Ximotewos Tokkoffaa
5 Maanguddootti dubbii jabaa hin dubbatin.+ Kanaa mannaa, akka abbaatti gaarummaadhaan isa gorsi; dargaggoota akka obbolootaatti, 2 dubartoota maanguddoo akka haadhotaatti, dubartoota umurii dargaggummaa irra jiran akka obboleettotaatti qulqullummaa hundumaatiin gorsi.
3 Dubartoota abbaan manaa irraa duʼee fi dhuguma gargaarsi isaan barbaachisuuf yaadi.*+ 4 Haa taʼu malee, dubartiin abbaan manaa irraa duʼe tokko ijoollee yookiin ijoollee ijoollee yoo qabaatte, kun Waaqayyo duratti fudhatama waan qabuuf,+ jalqaba isaan maatii ofii isaanii+ keessatti Waaqayyoof akka bulan argisiisuu, akkasumas wanta warra isaanii, akkoo fi akaakayyuu isaaniitiif malu deebisanii kaffaluu+ haa baratan. 5 Dubartiin abbaan manaa irraa duʼe, dhuguma gargaarsi ishii barbaachisuu fi homaa hin qabne, abdii ishii Waaqayyo irra kaaʼatti,+ halkanii fi guyyaas wawwaannaa fi kadhannaa dhiheessiti.+ 6 Ishiin fedhii foonii guuttachuuf of kennite garuu, lubbuudhaan kan jirtu taʼus duuteetti. 7 Kanaafuu, isaan himata irraa walaba akka taʼaniif, qajeelfama* kana kennuu kee itti fufi. 8 Namni kam iyyuu warra kan isaa taʼaniif, keessumaa immoo miseensota maatii isaatiif wanta barbaachisu yoo dhiheessuu baate, amantii kan ganee fi nama amantii hin qabne irra kan hammaatu dha.+
9 Dubartiin abbaan manaa irraa duʼe tokko waggaa 60 ol yoo taatee fi haadha manaa abbaa manaa tokkoo qofa kan turte yoo taate galmee irratti haa galmeeffamtu; 10 ishiin ijoollee guddisuudhaan,+ keessummoota simachuudhaan,+ miila qulqullootaa dhiquudhaan,+ warra rakkatan gargaaruudhaan,+ akkasumas gochawwan gaggaarii hundumaatiif of kennuudhaan, hojii gaarii hojjechuu irratti maqaa gaarii kan qabdu+ taʼuu qabdi.
11 Dubartoota abbaan manaa irraa duʼee fi umurii dargaggummaa irra jiran garuu hin galmeessin; isaan yeroo fedhiin saalqunnamtii isaanii walitti dhufeenya Kiristoosii wajjin qaban irratti dhiibbaa godhu heerumuu barbaadu. 12 Waadaa duraan galan* waan dhiisaniifis murtii of irratti fidu. 13 Akkasumas, mana tokko irraa gara mana isa kan biraa dhaquudhaan hojii hiikuu baratu; hojii hiikuu qofa utuu hin taʼin, wantoota dubbachuu hin qabne dubbachuudhaan hamattootaa fi dhimma namootaa keessa kan galan+ taʼu. 14 Kanaafuu, dubartoonni abbaan manaa irraa duʼee fi umurii dargaggummaa irra jiran, akka heeruman,+ ijoollee akka daʼan,+ maatii isaanii akka kunuunsan, akkasumas inni mormu carraa ittiin nu ceephaʼu akka hin qabaanne akka godhan nan barbaada. 15 Tokko tokko ammuma iyyuu Seexana duukaa buʼuuf daandii isa gaarii dhiisaniiru. 16 Dubartiin amante tokko dubartoota abbootiin manaa irraa duʼan keessaa firoota yoo qabaatte, gumichatti baʼaan akka hin baayʼanneef ishiin isaan haa gargaartu. Taanaan gumichi dubartoota abbootiin manaa irraa duʼanii fi dhuguma gargaarsi isaan barbaachisu gargaaruu dandaʼa.+
17 Jaarsoliin akka gaariitti bulchan,+ keessumaa warri dubbachuu fi barsiisuudhaan jabaatanii hojjetan ulfina guddaa argachuu qabu.+ 18 Sababiin isaas, Kitaabonni Qulqulluun, “Qotiyyoo midhaan siribsiisu afaan isaa hin hidhin,”+ akkasumas, “Namni hojjetu mindaa isaa argachuu qaba”+ jedhu. 19 Ragoonni lama yookiin sadii ragaa yoo dhiheessan malee,+ himata maanguddoo* irratti dhihaatu hin fudhatin. 20 Warra kaaniif akeekkachiisa akka taʼutti,* namoota cubbuu hojjechuu amaleeffatan+ nama hundumaa duratti ifadhu.+ 21 Jibba halaalaa yookiin loogii akkamii irraa iyyuu fagaachuudhaan+ qajeelfama kana hojii irra akka oolchitu Waaqayyoo fi Kiristoos Yesuus, akkasumas maleekota filataman duratti cimseen si ajaja.
22 Nama kam irra iyyuu ariifattee harka kee hin kaaʼin;*+ cubbuu namoota kaanii irrattis hin hirmaatin; qulqullummaa kee eeggadhu.
23 Kana booda bishaan hin dhugin,* kanaa mannaa garaa kee fi dhukkuba kee isa deddeebiʼee sitti kaʼuuf daadhii wayinii xinnoo dhugi.
24 Cubbuun namoota tokko tokkoo ifatti waan beekamuuf, yeruma sana murtii argata; kan namoota kaanii garuu yeroo booda mulʼata.+ 25 Haaluma wal fakkaatuun, hojiiwwan gaariin ifatti beekamu;+ warri ifatti hin beekamne illee dhokfamanii hafuu hin dandaʼan.+