Warra Efesooniif
6 Yaa ijoolle, kun qajeelaa waan taʼeef, fedhii Gooftaa wajjin haala wal simuun warra keessaniif ajajamaa.+ 2 Ajajni jalqabaa, “Abbaa kee fi haadha tee kabaji”+ jedhu eebba akkana jedhu qabateera: 3 “Kunis gaarii akka siif taʼuu* fi umuriin kee lafa irratti akka dheeratuufi.” 4 Isin abbootiin, ijoollee keessan hin aarsinaa;+ kanaa mannaa, adabaa+ fi gorsa* Yihowaatiin*+ isaan guddisaa.
5 Isin garboonni, akkuma Kiristoosiif ajajamtan sodaadhaan, akkasumas romʼuudhaan garaa qulqulluudhaan gooftolii keessaniif ajajamaa;+ 6 namoota gammachiisuuf jecha, yeroo namni isin ilaalutti qofa utuu hin taʼin,*+ akka garboota Kiristoos warra lubbuu* guutuudhaan+ fedhii Waaqayyoo raawwataniitti isaaniif ajajamaa. 7 Namootaaf utuu hin taʼin, akkuma Yihowaadhaaf* hojjettanitti+ ilaalcha gaariidhaan tajaajilaa; 8 sababiin isaas, garbichas taʼe nama bilisa taʼe, tokkoon tokkoon namaa wanta gaarii hojjete kamiif iyyuu, Yihowaa* biraa gatii isaa akka argatu beektu.+ 9 Isin gooftoliinis, doorsisuudhaan utuu hin taʼin, haaluma kanaan isaan qabaa; sababiin isaas, Gooftaan isaaniis taʼe kan keessan samii keessa akka jiruu+ fi isa bira looguun akka hin jirre beektu.
10 Dhuma irrattis, Gooftaa fi jabina isaa isa guddaa irraa humna argachuu keessan itti fufaa.+ 11 Malawwan haxxummaa Diyaabilos mormitanii dhaabbachuu akka dandeessaniif, meeshaa waraanaa guutuu isa Waaqayyo biraa argamu uffadhaa;+ 12 sababiin isaas, waldhaansoon+ keenya dhiigaa fi foonii wajjin miti; kanaa mannaa mootummoota, abbootii taayitaa, bulchitoota addunyaa isa dukkanaaʼaa kanaa, jechuunis humnoota hafuurota hamoo+ iddoowwan samii keessa jiranii wajjini dha. 13 Kanaafuu, guyyaa hamaa sanatti mormuu fi wanta hundumaa erga raawwattanii booda jabaattanii dhaabbachuu akka dandeessaniif, meeshaa waraanaa guutuu isa Waaqayyo biraa argamu+ fudhadhaa.
14 Egaa, qabattoo dhugaatiin mudhii keessan hidhachuudhaan,+ uffata qomaa* qajeelinaa uffachuudhaan,+ 15 akkasumas misiraachoo nagaa labsuuf qophaaʼuuf miila keessanitti kophee kaaʼachuudhaan jabaadhaa dhaabbadhaa.+ 16 Kana hunda malees, gaachana amantii+ guddaa isa xiyyawwan isa hamaa sanaa warra bobaʼan*+ hunda dhaamsuuf isin dandeessisu kaasaa. 17 Kana malees, baarmeexaa sibiilaa fayyinaa+ fi goraadee hafuuraa isa dubbii Waaqayyoo+ taʼe fudhadhaa; 18 kadhannaa gosa hundumaa+ fi wawwaannaadhaan yeroo hundumaa hafuuraan kadhadhaa.+ Kanaafuu, yeroo hunda dammaqoo taʼaa; akkasumas qulqulloota hundumaatiif yeroo hunda wawwaannaa dhiheessaa. 19 Iccitii qulqulluu misiraachichaa beeksisuu irratti ija jabinaan dubbachuu akkan dandaʼutti, yommuun afaan koo saaqqadhu wanti ani dubbadhu akka naaf kennamu anaafis kadhadhaa;+ 20 misiraachoo kanaaf ambaasaaddara+ taʼee funcaadhaan hidhamee waanan jiruuf, akkan dubbachuu qabutti ija jabinaan waaʼee isaa dubbachuu akkan dandaʼu anaaf kadhadhaa.
21 Isin waaʼee koo fi maal hojjechaa akkan jiru akka beektaniif, obboleessi keenya jaallatamaan Tikiqoos+ inni tajaajilaa Gooftaa amanamaa taʼe waan hundumaa isinitti hima.+ 22 Ani kanan isa ergu kanumaafi; innis waaʼee keenya isinitti hima, akkasumas isin jajjabeessa.
23 Waaqayyo Abbaa fi Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos biraa nagaa fi jaalalli amantii wajjin obboloota keenyaaf haa taʼu. 24 Gaarummaa guddaan, warra jaalala hin badneen Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin jaallatan hundumaa wajjin haa taʼu.