Dubbiin Yihowaa Jiraataadha
Yaadawwan Ijoo Macaafota Yaaqoobiifi Phexros
AYYAANNI PHENXEQOSTEE Dh.K.B. bara 33tti kabajamee waggaa 30 booda, Yaaqoob obboleessi Yesus Israa’eloota hafuuraa ‘gosa kudha lamaaniif’ ergaa barreesse. (Yaq. 1:1) Kaayyoonsaa, amantiitti akka cimaniifi qorumsa isaanirra ga’u jala jabaatanii akka dhaabatan gorsuu ture. Gorsa wantoota gumii keessatti rakkina uumanii turan sirreessuuf gargaarus kenneera.
Mootiin warra Roomaa Neroon, Dh.K.B. bara 63 duula ari’atamaa godhee yeroo muraasa booda, Phexros amantiitti jabaatanii akka dhaabataniif ergaasaa isa duraa Kiristiyaanotaaf barreesseera. Ergaasaa isa duraa barreessee baay’ee utuu hin turin ergaasaa isa lammaffaa barreesserratti, Kiristiyaanonni hidhatasaa ta’an Dubbii Waaqayyootiif xiyyeeffannaa akka kennan kan jajjabeesse ta’uusaarrayyuu, dhufaatii guyyaa Yihowaa ilaalchisee akeekkachiisa kenneera. Dhugumayyuu, ergaa Yaaqoobiifi Phexrosiif xiyyeeffannaa kennuudhaan faayidaa argachuu dandeenya.—Ibr. 4:12.
WAAQAYYO WARRA ‘AMANTIIN KADHATANIIF’ OGUMMAA KENNA
Yaaqoob, “Namni qoramsa isatti dhufu obsaan danda’e, haa gammadu! Qoramee erga ilaalamee booddee, jireenya isa Waaqayyo warra isa jaallatan abdachiise akka gonfootti argachuuf jira” jechuun barreesseera. Yihowaan namoota ‘amantiin kadhataniif’ ogummaa qorumsa irra ga’e jala ija jabinaan dhaabachuuf isaan gargaaru kenna.—Yaq. 1:5-8, 12.
Amantiifi ogummaan namoota gumii keessatti ‘barsiisota ta’aniif’ barbaachisaadha. Arrabni “bu’aa dhagnaa xinnoo tokkoo” akka ta’eefi ‘guutummaa dhagnaa xureessuu’ akka danda’u ibsuudhaan, yaanni biyya lafaa hariiroo namni tokko Waaqayyoo wajjin qabu jalaa mancaasuu akka danda’u akeekkachiiseera. Namni karaa hafuuraa dhukkubsate fayyuuf tarkaanfiiwwan fudhachuu qabus ibseera.—Yaq. 3:1, 5, 6; 5:14, 15.
Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’oofi Deebiisaanii:
2:13—‘Oo’i firdiirratti kan mo’u’ karaa kamiini? Hundi keenya waa’ee keenya Waaqayyoof deebii yeroo kenninu, Waaqayyo oo’a nuyi namootatti argisiisnu tilmaama keessa galchuudhaan, aarsaa furii Ilmasaarratti hundaa’ee dhiifama nuu godha. (Rom. 14:12) Amalli bakka guddaa kennuufii qabnu oo’a ta’uunsaa sirrii mitii?
4:5—Yaaqoob asirratti caqasa kam caqase? Caqasa kallattiin caqase hin qabu. Ta’us, dubbii inni geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreesse kun yaadawwan Uumama 6:5; 8:21; Fakkeenya 21:10, akkasumas Galaatiyaa 5:17rratti kan hundaa’an ta’uu danda’u.
5:20—“Inni nama cubbamaa karaa jal’aa irraa deebise” lubbuu eenyuu du’arraa oolcha? Kiristiyaanni nama cubbuu raawwate karaa jal’aarraa deebisu, nama qalbii diddiirrate sana du’a hafuuraarraa tariimmoo badiisa barabarraarraa oolcha. Namni nama cubbuu raawwate karaa kanaan gargaaru, ‘baay’inni cubbuu [nama sanaa] deebi’ee akka hin argamne’ godha.
Barumsa Akkamii Arganna?
1:14, 15. Cubbuun fedhii sirrii hin taanerraa madda. Kanaaf, fedhii sirrii hin taanerratti yaaduudhaan keessa keenyatti akka guddatu gochuu hin qabnu. Kanaa mannaa, yeroo hundaa wantoota nama jajjabeessan ‘yaaduudhaan’ sammuufi garaa keenya wantoota kanaan guutuu qabna.—Filp. 4:8.
2:8, 9. ‘Nama wal caalchisuun’ “seera” jaalalaa ‘mootichaan kennamee’ wajjin kan wal faallessudha. Kanaaf Kiristiyaanonni dhugaa nama wal hin caalchisan.
2:14-26. ‘Amantiidhaan fayyina’ malee, Seera Musee eeguu ykn ‘hojii’ Kiristiyaana ta’uu keenyaan raawwannuun miti. Amantiin Waaqayyotti ni amanna jedhanii dubbachuu caalaa gaafata. (Efe. 2:8, 9; Yoh. 3:16) Gocha fedha Waaqayyoo wajjin walsimu raawwachuuf nu kakaasuu qaba.
3:13-17. “Ogummaan waaqa irraa” ogummaa biyya ‘lafaa, kan yaada fooniifi kan hafuura hamaarra’ baay’ee akka caalu beekamaadha! Ogummaa Waaqayyoo ‘akka nama qabeenya dhokfamee jiru qoratuutti barbaadduu’ qabna.—Fak. 2:1-5.
3:18. Sanyiin misraachoo Mootummaa “warra nagaa buusaniif . . . nagaadhaan in facaafama.” Kan of gurguddisnu, kan jeeqnu ykn kan goollu ta’uu mannaa, warra nagaa buusan ta’uun barbaachisaadha.
“WARRA AMANTIITTI JABAATTAN TA’AA”
Phexros namoonni hidhatasaa ta’an samiirratti “abdii isa jiraataa” akka dhaalaatti kennamuuf isaan yaadachiiseera. “Isin . . . qomoo fo’amaa dha, luboota mana mootummaa ti, saba qulqullaa’aa dha” isaaniin jedheera. Aangoof bitamuu ilaalchisee erga kallattiin isaan gorsee booda, “dhageettii yaada garaatiinis tokkummaa qabaadhaa! Obboloota jaallachuudhaan, gara-laafinaan, gad of deebisuudhaanis walii wajjin jiraadhaa!” jedheera.—1 Phe. 1:3, 4; 2:9; 3:8.
Phexros, “dhumni [sirna Yihudootaa] waan dhihaateef” “warra of qaban, kadhata gochuufis warra eeggatan” akka ta’an obboloota gorseera. “Of qabaa, dammaqaas! . . . warra amantiitti jabaattan ta’aa, Seexanaan mormaas!” isaaniin jedheera.—1 Phe. 4:7; 5:8, 9.
Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’oofi Deebiisaanii:
3:20-22—Cuuphaan kan nu oolchu akkamitti? Cuuphaan ulaagaa namoonni ooluu barbaadan guutuu qabanidha. Kan nu oolchu garuu cuuphaa qofa miti. Ooluun ykn fayyinni ‘du’aa ka’uu Yesus Kiristosiinidha.’ Namni cuuphamu, fayyinni kan argame Yesus du’a aarsaa du’ee ka’uusaafi warra du’anirrattis ta’e warra lubbuudhaan jiranirratti aangoo qabaatee “mirga Waaqayyoo” ta’uusaa amanuu qaba. Cuuphaan amantii akkasiirratti hundaa’e, ‘lubbuu saddeet warra bishaan keessaa oolanii’ wajjin wal fakkaata.
4:6—‘Warri du’aniifi wangeelli lallabameef’ eenyufa’i? Warra waa’ee wangeelaa dhaga’uusaanii dura ‘irra-daddarbaafi cubbuusaniitiin karaa hafuuraa du’anii turan’ kan argisiisudha. (Efe. 2:1) Misiraachichatti erga amananii booda garuu, karaa hafuuraa ‘jiraachuu’ jalqabaniiru.
Barumsa Akkamii Arganna?
1:7. Amantiin keenya gatii guddaa akka qabaatuuf, mirkaneeffamuu ykn qoramuu qaba. Dhugumayyuu, amantii cimaan akkasii ‘lubbuu oolchuu’ danda’a. (Ibr. 10:39) Wantoota amantiin keenya akka qoramu godhanirraa duubatti jechuu hin qabnu.
1:10-12. Ergamoonni Waaqayyoo dhugaa hafuuraa gadi fagoo gumii Kiristiyaanota dibamoo ilaalchisee, raajonni durii barreessan ilaaluufi hubachuuf hawwii guddaa qabu turan. Ta’us, wantoonni kun ifa kan ta’an erga Yihowaan gumii Kiristiyaanaa kanaa wajjin hariiroo uumee boodadha. (Efe. 3:10) Nutis fakkeenya ergamoota Waaqayyoo hordofuun, “yaada Waaqayyoo isa gad fagoo” qoruuf carraaqqii gochuu hin qabnuu?—1 Qor. 2:10.
2:21. Yesus Kiristos isa Fakkeenya nuu ta’u hordofuudhaan, olaantummaa Yihowaa deggeruuf hamma du’aattillee rakkina danda’uuf kan feenu ta’u qabna.
5:6, 7. Yaaddoo hundumaa Yihowaatti gannee yoo dhiisne, jireenya keenya keessatti waaqeffannaa dhugaaf dursa kennina malee, bor maaltu dhufa jennee garmalee hin dhiphannu.—Mat. 6:33, 34.
‘GUYYAAN YIHOWAA NI DHUFA’
Phexros, “Raajii dubbachuun takkaa jaalala namaatiin hin taane; garuu namoonni hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii, wanta Waaqayyo biraa fudhatan dubbataniiru” jechuun barreesseera. Dubbii raajiin dubbatameef xiyyeeffannaa kennuun, “barsiisota sobduu” ta’aniifi namoota dhiibbaa gadhee geessisan kaanirraa nu eeguu danda’a.—2 Phe. 1:21; 2:1-3.
Phexros ‘guyyoota gara dhumaatti ga’iftoonni akka ka’aniifi akka ga’isan’ akeekkachiiseera. Ta’us “Guyyaan [“Yihowaa,” NW] immoo akka hattuun dhuftutti in dhufa.” Phexros, namoota ‘dhufa guyyaa Yihowaa eeggataniifi isaafis ariifattanii hojjetaniif’ gorsa gaarii kana kennuun ergaasaa xumureera.—2 Phe. 3:3, 10-12.
Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’oofi Deebiisaanii:
1:19—“Bakkalcha” kan jedhame eenyu? Kan ba’e yoomi? Kun ta’uusaa akkamitti beekna? “Bakkalcha” kan jedhame Yesus isa aangoo Mootummaa qabatedha. (Mul. 22:16) Bara 1914tti, uumama hundumaa duratti Mootii Mootummaa Masiihichaa ta’ee ba’uudhaan, booruun guyyaa haaraa baqaquusaa argisiisu beeksiseera. Yesus haala dinqisiisaa ta’een jijjiiramuunsaa ulfinaafi aangoo mootummaa fuulduratti argatu raajiidhaan kan ibse si’a ta’u, kunis raajiin Waaqayyo dubbatu amansiisaa ta’uusaa mirkaneesseera. Dubbii kanaaf xiyyeeffannaa kennuun, garaa keenya keessatti ifni akka ba’u gochuusaarrayyuu, karaa kanaan Bakkalchi ba’uusaa hubanna.
2:4—‘Boolli dukkanaa’ maalidha? Ergamoonni Waaqayyoorratti ka’an achitti kan darbataman yoomi? Jechi “boolla dukkanaa” jedhamee hiikame, afaan jalqaba Macaafni Qulqulluun ittiin barreeffameen “Inxoroxos” jedhama. Inxoroxos, haala mana hidhaa uumamawwan hafuuraa itti hidhaman kan fakkaatudha. Kaayyoo Waaqayyoo isa ifa ilaalchisee yaannisaanii dukkanaan liqimsamuusaa argisiisa. Warri Inxoroxos keessa jiran abdii gara fuulduraa hin qaban. Waaqayyo ergamoota isarratti ka’an Inxorositti kan darbate bara Nohitti si’a ta’u, hamma balleeffamanitti haala salphinaa akkasii keessa jiraatu.
3:17—Phexros “dursitanii beektaniittu” yeroo jedhu maal jechuusaati? Isaafis ta’e barreessitoota Macaafa Qulqulluu kaaniif, wantoota fuulduraatti raawwataman hafuuraan isaanitti mul’achuusaa ibsuusaa ture. Beekumsi kun daangaa kan qabu waan tureef, Kiristiyaanonni durii wantoota fuulduratti raawwataman guutummaatti akka beekan isaan hin goone. Wanta fuulduraatti raawwatamu duuchaatti akka beekan godhee ture.
Barumsa Akkamii Arganna?
1:2, 5-7. Amantii qabaachuuf, obsaan danda’uufi nama Waaqayyoo ta’uuf carraaqqii guddaa gochuun, “Waaqayyoon, gooftaa keenya Yesusinis beekuu bira ga’uu” akka dandeenyu nu gargaara; beekumsi keenya dabaluunsaa “warra dhimma baasan, warra ija godhatan” nu taasisa.—2 Phe. 1:8.
1:12-15. ‘Dhugaatti jabaachuuf’ yeroo hunda yaadachiisni walga’iiwwan gumii, qayyabannaa dhuunfaafi dubbisa Macaafa Qulqulluurraa argannu nu barbaachisa.
2:2. Akkaataan jireenyaa keenya, Yihowaafi jaarmiyaasaa akka hin arrabsiisne of eeguu qabna.—Rom. 2:24.
2:4-9. Wanta inni kanaan dura hojjeterraa ka’uudhaan Yihowaan, “Namoota Waaqayyoof bulan qorama keessaa baasuu, warra jal’oota immoo hamma guyyaa firdiitti adabaaf kaa’uu in beeka” jennee amanuu dandeenya.
2:10-13. Warra “ulfina qaban” jedhaman, jechuunis jaarsoliin gumii Kiristiyaanaa hir’ina kan qabaniifi al tokko tokko kan dogoggoran ta’anis isaan arrabsuu hin qabnu.—Ibr. 13:7, 17.
3:2-4, 12. “Wanta raajonni qulqulloonni duraan dursanii dubbatan, abboommii gooftaa keenyaa fi fayyisaa keenyaa” xiyyeeffannaan hordofuun, guyyaan Yihowaa dhihoo ta’uusa akka hin daganne nu gargaara.
3:11-14. ‘Dhufa guyyaa Waaqayyoo yeroo eeggannu’ kanatti, (1) qaamaan, sammuun, amalaafi hafuuraan qulqullina keenya eegnee “jireenya qullaa’aa” jiraachuu, (2) misiraachoo Mootummicha lallabuufi hojii bartoota taasisuu wajjin haala wal qabateen, hojiiwwan namoota Waaqayyoof bulle ta’uu keenya argisiisan raawwachuu, (3) jireenyiifi amalli keenya “xurii” kan hin qabne akka ta’u, jechuunis biyya lafaatiin akka hin mancaane carraaquu, (4) wanta hundaa garaa qulqulluun raawwachuudhaan “mudaa malee” jiraachuu, akkasumas (5) Waaqayyo, obbolootaafi namoota kaanii wajjin “nagaa” qabaannee jiraachuu qabna.