Aarsaan Yesuus “Namoota Hedduudhaaf Furii” kan Taʼu Akkamitti?
Deebii Kitaaba Qulqulluu
Aarsaan Yesuus, qophii Waaqayyo ilmaan namootaa cubbuu fi duʼa irraa bilisa baasuuf godhe dha. Kitaabni Qulqulluun dhiigni Yesuus inni dhangalaʼe gatii furiitiif kaffalame akka taʼe dubbata. (Efesoon 1:7; 1 Pheexiros 1:18, 19) Yesuusis “lubbuu isaa namoota hedduudhaaf furii godhee kennuuf” akka dhufe dubbateera.—Maatewos 20:28.
Yesuus “namoota hedduudhaaf furii” taʼuun kan isa barbaachise maaliifi?
Namni jalqabaa Addaam yeroo uumame mudaa fi cubbuu hin qabu ture. Carraa bara baraaf jiraachuu kan qabu taʼus, Waaqayyoof ajajamuu diduu isaatiin carraa kana dhabeera. (Uumama 3:17-19) Yeroo ijoollee godhatutti immoo, cubbuu isaa kana gara ijoollee isaatti dabarseera. (Roomaa 5:12) Kitaabni Qulqulluun, Addaam ofis taʼe ijoollee isaa garbummaa cubbuu fi duʼaatti akka ‘gurgure’ kan dubbatu kanaafi. (Roomaa 7:14) undi cubbuu kan dhaalan waan taʼaniif, wanta Addaam dhabe deebisanii argamsiisuu hin dandaʼan.—Faarfannaa 49:7, 8.
Sanyiin Addaam haala gaddisiisaa keessaa waan galaniif Waaqayyo garaa isaaniif laafe.. (Yohannis 3:16) Haa taʼu malee, ulaagaan Waaqayyo haqaaf qabu, hundee tokko irratti utuu hin hundaaʼin cubbuu isaanii akka salphaatti akka inni ilaalu ykn akka isaaniif dhiisu isa hin taasisu. (Faarfannaa 89:14; Roomaa 3:23-26) Waaqayyo ilmaan namootaa waan jaallatuuf qophii seera irratti hundaaʼe godhe. Qophiin kun cubbuun isaanii akka isaaniif dhiifamu qofa utuu hin taʼin, guutummaatti akka haqamu kan godhu dha. (Roomaa 5:6-8) Qophiin seera irratti hundaaʼe kun furicha dha.
Furichi hojii irra kan oolu akkamitti?
Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “furii” jedhu, wantoota sadii of keessatti hammata/ qabata:
Kaffaltii kaffalamu dha.— Lakkoobsa 3:46, 47.
Bilisa baasa ykn araara argamsiisa.— Baʼuu 21:30.
Wanta kaffalamuu wajjin gatii wal gitu kan qabu ykn wanta sana haguuguu kan dandaʼu dha.a
Wantonni sadan kun furii Yesuus dhiheesse irratti kan hojjetan akkamitti akka taʼe haa ilaallu.
Kaffaltii. Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanonni ‘gatiidhaan akka bitaman’ dubbata. (1 Qorontos 6:20; 7:23) Gatiin sunis dhiiga Yesuus isa inni ittiin ‘gosa hundumaa keessaa, qooqa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, akkasumas saba hundumaa keessaa namoota Waaqayyoof bite’ dha.—Mulʼata 5:8, 9.
Bilisa Baʼuu. Aarsaan Yesuus kaffale, “karaa furichaa [cubbuu irraa] bilisa nu baaseera.”—1 Qorontos 1:30; Qolosaayis 1:14; Ibroota 9:15.
Gatii Wal gitu. Aarsaan Yesuus kaffale wanta Addaam dhabe, jechuunis lubbuu mudaa hin qabnee wajjin guutummaatti kan wal gitu dha. (1 Qorontos 15:21, 22, 45, 46) Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Ajajamuu diduu nama tokkootiin [Addaamiin] namoonni hedduun cubbamoota taʼan, ajajamuu nama tokkootiin [Yesuusiin] namoonni hedduun qajeelota taʼu.” (Roomaa 5:19) Haalli kun duuti nama tokkoo, furii namoota hundumaaf taʼu kaffaluu akka dandaʼu argisiisa. Eeyyee, aarsaan Yesuus kaffale, namoota aarsaa kana irraa fayyadamuu barbaadan “hundumaatiif furii wal gitu” dha.—1 Ximotewos 2:5, 6.
a Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “furii” jedhu kaffaltii ykn gatii wanti tokko qabu yaada jedhu dabarsa. Fakkeenyaaf, jechi Ibrootaa kaafaar jedhamu hiika “haguugu” jedhu qaba. Yeroo baayʼee jechi kun cubbuu haguuguu ibsuuf itti hojjetameera. (Faarfannaa 65:3) Jechi kanaa wajjin walqabatuu fi koofeer jedhu immoo gatii wanta tokko haguuguuf ykn furuuf oolu argisiisa. (Baʼuu 21:30) Haaluma wal fakkaatuun jechi Giriikii liitroon jedhamuu fi yeroo baayʼee “furii” jedhamee hiikamu, “gatii furamuuf kaffalamu” jedhamuus ni dandaʼa. (Maatewos 20:28 ) Barreessitoonni Giriikii, kaffaltii nama sababa waraanaatiin hidhame ykn garba tokko furuuf kaffalamu argisiisuuf jecha kanatti fayyadamaniiru.