Dubbiin Yihowaa Jiraataadha
Yaadawwan Ijoo Macaafota Tasaloniiqeefi Ximotewos
GUMIIN Tasaloniiqee inni erga Phaawulos isaan daawwatee booda hundeeffame, ari’atamni guddaan irra ga’eera. Kanaaf, oduun gaariin Ximotewos tarii inni umrii waggoota 20 keessatti argamu achii fidee dhufe, Phaawulos isaan galateeffachuufi jajjabeessuuf xalayaa akka isaanii barreessu isa kakaasee ta’uu danda’a. Macaafni kun, Dh.K.B. bara 50tti kan qindeeffame waan fakkaatuuf, macaafota Phaawulos geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreesse keessaa isa jalqabaati. Sana booda utuu baay’ee hin turin Kiristiyaanota Tasaloniiqeetiif ergaa isa lammaffaa barreesseera. Yeroo kanatti ilaalcha dogoggoraa namoonni tokko tokko qaban kan sirreesse yommuu ta’u, obboloonnis amantiitti akka ciman isaan jajjabeesseera.
Gara waggoota kudhanii booda, Phaawulos Maqedooniyaa, Ximotewosimmoo Efesooniin turan. Phaawulos, Ximotewos achuma Efesooniin turuudhaan, obboloonni dhiibbaa barsiisota sobduu akka mo’aniifi walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qaban akka eegan akka isaan jajjabeessu isaaf barreesseera. Phaawulos ergaasaa isa lammaffaa Ximotewosiif kan barreesse, Dh.K.B. bara 64tti, Roomaan ibiddaan gubachuusheetiin kan ka’e yommuu Kiristiyaanotarra ari’atamni ga’etti ture. Ergaan kun ergaa Phaawulos barreesse keessaa isa dhumaati. Yeroo ammaattis, jajjabinaafi gorsa ergaa Phaawulos barreesse arfan kana keessatti ibsamanirraa faayidaa argachuu dandeenya.—Ibr. 4:12.
“DAMMAQAA”
Phaawulos waa’ee ‘hojii amantiisaanii, waa’ee jaalalaaf dadhabuusaaniifi waa’ee jabinasaaniitiif’ Kiristiyaanota Tasaloniiqee galateeffateera. Kiristiyaanonni kun, ‘abdiisaa, gammachuusaafi gonfoosaa’ ta’uusaanii ibseera.—1 Tas. 1:3; 2:19.
Phaawulos, Kiristiyaanonni Tasaloniiqee abdii du’aa ka’uutiin akka wal jajjabeessan erga isaan gorsee booda, ‘guyyaan gooftaa akka hattuun halkan dhuftutti ni dhufa’ isaaniin jedheera. ‘Dammaqinaafi of qabuudhaan akka jeraatan’ isaan gorseera.—1 Tas. 4:16-18; 5:2, 6.
Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’aafi Deebiisaanii:
4:15-17—Warri ‘qilleensa keessatti gooftaa simachuudhaaf duumessa keessa ol butaman’ eenyu fa’i? Kunoo kan raawwatamu akkamitti? Namoonni kun, Kiristiyaanota dibamoo yommuu Kiristos aboo Mootummaasaarratti argamu lubbuudhaan jiranidha. Namoonni kun haala ijaan hin argamneen samiirratti ‘gooftaa Yesusiin simatu.’ Kana argachuuf garuu, du’uufi uumamawwan hafuuraa ta’anii du’aa ka’uun isaan barbaachisa. (Rom. 6:3-5; 1 Qor. 15:35, 44) Argamuun Kiristos waan jalqabeef, Kiristiyaanonni dibamoon yeroo ammaatti du’an, akkuma du’anitti hin hafan. Battaluma du’aniin ‘ol butamu’ ykn du’aa kaafamu.—1 Qor. 15:51, 52.
5:23—Phaawulos ‘hafuurri, lubbuuniifi foon obbolootaa akka eegamu’ yommuu kadhatu maal jechuusaa ture? Phaawulos, waa’ee hafuura, lubbuufi foon gumii Kiristiyaanaa miseensota hedduu qabuu dubbachuusaa ture. Kunimmoo Kiristiyaanota dibamoo gumii Tasaloniiqee turanis kan dabalatudha. Duuchaadhumatti gumichaaf kadhachuu mannaa, ‘hafuurrisaanii’ ykn yaannisaanii akka eegamu kadhateera. Kana malees, ‘lubbuunsaanii’ jechuunis jireenyisaaniifi ‘foonsaanii’ jechuunis guutummaan qaama Kiristiyaanota dibamoo akka eegamu kadhateera. (1 Qor. 12:12, 13) Kanaaf, kadhannaan kun Phaawulos gumichaaf hangam akka yaadu kan argisiisu ture.
Barumsa Akkamii Arganna?
1:3, 7; 2:13; 4:1-12; 5:15. Karaa bu’a qabeessa ta’een gorsa kennuun, galateeffannaa sirrii ta’eefi jajjabina caalaatti hojjechuuf nama kakaasu kennuus kan dabalatudha.
4:1, 9, 10. Tajaajiltoonni Yihowaa karaa hafuuraa guddachuusaanii itti fufuu qabu.
5:1-3, 8, 20, 21. Guyyaan Yihowaa yommuu dhihaachaa dhufu, ‘of qabuu, maddaa sibiilaa isa kan amantii fi jaalalaa uffachuu, abdii fayyinaas akka gonfoo sibiilaatti mataatti kaa’achuu’ qabna. Kana malees, raajii Dubbii Waaqayyoo isa Macaafa Qulqulluu keessatti argamuuf xiyyeeffannaa guddaa kennuu qabna.
“JABAADHAA DHAABADHAA”
Namoonni gumicha keessatti argaman tokko tokko ergaa Phaawulos isa jalqabaa jal’isuudhaan, ‘dhufti gooftaa dhihaateera’ jedhanii kan wal falman ta’uusaanii haalasaarraa hubachuun ni danda’ama. Phaawulos ilaalchasaanii kana sirreessuuf, dursee ‘maaltu dhufuu akka qabu’ dubbateera.—2 Tas. 2:1-3.
Phaawulos: ‘Dubbii nu biraa isinitti darbetti qabamaatii jabaadhaa dhaabadhaa!’ jechuudhaan isaan gorseera. ‘Nama hojjechuu dhiisee dhibaa’ummaatti jiraaturraas hidhata akka hiikkatan’ isaan ajajeera.—2 Tas. 2:15; 3:6.
Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’aafi Deebiisaanii:
2:3, 8—“Ilmi badiisaa” eenyudha? Kan balleeffamuhoo akkamitti? Asirratti ‘ilma’ [“nama,” NW] kan jedhame, tuutaan luboota Saba Kiristiyaanaa kan argisiisudha. Isa hamaa kanarratti firdii Waaqayyoo dabarsuufi ajjeesuuf aboon kan isaa kenname, ‘Sagalicha’ jechuunis Sagalee Dabarsituu isa Guddaa kan ta’e Yesus Kiristosidha. (Yoh. 1:1) Kanaaf, Yesus ilma badiisaa kana, “hafuura afaan isaa keessaa ba’uun [humnasaatiin] isa in ajjeesa” jedhamuunsaa sirriidha.
2:13, 14—Kiristiyaanonni dibamoon ‘jalqabumaa kaasee akka fayyifamaniif kan fo’aman’ akkamitti? Kiristiyaanonni dibamoon tuutaan kan fo’aman, yeroo Yihowaan sanyiin dubartittii mataa Seexanaa akka buruqsu dubbatetti ture. (Uma. 3:15) Yihowaan ulaagaa guutuu qaban, hojii hojjetaniifi qorumsa keessa darban ibseera. Kanan kan ka’es ‘waamamaniiru’ isaaniin jedheera.
Barumsa Akkamii Arganna?
1:6-9. Yihowaan tuutaan namootatti hin faradu.
3:8-12. Guyyaan Yihowaa dhihoo ta’uunsaa, wanta nu barbaachisu argachuuf akka hin hojjenne sababii ta’uu hin qabu. Hojii hiikuun, dhibaa’oofi ‘nama namatti darbu’ ykn nama dhimma namaa keessa galu akka taanu nu gochuu danda’a.—1 Phe. 4:15.
“WANTA HADARAA SITTI KENNAME JABEESSII EEGI!”
Phaawulos, Ximotewos, ‘gaarii goodhee akka lolu; amantiifi yaada garaa qullaa’aas akka qabaatu’ gorseera. Phaawulos, namoonni gumii keessatti muudaman ulaagaa akkamii guutuu akka qaban barreesseera. Kana malees Ximotewos, ‘mammaaksa wanta qulqullaa’aadhaan mormu akka hin fudhanne’ isa gorseera.—1 Xim. 1:18, 19; 3:1-10, 12, 13; 4:7.
Phaawulos, ‘Nama jaarsa ta’e hin ifatin’ jechuudhaan barreesseera. “Wanta hadaraa sitti kenname jabeessii eegi! Dubbii midhaan hin qabne isa wanta qulqullaa’aadhaan mormu irraa, wanta sobaa isa ‘beekumsa’ jedhame dhugaadhaan mormu irraas fagaadhu!” jechuudhaan Ximotewosiin gorseera.—1 Xim. 5:1; 6:20.
Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’aafi Deebiisaanii:
1:18; 4:14—‘Raajiin waa’ee Ximotewos dubbatame’ maal ture? Raajiiwwan kun, ga’ee Ximotewos gumii Kiristiyaanaa keessatti qabaatu ilaalchisuudhaan, yommuu Phaawulos adeemsa misiyoonummaasaa isa lammaffaarratti Lisxiraa daawwate, geggeessaa hafuuraatiin kan dubbataman ta’uu danda’u. (HoE. 16:1, 2) Jaarsoliin gumiis ‘raajiiwwan’ kanarratti hundaa’uudhaan, Ximotewos isa dargaggeessa ta’erra ‘harkasaanii kaa’anii’ tajaajila adda ta’eef isa muudaniiru.
2:15—Dubartiin tokko, ‘mucaa da’uudhaa kan fayyitu’ akkamitti? Dubartiin haadha mucaa taate tokko, mucaasheetiif kunuunsa gochuufi hojii mana keessaa hojjechuunshee, ‘jette-jettee baay’isuufi dhimma namaa keessas lixuurraa’ ishee eeguudhaan ishee ‘fayyisuu’ danda’a.—1 Xim. 5:11-15.
3:16—Dhoksaa guddaan nama Waaqayyoo ta’uu keessa jiru maalidha? Gaaffiin namoonni guutummaatti olaantummaa Yihowaatiif abboomamuu ni danda’umoo hin danda’an jedhu, yeroo dheeraadhaaf dhoksaa guddaa ta’ee tureera. Yesus hanga du’aatti Waaqayyoof amanamaa ta’uudhaan, gaaffii kanaaf deebii kenneera.
6:15, 16—Jechoonni kun Yihowaamoo Yesus Kiristosiin argisiisu? Jechoonni kun, waa’ee mul’ata Yesus Kiristos kan ibsanidha. (1 Xim. 6:14) Moototaafi gooftota ilmaan namootaa waliin ennaa ilaalamu, Yesus ‘qofti waan hundumaa gararraa kan jiruufi’ kan hin duunedha. (Dan. 7:14; Rom. 6:9) Gara samii isa ijaan hin argamneetti erga ol ba’ee jalqabee, namni lafarra jiru kamiyyuu isa ‘arguu hin danda’u.’
Barumsa Akkamii Arganna?
4:15. Kiristiyaanota kan taane yeroo dheeraa duras ta’e yeroo dhihootti, yeroo hundumaa guddina gochuuf dhama’uufi walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu cimsachuu keenya itti fufuu qabna.
6:2. Namni hidhata amantaa keenya ta’e qacaree kan nu hojjechiisu yoo ta’e, karaa kamiiniyyuu isarraa bu’aa argachuuf yaalii gochuu mannaa, nama Kiristiyaana hin taane caalaatti isa tajaajiluu qabna.
‘DUBBICHA LALLABI, QOPHAA’II ARGAMI’
Phaawulos, Ximotewosiin yeroo rakkisaa isa eeggatuuf isa qopheessuu waan barbaadeef, “Waaqayyo hafuura humnaa, kan jaalalaa fi kan of qabuu malee, hafuura ija-laafinaa nuuf hin laanne” isaan jedheera. Ximotewos, “Hojjetaan gooftichaa nama hundumaatti gaarummaa argisiisuun, namoota barsiisuu danda’uun, waan hamaa obsaan namaaf danda’uun isaaf in ta’a malee, nama qoccoluun isaaf hin ta’u” jechuudhaan gorfameera.—2 Xim. 1:7; 2:24.
Phaawulos, ‘Isa barsiifamte cimsitees itti amante sanatti qabamii jiraadhu!’ jechuudhaan Ximotewosiin jajjabeesseera. Yeroo kanatti barumsi gantootaa babal’atee waan tureef, Phaawulos, Ximotewos isa ilaaltuu olaanaa dargaggeessa ta’e kana, ‘Dubbicha lallabi, qophaa’ii argami! Nama balleessaasaa hubachiisi, ifadhu, gorsis’ jechuudhaan jajjabeesseera.—2 Xim. 3:14; 4:2.
Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’aafi Deebiisaanii:
1:13—‘Dubbii sirriin’ maalidha? ‘Dubbii sirrii’ kan jedhame, barumsa “gooftaa keenyaa Yesus Kiristos” isa dhugaa ta’edha. (1 Xim. 6:3) Wanti Yesus barsiiseefi godhe Dubbii Waaqayyoo wajjin kan wal simu ture; kanaafuu jechi “dubbii sirrii” jedhu, barumsawwan Macaafa Qulqulluu keessatti argaman hunda kan argisiisu ta’uu danda’a. Dubbii sirriin kun, barumsawwan Caaffata Qulqullaa’oo wanta Yihowaan nurraa barbaadu hubachuuf nu gargaaran hunda kan argisiisudha. Wanta Macaafa Qulqulluurraa baranne hojiirra oolchuuf yaalii gochuudhaan, dubbii kanatti qabamnee jiraachuu keenya argisiifna.
4:13—‘Maraa Caaffatoota Gogaa duugamaa’ kan jedhame maalidha? Phaawulos maraan Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa dubbisuu danda’u muraasni akka isaaf ergamu kan gaafate, yommuu Roomaatti hidhamee turettidha. Maraawwan kun tokko tokko waan akka dhallaadduu fakkaaturraa kan tolfaman yommuu ta’u, warri kaan garuu gogaa duugamaarraa kan tolfaman turan.
Barumsa Akkamii Arganna?
1:5; 3:15. Ximotewos Yesus Kiristositti akka amanu wanti isa gargaare inni guddaan, barumsa Caaffata Qulqullaa’oo mana keessatti barate yommuu ta’u, kunimmoo amantaa hojiidhaaf isa kakaasu akka qabaatu isa gargaareera. Warri, itti gaafatamummaa Waaqayyoofis ta’e ijoolleesaaniitiif qaban akkamitti raawwachuu akka danda’an akka gaariitti itti yaaduunsaanii baay’ee barbaachisaadha.
1:16-18. Yommuu rakkinni, ari’atamni ykn hidhaan namoota hidhata amantaa keenyaa ta’anirra ga’u, isaaniif haa kadhannu; akkasumas waan dandeenye hunda gochuudhaan isaan haa gargaarru.—Fak. 3:27; 1 Tas. 5:25.
2:22. Kiristiyaanonni keessumaa dargaggoonni jabina qaamaatiif, ispoortiidhaaf, muuziqaadhaaf, bashannanaaf, wanta yeroo boqonnaatti hojjetamuuf, naannoowwan addaddaa daawwachuuf, oduu waa’ee hin baafneefi wantoota biraatti qabamuudhaan, sochiiwwan dhimma hafuuraatiif yeroo isaan dhabsiisanirratti xiyyeeffachuu hin qaban.
[Fakkii fuula 31rra jiru]
Ergaan Phaawulos dhumarratti geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreesse isa kami?