachuun carraaqqii guddaa gaafata. Fakkeenyaaf, jecha gadhee walitti dubbachuun kan barame ta’ee, walitti dhufeenyisaaniis kanaan beekama ta’a. (Fakkeenya 12:18) Mataduree darberratti akkuma baranne, amalli akkasii badiisa geessisuu danda’a. Fakkeenyi Macaafa Qulqulluu tokko akkas jedha: “Dubartii qoccoltuu fi aartuu wajjin jiraachuu irra, lafa onaa keessa jiraachuu wayya.” (Fakkeenya 21:19) Haadha manaa gaa’ela akkasii qabdu yoo taate akkas jedhii of gaafadhu: ‘Amallikoo abbaan manaakoo anaa wajjin ta’uu akka jibbu kan godhudhaa?’ Macaafni Qulqulluun abbootii manaatiin, “Haadha manaa kee jaalladhu, ittis hin hammaatin!” jedha. (Qolosaayis 3:19) Abbaa manaa yoo taatemmoo, ‘Jaalala isheedhaaf dhabuudhaan, haati manakoo gammachuu argachuuf bakka biraa akka dhaqxu gochaan jiraa?’ jedhii of gaafadhu. Waan fedhe yoo ta’e, ejja raawwachuuf wanti sababii ta’u hin jiru. Haata’u malee, wanti gaddisiisaan akkasii uumamuu akka danda’u amanuun, dhimmasaarratti ifatti mari’achuuf sababii ta’a.
14, 15. Hiriyaa gaa’elaa ofiitiin ala jaalallee barbaaduun rakkina uumameef furmaata kan hin taane maaliifi?
14 Hiriyaa gaa’elaatiin ala jaalallee biraa barbaaddachuun, rakkina gaa’ela keessatti ka’uuf furmaata hin ta’u. Michoomni akkasii garamitti geessuu danda’a? Gaa’ela haaraafi fooyya’iinsa qabuttii? Namoota tokko tokkotti akkas itti fakkaata. ‘Hunda caalaammoo namni kun amala gaarii ani hiriyaa gaa’elaarraa barbaadu qaba’ jedhanii mormu. Namni hiriyaa gaa’elaasaa dhiisu, yookiinimmoo ati hiriyaa gaa’elaakee akka dhiistu si jajjabeessu qulqullina gaa’elaa waan tuffatuuf sababiiwwan dhihaatan kun soba. Kanaafuu, walitti dhufeenyi akkasii gaa’ela gaarii ijaaruutti nama geessa jedhanii yaaduun sirrii miti.
15 Meeriin, isheen armaan olitti ibsamte, isheenis taate namni biraa surraa Waaqayyoo akka dhaban gochuu dabalatee, miidhaa gochishee irraan geessisurratti xiyyeeffannaadhaan yaaddee turte. (Galaatiyaa 6:7) Akkas jetteetti: “Hiriyaa abbaa manaa kootiif miira akkamii akkan qabu yommuun gamaaggamu, namni kun barumsa dhugaa barachuuf carraa utuu argatee, ani gufuu itti ta’een ture jechuudha. Gochi dogoggora ta’e nama gocha sanarratti hirmaate hunda miidhuufi warra kaan gufachiisuu danda’a.”—2 Qorontos 6:3.
Wanta Guddaa Amanamoo Ta’uuf Nama Kakaasu
16. Addaggummaan saalaa dhumarratti bu’aansaa maalidha?
16 Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan akeekkachiisa: “Hidhiin dubartii ejjituu damma coccophsa, haasaan afaan isheetii akkuma dhadhaa ti, namas hin quuqu; dhuma irratti garuu akka hadhooftuu, akka billaa gara lamaan qaramees in taati.” (Fakkeenya 5:3, 4) Addaggummaan saalaa bu’aansaa kan nama gaddisiisu, booddeerrattis kan nama galaafatu ta’uu danda’a. Kanneen keessaa tokko tokko, jeequmsa sammuu, dhukkuboota saalqunnamtiidhaan daddarbaniifi miirri hiriyaa gaa’elaa nama cubbuu hojjetee miidhamuusaati. Dhugumayyuu wanta hiriyaa gaa’elaa keenyaaf amanamoo akka hin taane nu godhan jalqabuu dhiisuuf sababii quubsaa qabna.
17. Wanti guddaan hiriyaa gaa’elaatiif amanamoo ta’uuf nama kakaasu maalidha?
17 Sababiin hiriyaa gaa’elaatiif amanamoo ta’uu dhiisuun dogoggora ta’eef kan biraanimmoo, Yihowaan inni gaa’ela Hundeesse akkasumas abbaan manaafi haati manaa saalqunnamtiidhaan akka gammadan godhe wanta akkasii waan jibbuufidha. Yihowaan karaa Miikiyaas raajichaa, “Ani firdii kennuudhaaf isinitti dhi’aadheera; . . . warra ejjitoota irratti . . . dafee dhugaa nan ba’a” jedheera. (Milkiyaas 3:5) Wanta Yihowaan argu ilaalchisee Fakkeenyi 5:21, “Karaan namaa guutummaatti Waaqayyo dura jira, inni daandii nama hundumaa in ilaala” jedha. Eeyyee, “wanti hundinuu saaqamaa ija isaa durattis mul’ataa dha; nus waan goone sababii isaa wajjin isatti himuun nu irra jira.” (Ibroota 4:13) Amanamoo ta’uu dhiisuun iccitiidhaan raawwatamuufi qaamarrattis ta’e walitti dhufeenya namootaa wajjin qabnurratti miidhaan geessisu xinnoo fakkaatuyyuu, gochi akkasii kun walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu kan nu jalaa mancaasu ta’uunsaa amanamoo akka taanu nu kakaasa.
18, 19. Muuxannoo Yoseefiifi haadha manaa Phoxiifaarirraa maal baranna?
18 Fakkeenyi Yoseef ilma Yaaqoob, michuu Waaqayyoo ta’uuf fedhii qabaachuun, amanamoo ta’uuf akka nama jajjabeessu argisiisa. Yoseef, hojjetaa Fara’oon kan ta’e Phoxiifaar biratti waan jaallatameef, maatiisaa keessatti iddoo guddaa argate. “Yoseef immoo dhaabbii in tola, ija namaattis in miidhaga ture;” kanaafuu haati manaa Phoxiifaar ijashee irra buuste. Guyyaa guyyaadhaan akka ishee wajjin ciisu isa sossobduyyuu carraaqqiinshee gatii dhabeera. Yoseef sossobaasheetiif akka hin mo’amne kan isa godhe maali? Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Inni garuu didee, haadha manaa gooftaa isaa sanaan, ‘Kunoo, gooftaan koo . . . si malees wanti inni anatti kennuu dhiisee, harkatti hambifate hin jiru; ati immoo haadha manaa isaa ti; egaa ani attamittan hammina guddaa akkasii hojjedha? Cubbuudhaanis attamittan Waaqayyoon yakka ree?’ jedhe.”—Uumama 39:1-12.
19 Yoseef inni hin fuune, haadha manaa nama biraa wajjin saalqunnamtii raawwachuu diduudhaan qulqullinasaa eegeera. Fakkeenyi 5:15, “Boolla bishaanii kee keessaa bishaan boollaa, ija bishaanii kee keessaas bishaan yaa’u akka dhugdu, haadha manaa kee ishee jaalala siif burqisiiftutti gammadi!” jedha. Utuu hin beekin hiriyaa gaa’elaa keetiin ala nama biraa jaallachuuf akka hin hawwine of eeggadhu. Jaalala hiriyaa gaa’elaakee wajjin qabdu jabeessuuf, akkasumas rakkina isin mudatu kamiyyuu hiikuuf carraaqqii guddaa godhi. Karaa hundaanuu, “Haadha manaa qeerrummaa keetii wajjin gammadi!”—Fakkeenya 5:18.
Maal Baratte?
• Kiristiyaanni tokko utuma hin beekin hiriyaa gaa’elaasaatiin ala nama biraa hawwuu kan danda’u akkamitti?
• Namni tokko hiriyaa gaa’elaasaatiin ala nama biraa akka hin hawwine, of eeggannoo akkamii gochuun isa gargaaruu danda’a?
• Hiriyoonni gaa’elaa rakkinni yommuu isaan mudatu maal gochuu qabu?
• Hiriyaa gaa’elaatiif amanamoo ta’uuf wanti nama jajjabeessu inni guddaan maalidha?