BOQONNAA 23
‘Inni Dursee nu Jaallateera’
1-3. Sababiiwwan duuti Yesuus adda akka taʼu godhan tokko tokko maalfaʼi?
GARA waggoota 2,000 dura namni qulqulluun tokko murtiitti erga dhihaatee booda yakka hin raawwanneen yakkamaa akka taʼe itti murtaaʼee gara jabinaan ajjeefame. Ajjeechaan gara jabinaan raawwatame kun seenaa keessatti isa jalqabaa hin turre; isa dhumaas miti. Haa taʼu malee, duuti nama kanaa duʼa namoota kaanii irraa adda ture.
2 Saʼaatii dhumaa lubbuun isaa darbuuf jettutti, wanti samii irratti mulʼate dhimmi kun wanta bakka guddaa qabu akka taʼe ifa godheera. Yeroon sun guyyaa walakkaa taʼus, yeruma sana lafti ni dukkanaaʼe. Akka barreessaan Kitaaba Qulqulluu tokko ibsetti, ‘ifti aduu badee’ ture. (Luqaas 23:44, 45) Sana booda, namichi duʼuu isaa yeroo muraasa dura, “ni raawwatame!” jechuudhaan yaada hin irraanfatamne dubbate. Dhuguma iyyuu, namni kun lubbuu isaa dabarsee kennuudhaan wanta dinqisiisaa taʼe tokko raawwateera. Aarsaan isaa kun gocha jaalalaa hunda irra caalu ture.—Yohaannis 15:13; 19:30.
3 Namni kun Yesuus Kiristoosi dha. Dhiphinnii fi duuti guyyaa gaddisiisaa sanatti, jechuunis Dh.K.B. bara 33 Niisaan 14tti isa irra gaʼe akka gaariitti beekama. Haa taʼu malee, yeroo baayʼee wanti barbaachisaa taʼe tokko ni dagatama. Yesuus garmalee kan dhiphate taʼus, qaamni isa caalaa dhiphate tokko jira. Guyyaa sanatti Yesuus caalaa aarsaa kan kaffale, jechuunis uumama cufa keessatti jaalala guddaa kan argisiise qaama kana dha. Wanti inni godhe maal ture? Deebiin gaaffii kanaa, waaʼee wanta barbaachisaa taʼe tokkoo, jechuunis waaʼee jaalala Yihowaa barachuuf seensa gaarii nuu taʼa.
Gocha Jaalalaa Hunda Irra Caalu
4. Loltuun warra Roomaa tokko, Yesuus namoota kaan irraa adda taʼuu isaa kan hubate akkamitti? Kanaan kan kaʼes maal jedhe?
4 Ajajaan loltoota Roomaa murtoo duʼaa Yesuus irratti dabarfame raawwachiisaa ture tokko, dukkanaa fi kirkira lafaa duʼa Yesuus booda uumametti dinqisiifamee, “Dhuguma iyyuu kun Ilma Waaqayyoo ture” jedheera. (Maatewos 27:54) Dhuguma iyyuu Yesuus namoota kaan irraa adda ture. Loltuun kun, Ilma Waaqa isa Hundaa Olii ajjeesisuu irratti hirmaateera! Haa taʼu malee, Ilmi kun Abbaa isaa biratti hammam jaallatama?
5. Ilmi Waaqayyoo gara lafaa dhufuu isaa dura yeroo hammamiitiif Abbaa isaa wajjin samii irra jiraate?
5 Kitaabni Qulqulluun Yesuus, “angafa uumama hundumaa ti” jedha. (Qolosaayis 1:15) Mee yaadi, Ilmi Yihowaa uumamni cufti uumamuu isaa dura jiraachaa ture. Maarree Abbaa fi Ilmi kun yeroo hammamiitiif waliin turaniiru? Saayintistoonni tokko tokko akka tilmaamanitti, uumamni cufti umurii waggaa biliyoona 13 qaba. Yeroon kun hammam baayʼee akka taʼe tilmaamuu dandeessaa? Tilmaamni kun sirrii utuma taʼee illee, waggaan biliyoona 13 taʼu kun hundi illee umurii Ilma Yihowaa irra ni xiqqaata. Garuu Ilmi Waaqayyoo kun yeroo kana hundatti maal hojjechaa ture?
6. (a) Ilmi Yihowaa nama taʼuu isaa dura maal hojjechaa ture? (b) Yihowaa fi Ilma isaa gidduu michummaa akkamiitu jira?
6 Ilmi Waaqayyoo “hojjetaa dandeettii qabu” taʼee gammachuudhaan Abbaa isaa tajaajileera. (Fakkeenya 8:30) Kitaabni Qulqulluun, “Wanta taʼe keessaas [Ilma] malee wanti taʼe tokko illee hin jiru” jedha. (Yohaannis 1:3) Kanaaf, Yihowaa fi Ilmi isaa wantoota kan biroo hunda uumuuf waliin hojjetaniiru jechuu dha. Yeroo gammachiisaa akka waliin dabarsan hin shakkisiisu! Hundi keenya iyyuu jaalalli warraa fi ijoollee gidduu jiru cimaa akka taʼe ni amanna. Kana malees, “jaalalli tokkummaadhaan namoota walitti hidha.” (Qolosaayis 3:14) Maarree yeroo dheeraa kana keessatti michummaa cimaan isaan gidduutti akka uumame namni shakkuu dandaʼu jiraa? Kanaaf, Yihowaa fi Ilmi isaa, hidhaa jaalalaa cimaa hunda irra caaluun tokko akka taʼan beekamaa dha.
7. Yeroo Yesuus cuuphametti, Yihowaan miira Ilma isaatiif qabu maal jedhee ibse?
7 Yihowaan Ilma isaa baayʼee kan jaallatu taʼus, nama taʼee akka dhalatu gara lafaatti isa ergeera. Kana jechuun, waggoota 30 oliif Ilma isaa isa jaallatamaa of biraa dhabee ture jechuu dha. Yeroo Yesuus nama mudaa hin qabne taʼee guddatu Yihowaan xiyyeeffannaadhaan samii irraa isa ilaalaa ture. Yesuus yommuu umuriin isaa gara waggaa 30 taʼu ni cuuphame. Yihowaan yeroo kanatti maaltu akka isatti dhagaʼame tilmaamuun nu hin barbaachisu. Yihowaan ofuma isaatii kallattiidhaan samii irraa, “Kun Ilma koo isa jaallatamaa, isa ani itti gammadu dha” jedheera. (Maatewos 3:17) Abbaan isaa, Yesuus raajiiwwan waaʼee isaa dubbatamanii fi wanta irraa eegamu hunda amanamummaadhaan akka raawwate yommuu arge, baayʼee akka gammade beekamaa dha!—Yohaannis 5:36; 17:4.
8, 9. (a) Yesuus Dh.K.B. bara 33 Niisaan 14tti rakkina akkamiitu isa irra gaʼe? Kun hoo Abbaa isaatti maaltu akka dhagaʼamu godhe? (b) Yihowaan Ilmi isaa akka dhiphatuu fi akka duʼu kan heyyame maaliifi?
8 Haa taʼu malee, Dh.K.B. bara 33 gaafa Niisaan 14 Yihowaatti maaltu dhagaʼame? Yeroo Yesuus halkan sana dabarfamee kennamuu fi namoonni isa qaban; yommuu michoonni isaa isa dhiisanii baqatanii fi himanni seeraan alaa isa irratti dhihaatu; yommuu itti qoosamu, yommuu itti tufamuu fi abootteedhaan rukutamu; yommuu dugdi isaa garafame ciccitee dhiigu; yommuu harki isaa fi miilli isaa mismaaraan muka irratti rukutamee fannifamuu fi namoonni isa arrabsan; yommuu Ilmi isaa inni jaallatamaan dhiphatee gara isaatti iyyatu; akkasumas yommuu Ilmi isaa inni jaallatamaan yeroo jalqabaatiif jireenyaa ala taʼu, Yihowaatti maaltu dhagaʼamee ture laata?—Maatewos 26:14-16, 46, 47, 56, 59, 67; 27:38-44, 46; Yohaannis 19:1.
9 Yihowaan miira kan qabu waan taʼeef, dhiphina yeroo Ilmi isaa duʼetti isa irra gaʼe jechaan ibsuu hin dandeenyu. Ibsuu kan dandeenyu, sababii Yihowaan wanta kana itti heyyame qofa dha. Yihowaan wanti akkasii akka isa irra gaʼu kan heyyame maaliifi? Yohaannis 3:16 irratti yaada dinqisiisaa taʼe tokko nuu ibseera. Caqasni Kitaaba Qulqulluu kun yaada baayʼee barbaachisaa taʼe waan qabateef, yaada ijoo Wangeelaa jedhameera. Caqasichi: “Isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennutti addunyaa baayʼee jaallateera” jedha. Kanaaf, Yihowaan kana akka godhu kan isa kakaase jaalala dha. Yihowaan Ilmi isaa nuuf jedhee akka dhiphatuu fi akka duʼu nuu erguun isaa, gocha jaalalaa hunda irra caalu dha.
‘Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha kenneera’
Jaalalli Maali Dha?
10. Ilmaan namootaa fedhii akkamii qabu? Hiikni jecha “jaalala” jedhuu maal taʼeera?
10 Jechi “jaalala” jedhu hiikni isaa maali dha? Jaalalli wantoota ilmaan namootaatiif barbaachisan keessaa isa guddaa akka taʼe dubbatama. Ilmaan namootaa yeroo dhalatanii kaasee hamma duʼanitti, jaalala argachuu barbaadu; jaalala yommuu argatan ni lalisu, jaalala yommuu dhaban immoo cooliguu fi duʼuu illee ni dandaʼu. Taʼus, jecha kana ibsuun baayʼee rakkisaa dha. Dhugaa dha, namoonni jaalala ilaalchisee waan baayʼee jedhu. Kitaabonni, sirboonnii fi walaloowwan waaʼee jaalalaa ibsan hedduun jiru. Haa taʼu malee, wantoonni kun yeroo hunda hiika jaalalaa sirriitti hin ibsan. Namoonni jecha kanatti yeroo baayʼee waan fayyadamaniif, hiikni isaa inni sirriin hanga wallaalamutti gaʼeera.
11, 12. (a) Waaʼee jaalalaa barumsa guddaa eessaa argachuu dandeenya? Akkas kan jennu hoo maaliifi? (b) Afaan Giriikii isa durii keessatti gosawwan jaalalaa meeqatu caqasame? Kitaabota Qulqulluu afaan Giriikii keessatti “jaalala” argisiisuuf jechi balʼinaan itti hojjetame isa kami? (Miiljalees ilaali.) (c) Yeroo baayʼee Kitaaba Qulqulluu keessatti agaappeen hiika akkamii qaba?
11 Kitaabni Qulqulluun garuu waaʼee jaalalaa barumsa ifa taʼe barsiisa. Eksipooziitarii Dikshinarii oov Niiwu Teestaamanti Wordis, inni nama Vaayin jedhamuun qophaaʼe, “Jaalalli beekamuu kan dandaʼu gocha isaatiin qofa dha” jedha. Gochi Yihowaa inni Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame, jaalala dhugaa inni uumamawwan isaatiif qabu ilaalchisee wanta hedduu nu barsiisa. Fakkeenyaaf, gocha jaalalaa Yihowaa isa gita hin qabnee fi olitti ibsame caalaa wanti waaʼee amala kanaa ibsuu dandaʼu jiraa? Boqonnaawwan itti aanan keessatti, fakkeenyota hedduu gocha jaalalaa Yihowaa ibsan ni ilaalla. Kana malees, afaan Kitaabni Qulqulluun ittiin barreeffameen jechoota “jaalala” argisiisuuf itti hojjetaman irraa hubannaa argachuu dandeenya. Afaan Giriikii isa durii keessatti jechoonni “jaalala” argisiisuuf itti hojjetaman afur turan.a Isaan keessaa, Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti hunda isaanii caalaa baayʼinaan kan argamu jecha agaappee jedhu dha. Galmeen jechootaa Kitaaba Qulqulluu tokko, “jaalala ibsuuf jechi kana caalu hin jiru” jedheera. Maaliifi?
12 Akka Kitaaba Qulqulluu keessatti itti hojjetametti agaappeen jaalala dhugaa buʼuuraatiin geggeeffamu dha. Kanaaf, jaalalli akkasii miira warra kaaniif qabnu qofa irratti kan hundaaʼe miti. Jaalalli kun hiika balʼaa kan qabu yeroo taʼu, wanti tokko sirrii akka taʼee fi gochuu akka qabnu hubachuudhaan kan argisiifamu dha. Akkasumas jaalalli Kiristiyaanaa ykn agaappeen ofittummaa irraa guutummaatti bilisa dha. Fakkeenyaaf mee ammas Yohaannis 3:16 ilaali. ‘Addunyaan’ inni Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennuufitti jaallate isa kami? Ilmaan namootaa aarsaa furii Yesuus irraa fayyadamuu dandaʼan hunda argisiisa. Namoota kana keessaa hedduun isaanii immoo amma iyyuu jireenya Waaqayyoon hin gammachiisne jiraachaa jiru. Yihowaan, akkuma Abrahaam isa amanamaa jaallate, namoota hunda dhuunfaatti akka michuu isaatti ni jaallataa? Lakki. (Yaaqoob 2:23) Haa taʼu malee, gatii guddaa kan isa kaffalchiisu taʼus namoota hundatti gaarummaa ni argisiisa. Namoonni hundi yaada akka geddaratanii fi daandii isaanii akka jijjiiran barbaada. (2 Pheexiros 3:9) Namoonni hedduun kana godhaniiru. Yihowaanis namoota kana akka michoota isaatti isaan simateera.
13, 14. Jaalalli Kiristiyaanaa ykn agaappeen yeroo baayʼee miira hoʼaa akka dabalatu wanti argisiisu maali dha?
13 Taʼus namoonni tokko tokko akkaataa agaappeen Kitaaba Qulqulluu keessatti itti hojjetame dogoggoraan hubatu. Jaalalli kun qabbanaaʼaa akka taʼee fi beekumsa qofa irratti kan hundaaʼe akka taʼetti yaadu. Haa taʼu malee, yeroo baayʼee jaalalli Kiristiyaanaa ykn agaappeen nama tokkoof jaalala hoʼaa qabaachuus kan dabalatu dha. Fakkeenyaaf Yohaannis, “Abbaan Ilma ni jaallata” jedhee yeroo barreessetti jecha agaappee jedhutti fayyadameera. (Yohaannis 3:35) Jaalalli kun miira hoʼaa kan hin qabnedhaa? Yesuus, “Abbaan ilma ni jaallata” yeroo jedhu jecha fiiliyoo jedhutti akka fayyadame yaadadhu. (Yohaannis 3:35; 5:20) Jaalalli Yihowaa yeroo baayʼee miira hoʼaa kan dabalatu dha. Haa taʼu malee, jaalalli isaa miiraan qofa kan oofamu miti. Yeroo hunda dhugaawwan buʼuuraa isaa warra ogummaa fi haqa irratti hundaaʼaniin geggeeffama.
14 Akkuma kanaan dura ilaalle amalawwan Yihowaa hundi baʼeessa, mudaa kan hin qabnee fi kan nama hawwatani dha. Haa taʼu malee, hunda isaanii caalaa kan nama hawwatu jaalala dha. Wanti akka jaalalaa Yihowaatti nu dhiheessuuf humna qabu hin jiru. Kana nama gammachiisu immoo jaalalli amala Yihowaa isa hunda irra caalu dha. Kana akkamitti beekna?
“Waaqayyo Jaalala”
15. Kitaabni Qulqulluun jaalala isa amala Yihowaa isa guddaa taʼe ilaalchisee maal jedha? Ibsi kun adda kan taʼe hoo maaliifi? (Miiljalees ilaali.)
15 Kitaabni Qulqulluun amalawwan Yihowaa warra guguddaa kaan irraa haala adda taʼeen waaʼee jaalalaa wanta dubbatu qaba. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo humna ykn haqa ykn ogummaa akka taʼe hin dubbatu. Yihowaan amalawwan kana kan qabu taʼuu isaa irra iyyuu, madda amalawwan kanaa ti; akkasumas amalawwan kana sadan argisiisuudhaan qaamni isaan qixxaatu hin jiru. Haa taʼu malee, “Waaqayyo jaalala” jechuudhaan amala isaa isa arfaffaa ilaalchisee wanta adda taʼe dubbata.b (1 Yohaannis 4:8) Kana jechuun maal jechuu dha?
16-18. (a) Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo jaalala” kan jedhu maaliifi? (b) Uumamawwan lafa irratti argaman hunda keessaa, namni jaalala Yihowaatiif fakkeenya gaarii kan taʼu maaliifi?
16 “Waaqayyo jaalala” jechuun, “Waaqayyo jaalalaa wajjin qixxee dha” jechuu miti. Hima kana garagalchinee, “jaalalli Waaqayyo dha” jechuu hin dandeenyu. Yihowaan amala qaama hin qabne irra baayʼisee caala. Inni jaalala malees miirawwanii fi amalawwan hedduu qaba. Jaalalli garuu amala isaa isa guddaa dha. Kanaan kan kaʼes galmeen jechootaa Kitaaba Qulqulluu tokko caqasa kana ilaalchisee, “Waaqayyo guutummaatti jaalala dha” jedheera. Dhimma kana ilaalchisee akkas jennee yaaduu dandeenya: Humni Yihowaa waa gochuuf isa dandeessisa. Haqnii fi ogummaan isaa immoo akkaataa inni wanta sana itti raawwatu qajeelchu. Jaalalli Yihowaa garuu wanta tokko akka raawwatu isa kakaasa. Akkaataa amalawwan isaa warra kaan itti fayyadamu irratti jaalalli isaa ni mulʼata.
17 Kitaabni Qulqulluun, Yihowaan jaalala argisiisuudhaan fakkeenya hunda irra caalu akka taʼe nutti hima. Kanaaf, waaʼee jaalala isa dhugaa buʼuuraatiin geggeeffamuu beekuu yoo barbaanne, waaʼee Yihowaa barachuu qabna. Dhugaa dha, amala gaarii kana namoota irrattis arguu dandeenya. Garuu kun kan taʼe maaliifi? Yihowaan yeroo namoota uumetti, ilma isaatiin taʼuu dandaʼa, “Akka bifa keenyaatti, akka fakkaattii keenyaattis nama haa tolchinu” jedheera. (Uumama 1:26) Uumamawwan lafa irratti argaman hunda keessaa, Abbaa isaanii isa samii jaallachuu fi fakkeenya isaa hordofuu kan dandaʼan namoota qofa dha. Yihowaan amalawwan isaa warra guguddaa ibsuuf uumamawwan adda addaatti fayyadameera. Taʼus amala isaa isa guddaa kan taʼe jaalala isaa ibsuuf, nama isa uumamawwan hunda irra caalutti fayyadameera.—Hisqiʼel 1:10.
18 Dhugaawwan buʼuuraa irratti hundoofnee yommuu jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiisnu, amala Yihowaa isa hunda irra caalu calaqqisna. Akkuma Yohaannis ergamaan barreesse, “Inni dursee waan nu jaallateef, nuti jaalala ni argisiisna.” (1 Yohaannis 4:19) Haa taʼu malee, Yihowaan dursee kan nu jaallate karaawwan kamiini?
Yihowaan Dursee Jaalala Nutti Argisiiseera
19. Jaalalli Yihowaan uumuu akka jalqabu gochuu irratti shoora guddaa qaba kan jennu maaliifi?
19 Jaalalli wanta haaraa miti. Yihowaan uumuu akka jalqabu kan isa kakaase maali dha? Kophaa taʼuu isaatiin kan kaʼe michuun waan isa barbaachiseef hin turre. Yihowaan guutuu fi kan of dandaʼe waan taʼeef, qaamni isa gargaaru isa hin barbaachisu. Kanaa mannaa uumuu kan jalqabe, jaalalli isaa uumamawwan isaa warra yaaduu dandaʼanii fi kennaa kana dinqisiifataniif jireenya akka kennu waan isa kakaaseefi. Qaamni “Uumama Waaqayyoo keessaa isa jalqabaa taʼe” Ilma isaa isa tokkicha dha. (Mulʼata 3:14) Achiis Yihowaan Hojjetaa isaa isa dandeettii qabutti fayyadamee, maleekota irraa jalqabee wantoota kaan hunda gara jireenyaatti fide. (Iyyoob 38:4, 7; Qolosaayis 1:16) Qaamonni hafuuraa humna guddaa qaban kun, bilisummaa, dandeettii yaaduu fi miira waan qabaniif ofii isaaniif, walii isaanii fi hunda caalaa immoo Yihowaaf jaalala qabaachuu dandaʼu. (2 Qorontos 3:17) Akka kanaan, dursanii waan jaallatamaniif isaanis jaallachuu dandaʼaniiru.
20, 21. Addaamii fi Hewaan ragaawwan Yihowaan akka isaan jaallatu argisiisan akkamii qabu turan? Isaan garuu maal godhan?
20 Yihowaan jaalala kana ilmaan namootaattis argisiiseera. Jalqabumaa kaasee Addaamii fi Hewaan wantoota jaalala Yihowaa isa guddaa argisiisaniin marfamanii turan. Jannata Eedan ishii mana isaanii taate keessatti bakka hunda yommuu ilaalan, jaalala Abbaan isaanii isaaniif qabu arguu dandaʼu turan. Kitaabni Qulqulluun, “Yihowaan kallattii bahaatiin Eedan keessatti iddoo biqiltuu ni dhaabe; namicha tolche sanas achi keessa kaaʼe” akka jedhu qalbeeffadhu. (Uumama 2:8) Bakka biqiltuun jiru ykn paarkii bareedu tokko dhaqxee beektaa? Hunda caalaa wanti si gammachiise maal ture? Ifa biiftuu gaaddisa mukeetii gidduudhaan mulʼatudhaa? Abaaboowwan halluu garaa garaa qabanidhaa? Sagalee fincaaʼaa, waca simbirrootaa fi ilbiisotaatii? Urgaa mukeetii, urgaa firiiwwanii fi abaabootii? Karaa kamiin iyyuu, paarkiin jannata Eedan wajjin wal gituu dandaʼu hin jiru. Maaliifi?
21 Jannata kana kan qopheesse Yihowaa dha! Iddoon sun baayʼee kan nama gammachiisu akka ture hin shakkisiisu. Achi keessa mukti ija namaatti toluu fi firiin isaa miʼaawaa taʼe hundi jira ture. Jannanni sun akka gaariitti bishaan kan argatu, balʼaa fi bineeldota adda addaatiin kan guutame ture. Addaamii fi Hewaan hojii gammachiisaa fi hiriyyummaa mudaa hin qabne dabalatee, wantoota jireenyi isaanii gammachuu akka qabaatuu fi guutuu akka taʼu godhan hunda qabu turan. Yihowaan dursee waan isaan jaallateef, isa jaallachuuf sababii gaʼaa qabu turan. Isaan garuu, kana utuu hin godhin hafaniiru. Jaalalaan kakaʼanii Abbaa isaanii isa samiitiif ajajamuu mannaa, ofittoo waan taʼaniif isa irratti fincilaniiru.—Uumama, boqonnaa 2.
22. Fincila Eedan keessatti kaʼe ilaalchisee tarkaanfiin Yihowaan fudhate, jaalalli isaa amanamaa taʼuu isaa kan mirkaneessu akkamitti?
22 Gochi isaanii kun Yihowaa baayʼee gaddisiisee akka ture beekamaa dha. Haa taʼu malee, kun namoota jaallachuu akka dhiisu isa taasiseeraa? Hin goone! “Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.” (Faarfannaa 136:1) Kanaan kan kaʼes, ijoollee Addaamii fi Hewaan warra garaa qajeelaa qaban furuuf jaalalaan kakaʼee yeruma sana qophii godheera. Akkuma olitti ilaalle, qophiin kun aarsaa furii Ilma isaa isa jaallatamaa kan dabalatu yeroo taʼu, kunis Yihowaan gatii guddaa akka kaffalu godheera.—1 Yohaannis 4:10.
23. Sababiiwwan Yihowaan “Waaqa gammadaa” itti taʼe keessaa inni tokko maali dha? Boqonnaa itti aanu irratti gaaffii barbaachisaa kam irratti mariʼanna?
23 Eeyyee, Yihowaan jalqabumaa kaasee ilmaan namootaatti jaalala argisiisuuf dursa fudhateera. Inni karaawwan hedduudhaan, ‘dursee nu jaallateera.’ Jaalalli, tokkummaa fi gammachuu waan argamsiisuuf, Yihowaan “Waaqa gammadaa” jedhamuun isaa nama hin dinqisiisu. (1 Ximotewos 1:11) Haa taʼu malee, as irratti gaaffiin barbaachisaa taʼe tokko ni kaʼa. Dhuguma Yihowaan dhuunfaadhaan nu jaallataa? Boqonnaan itti aanu waaʼee kanaa ibsa.
a Jechi fiiliyoo jedhu “jaalala michuu dhihoo ykn obboleessa ofiitiif qaban kan argisiisu yeroo taʼu, baayʼinaan Kitaabota Qulqulluu afaan Giriikii keessatti itti hojjetameera. Jechi istoorjii jedhu jaalala maatii keessatti argamu kan argisiisu yeroo taʼu, jechi kun 2 Ximotewos 3:3 irratti jaalala isa guyyoota dhumaatti badu argisiisuuf itti hojjetameera. Jechi eeros jedhu immoo, jaalala saala faallaa gidduutti uumamu kan argisiisu dha; jaalalli akkasii Kitaaba Qulqulluu keessatti kan ibsame taʼus, Kitaabota Qulqulluu afaan Giriikii keessatti hin argamu.—Fakkeenya 5:15-20.
b Kitaaba Qulqulluu keessa yaadawwan kanaa wajjin wal fakkaatan jiru. Fakkeenyaaf, “Waaqayyo ifa dha,” akkasumas “Waaqni . . . ibidda gubee balleessu dha” jedhameera. (1 Yohaannis 1:5; Ibroota 12:29) Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun akkas kan jedhe Yihowaa wantoota kanatti fakkeessee ibsuuf jedhee akka taʼe beekamaa dha. Yihowaan qulqulluu fi qajeelaa waan taʼeef ifatti fakkeeffamuu dandaʼa. “Dukkanni” ykn xuraaʼummaan isa keessa hin jiru. Humna balleessuuf qabutti waan fayyadamuufis, ibiddatti fakkeeffamuu dandaʼa.