BOQONNAA 11
Uffata Akkamii Uffadhu?
Heezar manaa baʼuuf qophaaʼaa jirti, warri ishii wanta ishiin uffatte yommuu argan amanuu hin dandeenye.
Abbaan ishii naasuudhaan “Uffata akkamii uffatte?” ishiidhaan jedhe.
Heezar gaaffiin isaa ishii ajaaʼibsiisee “Maal taʼa? Hiriyoota koo wajjin waa bituu deemnaam” jettee deebiste.
Haati ishiis, “Uffata kana uffattee mana kanaa hin baatu!” jette.
Heezar “Harmee, ijoolleen hundi uffata akkasii uffatuum. Uffanni isaayyuu ergaa dabarsu qaba!” jette.
Abbaan ishiis, “Nutimmoo ergaasaa hin jaallanne! Na dhageessaa intalaa, uffata kana jijjiiruu baannaan mana kanaa baʼuu hin dandeessu!” jedhee deebise.
WARRAA fi ijoollee gidduutti waaʼee uffataa wal falmuun haaraa miti. Warri kees yeroo umurii keerra turanitti warra isaanii wajjin waaʼee kanaa wal falmaa turan taʼa. Tariimmoo akkuma amma sitti dhagaʼamaa jiru isaanitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Amma garuu isaanis dabaree isaanii warra yommuu taʼan akkaataa uffannaa ilaalchisee ilaalcha sirraa adda taʼe qabu.
Ati akkana jetta: Namatti tola.
Warri kee akkana jedhu: Seera qabeessa miti.
Ati akkana jetta: Baayʼee miidhaga!
Warri kee akkana jedhu: Qaama mulʼisa.
Ati akkana jetta: Rakasa.
Warri kee akkana jedhu: Rakasuun isaa nama hin dinqu. . . . Kun uffatamoo!
Warra kee wajjin walii galuu ni dandeessaa? Eeyyee! Shamarreen waggaa 23 Meegan jedhamtu kana gochuuf furmaanni isaa maal akka taʼe hubatteetti. Akkana jetteetti: “Kanarratti wal falmuun isin hin barbaachisu. Walii galuu ni dandeessu.” Walii galuu? Kana jechuun akka nama waggaa 40tti uffachuu qabda jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Walii galuu jechuun atii fi warri kee garaagarummaa keessanirratti mariʼattanii filannoo kan biraa lamaan keessan irratti walii galtan barbaaduu jechuudha. Kun faayidaa akkamii qaba?
1. Uffata hiriyoonni kee jaallatanillee uffachuu ni dandeessa.
2. Warri kees akkaataa uffannaa keetti hin mufatan.
3. Warri kee gama kanaan itti gaafatamummaan akka sitti dhagaʼamu yommuu argan bilisummaa dabalataa siif kennuu dandaʼu.
Mee amma maal gochuu akka qabdu haa ilaallu. Uffata intarneetiirratti ykn suuqiitti argitee jaallattee fi bitachuu barbaadde tokko yaadi. Wanti jalqabarratti gochuu qabdu . . .
Qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluurratti Yaadi
Kan nama dinqisiisu Kitaabni Qulqulluun waaʼee uffataa wanta baayʼee hin dubbatu. Gorsawwan Kitaaba Qulqulluu kallattiidhaan waaʼee dhimma kanaa dubbatan hunda dubbistee fixuuf daqiiqaa muraasni si gaʼa. Taʼus, qajeelfama amansiisaa fi faayida qabeessa argachuu ni dandeessa. Fakkeenyaaf:
● Kitaabni Qulqulluun dubartoonni “karaa kabaja qabuu fi hubannaadhaan” akka of miidhagsan gorsa kenna.a—1 Ximotewos 2:9, 10.
Yaanni ‘karaa kabaja qabuun’ uffachuu jedhu si dhiphisa taʼa. ‘Maarree uffata duubatti hafaa fi hin bareedne uffachuun qabaa?’ jettee yaadda taʼa. Akkas jechuu miti. Yaanni kun karaa kabaja akka ofiif qabduu fi miira namoota kaaniitiif akka of eeggattu argisiisuun uffachuu argisiisa. (2 Qorontos 6:3) Uffatawwan ulaagaalee kana guutan hedduu argachuun ni dandaʼama. Shamarreen waggaa 23 Daaniyeel jedhamtu, “Filachuun rakkisaa taʼus, garmalee faashinii hordofuun utuu si hin barbaachisin uffata ammayyaa argachuu ni dandeessa” jetteetti.
● Kitaabni Qulqulluun waaʼee miidhaginaa yeroo dubbatu wanti irratti xiyyeeffachuu qabdu ‘keessa namummaa kee isa dhokataa’ taʼuu akka qabu ibsa.—1 Pheexiros 3:4.
Uffanni seera qabeessa hin taane yeroodhaaf xiyyeeffannaa namootaa kan harkisu taʼuu dandaʼa; taʼus, nama guddaa birattis taʼe hiriyoota kee biratti kabaja kan siif argamsiisu miidhagina keessaa qabaachuu keeti. Hiriyoota kee birattii? Eeyyee, isaanillee nama uffata seera qabeessa hin taane uffatuuf kabaja hin qaban taʼa. Shamarreen waggaa 16 Biritaanii jedhamtu, “Dubartoonni xiyyeeffannaa dhiirotaa harkisuuf jecha uffata qaama argisiisu uffachuun isaanii baayʼee nama qaanessa” jetteetti. Keeyis yaada kanarratti walii galti. Hiriyaa ishii durii tokko ilaalchistee akkana jetteetti: “Wanti ishiin uffattu hundi barreeffamni ‘Mee na ilaalaa’ jedhu kan irratti barreeffame fakkaata ture. Xiyyeeffannaa dhiirotaa argachuu waan barbaadduuf wanta kamiyyuu uffachuurraa duubatti hin jettu.”
Yaada Warra Keetii Fudhadhu
Uffata seera qabeessa hin taane boorsaa keetti qabattee yeroo mana barumsaa geessu jijjiiruun faayidaa hin qabu. Wanta warra kee dhoksuu akka dandeessu sitti dhagaʼamu irrattillee, iftoomina kan qabduu fi kan amanamtu yoo taate warri kee caalaatti si amanu. Kanaafuu, uffata tokko uffachuuf ykn bituuf yeroo yaaddu yaada warra kee gaafachuun kee gaariidha. (Fakkeenya 15:22)—“Gilgaala Uffata Filachuuf Gargaaru” isa fuula 82 fi 83 irra jiru fayyadami.
Haa taʼu malee, yaada isaanii gaafachuu kan qabdu maaliifi? Tarii ‘Isaan uffata faashinii taʼe akkan uffadhu hin barbaadan’ jettee yaadda taʼa. Garuu akkas taʼuu dhiisuu dandaʼa. Ilaalchi warri kee qaban kan keerraa adda taʼuu dandaʼa; taʼus kun yeroo tokko tokko si fayyada. Shamarreen waggaa 17 Naataaliin jedhamtu, “Gorsa warri koo naaf kennan baayʼeen dinqisiifadha; sababiin isaas, uffata na qaanessuu fi namni akka quba natti qabu godhu uffachuu hin barbaadu” jetteetti.
Wanti amantee fudhachuu qabdu tokko jira: Hamma mana warra kee keessa jirtutti aangoo isaanii jala jirta. (Qolosaayis 3:20) Taʼus, lamaan keessaniyyuu ilaalcha walii keessanii hubachuu dandeenyaan, yeroo baayʼee walitti buʼiinsi gidduu keessanitti uumamu baayʼee hirʼata. Oolee buleemmoo waaʼee uffataa wal mormuuniyyuu guutummaatti hafuu dandaʼa.
Faashinii Ilaalchisee Gorsa Gaarii: Uffata tokko uffachuuf yeroo yaaddu wanta daawwitiidhaan sitti mulʼatu caalaa yaaduuf yaali. Uffanni gaarii sitti fakkaatee ture tokko yeroo teessu ykn waa lafaa fuudhuuf yeroo gadi jettu qaama kee kan mulʼisu taʼuu dandaʼa. Yoo dandeesse warra kee ykn michuu bilchina qabu mariisisi.
Diina cimaa ofitti taateettaa? Yoo of jaallachuu baatte maal gochuu dandeessa?
[Miiljalee]
a Gorsi Kitaaba Qulqulluu akkasii kallattiidhaan kan kenname dubartootaaf taʼus dhiirotaafis ni hojjeta.
CAQASA IJOO
“Miidhaginni keessan . . . uffata baʼeessa uffachuudhaan akka taʼu hin godhinaa; kanaa mannaa, miidhaginni keessan keessa namummaa keessan isa dhokataa . . . kan mulʼisu haa taʼu.”—1 Pheexiros 3:3, 4.
GORSA GAARII
Uffata fedhii saalqunnamtii kakaasu hin uffatin. Xiyyeeffannaa argachuuf baayʼee kan hawwituu fi miira namaatiif dantaa kan hin qabne si fakkeessuu dandaʼa.
KANA BEEKTAA?
Namoonni yeroo jalqaba si argan ilaalchi siif qaban yeroo baayʼee akkaataa uffannaa keerratti hundaaʼa.
WANTAN GOCHUU YAADE
Miseensa maatii ykn hiriyaa bilchina qabuu fi yeroon uffata bitachuu barbaadu mariisisu ․․․․․
Yeroo ittaanu uffata yommuun bitadhu, wantoota armaan gadii tilmaama keessan galcha ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Warrii fi dargaggoonni dhimma uffannaarratti yeroo baayʼee kan walii hin galle maaliifi?
● Waaʼee uffannaa warra kee wajjin mariʼachuun kee dandeettii akkamii horachuuf si gargaara?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 81irra jiru]
“Shamarran uffata qaama isaanii mulʼisu uffatan yeroon argu, kabajni ani isaaniif qabu ni hirʼata. Karaa biraatiinimmoo, namoota uffata bareedaa seera qabeessa taʼe uffatan yeroon argu, ‘Anis akkasittin uffachuu barbaada’ jedheen yaada.”—Naataaliin
[Saanduqa/Fakkii fuula 82, 83rra jiru]
Gilgaala
Gilgaala Uffata Filachuuf Gargaaru
Qajeelfama: Fuulawwan kana maxxansi. Warri kee gilgaala isa karaa mirgaa jiru akka guutan gaafadhu, atimmoo gilgaala karaa bitaa jiru guuti. Achiis wal jijjiiraatii deebii keessanirratti mariʼadhaa. Deebiin isin ajaaʼibsiise jiraa? Ilaalcha walii keessanii ilaalchisee wanta kanaan dura hin beekne hubattaniittuu?
Ati kan Guuttu Uffata uffachuu ykn bituu barbaaddu tokko yaadi.
Uffaticha kan jaallatte maaliifi? Sababii kee isa guddaarraa kaasiitii lakkoofsa kenniif:
․․․․․ Kaampaanii beekamaan waan hojjeteef
․․․․․ Saala faallaa waan hawwatuuf
․․․․․ Hiriyoonni koo waan jaallataniif
․․․․․ Mijataa waan taʼeef
․․․․․ Gatii isaa
․․․․․ Kan biraa ․․․․․
Warri koo uffaticha yeroo argan maal jechuu dandaʼu?
□ “Matumaa hin taʼu!”
□ “Homaa hin jedhu.”
□ “Gaariidha.”
Uffaticha yoo jibban sababii guddaan dhiheessuu dandaʼan
□ “Qaama mulʼisa.”
□ “Seera qabeessa miti.”
□ “Faashinii keessa baʼaadha.”
□ “Maqaa keenya balleessa.”
□ “Baayʼee miʼaadha.”
□ Kan biraa ․․․․․
Dhimma Kanarratti Walii Galuu ni Dandeenyaa?
Yaanni warri koo kennan sirriidha akkan jedhu kan na taasisu maali?
․․․․․
Uffatichi seera qabeessa akka taʼuuf sirreeffama akkamiitu irratti godhamuu dandaʼa?
․․․․․
Warri Kee kan Guutan Uffata intalli keessan uffachuu ykn bituu barbaaddu tokko yaadaa.
Intalli keessan uffaticha kan jaallatte maaliifi? Sababii ishii isa guddaa taʼuu dandaʼa jettanii kan yaaddanirraa kaasaatii lakkoofsa kennaafii:
․․․․․ Kaampaanii beekamaan waan hojjeteef
․․․․․ Saala faallaa waan hawwatuuf
․․․․․ Hiriyoonni ishii waan jaallataniif
․․․․․ Mijataa waan taʼeef
․․․․․ Gatii isaa
․․․․․ Kan biraa ․․․․․
Deebiin jalqaba kenninu
□ “Matumaa hin taʼu!”
□ “Homaa hin jedhu.”
□ “Gaariidha.”
Sababii itti uffaticha jibbine
□ “Qaama mulʼisa.”
□ “Seera qabeessa miti.”
□ “Faashinii keessa baʼaadha.”
□ “Maqaa keenya balleessa.”
□ “Baayʼee miʼaadha.”
□ Kan biraa ․․․․․
Dhimma Kanarratti Walii Galuu ni Dandeenyaa?
Uffata kana kan jibbine uffanni akkasii filannoo keenya waan hin taaneef qofadhaa?
□ Eeyyee □ Taʼuu dandaʼa □ Lakki
Uffatichi seera qabeessa akka taʼuuf sirreeffama akkamiitu irratti godhamuu dandaʼa?
․․․․․
Murtoo ․․․․․
[Saanduqa fuula 84rra jiru]
Dhiironni Uffata Yeroo Filatan Maal Tilmaama Keessa Galchuu Qabu?
Qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu boqonnaa kana keessatti ibsaman dhiirotaafis ni hojjetu. Karaa kabaja qabuun uffadhu. Keessi namummaa kee inni dhokataan ifatti akka mulʼatu godhi. Uffata tokko uffachuuf ykn bituuf yeroo yaaddu akkana jedhii of gaafadhu: ‘Uffanni kun waaʼee koo ergaa akkamii dabarsa? Ergaan uffatichi dabarsu eenyummaa koo isa dhugaa ni ibsaa?’ Uffannaan waaʼee eenyummaa keenyaa ergaa dabarsu akka qabu hin dagatin. Uffanni kee wanta itti amantu kan argisiisu taʼuusaa mirkaneeffadhu.
[Fakkii fuula 80rra jiru]
Akkaataan uffannaa kee eenyummaa kee sirriitti mulʼisa. Maarree uffannaan kee waaʼee kee maal ibsa?