BOQONNAA KUDHA JA’A
Maatiin Keessan Gara Fuulduraatiif Haala Amansiisaa Akka Qabaatu Godhaa
1. Yihowaan maatii ilaalchisee kaayyoo akkamii qaba ture?
YEROO Yihowaan Addaamiifi Hewwaaniin wal fuusisetti, Addaam walaloo afaan Ibrootaa isa jalqabaa dubbachuudhaan gammachuusaa ibseera. (Uumama 2:22, 23) Haata’u malee, Uumaan ilmaan namootaa ijoolleesaa ta’an kanaaf gammachuu argamsiisuu caalaa waan yaade qaba ture. Hiriyoonni gaa’elaafi maatiiwwan fedhasaa akka raawwatan barbaadee ture. Abbaa manaafi haadha manaa jalqabaatiin akkas jedhee ture: “Horaa, baay’adhaas, lafa guutaa, isas harka jala galfadhaa! Qurxummii galaanaa irratti, simbirroota qilleensa keessa balali’an irratti, uumama lafa irra munyuuqan hundumaa irrattis mootummaa qabaadhaa!” (Uumama 1:28) Kun hojii guddaa nama gammachiisu ture! Addaamiifi Hewwaan guutummaatti fedha Waaqayyoo utuu raawwataniiru ta’ee, isaanis ta’an ijoolleensaanii gara fuulduraatti dhalatan gammachuu guddaa argatu turan.
2, 3. Yeroo har’aa maatiiwwan gammachuu guddaa argachuu kan danda’an akkamitti?
2 Yeroo har’aas, maatiiwwan waliin ta’anii fedha Waaqayyoo raawwachuuf carraaqan gammachuu guddaa qabu. Phaawulos ergamaan akkas jedhee barreesseera: “Nama Waaqayyoo ta’uudhaaf of qoqqopheessuun . . . wanta baay’eedhaaf nama gargaara; jireenya ammaaf, isa dhufuufis abdiin isuma keessa jira.” (1 Ximotewos 4:8) Maatiiwwan nama Waaqayyoo ta’uudhaan jiraataniifi qajeelfama Waaqayyoo isa Macaafa Qulqulluu keessatti argamu hordofan, ‘jireenya ammaatti’ gammachuu guddaa argatu. (Faarfannaa 1:1-3; 119:105; 2 Ximotewos 3:16) Miseensota maatii keessaa namumti tokkollee seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra yoo oolche haalli maatii sanaa gaarii ta’a.
3 Seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu maatiin gammachuu akka qabaatu gargaaran baay’een kitaaba kana keessatti ibsamaniiru. Kanneen keessaa tokko tokko kitaabicha keessatti irra deddeebi’amanii ibsamuusaanii hubachuu hin ooltan. Maaliif irra deddeebi’ame? Haalawwan jireenya maatii addaddaatiin dhugaawwan cimaa miseensa hunda fayyadan waan bakka bu’aniifidha. Maatiin seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu kana hojiirra oolchuuf carraaqu, nama Waaqayyoo ta’uun ‘jireenya ammaatiif abdii’ akka qabu hubachuu danda’a. Seerawwan bu’uuraa barbaachisaa ta’an kana keessaa arfansaanii irra deebinee haa’ilaallu.
FAAYIDAA OF QABUUN ARGAMSIISU
4. Of qabuun gaa’ela keessatti baay’ee barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
4 Solomoon Mootichi, “Namni of qabuu hin dandeenye, akka mandara dallaawwan isaa jijjiganii ti” jedheera. (Fakkeenya 25:28; 29:11) Warri gaa’ellisaanii gammachiisaa akka ta’u barbaadan ‘of qabuunsaanii’ barbaachisaadha. Miirawwan akka aarii ykn ejjaa miidhaa geessisaniif harka kennuun, badiisa sirreessuuf waggoota baay’ee fudhatu geessisa, isayyuu yoo sirreeffamuu danda’edha.
5. Namni cubbamaa ta’e amala of qabuu horachuu kan danda’u akkamitti? Kana gochuun faayidaa maalii qaba?
5 Namni sanyii Addaam ta’e kamiyyuu, foonsaa isa cubbamaa ta’e guutummaatti to’achuu akka hin dandeenye beekamaadha. (Roomaa 7:21, 22) Ta’us of qabuun ija hojii hafuuraati. (Galaatiyaa 5:22, 23) Kanaafuu, amala of qabuu horachuuf yoo kadhanne, gorsa Caaffata Qulqullaa’aarratti argamu hojiirra yoo oolchine, namoota amala kana qaban michoota yoo godhanneefi namoota amala kana hin qabnerraa yoo fagaanne, hafuurri Waaqayyoo amala of qabuu akka horannu nu gargaara. (Faarfannaa 119:100, 101, 130; Fakkeenya 13:20; 1 Phexros 4:7) Akkas gochuun keenya, yeroo qorumsi nurra ga’uttillee ‘halalummaa baqachuuf’ nu gargaara. (1 Qorontos 6:18) Hammeenya balaaleffachuufi araada dhugaatii alkoolii mo’uu dandeenya. Wanta nu aarsuufi nu rakkisuuf obsaan furmaata arganna. Ijoollee dabalatee namni hundumtuu ija hojii hafuuraa barbaachisaa ta’e kana horachuu barachuu qaba.—Faarfannaa 119:1, 2.
AANGOO MATAA MAATIITIIF ILAALCHA SIRRII QABAACHUU
6. (a) Sadarkaan aangoo Waaqayyo kaa’e isa kami? (b) Namni tokko mataa maatii ta’uunsaa maatiidhaaf gammachuu akka argamsiisu yoo barbaade maal yaadachuu qaba?
6 Seerri bu’uuraa barbaachisaa ta’e inni lammaffaan, aangoo mataa maatii amananii fudhachuudha. Phaawulos akkas jechuudhaan sadarkaa aangoo ibseera: “Kristos mataa warra dhiiraa, abbaan manaa mataa haadha manaa, Waaqayyo mataa Kristos ta’uu isaa, akka beektan nan barbaada.” (1 Qorontos 11:3) Kana jechuunis, dhiirri maatii ni geggeessa, haati manaasaa amanamummaadhaan isa deggerti, ijoolleenis warrasaaniitiif ni abboomamu jechuudha. (Efesoon 5:22-25, 28-33; 6:1-4) Ta’uyyuu, aangoon mataa maatii gammachuu kan argamsiisu karaa sirrii ta’een yoo itti fayyadaman qofa ta’uusaa hubadhaa. Abbootiin manaa nama Waaqayyoo ta’an, mataa maatii ta’uu jechuun abbaa humnaa ta’uu jechuu akka hin taane beeku. Yesus isa Mataasaanii ta’e hordofu. Yesus “goofticha waan hundumaa gararraa jiru” ta’uyyuu, ‘hojjechiifachuudhaaf utuu hin ta’in namootaaf hojjechuuf dhufe.’ (Efesoon 1:22; Maatewos 20:28) Haaluma wal fakkaatuun, Kiristiyaanni tokkos aangoo maatiisaarratti qabuun kan gargaaramu faayidaa mataasaatiif utuu hin ta’in, fedhii haadha manaasaafi ijoolleesaa guutuuf ta’uu qaba.—1 Qorontos 13:4, 5.
7. Seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu kamtu haati manaa tokko gahee Waaqayyo maatii keessatti isheedhaaf kenne akka raawwattu ishee gargaara?
7 Haati manaa nama Waaqayyoo taate tokkos, abbaa manasheetiin hin morkattu ykn isaa ol ta’uu hin barbaaddu. Isa deggeruufi isaa wajjin hojjechuun ishee gammachiisa. Yeroo tokko tokko Macaafni Qulqulluun haati manaa “qabeenya” abbaa manaashee akka taate dubbachuunsaa, abbaan manaa mataashee ta’uusaa mirkaneessa. (Uumama 20:3, NW) Waan heerumteef ‘seera abbaa manashee’ jala jirti. (Roomaa 7:2) Macaafni Qulqulluun, “gargaartu[u]” akka taate, akkasumas hir’inasaatti akka guuttu dubbata. (Uumama 2:20) Amalaafi dandeettii abbaan manaashee hin qabne argisiisuudhaan gargaarsa barbaachisu gootiif. (Fakkeenya 31:10-31) Kana malees, Macaafni Qulqulluun, haati manaa “hidhata” ta’uudhaan abbaa manaashee wajjin akka hojjettu ibsa. (Miilkiyaas 2:14) Seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu kun, abbaan manaafi haati manaa iddoo isa kaanii akka beekaniifi ulfina akka walii kennan isaan gargaara.
‘DHAGA’UUTTI ARIIFADHAA’
8, 9. Seerawwan bu’uuraa miseensonni maatii hundi dandeettii waliin mari’achuusaanii akka fooyyeffatan gargaaran tokko tokko ibsi.
8 Waliin mari’achuun barbaachisaa ta’uunsaa kitaaba kana keessatti irra deddeebi’amee ibsameera. Maaliif? Namoonni yoo waliin mari’ataniifi yoo wal dhaggeeffatan rakkoowwan hiikuun caalaatti salphaa ta’a. Waliin mari’achuun, wal dhaggeeffachuus dubbachuus akka dabalatu irra deddeebi’amee ibsameera. Yaaqoob haala kana akkas jechuudhaan ibseera: ‘Namni dhaga’uutti ariifataa, dubbachuutti suuta jedhaa haa ta’u!’—Yaaqoob 1:19.
9 Akkaataa itti dubbannurrattis of eeggachuun barbaachisaadha. Jechoonni jarjarsuudhaan, aariidhaan ykn haala nama miidhuun dubbataman marii gaariin akka jiraatu hin godhan. (Fakkeenya 15:1; 21:9; 29:11, 20) Wanti dubbanne sirrii yoo ta’ellee, gara jabinaan, of tuulummaadhaan ykn dantaa dhabuudhaan yoo dubbatame, faayidaa argamsiisurra miidhaa geessisutu caala. Haasaan keenya kan nama gammachiisu, “akka soogiddaas miyaa’aa” ta’uu qaba. (Qolosaayis 4:6) Jechoonni dubbannu “akka killa hudha qabuu isa meetiidhaa fi warqee itti naqanii miidhagsanii” ta’uu qaba. (Fakkeenya 25:11) Maatiiwwan akka gaariitti waliin mari’achuu baratan, tarkaanfii guddaa gammachuu argachuuf isaan dandeessisu fudhataniiru.
GAHEE GUDDAA JAALALLI QABU
10. Gaa’ela keessatti jaalala akkamii qabaachuutu barbaachisaadha?
10 Jechi “jaalala” jedhu kitaaba kana keessatti al baay’ee caqasameera. Jalqabarratti kan ibsame jaalala isa kam akka ta’e ni yaadattuu? Jaalalli saalawwan faallaa gidduutti uumamu (afaan Giriikiitiin eeroos) gaa’ela keessatti gahee guddaa akka qabu beekamaadha; kana malees, gaa’ela gaarii ta’e keessatti jaalalliifi michoomni cimaan (afaan Giriikiitiin fiiliyaan) abbaa manaafi haadha manaa gidduutti ni guddata. Ta’uyyuu, jaalalli kana hunda caalaa barbaachisaa ta’e isa afaan Giriikiitiin agaappee jedhamedha. Jaalalli kun jaalala Yihowaadhaaf, Yesusiifi namootaaf qabaachuu qabnudha. (Maatewos 22:37-39) Jaalalli kun jaalala Yihowaan ilmaan namootaatiif qabudha. (Yohannis 3:16) Nuyis jaalala akka Yihowaa kana hiriyaa gaa’elaafi ijoollee keenyaaf qabaachuu danda’uun keenya nama hin gammachiisuu?—1 Yohannis 4:19.
11. Jaalalli gaa’ela keessatti faayidaa akkamii argamsiisa?
11 Jaalalli hundarra caalu akkasii kun hiriyoota gaa’elaa dhugumaan “walitti hidhu[u]” kan danda’udha. (Qolosaayis 3:14) Hiriyoota gaa’elaa walitti hidhuudhaan, tokkoon tokkoonsaanii wanta isa kaaniif akkasumas ijoolleesaaniitiif gaarii ta’e gochuuf fedhii akka qabaatan godha. Jaalalli, yeroo rakkinni maatii mudatutti hundisaanii tokkummaadhaan furmaata akka barbaadan gargaara. Abbaan manaafi haati manaa yommuu dullooman, jaalalli akka wal gargaaraniifi bakka guddaa walii kennuusaanii akka itti fufan isaan gargaara. “Jaalalli . . . waan isatti tolu duwwaas hin barbaadu. . . . Karaa tokko illee nama hin lafafu, hunduma isaa in amana, hunduma isaa abdata, hunduma isaas obsa. Jaalalli yoom iyyuu hin badu.”—1 Qorontos 13:4-8.
12. Jaalalli hiriyoonni gaa’elaa Yihowaadhaaf qaban gaa’elasaanii kan jabeessuuf maaliifi?
12 Walitti dhufeenyi hiriyoota gaa’elaa jaalala lamaansaanii gidduu jiru qofaan utuu hin ta’in, dura jaalala Yihowaadhaaf qabaniin kan jabaatu yoo ta’e caalaatti cimaa ta’a. (Lallaba 4:9-12) Maaliif? Yohannis ergamaan, “Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota isaa eeguu dha” jechuudhaan barreesseera. (1 Yohannis 5:3) Kanaafuu, abbaan manaafi haati manaa, ijoolleensaanii nama Waaqayyoo akka ta’an kan leenjisan, baay’isanii waan isaan jaallataniif qofa utuu hin ta’in, abboommii Yihowaa waan ta’eef ta’uu qaba. (Keessa Deebii 6:6, 7) Amala addaggummaa fagaachuu kan qaban waan wal jaallataniif qofa utuu hin ta’in, jaalala Yihowaa isa “warra halalee fi ejjituutti faraduuf” qabaniin kaka’anii ta’uu qaba. (Ibroota 13:4) Yeroo hiriyaan gaa’elaa inni tokko rakkina guddaa uumuttillee, hiriyaan gaa’elaa inni kaan jaalalli Yihowaadhaaf qabu seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hordofuusaa akka itti fufu isa kakaasuu qaba. Dhugumayyuu, maatiiwwan jaalalli waliif qaban jaalala Yihowaadhaaf qabaniin akka cimu godhan gammachuu qabu!
MAATII FEDHA WAAQAYYOO RAAWWATU
13. Namni tokko fedha Waaqayyoo raawwachuuf murteessuunsaa, wantoota dhugumaan barbaachisaa ta’anirratti akka xiyyeeffatu kan isa gargaaru akkamitti?
13 Guutummaan jireenya Kiristiyaana tokkoo fedha Waaqayyoo raawwachuurratti kan hundaa’edha. (Faarfannaa 143:10) Nama Waaqayyoo ta’uu jechuun kanadha. Maatiiwwan fedha Waaqayyoo raawwachuunsaanii, wantoota dhugumaan barbaachisaa ta’anirratti akka xiyyeeffatan isaan gargaara. (Filiphisiiyus 1:9, 10) Fakkeenyaaf Yesus akkas jechuudhaan akeekkachiiseera: “Ani nama tokko abbaa isaa wajjin, intala haadha ishee wajjin, haadha manaa ilmaa amaatii ishee wajjin walitti naquudhaaf dhufeera. Diinni nama tokkoos warra mana isaa keessaa in ta’u.” (Maatewos 10:35, 36) Akkuma Yesus akeekkachiise, duuka buutotasaa keessaa baay’eensaanii miseensota maatiisaaniitiin ari’atamaniiru. Kun haala baay’ee nama gaddisiisudha. Ta’uyyuu, jaalalli maatii, jaalala Yihowaafi Yesus Kiristosiif qabnurra caaluu hin qabu. (Maatewos 10:37-39) Namni tokko mormii maatiisaarraa isarra ga’u yoo obse, mormitoonni kun bu’aa gaarii nama Waaqayyoo ta’uun argamsiise hubachuudhaan jijjiiramuu danda’u. (1 Qorontos 7:12-16; 1 Phexros 3:1, 2) Akkas ta’uu baatuyyuu, mormiidhaaf jennee Waaqayyoon tajaajiluu dhiisuun faayidaan barabaraa hin argamsiisu.
14. Warri fedha Waaqayyoo raawwachuuf fedhii qabaachuunsaanii, wanta ijoolleesaaniitiif caalaatti barbaachisaa ta’e akka raawwatan kan isaan gargaaru akkamitti?
14 Warri fedha Waaqayyoo raawwachuunsaanii murtoo sirrii gochuuf isaan gargaara. Fakkeenyaaf, naannoowwan tokko tokkotti warri, qarshii ijoolleesaanii guddisuudhaan dhangalaasan akka waan kaa’atanitti yaaduudhaan, yeroo dulloomanitti akka isaan kunuunsan abdatu. Ijoolleen gurguddatan warra dullooman kunuunsuunsaanii sirrii ta’uyyuu, warri kana yaaduudhaan jireenyi ijoolleesaanii qabeenya hordofuurratti akka xiyyeeffatu dhiibbaa isaanirratti gochuu hin qaban. Warri ijoolleensaanii qabeenya hafuuraa caalaa qabeenya fooniitiif bakka guddaa akka kennan godhanii kan isaan guddisan yoo ta’e, faayidaa tokkoyyuu isaaniif hin argamsiisan.—1 Ximotewos 6:9.
15. Haati Ximotewos Ewuniiqeen, fedha Waaqayyoo raawwachuudhaan warraaf fakkeenya gaarii kan taatu akkamitti?
15 Karaa kanaan fakkeenya gaarii kan taatu, Ewuniiqee, haadha Ximotewos isa michuu Phaawulos tureeti. (2 Ximotewos 1:5) Ewuniiqeen abbaa manaa hin amannetti kan heerumte ta’uyyuu, haadhashee Lo’is wajjin ta’uudhaan Ximotewos nama Waaqayyoo ta’ee akka guddatu gochuu dandeesseetti. (2 Ximotewos 3:14, 15) Ximotewos yeroo guddatu, Ewuniiqeen manaa ba’ee Phaawulosii wajjin hojii misiyoonummaa hojjechuudhaan misiraachoo Mootummichaa lallabuurratti akka hirmaatu heyyamteefii turte. (Hojii Ergamootaa 16:1-5) Ilmishee misiyoonii cimaa ta’ee yommuu argitu baay’ee gammaddee akka turte hin shakkisiisu! Yeroo ga’eessummaasaatti nama Waaqayyoo ta’uunsaa, ijoollummaasaatti leenjii gaarii argachuusaa mirkaneessa. Ewuniiqeen ilmishee ishee wajjin jiraachuu dhiisuusaatiin hamma ta’e itti dhaga’amuyyuu, tajaajila Ximotewos amanamummaadhaan raawwatu ilaalchisee gabaasni dhageessu akka ishee gammachiisu beekamaadha.—Filiphisiiyus 2:19, 20.
MAATII KEESSANIIFI JIREENYA GARA FUULDURAA
16. Yesus akka ilmaatti warrasaatiif akka yaadu kan argisiise akkamitti? Ta’uyyuu kaayyoonsaa inni guddaan maal ture?
16 Yesus maatii Waaqayyoof bule keessatti kan guddate si’a ta’u, yeroo ga’eessa ta’ettis xiyyeeffannaa mucaan tokko haadhasaatiif kennuu qabu argisiiseera. (Luqaas 2:51, 52; Yohannis 19:26) Haata’u malee, kaayyoon Yesus inni guddaan fedha Waaqayyoo raawwachuu yommuu ta’u, kunis karaa ilmaan namootaa jireenya barabaraa itti argatan banuu kan dabalatu ture. Kanas kan godhe ilmaan namootaa cubbamoo ta’aniif lubbuusaa aarsaa godhee dhiheessuudhaani.—Maarqos 10:45; Yohannis 5:28, 29.
17. Amanamummaan Yesus namoota fedha Waaqayyoo raawwataniif abdii akkamii argamsiiseera?
17 Yesus erga du’ee booda, Yihowaan du’aa isa kaasee samiirratti jireenyaafi aangoo erga kenneefii booddee Mootummaa waaqaarratti Mootii isa godheera. (Maatewos 28:18; Roomaa 14:9; Mul’ata 11:15) Aarsaan Yesus, ilmaan namootaa keessaa tokko tokko isaa wajjin Mootummaa sanarratti bulchuuf akka filataman godheera. Ilmaan namootaa qajeeloo ta’an kaanis lafa jannata taaturratti jireenya mudaa hin qabne akka jiraatan karaa baneeraaf. (Mul’ata 5:9, 10; 14:1, 4; 21:3-5; 22:1-4) Mirga guddaa yeroo har’aa qabnu keessaa inni tokko, misiraachoo gammachiisaa kana namootatti himuudha.—Maatewos 24:14.
18. Maatiiwwaniifis ta’e namootaaf dhuunfaatti yaadachiisaafi gorsa akkamiitu kenname?
18 Akkuma Phaawulos ergamaan jedhe, namoonni Waaqayyoof bulan jireenya “isa dhufuuf” eebbawwan kana dhaaluu akka danda’an abdii kenna. Kun gammachuu argachuuf karaa hunda caalu ta’uunsaa beekamaadha! ‘Biyyi lafaa, hawwiin isaas hundinuu akka darbu, namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu barabaraan akka jiraatu’ yaadadhaa. (1 Yohannis 2:17) Egaa, ijoollees taatan warra, abbaa manaas taatan haadha manaa ykn qeentee ijoollee qabdanis taatan hin qabaanne, fedha Waaqayyoo raawwachuuf carraaqaa. Dhiibbaa cimaan isinirra yoo ga’e ykn rakkina guddaa keessa kan jirtan yoo ta’eyyuu, tajaajiltoota Waaqayyo isa jiraataa ta’uu keessan hin irraanfatinaa. Gochi keessan Yihowaa kan gammachiisu haata’u. (Fakkeenya 27:11) Amalli keessan yeroo ammaatti gammachuu, addunyaa haaraa dhufu keessattimmoo jireenya barabaraa kan isiniif argamsiisu haata’u!