Kabajaan Afeeramteetta
GALMA MOOTUMMAA Dhugaa Baatota Yihowaa naannookee jiru bira yommuu darbitu, achi keessatti maaltu akka raawwatamu gaaffii sitti ta’ee beeka ta’a. Walga’iiwwan torban torbaniin godhanirratti abbaan barbaade argamuu akka danda’u beektaa? Keessummootaaf simannaa gaariitu godhama.
Haata’u malee, gaaffiiwwan tokko tokko qabda ta’a. Dhugaa Baatonni Yihowaa kan walitti qabaman maaliifi? Walga’iiwwan sanarratti maaltu raawwatama? Keessummoonni Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane waa’ee walga’iiwwan kanaa maal jedhu?
“Saba Sana . . . Walitti Sassaabaa”
Bara duriitii kaasee namoonni Waaqayyoon waaqeffachuufi waa’eesaa barachuuf walitti ni sassaabamu. Gara waggaa 3,500 dura, Israa’elootaaf ajajni akkas jedhu kennamee ture: “Saba sana, dhiirotaa fi dubartoota, ijoollotas, galaa kellaa keessan keessa jirus, Waaqayyo gooftaa keessaniif dhaga’uu fi isa sodaachuu akka baranii fi dubbii abboommii isaa kana hundumaas gaarii godhanii akka eeganiif walitti sassaabaa!” (Keessa Deebii 31:12) Kanaaf, Israa’el keessatti warra gurguddaa qofa utuu hin ta’in ijoolleenis Yihowaa waaqeffachuufi isaaf ajajamuu ni baratu turan.
Gara waggaa 1,500 booda, yeroo gumiin Kiristiyaanaa hundeeffamettis, walga’iiwwan waaqeffannaa dhugaa keessatti barbaachisaa ta’uunsaanii itti fufeera. Phaawulos ergamaan, “Jaalala argisiisuudhaaf, waan gaarii hojjechuudhaafis kottaa tuttuqnee yaada walii in kaafnaa! Akka jara tokkotti amala ta’e, nuyi walitti qabamuu keenya hin dhiifnu; . . . ittuma caalchifnee wal jajjabeessina” jechuudhaan barreesseera. (Ibroota 10:24, 25) Miseensonni maatii tokkoo ennaa yeroo waliin dabarsan walitti dhufeenyisaanii akkuma cimu, Kiristiyaanonnis waaqeffannaadhaaf ennaa wal ga’an, jaalalli warra Waaqayyoon tajaajiluu barbaadan gidduu jiru ni jabaata.
Dhugaa Baatonni Yihowaa fakkeenya Caaffata Qulqullaa’oo kana hordofuudhaan, Galmawwan Mootummaasaanii keessatti torbanitti al lama walga’ii godhu. Walga’iiwwan kun, namoonni achitti argaman seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu akka baratan, akka hubataniifi hojiirra akka oolchan isaan gargaaru. Hanga danda’ametti sagantichi addunyaa maratti akka wal fakkaatu kan godhamu si’a ta’u, walga’iin hundumtuu kaayyoo mataasaa qaba. Namoonni walga’icharratti argaman walga’icha duraafi booda haasaa nama ijaaruun ‘wal jajjabeessu.’ (Roomaa 1:12) Walga’iiwwan kanarratti maaltu raawwatama?
Haasawaa Macaafa Qulqulluu
Walga’iin jalqabaa namoonni hedduun irratti argaman, haasawaa Macaafa Qulqulluu namni kamiyyuu akka irratti argamu yaadamee qophaa’e yommuu ta’u, kunis yeroo baay’ee Sanbadduraa ykn Dilbata godhama. Yesus Kiristos haasawaa sabaa yeroo baay’ee kan kenne ennaa ta’u, isaan keessaa tokko Lallaba Gaararraa beekamaa ta’edha. (Maatewos 5:1; 7:28, 29) Phaawulos ergamaanis namoota Ateenaatiif haasawaa dhiheesseera. (Hojii Ergamootaa 17:22-34) Fakkeenyawwan kana hordofuudhaan, Walga’iiwwan Dhugaa Baatota Yihowaarrattis haasaawwan namoota hundaaf qophaa’an ni dhihaatu; namoota kana keessaa tokko tokko walga’icharratti kan argaman yeroo jalqabaatiif ta’uu danda’a.
Walga’ichi, faarfannaa birooshura Yihowaadhaaf Faarfannaa Galataa Faarfadhaa jedhamurraa dhihaatuun jalqaba.a Namoonni dhaabbatanii faarfannicharratti hirmaachuu barbaadan kana gochuu ni danda’u. Kadhannaa gabaabaan erga godhamee booda, namni ga’eessa ta’e tokko haasawaa daqiiqaa 30 dhiheessa. (Saanduqa, “Haasawaa Gaarii Namootaaf Dhihaatu.) Haasawichi Macaafa Qulqulluurratti kan hundaa’edha. Namni haasawicha dhiheessu, dhaggeeffattoonni caqasawwan barbaachisaa ta’an baasanii yeroo dubbifamu akka hordofan afeera. Kanaafuu, Macaafa Qulqulluukee fidattee dhufuu dandeessa; yookiinimmoo walga’ichi jalqabamuusaa dura Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko, Macaafa Qulqulluu akka sii kennu gaafachuu dandeessa.
Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa
Walga’iiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa hedduu keessatti, haasawaa sabaa booda Masaraan Eegumsaa ni qayyabatama. Kunis barumsa Macaafa Qulqulluu tokkorratti gaaffiifi deebiidhaan sa’aatii tokkoof kan geggeeffamudha. Walga’iin kun, namoonni saganticharratti argaman fakkeenya warra Beriyaa bara Phaawulos turaniifi ‘dubbicha fudhachuudhaaf qophaa’anii, macaafota qulqulluu qoranii’ akka hordofan isaan jajjabeessa.—Hojii Ergamootaa 17:11.
Qayyabannaan Masaraa Eegumsaa faarfannaadhaan jalqaba. Barumsi qayyabatamuufi gaaffiin namni qayyabannicha geggeessu gaafatu, maxxansa qayyabannaa barruu kanaarratti argamu. Maxxansa qayyabannaa sana Dhugaa Baatuu Yihowaa tokkorraa argachuu dandeessa. Matadureewwan dhiheenyatti qayyabataman keessaa tokko tokko, “Warra Kan Taatan Ijoollee Keessan Jaalalaan Leenjisaa,” “Namni Hamaa Yoo Isin Irratti Hojjete, Deebiftanii Hamaa Irratti Hin Hojjetinaa!” akkasumas “Rakkinni Hundi Yeroo Dhihootti Kan Badu Maaliifi?” kan jedhan turan. Sagantichi kan geggeeffamu gaaffiifi deebiidhaan ta’us, dhaggeeffattoonni kan irratti hirmaatan fedhiidhaani. Yeroo baay’ee yaada kan kennan, namoota barumsichaafi caqasawwan barumsicha deggeran dursanii dubbisaniifi irratti yaadanidha. Walga’ichi faarfannaafi kadhannaadhaan xumurama.—Maatewos 26:30; Efesoon 5:19.
Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii
Dhugaa Baatonni Yihowaa, torban torbaniin galgala tokko Galma Mootummaatti sassaabamuudhaan, walga’ii kutaa sadii qabuufi guutummaansaa sa’aatii tokkoofi daqiiqaa 45 fudhatu godhu. Kutaan jalqabaa Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii daqiiqaa 25iif geggeeffamudha. Sagantaan kun, namoonni walga’icharratti argaman Macaafa Qulqulluusaanii caalaatti akka beekan, yaadaafi ilaalchasaanii akka sirreessan, akkasumas Kiristosiif duuka buutota gaarii akka ta’an isaan gargaara. (2 Ximotewos 3:16, 17) Sagantaan kunis akkuma qayyabannaa Masaraa Eegumsaa, barumsa Macaafa Qulqulluu tokkorratti hundaa’ee gaaffiifi deebiidhaan kan geggeeffamudha. Namoonnis fedhiisaaniitiin yaada kennu. Barreeffamni Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf gargaaru, yeroo baay’ee kitaaba ykn birooshura Dhugaa Baatota Yihowaatiin maxxanfamedha.
Walga’iirratti barreeffama Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e kan fayyadaman maaliifi? Bara duriitti Dubbii Waaqayyoo dubbisuu qofti ga’aa hin turre. “Hiikanii in ibsaniif; jarris kana irratti seericha hubachuu in danda’an.” (Nahimiiyaa 8:8) Waggoota dhihoo darbanitti, kitaabonni macaafa Isaayaas, Daani’eliifi Mul’ataarratti ibsa kennan, namoonni walga’ii kanarratti argaman kutaawwan Macaafa Qulqulluu kana akka hubatan gargaaraniiru.
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumiitti aanee, sagantaa Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiitu geggeeffama. Sagantaan daqiiqaa 30 kun, Kiristiyaanonni “ogummaa barsiisuu” akka guddifatan gargaara. (2 Ximotewos 4:2, NW) Fakkeenyaaf, mucaankee ykn michuunkee tokko waa’ee Waaqayyoo ykn waa’ee Macaafa Qulqulluu si gaafatee deebii quubsaa kennuun sitti ulfaateeraa? Manni Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii, gaaffii ulfaataa ta’eef Macaafa Qulqulluurraa deebii nama jajjabeessu akka kennitu si barsiisuu danda’a. Akkas taanaan akkuma Isaayaas raajichaa, “Ani warra dadhabanitti dubbadhee akkan isaan jajjabeessuuf, Waaqayyo gooftaan dubbii barbaachisu dubbachuu na barsiise” jechuu dandeenya.—Isaayaas 50:4.
Manni Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii, haasawaa kutaa Macaafa Qulqulluu tokkorratti hundaa’ee dhihaatuun jalqabama; dhaggeeffattoonni kutaa Macaafa Qulqulluu kana dubbisanii akka dhufan itti himama. Namni kutaa sana dhiheesse, dhaggeeffattoonni kutaa dubbisanii dhufan sanarraa faayidaa argatan gabaabsanii akka dubbatan afeera. Marii kana booda, barattoonni mana barumsaa kana keessatti galmeeffaman, gaafa sana kutaa isaaniif ramadame dhiheessu.
Barattoonni, waltajjiirraa kutaa Macaafa Qulqulluu tokko akka dubbisan ykn nama kan biraa barumsa Caaffata Qulqulluu akkamitti barsiisuun akka danda’amu hojiidhaan akka argisiisan ramadamu. Tokkoon tokkoon kutichaa booda, namni gorsa kennuuf ga’eessa ta’e tokko, haala gaarii baratichi kutaasaa itti dhiheesse caqasee isa galateeffata; kana kan godhu kitaaba Leenjii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiitti Kennamurraa Fayyadami jedhurratti hundaa’eeti. Booddeemmoo, karaa baratichi itti fooyya’uu qabu dhuunfaatti itti himuu danda’a.
Kutaawwan gaggabaaboon kun kan qophaa’an, baraticha qofa utuu hin ta’in dhaggeeffattoota dubbisuu, dubbachuufi dandeettii barsiisuusaanii fooyyessuu barbaadan hundas gargaaruuf yaadameeti. Manni Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii erga xumuramee booda, faarfannaa caqasa Macaafa Qulqulluu tokkorratti hundaa’een sagantaan Walga’ii Tajaajilaa jalqabama.
Walga’ii Tajaajilaa
Walga’iin Tajaajilaa kutaa sagantichaa isa xumuraati. Namoonni walga’ii kanarratti argaman, haasawaa, hojiin argisiisa, gaafannoofi hirmaannaa dhaggeeffattoonni godhanirraa, dhugaa Macaafa Qulqulluu karaa bu’a qabeessa ta’een akkamitti barsiisuu akka danda’an baratu. Yesus bartoonnisaa akka lallaban isaan erguusaa dura, walitti isaan qabee qajeelfama bal’aa isaanii kennee ture. (Luqaas 10:1-16) Isaanis hojii Wangeela lallabuutiif guutummaatti qophaa’anii waan turaniif, muuxannoowwan nama gammachiisan baay’ee argataniiru. Booddee duuka buutonni Yesus muuxannoo argatan isatti himaniiru. (Luqaas 10:17) Bartoonni Yesus yeroo hundumaa muuxannoo argatan walitti himu turan.—Hojii Ergamootaa 4:23; 15:4.
Sagantaan Walga’ii Tajaajilaa daqiiqaa 35iif godhamuuf ba’e, waraqaa ji’a ji’aan maxxanfamuufi Tajaajila Mootummaa jedhamurratti argama. Barumsawwan dhiheenyatti ba’an kan armaan gadii dabalatu: “Maatiidhaan Yihowaa Waaqeffadhaa,” “Deddeebinee Kan Dhaqnu Maaliifi?” akkasumas “Tajaajila Keessaniin Fakkeenya Kiristos Hordofaa.” Sagantichi faarfannaadhaan, akkasumas kadhannaa miseensi gumii kadhannaa xumuraa dhiheessuuf ramadame tokko dhiheessuun xumurama.
Yaada Keessummoonni Kennan
Gumiiwwan, nama hundumaa akka gaariitti simachuuf carraaqu. Fakkeenyaaf, Aandiruun waa’ee Dhugaa Baatota Yihowaa oduu gadhee hedduu dhaga’ee ture. Yeroo jalqabaatiif walga’iirratti ennaa argame garuu, simannaa gaarii isaaf godhameen baay’ee dinqisiifate. Aandiruun, “Achitti argamuun baay’ee nama gammachiisa. Jaalalli namoonni achi turan natti argisiisan baay’ee na ajaa’ibsiiseera” jedheera. Shamarreen biyya Kaanaadaa Asheel jedhamtu tokkos, “Walga’ichi baay’ee nama gammachiisa ture! Xiyyeeffannaadhaan hordofuun nama hin rakkisu” jechuudhaan yaada armaan oliitiin walii galteetti.
Biraaziil keessa kan jiraatu Hooseen, naannoosaatti nama lolaan beekamu ture. Amala akkasii qabaatuyyuu, walga’ii Galma Mootummaatti godhamurratti akka argamu afeeramee ture. Hooseen, “Namoonni Galma Mootummaa keessa turan, amalakoo isa sanaan duraa beekaniyyuu jaalalaan na simatan” jedheera. Jaappaan keessa kan jiraatu Atisushiin wanta ishee mudate yaadachuudhaan akkas jetti: “Yeroo jalqabaatiif walga’ii Dhugaa Baatota Yihowaarratti ennaan argamu, hamma tokko sodaadheen ture. Booda garuu, jarri kun namoota kaanirraa adda akka hin taanen hubadhe. Akkan hin sodaanne gochuuf carraaqaniiru.”
Kabajaan Afeeramteetta
Akkuma yaadawwan armaan olii argisiisan, walga’iiwwan Galma Mootummaatti godhamanirratti argamuun bu’aa kan argamsiisu ta’uu danda’a. Waa’ee Waaqayyoo ni baratta; akkasumas Yihowaan barumsa Macaafa Qulqulluu achitti argattuun fayyadamee, “wanta waa’ee siif baasu” si barsiisa.—Isaayaas 48:17.
Walga’iiwwan Dhugaa Baatota Yihowaarratti argamuuf kaffaltiin hin gaafatamu; qodaan qarshiin itti sassaabamus hin naanneffamu. Walga’ii Galma Mootummaa naannookeetti argamutti godhamurratti argamuu ni barbaaddaa? Akka argamtu kabajaan afeeramteetta.
[Miiljaleewwan]
a Barreeffamoonni mataduree kana keessatti caqasaman hundi, Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan maxxanfamanidha.
[Saanduqa fuula 23rra jiru]
Haasawaa Gaarii Namootaaf Dhihaatu
Haasaawwan sabaa 170 ol ta’aniifi matadureensaanii Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’e filatamaniiru; isaan keessaa tokko tokko:
◼ Akka Itti Ilmaan Namootaa Argaman Ilaalchisee Amantiin Qabdan Jijjiirama Fidaa?
◼ Ilaalcha Waaqayyo Saalqunnamtiifi Gaa’elaaf Qabu
◼ Waaqayyo Warra Lafa Mancaasanirratti Tarkaanfii Fudhata
◼ Yaaddoowwan Jireenyaa Addaddaa Danda’uu
◼ Jireenya Jechuun Kanuma Ammaa Kanaa?
[Fakkii fuula 23rra jiru]
Haasawaa Macaafa Qulqulluu
[Fakkii fuula 23rra jiru]
Qayyabannaa “Masaraa Eegumsaa”
[Fakkii fuula 24rra jiru]
Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii
[Fakkii fuula 24rra jiru]
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
[Fakkii fuula 25rra jiru]
Walga’ii Tajaajilaa