‘Garaa Bal’adhaa’
1 Obbolummaa Kristiyaanaa keessatti, tokkoon tokkoo keenya jaalalli ho’aan akka jiraatu gochuuf itti gaafatamummaa qabna. (1 Phe. 1:22; 2:17) Yeroo waliif ‘garaa bal’annu’ jaalalli akkasii kun ni uumama. (2 Qor. 6:12, 13) Obboloota keenya sirriitti beekuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
2 Michoomni Caalaatti Jabaachaa Deema: Obboloota keenya caalaatti beekaa yoo deemne, amantii, jabinaafi amalawwansaanii gara biraas caalaatti dinqisiifachuu jalqabna. Dogoggorri ykn balleessaansaanii xiqqoo ta’ee nutti mul’ata; hidhaan michoomaas jabaachaa deema. Akka gaariitti yoo walbeekne, wal ijaaruufi wal jajjabeessuu dandeenya. (1 Tas. 5:11) Addunyaa Seexanaa dhiibbaa gadhee geessisu kana mo’uuf, madda ‘jajjabina’ waliif taana. (Qol. 4:11) Guyyoota dhumaa rakkisaa ta’aan keessa jiraannuyyuu, saba Yihowaa keessaa michoota gaarii qabaachuu keenyaan hammam galateeffannaa!—Fak. 18:24.
3 Michoonni nutti dhihaatan, Yommuu qorumsi cimaan numudatu madda jajjabinaa nuuf ta’u. (Fak. 17:17) Kristiyaanni, akka nama faayidaa hin qabnetti of ilaaltu tokko akkas jechuudhaan yaadatti: “Ofii kootiif ilaalcha sirrii hin taane qaban ture; michoonni koo, cimina koo qofa natti himuudhaan ilaalcha dogoggoraa kana akkan mo’u nagargaaraniiru.” Michoonni akkasii kennaa Yihowaati.—Fak. 27:9.
4 Warra Kaanittis Dhihaadhu: Jaalala obbolootaaf qabnuun garaa bal’achuu kan dandeenyu akkamitti? Obboloota kaanis walga’iirratti nagaa gaafachuu caalaa, haasawaa faayidaa qabu isaan haasofsiisuuf yaalii godhi. Dhimmawwan dhuunfaasaaniitti utuu hin galin akka isaaniif yaaddu argisiisi. (Filp. 2:4; 1 Phe. 4:15) Warra kaanitti dhihaachuuf karaa gara biraanimmoo, nyaata isaan afeeruudha. (Luq. 14:12-14) Yookinimmoo, isaan wajjin tajaajiluuf haala mijeessita ta’a. (Luq. 10:1) Obboloota keenya caalaatti beekuuf dursa kan fudhannu yoo ta’e, gumii keessatti tokkummaan akka cimu goona.—Qol. 3:14.
5 Michooma dhihoo qabaachuuf kan filannu, namoota umuriidhaan hiriyaa keenya ta’an ykn namoota fedhii akka keenyaa qabanii wajjin qofaadhaa? Amalliwwan akkasii kun, michooma gumii keessatti cimsinu akka daangessan gochuu hin qabnu. Daawitiifi Yonaataan akkasumas Ruutiifi Naa’omiin umuriifi akkaataa guddiinasaaniitiin garaagarummaa kan qaban ta’aniyyuu, michooma cimaa ijaaruu danda’aniiru. (Ruut 4:15; 1 Sam. 18:1) Michooma kee bal’isuu dandeessaa? Akkas gochuun kee, eebbawwan hammana hin jedhamne siif argamsiisa.
6 Jaalala obbolootaaf qabnu bal’isudhaan wal jajjabeessina; gumii keessattis nageenyi akka babal’atu goona. Kana malees, jaalala obboloota keenyatti argisiisnuuf Yihowaan nu eebbisa. (Far. 41:1, 2; Ibr. 6:10) Hamma danda’ame obboloota hedduu wajjin caalaatti michoomuuf maaliif karoora hin baafattu?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Tokkoon tokkoo keenya ittigaafatamummaa maalii qabna?
2. Michooma obboloota wajjin qabnu cimsuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
3. Warra kaaniif madda jajjabinaa ta’uu kan dandeenyu akkamitti?
4. Namoota gumiitti argaman caalaatti beekuu kan dandeenyu akkamitti?
5. Michooma keenya bal’isuuf karaan inni tokko isa kami?
6. Jaalala obbolootaaf qabnuun garaa bal’achuun keenya, faayidaawwan maalii nuuf argamsiisa?