Qorontos Lammaffaa
3 Nuti ammas isinitti of beeksisuu qabnaa? Yookiin akka namoota tokko tokkoo xalayaa deggersaa gara keessanitti fiduun yookiin isin irraa argachuun nu barbaachisaa? 2 Isin mataan keessan xalayaa keenya+ isa garaa keenya keessatti barreeffame, isa namoonni hundi beekanii fi dubbisani dha. 3 Sababiin isaas, isin xalayaa Kiristoos nu warra tajaajiltoota taaneen,+ qalamaan utuu hin taʼin hafuura Waaqa jiraataatiin, gabatee dhagaa irratti utuu hin taʼin,+ gabatee foonii, jechuunis garaa irratti barreeffame+ akka taatan ifatti argisiistaniittu.
4 Nuti karaa Kiristoos Waaqayyo irratti amanannaa akkasii qabna. 5 Gaʼumsa hojii kana hojjechuuf nu dandeessisu ofii keenyaan akka qabnu hin dubbannu; kanaa mannaa gaʼumsa kana akka qabaannu kan nu gargaaru Waaqayyo dha;+ 6 inni tajaajiltoota kakuu haaraa+ taʼuuf gaʼumsa akka qabaannu nu gargaareera; kakuun kunis seera barreeffame sana utuu hin taʼin,+ seera hafuuraa ti; sababiin isaas, seerri barreeffame sun duʼa namatti murteessa;+ hafuurri garuu nama jiraachisa.+
7 Seerri inni duʼa fiduu fi dhagaa irratti qubeedhaan bocame sun+ hamma ilmaan Israaʼel ulfina fuula Musee irra jiruun, jechuunis ulfina isa baduun kan kaʼe fuula isaa ilaaluu dadhabanitti+ ulfina guddaadhaan erga dhufee, 8 tajaajilli hafuuraa immoo+ kana caalaa ulfina guddaa hin qabaatuu ree?+ 9 Seerichi inni yakkamaa nama godhu+ ulfina qabeessa+ erga taʼee, tajaajilli qajeelummaa argamsiisu immoo caalaatti ulfina hin qabaatuu ree?+ 10 Dhugaa dubbachuuf, inni yeroo tokkotti ulfina qabeessa ture illee, inni isa caalaa ulfina qabu yommuu dhufu ulfina isaa dhabeera.+ 11 Egaa inni badu sun ulfinaan erga dhufee,+ inni utuu hin badin jiraatu kana caalaa ulfina hin qabaatuu ree?+
12 Nuti abdii akkasii waan qabnuuf,+ bilisummaa guddaadhaan dubbanna; 13 akkasumas akka Museen yommuu ilmaan Israaʼel dhuma wanta badu sanaa hubatanii akka hin ilaalleef fuula isaa haguuggatetti+ godhe sana hin goonu. 14 Isaan sammuun isaanii hadoodee ture.+ Haguuggiin sun kan irraa fuudhamu karaa Kiristoos qofa waan taʼeef,+ hamma guyyaa harʼaatti yommuu kakuu moofaan sun dubbifamu hundatti haguuggiin sun isaan irra jira.+ 15 Hamma guyyaa harʼaatti, yeroo kitaabonni Musee dubbifaman hundatti+ garaan isaanii akkuma haguugametti jira.+ 16 Namni tokko yommuu gara Yihowaatti* garagalu garuu haguuggichi irraa fuudhama.+ 17 Yihowaan* hafuura;+ bakka hafuurri Yihowaa* jirus bilisummaan jira.+ 18 Hundi keenya fuula hin haguugamneen ulfina Yihowaa* akka daawwitiitti yommuu calaqqisiisnu, bifa sana fakkaachuuf sadarkaa ulfinaa isa tokko irraa gara sadarkaa ulfinaa isa kan biraatti* jijjiiramna; akka kanaan akkuma Yihowaan* inni hafuura taʼe* nu godhu taana.+