BARUMSA 49
Maatiin Kee Gammachuu Qabaachuu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 1
Misirroonni gammachuun gaafa cidha isaanii isaanitti dhagaʼamu bara baraaf akka itti fufu barbaadu. Kunis waanuma dandaʼamu dha. Kiristiyaanonni yeroo dheeraadhaaf gaaʼela keessa turanii fi gorsa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuuf carraaqqii guddaa godhan, kun taʼuu akka dandaʼu beeku.
1. Kitaabni Qulqulluun abbootii manaatiif gorsa akkamii kenna?
Yihowaan abbaan manaa mataa maatii akka taʼu muudeera. (Efesoon 5:23 dubbisi.) Kanaafuu, murtoo maaticha fayyadu akka godhu isa irraa eega. Kitaabni Qulqulluun, “Haadhotii manaa keessan jaallachuu keessan itti fufaa” jechuudhaan abbootii manaa gorsa. (Efesoon 5:25) Kana jechuun maal jechuu dha? Abbaan manaa jaalala qabeessa taʼe tokko, manattis taʼe namoota kaan duratti haadha manaa isaatti gaarummaa argisiisa. Miidhaa irraa ishii eega, akkasumas karaa qaamaa fi miiraa wanta ishii barbaachisu guutuuf wanta isaaf dandaʼame hunda godha. (1 Ximotewos 5:8) Hunda caalaa immoo, Yihowaa wajjin michummaa cimaa akka qabaattu ishii gargaara. (Maatewos 4:4) Fakkeenyaaf, haadha manaa isaa wajjin kadhachuu fi Kitaaba Qulqulluu dubbisuu dandaʼa. Abbaan manaa tokko haadha manaa isaa jaalalaan kan kunuunsu yoo taʼe, Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabaata.—1 Pheexiros 3:7 dubbisi.
2. Kitaabni Qulqulluun haadhotii manaatiif gorsa akkamii kenna?
Dubbiin Waaqayyoo, “Haati manaa abbaa manaa ishiitiif ulfina guddaa haa kennitu” jedha. (Efesoon 5:33) Maarree kana gochuu kan dandeessu akkamitti? Amalawwan gaggaarii abbaan manaa ishii qabuu fi carraaqqii inni ishiis taʼe ijoollee isaanii kunuunsuuf godhu yaaduu dandeessi. Kana malees murtoo inni godhu deggeruu fi Yihowaa kan waaqeffatu taʼuu baatus, gaarummaadhaan isatti dubbachuu fi waaʼee isaa wanta gaarii dubbachuudhaan akka isa kabajju argisiisuu dandeessi.
3. Abbaan manaa fi haati manaa gaaʼela isaanii cimsachuu kan dandaʼan akkamitti?
Kitaabni Qulqulluun haadha manaa fi abbaa manaa ilaalchisee, “Lamaan isaanii foon tokko taʼu” jedha. (Maatewos 19:5) Kana jechuun wanta gargar isaan baasu kam irraa iyyuu fagaachuu qabu jechuu dha. Yeroo hunda yeroo waliin dabarsuudhaan, akkasumas yaadaa fi miira isaanii iftoominaa fi jaalalaan waliif ibsuudhaan kana gochuu dandaʼu. Yihowaa irraa kan hafe wanti kam iyyuu ykn eenyu iyyuu hiriyaa gaaʼelaa isaanii akka caalu hin heyyaman. Keessumaa immoo, nama kan biraa wajjin hariiroo sirrii hin taane akka hin uumne of eeggachuu qabu.
CAALAATTI BARADHU
Qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu gaaʼela kee siif cimsan kamfaa akka taʼan ilaali.
4. Abbootiin manaa, haadha manaa keessan jaalladhaa, akkasumas akka gaariitti isaan kunuunsaa
Kitaabni Qulqulluun, “Abbootiin manaa akkuma qaama isaaniitti haadhotii manaa isaanii haa jaallatan” jedha. (Efesoon 5:28, 29) Kana jechuun maal jechuu dha? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.
Karaawwan abbaan manaa haadha manaa isaa akka jaallatuu fi akka ishiidhaaf yaadu itti argisiisu keessaa tokko tokko kam faʼi?
Qolosaayis 3:12 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Abbaan manaa amalawwan kanneen gaaʼela isaa keessatti argisiisuu kan dandaʼu akkamitti?
5. Haadhotiin manaa, abbaa manaa keessan jaalladhaa, akkasumas kabajaa
Kitaabni Qulqulluun haati manaa abbaan manaa ishii Yihowaa kan tajaajilu taʼus taʼuu baatus akka isa kabajju jajjabeessa. Pheexiros Tokkoffaa 3:1, 2 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Abbaa manaa Yihowaa hin waaqeffanne yoo qabaatte abbaan manaa kee Yihowaa akka waaqeffatu akka barbaaddu beekamaa dha. Maarree yeroo hunda isaaf lallabuu moo amala gaarii fi kabaja argisiisuutu caalaatti isa gargaara jettee yaadda? Maaliif?
Abbaan manaa fi haati manaa waliin murtoo gaarii gochuu dandaʼu. Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko haati manaa murtoo abbaa manaa ishii irratti walii galuu dhiisuu dandeessi. Yeroo kanatti yaada ishii karaa tasgabbii fi kabaja qabuun ibsuu dandeessi, taʼus Yihowaan murtoo maaticha fayyadu akka godhu itti gaafatamummaa kan kenne abbaa manaatiif taʼuu isaa hubachuu qabdi. Murtoo isaa deggeruufis wanta ishiidhaaf dandaʼame hunda gochuu qabdi. Kana gochuudhaan gammachuu maatichaatiif gumaacha gochuu dandeessi. Pheexiros Tokkoffaa 3:3-5 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Haati manaa abbaa manaa ishii yommuu kabajju Yihowaatti maaltu dhagaʼama?
6. Rakkoowwan gaaʼela kee keessatti si mudatan moʼuu ni dandeessa
Gaaʼelli rakkina irraa walaba taʼe hin jiru. Kanaafuu, hiriyoonni gaaʼelaa rakkina isaan mudate hiikuuf waliin hojjechuu qabu. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.
Mallattoowwan hiriyoonni gaaʼelaa kun wal irraa fagaachaa akka jiran argisiisan tokko tokko kam faʼi?
Gaaʼela isaanii cimsachuuf maal godhaniiru?
Qorontos Tokkoffaa 10:24 fi Qolosaayis 3:13 dubbisaa. Caqasoota kana erga dubbistanii booda gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Gorsa kana hojii irra oolchuun gaaʼela kan cimsu akkamitti?
Kitaabni Qulqulluun wal kabajuu akka qabnu dubbata. Wal kabajuun immoo gaarummaa walitti argisiisuu dabalata. Roomaa 12:10 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Abbaan manaa fi haati manaa wal kabajuuf wal eeguu qabuu? Maaliif?
NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Anii fi hiriyaan gaaʼelaa koo akka kanaan duraa baayʼee walitti hin dhihaannu.”
Kitaabni Qulqulluun akka isaan gargaaru ibsuu kan dandeessu akkamitti?
MAAL BARATTE?
Abbaan manaa fi haati manaa yoo wal jaallatan, yoo wal kabajanii fi qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu yoo hojii irra oolchan gammachuu qabaachuu dandaʼu.
Irra Deebii
Abbaan manaa gaaʼelli isaanii gammachuu akka qabaatu gumaacha gochuu kan dandaʼu akkamitti?
Haati manaa hoo gaaʼelli isaanii gammachuu akka qabaatu gumaacha gochuu kan dandeessu akkamitti?
Gaaʼela godhatteetta yoo taʼe, qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu gaaʼela kee cimsachuuf si gargaaru isa kami?
QORANNOO DABALATAA GODHI
Yaadawwan maatiin kee gammachuu akka qabaatu si gargaaruu dandaʼan baradhu.
Muuziqaa viidiyoodhaan qophaaʼee fi gorsa Waaqayyo kenne gaaʼela kee keessatti hojii irra oolchuun eebba akka argamsiisu ibsu ilaali.
Itti gaafatamummaa abbaan manaa maaticha geggeessuuf qabuuf bitamuu jechuun maal jechuu akka taʼe qori.
“Dubartootaa, Seera Matummaatiif Bitamuu Kan Qabdan Maaliifi?” (Masaraa Eegumsaa, Caamsaa 15, 2010)
Hiriyoonni gaaʼelaa tokko wal hiikuu dabalatee rakkoowwan ciccimoo taʼan kan dandamatan akkamitti?
Gargaarsa Yihowaatiin Gaaʼela Keenya Deebisnee Ijaaruu Dandeenyeerra (5:14)