Dubbiin Yihowaa Jiraataadha
Yaadawwan Ijoo Macaafota Tiitoos, Filemoniifi Ibrootaa
PHAAWULOS odoola Qareexis kan daawwate, Dh.K.B. bara 61tti, mana hidhaa Roomaa jalqaba itti hidhame keessaa erga gadhiifamee yeroo muraasa boodadha. Karaa hafuuraa gumichi haala akkamii keessa akka jiru waan hubateef, Tiitoos isaaniin akka jajjabeessu achumatti isa dhiise. Yeroo booda, Tiitoosiif xalayaa kan barreesse Maqedooniyaadhaa ta’uu hin oolu. Xalayaa kanarratti Phaawulos, Tiitoosiif hojiisaa ilaalchisee qajeelfama kan kenne si’a ta’u, hojii kana hojjechuuf aboo akka isaaf kennes barreesseera.
Isa dura, Phaawulos Dh.K.B. bara 61tti mana hidhaatii hiikamuusaa dura, Kiristiyaana biyya Qolosaayis jiraatuufi Filemon jedhamuuf xalayaa barreessee ture. Xalayaan kun, gaaffii inni michuusaa tokkoof dhuunfaatti dhiheesse kan qabatedha.
Phaawulos Dh.K.B. naannoo bara 61tti amantoota Ibroota ta’aniifi biyya Yihudaatti argamaniifis, xalayaa Kiristiyaanummaan seera Yihudootaarra caalmaa akka qabu ibsu barreesseera. Xalayaawwan sadan kanarraa gorsa gaarii arganna.—Ibr. 4:12.
AMANTIITTI JABAADHAA
Phaawulos, Tiitoos ‘mandaruma mandaratti jaarsolii hojii waldaa geggeessuurra akka dhaabu’ erga itti himee booda, “Amantii isaaniitti seelkoo akka hin qabaannetti, [warra seera hin qabne] cimsii balleessaa isaanii itti mul’isi!” jechuudhaan isa gorseera. Phaawulos namoota gumiiwwan Qareexis keessa jiran hunda, ‘Waaqayyo malee jiraachuu dhiisanii, of qabuutti akka jiraatan’ gorseera.—Tit. 1:5, 10-13; 2:12.
Phaawulos, obboloonni Qareexis amantiitti jabaatanii akka jiraatan gorsa dabalataa isaanii kenneera. Tiitoosis, ‘waliin morkii gowwootaafi waa’ee seeraa irratti wal qoccoluurraa’ akka fagaatu isa gorseera.—Tit. 3:9.
Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’aafi Deebiisaanii:
1:15—“Wanti hundinuu,” “warra qulqullaa’aniif qulqullaa’aa” ta’uu, “warra xuraa’oodhaaf warra hin amanneef garuu” xuraa’aa ta’uu kan danda’u akkamitti? Deebiisaa beekuuf, Phaawulos “wanti hundinuu” yeroo jedhu maal jechuusaa akka ta’e hubachuu qabna. Phaawulos kan dubbate waa’ee wantoota Waaqayyo Dubbiisaa keessatti kallattiidhaan dhowwee utuu hin ta’in, waa’ee wantoota Kiristiyaanni tokko murtoo mataasaa irratti gochuu danda’uuti. Nama yaannisaa seera Waaqayyoo wajjin wal simuuf, wantoonni kun qulqulluudha. Nama yaannisaa sirrii hin taaneefi yaanni garaasaa xuraa’eef garuu qulqulluu miti.a
3:5—Kiristiyaanonni dibamoon ‘dhiqannaadhaan kan fayyifamaniifi’ ‘hafuura qulqulluudhaan kan haareffaman’ akkamitti? Waaqayyo dhiiga Yesus isa aarsaa furii ta’ee dhihaateefi dhiifama cubbuu isaaniif argamsiiseen waan isaan dhiqeef ykn qulqulleesseef, ‘dhiqannaadhaan fayyifamaniiru.’ Ijoollee Waaqayyoo warra hafuuraan dhalatan ta’uudhaan “Uumama haaraa” waan ta’aniif, ‘hafuura qulqulluudhaan haareffamaniiru.’—2 Qor. 5:17.
Barumsa Akkamii Arganna?
1:10-13; 2:15. Kiristiyaanonni ilaaltota olaanaa ta’an, dogoggora gumii keessatti argan sirreessuuf ija jabeeyyii ta’uu qabu.
2:3-5. Akkuma jaarraa jalqabaatti ture, obboleettonni Kiristiyaanaa “amala warra akka qulqullootaatti fudhatamanii haa argisiisan! Wanta gaarii ta’e haa barsiisan malee, maqaa namaa balleessuun, dhugaatiidhaaf garboota ta’uun isaan irra hin jiru.” Yoo akkas godhan, “dubartoota warra gara ijoollee” gumii keessatti argaman dhuunfaatti ennaa barsiisan milkaa’ina argachuu danda’u.
3:8, 14. “Hojii gaariitti qabamuudhaaf” dhimmuun, tajaajila Waaqayyootiin bu’a qabeeyyii waan nu godhuufi biyya lafaa hamaa kanarraa addaan waan nu baasuuf, ‘ba’eessaafi dhimma kan baasudha.’
‘Jaalalaaf Jedhanii’ Nama Gorsuu
Filemon “jaalalaa fi amantii” qabaachuudhaan fakkeenya waan ta’eef galateeffameera. Kiristiyaanota hidhatasaa ta’an garaa kan ciibsu ta’uusaatiin, Phaawulosiif “gammachuudhaaf jajjabina baay’ee” argamsiiseera.—Film. 4, 5, 7.
Phaawulos, Filemonitti dhimma guddaa Oneesimosiin ilaallatu yommuu isatti kaasee turetti, ajaja isaa kennuu mannaa, “jaalalaaf jedhee” isa gorsuudhaan, ilaaltota olaanaa hundaaf fakkeenya gaarii ta’eera. “Waan ani sitti himu irra caalchiftee hojjechuu kee beekee, abboomamuu kees amanadhee, kana siif caafeera” jedheen.—Film. 8, 9, 21.
Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’aafi Deebiisaanii:
10, 11, 18—Oneesimos inni “dhimma kan hin baafne” ture, “dhimma kan baasu” kan ta’e akkamitti? Oneesimos, hojjetaa fedhii hin qabneefi maatii Filemon isa Qolosaayis keessa ture jalaa badee gara Roomaatti baqatedha. Oneesimos, qarshii karaa kiilomeetira 1,400 fagaatu sana ittiin deemu gooftaasaa jalaa hatuu hin oolu. Dhugumayyuu inni Filemoniif dhimma kan hin baasne ture. Roomaa keessatti garuu, Oneesimos gargaarsa Phaawulosiin Kiristiyaana ta’uu danda’eera. Namni kanaan dura “dhimma kan hin baafne” ture kun amma Kiristiyaana ta’uudhaan “dhimma kan baasu” ta’eera.
15, 16—Phaawulos, Filemon Oneesimosiin birmaduu akka baasu kan isa hin gaafanne maaliifi? Phaawulos, ‘mootummaa Waaqayyoo akka lallabuufi waa’ee Yesus Kristos gooftichaa akka barsiisu’ hojii isaa kennamerratti xiyyeeffachuu barbaada ture. Kanaafuu, dhimma garbummaa dabalatee dhimmawwan namootaa keessa galuu hin barbaadu ture.—HoE. 28:31.
Barumsa Akkamii Arganna?
2. Filemon, manasaa keessatti walga’iiwwan Kiristiyaanaa akka geggeeffaman heyyameera. Mana keenyatti walga’iin tajaajila dirree godhamuunsaa mirga guddaadha.—Rom. 16:5; Qol. 4:15.
4-7. Kiristiyaanota amantaafi jaalalasaaniitiin fakkeenya ta’an dursa fudhannee galateeffachuu qabna.
15, 16. Wantoonni rakkisaa ta’an garmalee akka nu dhiphisan heyyamuu hin qabnu. Seenaan Oneesimos akka argisiisutti, haalawwan akkasii karaa hin yaadamneen bu’aa gaarii argamsiisuu danda’u.
21. Phaawulos, Filemon Oneesimosiif dhiifama akka godhu eegeera. Nuyis obboleessa nu aarse tokkoof dhiifama akka goonu nurraa eegama.—Mat. 6:14.
“Gara Barsiisa Isa Warra Ga’aniif Kennamuutti In Darbina”
Phaawulos, wanta Seerri namarraa barbaadu gochuurra, aarsaa Yesusitti amanuun akka caalu addeessuuf, Yesus Kiristos inni Kiristiyaanummaa hundeesse, lubummaansaa, aarsaan inni dhiheesseefi kakuu haaraan bakka guddaa akka qaban ibseera. (Ibr. 3:1-3; 7:1-3, 22; 8:6; 9:11-14, 25, 26) Kiristiyaanonni Ibroota ta’an kana beekuunsaanii, ari’atama cimaa Yihudoonni isaanirra geessisan danda’uuf akka isaan gargaare beekamaadha. Phaawulos, Ibroonni hidhata amantaasaa ta’an ‘gara barsiisa warra ga’aniif kennamuutti akka darban’ isaan gorseera.—Ibr. 6:1.
Amantaan, Kiristiyaana tokkoof hammam barbaachisaadha? Phaawulos, “Amantii malee immoo Waaqayyoon gammachiisuun hin danda’amu” jechuudhaan barreesseera. “Kottaa . . . dorgomee isa nu dura jiru obsaan dandeenyee in fiignaa!” jechuudhaan amantaadhaan akkas akka godhan Ibroota jajjabeesseera.—Ibr. 11:6; 12:1.
Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’aafi Deebiisaanii:
2:14, 15—Seexanni kan “humna du’aa qabu” ta’uunsaa, namuma filaterratti yeroonsaa utuu hin ga’in du’a fiduu akka danda’u argisiisaa? Matumaa hin argisiisu. Haata’u malee, yeroo Seexanni Eeden keessatti hammeenya raawwachuu jalqabee kaasee, Addaam cubbuu hojjechuudhaan ilmaan namootaarratti cubbuufi du’a waan dabarseef, sobni Seexanaa du’a fideera. (Rom. 5:12) Kana malees, bakka buutonni Seexanaa warri lafarra jiran, akkuma Yesusirratti godhan, tajaajiltoota Waaqayyoos hamma du’aatti ari’ataniiru. Kana jechuun garuu, Seexanni abbaa fedhe ajjeesuuf humna hin daangeffamne qaba jechuu miti. Utuu akkas ta’ee, waaqeffattoota Yihowaa yeroo dheeraa dura lafarraa fixa ture. Yihowaan tuutaan sabasaa waan eeguuf, Seexanni akka isaan fixu hin heyyamu. Waaqayyo, nu keessaa tokko tokko balaa Seexanni geessisuun akka duunu yoo heyyamellee, miidhaa nurra ga’e sana akka nuu balleessu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.
4:9-11—‘Boqonnaa Waaqayyootti kan gallu’ akkamitti? Waaqayyo guyyoota ja’aaf wantoota addaddaa erga uumee booda, dhumarratti kaayyoon inni lafaafi ilmaan namootaatiif qabu akka raawwatamu mirkanaa’aa ta’uudhaan, hojii uumuurraa ni boqote. (Uma. 1:28; 2:2, 3) “Iddoo boqonnaa sanatti galuudhaaf,” karaa mataa keenyaatiin qajeeloota of gochuu dhiisnee qophii Waaqayyo fayyina keenyaaf godhe fudhachuu qabna. Fedha foon keenyaa duukaa bu’uu mannaa, Yihowaatti kan amannuufi isaaf ajajamuudhaan ilmasaa duukaa kan buunu yoo ta’e, guyyaa hundumaa eebbasaa isa nama jajjabeessuufi boqonnaa namaa kennu ni arganna.—Mat. 11:28-30.
9:16—Kakuu haaraa keessatti, “namichi inni dhaala dhaame” eenyudha? Kakuu haaraa kan Hundeesse Yihowaa ennaa ta’u, “namichi inni dhaala dhaame” Yesusi. Akkasumas gidduu galee kakuu kana kan dhaabe isa yommuu ta’u, du’asaatiinis aarsaa kakuu kana mirkaneessu dhiheesseera.—Luq. 22:20; Ibr. 9:15.
11:10, 13-16—Abrahaam “mandara” ishee kam eeggachaa ture? Mandarri kun mandara dhugaa utuu hin ta’in, fakkeenyaan kan ibsamtedha. Abrahaam, “Yerusaalem ishee waaqa irraa,” Yesus Kiristosiifi namoota 144,000 isaa wajjin bulchaniin ijaaramte eeggachaa ture. Bulchitoonni samiirratti ulfina argatan kun, ‘Yerusaalem mandara qulqullittii ishee haaraa’ jedhamaniis waamamaniiru. (Ibr. 12:22; Mul. 14:1; 21:2) Abrahaam, jireenya bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo keessatti argamu hawwiidhaan eeggachaa ture.
12:2—‘Gammachuun fuula Yesus dura tureefi’ ‘obsaan fannoorratti du’uuf isa dandeessise’ maalidha? Maqaan Yihowaa qulqulluu ta’ee akka eegamu gochuu, olaantummaasaa mirkaneessuufi ilmaan namootaa du’arraa furuu dabalatee, wanta tajaajilasaatiin raawwachuu danda’u arguutu gammachuusaa ture. Kana malees, Yesus yeroo faayidaa ilmaan namootaatiif jecha Mootii ta’ee itti bulchuufi Hangafa Lubootaa ta’ee itti tajaajilu abdiidhaan eeggata ture.
13:20—Kakuu haaraan kan “bara baraa” ta’uunsaa kan dubbatame maaliifi? Sababii sadiifi: (1) Matumaa bakka hin buufamu, (2) bu’aan argamsiisu kan barabaraati, akkasumas (3) ‘Hoolonni kan biraan’ Armaagedoon boodas kakuu haaraa kanarraa fayyadamuusaanii itti fufu.—Yoh. 10:16.
Barumsa Akkamii Arganna?
5:14. Dubbii Waaqayyoo kan ta’e Macaafa Qulqulluu dhimminee qayyabachuufi wanta isarraa baranne hojiirra oolchuu qabna. Kana yoo goone malee, ‘sammuun keenya hojiidhaan itti baree hamaa fi gaarii gargar baasuu’ hin danda’u.—1 Qor. 2:10.
6:17-19. Abdiin keenya, waadaafi kakuu Waaqayyo nuu galerratti kan hundaa’e akka ta’u gochuun keenya, daandii dhugaarraa akka hin jal’anne nu gargaara.
12:3, 4. Qorumsawwan ykn mormiiwwan xixinnoo nurra ga’aniin ‘dadhabnee yaanni keenya laafuu’ mannaa, gara ga’eessummaatti guddachuufi qorumsa mo’uuf dandeettii keenya fooyyeffachuu qabna. ‘Dhiigni keenya hamma dhangala’utti,’ jechuunis hamma du’aatti jabaannee dhaabachuuf murteessuu qabna.—Ibr. 10:36-39.
12:13-15. ‘Hiddi hadhaa’aan’ ykn namni gumii keessa jiruufi akkaataa wantoonni tokko tokko itti raawwatamanirratti dogoggora barbaadu kamiyyuu, ‘miilla keenyaaf daandii qajeelaa godhachuurraa’ akka nu ittisu gochuu hin qabnu.
12:26-28. Waaqayyoon utuu hin ta’in harka namaatiin “wanti uumame hundinuu,” jechuunis ‘waaqa’ (samii) isa hamaallee dabalatee guutummaan sirna si’anaa raafamee bada. Yeroo kun ta’u, “wanti raafamuu hin dandeenye,” jechuunis Mootummichiifi deggertoonnisaa qofti ni hafu. Dhugumayyuu, Mootummicha hinaaffaadhaan labsuufi seerawwan bu’uuraasaatiin jiraachuun keenya baay’ee barbaachisaadha!
13:7, 17. Gorsa ilaaltota olaanaa gumii keessa jiraniif akka ajajamnuufi akka bitamnu nuu kenname kanaaf xiyyeeffannaa kennuun keenya, akka isaan deggerru argisiisuuf nu gargaara.
[Footnotes]