Diiyaabilosiif Karaa Hin Kenninaa!
“Seexanaaf [Diiyaabilosiif, NW] Karaa Hin Kenninaa!” —Efesoon 4:27
1. Namoonni baay’een Diiyaabilos jiraachuusaa kan shakkan maaliifi?
NAMOONNI baay’een waggoota dheeraadhaaf maqaan Diiyaabilos jedhu yeroo waamamu: Gaafa, kottee baqaqaa kan qabuu, uffata diimaa kan uffatuufi qoorbiidhaan namoota hamoo ibidda sii’ol keessatti kan darbatu godhanii ilaalu. Macaafni Qulqulluun garuu yaada kana hin deggeru. Ilaalchi dogoggoraa akkasii kun namoonni miliyoonaan lakkaa’aman Seexanni jiraachuusaa akka shakkan yookiin maqaan kun kan argisiisu hammeenya qofadha jedhanii akka yaadan godheera.
2. Macaafni Qulqulluun waa’ee Diiyaabilos maal jedha?
2 Macaafni Qulqulluun Seexanni jiraachuusaatiif ragaa qabatamaa ta’e, jechuunis kan ijaan isa arge akka jiru ibsuudhaan, inni dhugumaan akka jiru nuu mirkaneessa. Yesus Kiristos yeroo samiirra ture kan ijaan isa arge ta’uusaarrayyuu, yeroo lafarra ture isaa wajjin dubbateera. (Iyoob 1:6; Maatewos 4:4-11) Macaafni Qulqulluun maqaan ergamaa kanaa jalqaba eenyu akka ture hin ibsu. Ta’us, maqaa Waaqayyoo balleessuusaatiin kan ka’e Diiyaabilos, jechuun kan (“Maqaa balleessu”) akkasumas Yihowaa mormuusaatiin kan ka’e Seexana, yookiin kan (“Mormu”) jedhee waamuudhaan eenyummaasaa ibsa. Seexanni bofaan gargaaramee Hewwaaniin waan gowwoomseef ‘bofa bara durii’ jedhamee waamameera. (Mul’ata 12:9; 1 Ximotewos 2:14) Kana malees, “isa hamaa” jedhamee waamameera.—1 Yohannis 5:19a
3. Gaaffii isa kam qoranna?
3 Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef, karaa kamiiniyyuu diina Waaqayyoo kan ta’e Seexana fakkaachuu hin barbaannu. Kanaafuu, gorsa Phaawulos “Seexanaaf [Diiyaabilosiif] karaa hin kenninaa!” jechuudhaan kenne hojiirra oolchuu qabna. (Efesoon 4:27) Erga akkas ta’ee, amalawwan Seexanaa nuti irraa fagaachuu qabnu tokko tokko maalfa’i?
Fakkeenya Isa Maqaa Balleessuu Hin Hordofinaa
4. ‘Inni hamaan’ maqaa Waaqayyoo kan hadheesse akkamitti?
4 Seexanni, inni “isa hamaa” jedhamee waamame, kan maqaa balleessu waan ta’eef maqaan Diiyaabilos jedhamu isaaf kennamuunsaa sirriidha. Maqaa balleessuu jechuun, maqaa nama kaanii hadheessuufi oduu sobaa babal’isuu jechuudha. Waaqayyo Addaamiif abboommii akkas jedhu kennee ture: “Ija mukicha nyaatanii hamaa fi gaarii ittiin beekan sana irraa garuu hin nyaatin! Gaafa isa irraa nyaatte garuu dhuguma in duuta.” (Uumama 2:17) Abboommiin kun Hewwaanittis himamee ture; ta’us, Diiyaabilos bofaan fayyadamee akkas isheedhaan jedhe: “Hin duutan; isin ija mukichaa irraa yeroo nyaattan iji keessan akka banamu, hamaa fi gaarii beekuudhaanis akka Waaqayyo akka isin taatan, Waaqayyo in beeka.” (Uumama 3:4, 5) Jechi kun dubbii maqaa Yihowaa hadheessuufi hammeenya of keessaa kan qabu ture!
5. Diyotreefes gocha raawwateef itti gaafatamuu kan qabu maaliifi?
5 Israa’elootaaf abboommiin akkas jedhu kennamee ture: “Saba keessan gidduu asii fi achi adeemtanii hin hamatinaa [maqaa hin balleessin, NW]!” (Lewwoota 19:16) Yohannis ergamaan waa’ee namicha barasaatti tureefi maqaa balleessu tokko akkas jedheera: “Ani waldaa kristiyaanaatiif waan tokko caafeera; Diyotreefes inni geggeessituu ta’uu barbaadu immoo nu hin dhaga’u. Egaa yoon dhufe, waan inni hojjetuu fi isa inni dubbii hundee hin qabneen maqaa keenya balleessu hundumaa nan kaasa.” (3 Yohannis 9, 10) Diyotreefes maqaa Yohannis balleessaa waan tureef gocha raawwateef itti gaafatamuu qaba ture. Kiristiyaanota amanamoo ta’an keessaa, Diyotreefesiifi Seexana isa maqaa balleessu fakkaachuu kan barbaadu jiraa?
6, 7. Maqaa namootaa hadheessuurraa fagaachuu kan qabnu maaliifi?
6 Yeroo baay’ee, maqaa tajaajiltoota Yihowaa balleessuuf jecha, dubbiifi himanni sobaa isaanirratti dhihaata. “Luboonni warri angafoonni, barsiisonni seeraas achi dhaabatanii, jabeessanii isa [Yesusiin] hammeessan.” (Luqaas 23:10) Ananiiyaas angafni lubootaafi namoonni kaan Phaawulosirratti himata sobaa dhiheessanii turan. (Hojii Ergamootaa 24:1-8) Macaafni Qulqulluun Seexana ilaalchisee, “Hadheessituun obboloota keenyaa inni halkanii fi guyyaa Waaqayyo keenya duratti isaan hadheessaa ture” jechuudhaan dubbata. (Mul’ata 12:10) Akka caqasa kanarratti ibsametti obboloonni asirratti himataman Kiristiyaanota dibamoo guyyoota gara dhumaa kanatti lafarratti argamanidha.
7 Kiristiyaanni maqaa namootaa balleessuu yookiin himata sobaa namootarratti dhiheessuu barbaadu hin jiru. Ragaa qabatamaa utuu hin qabaatin warra kaanirratti sobaan yoo dhugaa baane garuu wanta kana raawwachuu dandeenya. Akka Seera Museetti namni tokko nama kaanirratti yoo sobaan dhugaa ba’e, duuti itti faradamuu danda’a ture. (Ba’uu 20:16; Keessa Deebii 19:15-19) Akkasumas, wantoota fuula Yihowaa duratti ciiggaasisaa ta’an keessaa inni tokko ‘nama sobaan nama irratti dhugaa ba’udha.’ (Fakkeenya 6:16-19) Kanaafuu, isa sobaan maqaa balleessuufi himata sobaa dhiheessu fakkaachuu hin barbaannu.
Daandiiwwan Isa Jalqabumaa Kaasee Nama Ajjeesaa Turerraa Fagaadhaa
8. Diiyaabilos ‘jalqabumaa jalqabee nama ajjeesaa kan ture’ akkamitti?
8 Seexanni kan nama ajjeesedha. Yesus, “jalqabumaa jalqabee inni sun nama ajjeesaa ture” jedheera. (Yohannis 8:44) Addaamiifi Hewwaaniin Waaqayyorraa fageessuu erga jalqabee kaasee, Seexanni kan nama ajjeessu ta’eera. Isaanirrattis ta’e ilmaansaanii hundaarratti du’a fideera. (Roomaa 5:12) Namootarra du’a geessisuu kan danda’ummoo, qaama dhugumaan jiru malee hammeenya nama keessa jiru ta’uu akka hin dandeenye qalbeeffachuu qabna.
9. Akka 1 Yohannis 3:15rratti ibsametti nama ajjeesuu kan dandeenyu akkamitti?
9 Abboommii Israa’elootaaf kennaman kurnan keessaa inni tokko, “Hin ajjeesin!” jedha. (Keessa Deebii 5:17) Phexros Kiristiyaanotaaf akkas jechuudhaan barreesseera: “Isin keessaa tokko iyyuu nama gumaa [akka nama ajjeesaatti, 1899] . . . ta’ee hin dhiphatin!” (1 Phexros 4:15) Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef nama hin ajjeesnu. Ta’uyyuu, nama hidhata amantii keenya ta’e tokko kan jibbinu yookiin akka inni du’u kan hawwinu yoo ta’e Waaqayyo duratti itti gaafatamna. Yohannis ergamaan, “Obboleessa isaa kan jibbu hundinuu nama nama ajjeesee dha; namni nama ajjeese abdii jireenya bara baraa of keessaa akka hin qabne isin iyyuu beektu” jechuudhaan barreesseera. (1 Yohannis 3:15) Abboommiin: “Ati garaa keetti obboleessa kee hin jibbin” jedhu Israa’elootaaf kennamee ture. (Lewwoota 19:17) Kanaaf, Seexanni inni jalqabumaa jalqabee nama ajjeesaa ture tokkummaa Kiristiyaanummaa keenya akka nu jalaa hin balleessinetti, walitti bu’iinsa nuyiifi obboloota keenya gidduutti uumamu dafnee hiikuu qabna.—Luqaas 17:3, 4.
Abbaa Sobaa Sanaan Mormaa
10, 11. Seexana isa abbaa sobaa ta’een mormuuf maal gochuu qabna?
10 Diiyaabilos sobduudha. Yesus, “inni sobaa dha, abbaa sobaa tis; kanaaf yommuu sobu isa garaa isaa keessa jiru in dubbata” jedheera. (Yohannis 8:44) Seexanni Hewwaaniin kan sobe yeroo ta’u, Yesus garuu gara biyya lafaa kan dhufe dhugaadhaaf dhugaa ba’uudhaafidha. (Yohannis 18:37) Duuka buutota Yesus waan taaneef, Diiyaabilosiin mormuu keenya itti fufuu yoo barbaanne sobaafi namoota gowwoomsuurraa fagaachuu qabna. ‘Dhugaa dubbachuu’ qabna. (Zakaariyaas 8:16; Efesoon 4:25) Yihowaan “Waaqa amanamaa [Waaqa dhugaa, 1899]” waan ta’eef, kan inni eebbisu dhugaa baatotasaa warra amanamoo ta’an qofadha. Jal’oonni garuu isa bakka bu’anii waa’eesaa dubbachuu hin danda’an.—Faarfannaa 31:5; 50:16; Isaayaas 43:10.
11 Dhugaa Macaafa Qulqulluu beekuu keenyaan soba Seexanaarraa birmaduu ba’uu keenya kan dinqisiifannu yoo ta’e, Kiristiyaanummaa isa ‘karaa dhugaa’ ta’e jabeessinee qabachuu qabna. (2 Phexros 2:2; Yohannis 8:32) Barumsi Kiristiyaanummaa guutummaatti kan hundaa’ee “dhugaa wangeelaa” irrattidha. (Galaatiyaa 2:5, 14) Fayyinni keenya ‘dhugaatti qabamnee jiraachuu’, jechuunis haala dhugaa wajjin wal simuun jiraachuufi “abbaa sobaa” kan ta’e Diiyaabilosiin mormuu keenyarratti kan hundaa’edha.—3 Yohannis 3, 4, 8.
Gantuu Isa Jalqabaatiin Mormaa!
12, 13. Gantootaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?
12 Ergamaan yeroo booda Diiyaabilos ta’e kun dur dhugaatti qabamee jiraachaa ture. Ta’uyyuu, akka Yesus ibsetti “dhugaan isa keessa waan hin jirreef, inni dhugaa irra hin dhaabanne.” (Yohannis 8:44) Gantuun inni jalqabaa kun, “Waaqa dhugaa” kan ta’e Yihowaa mormaa tureera. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa tokko tokko gowwoomfamanii dhugaarraa fagaachuusaaniitiin ‘kiyyoo Seexanaatti [Diiyaabilositti, NW]’ qabamuudhaan miidhaasaatiif saaxilamaniiru. Kanaan kan ka’es, Phaawulos namoonni kun karaa hafuuraa deebi’anii akka jabaataniifi kiyyoo Diiyaabilos keessaa ba’uu akka danda’aniif hidhata amantaasaa kan ta’e Ximotewos gara-laafinaan akka isaan gargaaru isa akeekkachiiseera. (2 Ximotewos 2:23-26) Jalqabumayyuu dhugaa jabeessanii qabachuufi kiyyoo ilaalcha gantummaatiin qabamuurraa fagaachuun gaariidha.
13 Addaamiifi Hewwaan soba Diiyaabilosirraa fagaachuu mannaa isa dhaggeeffachuusaaniitiin gantoota ta’aniiru. Nutihoo gantoota dhaggeeffachuu, barreeffamootasaanii dubbisuu, yookiin Weeb Saayitiisaanii qoruu qabnaa? Waaqayyoofi dhugaa kan jaallannu yoo ta’e akkas hin goonu. ‘Hojiisaanii isa hamaatti hirmaachuu’ waan hin barbaanneef, gantoonni mana keenya akka dhufan hin heyyamnu; nagaas isaan hin gaafannu. (2 Yohannis 9-11) Matumaa kiyyoo Diiyaabilos isa namoota “barsiisa wanta amaname irraa kaachisee nama balleessu” fiduun, barsiistota sobduu ‘dubbii mataa keessaa fuudhanii odeessaniifi’ warra ‘nurraa nyaachuu’ barbaadaniin mo’amnee ‘karaa dhugaa’ dhiisuu hin qabnu.—2 Phexros 2:1-3.
14, 15. Phaawulos jaarsolii gumii Efesoon turaniifi hidhata amantaasaa kan ta’e Ximotewosiif akeekkachiisa akkamii kenne?
14 Phaawulos jaarsolii gumii Efesoon turaniin akkas jedheera: “Of eeggadhaa, karra hoolota Waaqayyoo warra hafuurri qulqulluun akka eegdaniif isin dhaabeefis, eeggadhaa! Waldaa kristiyaanaa isa Waaqayyo dhiiga tokkicha ilma isaatiin kan isaa godhate eegaa! Erga ani adeemee immoo warri akka yeeyyii sodaachisoon, hoolota karra keessatti kan hin hambifne akka isin gidduu galan ani beeka. Isinuma keessaa iyyuu namoonni dubbii dhugaa jal’isuudhaan amantoota garagalchanii of duukaa buusan in ka’u.” (Hojii Ergamootaa 20:28-30) Yeroo boodas gantoonni akkasii kan ka’an yeroo ta’u ‘dubbii dhugaas jal’isaniiru.’
15 Phaawulos, Dh.K.B. naannoo bara 65tti ‘dubbicha isa dhugaa qajeeltootti akka hojjetu’ Ximotewosiin akeekkachiisee ture. Itti fufuudhaanis Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Dubbii midhaan hin qabne isa wanta qulqullaa’aadhaan mormu irraa fagaadhu! Inni ittuma caalchisee nama Waaqayyoo ta’uu irraa nama fageessa. Dubbiin akkasii akka madaa foon nyaatee bal’achaa adeemuu ti; Himnewosii fi Filexoos warra dubbii akkasii dubbatan keessa jiru. Isaan kun ‘Du’aa ka’uun kanaan dura ta’eera’ jechuudhaan dhugaa irraa kaataniiru; amantii warra kaaniis garagalchaniiru.” Gantummaan jalqabee ture! Phaawulos itti fufuudhaan “hundeen Waaqayyo kaa’e jabaatee in dhaabata” jedheera.—2 Ximotewos 2:15-19.
16. Gantuu inni jalqabaa malawwan garagaraatiin gargaaramee gowwoomsuuf yaalii godhus, Waaqayyoofi Sagaleesaatiif amanamoo taanee deddeebi’uu kan dandeenye akkamitti?
16 Seexanni gantootaan gargaaramee waaqeffannaa dhugaa mancaasuuf yeroo baay’ee yaalii godhus, carraaqqiinsaa utuu bu’aa isaaf hin argamsiisin hafeera. Chaarlis Teez Raasil naannoo bara 1868tti, barumsawwan bu’uraa yeroo dheeraadhaa kaasee Saba Kiristiyaanaa keessatti fudhatama argatanii turan of eeggannoodhaan erga qoree booda, “ergaa Macaafa Qulqulluu keessatti argamuu wajjin kan wal faalleessu ta’uusaa hubate.” Raasil namoota dhugaa barbaadan muraasaa wajjin ta’uudhaan Piitisbarg, Pensilvaaniyaa, Yuunaayitid Isteetitti tuuta qayyabannaa Macaafa Qulqulluu hundeesse. Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo sanaa eegalee waggoota 140 darban keessatti beekumsisaanii, akkasumas jaalalli Waaqayyoofis ta’e Sagaleesaatiif qaban guddateera. Gantuun inni jalqabaa malawwan garagaraatiin gargaaramee nu gowwoomsuuf yaalii godhus, hojjetaan amanamaaniifi ogeessi karaa hafuuraa dammaqaa waan ta’eef, Yihowaafis ta’e Sagaleesaatiif amanamoo taanee akka deddeebinu nu gargaareera. (Maatewos 24:45) Hanga har’aattis, ‘hundeen Waaqayyo kaa’e jabaatee dhaabateera.’
Inni Biyya Lafaa Seerratu
Matumaa Akka Isin Mo’atu Hin Heyyaminaa
17-19. Biyyi lafaa inni to’annaa Diiyaabilos jala jiru maalidha? Biyya lafaa kana jaallachuu kan hin qabne maaliifi?
17 Karaa Seexanni kiyyootti nu galchuuf yaalii itti godhu garabiraanimmoo biyya lafaa, jechuunis hawaasa ilmaan namootaa isa Waaqayyorraa fagaateefi karaa qajeelaa hin taanerra deddeebi’u akka jaallannu gochuudhaani. Yesus Diiyaabilosiin, isa “biyya lafaa kana seerratu” jedhee erga waamee booda: “Inni ana irratti aboo hin qabu” jedhee dubbateera. (Yohannis 14:30) Nutis matumaa Seexanni akka nu to’atu heyyamuu hin qabnu! Dhugaadha, “guutummaan biyya lafaa immoo harka isa hamaa jala akka jiru in beekna.” (1 Yohannis 5:19) Diiyaabilos, Yesus gantuu ta’uudhaan al tokko lafa dhahee yoo isaaf sagade “isaan kana hundumaa [mootummoota biyya lafaa hundumaa]” akka isaaf kennu kan dubbate biyyi lafaa waan harkasaa jala jiruufidha. Ilmi Waaqayyoo garuu kana akka hin goone jabeessee ibsuudhaan afeerriisaa akka hin fudhanne itti himeera. (Maatewos 4:8-10) Biyyi lafaa inni Seexanaan seerratamu kun duuka buutota Kiristosis ni jibba. (Yohannis 15:18-21) Kanaaf, Yohannis biyya lafaa akka hin jaallanne nu akeekkachiisuunsaa nu dinqisiisuu hin qabu!
18 Yohannis akkas jechuudhaan barreesseera: “Biyya lafaa yookiis waan biyya lafaa jaallachuutti hin hidhaminaa; namni tokko biyya lafaa jaallachuutti yoo hidhame, Waaqayyo abbaa jaallachuun isa keessa hin jiru. Wanti biyya lafaa keessa jiru hundinuu, hawwiin foonii, hawwiin ijaas, jireenyaan kooruunis biyya lafaa keessaa ba’a malee, abbaa biraa hin ba’u. Biyyi lafaa, hawwiin isaas hundinuu in darba, namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraan in jiraata.” (1 Yohannis 2:15-17) Akkaataan jireenyaa biyya lafaa, foon keenya isa cubbamaarratti dhiibbaa waan geessisuufi seera Yihowaan baasee wajjin kan wal faallessu waan ta’eef, biyya lafaa jaallachuu hin qabnu.
19 Amalli akka biyya lafaa jaallachaa jirru argisiisu garaa keenya keessa akka jiru yoo hubanne maal gochuu qabna? Amala akkasiifi fedhiiwwan foonii wantoota kanaa wajjin walitti dhufeenya qaban mo’uu akka dandeenyu akka nu gargaaruuf Waaqayyoon haa kadhannu. (Galaatiyaa 5:16-21) Ilmaan namootaa daandii qajeelummaarraa fagaatan haala ijaan hin argamneen “kan seerratan” “macca hafuurota hamminaa” ta’uusaanii yoo hubanne, “xuraa’ummaa biyya lafaa” irraa fagaachuuf akka carraaqqii goonu homaa hin shakkisiisu.—Yaaqoob 1:27; Efesoon 6:11, 12; 2 Qorontos 4:4.
20. Nuti “Kan biyya lafaa” miti jechuu kan dandeenyu maaliifi?
20 Yesus bartootasaa ilaalchisee: “Akkuma ani kan biyya lafaa hin ta’in, isaanis kan biyya lafaa miti” jedhee dubbateera. (Yohannis 17:16) Kiristiyaanonni dibamooniifi hidhattoonnisaanii warri Yihowaadhaaf of murteessan, amalaanis ta’e hafuuraan qulqulluu ta’anii jiraachuufi biyya lafaarraa fagaachuuf carraaqqii godhu. (Yohannis 15:19; 17:14; Yaaqoob 4:4) Biyyi lafaa inni qajeelummaarraa fagaate kun nurraa waan adda ta’eefi ‘qajeelummaa waan lallabnuuf’ nu jibba. (2 Phexros 2:5) Dhugaadha, kan jiraannu ilmaan namootaa warra halalee, warra ejjan, warra namoota saaman, warra waaqayyolii tolfamoo waaqeffatan, warra hatan warra sobaniifi warra machaa’anii wajjinidha. (1 Qorontos 5:9-11; 6:9-11; Mul’ata 21:8) Nuti garuu, cubbuu isa biyya lafaa to’atuun waan hin geggeeffamneef, “hafuura biyya lafaa” hin baafannu.—1 Qorontos 2:12.
Diiyaabilosiif Karaa Hin Kenninaa!
21, 22. Gorsa Phaawulos Efesoon 4:26, 27rratti argamu hojiirra oolchuu kan dandeessan akkamitti?
21 ‘Hafuurri biyya lafaa’ akka nu to’atu heyyamuu mannaa, hafuura Waaqayyootiin geggeeffamna; hafuurri kunimmoo amalawwan akka jaalalaafi of dhowwuu akka horannu nu gargaara. (Galaatiyaa 5:22, 23) Amalawwan kunimmoo dhiibbaa Diiyaabilos amantaa keenyarratti geessisu akka ofirraa ittisnu nu gargaara. Inni ‘dheekkamsa isa waan hamaa hojjechuutti nu geessu’ akka raawwannu kan barbaadu yeroo ta’u, hafuurri Waaqayyoommoo ‘dheekkamsarraa akka of qusannuufi aaruu’ akka dhiisnu nu gargaara. (Faarfannaa 37:8) Darbee darbee sababii ga’aa akka dheekkamnu nu taasisu qabna ta’a. Ta’us, Phaawulos gorsa akkas jedhu nuu kenneera: “Yoo aartan iyyuu aariin keessan gara cubbuutti isin hin geessin! Utuma aariitti jirtaniis aduun isin duraa hin lixin! Seexanaaf [Diiyaabilosiif] karaa hin kenninaa!”—Efesoon 4:26, 27.
22 Akka aarretti yoo turre aariin keenya cubbuu akka raawwannu nu gochuu danda’a. Akka aarretti turuun keenyammoo gumii keessatti walii galteen akka dhibu yookiin gocha gadhee akka raawwannu gochuuf Seexanaaf karaa bana. Kanaaf, yeroo warra kaanii wajjin waldhabiinsi uumamu karaa Waaqayyo biratti fudhatama qabuun dafnee rakkoo kana hiikuu qabna. (Lewwoota 19:17, 18; Maatewos 5:23, 24; 18:15, 16) Egaa, hafuura Waaqayyootiin geggeeffamuudhaan amala of qabuu haa horannu; sababii dheekkamuuf nu dandeessisu qabaannullee, dheekkamsi keenya hadhaa’ummaa, hammeenyaafi jibbatti akka nu hin geessine of haa eeggannu.
23. Mataduree itti aanurratti gaaffiiwwan kamirratti mari’anna?
23 Mataduree kana keessatti amalawwan Diiyaabilos irraa fagaachuu qabnu tokko tokko ilaalleerra. Ta’us, namoonni barruu kana dubbisan tokko tokko gaaffii akkas jedhu gaafachuu danda’u: Seexana sodaachuu qabnaa? Kiristiyaanotarratti ariyatamni akka ga’u kan godhu maaliifi? Diiyaabilos akka nu hin gowwoomsine of eeggachuu kan dandeenyu akkamitti?
[Miiljalee]
a Masaraa Eegumsaa Sadaasa 15, 2005 mataduree “Dhugumaan Diiyaabilos Jiraa?” jedhu ilaali.
Deebiinkee Maalidha?
• Matumaa maqaa namootaa hadheessuu kan hin qabne maaliifi?
• Akka 1 Yohannis 3:15rratti ibsametti, nama nama ajjeesu akka hin taaneef maal gochuu qabna?
• Gantootaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? Maaliif?
• Biyya lafaa jaallachuu kan hin qabne maaliifi?