Waan Waaqayyo Walitti Qabsiise Gargar Hin Baasinaa
“Egaa isaan lama miti, foon tokko malee; kanaafis waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin!”—MAATEWOS 19:6.
1, 2. Akka Caaffanni Qulqullaa’oon jedhaniifi dhugaansaa akka argisiisutti, haati manaafi abbaan manaa darbee darbee rakkoon akka isaan argatu eeguunsaanii sirrii kan ta’e maaliifi?
MEE AMMA konkolaataadhaan karaa dheeraa deemuuf akka kaatetti yaadi. Karaarratti rakkoon si mudataa laata? Rakkoon na hin muudatu jedhanii yaaduun gowwummaa ta’a! Fakkeenyaaf, haalli qilleensaa rakkisaa ta’e si mudachuufi suuta jettee of eeggannoodhaan oofuun si barbaachisuu danda’a. Bakka tokko yeroo geessu konkolaataankee si jalaa cabee rakkoon humnakeetii ol ta’e waan si mudateef, konkolaaticha gara andaara karaatti qabdee dhaabuudhaan gargaarsa kadhatta ta’a. Rakkoon akkasii si mudachuunsaa karaa jalqabuu keetti akka gaabbituufi konkolaataakee dhiistee akka adeemtu si gochuu qabaa? Lakki. Yeroo karaa dheeraa adeemtu, rakkoon akka si mudatu yaaduudhaan rakkoowwan kana hiikuuf mala barbaadda.
2 Gaa’ellis kanaa wajjin wal fakkaata. Rakkoon ka’uunsaa waan hin oolleef, dhiiraaf durbi wal fuudhuuf jedhan jireenyisaanii guutummaatti rakkoorraa walaba akka ta’u yaaduunsaanii gowwummaadha. Macaafni Qulqulluun 1 Qorontos 7:28rratti, haati manaafi abbaan manaa “jireenya isaaniitti rakkinni” akka isaan argatu ifatti dubbata. Maaliif? Gabaabumatti, haati manaafi abbaan manaa cubbamoota waan ta’aniifi ‘yeroo sodaachisaa’ keessa waan jiraannufidha. (2 Ximotewos 3:1; Roomaa 3:23) Kanaafuu, haati manaafi abbaan manaa walii galtee qabaniifi ilaalcha Waaqayyoo xiyyeeffannaa keessa galchanillee darbee darbee rakkoon isaan mudata.
3. (a) Namoota biyya lafaa hedduu biratti gaa’elli akkamitti ilaalama? (b) Kiristiyaanonni gaa’elasaanii eeguuf kan carraaqan maaliifi?
3 Yeroo si’anaa kanatti, haati manaafi abbaan manaa rakkoon yeroo isaan mudatu tarkaanfiinsaanii inni jalqabaa wal hiikuudha. Biyyoota baay’eetti lakkoofsi namoota wal hiikanii garmalee dabalaa jira. Haata’u malee, Kiristiyaanonni dhugaa rakkoo isaanirra ga’e ni hiiku malee keessaa hin baqatan. Maaliif? Gaa’elli kennaa qulqulluu Yihowaa biraa isaanii kenname akka ta’e waan beekaniifidha. Haadha manaafi abbaa manaa ilaalchisee Yesus,: “Waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin!” jedheera. (Maatewos 19:6) Akka qajeelfama Yesus kenne kanatti jiraachuun yeroo hundumaa salphaa akka hin taane beekamaadha. Fakkeenyaaf, firootaafi namoota gaa’ela ilaalchisee gorsa kennan dabalatee namoonni kaan, seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu waan hin beekneef, haati manaafi abbaan manaa sababiiwwan Caaffanni Qulqullaa’oon jedhaniin alatti akka adda adda ba’an ykn akka wal hiikan jajjabeessu.a Kiristiyaanonni garuu dafanii gaa’elasaanii diiguurra, rakkoo isaan mudate hiikuudhaan gaa’ellisaanii akka itti fufuuf carraaquun caalaatti gaarii akka ta’e beeku. Jalqabumaa kaasee, gorsa namoota kaanii hordofuu mannaa rakkoo nu mudate akka ilaalcha Yihowaatti hiikuuf murteessuun keenya baay’ee barbaachisaadha.—Fakkeenya 14:12.
Rakkoowwan Mo’uu
4, 5. (a) Gaa’ela keessatti rakkoo akkamiitu nama mudata? (b) Gaa’ela keessatti rakkoon yeroo uumamuttillee seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuun bu’a qabeessa kan ta’e maaliifi?
4 Gaa’ela hundumaa keessatti darbee darbee rakkoowwan hiikuuf xiyyeeffannaa guddaa kennuun akka barbaachisu beekamaadha. Yeroo baay’ee, kana gochuun walitti bu’iinsa xixinnoo ta’an hiikuu kan dabalatudha. Gaa’ela tokko tokko keessattimmoo, rakkoowwan ciccimoon hariiroo hiriyoota gaa’elaa balaarra buusan uumamuu danda’u. Al tokko tokkommoo, gargaarsa jaarsa gumii Kiristiyaanaa gaa’ela qabuufi muuxannoo qabuu gaafachuun isin barbaachisa ta’a. Ta’us haalawwan kun isin mudachuunsaanii gaa’elli keessan hin milkoofne jechuu miti. Kanaa mannaa, haala seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu wajjin wal simuun rakkoowwan nu mudataniif furmaata argachuun barbaachisaa ta’uusaa akka gaariitti kan ibsudha.
5 Yihowaan Uumaa dhala namaafi Hundeessaa gaa’elaa waan ta’eef, gaa’ela keessatti hariiroo gaarii qabaachuuf maal gochuu akka qabnu eenyuyyuu caalaa beeka. Amma gaaffiin ka’u, gorsasaa Macaafa Qulqulluu keessa jiru dhaggeeffachuudhaan isaaf ni abboomamnaa? kan jedhudha. Yoo akkas goone faayidaa akka argannu beekamaadha. Yihowaan sabasaa duriitiin akkas jedhee ture: “Eeyyee, ati seerrata koo utuu eegdeetta ta’ee, silaa nagaan kee akka laga bishaanii in yaa’a, qajeelummaan kees akka guuboo galaanaa ol in ka’a ture.” (Isaayaas 48:18) Qajeelfama Macaafa Qulqulluu akka gaariitti hordofuun gaa’elli akka milkaa’u godha. Mee amma gorsa Macaafa Qulqulluu abbootii manaatiif kenname haa ilaallu.
‘Haadha Manaakee Jaallachuukee Itti Fufi’
6. Gorsi Macaafa Qulqulluu abbootii manaatiif kenname maal kan jedhudha?
6 Xalayaan Phaawulos warra Efesooniif erge abbootii manaatiif qajeelfama ifa ta’e qabateera. Akkas jedhee barreesse: “Kristos akkuma waldaa kristiyaanaa jaallate, waldaadhaafis dabarsee of kenne, akkasuma abbaan manaas haadha manaasaa haajaallatu [“jaallachuusaa itti haa fufu!,” NW] Akkasuma immoo abbaan manaa akkuma dhagna ofii isaa jaallatutti, haadha manaa isaa jaallachuun in ta’aaf; namni haadha manaa isaa jaallatu ofii isaa in jaallata. Namni foon isaa in soora, in dhimmaaf malee, takkaa foon isaa jibbee hin beeku; Kristosis waldaadhaaf akkasuma godhe. Dubbiin kun isinis immoo in ilaala; tokkon tokkon abbaa manaa akkuma kanatti haadha manaa isaa akka ofii isaatiitti haa jaallatu.”—Efesoon 5:25, 28, 29, 33.
7. (a) Wanti Gaa’ela Kiristiyaanotaatiif bu’uura ta’uu qabu maalidha? (b) Abbootiin manaa haadhotii manaasaanii jaallachuusaanii itti fufuu kan danda’an akkamitti?
7 Phaawulos rakkoo haadha manaafi abbaa manaa gidduutti ka’u hundaa hin dubbanne. Kanaa mannaa, bu’uurri gaa’ela Kiristiyaanota hundaa, akkasumas wanti rakkoowwan hiikuuf isaan gargaaru jaalala ta’uusaa ibseera. Caqasa armaan oliirratti jaalalli al torba caqasameera. Phaawulos akkas jechuudhaanis abbootii manaa gorseera: “Abbaan manaas haadha manaasaa jaallachuusaa itti haa fufu.” Phaawulos, jaalalaan qabamuun jaalala sanatti cimuurra baay’ee salphaa ta’uusaa hubatee ture. Kun keessumaa ‘yeroo sodaachisaa’ namoonni baay’een “ofittoo” akkasumas kan “araara hin jaallanne” ta’an kana keessatti dhugaa ta’uunsaa ni mul’ata. (2 Ximotewos 3:1-3) Amalawwan gadhee ta’an kun yeroo har’aatti gaa’ela baay’ee diigaa kan jiran ta’uyyuu, abbaan manaa jaalala qabeessa ta’e, amalli ofittummaa biyya lafaa yaadasaafi gochasaarratti dhiibbaa akka geessisu hin heyyamu.—Roomaa 12:2.
Wanta Haadha Manaakeetiif Barbaachisu Dhiheessuu Kan Dandeessu Akkamitti?
8, 9. Abbaan manaa Kiristiyaana ta’e tokko wanta haadha manaasaa barbaachisu guutuufii kan danda’u karaawwan kamiini?
8 Abbaa manaa Kiristiyaana yoo taate, ofittummaarraa fagaachuudhaan haadha manaakeetiif jaalala dhugaa argisiisuu kan dandeessu akkamitti? Phaawulos warra Efesooniif armaan olitti akkuma caqasetti, wantoota lama, jechuunis wanta haadha manaakee barbaachisu isheedhaaf dhiheessuufi akkuma dhagna keetti ishee kunuunsuun akka si barbaachisu ibseera. Haadha manaakeetiif wanta ishee barbaachisu guutuufii kan dandeessu akkamitti? Karaan inni tokko wanta qaamaaf, jechuunis jireenyaaf ishee barbaachisu guutuufiidha. Phaawulos Ximotewosiif yeroo barreessu akkas jedheera: “Namni tokko akkasitti fira isaatiif, caalaadhumatti immoo warra mana isaatiif yoo yaaduu dhaabaate, inni amanticha ganuu isaa ti, nama hin amanin caalaas hammaachuu isaa ti.”—1 Ximotewos 5:8.
9 Haata’u malee, nyaata, uffataafi mana caalaas wanti barbaachisu jira. Kan akkas jennu maaliifi? Abbaan manaa tokko wanta qaama haadha manaasaatiif barbaachisu akka gaariitti kan dhiheessu ta’uyyuu, wanta miiraafi hafuuraan ishee barbaachisu guutuu dhiisuu danda’a. Wantoota kana isheedhaaf guutuunsaa baay’ee barbaachisaadha. Dhiironni Kiristiyaana ta’an baay’eensaanii dhimmawwan gumii wajjin wal qabataniin kan muddaman ta’uunsaanii beekamaadha. Haata’u malee, gumii keessatti itti gaafatamummaa gurguddaa qabaachuunsaa, abbaan manaa dirqama Waaqayyoo mataa maatii ta’uusaatiin isaaf kenne raawwachuu isa dagachiisu qaba jechuu miti. (1 Ximotewos 3:5, 12) Dhimma kana ilaalchisee waggoota muraasa dura Masaraan Eegumsaa tokko akkas jedheera: “Akka ulaagaawwan Macaafa Qulqulluutti, ‘Tiksummaan mana keessaa jalqaba’ jechuun ni danda’ama. Jaarsi tokko maatiisaa dagachuunsaa mirga jaarsa gumii ta’uu isa dhabsiisa.”b Haadha manaakeetiif qaamaaf, miiraafi hundarrammoo karaa hafuuraa wanta ishee barbaachisu guutuufii qabda.
Haadha Manaakee Kunuunsuu Jechuun Maal Jechuudha?
10. Abbaan manaa haadha manaasaa kunuunsuu kan danda’u akkamitti?
10 Haadha manaakee ni kunuunsita yeroo jedhamu, waan ishee jaallattuuf sirriitti ishee qabda jechuudha. Karaan kana gochuu itti dandeessu baay’eedha. Jalqaba, hiriyaa gaa’elaakee wajjin yeroo ga’aa dabarsi. Karaa kanaan haadha manaakee kan dagattu taanaan jaalalli isheen siif qabdu qabbanaa’uu danda’a. Yeroofi xiyyeeffannaa haadha manaakee barbaachisu ilaalchisee, wanti ati yaadduufi wanti isheen akka ishee barbaachisu itti dhaga’amu adda ta’uusaas hubadhu. Haadha manaakee akka kunuunsitu dubbachuunkee ga’aa miti. Haati manaakee akka ishee kunuunsitu itti dhaga’amuu qaba. Phaawulos, “Namni waan isatti tolu utuu hin ta’in, waan nama kan biraatti tolu haa barbaadu!” jechuudhaan barreesseera. (1 Qorontos 10:24) Akka abbaa manaa jaalala qabeessa tokkootti, wanta dhugumaan haadha manaakee barbaachisu sirriitti akka hubatte mirkaneessuu barbaadda.—Filiphisiiyus 2:4.
11. Akkaataan abbaan manaa haadha manaasaa itti qabu hariiroo inni Waaqayyoofi gumii wajjin qaburratti dhiibbaa kan gessisu akkamitti?
11 Karaan haadha manaakee akka kunuunsitu argisiisuu itti dandeessu kan biraan, jechaanis ta’e gochaan gaarummaa isheetti argisiisuudhaani. (Fakkeenya 12:18) Phaawulos warra Qolosaayisiif yeroo barreessu akkas jedheera: “Atis abbaan manaa, haadha manaa kee jaalladhu, ittis hin hammaatin!” (Qolosaayis 3:19) Akka kitaabni tokko jedhutti, himni lammataa kun “akka hojjettuu manaatti ishee hin ilaalin” ykn “garbittiikee hin godhatin” jedhamee hiikamuu danda’a. Abbaan manaa qofaattis ta’e namoota biratti haadha manaasaa ceepha’u, ishee kunuunsaa jira jechuun hin danda’amu. Haadha manaasaa kan hacuucu yoo ta’e hariiroo Yihowaa wajjin qabu balleessuu danda’a. Phexros ergamaan abbootii manaatiif akkas jedhee barreesseera: “Dubartoota keessaniif beekaatii wajjin jiraadhaa! Walii wajjin jireenya isa tola isiniif kennamutti galuuf waan jirtaniif, kadhanni keessan gufuu argatee akka hin ittifamnetti, dubartii keessan akka gar tokko dhagna keessanii isa dadhabaatti ulfina kennaaf!”c—1 Phexros 3:7.
12. Abbaan manaa Kiristiyaana ta’e tokko akkaataa Yesus gumii itti kunuunserraa barumsa maalii argachuu danda’a?
12 Jaalala haati manaakee siif qabdu akka salphaatti hin ilaalin. Ishee jaallachuukee akka itti fuftu mirkaneessiif. Akkaataan Yesus gumii Kiristiyaanaa itti qabe abbootii manaatiif fakkeenya ta’a. Bartoonnisaa irra deddeebi’anii yeroo balleessanittillee inni garraamii, gaarummaa kan qabuufi dhiifama kan godhu ture. Kanaaf Yesus warra kaaniin akkas jechuu danda’eera: “Gara koo kottaa; . . . anoo garraamii dha kanan gad of deebises; boqonnaas lubbuu keessaniif in argattu.” (Maatewos 11:28, 29) Abbaan manaa Kiristiyaanni tokko, fakkeenya Yesus hordofuudhaan akkuma inni gumii Kiristiyaanaa kunuunsetti haadha manaasaa kunuunsa. Dhiirri dhugumaan haadha manaasaa jaallatu, jechasaatiinis ta’e gochasaatiin ishee kunuunsuudhaan madda gammachuu isheedhaaf ta’a.
Haadhotii Manaa Seerawwan Bu’uuraa Macaafa Qulqulluutiin Jiraatan
13. Seerri bu’uuraa Macaafa Qulqulluu haadhotii manaa gargaaruu danda’u isa kami?
13 Macaafni Qulqulluun seera bu’uuraa haadhotii manaatiif ta’us qabateera. Efesoon 5:22-24, 33 akkas jedha: “Haati manaa akkuma gooftaa Yesusiif abboomamtu abbaa manaa isheetiifis haa abboomamtu! Kristos mataa waldaa kristiyaanaa akkuma ta’e, abbaan manaas mataa haadha manaa ti; Kristos fayyisaa waldaa kristiyaanaa ti; waldaan immoo dhagna isaa ti. Waldaan kristiyaanaa harka Kristos jala akkuma of galchitu, haati manaas waan hundumaatti harka abbaa manaa isheetii jala of haa galchitu. . . . Haati manaas abbaa manaa isheetiif ulfina haa kennitu!”
14. Seerri bu’uuraa Caaffata Qulqullaa’oo haadhotiin manaa akka bitaman dubbachuunsaa kan isaan salphisu kan hin taane maaliifi?
14 Phaawulos kan xiyyeeffate abboomamuufi ulfina kennuurratti ta’uusaa hubadhaa. Haati manaa abbaa manaasheetiif akka bitamtu gorfamteetti. Kun qophii Waaqayyoo wajjin kan wal simudha. Uumamni samiirras ta’e lafarra jiraatu hundi qaama bitamuuf qaba. Yesusillee Yihowaadhaaf ni bitama. (1 Qorontos 11:3) Abbaan manaa aangoosaatti akka gaariitti kan fayyadamu yoo ta’e, haati manaasaa isaaf bitamuun akka isheedhaaf salphatu godha.
15. Gorsa Macaafni Qulqulluun haadhotii manaatiif kenne keessaa tokko tokko maalidha?
15 Phaawulos itti dabalees haati manaa ‘abbaa manaasheetiif ulfina kennuu akka qabdu’ dubbateera. Haati manaa Kiristiyaana taate tokko, “hafuura garraamummaa fi gabii” calaqqisiisuu qabdi malee, of tuulummaadhaan kakaatee aboo abbaa manaasheetiin mormuu ykn yaada mataasheetiin buluu hin qabdu. (1 Phexros 3:4) Haati manaa Waaqayyoof bulte, wanta manasheetiif gaarii ta’eefi abbaa manaasheetiif ulfina argamsiisu raawwachuuf dhimmiti. (Tiitoos 2:4, 5) Gaarummaa abbaa manaashee dubbachuuf yaalti malee, wanta warri kaan akka isa tuffatan godhu tokkoyyuu hin gootu. Akkasumas murtoon inni godhe akka milkaa’u gochuuf carraaqxi.—Fakkeenya 14:1.
16. Haadhotiin manaa Kiristiyaana ta’an fakkeenya Saaraayiifi Ribqaarraa maal barachuu danda’u?
16 Dubartiin Kiristiyaanni tokko hafuura garraamummaafi gabii qabaatti jechuun, ilaalcha mataashee hin qabdu ykn yaannishee barbaachisaa miti jechuu miti. Dubartoonni bara durii Waaqayyoof bulan, jechuunis kan akka Saaraayiifi Ribqaa, dhimmoota tokko tokko ilaalchisee wanta isaan yaaddessu ibsuuf dursa fudhatanii turan; seenaan Macaafa Qulqulluu akka ibsutti Yihowaanis tarkaanfiisaanii deggereera. (Uumama 21:8-12; 27:46–28:4) Haadhotiin manaa Kiristiyaana ta’anis wanta isaanitti dhaga’ame dubbachuu ni danda’u. Ta’uyyuu, karaa ulfina qabeessaan malee tuffiidhaan ta’uu hin qabu. Akkas taanaan walitti dhufeenyisaanii caalaatti gammachiisaafi bu’a qabeessa ta’uu danda’a.
Waadaa Galuun Ga’ee Maalii Qaba?
17, 18. Karaawwan haati manaafi abbaan manaa Seexanni gaa’elasaanii akka hin diigne gochuu itti danda’an tokko tokko kamfa’i?
17 Gaa’elli waadaa hamma du’aatti itti fufudha. Kanaaf, haati manaafi abbaan manaa gaa’ellisaanii akka milkaa’uuf fedhii dhugaa qabaachuu qabu. Ifatti waliin haasa’uu dhiisuun, rakkinni uumame ukkaamamee akka hafuufi cimaa akka adeemu gochuu danda’a. Yeroo baay’ee, hiriyoonni gaa’elaa gidduusaaniitti rakkoon ennaa uumamu waliin ooduunsaanii caalaatti akka walitti mufatan godha. Hiriyoonni gaa’elaa tokko tokko saala faallaa kan biraa jaallachuudhaan walitti dhufeenya hiriyaa gaa’elaasaanii wajjin qaban dhaabuuf sababii barbaadu. Yesus, “Namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera” jechuudhaan akeekkachiiseera.—Maatewos 5:28.
18 Phaawulos ergamaan warra fuudhan dabalatee Kiristiyaanota hundumaa akkas jechuudhaan gorseera: “Yoo aartan iyyuu aariin keessan gara cubbuutti isin hin geessin! Utuma aariitti jirtaniis aduun isin duraa hin lixin! Seexanaaf karaa hin kenninaa!” (Efesoon 4:26, 27) Diina keenya guddicha kan ta’e Seexanni, walitti bu’iinsa Kiristiyaanota gidduutti uumamutti fayyadamuu barbaada. Fedhiinsaa kun akka milkaa’u hin heyyaminaa! Yeroo rakkoon uumamutti, barreeffamoota Macaafa Qulqulluutti fayyadamuudhaan, ilaalcha Yihowaan dhimma tokkorratti qabu ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal akka jedhu qoraa. Suuta jedhaatii amanamummaadhaan walitti bu’iinsa uumamerratti mari’adhaa. Wanti ulaagaa Yihowaan baase ilaalchisee beektaniifi gochi keessan akka wal simu godhaa. (Yaaqoob 1:22-25) Gaa’ela keessan wajjin haala wal qabateen, waliin ta’uudhaan Waaqayyoo wajjin deddeebi’uu keessan itti fufuuf murteessaa; akkasumas namni ykn wanti tokkoyyuu, kan inni walitti qabsiise akka gargar baasu hin heyyaminaa!—Miikiyaas 6:8.
[Miiljaleewwan]
a Dammaqaa! Bitootessa 8, 2002, Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e ful. 10rratti saanduqa “Wal Hiikuufi Gargar Ba’uu” jedhu ilaali.
b Masaraa Eegumsaa, Caamsaa 15, 1989, ful. 12 ilaali. (Ingiliffa)
c Dhiirri tokko gumii keessatti itti gaafatamummaadhaaf ga’eessa ta’uuf, “nama lola jaallatu” jechuunis kan nama rukutu ykn dubbiidhaan nama sossodaachisu ta’uurraa of qusachuu qaba. Kanaaf Masaraan Eegumsaa, Ingiliffaa Fulbaana 1, 1990, ful. 25rratti akkas jedha: “Namni tokko bakka hundumaatti akka Waaqayyo barbaadutti kan jiraatu, mana keessatti garuu kan nama hacuucu yoo ta’e mirga kanaaf ga’eessa miti.”—1 Ximotewos 3:2-5, 12.
Ni Yaadattaa?
• Gaa’elli Kiristiyaanotaallee rakkoon kan isa mudatu maaliifi?
• Abbaan manaa wanta haadha manaasaatiif barbaachisu akka isheedhaaf guutuufi akka ishee kunuunsu argisiisuu kan danda’u akkamitti?
• Haati manaa abbaa manaasheetiif ulfina akka kennitu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?
• Abbaan manaafi haati manaa waadaa galan jabeessuu kan danda’an akkamitti?