BOQONNAA 11
“Gaa’elli Hundumaa Biratti Ulfina-Qabeessa Haa Ta’u”
“Haadha manaa qeerrummaa keetii wajjin gammadi!”—FAKKEENYA 5:18.
1, 2. Gaaffii kam qorra? Maaliif?
GAA’ELA dhaabbatteettaa? Taanaan gaa’ellikee madda gammachuu sii ta’eeramoo rakkoo cimaa keessa jirta? Atiifi hiriyaan gaa’elaakee gargar fagaachaa jirtuu? Gaa’elakeerraa gammachuu utuu hin argatin akkasumaan wal danda’uun qofa jiraattuu? Akkas taanaan jaalalli ho’aan qabdan qabbanaa’uusaatti gadduunkee hin oolu. Kiristiyaana waan taateef, gaa’ellikee Yihowaa Waaqa isa jaallattuuf akka ulfina argamsiisu akka barbaaddu homaa hin shakkisiisu. Kanaaf, haalli yeroo ammaatti keessa jirtu kan si yaaddessuufi si dhiphisu ta’uu danda’a. Ta’us haallikoo matumaa fooyya’uu hin danda’u jettee abdii hin kutin.
2 Yeroo har’aatti hiriyoonni gaa’elaa gaariin Kiristiyaanota ta’aniifi kanaan dura hariiroo cimaa utuu hin qabaatin wal danda’anii jiraachaa turan jiru. Haata’u malee karaa hariiroosaanii itti cimsan argataniiru. Atis gaa’elakeerraa gammachuu guddaa argachuu dandeessa. Akkamitti?
WAAQAYYOOFI HIRIYAA GAA’ELAA KEETTI CAALAATTI DHIHAACHUU
3, 4. Hiriyoonni gaa’elaa Waaqayyotti dhihaachuuf carraaqqii yoo godhan, walitti dhihaachuu kan danda’an maaliifi? Fakkeenyaan ibsi.
3 Caalaatti Waaqayyootti dhihaachuuf yoo carraaqxan, hiriyaa gaa’elaa keessanittis caalaatti dhihaattu. Maaliif? Mee fakkeenya kana ilaali: Tulluu jallisaa bal’aafi gaafa ol ba’an dhiphachaa adeemu mee yaadi. Dhiirri tokko tulluu kana jala karaa kaabaa, dubartiin tokkommoo karaa kibbaa dhaabataniiru. Lamaanuu tullichatti ol ba’uu jalqabu. Tulluu kana jala yommuu turan walirraa fagoo turan. Ta’us, fiixee gaarichaatti yommuu dhihaachaa adeeman fageenyi gidduusaanii jiru ni xinnaata. Barumsa gaarii fakkeenya kanarraa argamu hubatteettaa?
4 Carraaqqiin guutummaatti Yihowaa tajaajiluuf gootu, carraaqqii tulluu yaabbachuuf godhamuu wajjin wal fakkeessuun ni danda’ama. Yihowaa waan jaallattuuf, jalqabumayyuu carraaqqii cimaa gochaa jirta jechuun ni danda’ama. Haata’u malee, atiifi hiriyaan gaa’elaakee waan gargar fagaattaniif kallattii addaddaatiin tullichatti ol ba’aa jirtu jechuudha. Tullichatti ol ba’uu yoo itti fuftan maaltu ta’a? Fageenyi gidduu keessan jiru walirraa isin fageessee akka ture beekamaadha. Waaqayyotti dhihaachuuf, jechuunis tulluutti ol ba’uuf caalaatti carraaqqii yommuu gootan garuu, fageenyi isin gidduu jiru xinnaachaa adeema. Eeyyee, Waaqayyotti dhihaachuun hiriyaa gaa’elaakeetti dhihaachuuf si gargaaraa. Haata’u malee akkamitti Waaqayyotti dhihaachuu dandeessa?
Beekumsi kitaaba qulqulluu yoo hojii irraa oolfame gaaʼela keessan isiniif cimsuu dandaʼa
5. (a) Karaan Yihowaafi hiriyaa gaa’elaatti dhihaachuun danda’amu keessaa inni tokko maalidha? (b) Yihowaan gaa’ela akkamitti ilaala?
5 Karaan tullichatti ol ba’uuf isin gargaaru keessaa tokko, gaa’ela ilaalchisee gorsa Dubbii Waaqayyoo keessatti kenname hojiirra oolchuudha. (Faarfannaa 25:4; Isaayaas 48:17, 18) Kanaaf, gorsa Phaawulos, “Gaa’elli hundumaa biratti ulfina-qabeessa haa ta’u” jechuudhaan kenne haa ilaallu. (Ibroota 13:4) Akkas jechuun maal jechuudha? Jechi “ulfina-qabeessa” jedhu, wanti tokko bakka guddaafi gati jabeessa ta’uusaa argisiisa. Yihowaan gaa’elaaf ilaalcha akkasii kan qabu si’a ta’u, bakka guddaa kennuun akka gati jabeessaatti ilaala.
JAALALA GARAA GUUTUU YIHOWAAF QABDUTU SI KAKAASA
6. Yaanni naannoo gorsa Phaawulos gaa’ela ilaalchisee kenne jiru maal ibsa? Kana qalbeeffachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
6 Dhugaadha, atiifi hiriyaan gaa’elaakee tajaajiltoota Waaqayyoo waan taataniif, durumayyuu gaa’elli ulfina qabeessaafi qulqulluu akka ta’e beektu. Gaa’ela kan hundeesse Yihowaadha. (Maatewos 19:4-6) Haata’u malee, yeroo ammaatti gaa’ellikee rakkoo kan qabu taanaan, gaa’elli ulfina qabeessa ta’uusaa hubachuun qofti atiifi hiriyaan gaa’elaakee jaalalaafi ulfinaan akka wal ilaaltan isin hin taasisuu ta’a. Taanaan, akkas gochuuf kan isin kakaasu maalidha? Phaawulos ulfina kennuu ilaalchisee yommuu gorsa kenne maal akka jedhe qalbeeffadhu. “Gaa’elli ulfina qabeessaadha” hin jenne; kanaa mannaa, “Gaa’elli hundumaa biratti ulfina-qabeessa haa ta’u” jedhe. Phaawulos gorsa kenne malee, wanta hubate dubbachuusaa hin turre.a Kana hubachuunkee, ulfina duraan hiriyaa gaa’elaakeetiif qabdu argisiisuuf humna dabalataa ta’ee si gargaaruu danda’a. Akkas kan jennu maaliifi?
7. (a) Abboommonni Caaffata Qulqullaa’aa raawwannu kamfa’i? Maaliif? (b) Abboomamuun faayidaa akkamii argamsiisa?
7 Abboommota Caaffata Qulqullaa’oo garabiraa, jechuunis hojii namoota bartoota taasisuu ykn waaqeffannaaf akka walitti qabamnu nuu kennaman mee takka yaadi. (Maatewos 28:19; Ibroota 10:24, 25) Al tokko tokko abboommota kana raawwachuun rakkisaa ta’uu akka danda’u beekamaadha. Namoonni ati lallabduuf ergicha waan mormaniif ykn hojiinkee baay’ee waan si dadhabsiiseef, walga’iiwwanirratti argamuun baay’ee sitti ulfaachuu danda’a. Ta’us ergaa Mootummichaa lallabuufi walga’iiwwanirratti argamuukee itti fufta. Kaan hafee, Seexannillee kana gochuu akka si dhowwuu hin heyyamtu! Maaliif? Garaa guutuu Yihowaa jaallachuunkee abboommotasaa raawwachuuf waan si kakaasuufidha. (1 Yohannis 5:3) Kunoo faayidaa akkamii siif argamsiisa? Jaalala Waaqayyoo raawwachaa akka jirtu waan beektuuf, lallabaafi walga’iiwwanirratti hirmaachuunkee nagaafi gammachuu siif argamsiisa. Kunimmoo humnakee jabeessa. (Nahimiiyaa 8:10) Kanarraa barumsa maalii arganna?
8, 9. (a) Gorsa gaa’elli ulfina qabeessa akka goonu nuu kennameef abboomamuuf maaltu nu kakaasa? Maaliif? (b) Qabxiiwwan lama kam qorra?
8 Jaalalli guddaan Waaqayyoof qabdu, rakkoon akkamiiyyuu yoo jiraate, abboommii akka lallabnuufi walga’iiwwanirratti akka argamnu kenname raawwachuuf akkuma si kakaasu, haalli rakkisaan yeroo uumamuttillee, gorsa Caaffata Qulqullaa’aa isa “Gaa’elli [kee] hundumaa biratti ulfina-qabeessa haa ta’u” jedhuuf akka abboomamtu si kakaasuu danda’a. (Ibroota 13:4; Faarfannaa 18:29; Lallaba 5:4) Carraaqqiin lallabarratti hirmaachuufi walga’iirratti argamuuf gootu eebba hedduu akkuma siif argamsiisu, carraaqqii gaa’ellikee ulfina qabeessa akka ta’uuf gootus Yihowaan ni hubata, ni eebbisas.—1 Tasaloniiqee 1:3; Ibroota 6:10.
9 Ta’us, gaa’elakee ulfina qabeessa gochuu kan dandeessu akkamitti? Amalawwan gaa’elakeerra miidhaa geessisanirraa fagaachuufi tarkaanfiiwwan hariiroo gaa’elichaa jabeessan fudhachuu si barbaachisa.
DUBBIIFI AMALA GAA’ELA ULFINA DHABSIISURRAA FAGAADHU
10, 11. (a) Amala akkamiitu gaa’ela ulfina dhabsiisa? (b) Hiriyaa gaa’elaa keenyaa wajjin gaaffii akkamiirratti mari’achuu qabna?
10 Haati manaa Kiristiyaana taate yeroo muraasa dura, “Yihowaan humna danda’ee jiraachuuf na gargaaru akka naa kennun kadhadha” jechuun dubbatteetti. Maal dandeessee akka jiraattuuf kadhatte? Akkas jechuun ibsiteetti: “Abbaan manaakoo dubbiidhaan na waraana. Dirmammuun mul’atu qaamakoorra hin jiru ta’a; haata’u malee jechi inni yeroo hundaa ‘Ati ba’aadha!’ Gatii hin qabdu!’ jedhee dubbiin na waraanuunsaa garaakoo baay’ee madeesseera.” Haati manaa kun dhimma baay’ee nama yaaddessu kan dubbatte si’a ta’u, innis arrabsoo gaa’ela keessatti raawwatamudha.
11 Hiriyoonni gaa’elaa maatii Kiristiyaanaa keessatti argaman, jecha nama miidhu walitti dubbachuun madaa dafee hin fayyine geessisuunsaanii baay’ee nama gaddisiisa! Gaa’elli dubbii nama miidhuun guutame ulfina qabeessa akka hin taane beekamaadha. Atoo gaa’ellikee maal fakkaata? Kana beekuuf karaan inni tokko gad of deebisuudhaan, “Dubbiinkoo si miidhaa?” jettee haadha manaakee gaafachuudha. Hiriyaan gaa’elaakee yeroo hedduu dubbiinkee miirashee akka miidhe yoo itti dhaga’ame, haala kana fooyyessuuf carraaqqii gochuu qabda.—Galaatiyaa 5:15; Efesoon 4:31.
12. Waaqeffannaan nama tokkoo, Waaqayyo biratti fudhatama dhabuu kan danda’u akkamitti?
12 Gaa’ela keessatti haalli itti arrabakeetti fayyadamtu hariiroo Yihowaa wajjin qabdu akka tuqu qalbeeffadhu. Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Namni, nama amantii qabu of se’ee, arraba isaatti immoo luugama hin keenye, inni of sossoba malee, amantiin isaa waa’ee hin baasuuf.” (Yaaqoob 1:26) Dubbiinkee waaqeffannaakee wajjin walitti dhufeenya guddaa qaba. Macaafni Qulqulluun yaada namni tokko Waaqayyoon tajaajillaan, haalli manasaa keessa jiru maaliyyuu yoo ta’e rakkoo hin qabu jedhu hin deggeru. Dhimmi kun xiyyeeffannaan kennamuufii kan qabu waan ta’eef, gama kanaan of hin gowwoomsin. (1 Phexros 3:7) Waaqayyoon tajaajiluutti dandeettiifi hinaaffaa qabaattus; ta’e jettee hiriyaa gaa’elaakee dubbii nama miidhuun kan waraantu yoo ta’e garuu, qophii gaa’elaa ulfina qabeessa gootee waan hin ilaalleef waaqeffannaankee Waaqayyo biratti fudhatama hin argatu.
13. Namni tokko miira hiriyaan gaa’elaasaa miidhuu kan danda’u akkamitti?
13 Kana malees, hiriyoonni gaa’elaa karaawwan garabiraa miira hiriyaa gaa’elaasaanii miidhuurraa of eeggannoo gochuu qabu. Fakkeenya lama haa ilaallu: Haati qeenteen tokko yeroo hedduu obboleessa gaa’ela qabu tokkotti bilbiltee gorsa gaafatti; yeroo dheeraa haasa’u; obboleessi qeenteen tokkommoo, torban torbaniin obboleettii gaa’ela qabdu tokkoo wajjin tajaajilarratti yeroo dheeraa dabarsu. Hiriyoonni gaa’elaa fakkeenya kanarratti ibsaman yaada gadhee kan hin qabne ta’anis, gochisaanii kun hiriyaa gaa’elaasaanii akkamitti miidha? Haati manaa haalli akkasii ishee mudate tokko akkas jetteetti: “Abbaan manaakoo obboleettii gumii keessatti argamtu tokkoof yeroo dheeraaf xiyyeeffannaa akkasii kennuusaa hubachuunkoo na miidha. Namaa gad akkan ta’e natti dhaga’ama.”
14. (a) Uumama 2:24rratti itti gaafatama gaa’elaa maaliitu ibsame? (b) Maal jennee of gaafachuu qabna?
14 Haati manaa kuniifi haadhotiin manaa haalli wal fakkaatu isaan mudate maaliif akka miidhaman hubachuun ulfaataa miti. Hiriyoonni gaa’elaasaanii qajeelfama bu’uuraa Waaqayyo, “Dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana” jedhuuf dantaa dhabaniiru. (Uumama 2:24) Dhugaadha, namoonni gaa’ela dhaabbatan warrasaanii kan kabajan ta’us, qophiin Waaqayyo gaa’elaaf godhe hiriyoota gaa’elaasaaniitiif dursa akka kennan ajaja. Haaluma wal fakkaatuun, Kiristiyaanonni namoota hidhata amantiisaanii ta’an kan jaallatan ta’anis itti gaafatamummaansaanii inni guddaan garuu hiriyaa gaa’elaasaanii jaallachuudha. Kanaaf, Kiristiyaanonni hiriyaa gaa’elaa qaban namoota hidhata amantiisaanii wajjin, keessumaammoo warra saala faallaa qabanii wajjin yeroo dheeraa kan dabarsaniifi garmalee walitti kan dhihaatan taanaan, gaa’elasaaniirra dhiphina guddaa geessisu. Wanti gaa’elakeerratti dhiphina fide kana ta’innaa? ‘Hiriyaa gaa’elaakootiif yeroo, xiyyeeffannaafi jaalala isheef malu kanaan jiraa?’ jedhii of gaafadhu.
15. Akka Maatewos 5:28rratti ibsametti, Kiristiyaanonni gaa’ela qaban nama hiriyaa gaa’elaasaanii hin taaneef xiyyeeffannaa sirrii hin taane kennuu kan hin qabne maaliifi?
15 Kana malees, Kiristiyaanonni gaa’ela qaban, nama hiriyaa gaa’elaasaanii hin taaneef xiyyeeffannaa addaa kennan karaa badiisa geessisurra adeemu. Kiristiyaanonni hiriyaa gaa’elaa qaban tokko tokko namoota garmalee itti dhihaatanirraa jaalalli isaan qabuunsaa baay’ee nama gaddisiisa. (Maatewos 5:28) Kanaan kan ka’es, walitti dhiheenyi miiraa akkasii, gocha caalaatti gaa’ela ulfina dhabsiisu raawwachuutti geesseera. Dhimma kana ilaalchisee wanta Phaawulos dubbate qalbeeffadhu.
“CIISICHI GAA’ELAAS HIN XUREEFFAMIN!”
16. Phaawulos gaa’ela ilaalchisee abboommii akkamii kenne?
16 Phaawulos, “Gaa’elli hundumaa biratti ulfina-qabeessa haa ta’u” jedhee erga gorsa kennee booda ittaansuun akeekkachiisa, “Ciisichi gaa’elaas hin xureeffamin! Waaqayyo warra halalee fi ejjituutti faraduuf jira” jedhu kenneera. (Ibroota 13:4) Phaawulos jecha “ciisichi gaa’elaa” jedhuun kan fayyadame saalqunnamtii argisiisuufidha. Qunnamtiin akkasii ‘kan hin xuroofne’ ykn qulqulluu kan ta’u gaa’ela keessatti yoo raawwatame qofadha. Kanaaf, Kiristiyaanonni dubbii geggeessaa hafuuraatiin “haadha manaa qeerrummaa keetii wajjin gammadi!” jedhuuf ni ajajamu.—Fakkeenya 5:18.
17. (a) Ilaalchi biyyi lafaa ejjaaf qabu Kiristiyaanotarra dhiibbaa geessisuu kan hin qabne maaliifi? (b) Fakkeenya Iyoob hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
17 Namoonni hiriyaa gaa’elaasaaniitiin ala saalqunnamtii raawwatan seera Waaqayyo amalaaf baaseef tasumaa dantaa akka hin qabne argisiisu. Dhugaadha, yeroo har’aatti namoonni hedduun ejja akka gocha fudhatama qabutti ilaalu. Ilaalchi namoonni kaan ejjaaf qaban maaliyyuu yoo ta’e, Kiristiyaanotarra dhiibbaa geessisuu hin qabu. Dhumarratti ‘warra halaleefi ejjituutti kan faradu Waaqayyo’ male nama akka hin taane ni hubatu. (Ibroota 10:31; 12:29) Kanaaf Kiristiyaanonni dhugaa, ilaalcha Yihowaan wanta kanaaf qabu cimsanii hordofu. (Roomaa 12:9) Iyoob, “Ani ija kootii wajjin kakuudhaan walii galeera” jechuusaa yaadadhu. (Iyoob 31:1) Eeyyee, Kiristiyaanonni dhugaa daandii ejjatti geessutti tarkaanfii tokkollee dhihaachuurraa fagaachuuf jecha, nama hiriyaa gaa’elaasaanii hin taane ija hawwiitiin ilaaluurraa fagaachuuf, ijasaanii ni to’atu.—Kutaa Dabalataa, “Wal Hiikuufi Gargar Baʼuu Ilaalchisee Macaafni Qulqulluun Maal Jedha?” jedhu ilaali.
18. (a) Ejji Yihowaa duratti cubbuu ulfaataa akkamiiti? (b) Haalli ejjaafi waaqayyolii tolfamaa waaqessuu wal fakkeessu maalidha?
18 Yihowaa duratti ejji hammam ulfaataadha? Seerri Musee ilaalcha Yihowaan dhimma kanaaf qabu hubachuuf nu gargaara. Israa’el durii keessatti, ejjaafi waaqayyolii tolfamaan waaqessuun cubbuu adaba du’aatti geessan keessatti ramadamu. (Lewwoota 20:2, 10) Hariiroo wantoota kana lamaan gidduu jiru hubachuu dandeessaa? Lammiin Israa’el waaqayyolii tolfamaa waaqessu tokko kakuu Yihowaa wajjin gale cabsa. Haaluma wal fakkaatuunis lammiin Israa’el ejja raawwate, kakuu hiriyaa gaa’elaasaatiif gale cabsa. Lamaanuu gocha gantummaa raawwataniiru. (Ba’uu 19:5, 6; Keessa Deebii 5:9; Miilkiyaas 2:14) Kanaaf, Yihowaa isa amanamaa ta’e biratti itti gaafatamu.—Faarfannaa 33:4.
19. Murtoo namni tokko ejjarraa fagaachuuf godhe maaltu jabeessaaf? Maaliif?
19 Kiristiyaanonni Seera Musee jala akka hin jirre beekamaadha. Ta’us, ejji Israa’el durii keessatti akka cubbuu guddaatti kan ilaalamu ta’uusaa hubachuunsaanii, murtoo cubbuu akkasii raawwachuurraa fagaachuuf godhan isaaniif jabeessa. Maaliif? Gara mana sagadaa dhaqxee fakkii tokko duratti jilbeenfattee kadhannaa gootaa? ‘Matumaa!’ akkas hin godhu jettee deebista. Haata’u malee, qarshii hedduutu sii kennama utuu jedhamtee kan gochuuf ni qoramtaa? ‘Gonkumaa hin yaadamu!’ jettee deebista. Waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuun Yihowaa ganuuf yaaduun Kiristiyaana dhugaa tokkoof wanta ciiggaasisaadha. Haaluma wal fakkaatuun, sababiin cubbuu akka raawwatan isaan kakaase maaliyyuu yoo ta’e, Kiristiyaanonni halalummaa raawwachuudhaan Yihowaas ta’e hiriyaa gaa’elaasaanii ganuu yaaduunillee isaan jibbisiisuu qaba. (Faarfannaa 51:1, 4; Qolosaayis 3:5) Matumaa gocha Yihowaafi qophii gaa’ela isa qulqulluu ulfina dhabsiisuudhaan Seexana gammachiisu raawwachuu hin barbaannu.
HARIIROO GAA’ELAAKEE AKKAMITTI JABEESSUU DANDEESSA?
20. Haalli gaa’elawwan tokko tokko mudate maalidha? Ibsi.
20 Gocha gaa’elakee ulfina dhabsiisanirraa fagaachuu malee, ulfina hiriyaa gaa’elaakeetiif qabdu haaromsuuf tarkaanfiiwwan dabalataa akkamii fudhachuu dandeessa? Deebiisaa argachuuf, qophii gaa’elaa akka mana tokkootti fudhadhu. Achiis, jechoota gaarummaa hiriyoonni gaa’elaa walitti dubbatan, gochawwan gaariifi jechoota ulfina argisiisan faayaa manicha miidhagsan godhii ilaali. Akka walitti dhihaattan kan sitti dhaga’amu yoo ta’e, gaa’ellikee mana faayaafi halluu garagaraatiin miidhagfame sii ta’a. Jaalalli waliif qabdan qabbanaa’aa adeemnaan garuu, faayaan mana miidhagsan kun suuta suuta baduudhaan, gaa’ellikee akkuma mana onaa faayaa garagaraatiin hin miidhagfamne ta’a jechuudha. Abboommii Waaqayyo “Gaa’elli hundumaa biratti ulfina-qabeessa haa ta’u” jedhu hojiirra oolchuu waan barbaadduuf haalasaa fooyyessuuf kakaata. Dhugumayyuu, wanti gati jabeessiifi ulfina qabeessi ni suphama ykn ni haaromfama malee hin gatamu. Suphuufi haaromsuu kan dandeessu akkamitti? Dubbiin Waaqayyoo akkas jedha: “Manni ogummaadhaan ijaarama, hubannaadhaanis jabeeffamee in dhaabama; beekumsaan kutaawwan manichaa, wanta gati-jabeessaa fi badhaadhummaa nama gammachiisu hundumaan in guuta.” (Fakkeenya 24:3, 4) Jechoonni kun gaa’ela keessatti akkamitti hojiirra akka oolan haa ilaallu.
21. Gaa’ela keenya suuta suuta jabeessuu kan dandeenyu akkamitti? (Saanduqa, “Gaaʼelakoo Akkamittan Fooyyessa?” jedhu ilaali.)
21 Wantoota ‘gati-jabeeyyii’ maatiin tokko gammachuu akka qabaatu godhan keessaa, jaalalli dhugaa, sodaan Waaqayyoofi amantii cimaan ni argamu. (Fakkeenya 15:16, 17; 1 Phexros 1:7) Amalli akkasii gaa’elli akka cimu godha. Haata’u malee, manni fakkeenya armaan oliitti ibsame mi’a gati jabeeyyiidhaan akkamitti akka guutame hubatteettaa? “Beekumsaan.” Eeyyee, beekumsi Macaafa Qulqulluu humna ilaalcha namootaa geddaruufi jaalala waliif qaban deebisanii akka qabaatan godhuu qaba. (Roomaa 12:2; Filiphiisyus1:9) Kanaaf, atiifi hiriyaan gaa’elaakee kutaa Macaafa Qulqulluu kan akka, caqasa guyyaa guyyaa, gaa’ela ilaalchisee mataduree Masaraa Eegumsaa ykn Dammaqaarratti! ba’e waliin yeroo qo’attan, mana keessan faayaan miidhagsaa jirtu jechuudha. Jaalala Yihowaaf qabdaniin kakaatanii gorsa qo’annaan argattan yommuu hojiirra oolchuuf carraaqqii gootan, “kutaawwan manichaa” faayaadhaan guuttachaa jirtu jechuudha. Akkas gochuudhaanis, miidhaginaafi bareedina dur gaa’elakee keessa ture keessaa muraasasaa gara manakeetti deebisuu dandeessa.
22. Gaa’ela keenya jabeessuuf, ga’ee mataa keenyaa raawwachuuf yoo carraaqne gammachuu akkamii arganna?
22 Faayaawwan kana bakka duraatti deebisuun yeroo dheeraafi carraaqqii cimaa akka gaafatu beekamaadha. Haata’u malee, ga’eekee raawwachuuf carraaqqii yoo goote, gorsa Macaafa Qulqulluu: “Walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa!” jedhu hojiirra oolchuukee waan beektuuf ni gammadda. (Roomaa 12:10; Faarfannaa 147:11) Hunda caalaattimmoo, carraaqqiin gaa’elakee ulfina qabeessa gochuuf gootu jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf si gargaara.
a Akkaataan yaada naannoo caqasichaatti argamu, gorsi Phaawulos gaa’ela ilaalchisee kenne gorsawwan kaanii wajjin walitti qabamee kan kenname ta’uusaa argisiisa.—Ibroota 13:1-5.