Biyyi Lafaa Kan Badu Akkamitti?
“Isin garuu dukkana keessa waan hin jirreef, guyyaan sun akka hattuutti isin irra gaʼuu hin dandaʼu.”—1 TAS. 5:4.
1. Wanti dammaqoo taanee eeguufi qorumsa moʼuuf nu gargaaruu dandaʼu maalidha?
DHIHEENYATTI guutummaa biyya lafaarratti wanta rifaasisaa taʼe tokkotu raawwatama. Raawwiin raajiiwwan Macaafa Qulqulluu, wanti kun dhugaa taʼuusaa waan mirkaneessuuf dammaqoo taanee eeguun keenya barbaachisaadha. Wanti dammaqoo taanee eeguuf nu gargaaru maalidha? Phaawulos ergamaan, ‘Wanta ijaan hin argamnee ilaalaa’ jechuudhaan nu gorseera. Eeyyee, jireenyi barabaraa argannu samiirras taʼe lafarra badhaasa argannurratti xiyyeeffachuun keenya barbaachisaadha. Phaawulos yaada kana kan barreesse, Kiristiyaanonni barasaa turan badhaasa Waaqayyoof amanamoo taʼuudhaan argachuu dandaʼanirratti akka xiyyeeffatan isaan jajjabeessuuf taʼuusaa yaada naannoo caqasichaarraa hubachuu dandeenya. Akkas gochuunsaanii qorumsaafi ariʼatama isaanirra gaʼu moʼuufis kan isaan gargaaru ture.—2 Qor. 4:8, 9, 16-18; 5:7.
2. (a) Abdii keenya jabeessinee eeggachuuf maal gochuu qabna? (b) Mataduree kanaafi isa ittaanu keessatti waaʼee maalii qorra?
2 Gorsi Phaawulos qajeelfama baayʼee barbaachisaa taʼe jechuunis, abdii keenya jabeessinee eeggachuuf wanta nutti dhihoo jiruun gamatti ilaaluu akka qabnu kan addeessudha. Wantoota gurguddoo gara fuulduraatti raawwatamaniifi ijaan hin argamnerratti xiyyeeffachuun keenya barbaachisaadha. (Ibr. 11:1; 12:1, 2) Kanaaf, mee wantoota gara fuulduraatti raawwatamaniifi abdii jireenya barabaraa qabnuu wajjin hariiroo cimaa qaban kudhan haa qorru.a
WANTI DHUMA BARICHAA DURA TAʼU MAALIDHA?
3. (a) Akka 1 Tasaloniiqee 5:2, 3rratti ibsametti wanti gara fuulduraatti raawwatamu maalidha? (b) Hoggantoonni siyaasaa maal godhu? Kan isaan deggeranoo eenyufaʼi?
3 Phaawulos ergaa warra Tasaloniiqeetiif barreesserratti, wanta dhuma barichaa dura taʼu tokko ibseera. (1 Tasaloniiqee 5:2, 3 dubbisi.) Phaawulos caqasa kanarratti ‘guyyaa gooftaatiif’ xiyyeeffannaa kenneera. Akkuma asirratti ibsame, “guyyaan gooftaa” guyyaa badiisa amantii sobaatiin jalqabee waraana Armaagedooniin raawwatamudha. Haataʼu malee, guyyaan Yihowaa jalqabuusaa yeroo muraasa dura bulchitoonni biyya lafaa “Nagaa dha, gabii dhas” jechuudhaan dubbatu. Haalli kun wanta yeroo tokko ykn walitti aansee raawwatamu argisiisuu dandaʼa. Mootummoonni rakkinootasaanii gurguddaa taʼan tokko tokko hiikuu jala akka gaʼan isaanitti dhagaʼama. Geggeessitoonni amantiihoo yeroo kanatti maal godhu? Isaanis kutaa biyya lafaa waan taʼaniif, yaada hoggantoota siyaasaa akka deggeran hin shakkisiisu. (Mul. 17:1, 2) Kana gochuudhaan geggeessitoonni amantii fakkeenya raajota sobduu Yihudaa durii keessa turanii akka hordofan argisiisu. Yihowaan raajota kana ilaalchisee: “‘Nagaa dha! Nagaa dha!’ in jedhu; nagaan garuu hin jiru” jedhee ture.—Er. 6:14; 23:16, 17.
4. Haala namoota kaanirraa adda taʼeen waaʼee maalii beekna?
4 “Nagaa dha, gabii dhas” kan jedhu eenyuyyuu yoo taʼe, haalli kun guyyaan Yihowaa jalqabuusaa argisiisa. Kanaaf Phaawulos, “Obboloota nana, isin garuu dukkana keessa waan hin jirreef, guyyaan sun akka hattuutti isin irra gaʼuu hin dandaʼu. Isin hundumti keessan ilmaan ifaa ti” jechuudhaan barreesseera. (1 Tas. 5:4, 5) Haala namoota kaanirraa adda taʼeen, hariiroo wantoonni yeroo harʼaa raawwatamaa jiran Caaffata Qulqullaaʼoo wajjin qaban beekna. Raajiin, “Nagaa dha, gabii dhas” jedhu kan raawwatamu akkamitti? Wanta gara fuulduraatti taʼuuf jiru arguuf obsaan eeguu qabna. Kanaaf ‘dammaquufi of qabnee’ jiraachuuf haa murteessinu.—1 Tas. 5:6; Sef. 3:8.
“MOOTUU” WANTA ISHEERRA GAʼU UTUU HIN HUBATIN HAFTE
5. (a) “Rakkinni guddaan” kan jalqabu akkamitti? (b) ‘Mootuun’ wanta isheerra gaʼurraa akka hin oolle utuu hin hubatin haftu eenyudha?
5 Wanti hin mulʼanneefi gara fuulduraatti ittaansee raawwatamu maalidha? Phaawulos, “Namoonni, ‘Nagaa dha, gabii dhas’ utuma jedhanii, badiisi itti hin yaadamin . . . isaan irra in gaʼa” jedheera. ‘Badiisi utuu itti hin yaadamin’ gaʼu kun kan jalqabu, “Baabilon Guddittii” ‘ishee ejjituu’ taateefi bulchiinsa amantii sobaa addunyaa maraarratti tarkaanfii fudhatamuunidha. (Mul. 17:5, 6, 15) Tarkaanfiin kun Saba Kiristiyaanaa dabalatee amantii sobaa hundarratti kan fudhatamu ennaa taʼu kunimmoo jalqaba ‘rakkina guddaati.’ (Mat. 24:21; 2 Tas. 2:8) Kun yeroo sanatti namoota hedduudhaaf wanta utuu itti hin yaadamin raawwatamu taʼa. Maaliif? Ejjituun kun hamma guyyaa sanaatti “mootuu” ‘matumaa gadda hin argine’ gootee amanannaa guddaadhaan waan of ilaaltuufidha. Taʼus, akkuma tasaa badiisa isheerra gaʼu jalaa ooluu akka hin dandeenye hubatti. Ejjituun kun akkuma waan “guyyaa tokkichatti” raawwatameetti battalumaan balleeffamti.—Mul. 18:7, 8.
6. Amantii sobaa kan balleessu eenyu?
6 Dubbiin Waaqayyoo qaamni ejjituu sana balleessu “bineensa” “gaanfa kudhan” qabu akka taʼe ibsa. Macaafni Mulʼataa bineensi caqasame kun Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akka taʼe argisiisa. ‘Gaanfonni kurnan’ humnoota siyaasaa yeroo ammaa “bineensa bildiimaa” kana deggeran hunda kan argisiisanidha.b (Mul. 17:3, 5, 11, 12) Badiisni gaʼu kun hangam cimaadha? Biyyoonni miseensa Mootummoota Gamtoomanii, qabeenya ejjituu kanaa in saamu; amalashee in saaxilu; ishee in balleessu; guutummaattis “ishee in gubu.” Badiisni isheerra gaʼu haala kanaan raawwatama.—Mulʼata 17:16 dubbisi.
7. ‘Bineensichi’ miidhaa akka geessisu kan isa kakaasu eenyu?
7 Raajiin Macaafa Qulqulluu badiisa ejjituu kanaa kan kakaasu eenyu akka taʼes ni ibsa. Yihowaan bulchitoonni siyaasaa ejjituu kana akka balleessan ‘akeekasaa’ garaasaanii keessa kaaʼa. (Mul. 17:17) Amantiin addunyaarratti jeequmsi akka babalʼatu gochuusaa waan itti fufuuf, mootummoonni ejjituu kana balleessuun nageenya biyyasaanii eeguuf wanta ofumasaanii godhan akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Bulchitoonni tarkaanfii kana yommuu fudhatan ‘yaadasaanii isa tokko itti taʼan’ raawwachaa akka jiran kan itti dhagaʼamu taʼuunsaa beekamaadha. Haataʼu malee, amantii sobaa hunda balleessuuf isaanitti fayyadamaa kan jiru Waaqayyodha. Haala kanaan kutaan bulchiinsa Seexanaa inni tokko garagalee isa kaanirratti hubaatii kan geessisu yommuu taʼu, Seexannis wanta taʼu kana hambisuuf humna kan hin qabne taʼa.—Mat. 12:25, 26.
LOLA SABA WAAQAYYOORRATTI KAʼU
8. ‘Goog inni biyya Maagoog’ miidhaa akkamii geessisa?
8 Amantiin sobaa erga balleeffamee booda, tajaajiltoonni Waaqayyoo utuu ‘dallaa hin qabaatin’ ‘of irraa buʼanii birʼaa malee jiraatu.’ (His. 38:11, 14) Namoota gargaarsa waan hin qabne fakkaataniifi Yihowaa waaqeffachuusaanii itti fufan kanarra maaltu gaʼa? “Sabni baayʼeen” namoota kanarratti miidhaa waan geessisan fakkaata. Macaafni Qulqulluun, namoota kanarratti miidhaa kan geessisu “Goog isa biyya Maagoog” akka taʼe ibsa. (Hisqiʼel 38:2, 15, 16 dubbisi.) Maarree miidhaa gaʼuuf jiru kanaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?
9. (a) Wanti hunda caalaa Kiristiyaanota yaaddessu maalidha? (b) Yeroo ammaa amantii keenya cimsachuuf maalfaa gochuu qabna?
9 Goog saba Waaqayyoorratti lola akka banu dursinee beekuun keenya garmalee akka dhiphannu nu hin godhu. Wanti caalaatti nu yaaddessuu qabu fayyina keenya utuu hin taʼin, maqaan Yihowaa qulqulluu taʼee akka eegamuufi olaantummaansaa akka mirkaneeffamu gochuudha. Yihowaan al 60 ol, “Ani Waaqayyo akkan taʼe isin in beektu” jechuudhaan dubbateera. (His. 6:7) Kanaaf, Yihowaan ‘namoota isaaf bulan qorama keessaa akkamitti akka baasu kan beeku’ taʼuusaa isatti amanamuudhaan, raajiin Hisqiʼel dubbate haala dinqisiisaa taʼeen yommuu raawwatamu hawwii guddaadhaan eegganna. (2 Phe. 2:9) Ammasitti garuu qorumsi akkamiiyyuu yoo nu mudate ejjennoo Yihowaadhaaf amanamoo taanee jiraachuuf qabnu cimsachuuf akka nu gargaaruuf carraa arganne hundatti amantii keenya jabeeffachuu barbaanna. Gama kanaan maalfaa gochuu qabna? Kadhannaa dhiheessuu, Dubbii Waaqayyoo qayyabachuufi irratti xiinxaluu, akkasumas ergaa Mootummichaa warra kaaniif lallabuu qabna. Akkas gochuudhaan abdii jireenya barabaraa isa ‘qofoo sibiilaatti’ fakkeeffame jabeessinee eeggachuu keenya itti fufna.—Ibr. 6:19; Far. 25:21.
MOOTUMMOONNI EENYUMMAA YIHOWAA BEEKUUF DIRQAMU
10, 11. Waraanni Armaagedoon kan jalqabu akkamitti? Yeroo kanattoo maaltu taʼa?
10 Tajaajiltoota Yihowaarratti lolli yommuu banamu wanta rifaasisaa akkamiitu taʼa? Yihowaan Yesusiifi macca waraanaa samiirra jiranitti fayyadamuudhaan sabasaa cina goree tarkaanfii fudhata. (Mul. 19:11-16) Yihowaan haala kanaan sabasaarra yommuu goru, Waraanni Armaagedoon jechuunis, ‘lolli guyyaa isa guddicha kan Waaqayyoo hundumaa dandaʼuu’ ni jalqaba.—Mul. 16:14, 16.
11 Yihowaan waraana kana ilaalchisee karaa Hisqiʼel, “Ani tulluu koo hundumaa irraa Goog irratti billaa nan waama; namni hundinuu billaa isaa obboleessa isaa irratti ol in fudhata” jechuudhaan dubbateera. Warri garee Seexanaa taʼan garmalee waan dhiphataniif waan godhan wallaalanii waliisaaniirratti waraana banu. Haataʼu malee, Seexanarras badiisa guddaatu gaʼa. Yihowaan kana ilaalchisee, “Ibiddaa fi dhagaa bobaʼus [Googirratti], loltuu isaa irratti, saba baayʼee warra isaa wajjin jiran irrattis nan roobsa” jechuudhaan dubbateera. (His. 38:21, 22) Tarkaanfiin Yihowaan fudhatu kun maal geessisa?
12. Mootummoonni maal beekuuf dirqamu?
12 Mootummoonni, badiisni kun akka isaanirra gaʼu kan godhe Yihowaa taʼuusaa hubachuu qabu. Akkuma loltoonni Gibxii durii Galaana Diimaa keessatti Israaʼeloota qabachuuf yaalan jedhanii, humnoonni Seexanaa abdii kutachuudhaan, ‘Waaqayyo isaanirra goree lola’ jedhu. (Uma. 14:25) Eeyyee, mootummoonni eenyummaa Yihowaa beekuuf dirqamu. (Hisqiʼel 38:23 dubbisi.) Yeroo wantoonni kun itti raawwatamanitti baayʼee dhihaanneerra!
MOOTUMMAA ADDUNYAA KAN BIRAAN HIN KAʼU
13. Kutaa bifa fakkeenyaa shanaffaa Daaniʼel ibse ilaalchisee wanti beeknu maalidha?
13 Raajiin Macaafa Daaniʼelirra jiru adeemsa yeroo keessatti iddoo kam akka jirru beekuuf nu gargaara. Daaniʼel fakkeenya bifa namaa sibiila garaagaraarraa hojjetamee ibseera. (Dan. 2:28, 31-33) Bifichi mootummoota addunyaa gurguddoo wal duraa duubaan kaʼaniifi bara duriittis taʼe yeroo ammaa saba Waaqayyoorratti dhiibbaa guddaa geessisan argisiisa. Isaanis Baabilon, Meedoo Faares, Giriik, Roomaafi inni dhumaammoo isa bara keenyatti addunyaarratti humna guddaa qabudha. Raajiin Macaafa Daaniʼelirra jiru, dhumarratti mootummaan addunyaarratti humna guddaa qabu miillaafi qubeetii miillaa bifa fakkeenyichaatti akka fakkeeffame argisiisa. Yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaatti Biritaaniyaafi Yunaayitid Isteetis tokkummaa cimaa uumanii turan. Kanaaf, kutaan shanaffaa bifa fakkeenyaa Daaniʼel ibse Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaadha. Miilli kutaa dhumaa bifa fakkeenyichaa yommuu taʼu, kunis mootummaan addunyaa kan biraan kan hin kaane taʼuusaa argisiisa. Miilliifi qubeetiin sibiilaafi supheerraa hojjetaman Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa humnisaa dadhabaa taʼe argisiisa.
14. Yommuu waraanni Armaagedoon jalqabutti mootummaan addunyaa aangoo qabu kamidha?
14 Raajiin asirratti caqasame kan biraanimmoo Mootummaan Waaqayyoo dhagaa guddaa tokkotti fakkeeffame bara 1914tti olaantummaa Yihowaa isa tulluutti fakkeeffamerraa akka fottoqe dubbata. Dhagaan kun miilla bifa fakkeenyichaa rukutuuf yeroon hafe muraasadha. Miilliifi qaamni bifa fakkeenyichaa inni kaan waraana Armaagedoonitti barbadeeffama. (Daaniʼel 2:44, 45 dubbisi.) Kanaaf, yommuu waraanni Armaagedoon jalqabutti Mootummaan Angiloo Ameerikaa Addunyaarratti Aangoo ni qabaata. Raajiin kun guutummaatti yommuu raawwatamu arguun baayʼee nama hin dinqisiisuu?c Haataʼu malee Yihowaan Seexanarratti tarkaanfii akkamii fudhata?
DIINNI WAAQAYYOO INNI GUDDICHI TOʼANNAA JALA KAN GALU AKKAMITTI?
15. Armaagedoon booda Seexanaafi hafuurota hamoorra maaltu gaʼa?
15 Tokkoffaa, Seexanni jalqabaa kaasee hanga dhumaatti dhaabbatonnisaa lafarra jiran guutummaatti yommuu barbadeeffaman arguu qaba. Ittaansuudhaan Seexanarratti tarkaanfiin ni fudhatama. Yohannis ergamaan wanta sana booda taʼu dubbateera. (Mulʼata 20:1-3 dubbisi.) Yesus Kiristos ‘ergamaan banaa iddoo isa lafa jalaa’ qabate, Seexanaafi hafuurota hamoo qabee iddoo isa lafa jalaatti darbachuudhaan waggaa kuma tokkoof hidha. (Luq. 8:30, 31; 1 Yoh. 3:8) Haalli kun mataa bofichaa buruqsuuf tarkaanfii fudhatamu keessaa isa jalqabaa taʼa.d—Uma. 3:15.
16. Seexanni ‘iddoo isa lafa jalaatti’ gad darbatamuunsaa hiika maalii qaba?
16 ‘Iddoon inni lafa jalaa’ Seexanniifi hafuuronni hamoon itti darbataman maalidha? Jechi afaan Giriikii asirratti Yohannis itti fayyadame “boolla baayʼee ykn garmalee gad fagoo” taʼe kan argisiisudha. Jechi kun, “boolla gad fagoo dhumnisaa hin mulʼanne, daangaa kan hin qabne,” akkasumas “gad fageenya dhuma hin qabne” jedhamees hiikameera. Kanaaf iddoon kun bakka Yihowaan, akkasumas ergamaansaa inni inni muudeefi “banaa iddoo isa lafa jalaa” qabu qofa malee eenyuyyuu gaʼuu hin dandeenyedha. Iddoo kanatti Seexanni akka waan duʼeetti sochii waan hin gooneef “deebiʼee saba biyya lafaa hin wallaalchi[su].” Dhugumayyuu ‘leenci aadaa naanna’u’ kun sochiinsaa ni daangeffama.—1 Phe. 5:8.
YEROON NAGAA DHUFUUSAA DURA WANTOOTA RAAWWATAMAN
17, 18. (a) Mataduree kanarratti wantoota gara fuulduraatti raawwataman kamfaa qorre? (b) Wantoonni kun erga raawwatamanii booda jireenya gammachiisaa akkamii jiraanna?
17 Wantoonni hiika guddaa qabaniifi rifaasisaa taʼan dhiheenyatti raawwatamu. “Nagaa dha, gabii dhas” kan jedhamu akkamitti akka taʼe gara fuulduraatti kan dhageenyu taʼa. Achiis yommuu Baabilon Guddittiin balleeffamtu, Goog inni biyya Maagoog yommuu lola kaasu, waraanni Armaagedoon yommuu jalqabu, akkasumas Seexanniifi hafuuronni hamoon iddoo isa lafa jalaatti yommuu darbataman arguuf jirra. Jalʼinni hundi haala kanaan erga balleeffamee booda, Barkumee Bulchiinsa Kiristositti galuudhaan jireenya ‘nagaa guutuu’ qabu arganna.—Far. 37:10, 11.
18 Wantoota shanan olitti ilaalle dabalatee, ‘wantoonni ijaan hin argamneefi’ nuti ‘ilaaluu qabnu’ gara biraanis jiru. Wantoota kanammoo mataduree ittaanurratti qorra.
a Wantoota kurnan gara fuulduraatti raawwataman mataduree kanaafi isa ittaanu keessatti qorra.
b Kitaaba, Raawwiin Mulʼataa Inni Guddaan Dhihaateera! jedhamu fuula 251-258 ilaali. (Amaariffa)
c Yaanni Daaniʼel 2:44rratti “mootummoota sana hundumaa caccabsee in hurreessa” jedhu mootummoota ykn humnoota addunyaa bifa fakkeenyichaarratti ibsaman kan argisiisudha. Haataʼu malee, raajiin Macaafa Qulqulluu yaada kanaa wajjin wal fakkaatu tokko, “guyyaa isa guddicha kan Waaqayyoo hundumaa danda’u” sanatti ‘mootonni guutummaa biyya lafaa’ tokko taʼuudhaan Yihowaarratti akka kaʼan ibsa. (Mul. 16:14; 19:19-21) Kanaaf, mootummoota bifa fakkeenyichaa irratti ibsaman qofa utuu hin taʼin mootummoonni addunyaa kanaa hundi waraana Armaagedoonirratti ni balleeffamu.
d Mataan bofichaa guutummaatti kan buruqfamu dhuma waggaa kuma tokkoo booda yommuu Seexanniifi hafuuronni hamoon ‘kuufama ibiddaafi dhagaa bobaʼutti’ darbatamanittidha.—Mul. 20:7-10; Mat. 25:41.