BOQONNAA 16
Seexanaafi Haxxummaasaatiin Mormi
“Seexanaan . . . mormaa! Innis . . . in baqata.”—YAAQOOB 4:7.
1, 2. Sirni cuuphaa eenyuun gammachiisa?
WAGGAA baay’eef Yihowaa tajaajilaa kan turte taanaan, walga’iiwwan gurguddaarratti haasawaa cuuphaa hedduu hin dhaga’in hin ooltu. Haala akkasiirratti yeroo hedduu argamtus, namoonni cuuphaaf of dhiheessan teessuma tarree jalqabaarraa ka’uusaanii yommuu argitu, akka ofii cuuphamtutti sitti dhaga’amuunsaa hin oolu. Battaluma sanatti miira addaa dhaggeeffattootatti dhaga’ame ibsuuf, kan achitti argaman hundi gammachuu garaadhaa maddeen harka walitti rukutu. Tuuta namootaa Yihowaa cina dhaabachuuf of murteessan haaraa arguunkee ijikee imimmaaniin akka guutamu godha ta’a. Gammachuun yeroo kanatti nutti dhaga’amu baay’ee guddaa ta’a!
2 Naannoo keenyatti sirna cuuphaa kan arginu waggaatti guyyoota muraasaaf ta’us, ergamoonni Waaqayyoo garuu namoota cuuphaman yeroo hedduu arguu danda’u. Namoonni kuma hedduun lakkaa’amaniifi addunyaa marati argaman torban torbaniin jaarmiyaa Yihowaa isa ijaan argamutti yommuu dhufan ‘gammachuun waaqarratti ta’u,’ [hiika bara 1899] sitti mul’ataa? (Luqaas 15:7, 10) Ergamoonni Waaqayyoo lakkoofsi kun dabaluusaa yommuu argan baay’ee akka gammadan beekamaadha!—Haagee 2:7.
‘SEEXANNI AKKA LEENCI YEROO BEELA’U AADAA ADEEMUTTI NAANNA’A’
3. Seexanni “akka leenci yeroo beela’utti aadaa naanna’utti” kan naanna’u maaliifi? Maal gochuu barbaada?
3 Haala kanarraa faallaa ta’eenimmoo, qaamonni hafuuraa namoota cuuphaman arguudhaan aaran jiru. Seexanniifi hafuuronni hamoon, namoonni kumaatamaan lakkaa’aman biyya lafaa isa manca’aa keessaa yeroo ba’an arguun baay’ee isaan finiinsa. Seexanni, namni jaalala dhugaatiin Yihowaa tajaajiluufi qorumsi cimaan yoo irra ga’e amanamu tokkollee hin jiru jedhee mormii kaaseera. (Iyoob 2:4, 5) Namni tokko Yihowaaf yeroo of murteessutti Seexanni sobduu ta’uusaatu mirkanaa’a. Seexanni tokkoon tokkoon torban waggaa keessatti argamu hundaatti akka waan kaballaan rukutameetti ilaalama. ‘Akka leenci yeroo beela’u aadaa naanna’utti nama liqimsuu barbaadee naanna’uunsaa’ nu hin dinqisiisu! (1 Phexros 5:8) “Leenci” kun karaa hafuuraa nu liqimsuu, hariiroo Waaqayyo wajjin qabnu balleessuu ykn mancaasuu hawwa.—Faarfannaa 7:1, 2; 2 Ximotewos 3:12.
Namni tokko yommuu Yihowaadhaaf of murteessuufi cuuphamutti Seexanni dogoggoruunsaa ni mirkaneeffama
4, 5. (a) Yihowaan humna Seexanaa karaawwan barbaachisoo ta’an lamaan kamiin daangesse? (b) Kiristiyaanni dhugaa tokko waa’ee maalii mirkanaa’aa ta’uu danda’a?
4 Diinni ittiin wal’aansoo qabnu baay’ee jabaa ta’us, sababii garmalee itti isa sodaannu hin qabnu. Maaliif? Sababiinsaa Yihowaan humna ‘leenca aadaa naanna’u’ kana karaawwan barbaachisaa ta’an lamaan waan daangesseefidha. Karaawwan kun maalfa’i? Tokkoffaa, Yihowaan Kiristiyaanonni dhugaa “tuuta sonaan baay’ee” ta’an, “rakkina guddaa” dhufu jalaa akka oolan raajii dubbateera. (Mul’ata 7:9, 14) Raajiin Waaqayyo dubbate matumaa hin raawwatamin hin hafu. Kanaaf, Seexanni saba Waaqayyoo guutummaatti balleessuu hin danda’u.
5 Lammaffaa, dhugaa namoota dur Waaqayyoof amanamoo turan keessaa inni tokko dubbaterraa hubachuun ni danda’ama. Azaariyaa raajichi Aasaa Mootichaan, ‘Yoo ati Waaqayyo duukaa buutee jiraatte, innis si wajjin in jiraata’ jedhee ture. (2 Seenaa 15:2; 1 Qorontos 10:13) Baroota darban hundaatti seenaawwan yaalii Seexanni tajaajiltoota Waaqayyootti maxxananii jiraatan liqimsuuf godhe hin milkaa’in hafuusaa argisiisan hedduun jiru. (Ibroota 11:4-40) Har’as Kiristiyaanni tokko Waaqayyotti maxxanee jiraannaan, Seexana mormuufi injifachuu danda’a. Dubbiin Waaqayyoos, “Seexanaan . . . mormaa! Innis isin dhiisee in baqata” jechuun mirkaneessa.—Yaaqoob 4:7.
“MACCA HAFUUROTA HAMMINAA . . . WAJJIN WAL’AANSOO WAL QABNA”
6. Seexanni Kiristiyaanotaa wajjin dhuunfaatti kan wal lolu akkamitti?
6 Seexanni waraana kanarratti injifannoo argachuu baatus, kan dagannuufi hidhata keenya kan laaffisnu taanaan nu mo’uu danda’a. Seexanni hariiroo Yihowaa wajjin qabnu balleessuu dandeenyaan nu liqimsuu akka danda’u beeka. Akkas gochuu kan yaalu akkamitti? Lola cimaa, wal’aansoo dhuunfaafi haxxummaan nu miidhuudhaanidha. Malawwan Seexanni ittiin gargaaramu gurguddaa ta’an kana haa ilaallu.
7. Seexanni saba Waaqayyoorratti lola cimaa kan geessisu maaliifi?
7 Lola cimaa. Yohaannis, “Guutummaan biyya lafaa immoo harka isa hamaa jala” jira jedheera. (1 Yohannis 5:19) Jechoonni kun Kiristiyaanota dhugaa hundaaf akeekkachiisa ta’u. Seexanni biyya lafaa isa Waaqayyo malee jiraatu guutummaatti harkasaa jala waan galfateef, saba Waaqayyoo warra isa jalaa miliqanirratti xiyyeeffachuudhaan lola isaanirratti banu itti cimsuu danda’a. (Miikiyaas 4:1; Yohannis 15:19; Mul’ata 12:12, 17) Yeroo gabaabaan akka hafeef waan beekuuf guddaa aareera. Kanaaf, dhiibbaa geessisu itti caalchiseera. Yeroo har’aatti badiisa gara jabinaa isa dhumaa inni geessisaa jiruu wajjin qabsoofna. Kanaaf, yoomiyyuu caalaa ‘yericha kan hubannuufi maal gochuu akka qabnu beekuu’ nu barbaachisa.—1 Seenaa 12:32.
8. Phaawulos hafuurota hamoo wajjin “wal’aansoo wal qabna” yommuu jedhu maal jechuusaati?
8 Wal’aansoo dhuunfaan godhamu. Phaawulos, Kiristiyaanota hidhatasaa ta’aniin, “Macca hafuurota hamminaa warra bantii waaqaa keessa jiraatanii wajjin wal’aansoo wal qabna” jedheera. (Efesoon 6:12) Phaawulos jecha “wal’aansoo wal qabna” jedhuun maaliif fayyadame? Lola harkaa harkatti, akkasumas fuulaa fuulatti walitti ba’uudhaan godhamu argisiisuu waan barbaadeefidha. Kanaaf, Phaawulos jecha akkasiitti fayyadamuudhaan hundi keenya hafuurota hamoo wajjin lola dhuunfaa akka goonu akeekkachiiseera. Naannoon nuti jiraannu amantiin hafuurota xuraa’oo kan itti babal’ate ta’us ta’uu baatus, yeroo Yihowaaf of murteessine dirree waraanaatti seenuu keenya matumaa dagachuu hin qabnu. Kiristiyaanonni hundi guyyaa of murteessanii jalqabanii waraana kanatti seenaniiru. Phaawulos, Kiristiyaanonni Efesoon hafuurota hamoo akka ‘mormaniifi’ jabaatanii akka ‘dhaabatan’ irra deddeebi’ee isaan akeekkachiisuunsaa nu dinqisiisuu hin qabu!—Efesoon 6:11, 13, 14.
9. (a) Seexanniifi hafuuronni hamoon “haxxummaa” garagaraatiin kan fayyadaman maaliifi? (b) Seexanni ilaalcha keenya mancaasuuf kan carraaqu maaliifi? Kana ofirraa ittisuu kan dandeenyu akkamitti? (Saanduqa fuula 192-3rra jiru ilaali.) (c) Gocha haxxummaa isa kam ilaalla?
9 Haxxummaa. Phaawulos, Kiristiyaanonni “haxxummaa” Seexanaatiin akka morman akeekkachiiseera. (Efesoon 6:11) Jecha haxxummaa jedhutti yommuu gargaarame, Seexanni mala addaddaatti akka fayyadamu ibsuusaa akka ta’e qalbeeffachuun barbaachisaadha. Hafuuronni hamoon haxxummaa hedduun gargaaramuuf sababii ga’aa qabu. Dhugaa Baatonni qorumsa tokko tokko mo’an qorumsa garabiraan mo’amaniiru. Kanaaf, Seexanniifi hafuuronni hamoon dadhabbii qabnu hubachuuf amala keenya xiyyeeffannaadhaan hordofu. Achiis, dadhabbii kanatti fayyadamanii hariiroo Waaqayyoo wajjin qabnu balleessu. Haxxummaan Seexanaa hedduunsaanii Macaafa Qulqulluurratti kan ibsamaniifi beekuu kan dandeenyu ta’uunsaa nama gammachiisa. (2 Qorontos 2:11) Kitaaba kana keessatti haxxummaa kana keessaa waa’ee jaalala qabeenyaa, hiriyaa gadheefi amala addaggummaa dursinee ilaalleerra. Mee ammammoo malawwan haxxummaa Seexanaa keessaa kan biraa, jechuunis hafuura xuraa’ummaa haa ilaallu.
HOJII HAFUURA XURAA’UMMAARRATTI HIRMAACHUUN GANTUMMAADHA
10. (a) Hafuurri xuraa’ummaa maalidha? (b) Yihowaan hafuura xuraa’ummaa akkamitti ilaala? Atoo?
10 Namni tokko hojii hafuura xuraa’ummaarratti yommuu hirmaatu hafuurota xuraa’oo wajjin wal qunnama. Hooda dubbachuu, duumessa ilaalanii ayyaana heduu, nama daawwessuufi eker dubbistuu gaafachuun hojii hafuura xuraa’ummaa keessatti ramadamu. Akkuma beeknu, Yihowaan hojii hafuura xuraa’ummaa akka ‘ciigga’amaatti’ ilaala. (Keessa Deebii 18:10-12; Mul’ata 21:8) Nutis ‘waan hamaa jibbuu’ waan qabnuuf, hafuurota xuraa’oo wajjin hariiroo uumuun wanta yaaduullee hin qabnedha. (Roomaa 12:9) Akkas gochuun, Abbaa keenya isa samii ganuudha!
11. Seexanni gara gocha hafuura xuraa’ummaatti akka garagalu gochuu yoo danda’e injifannoo guddaa kan isaaf ta’u maaliifi? Fakkeenyaan ibsi.
11 Hojii hafuura xuraa’ummaarratti hirmaachuun Yihowaa ganuu waan ta’eef, Seexanni hojii akkasiirratti akka hirmaannu barbaada. Kiristiyaanni tokko hojii hafuura xuraa’ummaarratti akka hirmaatu gochuudhaan yommuu gowwoomsu hundaatti injifannoo guddaa argachuusaati. Maaliif? Haala armaan gadii wajjin waliin ilaali: Loltuun tokko humna waraanaa ganee gara waraana diinaatti yoo gale, ajajaan waraana diinaa baay’ee gammada. Ajajaan kunis, ajajaa waraanaa isa duraa yeellaasisuuf jecha loltuun inni gantuu ta’e sabatti akka mul’atu gochuu danda’a. Haaluma wal fakkaatuunis, Kiristiyaanni tokko hojii hafuura xuraa’ummaatti garagaluunsaa ta’e jedhee fedhiisaatiin Yihowaa ganuudhaan to’annaa Seexanaa jala of galchuu ta’a. Seexanni nama gantuu ta’e kana booji’amtuusaa godhee yommuu argisiisu gammachuun akkamii akka itti dhaga’amu mee yaadi! Nu keessaa Seexanni injifannoo akkasii akka argatu kan barbaadu jiraa? Matumaa! Nuti gantoota miti.
GAAFIIWWAN SHAKKII UUMAN KAASUU
12. Seexanni ilaalcha hafuura xuraa’ummaaf qabnu geddaruuf mala kamiin fayyadama?
12 Hafuura xuraa’ummaa jibbinaan, gama kanaan Seexanni milkaa’ina hin argatu. Kanaaf, ilaalcha keenya geddaruu akka qabu isatti dhaga’ama. Akkamitti? Kiristiyaanota joonjessuudhaan karaa “isa hamaadhaan ‘gaarii dha, isa gaariidhaan immoo hamaa dha’” jedhanii akka yaadan barbaada. (Isaayaas 5:20) Kana gochuufis, mala waggaa dheeraaf itti gargaaramee bu’aa argate, jechuunis gaaffii shakkii uumu kaasuudhaan fayyadama.
13. Seexanni gaaffiiwwan shakkii uumanitti kan fayyadame akkamitti?
13 Seexanni baroota darban mala kanaan akkamitti akka fayyadame qalbeeffadhu. Hewwaaniin akkas jedhe gaafate: “Dhuguma Waaqayyo, ‘Ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran hundumaa irraa hin nyaatinaa!’ isiniin jedhee?” Bara Iyoobittimmoo, yommuu ergamoonni Waaqayyoo samiirratti walga’an gaaffii, “Iyoob waa malee si Waaqayyoon sodaataa ree?” jedhu kaaseera. Yeroo Yesus tajaajilasaa isa lafaarraa jalqabettis, Kiristosiin, “Ati dhugumaan ilma Waaqayyoo yoo taate, dhagoonni kun buddeena akka ta’aniif abboomi!” jechuun isa qoreera. Seexanni jecha Yesusitti dubbateen wanta Yihowaan ofiisaatii torban ja’a dura, “Inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti in raawwatama” jedhee dubbatetti ga’isuuf jecha, hammam akka ija jabaate mee yaadi!—Uumama 3:1; Iyoob 1:9; Maatewos 3:17; 4:3.
14. (a) Seexanni hafuura xuraa’ummaa ilaalchisee shakkii uumamuuf mala akkamiitti fayyadama? (b) Amma waa’ee maalii qorra?
14 Har’as Seexanni hojiin hafuurri xuraa’ummaa gadhee ta’uunsaa akka shakkamu gochuuf mala wal fakkaatuun fayyadama. Sammuu Dhugaa Baatota tokko tokkoo keessatti shakkiin akka uumamu gochuun isaaf mijaa’uunsaa baay’ee nama gaddisiisa. Hojiin hafuura xuraa’ummaa tokko tokko baay’ee gadhee akka hin taane shakkuu jalqabaniiru. ‘Dhugumaan akkasidhaa?’ jedhanii yaaduu jalqabaniiru. (2 Qorontos 11:3) Namoonni akkasii ilaalchasaanii akka sirreessan akkamitti gargaaruu dandeenya? Malli Seexanaa kun dhiibbaa akka nurratti hin geessisne mirkaneessuu kan dandeenyu akkamitti? Deebii kanaa argachuuf, wantoota Seexanni gocha hafuura xuraa’ummaatiin fayyadamee mancaasu lama haa ilaallu. Isaanis, bashannanaafi fayyaa ofii eeguudha.
FEDHIIFI RAKKOOWWAN KEENYATTI FAYYADAMA
15. (a) Namoonni biyyoota Lixaatti argaman hedduun hojii hafuura xuraa’ummaa akkamitti ilaalu? (b) Ilaalchi biyyi lafaa hojii hafuura xuraa’ummaatiif qabu Kiristiyaanota tokko tokko kan tuqe akkamitti?
15 Keessumaa biyyoota Lixaatti, daawwessuu, ayyaana heduufi hojii hafuura xuraa’ummaa kaan raawwachuun akka waan baay’ee salphaatti ilaalama. Fiilmonni, kitaabonni, sagantaawwan televijiiniifi taphawwan kompiitarii hojii hafuura xuraa’ummaa akka qoosaatti, akka waan beekamaafi miidhaa hin geessisnetti ilaalu. Fiilmonniifi kitaabonni daawwessaarratti hundaa’uun qophaa’an baay’ee waan jaallatamaa dhufaniif, namoonni wanta kana dinqisiifatan sadarkaa gareewwan hundeessuurra ga’aniiru. Hafuuronni hamoon daawwessuun akka salphaatti akka ilaalamu gochuudhaan akka milkaa’an beekamaadha. Ilaalchi akkasii Kiristiyaanotarratti dhiibbaa geessiseeraa? Eeyyee, ilaalchi warra tokko tokkoo manca’eera. Karaa kamiin? Fakkeenyaaf, Kiristiyaanni tokko hojii fiilmii daawwessaarratti hundaa’e erga ilaalee booda, “Fiilmicha ilaalus hojii hafuura xuraa’ummaa hin raawwanne” jedheera. Ilalchi akkasii balaa kan geessisu maaliifi?
16. Bashannana hojii daawwessuurratti hundaa’anii qophaa’an filachuun balaa kan geessisu maaliifi?
16 Hojii hafuura xuraa’ummaa raawwachuufi ilaaluu gidduu garaagarummaan jiraatus, gocha humna hafuurota xuraa’ootiin raawwatamu ilaaluun garuu miidhaa hin geessisu jechuu miti. Maaliif? Dubbiin Waaqayyoo, Seexannis ta’e hafuuronni hamoon humna yaada keenya beekuuf isaan dandeessisu akka hin qabne kan ibsu ta’uusaa hubadhu.a Ta’us, hafuuronni hamoon akkuma dursamee ibsame wanta nuti yaannu beekuufi hariiroo Waaqayyoo wajjin qabnu balleessuuf, filannoo bashannanaaf goonu dabalatee gocha keenya hundaa xiyyeeffannaan hordofu. Amalli Kiristiyaana tokkoo, kitaabotaafi fiilmota namoota hafuurota xuraa’oo wajjin wal qunnamsiisaniin, daawwessaa, hooda dubbachuu, gocha namoonni hafuurota xuraa’oon qabaman raawwatan, wantoota dhimma kanaa wajjin wal qabatanitti akka gammadu kan argisiisu taanaa, kun hafuurota xuraa’oof ergaa dabarsu qaba. Kana gochuun dadhabbii qabu isaanitti argisiisuu ta’a! Kanaan kan ka’es, hafuuronni xuraa’oon karaa inni isaanitti argisiiseen fayyadamanii hamma mo’anii kuffisanitti jabeessanii wal’aansoo isa qabu jechuun ni danda’ama. Kiristiyaanonni tokko tokko bashannana hojii daawwessuurratti hundaa’anii qophaa’an waan fedhiisaanii kakaaseef, suuta suuta hojii hafuura xuraa’ummaa raawwachuu jalqabaniiru.—Galaatiyaa 6:7.
17. Seexanni namoota dhukkubsatan gowwoomsuuf haxxummaa akkamiitiin fayyadama?
17 Seexanni bashannanaan qofa utuu hin ta’in, fedhii dhibee fayyaarraa walaba ta’uuf qabnuttis ni fayyadama. Akkamitti? Kiristiyaanni dhukkubasaattii fayyuuf yaalii hedduu godhee utuu hin fayyin hafe, wanta gochuu qabu wallaaluu danda’a. (Maarqos 5:25, 26) Kunimmoo, Seexanniifi hafuuronni xuraa’oon rakkoosaa kanatti akka fayyadamaniif karaa bana. Dubbiin Waaqayyoo, ‘warra hamaa hojjetanirraa’ gargaarsa argachuuf yaalii akka hin goone nu akeekkachiisuusaa sirriitti beeku. (Isaayaas 31:2) Kiristiyaanni tokko akeekkachiisa kana akka cabsu gochuufis, namni dhukkubsate kun wanta godhu wallaalee gara namoota humna hafuurota xuraa’ootiin ykn ‘jal’inaaf walitti qabaman’ hojjetaniifi yaalii miidhaa guddaa geessisanitti akka garagalu gochuudhaan isa qoruu danda’u. Haxxummaan hafuurota xuraa’oo kun milkoofnaan, hariiroo namni dhukkubsate kun Yihowaa wajjin qabu jalaa laaffisa. Karaa kamiin?
18. Kiristiyaanni tokko yaalii fayyaa akkamiirraa fagaata? Maaliif?
18 Yihowaan Israa’eloota ‘jal’inaaf walitti qabamanii’ turan, “Yommuu isin harka keessan gara kootti bal’iftanii kadhattan, ani immoo gara keessan hin ilaalu; . . . kadhata yoo baay’iftan iyyuu ani isiniif hin dhaga’u” jedhee akeekkachiiseera. (Isaayaas 1:13, 15) Yoomiyyuu, keessumaa yeroo dhukkubsannu wanta kadhannaan keenya akka hin dhaga’amne ykn gargaarsa Yihowaa akka hin arganne taasisu raawwachuu akka hin barbaanne beekamaadha. (Faarfannaa 41:3) Kanaaf, yaaliin fayyaa tokko hafuurota xuraa’oo wajjin walitti dhufeenya akka qabu wantoonni argisiisan jiraannaan, Kiristiyaanni dhugaa kamiyyuu irraa fagaata.b (Maatewos 6:13) Yoo akkas godhe gargaarsa Yihowaa akka argatu mirkanaa’aa ta’uu danda’a.—Saanduqa “Kun Dhuguma Hojii Hafuurota Xuraa’ootii?” jedhu ilaali.
SEENAAN WAA’EE HAFUUROTA XURAA’OO DUBBATU YOMMUU BAAY’ATU
19. (a) Seexanni humnasaa ilaalchisee namoonni hedduun maal akka amanan gochuudhaan gowwoomseera? (b) Kiristiyaanonni dhuga oduuwwan akkamiirraa fagaachuu qabu?
19 Humna Seexanni qabu biyyoota Lixaa keessatti salphaatti ilaalamus, haalli biyyoota kaanii garuu faallaa kanaati. Seexanni humna qaba jedhamee yaadamu caalaa qaba jedhanii akka amanan gochuudhaan namoota hedduu gowwoomseera. Namoonni tokko tokko kan jiraatan, kan nyaatan, kan hojjetaniifi kan ciisan hafuurota hamoo sodaachaadha. Seenaawwan hafuuronni hamoon humna akka qaban ibsan hedduudha. Oduun akkasii yeroo baay’ee gammachuudhaan waan dubbatamaniif qalbii namaa hawwatu. Oduuwwan akkasii babal’isuu qabnaa? Lakki, tajaajiltoonni Waaqayyoo sababii lamaan kan ka’e oduu akkasii babal’isuurraa of qusatu.
20. Namni tokko utuu hin beekin olola Seexanaa babal’isuu kan danda’u akkamitti?
20 Tokkoffaa, namni tokko hojii cimaa hafuuronni xuraa’oon raawwatan yommuu odeessu, fedhii Seexanaa babal’isaa jira. Akkamitti? Dubbiin Waaqayyoo, Seexanni gocha dinqisiisaa raawwachuu akka danda’u dubbatus, ‘milikkita sobaa,’ [hiika bara 1899] akkasumas “gowwoomsaa hamminaa” akka fayyadamu akeekkachiisa. (2 Tasaloniiqee 2:9, 10) Seexanni nama gowwoomsuutti baay’ee haxxee waan ta’eef, yaada namoota hafuura xuraa’ummaatiif fedhii qaban akkamitti akka jal’isuufi wanta dhugaa hin taane akkamitti akka amansiisu beeka. Namoonni akkasii wantoota arganiifi dhaga’an amanuu, akkasumas muuxannoo dhugaa godhanii ilaaluudhaan jireenyasaanii wajjin wal qabsiisanii odeessuu danda’u. Oduun kunis yeroo booda tokkorraa gara isa kaaniitti si’a darbu arbeeffamee odeeffamuu danda’a. Kiristiyaanni tokko oduu akkasii babal’isuurratti yoo hirmaate, ololaafi fedhii Seexanaa isa “abbaa sobaa” babal’isuu isaatti ta’a.—Yohannis 8:44; 2 Ximotewos 2:16.
21. Haasaan keenya maalirratti akka xiyyeeffatu barbaanna?
21 Lammaffaa, Kiristiyaanni tokko kanaan dura hafuurota xuraa’oo wajjin hariiroo qabus, waa’ee dhimma kanaa namoota hidhata amantiisaatti irra deddeebi’ee himuu hin qabu. Maaliif? Gorsi, “Yesus isa amantii keenya jalqabee fiixaan baasu sanattii ija hin buqqifannu” jedhu nuu kennameera. (Ibroota 12:2) Xiyyeeffannaan keenya Yesusirratti malee Seexanarratti miti. Yesus yeroo lafarra ture wantoota Seexanni gochuu danda’uufi hin dandeenye baay’ee dubbachuu danda’ullee, bartootasaatti waa’ee hafuurota hamoo wanta baay’ee hin himne. Kanaa mannaa, Yesus ergaa Mootummichaarratti xiyyeeffateera. Kanaaf, fakkeenya Yesusiifi ergamootasaa hordofuudhaan haasaan keenya “hojii Waaqayyoo isa dinqisiisaa” irratti akka xiyyeeffatu barbaanna.—Hojii Ergamootaa 2:11; Luqaas 8:1; Roomaa 1:11, 12.
22. ‘Gammachuun waaqarratti ta’u’ akka itti fufu gochuu kan dandeenyu akkamitti?
22 Dhugaadha, Seexanni hariiroo Yihowaa wajjin qabnu balleessuuf hojii hafuura xuraa’ummaa dabalatee haxxummaa hedduudhaan gargaarama. Ta’us, wanta hamaa jibbuufi wanta gaarii ta’etti qabamnee jiraachuudhaan, Seexanni hafuura xuraa’ummaa kamirraayyuu fagaachuuf murtoo goone akka nu jalaa laaffisu matumaa karaa hin kenninuuf. (Efesoon 4:27) Hamma inni balleeffamutti, “haxxummaa Seexanaatiin mormuu” keenya yoo itti fufne ‘gammachuu waaqarratti’ ta’u mee yaadi!—Efesoon 6:11.
a Maqaawwan Seexanaaf kennaman, jechuunis (Mormituu, kan maqaa balleessu, kan nama gowwoomsu, kan nama qoru, Sobduu) jedhaman, wanta garaafi sammuu keenya keessa jiru akka beeku kan argisiisan miti. Haala kanarraa faallaa ta’een, Yihowaan “garaa namaa in qora” kan jedhame si’a ta’u, Yesusis kan “yaada namaa fi garaa namaa fonqolchu” jedhameera.—Fakkeenya 17:3; Mul’ata 2:23.
b Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Masaraa Eegumsaa Muddee 15, 1994 mataduree “Yaalii Fayyaa Siif Ta’udhaa?” jedhu, fuula 19-22; akkasumas Dammaqaa! Amajjii, 2001 mataduree “Yaada Macaafa Qulqulluu: Filannoon Yaalii Fayyaaf Gootu Jijjiirama Fidu Qabaa?” jedhu fuula 18 ilaali. (Amaariffa)